☞Hojjataan hojiirraa gaggeeffame gaaffii hojiitti deebi'uu dhiffachuu kan danda'u waliigalteen guyyaa addaan citeerraa eegalee yeroo ji'a sadii keessatti dhiyeeffachuu qaba (keewwata 163 (2)).
☞Kanfaltiin mindaa, kan hojii yeroo dabalataa, ykn kanfaltii kamuu hojjataan gaafatamu guyyaa waliigalteen hojii addaan citee kaasee yeroo ji'a jahaa keessatti qofa gaafatamuu danda'a (keewwata 163 (3) (4).
Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu.

6️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀

➠Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 384.

➠Sirna ariirii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin qabu.

➠Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh keewwata 78(1).

➠Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo dhiyeeffachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1).Yoo hayyamsiisni kennameef malee.

https://t.me/Ijooseera
Forwarded from Jemal Kumbi

Credit to : M/teyib Nure Law Office
That is exactly what is known as pure adversarial system of litigation or party oriented doctrine in the procedural law jurisprudence.
==================================

#Falmii abbaa qabiyyummaa Lafa baadiyyaan wal qabatee,gareen bitaaf mirgaa himannaaf deebii isaanii  keessatti waa’ee bittaaf gurgurtaa osoo hin kaasneefi ragaan waa’ee kanaa yoo dubbate, Manni Murtii haalli qabannaa  lafichaa bittaaf gurtaadha jedhee murteessuu danda’aa?      
                                                                                                                            
MMWFDHIJ Murtii hin maxxanfamne lakk.234625 ta’e gaafa 08/02/2016  kenneen kan armaan gadii jedheera.     
                                                                                                                                  
#Falmii abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaatiin wal qabatee himataan himannaa isaa keessatti, himatamaan qabiyyee bittaaf gurgurtaan qabate jedhee bakka hin ibsinetti(himatamaanis deebii isaatiin firii dubbii kana bakka hin caqasnetti), ragaan jecha ragummaa kenneen, himatamaan qabiyyee kan qabate bittaaf gurgurtaan jechuun yoo dubbateefi Manni Murtiis kanuma fudhachuun himatamaan qabiyyee kan argate bittaaf gurgurtaan waan ta’eef haalli qabannaa isaa seeraan aladha- darbiinsi yeroo hin jiru jedhee Murteessuun-Murtii dogongorri Seera hooggansa  falmii irratti raawwatamedha.
Credit to Mulugeta F. Binegde
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
👍1
Manni Murtii falmiifi ragaan dhiyaate tokko  soba ta’uu yoo mirkaneeffate battalatti dhaddacha irratti adabuu ni danda’aa?                                                                                                                                                  ================================================================== #Falmii fi ragaa Sobaa==Qormaata sirna haqaa!!                                                                      =============
Manneen Murtii murtii haqaa akka hin kennine , darbees amantaa uummata biratti akka hin horanne wantoota taasisan  keessaa tokko ragaa sobaa yookaan falmii sobaa Mana Murtiitti dhiyaatanidha.Manneen Murtiis ragaa fi falmiin sobaa akka hin babal’anne taasisuu keessatti gahee olaanaa osoo qabanii kana gochuu dhabuun isaanii hanqina jedhamuun yeroo hedduu ni komatamu.
#Dhaddachi Ijibbaataa MMWFDHIJ   murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 220108 ta’e irratti dhaddacha gaafa 28/11/2014 ooleen kenneen, abbaa dhimmaa osoo qabeenya qabuu- ani hiyyeessa  nama qabeenya hin qabne waan ta’eef sirna hiyyummaan akkan falmu naaf haa eeyyamamu jechuun jecha kakuun mirkaneessee dhiyeesse; kanas dhaddachatti dhiyaatee ibsuun isaa ===bu’uura sdfs keewwata 481 fi SY keewwata 452 tiin himannaa yakkaa dhiyeessuu osoo hin barbaachisne , kallattiin dhaddachi adabuu danda’a  jechuun adabbii hidhaa salphaa baatii tokkoofi guyyaa kudha shanii adabeera.Murticha
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
1
Forwarded from Awwal Jaarsoo(Lawyer)
2. "Himannoon jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhu dhiyaateera jechuun kan danda'amu,qabeenyi falmiif sababa ta'e harka isaa turuu fi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee fi himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifameedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 218309 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.

5.𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀

1. "Manni Murtii seerummaa gareen falmitootaa hin gaafanne ykn ifatti hin kaanse irratti Murtii kennuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti sdfhh keewwata 182(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.

1. "Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ragaa dabalataa fudhachuu fi madaaluun Murtii kennuun isaa,ragaa falmii Mana Murtii jalaa irratti hin dhiyaannee fi ragaa adeemsa seeraa hordofee hin dhiyaanneedha hin jechisiisu,ragaan dabalataa akkanaa qajeeltoo madaallii ragaa hin hordofneedha hin jechisiisu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 208350 ta'e irratti sdfhh keewwata 345 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.

Yeroo muraasa qabnutti fayyadamnee waan xiqqoo(muraasa) hubannoof ta'a jennee waa'ee hiikoo dirqisiisoo gabaabsinee hiiknee barreessinee isiniif qoodne.Yeroo boqonnaatti seerota fi hiikoo dirqisiisaa dubbisuun beekumsa dabalachuun gaariidha.
Waan dubbistaniif galatoomaa!!

#Via #Mohamed_Nuree_badhaasoo