Forwarded from Muhammedteyib Nure:Judge
Firii dubbii himannaa keessatti hin ibsamne falmiis ta’ee komii keessatti kaasuus ta’ee ragaa irratti dhiyeessuun dogongora bu’uuraa ijoo seeraa fi qajeeltoo madaallii ragaati jechuun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee Lakk. 251700 ta’e irratti hiikoo gaafa 26/05/2017 kenne.
Forwarded from Vacancy Posts
Rammis Bank Job Vacancy 3 August 2025
BA degree in Accounting, Management, Economics, Finance, Business Administration, or a related field
LLB Degree in Law
Salary and benefits: As per the bank’s scale
How to Apply
https://elelanjobs.com/job/rammis-bank-external-vacancy-announcement-multiple-banking-positions-apply-by-august-6-2025/
Deadline : August 06- 2025

❤1
Maatii; Waliigalteen Guddifachaa Mana Murtii Dhiyaatee Yoo Mirkanaa’ee Malee Bu’aa Seeraa Hinqabu
==================================
Seera Maatii Federaalaa kwt 194, 205 ; SHH kwt 894(1); Seera Maatii Oromiyaa (SMO) kwt 207 fi 208 fi; Murtii Dh Ijbta MMWF glme Lkk 199906 ta’erratti gaafa 05/02/2014 kenname (Jld 27ffaa)
==================================
Mucummaan ykn ilmummaan guddifachaa waliigaltee qophaa’e me nana murtiitti dhiyaachuun abbaa seeraan murkanaa’ee galmaa’e yoo jiraate malee guddifanni seera qabeessa jira jechuun hindanda’amu.
Akkasumas waliigalteen akkasii otuu hinjiraanne ani Ilma ykn mucaadha waan ta’eef dhaaltuudha jedhanii mirga dhaalaa gaafachuuf kan hindandeessifne ta’uu caalaayyuu ragaan dhaaltuu haala akkasiin fudhatame seeraan ala waan ta’eef haqamuu kan qabudha.
Kana malees waliigalteen guddifachaa seera qabeessi jiraaachuu fi dhiisuun qabxii ijoo gareewwaniin qofa ka’uu qabu kan jedhamu otuu hintaane Manni Murtii ofii isaa kaasee qulqulleessuu fi mirkaneeffachuu danda’u dha.
Dhaddacha Ijibbaataa MMWF glme Lkk 199906 ta’erratti murtii gaafa 05/02/2014 kennameen hiikkoo seeraa dirqisiisaa laatameedha .
Qabatamaan hawaasni biyya kanaa akka waliigalaatti, kan naannoo Oromiyaa addatti aadaa ijoollee Nama biroo guddifachuu bal’inaan kan qabuu fi kanas karama aadaatiin malee barreeffamaan qophaa’ee mana murtiitti kan raawwatamuu miti. Haala kanaan namoonni karaa aadaa daa’imummaa isaanii irraa guddifamuun Maatii guddisaa qofa akka Maatii ofiitti beekan , Maatii isaan uumate gonkumaa kan hinbeekne hedduudha. Namoonni akkasii yeroo guddisaan isaanii du’an ijoollee guddistoota irraa dhalataniin abbaa ykn haadha keenya irraa hindhalanne waan ta’eef dhaaluu hi danda’an jechuun yeroo falmiin irratti ka’u bal’inaan mul’ata.
Manneen murtiitis ragaa namaa dhagahuun miseensummaa maatiin ykn guddisuma aadaa bu’ura guchuun murteessaa turanii jiru. Amma garuu miseensummaas labsiin Lafa Baadiyaa Lkk 248/2015 waan haqeef guddisa karaa aadaa haqummaaf jecha ragaa namaan ilaalamaa tures hiikkoo Dhaddacha Ijibbaataa olitti ibsameen ifatti waan dhoorkameef murtiin walfakkaataa fi tilmaamawaa ta’e kan kennamu ta’a . Kun waan gaarii yoo ta’eeyyuu namoota karaa aadaa guddifamanii qe’ee fi ardaa maatii guddiseetti qofa ofbeekanii fi jiraatan haqa kan dhabsiisu ta’uun isaa yaaddoodha.
Jemal K Keweti
https://t.me/http_Ijooseeraa

Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 armaan dura bu'uura seera hariiroo hawaasaa keewwattoota 1178 fi 1179 tiin namni fedhiidhaan yookiin osoo hin mormiin Gamoo/Mana Lafa nama biroo irratti ijaare abbaa qabeenyaa ta'a jedhee murtiilee yeroo adda addaa kennaa ture amma immoo lakkoofsa galmee 242314 ta'een hafaa taasisee Abbootii Seeraa torbaan hiikoo haaraa kennee jira.
Kanaan dura hiikoon Seeraa Lakkoofsota Galmee 30101,178714,241173,240322,fi hiikoowwan kanaan wal qabatan hiikoo haarawa Lakkoofsa Galmee 242314 ta'een hafaa ta'aniiru.
Kan biraa 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 222277 ta'e irratti seera hariiroo hawaasaa keewwata 1179 tiin hayyama abbaa qabiyyeetiin kan Mana ijaarrate kan abbaa Manichaa kan ta'u Mana haaraa qabiyyee nama biroorratti yoo ijaareedha malee Mana moofaa qabiyyicha irra duraan ture diigee kan haaraa iddoo sanatti ijaare kan ilaallatuu yookoon dabalatu miti jechuun hiikoo kennee ture.
Ammas kan biroo 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝗴𝗮𝐥𝗮𝗮 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 249348 ta'e irratti qabiyyee Lafaa nama biroo irratti Mana osoo hin taane Dallaa irratti ijaaranii qabachuun abbaan qabiyyee osoo hin mormin ijaare jedhanii bu'uura seera hariiroo hawaasaa keewwata 1179 tiin falmuun kan hin danda'amne ta'uu hiikoo kennee turee jira.

Ragaan Sanadaa Qaama Mootummaa Irraa Kenname Jedhamee Dhiyaate Qorannoo Foorensikiin Hanga Mirkanaa’utti Qaama/Waajjira Mootummaa Ragicha Kenna Jedhame Keessaa Dhabamuun Qofaa Isaatti Ragicha Kan Sobaati Hinjechisiisu.
==================================
Dhimma seera ragaa yakka:-Murtiiwwan Dhaddacha Ijibbaataa MMWF n Onkoloolessa bara 2017 hanga Gurraandhala bara 2017tti Kennaman keessa kan fudhatameedha.
Murtichiis barsiisaadha , dubbisaa.
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddachi Ijibbaata jiildii 27 ffaa lakka.galmee 247213 irratti dhaddachaa gaafa guyyaa 05/2/2017 ooleen dhimmaa ragaa sobaa qopheessuu....ykn fayyadamuun himannaa yakka yoo dhihaatuun walqabatee sanadni sobaa tokko sobaa tahuu fi dhabuun akkamitti akka mirkanahuu akka qabu murteesseera.
Bu'uuruma kanaan,Manni Murtii tokko ragaan sobaa tahuu fi dhabuu kan mirkaneessuu qaban qorannoo ogummaa(foorenisikii) tiin malee ragaan tokko waan mana hojichaa kennee keessatti barbaadamee dhabameef qofa ragaan sun ragaan ragaa sobaatti jechuun murtii kennamuu sirrii miti jechuun murta'eera.
👇👇👇👇👇👇👇👇
Kanaaf,ragaan qaama mootumaa irraa kennamee tokko, kan booda hanga qorannoo ogummaa foronisiikiin nama kenneen kennamuun dhabuun mallattoon kan isaa tahuu fi dhabuun ,chaaphaan kan waajjira tahu fi dhabuun qoratamee hanga hin mirkanoofneetti ,ragichi waan qaama mootummaa irraa kenname keessaa barbaadamee dhabameef qofaaf nama yakka ragaa sobaa qopheessee ykn fayyadamee jechuun adabuun sirrii miti
#Murtii bareedu,dubbisa hojii irraa oolchaa,bakka namni itti miidhamaa jiru waan taheef.
Haqaaf Du’etu gumaache

❤3
Hojii Gaggeessaan Waldaa Daldalaa Akka Dhuunfaadhaan Kasaaretti (Personal Bankruptcy) Kan Labsamu Gochonni Akkamii Yoo Raawwatamanidha?
^^^^✓✓✓✓=====^^^^^^✓✓✓✓✓======
Waa’ee Dhuunfaan Kasaaruu (Personal Bankruptcy)
1) Namootni qabatamaan yookiin seeraan hoji-gaggeessaa waldaa tokkoo ta’an gochaalee armaan gadii kan raawwatan yoo ta’e, Manni Murtichaa adeemsa kasaaruu keessatti dhuunfaa isaanitiin kaasaruun isaanii akka labsamuu fi idaawwan waldichaa guutummaan yookiin gar-tokkeen akka kaffalan ajaja kennuu ni danda’a:
(a) Qabeenya waldichaa akka qabeenya dhuunfaa isaatti gurguruu;
(b) Waldicha akka haguuggiitti fayyadamuun faayidaa dhuunfaa argachuuf bittaaf gurgurtaa waldichaa raawwachuu;
(c) Qabeenya yookiin maallaqa waldichaa kaayyoowwan dhuunfaa isaatiif yookiin waldaa biroo namichi kallattidhaanis ta’e alakallattiin keessatti walitti dhufeenya faayidaa qabuuf haala fayyaduu danda’uun itti fayyadamuu;
(d) Waldicha akka haguuggiitti fayyadamuun faayidaa dhuunfaa isaa argachuuf hojii ifatti bu’aa hin qabne irratti hirmaachuu;
(e) Qabeenyawwan waldichaa qisaasuun yookiin guutummaatti yookiin gartokkeen dhoksuun yookiin dabummaadhaan idaan akka dabalu taasisuu;
(Seera Daldalaa Haarayaa, Labsii Lakk.1243/2013 kwt 815)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
Dhimmoota Ijoo Labsii Faayidaa Uummataaf Lafa Gadi Lakkisiisuu (Expropriation) Fooyya'ee bahe, Lakk.1336/2016 Keessatti Hammataman
££££✓✓£££££✓✓✓✓£££££££✓✓✓✓✓✓✓✓
Akkuma beekamu Labsiin Lakk.1336/2016 Labsii Lakk.1161/2011 fooyyessuun bara kana baheera.
Labsii fooyya'e kana keessatti dhimmoota ijoo akkamiitu hammatame?
✍️Lafti kan gadi lakkifamu piroojektii tajaajila bu'uuraalee misoomaafi tajaajiloota hawaasummaa mootummaa federaalaatiin hojjetamu babal'isuuf yoo ta'e, beenyaan qabeenyaa, beenyaa deeggarsa kaafamaa misoomaa, beenyaa beenyaa miidhaa dinagdeefi beenyaan addaan citiinsa walitti hidhamiinsa hawaasummaafi miidhaa hamilee kaffaluuf dirqama kan qabu BULCHIINSA MOOTUMMAA NAANNOLEE ta'uu;
✍️Beenyaan kunis DEEGGARSA Mootummaan federaalaa waggaa waggaan naannoleedhaaf taasisu, dhimmuma beenyaa kana hubannoo keessa galchuun bajata mootummaa federaalaatiin RAMADAMUfi galii NAANNOLEE keessaa ta'uu;
✍️Bu'uuraaleen misoomaa ykn tajaajiloonni hawaasummaa hojjetaman NAANNOLEE lamaafi isaa ol kan ilaallatan yoo ta'e, qaamni mootummaa federaalaa rogummaa qabu kan QINDEESSU ta'uu;
✍️Sararoota Dhaabbilee bu'uuraalee misoomaa tajaajila kennanii (sarara Itiyoo Telekoom, sarara humna Ibsaafi Bulchiinsa daandiiwwanii) bakka tokkoo gara bakka birootti kaasuuf ykn kaasuufi deebisanii ijaaruuf BAASIIN bahu kan HAGUUGAMU qaama federaalaa akka bakka ka'uuf gaafateen ta'uu;
✍️Hojii babal'ina bu'uuraalee misoomaafi tajaajiloota hawaasummaa mootummaa federaalaatiin hojjetamaniin wal qabatee himannaawwan dhaabbilee federaalaa kana akka GAREE falmiitti HAMMACHIISAN kan dhiiyaachuu qaban MANA MURTII FEDERAALAA sadarkaa duraa bakka WAAJJIRRI MUUMMEEN dhaabbatichaa itti argamutti ta'uu;
✍️Ajajonni kanneen akka; hoggansi ol'aanaan dhaabbilee kanaa qabamanii murtichi akka raawwatu, hojiin misoomaa akka dhaabbatu (dhorkamu), herregni Baankii akka dhorkamu ykn kallattiidhaan lakkoofsa herregaa irraa hir'ifamee akka raawwatamu jedhu kan kennamuu danda'u PIREZIDEENTII MMFSD tiin QOFA ta'uu;
✍️Gaaffiin beenyaafi baasiiwwan garaagaraa piroojektiiwwan duraaniitiin Wal qabatan bu'uura LABSII DURAANIITIIN (Labsii Lakk.1161/2011) xumura kan argatan ta'uudha.
HUBACHIISA:
👁️Akka Labsii kana keessatti ibsametti Bulchiinsa Mootummaa Naannoo beenyaa kan kaffalu madda sadii irraati. Isaanis; deeggarsa MF, bajata MFtiin RAMADAMUfi galii ofii irraati.
👁️Rakkoo dhaqqabummaa tajaajila haqaatiin wal qabatee uumamuu danda'u (Mirga haqa argachuu mirkaneeffachuuf deddeebii Finfinneetti taasifamuu malu) hanga tokko hir'isuuf sadarkaa naannoleetti Qaamni Iyyannoo Dhagahu (Complaint Hearing Body) fi Gumii Oliyyannoo Dhagahu (Appeal Hearing Council) cimaa ta'e, akkaataa labsiifi Dambii Lakk.472/2012tti, hundeessuun waan hin dhorkamneef qaamolee kana sadarkaa naannootti hundeessuun daran barbaachisaa natti fakkaata.
(Irra deebiin kan dhoobame)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Telegram
https://t.me/ijoo seeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
https://t.me/http_Ijooseeraa
❤2
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
#አዲስ_ውሳኔ ⚖️ #MURTII_HAARAWA
አንድ ሰው ወራሽ ስለመሆኑ ህጉ በሚፈቅደው ጊዜ ቢያረጋግጥም ውርስ እንዲጣራ ካልጠየቀ በይርጋ የሚታገድ ስለመሆኑ እና የወራሽነት ማረጋገጫ የምስክር ወረቀት በጊዜ መያዝ ይርጋን እንደማያቋርጥ የሰበር ውሳኔን በመሻር በሰባት ዳኞች የተሰጠ ውሳኔ ነው።
Namni tokko dhaalaa ta'uu isaa yeroo seerri kaa'e keessatti mirkaneeffatullee dhaalli akka qulqullaawu yoo hin gaafanne ragaan dhaaltummaa darbiinsa yerootiin kan daangau/addaan citu tahuu fi darbiinsa yeroo dhaalaa hambisuu hin dandeenye tahuu murteessee ture.

Murtii Mana Murtiitiin abbummaa daa’imaa mirkaneessuun wal qabatee garee falmitootaa irraa osoo hin kaane Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisaadha jedhee fudhachuun DNA n akka qoratamuuf yeroo ajajutti baasii qorannaa eenyutu haguuga? ==========================================================
MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 236817 ta’e irratti dhaddacha gaafa 28/06/2015 kenneen ooleen kan kanaan gadii jedheera.====================================================
🫱🏿Gareen DNAn naaf haa qoratamu jedhu baasii qorannaa taasifamuuf bahu haguuguuf itti gaafatamummaa akka qabu galmee lakk. 63195 ta’e irratti murtii dirqisiisaan kennamee tureera. ============================================================
🫱🏿Gareen bitaaf mirgaa osoo hin gaafanne,Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisadha jechuun fudhatee akka ragaa dabalataatti DNAn qoratamee akka dhiyaatu yoo ajaju baasiin sababa kanaaf bahu-baasii sababa falmiitiin bahu waan ta’eef, yeroo falmiin xumuramutti garee injifatamutu haguuga.=========================================================
Kanaaf Manni Murtii garee falmitootaa keessaa inni tokko akka haguugu taasisuun yookaan Dhaabbata Mootummaa yookaan Dhaabati Miti Mootummaa baasii kana haguuguu danda’an ajajuun yookaan karaa biraa akka haguugamu taasisuun DNAn akka qoratamu taasisuu-,akkaataa ajaja kennameen raawwachiisuuf diddaan yoo jiraate , Manni Murtii ajaja itti aanu kennuu qaba. ====================================================================
Gareen baasii qorannaa haguuguun DNA qorachiisi jedhamee dhaddacha irratti itti himame- baasii hin haguugu jedhee deeme - abbaa ta’uu isaa isaa of irratti waan beekeefidha jechuun tilmaamni fudhatamee Murtiin kennamu dogngora Seeraa sirna fudhiinsa ragaa ilaallatudha jechuun kan murteesse yoo ta’u,=================================================================
Dhimma wal fakkaataa galmee hin maxxanfamne lakk. 236184 ta’e irratti Murtii kennameenis - Iyyataan DNA qorachiisi jedhamee ajajni kennamee -innis baasii ittiin qorachiisu hin qabu jechuun osoo hin qorachiisiin hafeera. Kanaaf Murtiin-Iyyataan DNA sababa hin qorachiisiin hafeef gama biraatiinis akka abbaa daa’imaa hin taane ragaa faallaadhaan sababa hin mirkaneessineef- abbaa daa’imaati jedhamee kenname dogongora Seeraa Sirna fuudhiinsa ragaa ta’uu ibsuun erga diigee booda akkaataa adeemsa olitti ibsame hordofuun qulqulleeffamee, barbaachisaa yoo ta’es ragaa dabalataatiin qulqulleessuun Murtiin akka kennamuuf Mana Murtii jalaatti gadi deebisee jira.Murtii Hin maxxanfamne👇

❤1👍1
Abbaan Qabiyyee Lafa Baadiyaa Lafti Isaa Pilaanii Magaalaa Jala Gale Lafa Isaa Irratti Ijaarsa Raawwachuuf Eeyyama Ijaarsaa Baafachuuf Nidirqamaa?
==================================
Labsii Lkk 1356/2017 kwt 2(18), 7(1) fi Murtii MMWF Dhaddacha Ijbt Glm Lkk 234500 Ta’erratti Gaafa29/05/2016 Kenname
==================================
Magaalaa jiraattotni ishii 10,000 fi achii ol ta’e kamiiyyuu keessatti eeyyama ijaarsaa qaama ilaalu irraa otuu hinfudhatin mana ykn gamoo, dallaas ta’ee ijaarsa kamiiyyuu raawwachuunis ta’ee kan ijaarame fooyyessuu fi diiguun dhoorkaa ta’uun Labsii ijaarsa gamoo duraanii Lkk 624/2001 kwt 2(1) jalatti fi Labsii ijaarsaa haaraa Lkk 1356/2017 kwt 2(18) fi 7(1) jalatti tumamee argama.
Haata’u malee Dhaddachi Ijbta MMWF glm Lkk 234500 ta’erratti murtii gaafa 29/05/2016 kenneen abbaan qabiyyee Lafa Baadiyaa Bulchiinsa Ganda Baadiyaa jala turee fi pilaanii magaalaa jala gale eeyyama ijaarsaa B/Magaalaa irraa otuu hinbaafatan lafa isaa irratti ijaarsa raawwachuus ta’ee kan duraan ijaare haaromsuu hindanda’u jedhamee akka ijaarsa seeraan alaatti dhoorkamuu hinqabu jechuun xiinxala bal’aa taasisee jira.
Sababiin isaatis jedha Dhaddachi Ijbt, abbootiin qabiyyee Lafa akkasii kun Baadiyaa jala waan turaniif hanga akkaataa seeraan seera magaalaan galmeessee ragaalee barbaachisan hunda kennuufitti sanadootaa fi ragaalee eeyyama ijaarsaa baafachuuf Labsii ijaarsaan gaafataman kan hinqabne waan ta’anii mana haaraa ijaarachuufis ta’ee kan duraan qaban fooyyeffachuuf eeyyama ijaarsaa qabachuuf hundirqaman jechuun hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Garagalchi murtichaa kan obboo Doobbaa Shibbiroo yoo ta’u obboo Shura Bakaraattu naaf qoode. Lamaanuu galatoomaa jennaan