Dhaddachi ijibbaata Manni Murtii Waliigala Federaalaa Lakk.G 282248 gaafa 06/02/2017 Murtii dirqisiisaa laateen.
Dhimma yakkaa irratti  tumaan seeraa himatamaan jalatti balleessadha jedhame ifatti Adabbii daangessuu kan dhoorku  yoo ta’e malee, manni murtii himatamaan abbaa  ijoollee tahuu ibsuun Adabbii akka irraa daangahu gaafate yoo jiraate, manni murtii himatamaan dhugaan ijoollee kan bulchu yoo tahe, rakkoo xinsammuu fi diinagdee ijoollee irra gahuuf jedhamee Adabbiin himatamaa irraa daangahuu akka qabuu fi sababa quubsaa malee gaafii dangaa adabbii dhiyaate fudhatama dhabsiisuun dogongora Bu'uura seera tahu Murtii dirqisiisaa laateera.
https://t.me/Ijooseera
ክስን ስለማሻሻል

👇በፍ.ስ.ስህ.ቁ. 91. መሰረት አንድ ፍ/ቤት ውሳኔ ከመስጠቱ በፊት ማንኛውም ጊዜ ተከራካሪዎች ሲያመለክቱ ወይም በራሱ ጊዜ አቤቱታ እንዲሻሻል ሊያዝ ይችላል፡፡ ይህ ድንጋጌ በጠባቡ ሊተረጎም የሚገባው ነው፡፡ ለምሳሌ በአዲስ  ማስረጃ ለማቅረብ ማሻሻልን ነሚጠቀሙ አሉ፡፡
👇በክስ ማሻሻል ስርዓቱና ዓላማ ቀድሞ ዳኝነት ከተጠየቀበት ጉዳይ ፈጽሞ የተለየ ጥያቄ ለማቅረብ የማይችል ስለመሆኑ አንቀጽ 91፣342 (መዝ.ቁ 100475(ቅጽ 19)
👇ለአንድ ክስ መሻሻል ወይም ለክርክሩ መለወጥ ቀደም ሲል የቀረብን የክስ ምክንያት በመቀየር ለመሞገት ማቅረብ ነገሩን ይበልጥ የሚያብራሩ ወይም ትክክለኛ ፍትህ ለመስጠት የሚረዳ ነው በሚል ክስ እንዲሻሻል የሚፈቅድበት የህግ ምክንያት ስላለመኖሩ የፍ/ስ/ስ/ቁ. 91(1፣2)
👇 በመጀመሪያ በቀረበ የክስ መከላከያ መልስ ያልተካተትን የመጀመሪያ ደረጃ መቃወሚያ መልስ አንዲሻሻል በሚል ፍ/ቤት በሰጠው ትእዛዝ መነሻነት ተካቶ ሲቀርብ ተቀባይነት ሊያገኝ የሚችልበት የህግ አግባብ የሌለ ስለመሆኑ አንቀጽ 91፣244፣ መዝ.ቁ. 55973(ቅጽ 12)
👇 ከሳሽ ያቀረበው ክስ እና የክሱ ዝርዝር ይዘት የተለያየ ሆኖ የተገኘ ከሆነ ፤ ጉዲዩ የቀረበለት ፍ/ቤት ክሱ ተሻሽሎ እንዲቀርብ በማዘዝ ፤የክርክሩን ሂደት መምራት ያለበት ሰለመሆኑ፤ ፍ/ሥ/ሥ/ህ/ቁ 91(1) (መዝ.ቁ 122249 (ቅጽ 20).
https://t.me/Ijooseera
#LIQII_FI_MAALLAQA_LIQII_DEEBISUU
✍️ Liqaa jechuun akkuma beekkamu dhimmoota garaagaraa fi waliin jireenya haawasummaa keessatti waligaltee baratamaadha.
✍️ Liqaaniis seeran haguuggi qaba kuniis mirkaneessa ragaa waligaltee liqaa( SHH 2472 fi 2473 fi dhaddachi ijibbaataas mirkaneessa sanadaa irratti murtii kennee jira.
👉Waliigalteen liqaa mallaqa qarshii dhibba shanii (500) ol ta'e jirachuu isaa ragaa barruu dhiyeessuu qofan yookiin jecha amantaa yookiin kakuu Mana Murtii godhameen qofan mirkanaa’an
👉Namnni liqaa kiyya kaffaleen jiraa jedhus, kaffaluu isaa haala olitti ibsame qofan mirkaneessuu danda'a. (SHH Keewwata 2472).
✍️ Mirkaneessa waliigaltee liqii fi sanadaa irratti dhaddachii ijjibbaa mana murtii waliigalaa murtii kennee ture inniis
⚖️ "mallattoon sanada waliigaltee liqii irra jiru yoo mormame mallattoon waliigaltee irra jiru jedhame kan mirkanaa'u karaa tokkoffaan qorannoo teeknikaa taasisuunidha.Ta'us,mallattoo waliigaltee irra jiru qorannoo teeknikaatiin yoo mirkanaa'uu baate yeroo mallattoon sun mallattaa'u ragoolee turan jecha isaanii dhagahuun mallattoon kan eenyuu akka ta'e madaaluun waliigaltee mirkaneessuu akka danda'amu" shh keewwata 2472(1) waliin wal qabsiisuun
#Dhadd_Ijj_MMWF_Jildii_20ffaa_Lakk_Galmee_114553 ta'een hiikoo kennee ture.

✍️
Dabalataanis,Jildii 13ffaa Lakk.Galmee 71927 ta'eenis "mallattoo sanada irratti mallattaa'e kan eenyuu akka ta'e ragoolee namaa waliigaltee irratti maqaan isaanii ibsamee fi ragoolee birootiin qulqulleessuun adda baasuun akka danda'amu" hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

#Hambiifannoon keewwata 2473 jalati tumame ni jira
✍️ Haa ta'u garuu tumaan  SHH Keewwata 2472 hariiroo namoonni yookiin kaampaaniiwwan, daldala baankiilee waliin akka maammila qaban irratti raawwatamummaa kan qabu mitii. Waliigalteewwan liqaa yookiin liqaa of irraa kaffaluu daldala baankiilee wajjiin walqabatan ragaa nama yookiin tilmaama seeraan mirkaneessuun ni danda'ama. (SHH Kew. 2473).
#LIQII_DEEBISUU
✏️ Maallaqa Liqaa Deebisuun Walqabatee, Yeroon Kaffaltii Tureera Yoo Ta'e, Nama Liqeesseef Dhala Seera Qabeessa Bifa Kasaaraatiin Kaffalamuun Alatti, Kaffaltiin Bifa Adabbiitiin Kaffalamuuf Waliigalamu Diigamaa Ta'uu ‼️ ( SHH kwt 2489, Jildii 12ffaa L.G. 59882)

Akka qajeeltotti qaamni waliigaltee raawwatu qaamni tokko bu'uura waliigalteetiin dirqama isaa kan hin raawwanne ykn hir'isee ykn kan tursiise yoo ta'e adabbii kaffalamuu qabu irratti waliigaluu akka danda'an SHH kwt 1889 jalatti tumameera. Ta'ullee qajeeltoo waliigalaa kana haala addaatiin daangessuun tumaan addaa kan tumame yoo ta'e qajeeltoon waliigalaa kan hin raawwanne ta'uu hiikoo raawwatiinsa seerota waliigalaa fi seerota addaa irraa hubachiisuun ni danda'ama.
Maallaqa liqii deebisuun walqabatee liqeeffataan maallaqa liqeeffate yeroo waliigalticha keessatti caqafametti kan hin deebisne (tursiise) yoo ta'e, nama liqeesseef dhalli seera qabeessi bifa Kasaaraatiin Kaffalamuu qabu shh kwt 2489(1) jalatti tumameera.
Kanaan alatti bifa adabbiitiin akka kaffalamu kan waliigalame yoo ta'e, waliigaltichi diigamaa ta'uu kwt 2489(2) jalatti tumameera.
Kanarraa kan hubatamu liqii irratti kasaaraa kaffaluun alatti adabbiin kan hin jirre ta'uu dha.
✍️ Dhiimmi liqii yeroo heddu wal amanuun walitti kennanii xumura irratti wal waakkachuu jira wan taheef  isiniis barreeffamaan yoo godhu hin dagatinaa.
#Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 172365 ta'e Irratti Qarshii Liqii Ilaalchisee Murteesse:
Ka'umsi dhimmichaa gabaabinaan,dhaabbanni himataa fi himatamtoonni waliigaltee liqii qarshii raawwatanii turan.Himatamtoonni qarshii 91,666.60 dhala waggaatti dhibbeentaa kudha shan(15%) waliin kanfaluuf waliigalanii dhaabbata himataa(Maayikiroo Faayinaansii) irraa liqeeffatanii turan.Himatamtoonni akkaataa waliigalteetiin qarshii liqeeffatan dhala isaa waliin himataaf yeroon waan hin kanfalleef himataan mana murtii jalaatti sirna gabaabaan himata banee ture.
https://t.me/Ijooseera
1
#Kennaa_lafa_baadiyyaa_ilaalchisee_seerri_maal_jedha?
Labsii lakk-248/2015 kwt 13 jalatti
👉Qonnaan bulaan, gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga abbaa qabiyyummaa ykn biqiltuu dhaabbataa dhuunfaan qabu ijoollee isaa ykn ijoollee ijoollee isaatiif kennaan dabarsuu, Ijoollee ykn ijoolleen ijoollee yoo hin jirre abbaa ykn haadha ykn obboleewwaaniif kennuu danda’uu,
👉Qabiyyee ykn biqiltuu dhaabbataa qabu keessaa 1/2 ol kennuun dhoorkaa ta'uu,
👉Qonnaan bulaan ykn gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga a/qabiyyummaa lafaa qabu yeroo gaa’ila raawwatu nama gaa'ela waliin raawwatuuf kan dhuunfaa ykn kan waloo taasisuun kennuu danda’uu,
👉Qabiyyeen lafa baadiyyaa ykn biqiltuun dhaabbataan abbaa warraa
fi haadha warraa ykn namoota birootiin waloon qabame kennaan dabarsuuf waloon yoo irratti waliigalan qofa ta'uu.
👉#Waliigalteen_kennaa barreeffamaan ta’uu qabaachuu f afaaniin yoo raawwatame fudhatama kan hin qabne ta'uu
👉Waliigaltichi Waajjira Lafaa Aanaatti galmaa’u qabaachuu fi  Waliigalteen kennaa ulaagaa kana hin guunne seera duratti fudhatama kan hin  qabne ta'uu
👉Namni mirga a/qabiyyummaa kennaan argate, namni kennaadhaan mirga a/qabiyyummaa dursee argate ture erga namni dhaalamu du’ee kan argachuu danda’u hanga osoo kennaan hin raawwatamne ta’ee dhaalmaan argachuu danda’u qofa ta’uu.
👉Hangi qabiyyeen kennaan argate hanga dhaalmaan argachuu danda’uu ol yoo ta’e qabiyyee kennaa argate qabatee kan hafuu fi dabalataan dhaalmaadhaan kan hin arganne ta'uu,
👉Kennan haala irratti hunda’e naaf haa diigamu jechuun himanni dhiyaatu haalichi yeroo uumamee yk  uumamuu isaa namni kennaa kennu yeroo beekee kaasee waggaa 2 keessatti ta'uu.?namni qabiyyee lafaa akkaataa kanaan argate mirga a/qabiyyummaa qonnaan bulaan ykn horsisee bulaan ykn gamisa horsisee bulaan qabu kan qabaatu ta'uu labsii armaan olii fi  SHH kwt 1723,2005 fi 2443, MMMWFDHI jiildii 8ffaa LGMM-39803 fiJildii 26ffaa LGMM- 215762 irraa hubachuun ni danda'ama.
https://t.me/Ijooseera
👍2
Dhimma yakkaan walqabatee ajjeechaa dasiiba (SY kwt 540) fi ajjeechaa cimaa (SY kwt 539) maaltu gargar baasa?
Yaada dhuunfaa letireeturii fi hiikkoo murtii Dhaddacha Ijibbaataa Jld 10ffaa glme lkk 45927 irratti kenname waliin xiinxalameedha
Akka waliigalaatti yakki tumaalee lamaan jalatti tumame gosa yakkaa itti yaadamee lubbuu Ilma namaa irratti raawwatamu ta’ee inni yakka cimaa jedhamee kwt 539 jalatti tumame haalota firii ijoo dubbii kwt 540 irra adda isa taasisaniin kan ibsamudha. Seericha kwt 540 jalatti yakki ajjeechaa raawwatamu hariiroo olii bulii namootaa keessatti walitti bu’iinsa tasa otuma ittihinyaadnee fi ittihinqophoofne uumamuun gochaa hanga lubbuu walbaasuu geessisudha. Kanaafidha ajjeechaa dasiibaa ykn ordinary homicide/murder ykn ተራ ግድያ kan jedhamuufis.
Gama biroon haalonni SY kwt 539 jalatti ajjeechaa cimaa hundeessan isaan bu’ura ta’’an
1) haaloon jiraachuu ; haaloodhaan miidhaa ykn gochaa hamaa nama irratti raawwachuun hawaasa keessattis safuudha amantaanis cubbuudha. Kana jechuun gochaan badii haaloodhaan raawwatamu hameenyummaa ykn gara jabummaa addaa nama gochicha raawwatee kan agarsiisuudha.
2)haalota adabbii cimsan SY kwt 84 ykn 86 jalatti ibsaman yoo ta’an isaanis halkan dawoo godhachuu ykn gareen ta’uun (waliigalteen yakka raawwachuuf dursee taasifame jiraachuu) fi kkf akka waliigalaatti meeshaan fayyadamame ykn tooftaan filatame garajabeenna addaa raawwataa yakkichaa kan agarsiisu ta’uu (meeshaa jiruu fi jireenyaa isaa ittiin gaggeeffatu akka carraa walitti bu’iinsa uumame irratti fayyadamuu otuu hintaane yakkichumaaf ittiyaadamee kan filatame ta’uu qaba).
Kanaan walqabatee Dh Ijbta MMWF Jld 10ffaa glme lkk 45927 ta’erratti murtii kenneen haalota olitti ibsaman kan xiinxale yoo ta’u G. Gravenis haaluma kanaan bal’inaan ibsee jira. Hayyuun Lewiston jedhamus commentaries on Ethiopan Penal Code kitaaba jedhu irratti kanuma kan xiinxale yoo ta’u Tsahaay Waadaas akkasuma.
Kanaaf waliigalatti yakki ajjeechaa tokko ajjeechaa cimaa kwt 539 jalatti gaafachisu kan jedhamu haaloo qabachuun ykn meeshaa ykn tooftaan ittiin raawwatame balaafamaa fi garjabeenyummaa gaddaa kan agarsiisu ykn hawaasa keessatti akkaan kan nama sururu yoo ta’u kana irraan kan hafe ajjeechaan intentionally raawwatamu ajjeechaa dasiibaa jedhamee kwt 540 jalatti kan adabsiisudha,
Gama kanaan murtiin Dhaddacha Ijibbaataa ijibbaataa olitti caqafame haaloon ulaagaa yakka ajjeechaa cimaa kwt 539 jalatti gaafachiisuuti jechuun isaa sirrii ta’us dhimmicha keessatti dhuguma haaloon jiraachuu isaa irratti garuu hanqina ifaan mul’atu qaba.
Innis himatamaa fi duutuun waggaa sadiif jaalallee akka turan, kanfaltii ofii kanfaleefii kolleejjii barsiisotaatti akka barsiise, san booda ittiheerumuu waan diddeef halkan mana sireetti waliin eega bule booda barii isaa cuubeen itti deddeebisee woraanee akka ajjeese himannaa fi ragaan AA ni ibsa. MMO hanga Dhaddacha Ijbta naannichaatti kwt 540 jalatti kan murteessan yoo ta’u Dhaddachi Ijb Federaalaa waan ittiheerumuu diddeef haaloo qabatee ajjeese waan ta’eef ajjeechaa cimaadha jedhee kwt 539 jalatti balleessaa godhee adabee jira. Egaa Dhaddachi ijbt Federaalaa wanti ifa hingoone haaloon eega jiraate akkamitti halkan beergoo waliin bulan? Eega waliin bulan booda barii hotiilecha keessaa bahanii bakka ragaan AA jiranitti waraanuun isaa haaloon jiraachuu ni agarsiisaa? Kanaaf murtiin Dhaddacha Ijibtaa Federaalaa haaloo fi miira aarii battalaa walkeessa kan fuudhe fakkaata.
https://t.me/Ijooseera
1
Hordoftoota keenya kun Sagantaa keenna #Seerri_Maal_Jedha? Jedhuudha. Sagantaa keenya har’aatiin #Adabbii_Maallaqaa_Gara_Hojiitti_yookaan_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu jedhu qabannee dhiyaannee jirra.
#Adabbii_Maallaqaa_Gara_Hojiitti_yookaan_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu
Adabbiin maallaqaa sababoota garaagaraatiif raawwatamuu yoo baate, manni murtii bakka adabbii maallaqaa sana hojiin humnaa hojjatamuun adabbiin sun bu’uura murtiitiin akka raawwatu gochuun akka danda’amu seerri yakkaa tumee jira (SY kwt 95, 96). Hojiin bakka adabbii maallaqaa hojjatamu adda bahee maqaa garaagaraatiin moggaafamanii jiru: isaanis, hojiifi hojii dirqii jedhamanii ibsamu. Adabbiiwwan hojii bakka adabbii maallaqaa bu’uu danda’an lamaan gabaabinaan akka asii gadiitti tarreeffamaniiru.
A) #Adabbii_maallaqaa_gara_hojiitti_jijjiiru
Seerri yakkaa kwt 95 akka tumutti, namni adabbii maallaqaatiin adabamee maallaqa adabame battalatti, yeroo murtaa’e keessatti yookaan irraa-jala kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e yookaan qabeenya gurguramee idaan sun ittiin kaffalamu kan hin qabne yoo ta’e, kaffaltiin adabbii maallaqaa sun hojii hojjatamuun bakka bu’uu ni danda’a (SY kwt 95,96). Adabamaan hojii (humnaa) hojjatee adabbii maallaqaa sana akka kaffalutti, manni murtii adabamaa ajajuu danda’a. Murtii sana keessatti hangi adabbii maallaqaafi yeroo hojiin sun keessatti hojjatamu murtii murtaa’u keessatti ifa ta’uu qaba (SY kwt 95). Hangi adabbii maallaqaa guddaa ta’uun yookaan kaffaltiin hojii hojjatamu irraa argamu yookaan argamuu malu xiqaachuutiin, yeroon hojii itti hojjatamu baay’ee dheerachuu hin qabu. Hangam yoo dheeratellee waggaa lama caaluu akka hin qabne seerri tumee jira (SY kwt 95). Hojii hojjatamu kaffaltii maallaqaa hagam argamsiisuu akka danda’u shallaguun murtii adabbii maallaqaa murtaa’ee wajjiin kan wal-simu murtiin murtaa’uu qaba.
Bu’uura SY keewwata 95tiin jijjiirraan adabbii gara hojiitti taasifamu kan keewwata 96 jalatti tumamee jiruu wajjiin garaagara akka ta’uu keewwattoota kanneeniifi maqeeffama isaaniirraa hubachuun ni danda’ama. Maqeeffama isaatiin yoo ilaalame hojiin bakka adabbii maallaqaa bu’uura kwt 95tiin hojjatamu kanneen kwt 96, 97, 103, 104fi 105 irratti tumamanii jiranii wajjiin addummaa qaba. Bu’uura SY kwt 95tti adabamaan kaffaltii isarraa eegamu kaffaluu hojii isa dandeessisu akka hojjatuuf mana murtiin ajajama- raawwii murtii adabbii maallaqaatu kennama malee murtiin adabbii hojii dirqamaa itti hin murtaa’u jechuu dha. Adabamaan maallaqa argate kaffaltii kan raawwatu yoo ta’e, ajajjiin duraan kenname irraa ka’uu ni mala. Itti dabalees, bu’uura kwt 103 ykn 104tiin to’annoofi hordoffiin eerame kwt 95 jalatti ifa ta’uu dhabuun waajjirri mootummaa ykn dhaabbatni tajaajila hawaasaa hojiin keessatti hojjatamu ofdanda’e gabaasa dhiyeessu kan danda’u ta’uufi adabamaanis sadarkaa amanamummaa fooyya’aarra kan jiru ta’uun ni tilmaamama.
B) #Adabbii_Maallaqaa_Gara_Adabbii_Hojii_Dirqiitti_Jijjiiruu
Adabamaan adabbii maallaqaa itti murtaa’e kaffaltii maallaqaa kaffaluun raawwachuu yoo dhabe yookaan bu’uura kwt 95tiin hojii ajajame hojjachuu yoo dhabe, manni murtii adabamaan hojii dirqii akka raawwatuuf itti murteessa; murtii kana keessatti hangi maallaqaa wanti murtaa’u hin jiru, hanga yeroo adabbiin hojii dirqii keessatti hojjatamee xumuramu qofatu jira. Murtiin bu’uura kwt 96tiin murtaa’u murtii bu’uura SY kwt 92-93 murtaa’erraa adda bahee of danda’ee dhaabachuun, bu’uura kwt 103fi 104tiin kan raawwatu ta’a jechuu dha. Adabamaan murtii duraanii keessaa kaffaltii muraasa qofa kaffalee adda kan kute yoo ta’e, manni murtii hanga kaffaltii hafee ilaalchisee murtii hojii dirqii murteessuun kaffaltii argatu irraa mootummaaf akka kutu taasisuu SY kwt 753 jalatti tumameera.
https://t.me/Ijooseera
#Kennaa_lafa_baadiyyaa_ilaalchisee_seerri_maal_jedha?
Labsii lakk-248/2015 kwt 13 jalatti
👉Qonnaan bulaan, gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga abbaa qabiyyummaa ykn biqiltuu dhaabbataa dhuunfaan qabu ijoollee isaa ykn ijoollee ijoollee isaatiif kennaan dabarsuu, Ijoollee ykn ijoolleen ijoollee yoo hin jirre abbaa ykn haadha ykn obboleewwaaniif kennuu danda’uu,
👉Qabiyyee ykn biqiltuu dhaabbataa qabu keessaa 1/2 ol kennuun dhoorkaa ta'uu,
👉Qonnaan bulaan ykn gamisa horsiisee bulaan ykn horsiisee bulaan mirga a/qabiyyummaa lafaa qabu yeroo gaa’ila raawwatu nama gaa'ela waliin raawwatuuf kan dhuunfaa ykn kan waloo taasisuun kennuu danda’uu,
👉Qabiyyeen lafa baadiyyaa ykn biqiltuun dhaabbataan abbaa warraa
fi haadha warraa ykn namoota birootiin waloon qabame kennaan dabarsuuf waloon yoo irratti waliigalan qofa ta'uu.
👉#Waliigalteen_kennaa barreeffamaan ta’uu qabaachuu f afaaniin yoo raawwatame fudhatama kan hin qabne ta'uu
👉Waliigaltichi Waajjira Lafaa Aanaatti galmaa’u qabaachuu fi  Waliigalteen kennaa ulaagaa kana hin guunne seera duratti fudhatama kan hin  qabne ta'uu
👉Namni mirga a/qabiyyummaa kennaan argate, namni kennaadhaan mirga a/qabiyyummaa dursee argate ture erga namni dhaalamu du’ee kan argachuu danda’u hanga osoo kennaan hin raawwatamne ta’ee dhaalmaan argachuu danda’u qofa ta’uu.
👉Hangi qabiyyeen kennaan argate hanga dhaalmaan argachuu danda’uu ol yoo ta’e qabiyyee kennaa argate qabatee kan hafuu fi dabalataan dhaalmaadhaan kan hin arganne ta'uu,
👉Kennan haala irratti hunda’e naaf haa diigamu jechuun himanni dhiyaatu haalichi yeroo uumamee yk  uumamuu isaa namni kennaa kennu yeroo beekee kaasee waggaa 2 keessatti ta'uu.?namni qabiyyee lafaa akkaataa kanaan argate mirga a/qabiyyummaa qonnaan bulaan ykn horsisee bulaan ykn gamisa horsisee bulaan qabu kan qabaatu ta'uu labsii armaan olii fi  SHH kwt 1723,2005 fi 2443, MMMWFDHI jiildii 8ffaa LGMM-39803 fiJildii 26ffaa LGMM- 215762 irraa hubachuun ni danda'ama.
https://t.me/Ijooseera
Hiikkoo Seeraa Dirqisiisaa Haala Itti Waldaan Dhuunfaa Itti Gaafatamummaan isaa Murtaa'e Tokko (PLC) Sababa Gahaadhaan Itti Diigamuu Danda'u Ilaalchisee Dhaddacha Ijibbaataa MMWFtiin Kenname.

"WALDHABDEE CIMAA" (ብርቱ አለመግባባት (Serious Disagreement or Deadlock) Jechuun Maal Jechuudhaa? (Akka Seera Daldalaa Haarayaatti) Hiikkoo Seeraa Dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa Ga.Lakk.258350 Ta'e Irratti Kenne (Murtii Olitti Dhoobame 👆👆👆 ilaali) Keessatti Haala Kamiin Ibsamee?

=====✓✓=====✓✓✓====✓✓=

👉Dhimmi kun kan eegale Mana Murtii Ol’aanaa Godina Adda Adaamaa duraanii (Yeroo ammaatti “Mana Murtii Ol’aanaa Magaalaa Adaamaa” jedhamee kan waamamu) irraa yemmuu ta’u, ka’umsi dhimmicha himannaa himattoonni (miseensota Waldaa baay'inni isaanii 25 ta'e keessaa 14n); himatamtoonni miseensa Warshaa Zayitaafi Saamunaa ‘Nazreeti’ fi Arsii waldaa Dhuunfaa IGM (PLC) ta’anii gocha seeraan alaa garaagaraafi jeequmsa miseensota waldichaafi boordii irratti uumuudhaan miseensa gidduutti hariiroo gaariin akka hin jiraanneefi waliin hojjechuunis akka hin danda’amne taasisaniiru. Kanarraa ka’uun waldichi kaayyoo hundeeffameef galma geessisuu dadhabee kasaarees jira. Waldhabdeen miseensota gidduutti uumame sadarkaa waliin hojjechuun hin danda’amne irra gahee waan jiruuf bu’uura seera daldalaa haarayaa kwt 181(6)tiin waldichi akka nuuf diigamu ykn himatamtoonni gahee isaanii fudhatanii waldaa keessaa akka gaggeeffaman nuuf haa murtaa’u jechuun dhiyeessanidha.

👉Himannaa kana irratti himatamtoonni deebii erga kennanii booda himannaa qaxxaamuraa himattoota irratti dhiyeessaniin himattoonni gahee isaanii fudhatanii akka bahan nuuf haa murtaa’u jechuun gaafataniiru.

👉Itti fufuun, manni murtii ol’aanaa, dhimmicha ragaa bitaafi mirgaafi sanadaatiin qulqulleeffatee sababoota garaagaraa kaa’uudhaan waldhabdee cimaan miseensota gidduutti uumamuufi waldichis kasaaruu ibsee, haala kanaan waldichi kaayyoo hundeeffameef galma ni geessisa jedhamee hin tilmaamamu jechuun waldichi diigamee herregni waldichaa akka qulqullaa’u ajajeera. Murtiin kun Dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWOtiin cimeera.

👉Kana booda, dhimmichi dhaddacha Ijibbaataa MMWF gahee dhaddachichis; waldhabdee cimaan kaayyoo waldichi hundeeffameef akka galma hin geenye taasisu waldhabdee akkamiiti kan jedhu ilaalchisee kuusaa jechoota seeraa, xiinxala ogeessota seeraafi kitaabota biyya keessaa erga sakatta'ee booda "Waldhabdee Cimaan" (ብርቱ አለመግባባት (Serious Disagreement or Deadlock) uumameera kan jedhamu sochii hojii waldichi hundeeffameef itti fufsiisuu irratti sadarkaa danqaa ta’uun miseensota murtii waldichaa tokko deeggaraniifi morman gidduutti sagaleen 50:50 (walqixa) yoo uumame ykn miseensota lakkoofsa walqixa ta’e qaban gidduutti waliigaltee barbaachisaa ta’e tokkorra gahuuf sochii hojii waldichaa itti fufsiisuuf sagalee caalmaa barbaachisu argachuun kan dadhabame yoo ta'edha.

👉Bu'uuraan, miseensa waldichaa nama 25 keessaa kan himannaa dhiyeesse nama 14 yemmuu ta’uu, gaheen aksiyoonaa namoonni Kudha afran kun qaban dhibbeentaa 65.12 ture. Erga waldichi akka diigamu murtaa’ee booda miseensonni kun waliigaltee araaraa raawwachuu, adeemsa keessa harca’uudhaan akka diigamuuf kan yaada isaanii ifatti ibsatanifi hanga dhaddacha ijibbaataatti akka diigamuuf cimsanii falman %30.8titti gadi xiqqaachuu, murtii waldaan diigamuu hin qabu jedhu yaa’ii waliigalaatiin darbuu kan danda’u deeggarsa namoota gahee %75 ol qabanii yoo argatedha jedhamee dambii ittiin bulmaataa keessatti tumameera jechuun mormiin dhiyaate falmii haarayaa mana murtii jalaatti ifatti hin kaanedha waan ta'eef fudhatama hin qabu.

👉Gochi himatamtoonni raawwatan jedhames kan isaan akka miseensaatti mirga fi dantaa isaanii kabachiifachuuf raawwatan akka ta’etti kan ilaalamudha. Gama birootinis himatamtoonni jeequmsaafi gocha seeraan alaa raawwatan yoo ta’e waldichi qaama seerummaa waan qabuuf akkaataa seeraatti mirga isaa kabachiifachuu qaba malee sababoonni ibsaman sababoota kaayyoon waldichi hundeeffameef akka galma hin geenye taasisan miti.
https://t.me/Ijooseera
𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐀𝐚𝐧𝐠𝐨𝐨 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐈𝐝𝐝𝐨𝐨𝐧 𝐉𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐁𝐢𝐲𝐲𝐚 𝐀𝐥𝐚𝐚 𝐈𝐥𝐚𝐚𝐥𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐧 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞𝐬𝐬𝐞.

📕Mana Murtii Waliigala Fedaraalaa Dhaddacha Ijibbaataa galmee lakkoofsa 237269 ta'e irratti gaafa 07/02/2016 oolen falmii nama  iddoon jireenyq isaa dhaabbiin biyya alaa ta'ee fi nama jireenyi isaa naannoolee biyya keenya keessaa isa tokko keessa jiru waliin falmii yoo qabaate bu'uura labsii manneen murtii federaalaa labsii Lakkoofsa 1234/2013 kwt 5(1)(f) tiin dhimmichi dhimma federaalaa ta'ee manni murtii federaalaa dhimmicha ilaaluug aangoo akka qabu murteessee jira.

📕Dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti dabalatan kanneen namoonni dhalootaan biyya keessa ta'aanii hojiif biyya alaa deemanii iddoon jireenyi isaa dhaabbiin biyyaa sana waan ta'uuf falmii nama biyya keessa jiraatu waliin yoo qabaatan dhimmicha ilaalee murteessuuf aangoo kan qabu mana murtii Federaalaatti jechuun murteessee jira.
https://t.me/Ijooseera
#Ajaja_Qabiinsaa ( #Arrest_Warrant )

Haalota ajajni qabiinsaa shakkamtootaa ittiin kennamu:-
#1.Ajajni qabiinsaa gaafatameef qofa battalumatti kennamuu hin qabu.Sababni isaas Heera Mootummaa Federaalaa
Dimokiraatawaa Itoophiyaa keewwata 17(2) jalatti mirga bilisummaa waan eegeef;
#2 .Qorataa poolisii kamiiniyyuu gaaffiin yoo dhihaate,Manni Murtii kamiyyuu ajaja qabiinsaa kennuu ni danda'a,seera
deemsa falmii yakkaa keewwata 53(1);
#3 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu fi guyyaa kamiyyuu kennamu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 53(2);
#4 .Ajajni qabiinsaa bulchiinsa Itoophiyaa kamiiyyuu keessatti poolisii kamiiniyyuu raawwachuu ni danda'a,sdfy kew.53(3);
#5 .Ajajni qabiinsaa poolisiidhaan gaafatameef qofa kennuu osoo hin taane,namichi haa qabamuuf gaafatame sun karaa biraatiin gonkumaa yoo argamuu(dhihaachuu)hin dandeenyeedha, sdfy keewwata 54;
#6 .Ta'ullee,Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun dura qabxiiwwan armaan gadii qulqulleeffachuu qaba:-
A.Yakki raawwatamuu;
B.Himata yakkaa(accusation) ykn himata dhuunfaa(complaint) yoo dhihaate qabiyyee fi maalummaa namicha dhiheessee kan beekamu yoo ta'e;
C.Yakka raawwatameera jedhame raawwatamuu fi raawwataan
akka qabamu namicha barbaadame ta'uu isaa shakkiin gahaan jiraachuu;
D.Shakkamaa qabuun qorannoo yakkaatiif dirqama barbaachisaa ta'uu/shakkamaan qabamu malee qorannoo gaggeessuun kan hin danda'amne ykn rakkisaa yoo ta'e;
E.Shakkamaan karaa biraatiin Fkn:waraqaa waamichaa qofaan
Mana Murtii akka dhihaatu gochuun kan hin danda'amne ta'uu.
#7 .Manni Murtii qabxiiwwan armaan olitti ibsame qulqulleeffachuuf ajajni qabiinsaa akka kennamuuf poolisii gaafate jechaan(afaaniin) qorachuu qaba.Barbaachisaa yoo ta'e galmee qorannoo poolisii fichisiisee qorachuu ni danda'a.
#8 .Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun barbaachisaadha jedhee yoo amane, bu'uura sdfy kew. 52(2) tiin foormii
seericha keessatti ibsameen ni kenna;
#9 .Ajajni qabiinsaa qabxiiwwan armaan gadii qabaachuu qaba:
A.Namicha akka qabamu ajajame,teessoo fi maqaa shakkamaa;
B.Yakka itti shakkame fi ibsa yakkichaa;Fkn:duuchumaan nama ajjeessuu ykn hanna kan jedhu osoo hin taane,ibsa yakkichaa,yakki yoom,eessaa fi akkamitti raawwatame,fi miidhamaan yoo jiraate maqaa miidhamaa;
C.Maqaan namicha qabamu/maqaan shakkamaa yoo hin beekamne garuu,shakkamaa adda baafachuuf ibsa dandeessisu;
D.Guyyaa,ji'aa fi bara ajajni itti kenname;
E.Mana Murtii ajajicha kenne,mallattoo Abbaa Seeraa; fi tarreeffama barbaachisaa ta'an qabaachuu qaba.
#10 .Manni Murtii rogummaa qaba jedhee yoo itti amane ajaja qabiinsaa kennamu,bu'uura ajaja irratti ibsameen nama akka qabamu(shakkamaa akka qabamu) ajajame wabiin ykn qabeenyaan wabummaan qabsiisee poolisiin shakkamaa akka qabuuf(too'annaa jala oolchuuf) ajajame,akka hin qabne,yoo
qabee jiraates akka gadi lakkisu ajaja qabiinsaa irratti ajaja dabalataa kennuu ni danda'a.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 65.
A warrant of arrest shall remain in force until executed or cancelled by the Court which issued it notwithstanding the
death,retirement or replacement of judge having issued the warrant.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 52(3).Akkaataa
seera kanaatiin yeroo turtii ajajichaa ibsuun barbaachisaa miti.
Yeroo turtii ajajichaa akka ibsamu dirqama ta'ee seeraan osoo tumame gaarii ture,sababni isaas qaamni ajajicha
fudhate ajaja kana dawoo godhachuun mirga seeraan eegumsa sarbuu danda'a.

#12 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu raawwatamuu ni danda'a.
#13 .Haalli hatattamaa yoo qunname qorataan poolisii Bilbilaan ykn Telegraamiin ajajni qabiinsaa akka kennamu gaafachuu danda'a,sdfy keewwata 55(1).Ajajni qabiinsaa kan kennamu garuu,akka sa'aatii kamiiyyuu foormii kan hordofe barreeffamaan ta'uu qaba.
Ajaja kennuun dura qabxiiwwan armaan olitti lakk.6 jalatti tuqaman qulqulleeffachuu qaba.Poolisiin Bilbilaan yookiin Telegraamaan gaaffii dhiheesse sa'aatii 24 keessatti barreeffamaan mirkaneessuu qaba,sdfy keewwata 55(2).
https://t.me/Ijooseera
👍2
Murtii MMWFDIJ Jildii 17 lak.G.92141 Jecha Ragummaa ogeessaan kennamee haala akkaminni fudhatama dhabuu akka danda'uu jecha ragummaa ogummaa tiraafiikaatiin kennamee  fi ragaa ijaatiin kennamee  xiinxaluun murtii dirqisisaa kennamee dubbisa!
Jechi ragummaa ogummaa tiraafiikaatiin kenname akka ragaatti fudhatama dhabuu kan danda’u yaadni kenname adeemsa dambii ogummichaa osoo hin eegin kan kenname ykn kan dhiyaate yoo ta’e;jecha ragoota namaa bakka balaan tiraaffiikaa gaheetti argamanii ijaan argan ragaa bahan waliin bu’uuraan garaagarummaa kan qabu ta’uun isaa yoo mirkanaa’e malee adda baateewwan(garaagarummaa) sasalphaa qofaaf gatii akk hin dhabne xiinxalee jira. Jechi ragummaa  ogummaa yommuu kennamu ogeessichi bilisa ta’ee kennuu akka qabu fi jechi ragummaa ogeessaan kenname haala salphaatiin sababa gahaa fi amansisaa malee fudhatamummaa dhabuu akka hin qabne duudhaaleen seera ragaa sadarkaa addunyaatti fudhatamaa argachuun hojiirra oolan ni agarsiisuu jechuun  Sdfy kwt. 141፣142፣194 fi SY kwt.24፣59፣239(2)፣57፣543(2) wal qabsiisuun murtii dirqisisaa kennee jira 
For more follow our fb page https://www.facebook.com/habtamu.tariku.5
https://t.me/Ijooseera
#Mirga_Wabii_fi_Hamma_Wabii:
I.#Mirga_Wabii:-
Mirgi wabii mirga bu'uuraa dhala namaa seerota idil Addunyaa,heeraa fi seera Biyyattiitiin beekamtii kan argateedha.
♠️Karaan gaaffii mirga wabii shakkamaa eegamuu danda'u afuriidha.Isaanis:-
#1ffaa,xalayaa ajaja qabiinsaa irratti mirga wabii eeguun,mirga wabii shakkamaa eeguun ni danda'ama.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,53 fi 65;
#2ffaa,shakkamaan Waajjira/Qajeelcha Poolisiitti wabii waamee yookiin wabummaa mataa ofiitiin bahuu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28;
#3ffaa,Poolisiin shakkamaa Mana Murtiitti dhiheessuun,Manni Murtii yeroo beellamaa poolisiin gaafatu dhorkuun(eeyyamuu dhiisuun) mirga wabii shakkamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29,59 fi 63;
#4ffaa,shakkamaan iyyata mirga wabii Mana Murtiitti dhiheeffachuun,Manni Murtii iyyata gaaffii mirga wabii dhiyaate Abbaa Alangaa yookiin qorataa poolisii deebii/yaada irratti kennisiisuun mirga wabii himatamaa eeguu ni danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
Namni(shakkamaan) kamiyyuu too'annaa jala jiru tokko sa'aatii 48 keessatti Mana Murtii dhihoo jirutti mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuf mirga qaba.Manni Murtiis haqaaf jecha shakkamaa/nama too'annaa jala tursuun yoo barbaachise malee yookiin yakka ittiin shakkameef seerri mirga wabii kan dhoorku yoo jiraate malee mirga wabii eeguu qaba,Heera Mootummaa keewwata 19(3)(4)(6) fi seera deemsa falmii yakkaa keewwata 29(1) fi 64.
Mirga wabiitiin gadhiifamuun qajeeltoo yoo ta'u,yeroo muraasaaf too'annoo jala turuun haala addaati yookiin hambifannoodha.Haalli addaa kun dhiphatee hiikamuu qaba.
Nama yakkaa raawwachuutiin shakkamee too'annaa jala oolfame tokkoof mirgi isaa yookaan ishee jalqaba karaa Waajjira/Qajeelcha Poolisiitiin eegamuu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28.
Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28 tiin poolisiin wabiidhaan yoo gadi lakkisuu baate;Mana Murtiitti gaaffii mirga wabii barreeffamaan dhiheeffachuun ni danda'ama,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64.
Shakkamaan yookiin iyyataan Mana Murtii sadarkaa kamittuu mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu akka danda'u,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64(3) ifa taasiseera.
Shakkamaan mirga wabii Mana Murtii Aanaatti gaafatee,gaaffiin isaa kufaa yoo ta'e yookiin mirgi wabii kan dhorkame yoo ta'e;Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuuf mirga qaba,Heera Mootummaa keewwata 20(6).
Shakkamaan too'annaa jalaa akka gadi lakkifamuuf ajaja kenname irratti qaamni komii qabu Mana Murtii sadarkaa itti aanutti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.Hanga ol'iyyannoo gaafatutti ajaja Mana Murtii jalaa raawwachuuf/kabajuuf dirqama qaba.
👉#Mirgi_wabii_kan_gaafatamu:
#1ffaa,nama yookiin namoota ajaja Mana Murtii malee too'atamee/too'atamanii osoo Mana Murtii hin dhihaatin jiran bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64 tiin mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuuniidha.
🖋Namoonni adabbii Mana Murtii malee too'annaa jala jiran mirga bilisummaa qaamaa(Habeas Corpus) gaafachuu ni danda'u,Heera Mootummaa keewwata 19(4),fi seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 177.
🖋Mirga bilisummaa qaamaa irratti aangoo Mana Murtii ilaalchisee seerri deemsa falmii yakkaa keewwatni 15(2)(i) aangoo Mana Murtii Ol'aanaatti kan kenne yoo ta'u;Labsii Lakkoofsa 216/2011 immoo iyyata qaama bilisa baasuuf dhihaatu ilaaluuf aangoo abbaa seerummaa Mana Murtii Aanaa aangeessee jira.
#2ffaa,namoonni/namni yakkaan shakkamanii too'annoo jala jiran akkaataa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59(2) tiin yeroo beellamaa hanga guyyoota 14 gaafatame irratti yeroon beellamaa jalqabaas ta'e dabalataan kennamuun barbaachisaa miti,mirgi wabii akka naaf eegamu jechuun gaafachuu ni danda'u.
#3ffaa,namni yookiin shakkamaan/himatamaan Abbaan Alangaa himannaa irratti dhiheesse,dhaddacha yookiin shanacha irratti dhihaatee mirgi wabii akka eegamuuf gaafachuu ni danda'a.
https://t.me/Ijooseera
👍2
#Mirga_Eeruu_Yakkaa_Dhiyeeffachuu_Hojjetaa_Mootummaa
↘️Labsii Farra Malaammatummaa Labsii Lakk.881/2007 fi Labsii Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Labsii Lakk.104/1997 fi isa amma fooyya'e labsii lakk. 215/2012 wal bira qabnee yemmuu ilaallu dhimma hojjetaan mootummaa yakka malaammaltummaa raawwateen akkaataan itti gaafatamuu qabu ilaalchisee adeemsa garaa garaatu hordofamaa jira.
💎Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa, (kana booda LHMNO), kan jedhu murtii fi ajaja Komishinii Siivil Sarvisii Oromiyaatiin(karaa Mana Murtii Bulchiinsaatiin) kenname qaama raawwachiisuu diderratti/hogganaa mana hojichaa/ Komishinichi gara Biiroo Haqaa fi Nageenyaatti(yeroo ammaa Mana Hojii A/Alangaa) erguudhaan akka seeraan gaafatamu ni taasisa kan jedhuudha. Murtiin Komishiniin kuni kennus dhimma adabbii naamusaa kennamee fi hojjetaan seeraan ala hojiirraa dhorkamuu ykn gaggeeffamuu fi sababa hojiitiin miidhaa isarra gaheef faayidaa irraa hir’ifame ykn dhorkame irratti hojjetaan dhimmasaa iyyannoodhaan yoo dhiyeeffate qofaadha.  Kunneenis Labsii Lakk.61/1994 keewwata 70 labsii lakk. 215/2012 keewwata 81 jalatti tokko tokkoon tarreeffamanii argamu.
💠Murteewwan Manni Murtii Bulchiinsaa murteesse kana ilaalchisee hoogganaan ykn qaamni kana raawwachuuf fedhii hin qabne ykn kan dide yoo ta’e kanuma raawwachuu diduu isaa qofaaf akka seeraan gaafatamuuf gama Mana Hojii Abbaa Alangaatti qajeelfama kan jedhuudha labsiin Lakk.104/1997 keewwata 2/4/ jalatti kan fooyya’e fi labsii 215/2012 kew. 82 jalatti immoo mana murtii idileetti himata banuu/raawwii fi miidhaa qaqqabeef hooggansi raawwachuu dide akka gaafatamu tumeera.
♦️Haa ta’u malee hojjetaan mootummaa ykn hoogganaan mana hojii tokko yoo yakka malaammaltummaa raawwate /shakkame adeemsi ittiin seeratti dhiyaatu akkam ta’a kan jedhuuf  hoj-maanni amma jiru labsiileen kun lamaan(Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyessuuf Bahe Labsii Lakk.104/1997 fi Labsii Farra Malaammaltummaa 881/2007) qixa sirrii ta’een kan hubataman natti hin fakkaatu.
🔘Akkaataa labsii farra malaammaltummaatiin adeemsa hoj-maata mana hojichaa cabsuun hojjechuu; tarkaanfiilee nama biroo fayyaduuf ykn ofii faayidaa argachuuf ykn nama biroo irraan miidhaa qaqqabsiisuuf fudhatamu kamuu yakka malaammaltummaa akka ta'e ifatti tumamee argama.
🔴Kanaafuu hooggansi ykn hojjetaan mootummaa qajeelfama ifa jiru cabsuun hojjetaa tokko fayyaduuf ykn miidhuuf dhimma guddinaa, jijjiirraa, ramaddii hojjettootaa fi dhimmoota faayidaa hojjettootaan wal qabatanii akkasumas hojiilee biroo mirga hojjettootaa tuqan raawwatee yoo argame yakka malaammaltummaatiin kan gaafachiisu ta'a jechuudha.
♦️Hojjetaan mootummaa ykn hoogganaan mana hojii tokko yakka malaammaltummaatiin yeroo shakkamee eeruun Mana Hojii A/Alangaa ykn Waajjira Poolisiitti dhiyaate qaama eeruu dhiyeesseen deemitii adeemsa karaa bulchiinsaa xumuriitii xalayaa Biiroo Paabilik Sarvisii Oromiyaarraa fidi malee akkanatti eeruun hin fuudhamu kan jedhu argina.

👉Namni kamuu yeroo yakki malaammaltummaa raawwatu arge ykn odeeffannoo qabu qaama aangoo qabuuf eeruu dhiyeessuu akka danda’u ifaadha.
Dhimma yakka malaammatummaa keessummeessuu fi ilaalufis aangoo kan qabu akkaataa Labsii 197/2008tiin ykn Labsii 433/1997 fi 883/2007tiin isa amma fooyya'e labsii lakk. 1236/2013tiin Komishinii Farra Malaammaltummaa Oromiyaa ykn Komishinii Farra Malaammaltummaa Federaalaa walduraa duubaan ture.
🔴Akkaataa Labsii Mana Hojii A/Alangaa Oromiyaa hundeessuuf bahe labsii lakk.214/2011tiin yeroo ammaa aangoon dhimma yakka malaammaltummaa ilaaluu(eeruu fuudhuu, qorachuu fi himachuu) Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaa fi Federaalaa akkasumas naannoodhaaf dhimmi federaalaa bakka bu’iinsaan kennameefii jira.
💥Kana jechuun akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa hundeessuuf bahe labsii lakk.943/2008 keewwata 8(2(b)) fi 22(2)tiin dhimma federaalaa yakka malaammaltummaa Komishinii Farra Malaammaltummaaf akkaataa labsii 433/1997 fi 883/2007 isa amma fooyya'eenis kennamee ture Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaaf kan kenname waan ta’eef naannoleen
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa baatii saglan darbanitti qabeenya qarshii  bil.1 fi mil 153 olitti timaamamu kaazinaa mootummaatti  deebisiisuu  beeksise.
Bitootessa 12/2017,BAAWO, Finfinnee.,..

Hoogganaan Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo raawwii hojii baatii sagalii irratti xiyyeeffachuun ibsa miidiyaaleef kennanii qabeenya mootummaa, jarmiyaaleefi uummataa malaammaltummaaf saaxilaman adda baasuun akka deebi'u taasisuun murtiin itti kennamuu ibsuun kan hafe adeemsa seeraa irra jiraachu himaniiru.

Haaluma kanaan qabeenyi seeran alaa qarshii 1,002,716,104 ta'u dhoorkamuun qoratamaa fi falmiin irratti gaggeeffamaa jiraachuu kan eeran Obbo Guyyoon raawwii galmee qorannoo yakkaa malammaltummaa wajjiin wal qabatee galmee 1,197fi shakkamtoota 2,362 qaratamaa turan keessaa galmeen 1,163 fi shakkamtoonni  2,213 irratti Abbaa Alangaan murtiin kan itti kenname ta'uu dubbataniiru

Dandeettiin galmee of harkaa xumuruu Abbaa Alangaa  dabalaa dhufuun akka waliigalaatti yeroo ammaa %97.15 irra gahuus kaasaniiru.Galmee murtii Abbaa Alangaa argatan keessaa galmeen dhibba saddeetiif afur himatamtoota 1448 Irratti himannii dhiyaatee, kanneen keessaa galmeen 717 himatamtoota, 1319 irratti murtiin garaa garaa kennamee jiraachuu kaasanii jiru.

Yakkoota malaammaltummaa deddeebiin raawwataman irratti xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Obbo Guyyoon yakkoota aangoo seeraan ala fayyadamuun raawwataman, matta'aa fudhachuu, sanadoota sobaa fayyadamuufi qabeenya maddisaa hin beekkamne kanneen horatan irratti tarkaanfin akka fudhatamuuf cichee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Qabeenya bu'aa yakka malaamaltummaatin adda bahaniin dhaalaman Lafa magaalaa hektaara 42.08, mana jireenyaa 27,konkolaataa 5 fi qarshii callaa 131,291,045.83, xaa'oo kuntaala 3,315.36 akkasuma qabeenyi garaagaraa karaa seeran alaatiin horataman dhaalamuu Obbo Guyyoon himanii jiru.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamu keessatti hirmaannaan uummataa bakka guddaa qaba waan ta'eef uummanni eeruu kennuun, ragaa kennuufi saaxiluu akka qaban yaadachiisaniiru.
https://t.me/Ijooseera
#Ajaja_Qabiinsaa ( #Arrest_Warrant )

Haalota ajajni qabiinsaa shakkamtootaa ittiin kennamu:-
#1.Ajajni qabiinsaa gaafatameef qofa battalumatti kennamuu hin qabu.Sababni isaas Heera Mootummaa Federaalaa
Dimokiraatawaa Itoophiyaa keewwata 17(2) jalatti mirga bilisummaa waan eegeef;
#2 .Qorataa poolisii kamiiniyyuu gaaffiin yoo dhihaate,Manni Murtii kamiyyuu ajaja qabiinsaa kennuu ni danda'a,seera
deemsa falmii yakkaa keewwata 53(1);
#3 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu fi guyyaa kamiyyuu kennamu danda'a,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 53(2);
#4 .Ajajni qabiinsaa bulchiinsa Itoophiyaa kamiiyyuu keessatti poolisii kamiiniyyuu raawwachuu ni danda'a,sdfy kew.53(3);
#5 .Ajajni qabiinsaa poolisiidhaan gaafatameef qofa kennuu osoo hin taane,namichi haa qabamuuf gaafatame sun karaa biraatiin gonkumaa yoo argamuu(dhihaachuu)hin dandeenyeedha, sdfy keewwata 54;
#6 .Ta'ullee,Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun dura qabxiiwwan armaan gadii qulqulleeffachuu qaba:-
A.Yakki raawwatamuu;
B.Himata yakkaa(accusation) ykn himata dhuunfaa(complaint) yoo dhihaate qabiyyee fi maalummaa namicha dhiheessee kan beekamu yoo ta'e;
C.Yakka raawwatameera jedhame raawwatamuu fi raawwataan
akka qabamu namicha barbaadame ta'uu isaa shakkiin gahaan jiraachuu;
D.Shakkamaa qabuun qorannoo yakkaatiif dirqama barbaachisaa ta'uu/shakkamaan qabamu malee qorannoo gaggeessuun kan hin danda'amne ykn rakkisaa yoo ta'e;
E.Shakkamaan karaa biraatiin Fkn:waraqaa waamichaa qofaan
Mana Murtii akka dhihaatu gochuun kan hin danda'amne ta'uu.
#7 .Manni Murtii qabxiiwwan armaan olitti ibsame qulqulleeffachuuf ajajni qabiinsaa akka kennamuuf poolisii gaafate jechaan(afaaniin) qorachuu qaba.Barbaachisaa yoo ta'e galmee qorannoo poolisii fichisiisee qorachuu ni danda'a.
#8 .Manni Murtii ajaja qabiinsaa kennuun barbaachisaadha jedhee yoo amane, bu'uura sdfy kew. 52(2) tiin foormii
seericha keessatti ibsameen ni kenna;
#9 .Ajajni qabiinsaa qabxiiwwan armaan gadii qabaachuu qaba:
A.Namicha akka qabamu ajajame,teessoo fi maqaa shakkamaa;
B.Yakka itti shakkame fi ibsa yakkichaa;Fkn:duuchumaan nama ajjeessuu ykn hanna kan jedhu osoo hin taane,ibsa yakkichaa,yakki yoom,eessaa fi akkamitti raawwatame,fi miidhamaan yoo jiraate maqaa miidhamaa;
C.Maqaan namicha qabamu/maqaan shakkamaa yoo hin beekamne garuu,shakkamaa adda baafachuuf ibsa dandeessisu;
D.Guyyaa,ji'aa fi bara ajajni itti kenname;
E.Mana Murtii ajajicha kenne,mallattoo Abbaa Seeraa; fi tarreeffama barbaachisaa ta'an qabaachuu qaba.
#10 .Manni Murtii rogummaa qaba jedhee yoo itti amane ajaja qabiinsaa kennamu,bu'uura ajaja irratti ibsameen nama akka qabamu(shakkamaa akka qabamu) ajajame wabiin ykn qabeenyaan wabummaan qabsiisee poolisiin shakkamaa akka qabuuf(too'annaa jala oolchuuf) ajajame,akka hin qabne,yoo
qabee jiraates akka gadi lakkisu ajaja qabiinsaa irratti ajaja dabalataa kennuu ni danda'a.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 65.
A warrant of arrest shall remain in force until executed or cancelled by the Court which issued it notwithstanding the
death,retirement or replacement of judge having issued the warrant.Seera deemsa falmii yakkaa keewwata 52(3).Akkaataa
seera kanaatiin yeroo turtii ajajichaa ibsuun barbaachisaa miti.
Yeroo turtii ajajichaa akka ibsamu dirqama ta'ee seeraan osoo tumame gaarii ture,sababni isaas qaamni ajajicha
fudhate ajaja kana dawoo godhachuun mirga seeraan eegumsa sarbuu danda'a.

#12 .Ajajni qabiinsaa sa'aatii kamiyyuu raawwatamuu ni danda'a.
#13 .Haalli hatattamaa yoo qunname qorataan poolisii Bilbilaan ykn Telegraamiin ajajni qabiinsaa akka kennamu gaafachuu danda'a,sdfy keewwata 55(1).Ajajni qabiinsaa kan kennamu garuu,akka sa'aatii kamiiyyuu foormii kan hordofe barreeffamaan ta'uu qaba.
Ajaja kennuun dura qabxiiwwan armaan olitti lakk.6 jalatti tuqaman qulqulleeffachuu qaba.Poolisiin Bilbilaan yookiin Telegraamaan gaaffii dhiheesse sa'aatii 24 keessatti barreeffamaan mirkaneessuu qaba,sdfy keewwata 55(2).
https://t.me/Ijooseera
👍1