Jechoota Saayikoloojii 🧠
226 subscribers
7 photos
14 links
Download Telegram
#Rakkina kee nama hundatti hin himin!

✍️Dhugaadha rakkina kee namootatti yoo himattu siif salphachuu danda'a; garuu rakkoo kee furuu caalaa si burjaajessuus ni danda'a. #Sababni isaas namoonni 70% kan ta'an rakkina namaa yoo dhaga'an ni gammadu. #Namoonni 20% immoo waa'ee waan sanaa tasuma hin yaadanu; waan si dhaggeeffatan fakkaatu garuu ati tasuma odeessita isaan quba sin qabanu; osoo deebiftee gaafattee sitti hin himanu. #Namoota10% qofatu waa'ee keessaniif dhiphata. Hamma feetanillee yoo amantan rakkoo keessaniif fala hin barbaadanu. #Kanaaf yoo dhimma fayyaa ta'e Ogeessa fayyaa yoo dhimma sammuu ta'e ogeessa xiinsammuu(ogeessa Saayikoloojii) haasofsiisuu qabdu malee rakkina keessan nama hundatti hin himinaa!

#Guyyaa Gaarii isiniif hawwina!
👉Maaf sirraa Fagaatan?

#Yeroo heddu nama tokko wajjin baay'ee wal jaalattanii waan heddu wajjin dabarsitanii icciitii heddu illee osoo wajjin qabdanii yeroo booda of biraa dhabdu ykn isinitti jijjiirama.
Yeroo jaalalaan jirtan guyyaatti yeroo heddu waliif bilbiltu ykn waliif barreessitu; Qaamaan hanga wal argitanitti dharraatu, wal beeloftu akka bishaani wal dheebottu.

#Namoonni kunniin kan isaan sirraa fagaataniif waantota Gurguddoo Afur Jiran keessaa tokko ta'uu danda'a.
#Isaanis:_

1. Haala mijataa argatanii
#Namoonni tokko tokko haalli yoo mijateef bakka ati jirtullee hin yaadatan. Kan biraa dhiisii maqaa keeyyuu ni dagatu. Kan kaleessa dirree rakkinaa keessa wajjin turte gaafa tulluu milkaa'inaa irra bahan eessaa akka dhufanis sis ni dagatu. Silaa haalli mijateefii konkolaataa wayii qabatan taanaan, Kaampaanii cimaa wayiitti qacaraman taanaa, mana kiraa keessaa bahan taanaan,  qabxiin darbinsaa dhufeefii darban taanaan ati akka waan achi keessatti hidhamteetti si ilaalu.

2. Haala rakkisaa keessa jiraatanii
#Namoonni kunniin immoo warreen haala hin taane keessatti kufanitu si saalfatanii sirraa fagaatu. Fakkeenyaaf kasaaraan yoo isaan mudate, jireenya hin taane keessatti yoo kufan, araada garaagaraan yoo qabaman, jireenya abdii kutannaa keessa warra seenanidha. Isaan kunniin maatii isaanii fi hiriyoota isaanii irraas adda bahanii gara lafa namni isaan hin beekneetti badanii dhokatanii jiraatu. Hamma barri kun darbutti eenyuttiyyuu hin mul'adhu jedhanii bilbila isaanii jijjiirratanii hidhii xuuxaa jiraatu. Isaan kun ofuu dagatanii akkamitti si yaadatuu komattaree?

3. Waan sirraa barbaadan dhabanii
#Namoonni kunniin durumaaniyyuu situ beekkachuu dide malee faayidaa wayiitiif sitti dhiyaatani. Kan isaan si wajjin turanis hamma waan barbaadan sana sirraa argatanitti qofadha. Tarii maallaqa ta'uu danda'a, carraa hojii wayii ta'uu danda'a, ykn si wajjin ciisuuf ta'uu danda'a. Kan si dhibu namoonni kun waan barbaadan sana yoo argatanis yoo dhabanis si bira hin turanu inuma deemu.

#Fakkeenyaaf ati dubartiidha haa jedhu dhiirri tokko si wajjin ciisuuf kaayyoo godhatee yoo sitti dhiyaate yoo ati shakkitee didde obsa fixatee si dhiisee deema. #Ati dhuguma na jaalate jettee wajjin waan inni si gaafate kana yoo raawwattes mana siree qabee si geesse sana balbala isaa gadi siif bin deebisu dhimmasaa xumurannaan qabattoo isaa hidhataa achumatti si gatee sokka.

4. Waa siif gochuu dadhabanii
#Namoonni kunniin immoo namoota baay'ee si jaalataniidha; garuu waa siif gochuu yaadanii yeroo milkaa'uu dadhaban ykn jaalala siif qaban irraan kan ka'e waan guddaa siif gochuuf karoorsanii yeroo hafan saalfatanii achumaan badu. #Kanarratti Fakkeenya tokko mee haa ilaallu Hiriyaa ykn nama ati baay'ee jaalattu tokko jalaa Firri boqotee(du'ee) osoo bira hin gahin yoo turte har'a boru osoo jettuu achumaan hafta. Erga yeroon turee hamma kana tureemmoo waanuma cimaa tokko qopheeffadheen deema osuma jettuu siif mijachuu didee gargar fagaattee hafta.

#Walumaa galatti namoonni maaliif sirraa Akka Fagaatan osoo adda hin baafatin Itti hin murteessin hin komatinillee atis yoona namoonni ati haalota armaan olii kana keessaa tokkoon irraa fagaatte jiru waan ta'eef.