Mi’aa milkaa’innaa obsaa fi carraaqqi waliin dhandhaman. Namni milkaa’innaaf tarkaanfi jalqabe ni carraaqa. Namni carraaqu immoo ni obsa. Namni obse immoo In sha Allah ni milkaa’a.
This is a test message
Tuqaa Obsa Barbaachisuu
Hundii keenya jireenya keessatti gufuuwwan adda addaatin osoo hin rukutamin hin hafnu. Yommuu gufuwwan jireenyaatin rukutamnu gariin keenya ol ka'ee adeemsa itti fufa, gariin immoo abdii kutuun bakka kufe sanitti hafa. Hurriin jireenyaa yommuu namatti bu'uu qalbiin namaa ni cabdi. Inuma namoonni gariin yeroo rakkoo gara Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa deebi'uu dhiisanii irraa garagalu. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Yoo gara Rabbii isaanii hin deebi'in eenyutu rakkoo kana isaan irraa kaasaa? Inuma yommuu isaan Gooftaa isaanii irraa garagalan rakkoo irratti rakkoon, dhiphinna irratti dhiphinni dabalamaaf. Wanti isaaniif siqu hin jiru. Kanaafu, jireenya keessatti yommuu rakkoo adda addaatiin hurgufamtu maal gootaa? Mee furmaata muraasa haa tarreessinu:
A-Obsuu- eeti obsi furmaata wanta hundaati. Yeroo rakkoo obsuuf waa lama of yaadachiisi.
1ffaa: mindaa obsaan argamu- yommuu obsitu mindaa fi milkaa'inni guddaan si fuundura akka jiru abdadhu. Dhugumatti Rabbiin olta’aan ni jedha: “Warri obsan mindaan isaanii kan isaaniif kennamu lakkoofsa maleedha.” Suura Az-Zumar 39:10
2ffaa: yoo obsuu dhiiste wanta dhabduu fi miidhaa sirra gahuu yaadadhu. Namni balaa isatti bu'eef yoo obsuu dhiise, kan duraan dhabe caalaa waan biraa dhaba. Akkasumas, miidhaa guddaa ofirraan geessa.
B. Hojii gaaritti jabaachu- namoonni gariin yommuu rakkoon isaan tuqxu salaata ni dhiisu. Dhugumatti Rabbiin (subhaanahu wa ta'aalaa) namoota akkanaa ilaalchise Qur'aana keessatti ni dubbata, hiikni isaa: "Namoota keessaa nama [amantii irraa] moggaatti ta'ee [shakkiin] Rabbiin gabbarutu jira. Yoo toltuun isa tuqe, isatti (toltuu kanatti) tasgabbaa'a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo fuula isaa irratti garagala (amantii irraa duubatti deebi'a). Inni addunyaa fi Aakhiratti hoonga'e jira. Suni isumatu hoongoo ifa bahaadha." Suuratu Hajj 22:11 Kanaafu, namni yeroo rakkoo fi toltuu gara Rabbii isaa deebi’uun ba’aa jireenyaa laafifachuu danda’a. Hojiin hundarra guddaan ba’aa jireenyaa itti laaffifatan, salaata sirnaan salaatudha.

Gorsa Obboleettiwwan Keenyaf
Ibn al-Jawziin ni jedha: "Dubartiin abbaa manaa ishiitti baay'istee itti dhiyaachu hin qabdu, ni hifatamtiiti. Akkasumas, baay'istee isarraa fagaachu hin qabdu, ishii dagataati. Yommuu isatti dhiyaattu qulqullinnaa fi miidhaginna guutuun itti haa dhiyaattu." Saaydul Khaaxir-fuula 493 Dubartiin baay'istee abbaa manaa ishiitti yoo dhiyaatte, inni ni hifata, ishii jibbuus danda'a. Itti dhiyaachu yommuu jennu yeroo hundaa isa waliin ta'uu, oduu faaydi hin qabnee fi nama hifachiisu baay'iiste waliin haasawu. Akkasumas, isarraa garmalee fagaachu hin qabdu. Fakkeenyaf, gonkumaa waliin haasawu dhiisu fi kkf. Yoo akkana goote ishii dagata. Kanaafu, hariiroon ishiin isa waliin qabdu madaallamaa haa ta'u.

Ibaada
Shekhul Islaam ibn Taymiyaan ‘Gabbarriin (ibaadan) maaliidha? Jedhame gaafatame. Innis akkana jechuun deebise,’ Gabbarrii (ibaada) jechuun maqaa waligalaa dubbii irraa, hojii keessaa(dhoksaa) fi alaa (ifaa) irraa wanta Rabbiin jaallatu fi itti gammaduudha. Salaanni, zakaan, soomni, hajjiin, dubbiin dhugaan, amaanaa eegun, haadha abbaa toola oolun, firummaa eegun, waadaa guutun, wanta gaaritti ajajuun, wanta badaa irraa dhowwuu fi kkf ibaadadha. "Ibaadan ruuhii fi jasada (qaama) of keessaa qaba. Ruuhiin ibaadaa, iimaana gara isaatti nama dhiibu fi kaayyoo isaaf hojjatamudha. Qaamni (jasanni) ibaadaa immoo hojii qaamati. Fakkeenyaaf, salaanni sochii qaama, dubbii arrabaa, taa'u fi ka'uu, ruku'aa fi sujuuda, zikrii fi qara'uu of keessaa qaba. Garuu kuni hundi jasada salaatatti. (Kana jechuun wanta gubbaa mul'atuudha). Wanti gara salaatatti nama dhiibu tawhiida sirrii, iimaana qulqulluu fi kaayyoon namaa sanii ajaja Rabbiif buluu fi Jaalalaa Isaa barbaaduf yoo hin ta'in, salaanni jasada du'aa ruuhi hin qabne ta'a." (al-ubudiyah fi Ta'ariiful Aammi bidiinil Islaami-Ali Xanxaawi-fuula-66)
Kanaafu asirraa ka'uun ibaadan wantoota sadii of keessaa qabaachu qabaa jechuudha.
1ffaa-tawhiida sirrii fi iimaana qulqulluu-kana jechuun dhugaadhaan Rabbitti amanuu fi Isatti waa qindeessu dhiisu. (shirkii irraa fagaachu). Hundeewwan iimaana qalbii keessa jiraachudha.
2ffaa-Akkaataa Ergamaan Rabbii (SAW) itti hojjatanitti ibaadaa itti ajajaman hojjachuu.
3ffaa-kaayyoo ibaada san itti hojjatan murteessu. Kaayyoon namni tokko hojii gaggaarii kamiyyuu itti hojjatu jaalala Rabbii argachuu fi gandaa Aakhiraatti milkaa'uuf yoo ta'e, hojii isaa kanaaf sawaaba (ajrii) argata. Garuu hojii gaarii kan hojjatuuf addunyaa tana keessatti waa argachuuf yoo ta'e, ajrii Aakhiratti hin argatu. Addunya tana keessatti argachuu danda'a.
Kanarraa ka'uun gaafi "Kaafirri hojii gaarii hojjatu maaliif Aakhiratti mindaa (ajrii) hin arganne?" jedhu deebisu dandeenya. Kaafirri hojii gaarii yommuu hojjatu wantoota armaan olii sadan hin guunne. Kanaafu, akkamitti Aakhiratti ajrii argataa? Addunyaa tana keessatti beekkamaa ta'uu fi galmee seenaa keessatti akka barreefamuuf malee Aakhiratti mindaa nan argadha jedhee wanta abdate hin qabu.
Kanaafu, Muslimni hojii gaarii yommuu hojjatu Aakhiratti mindaa Rabbiin irraa nan argadha jedhee kajeelun hojii san hojjachuu qaba. Yoo akkana ta'e hojiin gaariin inni hojjatu hundii ibaada ta'a.

Tawbah-Kutaa 3ffaa...http://www.sammubani.com/2019/03/07/tawbah-kutaa-3ffaa/
Ibsaa Jireenyaa
Tawbah-Kutaa 3ffaa - Ibsaa Jireenyaa
Kutaa darbe keessatti tawbah jechuun badii irraa buqqa’uu fi gaabbun gara Rabbiif ajajamuutti deebi’udha jennee turre. Akkasumas, Istighfaara jechuun araarama kadhachuudha.Yeroo baay’ee namni kan jeeqamu fi hirriba dhabuuf qalbiin isaa yommuu badiin xurooftudha.…
Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan: "Namni haqa isaatiin qabeenya fudhate (argatee), qabeenyi isaa ni barakataaf. Namni haqa isaa malee qabeenya fudhate, fakkeenyi isaa akka nama waa nyaatu garuu hin quufneti." https://sunnah.com/muslim/12/158 Dhuguma jedhan Rasuulli (SAW). Namni yommuu qabeenya karaa haqaa qofaan argachuuf tattaafatu fi sanirratti nasiiba ta'e (quufe), Rabbiin qabeenya isaa keessa barakaa kaa'a. Garuu namni haqa malee qabeenya walitti haru, hanga fedhe yoo walitti hare hin quufu.
Uumama namaatti Xinxalluu-Kutaa 1...http://www.sammubani.com/2019/03/09/uumama-namaatti-xinxalluu-kutaa-1/
Namni hanga fedhe badaa haa ta’uu, hojii fokkuu irraa yoo tawbatee fi hojii gaggaarii hojjate, sadarkaa kabajaa ol’aanu gahuu danda’a. https://www.sammubani.com/2019/03/13/tawbah-kutaa-5ffaa/
Ibsaa Jireenyaa
Tawbah-Kutaa 5ffaa - Ibsaa Jireenyaa
Sadarkaalee Tawbah*Tawbaan sababa badiitiin ykn gaflaatin erga Rabbiin irraa fagaatanii booda gara Isaatti deebi’uu waan ta’eef, tawbaan sadarkaalee garagaraa qaba. Sadarkaalee tawbah haala armaan gadiitin tarreessu ni dandeenya: 1-Shirkii fi kufrii irraa…
Mallatoole fedhii lubbuu hordofuu agarsiisan keessaa tokko, wanta badaa ta’e garuu gaarii fakkaatu hojjachuuf arifachuu fi garmalee mirqaaanudha. Sheyxaanni hojii badaa kana garmalee miidhagsa. Haa ta’uu malee, boodarratti gaabbii fi gadda laalessaatu nama kanatti dhagahama. Haalli akkanaa si qunnamee beekaa? Yoo si hin qunnamiin, namoota naannoo kee jiran baditti kan lixan ilaali. Fakkeenyaf, gurbaa fi intalli, mirqaansu fi kokkolfaa karaa haraamatin walitti dhufu. Akkuma yeroon darbuun hariiroon isaan jidduu jiru gaabbii fi gadda akka ibiddaatti nama gubuutti jijjirama adeema. Kanaafu, hojiin badaan gaarii yommuu sitti fakkaatu fi hojjachuu yommuu eegaltu, garmalee kan kokolfituu fi kan gammaddu yoo taate, fedhii lubbuu hordofaa akka jirtu yaadadhu, dhumti hojii keeti gaabbii fi gadda hamaa akka ta’u danda'u tilmaami. Kuni mallattoo jalqaba dhukkuba fedhii lubbuu hordofuuti.Yoo tasa fedhii lubbuu hordofuun hadhaa hojii keeti dhandhamaa jiraatte, dafii gara Rabbii deebi’uun araarama kadhu, hojii gaggaari dalagadhu. Kunniin gaabbii fi gadda hamaa fayyisu.
Salaafota (namoota gaggaarii duraanii) keessaa tokko akkana jedha: “Karaan haqaa amaanaa sitti haa ta’u (sirritti qabadhu). Namoonni lakkoofsan xiqqoon waan irra deemaniif kophummaan sitti hin dhagahamin. Karaa baaxilaa (sobaa) of eeggadhu! Baay’inna namoota badanitiin hin gowwoomin (walaa taghtarra bi kasratil haalikiina). Tokko ta’uu keetif dhawaatuma kophummaan sitti dhagahamuun, hiriyyoota darban yaadadhu (kana jechuun karaa haqaa irra deemun warroota milkaa’an. Kanneen akka Nabiyyoota, siddiiqoota (dhugoomsitoota), shuhadaa (warroota karaa Rabbii irratti ajjeefamanii), fi saalihoota (warroota gaggaarii) yaadadhu). Isaaniin wal-qunnamuuf itti futi. Isaaniin ala namoota biroo irraa ija kee gadi qabadhu. [Warroonni karaa haqaa irraa bahan] gonkumaa adabbii Rabbii sirraa hin deebisan. Karaa haqaa irra deemtu keessatti yoo sitti iyyan, gara isaanii hin mil’atin.” ( Karaa qajeelaa Islaamaa qabadhu. Namoota karaa kanarraa bahaniif tole hin jedhin. Hanga Jannata geessu obsa qabaadhu.)