Forwarded from Desalegn B. (Desalegn B.)
Hiikkoo Seeraa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Aangoo Qulqulleessituu Qabeenya Dhaalaa (Liquidator)fi Adeemsa Itti Falmiin Dhagahamu ilaalchisee dhaddacha gaafa 07/02/2017 ooleen Lakk.Ga.251213 (kan hin maxxanfamne) ta'e irratti kenne.
(Garagalchi murtichaa murtiilee dhaddacha Ijibbaataa MMWF Abukaatoofi Barsiisaa Seeraa Abdurahamaan Sayidiin Adoolessa 2017 walitti qabame keessaa argachuu dandeessu)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
Manni Murtii Dhimmaa Mirga Wabii Yakka Malaammaltummaa Ilaaluuf Aangoo Qabu Kamidha?
================================
Heera Mootummaa kwt 17(2); ICCPR kwt 9(1); SDFY kwt.109(1); Labsii Lkk 424/97 kwt 7(1&4), Labsii Lkk 882/2007 kwt 7(5); Labsii Lkk 322/95 kwt 7 fi ; Murtii Dhaddaachaa Ijibaataa Lkk.glm 252231 waliin kan ilaalame
================
Heeraa mootummaa Federalaa fi Naannoo Oromiyaa kewt.17(2) jalatti namni kamiyyuu namni kamiyyuu sirna seeraan tumameen alatti qabamu,osoo himanni itti hin dhiyaatiin ykn itti hin murtaayin hidhamu hin danda’uu jechuun mirgaa billisummatiif eeggumsa kan godheef yoo tahu.
Akkasumaas qaama heeraa biyyaa keenyaa kan tahe Sanadaa waadaa mirgoota sivilii fi siyaasaa idil-addunyaa kewt.9(1) jalatti mirgaa eeggumsii godhameef yoo tahu. Gama biratti
immoo namnumaan adeemsa seerattin hidhame illee haala adda seeraan dhoorkameen alatti
mirgi wabii eeggamuufi akka qabu Heeraa mootummaa kewt.19 (6) tumameera.
Yakkoonni malaammaltummaa yakkoota kaan irraa addatti seera deemsaa fi ragaa kan qabanii fi
mirgi wabii ilaalchisees yakkooti kun ulaagaa addaa kan qabnidha. Kunis Labsii seeraa deemsaa addaa seeraa ragaa yakkoota malaammaltummaa Lakk.434/97 fi akkumma fooyya’een labsii Lakk. 882/2007 irratti ifaan tumamee jira.
Labsii 434/97 kewt.7 (1 fi 4) jalatti yakka malaammaltumman walqabatee dhimmoota akka yeroo beellama, ajaja sakkatta’iinsa fi qabiinsa,mirgaa wabii ,dhoorkii fi kanneen biroo qorannoo yakka malaammaltumman walqabatan ilaaluu kan danda’uu mana murtii himanna yakka
malaammaltummaa ilaaluuf aangoon kennamee mana murtii ol’aana Federaala tahu fi bakka bu’ummaan immoo manneen murtii Naannoolee bu’uura labsii lakk.322/1995ttin aangoo bakka bu’ummaa qabaniin tahu kan tumamee yoo tahu. Tumaa labsichaa kewt.7(4) akkumma jirutti tahe ,labsii kana fooyyeessuuf kan bahee labsii lakk.882/2007 kewt.7(5) ajaja qabiinsa, sakkatta’iinsa, yeroo beellama ,mirgaa wabii fi dhimmoota kanneen biroo adeemsan walqabatan ilaaluu kan danda’uu mana murtii himanna yakka malaammaltummaa ilaaluuf aangoo qabutti
dhimmichaa dhiheessuun mirgaa himatama kan dhiphisuu yoo tahe, ragaan akka baduu kan
taasiisuu fi baasii hin malleef kan namaa saaxiluu jedhee qaamni yakka malaammaltummaa
qorachuu fi himanna dhiyeessuuf aangoon kennameef kan itti amaanuu yoo tahe akkummaa haala isaatti mana murtii sadarkaa jalqabaa dhiheenyatti argamutti akka ilaalamuu murteessuu akka danda’uu tumameera.
Dh.Ij.MMWF jildii 27ffaa lakk.galmee 252231 tahe irratti labsii lakk.882/2007 kewt.7(5)tiin gaaffiin yeroo beellama mana murtii ol’aana godinatti dhihaate yeroon qorannoof barbaachiisuu kennamee ergaa manni murtii dhimmi yeroo qorannoo itti dhihaate gaaffii mirgaa wabii iyyaata ofitti fudhee ilaaluuf aangoo qaba jedheera.
Gama birattin manni murtii dhimmicha ofitti fudhee ilaaluu turee gaaffii mirgaa wabii iyyaatan dhiheessuu kufaa ergaa godhee booda A/A bu’uura s/d/f/y kewt.109 (1)ttiin guyyaa 15 keessatti himanna shakkama Irratti akka dhiheessuu jechuun ajaja kennuun galmee ergaa cufee booda guyyaa kennamee keessatti A/An himanna osoo hin dhiheessine sababa hafee daangaan yeroo ka’aame kan xumurame yoo tahe ,iyyaatan(shakkaman) gaaffii mirgaa wabii dhiheeffachuu kan
danda’uu tahuu.
Gama A/Attin immoo ajajni guyyaa 15 keessatti himanna akka hundeessuu jechuun manni murtii
kennee ol’iyyannoo ilaalamee osoo hin diigamne fi yeroo kennamee keessatti himanna osoo hin
hundeessine shakkama mana hidhaa keessaa tursiisuun sirna seeraan tumamee alatti iyyaata ykn shakkama to’aana jala tursiisuudhaa.
Gama birattin immoo gaaffii mirgaa wabii iyyatan ykn shakkaman ergaa yeroon A/A himanna akka hundeessuuf kennamee xumurameen booda dhiheessuu sababa harawaa irratti hunda’ee kan manni murtii gaaffichaa sababa akka harawatti ummameen kan dhihaate tahuu hubatee seeraa roogumma qabu waliin ilaalee furmaata kennuu akka qabu fi kana irraa kan hafe gaaffii mirgaa
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dhimmoota Dantaa Mootummaa ilaalchisee Falmii Seeraa Kamiiyyuu Biiroo Abbaa Alangaa Yoo Eeyyame Malee Manni Hojii Mootummaa Kamiiyyuu Ofii Falmii Hindanda’u (Dambii Lkk 243/2016 kwt 5
==================================
Abbaa Alangaa osoo hin beeksisiin falmii mana Murti Abbaa Alangaatiin alatti gaggessuun mootummaa kasaaraaf saaxiluun yakkaan nama gaafachiisa. Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dambii dhimmoota hariiroo hawaasaa Lakk-243/2016 mirkaneessun Amajjii 10 bara 2016 irraa eegalee hojiirra oolchee jira. Dambichi seensa isaa irratti kaayyoon dambichi ittiin bahe Aangoo hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa Ummataa fi Mootummaa kabachisuu Biiroo Abbaa Alangaatif kennamee jiru karaa qulqullina, si’oominaa fi bu’aa qabeessa ta’een hojiirra oolchuudhaan qisaasama qabeenyaa mootummaa fi ummataa ittisuu irratti akka xiyyeeffate ifatti ibsee jira. Dambichi kewt. 4 jalatti Daangaa raawwatiinsa isaa dhaabbilee misooma mootummaa, manneen hojii mootummaa, namoota deeggarsa adda addaa barbaadanii fi akka barbaachisummaa isaatti jaarmiyaalee ummataarratti raawwatinsa kan qabu ta’uu tumee jira.
Dabalataan keewwata 5 jalatti Manneen Hojii Mootummaa kamiiyyuu Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Caasaa isaa Sadarkaan jiran irraa heyyama ykn bakka bu’ummaa osoo hin argatin Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Ummataa fi Mootummaa ta’an irratti falmii kamiiyyuu gaggeessuu akka hin dandeenye tumee jira. Kana jechuun Dhimmoota manneen hojii mootummaa fi dhaabbileen misooma mootummaa falmii mana murtiitti gaggeeffamu beekkamti Abbaa Alangaatiin Alatti Itti gaafatamaa waajjiraa ykn bakka bu'aa ykn dubbii fixaan mootummaa ykn dhaabbilee misooma mootumma waanuma Caasaa qabanii fi Aangoon manicha bulchuu kennameef qofaaf bakka bu'ee falmuu akka hin dandeenye dhoorkamanii jiru. Qaamni kamiiyyuu Qajeeltoo danbichaan tumame keewwata 35 jalatti Namni dirqamoota ykn dhoorkaalee dambichaan tumaman darbee kan argame yoo ta’e tarkaanfii bulchiinsaa fi seera yakkaan kan gaafatamu ta'uus ni ibsa.
Kanumaan Itti gaafatamummaa Seeraa kanas yoo ilaalle Labsiin yakkoota Malaamaltummaa tumuuf bahe Lakk 881/2007 kewt 13 jalatti ifa godheera.
Maftuu Lawyer@ Gola Seeraa

Beeksisa MMWOtiin Bahe
=========
Beeksisa Dorgommii Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa (Leenjii Kan galuu barbaaduuf)
Desalegn B.
#Murtiile_DHIMMWF_fi_Waliigaltee_Qabeenya_hin_sochoone_irratti_taasifamu
✍️dhaddachi ijibbaata MMWF jildii 23 ffaa Lakk Galmee 153664 irratti namni tokko qabeenya hin sochoone dhaaltota keessa isa tokko qofa waliin Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa raawwate qaama Angoo qabu biratti yoo hin galmoofnee Raawwatiinsa hin qabu.
✍️waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa yeroo diigamu immoo himata biraa dhiyeesuun osoo hin barbaachifne namni maallaqa sababa waliigalteetiin fudhate maallaqa kana nama kafaleef deebisuuf dirqama qaba.jechuun mirtii dirqisiisaa kennee jira.
✍️dhaddachi ijibbaataa MMWF jildii 22ffaa Lakk Galmee 123761 irratti Namni tokko qabeenya mana waliigalteedhan bitee manicha kana Aangoo Qaama sadaffaatti dabarsuuf bakka bu’iinsa fi sanadoota Manicha ilaallatan gurguraa irraa fudhatuus waliigatichi qaama Aangoo qabu birati yoo hin galmoofnee (hin mirkanoofne) ta’ee fi manichii qaama sadaffaatii (bitaa 2ffaa ttii ) yoo darbee waliigaltee bittaa fi gurgurtaa fi Aangoo bakka bu’iinsa isaa waliigaltee qaama 3ffaa waliin raawatamee mormuuf akka ragaatti dhiyeesu hin danda’u jechuu murtii dirqisiisaa kennee jira.
✍️dhaddacha ijibbaataa MMWF jildii 8ffaa Lakk Galmee 39803 irratti S/H/H keewata 1723 (1) jalatti waliigalteen qabeenyaa hin sochoone ilaallatan Qaama waliigaltee galmeessuuf(mirkaneessuuf) Aangoo qabu fuula duratti yoo hin taasifamne fudhatama akka hin qabne ibsa. Karaa biraan immoo kennaan (donation) qabeenya hin sochoone immoo bu’uura keewata 1723 (1) ta’uu akka qabuu keewata 2443 ta’e 881 jalati hin ibsamne.
✍️keewatni 1723 (1) waliigaltee akka waliigalaatti kan ilaallatu yoo ta’uu keewatni 2443 fi 881 immoo seera addaa (special laws) kennaa (donation) ilaallatanidha. Kanaaf waliigaltee kennaa (donation) qabeenya hin sochoone bu’uura keewatni 1723(1) ajajun qaama waliigaltee Raawachiisuuf Angoo qabu fuuldurati raawatamu baatus waliigaltichi kan raga’eedha jechuun murtii dirqisiisaa kennee jira.

Akkaataa Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lkk 69/95 kwt 74(2)tiin Qabeenyi Bittaa Gurgurtaa Qabeenya Dhuunfaa Irraa Argameedha Jedhamee Mana Murtiitti Galmaa’uu Qabu Mallaqa Dheedhii ykn Qarshii Nidabalataa?
==================================
Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt 73 fi 74, Hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWF glm Lkk 221394 ta’erratti kenname (kan hinmaxxanfamne)
=================
Raawwii gaa’elaan dura qabeenyi abbaan warraa ykn haati warraa dhuunfatti qaban ykn gaa’ela keessatti dhaalaan ykn kennaan dhuunfatti argatan ulaagaa biroo ykn haalduree biroo otuu hinbarbaachisin turtii gaa’ilaa keessattis kanuma dhuunfaa ta’ee kan ittifufu akka ta’e SMO kwt 73 jalatti tumamee jira.
Bu’ura kanaan yeroo diiggaa gaa’elaa hordofee falmii qooda qabeenyaa ka’etti gareen qabeenyichi kan dhuunfaa kooti jedhu haaluma olitti ibsaman kana hubachiisuun qooda qabeenya waliinii keessaa baasifachuu akka danda’u tumaalee seerichaa kwt 72, 73 fi 112 fi 113 walitti dubbisuun hubachuun nidanda’ama.
Gama biraan qabeenyi haala olitti ibsameen gaa’elaan dura kan dhuunfaa ture gaa’ela keessatti gurguramuun qabeenyi biroo kan ittiin horatame ykn bitame yoo ta’e qabeenyi haaraa bitame falmiin diiggaa gaa’elaa otuu hinka’in dura bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaatiin kan argamee fi qabeenya dhuunfaati akka jedhamuuf mana murtiitti akkaataa seericha kwt 74(2)tiin yoo galmaa’uu malee qabeenya waliinii akka ta’us kwt 74 (2) jalatti ifaan tumamee argama.
Kana jechuun qabeenyichi kan dhuunfaa ta’uu hubachiisuun kan danda’amu mana murtiitti galmaa’uu isaa murtii galmee mana Murtii dhiyeessuu qofaan ta’a jechuudha.
Kanaan walqabatee qabeenya dhuunfaa gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirameedha jedhamee akkaataa SMO kwt 74(2)tiin galmaa’uu kan qabu qabeenya bifaan bitame ykn jijjiirame qofa moo mallaqa dheedhii gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa gaa’ela keessatti argames nidabalata, kan jedhu hiikkoo waan barbaaduuf Dhaddachi Ijibbaataa MMWF galmee Lkk olitti caqafame irratti hiikkoo haaraa sagalee caalmaan kennee jira.
Haaluma kanaan qarshiin 6,915,555.84 dhimmicha keessatti falmiif sababa ta’e kan iyyataan dhuunfaan mana waliin haadha warraa duraa yeroo walhiikan gahee isaa irraa qoodamuun gaa’ela waamamtuu ammaa keessatti gurgurtaa caalbaasii raawwatame irraa argate waan ta’e akkaataa seericha kwt 74(2) jalatti bittaa fi gurgurtaa qabeenya dhuunfaa irraa kan argame jedhamee galmaa’uu kan dirqamuu miti jechuun murtii Dhaddacha Ijbta naannichaa dabalatee manneen Murtii naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran mallaqichi akkaataa kwt 74(2) waan hingalmoofneef kan waliiniiti jechuun kennan diiguun murteessee jira.
Sagaleen addaa namni tokko garuu kwt 74(2) SMO jalatti akka galmaa’u kan gaafatame qabeenya dhuunfaa gaa’ela dura ture ta’ee gaa’ela keessatti bittaa fi gurgurtaan jijjiirame hunda kan hammatu ta’uu fi mallaqni falmii kaases qabeenya gurgurtaa mana gaa’ela dura iyyataan qabu irraa argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti akkaataa kwt 74(2) galmaa’uu qaba jechuun murtiin Manneen Murtii Naannichaa kennan dogongora kan qabuu miti jedheera.
Tumaa seerichaa kwt 73 fi 74 waliin yemmuu ilaalamus qabeenyi gaa’ela dura ture mana jireenyaa ta’uu fi Innis gaa’ela waamamtuu keessatti gurguramee mallaqni ittiin gurgurame Lkk herreega iyyataatiin baankii olkaa’amee kan argame ta’uun mirkanaa’ee bakka jirutti tumaan seericha kwt 74(2) hinilaallatu jedhamuun hiikkoon sagalee caalmaan kenname ammas dhama qabeessummaan isaa falmii cimaa kan affeerudha.

Darbiinsa Yeroo Raawwii Murtii; Murtii Tokko Mana Guyyaa Kennamee Kaasee Yeroo Hangamii Keessatti Raawwiif Dhiyaachuu Qaba?
==================================
Seera Deemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa (SDFHH) kwt 384 fi Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa glm Lkk 35018 ta’erratti gaafa 18/02/2001 kennamuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfame
=================
Namni beela bahuuf haalli addaa fi amalli addaa yoo jiraate malee miidhaan nyaachuu akka isa barbaachisu Saayinsiin fayyaa kan ibsu yoo ta’u irraa caalaa fi baratamaanis bilcheeffatanii nyaachutu gorfama. Otuu hinbolchiissin fayyaa namaafis ta’ee pyscho namaafis hintolu.
Haaluma kanaan midhaan bilcheeffachuu qofa otuu hintaane kan bilchaate yeroodhaan myaatamuu baannaan ammas summi’aayuu ykn faayidaan ta’uun isaa beekamaadha.
Namni haqni ykn mirgi ykn dantaan isaa jalaa tuqame iyyannoo ykn hamannaa isaa qaama abbaa seerummaa , yeroo hedduu Mana Murtiitti , qabutti dhiyeeffatee kabachiifachuu kan qabu yoo ta’u kanas daangaa yeroo seeraan ibsame ykn hiikkoo seeraan kennameen ibsame keessatti fayyadamuu yoo hafe mirgi isaa kan daangeffamu akka ta’e beekamaadha.
Akkasumas murteessifachuu qofa otuu hintaane waan murtaa’eef yeroodhaan hordofatee raawwachiifachuunis barbaachisaa akka ta’e duraanii hubachuun miidhaa irraa nama oolchaa.
Jecha biraatiin akkuma nyaanni bilchaate yeroodhaan nyaatamuu yoo baate faayidaan ala ta’uu danda’u murtiin tokkos yeroodhaan raawwiif yoo dhiyaachuu baate daangaa yeroon daangeffama. Kunis SDFHH kwt 384 jalatti galmeen raawwii murtii altokko baname sababa adda addaan giddutti yoo cufames hanga waggaa 10 giddutti deebi’ee socho’uu akka danda’u tumamee kan jiru yoo ta’u abbaan mirgi murtaa’eef yeroo waggaa 10 keessatti akka fedhe galmee raawwii sochoofachuun raawwachiifachuu akka danda’u kan agarsiisudha.
Haata’u malee guyyaa murtiin kenname ykn nyaatichi bilchaatee irraa kaasee waggaa 10 keessatti murtiin raawwiif yoo dhiyaachuu baate darbiinsa yeroo waggaa 10n kan daangeffamu akka ta’u Dhaddachi Ijbta MMWF SDFHH kwt 384 caqasuun galmee Lkk 35018 ta’erratti murtii gaafa 18/02/2001 kennaan hiikkoo dirqisiisaa kennuun Jld 8ffaa keessatti maxxanfamee argama.
Kanaaf, namoonni mana murtiitti waa isiniif murtaa’e ykn fira ykn hiriyaa murtaa’eef qabdan yeroo barbaanne raawwachiifanna jettanii nyaata bilchaate ol hinkaahinaa dafaa raawwachiifadhaa, akka yeroodhaan raawwachiifatan hubachiisaa.

❤1
BAKKA BU’UMMAAN MIRGA KABACHIISUU SEEROTA ILAALLATAN MURAASA
1ffaa SDFHH kwt. 38(1) tiin bakka kan bu’uu danda’u nama faayidaa wal fakkaatu qabuu ( similar interest) dha. Bakka bu’ummaadhaan falmuuf haayyama mana murtii akka barbaadu dha seerichi kan tumee jiru. Bakka bu’ummaan asitti waajjira rogummaa qabu bira deemuun waliif kennan hin jiru jechuu dhaa? Moo fedhii miseensootaa bakka bu’anii haa falman jedhu mallatteessisuu qofaan ta’a? waanti hubatamuu qabu garuu namni bakka bu’u sunis dhimmicha keessaa dantaa kan qabu ta’uu qaba. Imaammanni tumaa kana duuba jiru dhamaatii fi baasii qusachuuf ta’uutu hubatama. Dantaa waloo kabachiisuuf himachuu fi himatamuu ittiin danda’u jechuu dha. Namni fedhii isaa haala kanaan kenne falmicha keessa seenee falmuuf akka haayyamamuufis gaafachuu danda’a. (SDFHH kwt 38(2) ilaallata. Heerri Mootummaa Kwt 37(2)(B) jalatti namni kamuu dantaa waliinii ykn wal fakkaataa garee inni keessaa qabu kabachiisuuf bakka bu’ee himannaa hundeessuu ykn falmuu akka danda’u tumameera.
FKN'f Qabiiyyee Lafa baadiyyaa waloodhaan dheedichaaf namoonni qaban irratti mirga itti fayyadamuu isaanii kabachiisuuf haala kanaan wal bakka buusuu danda’uu? Beenyaa gaafachuufoo haaluma kanaan wal bakka buusu moo waajjjira AA ykn dhaabbata rogummaa qabu kan biraa bira deemuun waliif kennuu qabu jettu? Bakka bu’ummaan akkasii bu’uura labsii lakk 922/2008 tiin dirqama galmaahuu hin qabuu?
HARKA QALLEEYYII BAKKA BU’UU
Labsiin Bulchiinsaa fi Itti fayyadamni Lafa baadiyyaa Federaalaa lakk 1324/2016 kw 41 jalatti dhaabbileen dhimmoota dubartii fi daaímmanii mirga lafa qabiiyyee dubartiin hiyyeessa taate qabdu fi kanneen biroo deeggarsi isaan barbaachisu kabachiisuuf bakka buutee himannaa mana murtiitti dhiyeessuufii akka dandeessuuf tumameera. Labsii naannoo lakk 214/2011 kwt 40 dabalataan deeggarsi gama Waajjira AA tiin taasifamu fi bakka bu'anii falmuu dandeessisu diriiree ittis hojjatamaa jira.
MIRGA NAMOOMAATIIN WAL QABATEE BAKKA BU’UMMAAN FALMUU
Labsii Mana Murtii Federaalaa hundeessuuf bahe lakk 1234/2013 keessattis Kwt 11(3, 4, 5)
Nama dantaa ykn mirga qabu qofa osoo hin taane nama dhimmicha dhiyeessuuf sababa qabu fkn, dhaabbilee rogummaa qaban kaayyoo hundeeffamaniin wal qabatu yoo ta’e mirga bu’uuraa heera mootummaatiin eegumsi taasifameef akka kabajamu bakka bu’anii himannaa dhiyeessuu danda’u. keessattuu kwt xiqqaa 4 jalatti (Any person who has vested interest or sufficient reason may institute a suit before the Federal High Court to protect the rights of his own or others) jechuun tumameera.
Labsii eegumsa naannootiin wal qabatees mirga namni kamiyyuu mirga himannaa dhiyeessuu danda’u tumameera. (any one can bring a law suit ( Proc. No.300/2002 art. 11) ilaallata.

Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Baayyina:100
Muuxannoo:0 year
Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa
👉 Sadarkaa barnootaa Digirii
👉Gosa barnootaa: Seera
👉 Eebbifamtoota bara 2016 as xumurani + Exit Exam pass
Galmeen:19-30/12/2017
Bakki Galmee: Waajjiraalee Abbaa Alangaa Godinaa fii Bulchiinsa Magaalotaatti galmaa'uu dandeessu.