Forwarded from 𝐁𝐈𝐍𝐈𝐌𝐎𝐒 - 𝐋𝐀𝐖𝐘𝐄𝐑
𝗠𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗠𝗮𝗻𝗮 𝗠𝗮𝗿𝗲𝗲 F𝗲𝗱𝗲𝗿𝗲𝗲𝘀𝗵𝗶𝗻𝗶𝗶
✍️ Daldalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo biroo qabatee Naannoo biroo keessatti Bittaa raawwachuu danda'aa?
=============================
Murtii Mana Maree federeeshinii Gal.Lakk. 66/11 ta'e irratti kenname.
Daldaalaan tokko Hayyama daldalaa Naannoo tokko irraa fudhate qabatee Naannoo biroo keessatti osoo hayyama Naannichaa hin qabaatiin bittaa raawwate jedhamee yakkan kan hin gaafatamne ta'uu; Heera Mootummaa Federaalaa Ripaablikaa Itoophiyaa kew.22 fi 32 waliin wal qabsiisuun murtii kennee ture.
Murtii isaa kana keessatti Daldalaan tokko Naannoo hojii daldala itti hojjechuuf jedhu keessaa Damee baanuuf yoo ta'e qofa waajjira dhimmi ilaalu biraatti hayyama daldalaa fi TIN qabatee argamuun beeksisuu qabu jechuun murtii kenneera.
Join ➤ https://t.me/binimoslawyer

𝐇𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐚𝐦𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐭𝐮
🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba.
✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba.
✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara.
✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda.
✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa.
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Manneen Murtii Shari’s fi Aadaatti Waamichi Himatamaa Dhaqqabuun Sirnaan Mirkanaa’uun Mirga Dhagahamuu Himatamaa Eegsisuuf Qofa Otuu Hintaane Aangoo Mana Murtii Hundeessuufis Haalduree Dirqamaati
==================================
Dhimmoota seera dhuunfaa fi maatiin walqabatan ilaalchisee akkaataa amantaa ykn aadaa ofiitti furachuun ykn haqa argachuun Heera Mootummaa kwt 34(3) jalatti mirga beekamtii fi eegumsa heeraa qabu dha. Haaluma kanaan akka fakkeenyaatti manneen murtii sharia a Labsii Lkk 188/92 (sadarkaa Federaalaatti) fi Labsii Lkk 53/94n irra deebiin hundaa’uun akkaataa seera Shari’aatti tajaajila kennaa kan jiran yoo ta’u akkasumas manneen murtii aadaatis naannolee adda addaatti hundaa’uun hojii jalqabaa jiraachuun manneen murtii aadaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lkk 240/2013 waggoota afur dura hundaa’uun godinaalee naannichaa hundatti hojii eegaluun fakkeenya tokko dha.
Manneen murtii kun dhimmoota labsiilee kana keessatti akka ilaalan tarreeffaman irratti aangoo kan qabaatan yoo gareewwan falmii fedhii kennan, keessaayyuu himatamaan fedhii isaa barreeffamaan kenne, qofa akka ta’e Labsii Lkk 188/92 fi 53/94 kwt 5 jalatti, Labsii Lkk 240/2013 kwt 25 jalatti ifaan tumamee argama.
Himatamaan fedhii isaa kan ibsatu yoo waamichi sirnaan isa dhaqqabee fi isa dhaqqabuun mirkanaa’e qofa akka ta’e beekamaadha.
Waamichi kan dhaqqabuu qabu akkaataa maloota kenna waraqaa waamichaa SDFHH kwt 94-110 jalatti bal’inaan duriirfamee waan jiruuf keessaayyuu manneen Murtii Shari’aa tumaalee kanneen hordofuu akka qaban Labsii Lkk 188/92 fi Labsii Lkk 53/94 kwt 6(2) jalatti ifaan tumamee argama.
Manneen murtii Aadaatis waamichi himatamaa karaa nama jaarsoliin Mana Murtii Aadaa itti amananiin akka isa dhaqqabu taasisuu akka qaban Labsii Lkk 240/2013 kwt 27(5) jalatti ibsamee jira.
Bu’ura tumaalee seeraa olitti ilaalamaniin waamichi himatamaa sirnaan dhaqqabuu isaa mirkanaa’uun mirga dhagahamuu himatamaa qofaaf otuu hintaane aangoo manneen murtii kanneenii hundeessuufis haalduree dirqamaa akka ta’e hubatamuu qaba (parties’ consent is a prerequisite for the assumption or constitution of courts jurisdiction).
Kanumaan walqabatee Manni Maree Federeeshiinii dhimma aadde Raaniyaa Ahimed fi Dr Ibraahim Mohaammed irratti yaada Murtii Gumiin Calaltuu Dhimmoota Heeraa galmee Lkk 1352/07 irratti ilaaluun dhiyeesseef irratti murtii gaafa 03/07/2008 kenneen manneen murtii Shari’aa keessaayyuu nama biyya keessa hinjirre ykn biyya ormaa jiraachuun beekame waamicha karaa gaazexaa yeroo ajajan yeroo gahaa kennuun dhiyaatee fedhii isaa akka ibsatu carraa kennuufii kan qaban ta’uu fi kana otuu hingoone waamicha karaa gaazexaa qofa irratti maxxansiisuun himatamaan waamichi akka dhaqqabetti bira darbanii bakka hinjirretti dhimma ilaaluun mirga dhagahamuu himatamaa kan sarbu qofaa otuu huntaane mana murtii Shari’aa dhimmicha qabate dhimmicha irratti aangoo akka hinqabaanne taasisa jechuun bal’inaan xiinxalee murteessee jira.

❤1
SHH keeewwata 1195 fi 1196
Mirkaneeessa abbaa qabeenyummmaa manaa ilaalchisee ejjennoo Manni Maree Federeshinii SHH keewwata 1195 irratti qabu dhodhommooqiinsa akka hin qabne Murtii isaa lakkoofsa galmee 022/08 ta’e irratti kenne irraa eegalee, Murtiiwwan gara garaa yeroo gara garaatti kenneen beeksisee jira. Mirga abbaa qabeenyummaa Heera Mootummaan eegame tiksuuf ragaan abbaa qabeenyummaa bu’uura SHH keewwata 1195 tiin kennamu cimaa ta’uufi tilmaama tumaa kana jala taa’e fashaleessuuf kan tumame SHH keewwati 1196 dhiphatee hiikamuu kan qabu ta’uu Murteesseera.(Murtiiwwan Sadii PDF Obbo Eeliyaas nuuf qoode kana keessatti ni argamu-galmee lakk.106/15 ,105/15 fi 116/16)
https://t.me/http_Ijooseeraa
Mirkaneeessa abbaa qabeenyummmaa manaa ilaalchisee ejjennoo Manni Maree Federeshinii SHH keewwata 1195 irratti qabu dhodhommooqiinsa akka hin qabne Murtii isaa lakkoofsa galmee 022/08 ta’e irratti kenne irraa eegalee, Murtiiwwan gara garaa yeroo gara garaatti kenneen beeksisee jira. Mirga abbaa qabeenyummaa Heera Mootummaan eegame tiksuuf ragaan abbaa qabeenyummaa bu’uura SHH keewwata 1195 tiin kennamu cimaa ta’uufi tilmaama tumaa kana jala taa’e fashaleessuuf kan tumame SHH keewwati 1196 dhiphatee hiikamuu kan qabu ta’uu Murteesseera.(Murtiiwwan Sadii PDF Obbo Eeliyaas nuuf qoode kana keessatti ni argamu-galmee lakk.106/15 ,105/15 fi 116/16)
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
𝐇𝐢𝐦𝐚𝐧𝐧𝐚𝐚 𝐀𝐝𝐞𝐞𝐦𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐛𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐚𝐚𝐭𝐮 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐞𝐞 𝐃𝐞𝐞𝐛𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐇𝐚𝐲𝐲𝐚𝐦𝐬𝐢𝐢𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐭𝐮
🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba.
✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba.
✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara.
✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda.
✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa.
https://t.me/http_Ijooseeraa
🔰Adeemsa gabaabaan yeroo himanni dhiyaatu himatamaan ittisa yoo qabaate deebii dhiyeefatee falmachuuf akka manni murtii isaaf hayyamuuf iyyata isaa kakuun deeggaruun mana murtiiti dhiyeeffachuu qaba.
✅Himatamaan dhimmicha mormuuf ittisa gahaa akka qabu ibsuu bira darbee himannaa dhiyaateef itti gaafatamummaa kan hin qabnee fi dhimmichi fudhatama akka hin qabne ragaa sanadaa fi kan birootis qabaachuu isaa akkaasumaas sababoota dhimmichi fudhatama hin qabneef iyyata isaa keessatti ifatti ibsuu qaba.
✅Kunis manni murtichaa ittisaa fi ragaan dhiyaatu gara falmii dhimmaati seenuuf gahaa ta’uu fi dhiisuu isaa salphaatti akka madaaluuf ni gargaara.
✅Adeemsa gabaaban himanni yeroo dhiyaatu himatamaan deebii akka dhiyeefatu manni murtii yoo hayyameef himatamaan himanna dhiyaateef itti gaafatamummaa qabaachuu fi dhabuun kan beekkamu manni murtii gara falmii idileeti seenun bitaa fi mirga falmisiisuun ragaa bitaa fi mirgaa erga madaalee booda.
✅Sadarkaa iyyata hayyamsiisaa dhiyaate irratti manni murtii kan ilaalu ittisni himatamaan dhiyeefatee fi ragaan ibsame gara falmii haadhooti seenuuf gahaa tahuu fi dhabuu isaa qofa.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Cheekiin Akka Wabumatti (Security) ykn Meeshaa Qabsiifamuutti (Pledge) Kennamuu Ni Danda'aa? Haala Kamiin?
====✓✓====✓✓✓✓======✓✓✓✓✓
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 26/08/2012 ooleen Lakk.Ga.166392 (Jildii 27ffaa) ta'e irratti kenne keessatti:
✅"Waliigalteen Wabummaa ykn Qabsiisaa waliigalteewwan seerichi foormii barreeffamaatiin yoo raawwataman malee gatii hin qaban jechuun tume keessaa isa tokko ta'uun isaa ifadha (SHH kwt 1725(a), 1922(1-3), 2828(1-2)). Waliigalteen wabummaa ykn qabsiisaa kun dirqama kamiif akka seename, hanga dirqamichaa (baaxii ol'aanaa maallaqichaa) of eeggannoodhaan ifa taasifamuu akka qabuufi guyyaa waliigaltichi raawwatame ifatti teechifamuu akka qabu seerichi bifa dirqisiisaa ta'een kaa'eera (SHH kwt 2828 (1-2), 2864-2868 fi Seera Daldalaa kwt 952).
✅Tumaaleen seerichaa dirqisiisoon kun yoo guutamne malee waliigalteen wabummaa jira jechuun hin danda'amu. Dhimma kana keessattis, waamamtoonni cheekiin iyyataadhaaf kan kenname kaffaltiin akka ittiin raawwatamuuf osoo hin taane wabummaadhaaf haa jedhaniyyuu malee wabummaadhaaf ta'uu isaa haala tumaaleen armaan olitti ibsaman gaafataniin sanada waliigaltee wabummaa hubachiisuu danda'u hin dhiyeessine.
✅Haa ta'u malee, Dhaddachi Ijibbaataa kun lakk.Ga.123984 ta'e irratti cheekiin meeshaa kaffaltiin ittiin raawwatamu ykn meeshaa kaffaltiiti malee qofaa isaatti sanada waliigalteen jiraachuu mirkaneessuu danda'u miti jechuun murtii dirqisiisaa kenneera. Hima biraatiin cheekiin kennamuu isaatiin qofa gareewwan lamaan: jechuunis nama kenneefi nama dhiyeesse gidduutti waliigaltee (wabummaas haa ta'u qabsiisaa) jira jechuuf seerri nama dandeessisu hin jiru jechuudha (Lakki.Ga.123984(Jildii 21).
✅Gabaabumatti, falmii waamamtoonni cheekiin ulaagaa foormii tokko malee wabummaadhaaf kennamuu danda'a jechuun kaasan tumaalee seeraa ifa ta'anifi murtii dhaddachi Ijibbaataa kenne kan hubannoo keessa hin galchine waan ta'eef fudhatama hin qabu.
✅Cheekiin amala isaatiin ajaja haala irratti hin hundoofne kan ofirraa qabuufi maallaqa hangi isaa murtaa'e kaffaluuf qaama kaffaluuf (Payee) akkuma dhiyaateen itti kaffalamu, sanada daddarbuu danda'uufi maallaqni ittiin gaafatamu ta'uun isaa ifadha (Seera Daldalaa kwt 850, 827, 732, 715). Kaayyoon isaa inni muummenis sirni gabaa amansiisaa ta'e, saffisa qabuufi bu'a qabeessa ta'e akka jiraatu taasisuu akka ta'e amaloota bu'uuraa cheekiifi tumaalee seera daldalaa, Sdfs fi Seera Yakkaa keessa falmiiwwan cheekii irratti hundaa'anii dhiyaataniin walqabatanii teechifaman irraa ni hubatama" jedheera. Haala kanaan dhaddachichi kaayyoo ibsame kana irraa maquuf ulaagaan addaa guutamuu akka qabu ibseera. Murtiin kun murtiilee kanaan dura cheekiidhaan walqabatee kennamaa turan irraas hanga tokko kan fooyya'e fakkaata.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
Hiikoo Seeraa Dirqisiisaa Abbootii Seeraa Torbaan Kenname:
🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼🌼
⚖️ #Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 193067 ta'e xiinxala isaa keessatti hiikoo dirqisiisaa kenne:
Shh keewwatni 2443 fi 881 (2) gosa kennaa yeroo namni kennaa laate sun lubbuudhaan jiru raawwatiinsa qabaatu (donation intervivos) fi gosa kennaa erga namni kennaa laate du’een booda raawwatu(donation mortis causa) irratti raawwatiinsa ni qabaata.Akka dhaddachichaatti keewwattoota dhimma foormii tuman kunneeniif yeroo hiikoon kennamu jechoota keewwattoota kunneen keessattti hammataman qofa osoo hin taane,kaayyoo seerri jechoota sanaan galmaan gahuu barbaade giddu galeessa godhachuun kan hiikamu ta’uu mala.Akkasumas wayitii keewwattoota 881(2) fi 2443 tiif hiikkoon kennamu Labsii Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee Lakk. 922/2008 fi haala sirna hojii Ejensichaa hubannoo keessa galchuun barbaachisaa ta’uu ibseera.Kaayyoon inni ol’aanaan seerri waliigalteen kennaa (dhaamoo) yeroo taasifaman qabiyyeen isaanii nama kennaa(dhaamoo) laateef dubbifamuu isaa himni ibsu qabiyyee sanada waliigaltee kennaa(dhaamoo) keessatti caqafamuu qaba jedhu kennaan (dhaamoon) gosa kanaa qaama waliigaltee galmeessuu fi ragaalee mirkaneessu duratti galmaa'uun isaa waan dirqama hin taaneef,qabiyyeen sanadichaa dhugumaan kan fedhii irratti hundaa'e karaa seerri ittiin mirkaneessu keessaa isa tokko waan ta’eefidha.Bu’uuruma kanaanis,kennaan (dhaamoon) qabeenya hin sochoone irratti taasifamu ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaalee duratti kan hin galmoofne yoo ta’e,barreeffamaan ta’uu,ragoolii afuriin mirkanaa'uu fi qabiyyeen waliigaltee kennaa (dhaamoo) dubbifamuu isaa himni ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,kennaan (dhaamoon) ejensii galmeessaa fi mirkaneessa ragaaleen galmaa'e qaamni waliigalticha galmeesse sun dhugumaan wanti galmaa'uuf dhiyaate sun kan nama galmeessisuuf dhiyaate sanaan fedhiin taasifame ta’uu isaa mirkaneessuun galmeesse waan ta’eef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigaltee keessatti caqafamuun dirqama akka hin taane ibseera.Kanaafuu,waliigalteen kennaa falmii kaase qaama waliigaltee galmeessuuf aangoon kennameef biratti waan taasifameef,himni dubbifamuu qabiyyee sanadichaa ibsu sanada waliigalticha keessatti caqafamuu dhabuun isaa qofti waliigalticha bu’aa dhoorgisiisuu hin danda’u" jechuun hiikoo kennee ture.
Murtii Ijibbaataa kanarraa kan hubatamu:-
➢ Qabiyyeen waliigaltee kennaa qabeenya/qabiyyee hin sochoone irratti taasifamu nama kennaa laate sanaaf kan dubbifame ta’uu himni ibsu sanada walii galtichaa keessatti ifaan caqafamuu qaba.Haa ta’uutii garuu,sanadni waliigaltee sanaa qaama ragaalee mirkneessuu fi galmeesuuf angeeffame biratti galmaa'e yoo ta’e,himni dubbifamuu qabiyyee waliigaltichaa ibsu sanadicha keessatti caqafamuu baatus waliigalteen kennaa sun fudhatama ni qabaata jechuudha.
#Hiikkoo dhaddacha ijibbaataa duraan kennamanii turan Lakk.G.70057,Lakk.G.147331,Lakk.G.17429,Lakk.G.22712, Lakk.G.32337,fi foormii fi adeemsa dubbisuu waliigaltee dhaamoo fi kennaa waliin wal qabatanii jiran murtii Abbootii Seeraa 7'n kenname kanaan jijjiiramaniiru

#Yakka:- Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'ee,iyyatni murtiin balleessummaa akka irra deebi'ame ilaallamuuf kufa jalaa tahe murtii adabbii irratti bu'uura Sdfy kwt.202(3) tiiin sababoota adabbii salphisaaniif kaasuun falmuu danda'a moo? hin danda'u,sababoota adabbii salphisaan nama bakka inni hin jiretti itti murta'eef Manni murtii kakka'umsaa isaatiin qabuufii danda’aa?
===========================================================
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaata jiildii 27 ffaa lakka.galmee 188086 irratti:-
#Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'ee,iyyatni murtiin balleessummaa akka irra deebi'ame ilaallamuuf kufa jalaa tahe murtii adabbii irratti bu'uura Sdfy kwt.202(3) tiiin sababoota adabbii salphisaaniif kaasuun falmuu danda'u.
#Bu'uura qajeelfama adabbii 2/2006 fi sdfykwt.149(3) tiin yaadoota sababoota adabbii salphisaan kan seeraan tilmaamaan fudhatamaan ykn firii dubbii ragaan deeggaramu qaban dhihaatan wal-qabatee sababoota adabbii salphisaan firii dubbii ragaan mirkanaahuu qabani falmii barbaachisuu tahu,sababootni seeraan tilmaamni fudhatamu qabu falmii kan hin barbaachisu .
#Namni yakkaan himatamee bakka inni hin jiretti itti murta'uuf Manni murtii sababoota adabbii salphisan seeraan tilmaamni fudhatamu qaban ofii isaa kaasuun qabuuf akka qabu, sababoota adabbii salphisan firii dubbii ragaan mirkanaahu qaban qabuuf hin qabu jechuun murta'eera.
#Kana irraa kahuun iyyataan sadarkaa ol'iyyannootti sababoota adabbii salphisaniif kun yakki ittiin himatamee bu'uuraa Sykwt 27 tiin yaalii tahu,dhukkubsaata,abbaa maatii tahu fi miidhamaa waliin araaramu kaasuun dhiheeffate keessaa sababoota adabbii salphisaniif dhukkubsaata,abbaa maatii tahu fi miidhamaa waliin araaramu sababoota firii dubbii ragaan mirkanahuu qabaniiif waan taheef iyyataan Mana murtii jalatti waan hin jiretti waan murtiin kennameef sadarkaa ol'yyannootti fudhatama hin qabni jechuun murta'eera.
#Sababni yakki iyyataan ittiin himatamee yaalii tahuun bu'uuraa Sykwt27,31 fi 179 tiin sababa adabbii salphisu seeraan tilmaamu waan taheef Abbaa Alangaa deeggaruun yaada kennuun Manni Murtiis fudhachuuf iyyataaf akka sababa adabbii salphisuu tokkotti fudhachuun gulantaa tokkoon adabbii salphisuun murteesseera.
Kanaaf,Manni Murtii keenya namoota yakka yaaliin bakka hin jiretti himatamaan adabbii yoo itti kennu sababa adabbii tokko fudhateefi murteessu qaba.

Dogongorri adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n MM ofii isaa sirreessu kan akkamiiti?
==================================
Hiikkoo Dh Ijbt MMWF glm Lkk 245834 ta’erratti gaafa 07/02/2017 kenname ilaala =========================
Hiikkoo murtii Dha Ijbtf sababa kan ta’e dogongora moggaasa maqaa nama himannaa MM Sdrk Jalqabaa Federaalaatti dhiyeessee yoo ta’u innis maqaa himannaa duraa ittiin dhiyeesse jijjiiruun himannaa fooyyeffatee eega dhiyeesse booda MM maqaadhuma himannaa jalqaba ittiin dhiyeesseen murtii kennee ture.
Sana booda himatamaan maqaan koo sirriin isa himannaa fooyya’e keessatti caqafame waan ta’eef maqaan murtiin ittiin kenname akkaataa SDFHH kwt 208 n akka naaf sirraa’u jechuun gaafate.
MM sdrk Jalqabaa 1ffaa maqaan murtiin ittiin kenname kanuma himannaa keessatti himataan ibse waan ta’eef maqaa himannaa fooyya’e immoo MM waan hinfuuneef dogongorri MM adeemsa seeraa MM raawwatee fi ofii sirreessuu danda’u hinjiru.
Akkasumas 2ffaa maqaan himataa sirriin isa himannaan duraa ittiin dhiyaatee miti yoo ta’es dogongorichi kanuma himataa mataa isaati malee kan MM waan hintaaneef MM akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu hindanda’u jedhee iyyannoo dhiyaate ajajaan kufaa godhe.
MMO Federaalaatis komii itti dhiyaate kufaa gochuun ajaja MM Sdrk jalqabaa waan cimseef himataan dhimmicha Dh Ijbtatti dhiyeeffate.
Dh Ijbta gama isaan 1) maqaan iyyataa kan himannaa fooyya’e ittiin dhiyaate moo kan himannaan duraa ittiin dhiyaatedha kan jedhu MM jalaa qulqulleeffachuun akka irra turee fi 2) dogongora maqaa dabalatee dogongorri adeemsa falmii akkaataa SDFHH kwt 208n sirraa’uu qabu kamiiyyuu Mana Murtiinis ta’ee gareewwaniin yoo raawwatame MM dogongoricha akkaataa SDFHH kwt 208n sirreessuu akka qabu ibsuudhaan murtii MM jalaa diigee MM Sdrk jalqabaa irra deeb’ee iyyannoo himataa qulqulleessee akka fala Kennu bu’ura SDFHH kwt 343(1)tiin itti deebisee jira.

Adabbii Daangessuuf Miidhamaa Waliin Araaraamuu fi Beenyaa Kanafaluun Haal-duree ta’uu ni Danda’aa?
==================================
Adabbii yakkaa daangessuuf yakkamaan daangaa yeroo fi akeekkachiisaan yoo gad-lakkifame irraa barata, yakka biroo hinraawwatu, amalli isaa bisirraa’a jedhee Manni Murtii yoo itti amane gahaa akka ta’ee fi kanaan ala yakkamaan miidhamaa waliin araaramuus ta’ee beenyaa kanfaluu fi dhiisuun akka haaldureetti akka fudhatamu bu’urri seeraa gaafatu akka hinjirre bal’inaan ibsuudhaan Dh Ijbt MMWF glme Lkk 185700 fi glme Lkk 266395 irratti hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Abukaatoo Aadam Sa’id Kamaal Afaan Amaaraan kan barreesse irraa kan fidhatame

Seerummaa "Qabiyyeen Lafaa Humnaan Na Jalaa Qabame Akka Gadi Naaf Lakkifamu" Jedhamee Nama Dhuunfaa Irratti Dhiyaateen Wal Qabatee Ittisni Himatamaan "Kaartaan Qaama Aangoo Qabuun Irratti Naaf Kennameera" Waan Ta'eef Dursee Kaarticha Haqsiisuu Qaba Malee Kallattiidhaan Na Himachuu Hin Danda'u Jedhu Fudhatama Ni Qabaa? Kaartaan Yoom Haqsiifama? Yoom immoo Akka Ragaa Tokkootti Madaalama?
✓✓°°°✓✓✓✓°°°°°✓✓✓✓°°°°°✓✓
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen Lakk.Ga.252163 (kan hin maxxanfamne) ta'e irratti kenne keessatti:
✅Akka bu'uuraatti akkaataa Labsii Adeemsa Bulchiinsaa Federaalaa Lakk.1183/2012 kwt 56(2)fi (3)tiin murtiin bulchiinsaa Mana Murtii Ol'aanaa Federaalaatiif dhiyaatee keessa deebiin (Judicial Review) kan ilaalamu waajjirri bulchiinsichaa daangaa aangoo seeraan kennameef irra darbee ykn adeemsa seeraan tumame osoo hin hordofin yoo murtii kennedha. Labsichi kwt 2(3) jalatti immoo "Murtii Bulchiinsaa" jechuun qajeelfama baasuu osoo hin dabalatin, murtii qaamni bulchiinsaa hojii isaa guyyaa guyyaatiin mirga ykn dantaa namootaa irratti kennu ta'uu isaa ibseera. Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa kun Lakk.Ga. 220582 ta'e irratti seerummaa kaartaan akka naaf haqamu jedhu iyyannoo keessa deebiitiin (judicial review) kan ilaalamudha jechuun bu'uura Labsii Lakk.1183/2012tiin kan murteessee ture ta'ullee seerummaa iyyataan ammaa dhimma amma harkaa qabnu keessatti gaafate "waamamaan qabiyyee bal'inni isaa kaaree meetira 50,000 ta'e seeraan ala humnaan waan na jalaa qabateef akka gadi naaf lakkisu kan jedhudha waan ta'eef hiikkoo manni murtii jalaa irratti hundaa'uun murteesse kun dhimma ammaatiif kallattiin rogummaa kan qabu miti.
✅Wayita gaaffiin seerummaa qabiyyeen kiyya seeraan ala na jalaa qabame akka gadi naaf lakkifamu jedhu ykn seerummaan mirga abbaa qabeenyummaatiin walqabatu dhiyaatee falmiin namoota dhuunfaa gidduutti adeemsifamu, kan waraqaan ragaa irratti kennames haa ta'u kan irratti hin kennamne, falmichi ragaa waliin madaalamee mana murtii idileetiin kallattiidhaan murtiin kan itti kennamudha. Qabiyyeen kan eenyuuti? ykn qabiyyicha irratti eenyutu mirga caalmaa qaba? ijoon jedhu qabamee namoota ani abbaa qabiyyeeti jedhan gidduutti falmiin taasifamu kallattiidhaan mana murtii idileetiif kan dhiyaatudha malee dirqama murtiin bulchiinsaa irratti kennamee keessa deebiin akka ilaalamuuf mana murtiitti dhiyaachuu qaba kan jedhamu miti. Dhaddachi Ijibbaataa kunis dhimmi akkanaa kan ilaalamuu qabu kallattiidhaan mana murtii idileetti dhiyaatee ta'uu isaa lakk.Ga.229531fi kanneen biroo irratti hiikkoo dirqisiisaa kenneera. Kanaaf, lafa murtiin irratti kennamu irratti kaartaan murtii kaabinee irratti hundaa'ee kenname yoo jiraatellee kaartichi akka ragaa tokkootti kan madaalamudha malee falmiin abbaa qabiyyummaa dhaabbatee kaartichi akka haqamuuf qaama bulchiinsaatiif dhiyaatee, kaartichi yoo haqame malee himannaan qabiyyichi gadi naaf haa lakkifamu jedhu mana murtii idileetiif kallattiidhaan dhiyaachuu hin qabu jedhamuu hin danda'u.
✅Dhimma amma harkaa qabnu keessatti iyyataan ammaa mana murtii jalaatti gaaffii seerummaa kaartaan naaf haa haqamu jedhu hin dhiyeessine. Bu'uura sdfs kwt 182(2)tiin manni murtii murteessuu kan qabu seerummaa gaafatame irratti hundaa'eeti malee osoo seerummaan hin gaafatamin gareen iyyate kun dursee seerummaa biroo gaafachuun yoo irratti murteessise malee seerummaan isaa inni kun ilaalamuu hin qabu jedhamuu hin qabu. Manni murtii jalaa qabxiilee biroo irratti, kanneen akka jidduu lixan taasifaman gidduuttis, falmisiisee murtii kennamuu qabu kennuu osoo danda'uu himannaa mirgaa abbaa qabeenyummaa ykn falmii abbaa qabiyyummaa irratti murtiin kennamuun dura kaartaan haqamuu qaba yaada jedhu qabachuun dhimmicha irratti murtiin bulchiinsaa kennamee kaartaan yoo haqame malee murtii kennuuf aangoo hin qabu jedhee himannaa kuffisuun sirrii miti jechuun murtiiwwan jalaa diigee MMSDFtti qajeelfamaan gadi deebiseera.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤1
SDFHH keewwata 5(1) tiin wal qabatee murtiin dirqisiisaan MMWFDHIJ galmee lakk. 138062 ta’e irratti kennamee jildii 22 irratti maxxanfamee bahe falmii wal fakkaataa lafaan wal qabatee dhiyaatu irratti raawwatiinsa ni qabaataa?==========================================================
Akkuma yaadatamu himannaa jeequmsi dhaabatee qabiyyeen gadi naaf yaa lakkifamu jedhu dhiyaatee Murtiin erga kennamee booda,himannaan yeroo lammaffaa qabiyyeen akka gadi naaf lakkifamu jechuun dhiyaatu dhimma murtiin dhumaa irratti kenname waan ta’eef bu’uura SDFHH keewwata 5(1) tiin fudhatama akka hin qabne Murtii dirqisiisaan galmee lakk.138062 ta’e irratti kennamee ture.Murtiin kunis qabeenyaa mana kondominiyeemii irratti kan kennamedha.==========================================================
Falmiin wal fakkaataan qabiyyee lafaa wajjin wal qabatee yeroo dhiyaatutti,ogessotni seeraa tokko tokko darbee darbee yaada kaasaniin-Murtiin galmee lakk.138062 ta’e irratti kenname mana kondominiyeemii kan ilaalu waan ta’eef falmii lafaatiif dirqisiisummaa hin qabu- jechuun yeroo falman ni mul’ata.=============================================================
Gama kanaan MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 245488 ta’e irratti dhaddacha gaafa 06/02/2017 ooleen kenneen,hiikni seeraa galmee lakk.138062 ta’e irratti kenname falmii lafaa irrattis raawwatiinsa kan qabu ta’uu isaa murtii duraan kenname caqasuun Murtii dirqisiisaa kennee jira.===============================================================
#Gaafiin maxxanasa kana irratti gaafatame Murtiin MMWF Dhaddacha Ijibbaataan kennamu maal isaatu yookaa haala kamiin dirqisiisummaa qabaata? Kan jedhuun kan wal qabatu waan ta’eef hubannoo toora san jiru gabbifachuun barbaachisaadha. ==============================================
Murtii hin maxxanfamne.

❤1👍1