Sammu Bani
277 subscribers
12 photos
1 file
13 links
In sha Allah Ilma namaa daandii qajeelumma,gammachuu fi milkaa'innaa itti akeekudha. Website: https://www.sammubani.com
Download Telegram
to view and join the conversation
Nuu fi Du’a:
Ilaalcha du’aaf qabnu irratti hundaa’e nuti ilmaan namaa gosa afur:
Gosti tokkoffaan gosa yaada gowwaa walaleessa akkana jedhuu deeggaraniidha:
“Wanti darbe dhumatee, wanti abdatamu hin mul’atu,
Siif sa’aati amma keessa jirtutu jira.”
Wanta darbetti hin yaadu, wanta dhufuufis hin qophaa’u. Kaleessa akka badetti, boru akka hin dhufnetti yaada. Ni jedha: “Wanti darbe dhumatee” Lakki, Rabbiin kakadhe! Hin dhumanne. Garuu gaarii fi badaan isaa kitaaba xiqqaas guddaas galmeessu malee hin dhiisne keessatti nutti hidhame jira. “wanti abdatamu hin mul’atu” Garuu kuni miira namaa irraa dhokatee malee nafsee keessa ni jira, Rabbiin biratti ni argama. Ni dhufa shakkii hin qabu. Gosti kuni gosoota sadan caala badaadha. Inni kuni du’a hin yaadatu, ittis hin xinxallu.
Gosti lammaffaan namoota du’aa yaadataniidha. Garuu akka yaadannoo walaleessaa Faaris Umar Khayyam namoonni soba isaatiin qoramaniiti. Ni jedha: Duuti haqa shakkiin keessa hin jirre, jireenyi gabaabdu turtii hin qabne erga taate, jaalalaan haa guunnu. Wanta jibbamaa fi laalaa irratti tan uumamte erga taatee, gara wayni haa dheessinu, umrii keenya walaloo keessatti haa dabarsinuu… [Akkuma walaleessaan sobaa kuni jedhu, namoonni gosa kanaa du’a haa yaadatanii malee umrii isaanii wanta faaydi hin qabne irratti fixu.]
Gosti sadaffaan immoo namoota du’a wanta uumamaan deddeebi’u fi taatee bu’aa hin qabneetti ilaalaniidha. Walaleessaan Arabaa Abul Ataahiyyah jedhamu waa’ee du’aa walaleessuun kan beekkameedha. Garuu du’aan booda wanta ta’uu hin dubbanne. Akka waan namoota, “Duuti qabrii keessatti hirriba dheeraa malee homaayyu miti.” jedhaniin wali galuuti.

Gosti afraffaan warra haqa hordofan duuti dhuma osoo hin ta’in jalqaba akka taate beekaniidha. Hirribaa miti, kana irra hirriba keessaa dammaquudha. “Namoonni kan rafaniidha, yommuu du’an ni dammaqu.” Du’a duuba jireenyi garmalee dheeraa dhuma hin qabne akka jiru ni beekan. Takkaa qananii turaa takkaa immoo adabbii laalessatu keessa jira. Kuni gosa afraffaati. Gosa mu’mintoota qajeelfamaniidha.

Jireenya Du’aan Boodaa:
Tuni (Jireenyi Aakhirah) jireenya dhugaati. Namni ilaalchi isaa gabaabbate, ishii hin argu. Namni dadhabbinna aqliitiin (sammuutin) qoramus, waa’ee jireenya tanaa ilaalchise wanta dubbatamu hin dhugoomsu. Namni argituu ilaaltu fi sammuu hubattu qabu, jireenyi namaa marsaalee akka qabdu ni arga. Dhugumatti gaafa tokko ofirratti maramee garaa haadha isaa keessa ture. Mar’imaa ishii jidduu jiraate. Osoo gaafa san itti yaade, garaa haadhaa jireenya akka ta’etti yaadaa ture. Ishitti maxxanee dirqamaan malee keessaa hin bahu ture. Osoo kan dubbatu ta’e, garaa haadhaa keessaa bahuun du’aa fi boolloo gadi fagootti awwaalamu akka ta’etti yaadaa ture. Garaa keessaa bahuun dhalachuu fi gara addunyaa bal’aatti darbuu ta’ee osoo jiru, [akka du’aatti yaadaa ture.] Wanti nuti akka du’aa fi addunyaa tana keessaa bahuutti ilaallu, dhugumatti suni dhalachuu fi gara addunyaa daran bal’aa ta’etti ce’uudha. Gara addunyaa barzakhaatti ce’uudha. Barzakhni wanta addunyaa badduu tanaa fi jireenyaa Aakhiraa turtu jidduu jiruudha. (Barzakhaan booda Aakhiraan jazaa guutuu itti argatan ni dhufti.)
Madda: Hiika Wali-galaa Amanti Islaamaa-fuula 110-111
Forwarded from Ibsaa Dhugaa
📚 GORSA HADIISA KEESSA DHUFE. 📚

Nama 3 Kan Rabbiin hin dubbifne
kamfaa dha?

1.Nama huccuu lafarra harkisu

2. Nama kakuu kijibaatiin horii heddummeeffatu.

3. Nama waan kennate deebi’ee himatu.

. Waa lama tan yoon rabbiif jecha of
qaban rabbiin Jannata namaa kennu maal
faa dha?

1. Arrabaa fi

2. Qaama saalaa.

Maali haalli lama kan Mu’uumina keessatti walitti hin qabamne?

1. Dooynummaa (qorqodina)

2. Haala hammaachuu

. Saalaanni yoon nama dabre akka nama
warra ofii dhabee tahan salaata kami?

Salaata Asrii

. Irra caaltuun Sadaqaa tami?

Xiqqoo qabdurraa kennachuu.

Waa sadii tan nama dhoorgachuun hin
taane tami?

1. Bishaan,

2. Citaa fi

3. Ibidda.

Namni soomanu yeroo meeqa
gammada je’ee Rassuulli (SAW)?

Yeroo 2. Isaanis:

1. Yeroo furuu fi

2. Yeroo rabbi isaa qunnamu.

Guyyaa kam yoon soomanan diliin
amata lamaa namarraa buuti je’ee
Rassuulli (SAW)?

Guyyaa Arafaa.

Guyyaa kam yoon soomanan diliin
amata tokkoo namarraa buuti je’ee
Rassuulli (SAW)?

Guyyaa Ashuuraa.

. Masjiida kami kan yoon keessa
salaatan akka nama Umraa godhee tahan?

Masjiidul Quba’a.

Yeroon lama tan hulaan samii banamtu tan du’aa’iin qeebalamtu tami?

1. Azaanaa fi Iqaamaa jidduu

2. Saffii qabsoo keessatti.

Wanni rabbiin namaa hin araaramne
maali?

Haqa namaa.

Namni Rassuulatti (SAW) guyyaa
Qiyaamaa akkaan itti aanu nama kami?

Nama akkaan salaata heddummeessu.

Irra gaariin addunyaa tanaa maali
ja’an Rassuulli (SAW)?

Jaartii gaarii.

. Irra hedduun warra Jannataa warra
kami?

Miskiina

Irra heedduun warra Azaabaa kami?

Dubartii dha.

Rabbiin dura maal uume akka Rassuulli (SAW) je’etti?

Qalama.

Namni nama Khaddamu nama booda
dhuga moo nama dura dhuga?

Nama booda.

Soomanarra erga Ramadaanaati irra
caalaan kami?

Muharram

. Irra caalan salaata kami erga salaata
Waajibaati akka Rassuulli (SAW) je’etti?

Salaata leeylii ti.

Salaanni warra towbaa deddeebi’uu salaata kami?

Salaata Duhaa ti.

Namni yeroo duraatiif khittaannate
eenyu?

Nabiyyullaah Ibraahim

Nabi Ibraahim isaa umrii meeqaa
khittaannate?

Amata 80tti

Nabiyyullah Muhammad (SAW) waa Afur aadaa Jaahilummaati ja’an maal faa dha?

1. Afaaniin nama arrabsuu.

2. Gosaan dhaaddatuu

3. Urjiin rooba barbaaduu.

4. Yeroo namni du’e iyyuu.

. Wanni guyyaa qiyaamaa akkaan
miizaanaa namaaf olkaasa maali?

Haala toluu

Irra caltuun zikrii dhaa maali?

Laa ilaaha illallaah dha

Yaa rabbi kahtima Kenya nuf tolchi yaa
rabbi wora barate wol barsisu nu tasisi
Yero dubbiftee xumurte hiriya ketif sher
gochu hin dagatin
Salaata yoo dhiiste maal dhabdaa?
Salaanni utubaa amantii fi bu'uura jireenyaati. Akkuma beeknu saayinsin bu'uurri jireenya sadii jedha. Isaaniis: nyaata, uffataa fi mana jireenyaati. Bu'uuraa jireenyaatiif kunniin sadan qofti gaha miti. Sababni isaas, ilmi namaa waa lama of keessaa qaba. 1ffaa-qaama mul'atuu, 2ffaan immoo ruuhii ijaan hin mul'anneedha. Jireenyi namaa qaamaa fi ruuhi kan of keessatti hammatteedha. Yommuu ruuhin baatu namni jireenya qaba ni jedhamaa? Kanaafu, nyaanni, uffannii fi manni jireenya qaamaatiif bu'uura. Jireenya ruuhitiif hoo maaltu bu'uuraa? Gaafi kanaaf namni hundu deebii barbaada. Sababni isaas, yoo ruuhin bu'uura jireenyaa sirrii argattee namni tasgabbii argata. Kanaafu, ruuhiif wanti bu'uura ta'e zikrii Rabbiiti. Salaanni zikrii waan ta'eef bu'uura jireenyaati. Yoo salaanni hin jiraatin namni tasgabbii hin argatu. Akkuma qaamni isaa nyaataa fi dhugaatitti hajamu, ruuhin isaas zikriitti hajamti. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa tasgabbii ruuhi zikrii keessa kaa'e. Kanaafu, wanti guddaan namni salaata dhiise dhabu tasgabbiidha. Kanarraa kan ka'e, jireenya dhiphinnaa fi jeequmsaan guuttamte jiraata. Warri salaata sirnaan salaatan immoo jireenya tasgabbii jiraatu. Namni salaata dhiise wanta isa jala darbeef garmalee gadda, ni gaabba, wanta dhufuuf immoo garmalee sodaata, ni dhiphata. Qur'aana keessatti:
“Namni zikrii Kiyya irraa garagale- dhugumatti jireenya dhiphoo ta’etu isaaf jira. Guyyaa Qiyaamaas jaamaa goonee isa Kaafna” Suuratu Xaahaa 20:124
Namni salaata sirnaan salaatu immoo wanta isa jala darbeef garmalee hin gaddu, hin gaabbu, wanta dhufuufis hin sodaatu, hin dhiphatu. Qur'aana keessatti:
“Dhugumatti, warri amananii, hojii gaggaarii hojjatanii, salaata sirreessanii salaatanii fi zakaas kennan, mindaan isaanii Gooftaa isaanii biraa isaaniif jira. Sodaan isaan irra hin jiru, isaan hin gaddanis.” Suuratu Al-Baqarah 2:277
Yommuu jireenyi namatti dukkanooftu
Dhugumatti yeroo garii yommuu maallaqa dhabdu ykn namni jaallattu si jalaa du'uu ykn sirraa addaan bahu, keessi kee ni jeeqama. Fuundura keetti dukkana malee homaa hin argitu. Asis achis yommuu ilaaltu dukkanni gara hundaan kan si marseedha. Yeroo kanatti abdii kutuu fi miironni babbadoon biroo sitti dhagahamu danda'u. Mee dukkana akkanaa kana keessa teette akkamitti xiyya ifa abdii arguu dandeesaaa?
1ffaa- Gara hojii gaariitti ariifachuu- dukkanni yommuu nama marsuu harka maratanii taa'uu irra wanta dukkanaa fi jeequmsa namarraa oofu hojjachuun karaa abdii ittiin argataniidha. Hojii gaggaarii hojjachuun jeequmsaa fi miira badaa bittineessuun tasgabbii namatti naqa. Fakkeenyaf, nama rakkataa humnaan ykn maallaqaan ykn beekumsaan gargaaruun rakkoo keessa jiran namaaf laaffisa. Salaata sirnaan salaatun jeequmsa namarraa hir'isa. Yommuu ummanni rafuu halkanin dhaabbatanii salaatun guyyaa tasgabbiin akka oolan nama taasisa.
2ffaa-Qormaata keessa yommuu ta'an wanta namarraa barbaadamu yaadachuu- yeroo rakkoon namatti cimtu wanti namarraa barbaadamu "obsa". Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa ni jedha:
“Dhugumatti sodaa fi beela irraa wanta tokkoon, akkasumas qabeenya, lubbuu fi fuduraale irraa hir’isuun isin qorra (mokkorra). Warra obsan gammachiisi. Isaan yeroo balaan isaan tuqe, “Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaatti deebi’oodha.” Jedhaniidha. Isaan warra faaruu fi rahmanni Gooftaa isaanii irraa ta’e isaan irra jiruudha. Warri suni isaanumatu qajeelfamoodha. ” Suuratu Al-Baqarah 2:155-157
As keessatti akka namoota qoru erga dubbate booda, "warra obsan gammachiisi" jechuun qormaata irraa wanti barbaadamu "obsa" akka ta'e dubbate. Itti aanse yommuu balaan warra obsan kanniinitti buutu maal akka jedhan ni dubbate. "Innaa lillahi wa innaa ileyh raaji'uun (Dhugumatti nuti kan Rabbiiti, garuma Isaa deebinaas)" jedhu. Dhumarratti mindaa isaanii ni ibse.
Kuni kan agarsiisu namni mindaa guddaa abdachuun balaa ykn rakkoo isa qunnameef obsuu akka qabuudha
Yommuu Rakkoon addunyaa tanaa sitti cimuu waa lama yaadadhu:
1ffaa- Addunyaan tuni iddoo qormaata ta'uu
2ffaa- Namni yeroo rakkoo obse waan gaarii akka argatu yaadadhu
Dhugumatti, Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa addunyaa tana keessatti nama hunda akka qoru beeksise jira: "Isin qormaatuuf hamtuu fi gaariin isin mokkorra. Garuma Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:35
Namni hamtuu (waan badaa) qofaan kan qoramu osoo hin ta'in waan gaariinis ni qorama. Waan gaariin yommuu qoramu wanti isarraa eeggamu, Gooftaa isaatiif galata galchuu (shukrii)dha. Waan badaan yommuu qoramu immoo obsatu isarraa eeggama. Kanaafu,yommuu rakkoon sitti buutu, "Wanti narraa eeggamu obsa" jechuun yoo obsite, gara fuunduraatti waan bareedaa fi badhaasa guddaatu si eeggata. Mee ilaali, namoota rakkoo cimaa keessatti obsanii milkaa'an.
like: fb.com/jireenyabadhaatu
Kitaaba kana “Mana kitaaba Al-Tawba” Masjiida Anawaar biratti argamuu keessatti ni argattu. Gara masjiida Anawaar seenuuf yommuu taatan gara mirgaatti yommuu mil’attan mana kitaaba At-Tawba (“አል-ተውባ መጽሐፍ መደብር-Al-Tewba Bookstore” jedhu ni argitu. Namni gara Finfinnee dhufu hin dandeenye warra kitaaba gurguranitti kitaaba kana agarsiisuun akka isaaf fidan gochuu danda’a.
Assalamu aleykum warahmatullahi wabarakaatuh. Facebookin waan cufameef karaa kanaan In sha Allah ergaa walii dabarsina. Rakkoo barruulee haala salphaan websaayiti www.sammubani.com irraa buufachuu kunoo amma furmaata argatee. Barruu jalatti bakka gurraacha PDF agarsiisuu tuquun buufachuu dandeessu.
Adabbiin Zanbii irraa hin tawbannee ni tursiifamaa malee akkanumatti hin hafu:
Jecha Imaamu ibn Al-Qayyim keessa koo tuqee keessaa: "Dhimma zanbii (badii) ilaalchisee tuqaa garmalee ijoo namoonni itti dogongorantu jira. Sunis, miidhaa badiin namarraan gahuu ammatti arguu dhabuudha. Miidhaan zanbii tursiifamee dagatamuu danda'a. Namnis haalli kuni hin jijjiramu jedhee yaada. (Yoo ammatti adabbiin zanbii hin dhufin, kana booda hin dhufu jedhee yaaduun badii hojjachuu itti fufa.)
Rabbiin qulqullaa'e! Namoota meeqa tuqaan ijoon tuni balleessitee? Qananii meeqa dhabamsiiftee, adabbii meeqa fiddee. Wallaaltota dhiisitii, beektotaa fi namoota sadarkaa qaban meeqatu tuqaa ijoo tanaan gowwoomee! namni gowwoome kuni kana hin beeku; akkuma summiin dhangala'u, osoo tureellee zanbiinis ni dhangalaa'a (adabbiin isaa namatti rooba). Akkuma madaan uffataan maramee yommuu uffanni irraa hiikamu dhiigni dhangala'u, [yoo hin tawbatin adabbiin badiis akkasuma namatti dhangala'a].
Imaamu Ahmad Abu Dardaa'a irraa akkana jechuun gabaase: Akka waan Isa argitaniitti Rabbiin gabbaraa; warra du'an keessaa of lakkaa'aa. Kana beekaa: wanta baay'ee isin ko'oomsu irra wanta xiqqaa isin quubsutu caala. Ammas kana beekaa: toltuun hin baddu, badiin (zanbiin) hin dagatamtu."
-Jawaabul Kaafi Liman sa'ala ani dawaa'i shaafi-fuula 70, Mana Maxxansa Daar Al-Arqam
(Dhugumatti, namoonni baay'een adabbii badii hojjatanii ammatti waan hin argineef, "Gonkumaa hin adabamnu" jedhanii yaadun badii isaanii itti fufu. Ergasii, guyyaa tokko osoo hin beekin qabaa cimaa qabamu. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa nama badii hojjatee tawbachuu dide ni tursiisaa malee akkanumatti hin dhiisu. Qur'aana keessatti: “Rabbiin waan miidhaa hojjattoonni (zaalimonni) raawwatan quba kan hin qabne ta'uu hin yaadin. Kan Rabbiin isaan tursiisuuf Guyyaa isa keessa ijji sodaadhan bobaastudha.” Suuratu Ibraahim 14:42
Kanaafu, badii (zanbii) irraa of haa eegnu. Yoo itti kufne dafnee haa tawbannu. Adabbiin waan tureef gowwoomu hin qabnu. Akkuma Rabbiin olta'aan jedhe: “Adabbiin isinitti dhufuun dura gara Gooftaa keessanii deebi’aa, Isaafis harka kennaa. Sana booda hin tumsamtanu.” Suuratu Az-Zumar 39:54
“Sana booda hin tumsamtanu.” Kana jechuun osoo isin hin tawbatin (gara Rabbii hin deebi’inii fi Isaaf hin ajajamiin) adabbiin yoo isinitti dhufe, kan isin gargaaru fi adabbii kana irraa isin baraaru hin jiru.
Dharraa addunyaatiif Daangaa Kaa'uu
Wanti nama macheessu araqee qofa osoo hin ta'in addunyaanis nama macheessiti. Dhugumatti, namni yommuu addunyaa tana garmalee jaallatu ni machaa'a. Kana hubachuuf, yommuu qabeenya baay'ee argatu wanta ta'u ilaali. Yommuu dhabuus wanta isarraa mul'atu ilaali. Yommuu qabeenya argatu, gammachuun machaa'u irraa kan ka'e wanta namni araqeen macha'e hojjatu hojjata. Of wallaala. Rabbii isaa dagata. Tolee, nu hunduu karaa adda addaatin addunyaadhaan ni machoofna. Tarii nama Rabbiin rahmata godheefi iimaanan isa qananiise machiin kuni yeroo gabaabaaf isarra tura. Nama iimaana hin qabne immoo jireenya guutuu isarra tura. Hayyee kaa, addunyaan machoofne osoo gaflaa keessa teenyu yoo duuti nutti dhufte, yeroo san of beekne dammaqna. Erga dammaqne booda wanta nu jala darbee fi kasaaraa keenya ni hubanna. Kanaafu, addunyaan machoofne akka hin kasaarre maal gochuu qabnaa?
1-Yeroo qoqqoodu fi karoorsu- Islaamni addunyaafis Aakhiraafis akka hojjatan ajaja. Qur'aana keessatti: “Wanta Rabbiin siif kenne keessatti ganda Aakhirah ittiin barbaadadhu. Addunyaa irraayis qooda kee hin dagatin. Akkuma Rabbiin tola sitti oole, atis tola ooli.” Suuratu Al-Qasas 28:77
Dhugumatti, kuni ajaja madaalawaa ta'eedha. Namni addunyaa qofatti yoo cite, kasaaraa guddaa kasaara. Addunyaaf hojjachuu dhiisee Aakhiraa qofattis yoo cite, kadhattu ta'a, harka namaa kajeela. Yaanni isaa ni bittinaa'a. Addunyaan geejjiba yaabbatanii Aakhiraa ittiin gahan waan taateef, geejjiba tana yoo dhabe osoo gahuumsa hin gahin karaatti hafuu danda'a. Kanaafu, yeroo addunyaaf hojjatanii fi Aakhiraaf itti hojjatan qoqqoodu fi karoorsun baay'ee barbaachisaadha. Kanaafi, saalihonni guyyaa hojjatata oolu, halkan salaataa bulu. Akkasumas, yeroo guyyaa hojiin ykn daldalli isaanii salaata irraa isaan hin ko'oomsu. Rabbiin subhaanahu wa ta'aalaa akkana jechuun isaan faarse:
“Dhiirota daldallis ta’e gurgurtaan yaadannoo (zikrii) Rabbii irraa, salaata sirnaan salaatu fi zakaa kennuu irraa isaan hin dagneetu (hin garagalchinetu) [masjiidota keessatti Rabbiin faarsa, qulqulleessa]. Isaan Guyyaa isa keessa onnee fi ijji itti gara gaggaltuu sodaatu.” Suuratu An-Nuur 24:37
2-Haqiiqaa addunyaa beeku-addunyaan wanta namni ittiin qoramuudha. Kanaafu, wanti sammuu namaa hatuu fi macheessu kuni qormaata akka ta'ee beekun of too'achuu barbaachisa. Addunyaan qormaata akka taate beekuf, namoota kaleessa dureessa turanii har'a hiyyoomatan mee ilaali. Kaleessa bu'aa buufatanii har'a kasaaran. Yeroo qormaata barataan yeroo garii qabxii gaarii galmeessa, yeroo garii immoo qabxii gaarii dhaba, inumaa zeero argata. Kuni qormaataa miti ree? Addunyaanis akkanuma. Kanaafu, addunyaan qormaata akka taate yaadachuun ishiin sobamu hin qabnu. Akkanatti yaadu dandeenya: Akkuma barataan qormaata kan qoramuuf mindaa ykn qabeenya gaarii argatee jireenya gaarii jiraachuuf ta'ee, nutis addunyaa tana kan barbaannu Aakhiratti mindaa (ajrii) gaarii argannee jireenya qananii jiraachuufi. Namni iimaana qabu addunyaas yoo qabaate, wanta Aakhiratti mindaa gaarii ittiin argatu hojjataa miti ree? Fkn, kaayyoon ykn gahuumsi isaa Aakhirah yoo ta'e, addunyaa tana kan barbaaduuf ibaada irratti humna dabalachuuf, masjiida ijaaruuf, hawaasa Muslima tajaajiluu fi kkf dha. Kanarra darbee addunyaan kaayyoo keenya ol'aanaa ta'uu hin qabdu.
Adabbii zanbii keessaa tokko, zanbiin (cubbuun ykn diliin) adeemsa qalbiin gara Rabbii fi ganda Aakhiraatti taasistu dadhabsiisa ykn ni gufaachiisa ykn adeemsa irraa addaan kuta. Tarkaanfi tokko gara Rabbii akka hin tarkaanfanne taasisa. Zanbiin nama gahuumsa gahee haguuga, nama adeemsa irra jiru imala irraa addaan kuta, nama deemuuf barbaadu duubatti deebisa. Qalbiin gara Rabbii kan deemtu humna ishiitiin. Yoo zanbiidhaan dhukkubsatte humni ishii sochoosu kuni ni dadhaba. Humni kuni guutumatti yoo bade, namni Rabbiin irraa ni cita (ni fagaata).
Zanbiin takkaa qalbii ajjeesa, takkaa ni dhukkubsa, takkaa immoo humna ishii dadhabsiisa. Hanga dadhabsiisuun kuni wantoota saddeettan Nabiyyiin (SAW) irraa maganfatanitti geessutti itti fufa. Wantoonni saddeettan kunniin: dhiphinna, gadda, dadhabinna, ceem'u, dabeessummaa, doy'ummaa, ba'aa liqaa fi dhiirotaan moo'atamu.
Nabiyyin (SAW) akkana jedhan:
اللَّهُمَّ إِنِّي أَعُوذُ بِكَ مِنَ الْهَمِّ وَالْحَزَنِ، وَالْعَجْزِ وَالْكَسَلِ، وَالْجُبْنِ وَالْبُخْلِ، وَضَلَعِ الدَّيْنِ، وَغَلَبَةِ الرِّجَالِ
"Yaa Rabbii! dhiphinnaa fi gadda, dadhabbinnaa fi ceem'uu, dabeessummaa fi doy'ummaa, ba'aa liqaa fi dhiirotaan moo'atamu irraa Siin eeggama." Sahih al-Bukhaari 6369
Kanneen armaan oli lama lama ta'uun walitti kan hidhamaniidha.
Dhiphinnaa fi gaddi kan walitti hidhamaniidha. Dhimmi jibbamaan gara fuunduraatti dhufu qalbii irratti bu'u dhiphinna uuma. (Namni wanta badaa narratti bu'a jedhe sodaatuuf ni dhiphata). Dhimmi kuni kan darbe yoo ta'e immoo gadda uuma. (Namni wanta isa jala darbeef ykn wanta badaa yeroo darbe isa qunnameef ni gadda.)
Dadhabinnaa fi ceem'uun walitti kan hidhamaniidha. Namni dandeetti waan dhabeef sababoota kheeyri fi milkaa'innaa irraa yoo duubatti hafe, suni dadhabinna. Fedhii waan hin qabneef yoo kheyri fi milkaa'inna irraa duubatti harkifate suni ceem'udha.
Dabeessummaa fi doy'ummaan kan walitti hidhamaniidha. Sababa qaama isaatiin faaydan yoo isarraa argamu baate suni dabeessummaadha, yoo qabeenya isaatiin ta'e immoo doy'ummaadha.
Ulfaatinni liqaa fi dhiironni nama moo'achuun walitti kan hidhamaniidha. Haqaan namni biraa ol'aantummaa yoo namarratti argate, suni liqaadha, haqa malee yoo ta'e immoo suni dhiironni nama moo'achuudha.
Gabaabumatti, zanbiin sababa guddaa wantooota saddeettan kanniin namatti fiduudha.
Madda:Jawaabul kaafi-fuula 92-93 Imaamu Ibn Al-Qayyim
Kanaafu, yeroo hundaa kan gaddinuu fi dhiphannu, dadhabinni kan nutti dhagahamu fi ceem'inuu yoo taane, kuni miidhaa zanbii (cubbuu) akka ta'e beekun, tawbaa fi istighfaara haa baay'isnu.
TAFSIIRA SUURATU YUUSUF-KUTAA 9 "Isaan lamaanu gara balbalaatti fiigan. Duubaan shaamizi isaa tarsaaste. Balbala biratti bulchaa ishii (abbaa manaa ishii) argan. Ishiinis ni jette, “‘Jazaan nama waan badaa hadhaa warraa keetitti fedhe hidhamuu yookiin adabbii laalessaa malee maal ta’uu danda’aa?’” Suuratu Yuusuf 12:25 https://sammubani.com/2021/10/10/tafsiira-suuratu-yuusuf-kutaa-9/#more-17167
Sheyxaanni Ijaan waan hin Mul'anneef hin jiru jettee hin Mormiin
Dhugumatti, sheyxaanni bakka namni isa hin agarre irraa namatti dhufuun nama jallisa, baditti nama darba. Ilmi namaa sheyxaana argu hin danda'u. Dhugaa kana hubachuuf fakkeenya baay'ee wanta ilmi namaa ijaan hin agarree garuu bu'aan isaa mul'atu siif dhiyeessu danda'a. Fakkeenyaf, halkanii guyyaa elektiriikii itti fayyadamna. Elektirikiin kuni kan ifuu yommuu kaarrentiin (danbaliin elektrikii) shiboo keessa yaa'udha. Kaarrentin kuni yommuu shiboo keessa yaa'u ijaan arguu dandeenyaa? Hin dandeenyu. Namni shiboo kaarrentin keessa yaa'aa jiru osoo harkaan qabate, takkatti isa gogsa. Haaluma kanaan sheyxaannis nama keessa yaa'a. Wanta badaa namatti hasaasun nama jallisa. Akka dhiigni nafa keessa naannaa'u sheyxaannis nama keessa naannaa'un nama balleessa. Ammas, wanta ijaan hin mul'anne fakkeenya biraa dhiyeessun ni danda'ama. Danbalii raadiyoo haa fudhannu. Danbalii kana ijaan arguu dandeenyaa? Oduu qofa raadiyoo keessaa dhageefannaa malee danbaliin kuni eessan seenee eessan akka bahu hin beeknu. Sheyxaannis eessan namatti seene eessan akka bahu hin beeknu. Kanaafu, karaan guddaan sheyxaana irraa itti of tiiksan, gara Rabbii olta'aa fiigudha.
Kitaaba wabii: Ta'ariful aammi bidiinil Islaami- Ali Xanxaawi
Tasgabbii Argachuu fi Du'aayin tee akka Qeebalamtu ni barbaaddaa?
Jireenya keessatti tasgabbii argachuu fi du'aayin tee akka qeebalamtu yoo barbaadde salaata shanan erga sirnaan salaatte booda salaata halkaniitti (qiyaamu leylitti) jabaadhu. Warri salaata halkanii salaatan akkana jedhu: "Maal qaba tasgabbiin yeroo kanatti namatti dhagahamu guyyaa guutuu osoo namatti dhagahamee! Guyyaa salaata yommuu salaannu hasaasni (waswasaan) sheyxaana nutti baay'ata. Garuu salaata halkanii kana keessatti waswasaan kuni nurraa deema. Qalbii teenya guutuu salaata irra goona. Akkam mi'aawa ibaadan yeroo kanaa! Hirriba caala mi'aawa. Akkam mi'oofti du'aayin yeroo tanaa! Qeebalamuun ishiis garmalee kan abdatamuudha."
Qur'aana keesaatti salaata shananitti erga ajaje booda salaata halkaniitti ajaja:
"Aduun dabuu irraa hanga dukkana halkaniitti salaata sirnaan salaati. (Salaata zuhrii,Asrii, Magriba fi Ishaa'i). Qur'aana fajrii (salaata fajriis salaati, isa keessatti qur'aana qara'uu dheerressi). Dhugumatti Qur'aana fajrii (salaata fajrii fi Qur'aana isa keesatti qara'amu) irratti [malaaykonni] ni argamu. Siif [ibaadaa] dabalataa akka ta`uuf halkan irraa isaan (Qur`aanaan) salaati. Gooftaan kee iddoo faarfamaa si dhaabuun ni abdatama.” Suuratu Al-Israa 17:78-79
Kuni salaanni halkanii faayda guddaa akka qabu nutti agarsiisa. Salaata halkanii irraa faayda barbaadamee fi ajrii guddaa argachuuf:
1-Hanga danda'ameen Qur'aana irraa qara'uu, suuraalee (boqonnalee) dhedheeroo yoo haffazan salaata keessatti isaan qara'uu. Aayah armaan olii keessatti: "halkan irraa isaan (Qur`aanaan) salaati." Suurah biraa keessattis, "Qur'aana irraa wanta isiniif laafe qara'aa." Suuratu Al-Muzzammil 73:20
2-Sujuuda dheeressu-Qur'aana keessatti: “Halkan irraa Isaaf sujuudi, halkan dheeraas Isa qulqulleessi.” Al-Insaan 76:26
Hadiisa keessattis: "Gabrichi caalatti Gooftaa isaatti kan dhiyaatu yeroo sujuuda bu'uudha, kanaafu du'aayi baay'isaa." Sahiih Muslim 482
3-Istighfaara baay'isuu-Nuti warra sa'aati sa'aatin dogongorru waan taaneef daqiiqa hunda keessatti istighfaara gochuun nu barbaachisa. Istighfaara jechuun Rabbii olta'aa irraa araarama kadhachuudha. Yeroon halkanii tuni yeroo garmalee barbaachistu du'aayin itti qeebalamtu waan taatef, istighfaara baay'isuun garmalee barbaachisaadha. Namni akkuma istighfaara baay'isuun tasgabbii qalbii argata, adabbiin isarraa deebi'a. Sababni isaas, adabbiin kan namatti bu'uuf sababa cubbuu hojjataniitiin waan ta'eef, sababa istihfaara baay'isutiin immoo Rabbiin adabbii kana namarraa deebisa.
Dhugumatti, Rabbii fi Guyyaa Aakhiratti amanuun warroota amanan irratti gammachuu, harka kennuu fi tasgabbii qalbii dhangalaasa. Iimaanan ala wantoota kanniin haala guutuu ta'een kan fidu gonkumaa hin jiru. Kuni wanta Ergamaan Rabbii (SAW) hadiisa sahiih Muslim gabaase keessatti ibsaniidha:
“Dhimmi mu’imina (nama dhugaan amanee) nama ajaa’ibsiisa. Dhugumatti dhimmi isaa guutun keeyridha (gaariidha). Kuni mu’iminaaf malee eenyufillee kan ta’uu miti. Yoo toltuun isa tuqxe, Rabbiin galateefata. Kuni isaaf gaarii ta’a. Yoo rakkoon isa tuqxe immoo ni obsa. Kunis isaaf gaarii ta’a.” (Sahiih Muslim-2999)
Yaadaa fi Milkaa’inna-Kitaaba Guutuu
Kitaabni “Yaadaa fi Milkaa’inna” jedhu, tarkaanfilee kudhan miira mirqaansu jabaatiin nama sochoosun gara milkaa’innaatti nama qajeelchu ibsa…. Nama qalbii isaa jaalala milkaa’innaatiin qabsiisuu barbaade hunda dubbisa.
Jabeenyi yaaduu akkamitti dagaagfamaa? Si’aa’inni hojii akkamitti argamaa? Gootummaan gara hojii darbuu akkamitti jabaataa? Humna ammaa akkamitti itti fayyadamanii? Hojiwwan yoosu ammuma hojjachuun humna akkamii namaaf kennaa?
Milkaa’inni ilma hojiiti. Akkuma namoota milkaa’anii sa’aati digdamii afur, sammuu cimaa fi qoma ajaa’ibaa qabdu. Garuu osoo hin dhaabbatiin ijjannoo hojii qabduu? Jijjirama ajaa’ibaa keessa jirra. Qabsoo fi gara fuunduraatti tarkaanfachuu yoo dhiisne, bakka jiruutti daakamu dandeenya. Kitaaba kanaan qaanqen mirqaansu qoma keessan keessatti dhoostan gara yaada keessaniitti faca’a, jireenyi teessan gara sochiitti dabarti.Dabalataaf: https://sammubani.com/2021/10/23/yaadaa-fi-milkaaina-kitaaba-guutuu/#more-17304
Ajaa’iba Qur’aanaa keessaa
Ajaa’ibni Qur’aanaa himame hin dhumu. Jechoota gabaaboon ergaa guddaa dabarsa. Mee ajaa’iba kana keessaa aayah tana haa ilaallu:
﴿يَسۡ‍َٔلُونَكَ عَنِ ٱلسَّاعَةِ أَيَّانَ مُرۡسَىٰهَا٤٢﴾
“Waa’ee Qiyaamaa ilaalchisee “Dhufaatin (geenyi) ishii yoomi?” [jechuun] si gaafatu.” Suuratu An-Naazi'aat: 42
Aayah keessatti “Mursaahaa?” jechuun maal jechuudhaa? Maxxantuun “-haa” maq-dhaala, “ishii” jedhu bakka buuti. Amma wanti beeku barbaannu jecha “mursaa” jedhuudha. Jechi “mursaa” jedhuu xumura, “arsaa” jedhu irraa kan horsifameedha. Hiika “Arsaa” keessaa tokko, “Irraa bu’uuf dooni buufata ishii (galaana daarii) geessudha.” Kanaafu, mursaa jechuun, “geenyi, gahiinsi, dhufaati (arrival)” ta’a. Hiikni biraa, “Arsaa” gadi dhaabudha. Hiikni lamaan kunniin Qiyaamaaf kan ta’uudha.
Jechi “Mursaahaa” jedhu “argamuu” Qiyaamaa agarsiisuuf itti fayyadamame. Kanaafu, “Dhufaatin(geenyi) ishii yoomi?” jechuun “Qiyaamaan yoom dhaabbatti?” Yookiin “Yoom argamtii?” jechuudha. Hiikni biraa, “mursaa” galaana daarii iddoo (buufata) dooniin itti dhaabbattuudha. Jecha Mursaahaa fayyadamuun dubbii bareechisuuf qofa osoo hin ta’in, wanta barbaachisaa ta’ee wal fakkeessun ibsuu fi haqa Qiyaamaa akka namoonni hubatan taasisuufi.
Yunivarsin erga uumame irraa kaasee tartiiba isaa eeggate yeroo yeroon wal hordofe deemuun, doonii galaana irra deemtuun wal fakkaata. Dooniin tuni adeemsa ishii keessatti iddoo adda addaatti jijjiramaa fi sochii haarawa horatti. Wanti samii fi dachii keessa jiraniis socho’uu fi jijjiramu itti fufuu. Sochiin kuni hin dhaabbatu hanga Qiyaamaan dhaabbattutti malee. Dubbii akkanatti ifaa haa goonu: addunyaan, dooni galaana keessa deemtun wal fakkaatti. Qiyaamaan, immoo iddoo fi yeroo dooniin itti dhaabbattuun wal fakkaatti.
1-Akkuma dooniin galaana bishaanii keessatti sochii itti fuftuun, addunyaan tunis galaana yeroo keessa sochii ishii itti fufti. Fkn, aduun, jiiyni fi urjiileen sochii fi naanna’uu isaanii itti fufu.
2-Doonin erga deemte booda buufata dhumaa itti dhaabbattu qabdi, addunyaan tunis yeroo itti dhaabbattu qabdi. Yeroo kanaan Guyyaa Qiyaamaa jennaan. Kanaafu, akkuma dooniin deemte deemtee buufata ishiitti dhaabbattu, addunyaan tuniis deemte deemtee Qiyaamaa biratti ni dhaabbatti. Yommuu Qiyaamaan dhootu, addunyaan guutuun baduun jireenyi lammataa ni jalqabama. San booda namoonni kaafamuun wanta hojjataa turaniif ni qoratamu, mindaa ykn adabbii argatu. Kanaafu, Qiyaamaa as deemtu tanaaf maal qopheeffatte?
Madda: www.quraana.com