Forwarded from Awwal Jaarsoo(Lawyer)
2. "Himannoon jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhu dhiyaateera jechuun kan danda'amu,qabeenyi falmiif sababa ta'e harka isaa turuu fi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee fi himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifameedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 218309 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.

5.𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀

1. "Manni Murtii seerummaa gareen falmitootaa hin gaafanne ykn ifatti hin kaanse irratti Murtii kennuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti sdfhh keewwata 182(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.

1. "Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ragaa dabalataa fudhachuu fi madaaluun Murtii kennuun isaa,ragaa falmii Mana Murtii jalaa irratti hin dhiyaannee fi ragaa adeemsa seeraa hordofee hin dhiyaanneedha hin jechisiisu,ragaan dabalataa akkanaa qajeeltoo madaallii ragaa hin hordofneedha hin jechisiisu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 208350 ta'e irratti sdfhh keewwata 345 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.

Yeroo muraasa qabnutti fayyadamnee waan xiqqoo(muraasa) hubannoof ta'a jennee waa'ee hiikoo dirqisiisoo gabaabsinee hiiknee barreessinee isiniif qoodne.Yeroo boqonnaatti seerota fi hiikoo dirqisiisaa dubbisuun beekumsa dabalachuun gaariidha.
Waan dubbistaniif galatoomaa!!

#Via #Mohamed_Nuree_badhaasoo