Dandamo media
135 subscribers
57 photos
5 videos
1 file
107 links
Merzeel
Download Telegram
Forwarded from Etana Habte (FREE JAWAR)
Facebook irratti yaada ummata qabsootti kakaasu of keessaa qabu kamuu barreessuu na dhoorkee jira. Yoo “Qeerroo ka’aa” jedhee barreesse daqiiqaa osoo hin guutne na ugguru. Sababni har’a na ugguraniifis maaliif Dammaqee Mekonnin irratti PP Oromiyaa kakaafta kan jedhu. Facebook qabsoo baranaa keessatti gufuu guddaa nutti tahe. Ummatni keenya gariin haala kana hin hhbanne. Ummataan ka’aa jedhaa barreessaa jedhanii nu gorsu. Ani keessi kiyya osoo gubatu malaan bishaan waddan akkuma jedhamu hanguma godhuu danda’u illee akka hin dadhabne of qusachaa barreessaa ture. Gufuu kana irra aanuuf ummatni keenya telegram akka banatu wal gorsaa. Namoota odeeffannoo dhugaa nuu kenna jettani amantan illee telegram irratti join godhaa. Akkasiin malee bakka tokko dhaabannee waa eeguun nu miidha. Ulfaadhaa! FerhanA
Forwarded from Zak Dube
Bara kana, Dhaloota Teeknoloojiin kute kana sobuun tasuma hin danda’amu !

Bakka Abiyoot Waan dirree Woraanaa deemeef qabanne jedhan tana Torbaan tokko duraas qabanne jedhanii bifa argitan kanaan faana gubbatti dabarsanii turan.

Abiyoot garuu footoo Shallaayii muraasa gaci godhee fiigiichaan deemee fiigichaan deebi’ee jira!
1. Humnootiin mootummaa Itoophiyaa bakka maraa ajjeechaa raawwataa jiran, Baha Oromiyaa keessatti dargaggoo Oromoo galaafatan.


2. Hawwaasni Oromoo Washington kan magaalaa Seattle hiriira mormii gaggeessan.

3. Gamtaan biyyoota Arabaa mootummaa Itoophiyaa meeshaa waraanaa hidhachiisan jechuun miiidiyaaleen gabaasan.

4. Kaaba Itoophiyaatti lakkoofsi namoota beela'anii deggarsa barbaadaa jiranii miliyoona 9.4 gahuu isaanii dhaabbanni Biyyoota gamtoomanii hime.
Forwarded from Deleted Account
Chanala armaan gadii kana join nuf godha irraa baradhaa
Forwarded from Etana Habte (FREE JAWAR)
Har'as waggaa 14 booda 'Wattaaddar Tolasaa' kan biraa KFO keessatti uumuuf yaaliin akka godhamaa jiru ciinca'a. Gaafas nama Tolasaa Tasfaayee jedhamu hoggnsa Prof. Mararaa irraa fottoqsan. Maqaa paartichaa isa gaafas Kongirasii Biyyoolessa Oromoo jedhamu Tolasaaf mirkaneessanii hoggnsa Prof. Mararaadhaan 'ari'amteetta' jedhaniin. Akkasitti hoggansi Prof. Mararaa maqaa haaraa Kongirasii Ummata Oromoo jedhu baafachuuf dirqame. Maqaa sanaan OFDM waliin walitti baqee KFO tahe. Yoo wanti amma ciinca'u kun dhugaa taheef abbaan pirojektii isa waggaa 14 duraa sunis TPLF caalaa OPDOdhuma akka ture nuu mirkaneessa. Wanni caccabamaa jiruuf diraamaa maqaa ''marii siyaasaa'' jedhuun taphachuuf dhidhiittataa jiraniin saba dursee itti dammaqe kana burjaajessuufi. Durfamtaniittu!
Odduu owwituu
CPJ'n biyyoota Sahaaraa gadii keessaa Itoophiyaan gaazexessitoota sagal hidhuun sadarkaa lammaffaarratti argamtii jechuun erga gabaasa baasee Finfinnee keessatti gaazexessitootni afur to'atamaniiru.
Sudaan naannawa daangaa Itoophiyaa waliin irratti waldhabeen itti umameetti loltoota dabalataa bobbaasuun ishee dhagahame.
Pirofeesarri Jappaan TV karaa foddaa isaa dhandhamaa fi urgaa foolii gara alaatti biifuun miira nama ilaaluu qabbneessu hojjete. Meeshaan akka fullee ykn pilaastickii-"hygienic film" jedhamu- foddaa TV irratti erga maxxanfamee booda arraabaan foddicha arraabuun dhandhamu.
Forwarded from Deleted Account
🌹Channaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabane dhiyaannee jira.
🙏 JOIN GODHADHAA
Dubartoonniifi dhiironni damee hojii walfakkaatu irratti bobba'aniif biyyoonni mindaa olaanaa dhiiraaf itti kanfalamu hedduudha. Garaagarummaa miindaa kana hambiisuuf qabsoon gaggeeffamu illeen waggoota 25 darban keessaa jijjiramni guddaan akka hin mul'annee qorannoon tokko mul'ise.

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3z9ELBT
Forwarded from Deleted Account
🌹Channaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabane dhiyaannee jira.
🙏 JOIN GODHADHAA
ta'aal dhiifama akka gaafattan guyyaa wixaata fi kaamsa Aadaa godhattan akka soomtaan namni xalayaan kun isa gahe yoo xiqqate nama 20 sher godha
_Namni kana godhe jaalala rasuulaa(s.a.w)fedha rabbiitiin wanti inni yaade hundi ni taatiif
_ Wanta duraan hin argine arguu jalqaba
_Namni tokko KALIVARNII kan jedhamu xalayaan kun isa gahee hedduminaan raabsee yeroo muraasa booda carraan gaariin is a gahe.
_Namni A/salaam jedhamu tokko xalayaan kun isa gahee waan laaffiseef yeroo muraasa booda hojii irra ari'ame.
Rakkinni kun isa muudannaan xalayaa kana yaadatee baayisee raabse guyyaa (5)booda dalagaa isa diraa caalu argate.
_Namni VOOLMANTI jedhamu ammo xalayaan kun isa gahee erga kana fayidaa dhabamsiisee fakkeessuun bibbinxee guyyaa(9)ffaa tti du'e.
Itti deebi'ee sh/Ahmaad akkana jedhan maqaa rabbiitiin isin kadhe namni xalayaan kuni isin gahe martii baayiftanii isilaama maraaf akka raabsitan kabajamaa rabbiif galanni Haa gahu. As wr wb
@amantii_islaamaa
@amantii_islaamaa
ODUU AMMEE

Jawaar Mohaammad’ faa Hiidhaa Irraa Akka Hiikaman Ajaji Darbus Eegdota Keenya Malee Hin Baanu Jechuun Diduun Isaanii Dhagaa’ame!
--
Hidhamtootni siyaasaa Oromoo Jawar Mohammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaa eegdotaa fi waahillan isaanii dabalatee akka gadi dhiifaman murtaa’us Jawaar’ faan eegdota keenya malee hin baanu, akkasumas galgala kanaan hin baanu jedhanii diduu isaanii maddeen keenya nuuf himaniiru.

Eegdota Jawaar’ faa utuu hin hiikin Jawaar’ faan akka hiikamaniif manni hidhaa Qaallittii guyyaa kana dirqisiisaa oolus Jawaar’ faan nu dursanii eegdonni keenya hiikamuu qabu, nageenya keenyaaf sodaa qabna jechuun diduu isaanii Shinniigaan odeeffateera.

Akka maddeen keenya itti dhiyeenyaan keessa beekan nuuf himanitti hidhamtoonni siyaasaa kunneen guyyaa borii hidhaa irraa hiikamu malu kan jedhu odeessi jiraachuudha.

Gama biraatiin Waggaa oliif hidhaa irra kan ture Iskiindir Naggaa fi waahillan isaa mana hidhaa Qaallittii irraa gadi dhifamuun dhagaa’ame. Akka odeessi Shinniigaa qaqqabe ifoomsutti Iskiindir Naggaa galgala kana gadi dhiifamuu isaati.

Odeessa guutuu akkuma arganneen isin biraan geenya!
Forwarded from Rayyaan Creation
Watch "Eeba Robe of dragon martional art club" on YouTube
https://youtu.be/OZIpBhTD4xo
Shubbisa keessaa bahaa! Warri hiikames dhiibbaa guddaa jala jira. Haasaa Abiy har'aa caqasaa. ''Eega moohamtanii booda kan isin maarreef carraa kanatti akka fayyadamtaniifi, tahuu baannaan galmee himata keessanii deebifnee gad fuuna'' jedhe. Kun ergaa guddaa dabarsa. Akka ofii yaaddan osoo hin taane akka nuti feenutti hin deemtan taanaan ammas deebinee isin hiinaa dha. Hidhaarra wanti hammaatus jiraachuu mala. Akkas jechuun warri hiikames bilisummaa isaanii dur beeknu sanaan socho'uuf rakkachuuf jiru jechuu dha. Kanaafuu wanni Oromoo baasu warra hidhaatti hafes baasifachuu fi doorsisa akkasii kana hundeen ifirraa balleessuu qofa.
Forwarded from Kello Media (Mooneet Badhaasaa)
Oduu Gaddaa!

Wellisaan jaallatamaa Oromoo artist Nuhoo Goobanaa du'aan addunyaa kanarraa boqote.

Yeroo dheeraaf dhukkubsataa kan ture artist Nuhoo Goobanaa du'aan addunyaa kanarraa boqochuun isaa galgala kana dhagaa'ame.

Wellisaa jaallatamaan Oromoo roorroof saaminsa Oromoof Oromiyaa irra gahu falmuudhaan, bifa walleen akkasuma waan danda'uun qabsoo saba Oromoo waliin ture Nuhoo Goobanaa dhibeen isa qabateen du'aan boqochuu isaa Keelloon odeeffate.

Nuhoo Goobanaa jireenya isaa keessatti ABO utuu leellisuu, waan danda'uun osoo utubuu hanga gaafa dhukkubni isa gaadituutti walleen osoo faarsuu, erga dhukkubsatee irbaata siree ta'ees akka Oromoon ABO jabeeffatu utuu dhaamuu du'aan boqote.

Wellisaa Oromoo Nuhoo Goobanaa bool'i isaa booki haa guutu jenna. Ilmaan Oromoof maatii isaa maraaf Keelloon jajjabina hawwa.
"Fakkeenya dhalootaa" Ustaaz Raayyaa Abbaamacca !

Oromummaa, Namummaa,Sabboonummaa, naamusa, kabajaa fi Jaalalli nama kanaa eessayyuu hin jiru.

Ustaaz Raayyaan goota qe'een jimmaa nuuf gumaachite, Isa haqaan haqaaf dhalatee sodaa fi rifaatuu tokko malee islaamummaa fi oromummaaf qixa sirriitin waardiyyaa dhaabbatu, Hayyuu gaafa rakkoo, Jabaa bara dukkanaa xawalwaallummaa fi fakkeessaa tokkoon ala seeraaf sirna dhufaa dabraa hunda keessatti oromummaa sabboonummaa fi islaamummaaf qixa sirriitiin wabiifi tiksee dhugaa ta'ee dhaabbachaa turee fi Ammas dhaabbachaa jiru, 'Raayyaa ittisa miliyoona Shantamaati'!

Raayyaan hayyootaa fi sheekkota oromoo fi islaamummaan qabdu keessaa nama hangafaa hambaa gootota diiniifi sabummaa isaan kaleessaati! Namni kun gama amantaafi sabummaatiinis mootummaa jala guggufuuf shulshuluu nama hin beekne of ta'aa namaa abbaa fakkeenyummaa dhaloota kanaati!
Mormiin ummataa Sirni awwaalchaa Artiist Nuhoo Goobanaa irratti taasifame.

Hawaasni Sagantaan sirna gaggeessa Artiist hangafaa fi qabsa'aa Oromoo Nuhoo Goobanaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti hirmaatan mootumman hidhamtoota siyaasaa fi hayyoota Oromoo manneen hidhaa addaa addaa keessatti hidhee jiru hatattamaan akka hiiku gaafataniiru.

Sagalee mormii dhageessifame kanaanis manneen hidhaa Galaan, Qilinxoo, Qaallittii Daalattii fi Burrayyutti hidhamanii kanneen jiran keessaaa kanneen akka Abdii Raggasaa fi Koloneel Gammachuu Ayyaanaa akka hiikaman mormii isaanii dhageessisaniiru.

Oromoon wallaggaa Gujii, Booranaa Walloo fi kanneen biroo maqaa ABO tiin rakkachuu akka hin qabne haqni ajjechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu fi Artisti Hacaaluu Hundessaa ba'uu akka qabullee sagalee mormii isaanii dhagessisaniiru.

Sirni Awwalchaa Artisti Nuhoo Goobanaas bakka artistootni hayyootni maatii fi jalattootni isaa argamanitti magaalaa Adaamatti rawwatameera.
Forwarded from Zak Dube
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Yoo waliin Waloon mariin , wol-dhageenye wol-jala deemne #Taankiin diinaa #tafkii hanqatti!
Dhaabbanni Google jalqaba bara 2022 irratti afaanota dhaabbatichi ittiin tajaajilaa kennaa jiruun alatti afaanonni 126 dabalamuuf adeemsarra akka jiran ibsa. Afaanoota irratti hojjatamaa jiran keessaa tokko Afaan Oromoo akka ta'e himama. Ofii kana dhugoomsuuf maaltu hojjatamaa jiraa laata?

via BBC News Afaan Oromoo - Oduu https://ift.tt/3FT1iVt