Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 07/02/2016 ooleen Lakk.Ga.235739 ta'e irratti kenneen:

"Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, waliigalteen kennaa lafa baadiyyaa ijaarsa mana bahaatiif (ጎጆ መዉጫ) jedhamee raawwatamu, foormii addaatiin raawwatamuu qaba jedhamee seeraan kan hin tumamne ta'uu lakk.galmee 107840, 197998, 206535fi galmeewwan biroo irratti hiikkoo seeraa dirqisiisaa kenneera. Kanarraas kan hubannu, itti fayyadama lafa baadiyyaatiin wal qabatee, keessattuu, mucaan ykn namni miseensi maatii abbaa qabiyyee ta'e tokko gaa'ila wayita raawwatu ittiin jiraatu (bulu), baratamaan afaan Amaaraatiin 'ጎጆ መዉጫ' (mana keessa jiraatu akka irratti ijaarratuuf) kennamu sirna (foormii) waliigaltee cimaa ykn foormii waliigalteen kennaa guutuu qabu guutuu baatus, muuxannoofi sona faayidaa qabeessa hawaasichaan gabbate tilmaama keessa galchuun bu'aa seeraa akka qabaatu taasisuun barbaachisaa ta'uu isaati. Dhimma harkaa qabnu keessattis, Manni Murtii Waliigala Oromiyaa dhimmicha oliyyannoofi Ijibbaataan ilaalee, lafti falmiif sababa ta'e waamamaafi himatamaa jalaatiif kan kenname mana akka irratti ijaarrataniifidha gudunfaa jedhurra gahuun isaa labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa baadiyyaafi hiikkoowwan seeraa dirqisiisoo galmeewwan tarreeffaman irratti kennaman kan bu'uureffate ta'uu isaa hubanneerra" jechuun murtiiwwan manneen murtii jalaa cimseera.

Hubachiisa:

✍️Dhimmichi Godina Shawaa Lixaa Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii irraa kan eegaledha.
✍️Dhaddachichi murtii isaa keessatti yeroo kennaan kun raawwatutti Labsiin hojiirra ture labsii lakk.130/99 ta'uufi labsichi dhimmi kana addatti kan hin hogganne ta'uu ibseera.
     (Garagalcha murtichaa waan nuuf ergeef Bahayiluu Solomooniin ni galateeffanna🙏🙏)

       
https://t.me/Ijooseera
Manni Maree Federeeshinii RFDI, Heera Mootummaa kwt 40(4) caqasuudhaan Galmee Lakk.51/10 ta'e irratti:

"Namni hojii qonnaatiin hin bulle, magaalaa jiraatuufi lafichatti fayyadamaa hin turre, qabiyyee lafa baadiyyaa akka qabeenya birootti dhaalaan argachuu hin danda'u" jechuun murteessee ture. (Kitaaba Yaadataa Gizawu, 2017, Fuula 38 ilaali)

Gama birootiin, Labsiileen Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Sadarkaa Federaalaafi Naannoo Keenyatti bahan (Labsii Lakk.1324/2016fi 248/2015), tumaa walfakkaataa kwt 12(2) jalatti, namni akkaataa duraa duuba SHH keessatti tumameen dhaaluuf mirga qabu kamiyyuu qabiyyee lafa baadiyyaa dhaaluu kan danda'u ta'uu tumaniiru. Labsiileen kun ulaagaa Manni Maree Federeeshinii tarreessee ture akka ulaagaa dirqisiisaatti hin keenye. Magaalaa jiraachuun ykn hojjetaa mootummaa ta'uun kan mirga nama dhabsiisu ta'uus hin ibsine.

Gaaffiin asitti ka'uu danda'u, Labsiileen kun Heera faallessu jechuun ni danda'amaa? Labsiileen bahan hiikkoo heeraa Manni Maree Federeeshinii dursee kenne waliin wal faallessuu ni danda'uu? Falmii walfakkaataan yeroo ammaa kanatti osoo Mana Maree Federeeshiniitiif dhiyaatee, Manni Marichaa amma immoo Heera waliin Wal hin faallessu jechuu ni danda'aa? (Heerri isuma dura hiikametu hojiirra jira waan ta'eef)🤔🤔
https://t.me/Ijooseera
          
#Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
✅️ Namni kamiyyuu seera  yakkaa keewwata  54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.

✅️ Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan qabu kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hanga kuma jahaa gahuu danda’u ni ta’a.

✅️Fakkeenyaaf konkolaachisaa namoota baay'een fe'uun of eeggannoon konkolaachisuu osoo garagaluun ykn daandii irraa maquun nama kan ajjeese yoo ta'ee akkasumaas Doktara osoo yaalii baqaqsanii yaaluu gochaa jiruu maqasii yokiin meeshaa biroo garaa namaa keessatti dagachuun namni akka du'u kan taasise yakka ajjeehaa dagannoon akkaataa seera yakkaa keewwata 543 kan itti gaafatamu taha.

✅️Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin fajajeessan fudhachuun haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa taasisu keessa erga of galchee booda yoo ta’ellee;adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.keewwata 543

#Daaima Ajjeesuu
✅️Haati tokko da’uuf ciniinsuun yommuu qabamtetti yookiin miirri ciniinsuu ishii osoo hin darbiin itti yaaddee daa’ima ishii kan ajjeeste yoo ta’e; akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan ni adabamti.

✅️Yakkichi yommuu yaalamu, daa’imicharra miidhaan akaakuun kamiyyuu kan hin geenye yoo ta’e, manni murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin adabbicha ni salphisa

✅️Haati tokko haalawwan seera yakkaa keewwata  542  (1) jalatti ibsameen ala daa’ima ishii itti yaaddee yookiin dagannoon kan ajjeeste yoo ta’e; tumaaleen seeraa idilee ajjeechaa ilaallatan raawwatamoo ni ta’u.

✅️ Namni biroo akkaataa seera yakka keewwata 542 (1) jalatti ibsameen raawwataa yakkaa muummee ta’uun, kakastummaan, yookiin miiltummaan hirmaataa ta’e; ilaalchi addaa seerichaa osoo hin taasifamiiniif akka haala dubbichaafi akka hamma badii isaatti bu’uura tumaalee seeraa idilee ajjeechaa namaa ilaallataniin ni adabama.(keewwata  542)

✅️akka waliigalaatti yakki ajjeechaa lubbuu namaa ,cimaa,dassiba, salphaa fi dagannoon nama ajjeesuutti akka qoodamu ibsamee jira.hundinuu akkaatuma ulfaatina isaaniin bu'uura seera yakkaa tumaalee ajjeechaan wal qabataniin kan murtiin itti kennamuudha.

https://t.me/Ijooseera
#Murtiilee_Dhaddacha_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigala_Federaalaa_Seeraa_fi_Waliigaltee_Araaraara_Dhimma_H/Hawaasaa_irratti
=====================
✍️-Araara jechuun waliigaltee wal falmitootaa jidduu waldhabdee uumame hambisuu fi waldiddaan gara fuulduraa isaan gidduu akka hin uumamne ittisuuf garee wal falmitootaa jidduu taasifamuudha (shh keewwata 3307 fi sdfhh keewwata 274).

✍️Waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa jidduutti
taasifamee bu'aan araaraa mana murtiitiin yoo
mirkanaa'e dhimmi isaan araaraan waliigalan irra deebi'amee hin ilaalamu res judicata with out appeal ta'a(shh keewwata 3312(1),sdfhh keewwata 5 fi 244(g).

✍️=Faayidaa dhimma ofii jaarsummaadhaan xumurachuu 1ffaa baasii fi xaarii abbootii dhimmaa hir'isa,2ffaa Hariiroo garee lameenii cimsa,3ffaa ba'aa hojii mana murtii hir'isa,4ffaa yeroo qusata fi k.k.f dha.

#Dhaddachi_ijibbaataa mana murtii waliigala federaalaa waliigaltee araaraa ilaalchisee galmeelee baay'ee irratti murtii dirqisiisaa kenneera.Isaan keessaa galmeelee muraasa haa ilaallu:-
👉1.Dh.Ij.MMWF Jildii 20ffaa Lakk.Galmee 114623 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 22/06/2009 ooleen  walfalmitoonni dhimma wal falman araaraan kan xumuratan yoo ta'ee fi bu'aan araaraa mana murtiitiin bu'uura sdfhh keewwata 277(1) tiin yoo mirkanaa'e waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti dirqisiisummaa kan qabuu fi raawwatiinsa kan qabu ta'uu'' murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉2.Dh.Ij.MMWF jildii 9ffaa Lakk.Galmee 52752 ta'e dhaddacha Waxabajjii 16 bara 2002 ooleen''Gareen wal falmitootaa dhimma isaanii jaarsummaadhaan xumurachuuf yoo waliigalanii fi waliigaltee araaraa kana mana murtii dhiheessanii manni murtii kan mirkaneesse yoo ta'e,waliigalteen araaraa sun akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee raawwatamuu akka qabu''murteessee ture.

👉3.Dh.Ij.M.M.W.F Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 25912 ta'e
dhaddacha Caamsaa 2,bara 2000 ooleen'waliigalteen araaraa garee wal falmitootaa gidduutti taasifame karaa mana murtiitiin mirkanaa'e akka murtii dhumaa manni murtii kennetti ilaalamuu akka qabu''murtii kennee ture.

👉4.Dh.Ij.MMWF Jildii 19ffaa Lakk.Galmee 109497 ta'e dhaddacha Gurraandhala 3 bara 2008 ooleen''Manni murtii waliigaltee araaraa falmitoota jidduutti taasifame;bu'aan araaraa sun ulaagaa seeraa guutuu mirkaneeffachuun mirkaneessuu akka qabu'' murteessee ture(shh keewwata 1731 fi sdfhh keewwata 277).

👉5.Dh.Ij.MMWF Jildii 15ffaa Lakk.Galmee 85873 ta'e dhaddacha Bitootessa 13 bara 2005 ooleen''manni murtii bu'aan araaraa ulaagaa seeraa kan guute ta'uu fi safuu hawaasaa kan hin faalleessine ta'uu erga mirkaneeffateen booda bu'aa araaraa mirkaneessuu akka qabu murtii dirqisiisaa kennee ture;

👉6.Dh.Ij.MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 22857 ta'e dhaddacha Muddee 15,bara 2000 ooleen'Waliigalteen araaraa barreeffamaan taasifamee mana murtii yeroo dhihaatu;manni murtii waliigaltichi(bu'aan araaraa) faallaa seeraa fi safuu hawaasaa kan hin taane ta'uu qulqulleeffatee mirkaneessee dhimmicha ilaalaa jiru addaan kutuu akka qabu''murtii dirqisiisaa laatee ture.SDFHH keewwata 277(1),274(1) fi 275(1).

👉7.Dh.Ij.M.M.W.Federaalaa Jildii 23ffaa Lakk Galmee 146955 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 30/09/2010 ooleen''Waliigalteen araaraa akka murtii manni murtii kennetti lakkaa'amee mana murtiitti raawwiif yoo dhihaatu bu'aan araaraa sun ifa ta'uu kan qabu yoo ta'u;bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,manni murtii himata raawwii kufaa gochuu danda'a'' jechuun murtii dirqisiisaa kennee ture.

✍️Murtiin dhaddacha ijibbaataa kun maal nutti agarsiisa bu'aan araaraa mana murtiitiin osoo hin mirkanaa'in ifa ta'uu akka qabuudha.Bu'aan araaraa ifa yoo hin taane,waliigalteen araaraa mana murtiitiin mirkanaa'us hin raawwatamu jechuudha.

#Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
✅️ Namni kamiyyuu seera  yakkaa keewwata  54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.
✅️ Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan qabu kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hanga kuma jahaa gahuu danda’u ni ta’a.

✅️Fakkeenyaaf konkolaachisaa namoota baay'een fe'uun of eeggannoon konkolaachisuu osoo garagaluun ykn daandii irraa maquun nama kan ajjeese yoo ta'ee akkasumaas Doktara osoo yaalii baqaqsanii yaaluu gochaa jiruu maqasii yokiin meeshaa biroo garaa namaa keessatti dagachuun namni akka du'u kan taasise yakka ajjeehaa dagannoon akkaataa seera yakkaa keewwata 543 kan itti gaafatamu taha.

✅️Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin fajajeessan fudhachuun haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa taasisu keessa erga of galchee booda yoo ta’ellee;adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.keewwata 543

#Daaima Ajjeesuu
✅️Haati tokko da’uuf ciniinsuun yommuu qabamtetti yookiin miirri ciniinsuu ishii osoo hin darbiin itti yaaddee daa’ima ishii kan ajjeeste yoo ta’e; akka haala dubbichaatti hidhaa salphaan ni adabamti.

✅️Yakkichi yommuu yaalamu, daa’imicharra miidhaan akaakuun kamiyyuu kan hin geenye yoo ta’e, manni murtichaa bu’uura keewwata 180 tiin adabbicha ni salphisa

✅️Haati tokko haalawwan seera yakkaa keewwata  542  (1) jalatti ibsameen ala daa’ima ishii itti yaaddee yookiin dagannoon kan ajjeeste yoo ta’e; tumaaleen seeraa idilee ajjeechaa ilaallatan raawwatamoo ni ta’u.

✅️ Namni biroo akkaataa seera yakka keewwata 542 (1) jalatti ibsameen raawwataa yakkaa muummee ta’uun, kakastummaan, yookiin miiltummaan hirmaataa ta’e; ilaalchi addaa seerichaa osoo hin taasifamiiniif akka haala dubbichaafi akka hamma badii isaatti bu’uura tumaalee seeraa idilee ajjeechaa namaa ilaallataniin ni adabama.(keewwata  542)

✅️akka waliigalaatti yakki ajjeechaa lubbuu namaa ,cimaa,dassiba, salphaa fi dagannoon nama ajjeesuutti akka qoodamu ibsamee jira.hundinuu akkaatuma ulfaatina isaaniin bu'uura seera yakkaa tumaalee ajjeechaan wal qabataniin kan murtiin itti kennamuudha.

https://t.me/Ijooseera
#Waldiddaa_falmii_Maatii
Waldiddaa falmii dhimma maatii ilaalchisee kanaan dura hiikkoo jiildii 19ffaa keessatti kennee tureen Dh, Ijbta MMWF waliigalteen liqii walfuutota keessaa isa tokko qofaan haayyama isa kaanii malee seename jedhamee akka diigamu gaafatamuu kan danda’u fi waliigaltichis kan diigamu 1) firiin dubbii himataan waliigalticha kan hinbeekne/keessa hinjirre ta’uu fi 2) qarshiin liqiidhaan fudhatame jedhame faayidaa waliiniif kan hinoolle ta’uun yoo mirkanaa’e qofa akka ta’edha. Falmii waliigalteen liqii otuu gaa’illi hindiigamin hariiroo gaa’elaa keessatti ka’u ilaalchisee kan raawwatuu fi eega gaa’elli diigamee fi qabeenyi otuu hinqoodamin dura liqii fudhatame yoo ta’e immoo qarshiin fudhatame faayidaa maatiif ooluu isaa dirqamni hubachiisuu kan himatamaa ykn garee liqaa jedhame fudhatee akka ta’edha Dh Ijb duraan kan murteesse.
Amma garuu Jiildii 26ffaa galmee Lkk. 208197 ta’erratti kenneen gareen himannaa dhiyeessu waliigalticha keessa kan hinjirre hinhirmaanne ykn hinmallatteessine ta’uu qofa ragaan yoo hubachiise waliigalteen liqaa sun akka diigamu MM murteessuu akka qabuu fi kanaan ala qarshiin liqii fudhatame faayidaa waliiniif oole moo miti kan jedhu irratti falmisiiuun murtiin kennamu dogongora bu’uraa Sirna seera hooggansa falmii akka ta’e ibsuun murtii kennee jira.
Murtichi maatii keessatti yeroo waldiddaan uumamu sarbama mirga diinagdaawaa/qabeenyaa garee tokkoon isa kaan irratti raawwatamu ittisuun mirga walfuutotaaf eegumsi akka godhamu  kan taasisuudha
https://t.me/Ijooseera
👍1
DhIMMWF Lakk.Galmee 235053 ta’e irratti gaafa 29/7/2015 murtii kenneen:Manneen Murtii himata qabiiyyee lafa keenya irratti waraqaan ragaa(kaartaa) seeraan ala kenname jiru akka nuuf haqamu fi qabiiyyeen lafichaas kan keenya ta’uun isaa akka nuuf mirkannaahu jechuun dhiyaatu ilaalani murtii kennuuf aangoo kan qaban ta'u.
DhIMMWF Lakk.Galmee 38452,220042 fi 220582 irratti Murtii kenneen:-Manneen Murtii himata kaartaan lafa magaalaa irratti kennamee jiru akka naaf haqamu jechuun qofa dhiyaatu irratti dursa ilaalani murtii kennuuf aangoo kan hin qabne ta'u. Sababa:-Dhimootni kana fakkaatan Bu’uura Labsii Adeemsa Bulchiinsa Lakk.1183/2012 keewwata 44 fi 49 tiin mana murtitti otoo hin dhiyaatiin dursa adeemsa bulchiinsaan fala argachu akka qaban tumamee jira.
https://t.me/Ijooseera
OL'IYYANNOO
Vs
SEERA:
Namni kamiyyuu murtii Manni Murtii dhimmicha ilaaluun Murtii isaan irratti kenne irratti Mana Murtii ol'iyyata dhagahuuf aangoo qabutti ol'iyyannoo dhiheeffachuuf mirga akka qabu heerri keewwata 20(6) jalatti ifa taasiseera. Murtii dhumaa Manni Murtii tokko kenne irratti garee komii qabuuf yoo seeraan dhorkame malee mirgi ol'iyyannoo eegamaadha.

#OL'IYYANNOO DHIMMA HARIIROO HAWAASAA:
1) Dhimma hariiroo hawaasaa murtii/ajaja dhumaa kenname irratti gareen komii qabu ol'iyyannoo isaa foormii, qabiyyee fi ulaagaa seeraa akkaataa sdfhh kwt 327 fi 320(1)(2)tiin guutee qophaa'e dhiyeeffachuu qaba. Murtichi komatamu mirga ol'iyyataa kan sarbu ta'uu, murtiin/ajajni kenname kan dhumaa fi falli Mana Murtii jalaatti jiru hundi kan yaalame ta'uu qaba.
2) Qabiyyee fi foormii guutee ol'iyyannichi guyyaa murtiin komatame kenname irraa eegalee guyyoota 60 (Ji'a Lama) keessatti dhiyaachuu qaba.
(sdfhh keewwata 323(2)).
3) Ol'iyyannoon ulaagaalee hunda guutamee karaa kutaa ofisaraatiin Mana Murtii ol'iyyata dhagahutti dhaddacha irratti dhiyaatee ajajni barbaachisaa ni kennama, iyyannoo biraa kan akka dhoorkii raawwii Murtii jalaa fi ragaa dabalataa fa'i ilaallatan yoo jiraatan qoratee ajaja ni kenna.
(sdfhh kwt.332,337 fi 338).
Qallaba ijoollee/daa'immanii yoo ta'e dhorkii raawwii Murtii jalaa hin kennamu.
4) Ajajni dhorkii kennamuun dura/kennameen booda akkuma haala isaatti ol'iyyannoon kan dhiyeessisu ta'uu fi dhiisuu adda baasuun ajajuun barbaachisaadha.
(sdfhh kwt.337).
5) Komiin ol'iyyannoo dhiyaate amansiisaa yoo hin taane battalumatti kufaa ta'a.
(sdfhh Kewt.337).
6) Ol'iyyannichi fudhatama yoo argate qabxiin qulqullaa'uu qabu adda bahee deebii kennaan akka dhiyaatu waamichi taasifamee falmiin ni dhagahama.
(sdfhh keewwata 338).
7) Manni Murtii ol'iyyata dhagahu dhimmichi ragaa dabalataan akka qulqullaa'u taasisuu kan danda'u sababoota 3 (Sadiin) dha:
A) Mana Murtii jalaa/dakaa ijoo qabachuu qabu osoo hin qabatiin bira darbee kan hin qulqulleessine yoo ta'e kanuma ibsuun qabxiin gadi deebisuu Manni Murtii jalaa ragaa dhagahuun Mana Murtii ol'iyyannootti akka deebisu qajeelchuu,
(sdfhh kwt.343)
B) Manni Murtii dakaa ragaa dhagahuun irra ture sababa malee dhagahuu kan dhabe yoo ta'e, Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ofiisaatii ragaa dhagahuu,
(sdfhh kwt.345)
C) Murtii haqaa kennuudhaaf ragaan jiru gahaa yoo ta'uu baate, Manni Murtii ol'iyyannoo dhagahu ragaa dhagahuu,
(sdfhh kwt.345).
9) Manni Murtii dhimmicha ol'iyyannoon ilaalee falmii dhagahee ykn ragaa erga dhagaheen booda Murtii jalaa cimsu ykn diiguu ykn fooyyeessuu ni danda'a,
(sdfhh kwt.348(1)).
9) Murtii Mana Murtii jalaa diiguu ykn fooyyeessuu kan danda'u dogongora bu'uuraa murticha jijjiiru yoo arge qofaadha.

OL'IYYANNOO DHIMMA YAKKAA:
A) Himataan dhuunfaa ykn Abbaan Alangaa murtii himatamaa bilisaan gaggeessuu ykn adabbiin yakkaa kenname gahaa miti jechuun ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.
B) Namni murtiin balleessummaa irratti kennamee fi Murtii adabbii kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.
C) Himatamaan yakka ittiin himatame guutummaan guutuutti amanee bu'uura amantaa isaatiin murtiin balleessummaa erga murtaa'een booda hangi adabbii ykn adabbiin kenname deeggarsa seeraa kan hin qabne yoo ta'e malee Murtii balleessummaa kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu hin danda'u,
(sdfy kwt.181(1)).
D) Haata'u malee Manni Murtii dhimmicha jalqaba ilaale himatamaan himannaa Abbaa Alangaa guutumaan guutuutti osoo hin amanin osoo ragaa dhagahuu qabu hin dhagahiin himatamaan amane jechuun murteesse irratti komii ol'iyyannoo yoo gaafate, komiin kun ifaan galmee keessatti kan mul'atu yoo ta'e, Manni Murtii ol'iyyannoo dhagahu dhimmicha ilaalee Murtii Mana Murtii jalaa diiguun dhimmicha irratti ragaan dhagahamee Murtii itti fakkaate akka kennu Mana Murtii jalaatti deebisuu ni danda'a.
https://t.me/Ijooseera
Raawwii murtii ilaalchisee SDFHH kwt, 389 yoom raawwatama? Hidhaan hanga baatii jahaa jedhamuun tumame adabbii gochaa yakka raawwii murtii gufachiisuu ykn danquuti moo turtii toohannaa/hidhaa siviilii MAI dhibaawaa otuu dandeettii qabuu fi raawwachuu danda’u beekaa raawwii didu ykn danqu ykn gufuu uumu akka dirqamee raawwatu taasisuutidha? MMWF Dhaddachi Ijibbaataa murtii galmee lkk, 63754 ta’e irratti kennuun jiildii 11ffaa  keessatti maxxanfamuu argamuun kwt, 389 akka adabbii gochaa yakka ajaja raawwii diduu ykn gufachiisuutti xiinxaluun murteessuu isaa qabiyyeen murtichaa irraa kan hubatamudha. Akkas yoo ta’e immoo tumaan Seericha kwt, 389 raawwii idaa mallaqaa qofaaf otuu hintaane raawwii murtii kamiiyyuu keessatti MAI raawwicha danqe ykn gufuu itti ta’e ykn qabeenya/wanta raawwiif sababa ta’e miliqsuuf yaale ykn miliqse kamiiyyuu irrattis raawwatiinsa qaba jedhuu fakkaataa. Haata’u malee kaayyoo tumaa kwt ,389 hidhaa adabbii yakkaa otuu hintaane MAI sababa gahaa malee raawwii dide ykn danquu yaale ykn gufuu ta’uu danda’u iyyannoo MAMn dhiyaatu bu’ura gochuun gaaffii fi baasii MAMtiin toohannoo siviilii hanga ji’a jaha gahu jala akka turu sirna raawwii murtii dandeessisu akka ta’e SDFHH biyya Hindii fi qabatama MM biyya sanaa irraa nihubatama. Akka seera biyya keenyaattis tumaan SDFHH kwt, 389 tumaalee kwt, 386 fi 387 waliin walqabatee kan raawwatamuu fi innis MAI dhibaawaa fi dabaa dirqamsiisuuf kan yaadame malee tumaa adabbii yakkaa akka hintaane ifaan kan hubatamu waan ta’eef tarii murtiin Dhaddacha Ijbata ifa yoo ta’uu baateeyyuu bifa kanaan otuu hubatamee gaariidha.

https://t.me/Ijooseera
👍1
☞Hojjataan hojiirraa gaggeeffame gaaffii hojiitti deebi'uu dhiffachuu kan danda'u waliigalteen guyyaa addaan citeerraa eegalee yeroo ji'a sadii keessatti dhiyeeffachuu qaba (keewwata 163 (2)).
☞Kanfaltiin mindaa, kan hojii yeroo dabalataa, ykn kanfaltii kamuu hojjataan gaafatamu guyyaa waliigalteen hojii addaan citee kaasee yeroo ji'a jahaa keessatti qofa gaafatamuu danda'a (keewwata 163 (3) (4).
Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu.

6️⃣. 𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀

➠Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 384.

➠Sirna ariirii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin qabu.

➠Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh keewwata 78(1).

➠Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo dhiyeeffachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1).Yoo hayyamsiisni kennameef malee.

https://t.me/Ijooseera
#AANGOO_FI_HOJII__ABBAA_ALANGAA_NAANNOO_OROMIYAA_SADARKAA_HUNDA
✍️ Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aangoo fi hojii Labsii Lakk.214/2011 fi Labsii kana Fooyyeessuuf kan Bahe Labsii Lakkoofsa 236/2013 tiin akkasumas bu’uura seerota birootiin kennameefiin aangoo fi hojii armaan gadii akka qabu ni hubatama. Aangoowwan kunniinis:
Labsii 214/2011 Keewwata 7(1-51)

1) Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u ni
taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

2) Imaammata sirna haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

3) Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa naannicha keessatti
hojiirra itti oolu ni mijeessa; ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;

4) Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis wal fakkaatinsa kan qabu ta'uu ni mirkaneessa;

5) Dhimma seeraa irratti gorsaa olaanaafi bakka bu'aa mootummaa naannichaa ta'ee ni hojjata;

6) Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu'uura seeraatiin raawwachuu isaanii ni mirkaneessa;

7) Mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii ni mirkaneessa;

8) Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa; qorannoo yakkaa gaggeeffamu ni hooggana; ni hordofa; faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa;

9) Yakkoota ciccimoo yookiin yakkoota malaammaltummaa yookiin yakkoota dantaa ummataafi mootummaa ta’an yookiin yakka taaksii irratti raawwatamu poolisii waliin ni qorata; barbaachisaa ta’ee yoo argame yakkoota biroos Poolisii waliin ni qorata; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;

10) Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Ummataa keessatti yakka malaammaltummaa hojjetaa yookiin Abbaa Taayitaa isaanii yookiin namoota kan birootiin raawwatamuu isaa eeruun yoo isa dhaqqabu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata; akka qoratamu ni taasisa; tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;

11)  Aangoofi hojii mana hojichaatiin walqabatee qorannaa, himannaafi adeemsa murtii yakka malaammaltummaa gufachiisuuf yakkoota nama kamiinuu raawwatamuu isaa eeruun yammuu isa gahu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata;

12)  Yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa yookiin seerota biroo keessatti tumaman yookiin gochoota yakkaa Labsii kanaan dhorkamaniin walqabate eeruun yoo isa ga’e yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e sirna dhoksaatiin yookiin haala mijaahaa diriirsuudhaan mala adda addaatti fayyadamuun poolisii waliin odeeffannoo yookiin eeruu ni sassaaba; akka sassaabamu ni taasisa; murtii barbaachisaa ni kenna; ni kennisiisa;

13)  Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun akka deebi’u ni taasisa; ni himata; ni falma, ni deebisisa; ni dhaalchisa, himanni yakka malaammaltummaatiin dhiyaate yookiin yakkoota malaammaltummaa adeemsa qorannaarra jiran falmii himannaatiin ala akka xumuramu ni taasisa; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;

14) Qorannaa yakka malaammaltummaa ciccimootiin walqabatee bu’uura seera sirna deemsa falmii yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin mooraa nama kamiiyyuu yookiin mana jireenyaa yookiin iddoo hojii yookiin konkolaataa yookiin qabeenya biroo kamiiyyuu akkaataa barbaachisummaa isaatti akka sakatta’amu ni taasisa; ni hordofa; to’annaa jala akka oolu ni taasisa;
https://t.me/Ijooseera
1
Haala Kafaltii Ittii Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii Qonnaa Labsii  lakk. 255/2016 baheen.
Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonnaa baal'ina lafa,oomishaa fi gosa oomishaa yookiin beeylaadaa fi gosa beeylaadaa irratii kan hundaa'ee dha.

Hangaa kaffaaltii  Roobaa qofaan oomishamuu

👉Hanga kaffaaltii lafa qonnan Bula Rooba qofaan omishaamuu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshii  150 waligaalatii qarshii 400  kafaluu qaba .

👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa   oomishaa baargamoof oluu kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara tokkotii Qarshii 300 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  1000 waligaalatii qarshii 1300 kan kafaluu qaba .

Hangaa kaffaaltii Rooba fi Jallisii yookin Jallisii qofaan oomishamuu

👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan  Rooba fi jallisi  ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna aaddaf kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  400 waligaalatii qarshii 650   kan kafaluu  qaba.

👉kaffaaltii lafa baddiiyyaa kan  Rooba fi jallisi  ykn Jallisii qofan omishaamuu qonna ammayyaatiif kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarri tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu ta'a.

Hangaa kaffaaltii lafa baadiyyaa kan Oomishaalee Gabaaf oolanii

👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha Mashoo , bunna fi jimma kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  1000 waligaalatii qarshii 1250  kan kafaluu qaba.

👉kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha baala shaayii,  mi'eessituu urgeessituu ,Paappaayaa  Muuzii  Fi oomishaalee kan fakkatana  kafaltii itti fayyadama lafa Hektaara  tokkoti Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  850 waligaalatii qarshii 1100  kan kafaluu qaba .

👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa  oomisha dibataaf  kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  1200  waligaalatii qarshii 1450  kan kafaluu qaba .

👉 kaffaaltii lafa baadiyyaa kan oomisha agada shaankoraa kafaltii itti fayyadama lafa Hektaarra tokkotii Qarshii 250 fi galii Gibira lafa qonnaaf qarshi  800 waligaalatii qarshii 1050 kan kafaluu .

Hangaa kagafaltii horsiisaa beeyladaa

✍️Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan akkata baayi'inaa fi gosa beeylaadaa irratii hundaa'ee Hanga Gibiira Galii kan kafaluu  horii gaafa  baayi'inaa 10 ol qabu loon tokkotti Qarshii 50 kaffala, Hoolaa yookin re'ee baayi'inaa isaan 15 ol qabu tokkotti Qarshii 10 kaffala, Harree,Gaangee fi Farda baayi'inaa isaan 5 ol qabu tokkotti Qarshii 30 kaffala, Gaala baayi'inaa 5 ol qabu tokkotti Qarshii 100 kaffala.

✍️Dubartootni Mana bulchaniifi Qaama miidhamtootni Loon baayina 12 olitti kaffalu, Hoolaa fi re'ee walumatti 17 olitti  kaffalu ,Harree ,Gaangee fi farda 7 olitti kaffalu akkuma olitii ibsame kanatii kafaluu.

MIRGA KAFFALAA GIBIRAA

👉Kaffalaan Gibiraa,haala Raawwii kaffaltii raawwatuu irratti hubannoo ga'aa argachuu,

👉Hanga kaffaltii akka kaffaluuf itti murtaa'ee fi haala Ragaan itti sassabame irratti komii yoo qabate koree komiitti ragaa qabatamaa dhiyeessee komachuu ni danda'a.

👉Kaffaltii raawwateef naga'ee seera qabeessa fudhachuuf mirga qaba.

      Adabbii Bulchiinsaa

👉Qonnaan bulaan, horsiisee bulan yookiin gamisaa horsiisee bulan kaffaltii  itti fayyadama lafaa yookiin Gibiira Galii qonna   kaffaluuf dirqama qabu kamiiyyuu akkataa seeran daangaa yeroo kaa'ame dabarsee yoo argame Qarshii kaffaluu qabu irratti ji'a ji'aan qarshii paraasantii % 5 Hanga 25% Kan Adabbii ni kafalaa. Haa ta'uu malee adabbin 25% caalu hin qabuu.

👉 Kaffaaltii itti Fayyadama Lafa Baaddiyaa Fi Gibiira Galii hojii qonna akka sassabuuf bakka bu'ee  daangaa yeroo  Galii gochuu qabuu dabarsee argame  yeroo itti dabarse irraa egaale  ji'a ji'aan  5% Hanga 50% Kan Adabamu . Komishinii kaffaalamuufi qabus hin argaatu.
Hubachiinsa: Namooni akkataa seeran ala bahatani Gibiira Nagahee malee hangaa barbaddan Sassabaan jirtaan itti  Gaafatamummaa yakkaaf of qoppheesaa.
#AANGOO_FI_HOJII__ABBAA_ALANGAA_NAANNOO_OROMIYAA_SADARKAA_HUNDA
✍️ Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aangoo fi hojii Labsii Lakk.214/2011 fi Labsii kana Fooyyeessuuf kan Bahe Labsii Lakkoofsa 236/2013 tiin akkasumas bu’uura seerota birootiin kennameefiin aangoo fi hojii armaan gadii akka qabu ni hubatama. Aangoowwan kunniinis:
Labsii 214/2011 Keewwata 7(1-51)

1) Sirni Heeraafi seeraa akka kabajamuufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u ni
taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

2) Imaammata sirna haqa yakkaa biyyaalessaa hojiirra ni oolcha; hojiirra akka oolu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

3) Qaama dhimmi ilaallatu waliin haala tarsiimoon ittisa yakkaa naannicha keessatti
hojiirra itti oolu ni mijeessa; ni qindeessa; hojiirra oolmaa isaa ni hordofa;

4) Seerotni bahan hojiirra ooluufi hojiirra oolmaan isaaniis wal fakkaatinsa kan qabu ta'uu ni mirkaneessa;

5) Dhimma seeraa irratti gorsaa olaanaafi bakka bu'aa mootummaa naannichaa ta'ee ni hojjata;

6) Manneen hojii qaama raawwachiistuu mootummaa Naannichaa hojii isaanii bu'uura seeraatiin raawwachuu isaanii ni mirkaneessa;

7) Mirgootaafi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee heeraafi seeraan eeggaman kabajamuu isaanii ni mirkaneessa;

8) Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa; qorannoo yakkaa gaggeeffamu ni hooggana; ni hordofa; faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa;

9) Yakkoota ciccimoo yookiin yakkoota malaammaltummaa yookiin yakkoota dantaa ummataafi mootummaa ta’an yookiin yakka taaksii irratti raawwatamu poolisii waliin ni qorata; barbaachisaa ta’ee yoo argame yakkoota biroos Poolisii waliin ni qorata; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;

10) Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Ummataa keessatti yakka malaammaltummaa hojjetaa yookiin Abbaa Taayitaa isaanii yookiin namoota kan birootiin raawwatamuu isaa eeruun yoo isa dhaqqabu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata; akka qoratamu ni taasisa; tarkaanfii barbaachisaa ta’e ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;

11)  Aangoofi hojii mana hojichaatiin walqabatee qorannaa, himannaafi adeemsa murtii yakka malaammaltummaa gufachiisuuf yakkoota nama kamiinuu raawwatamuu isaa eeruun yammuu isa gahu yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e Poolisii waliin ni qorata;

12)  Yakkoota malaammaltummaa seera yakkaa yookiin seerota biroo keessatti tumaman yookiin gochoota yakkaa Labsii kanaan dhorkamaniin walqabate eeruun yoo isa ga’e yookiin shakkii gahaa kan qabu yoo ta’e sirna dhoksaatiin yookiin haala mijaahaa diriirsuudhaan mala adda addaatti fayyadamuun poolisii waliin odeeffannoo yookiin eeruu ni sassaaba; akka sassaabamu ni taasisa; murtii barbaachisaa ni kenna; ni kennisiisa;

13)  Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun akka deebi’u ni taasisa; ni himata; ni falma, ni deebisisa; ni dhaalchisa, himanni yakka malaammaltummaatiin dhiyaate yookiin yakkoota malaammaltummaa adeemsa qorannaarra jiran falmii himannaatiin ala akka xumuramu ni taasisa; raawwiin isaa Dambii bahuun kan murtaa’u ta’a;

14) Qorannaa yakka malaammaltummaa ciccimootiin walqabatee bu’uura seera sirna deemsa falmii yakkaa yookiin seerota biroo rogummaa qabaniin mooraa nama kamiiyyuu yookiin mana jireenyaa yookiin iddoo hojii yookiin konkolaataa yookiin qabeenya biroo kamiiyyuu akkaataa barbaachisummaa isaatti akka sakatta’amu ni taasisa; ni hordofa; to’annaa jala akka
👍2
#Seera_Deemsa_Falmii_Yakkaa_Keessatti_Mirga_Ragaa_Abbaa_Alangaa_Ofirraa_Mormachuu_Himatamaa
#Ragaa_Sanadaa_Abbaa_Alangaan_Dhiyaatu_Himatamaan_Yoom_Ofirraa_Mormuu_Qaba_?
Namni yakkaan himatame tokko mirgoota bu’uuraa qabu keessaa mirgi dhagahamuu fi falmachuu isa bu’uuraa yemmuu ta’u kunis mirga waan ittiin himatame yookiin yakka irratti dhiyaate beekuu, ogeessaan gargaaramee deebii kennachuu, ragaa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (the right to challenge prosecution evidence) fi falmii fi ragaa ittisaa dhiyeeffachuu kan haammatuudha.

Mirgoonni kunis akka bu’uuraatti Heera Mootummaa Rippaablika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa fi Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa keewwata 20 jalatti beekamtii fi eegumsi ifa ta’e taasifameefii argama. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa (SDFY) keewwata 124 - 127(1) (dhiyeessa himannaa fi ragaa), keewwata 129 – 132 (dhagaha falmii duraa), keewwata 136 – 141(dhagaha ragaa abbaa alangaa) fi akkasumas seericha keewwata 142 – 143 (dhagaha falmii fi ragaa ittisaa yookiin himatamaa) fi kkf diriirfamuun tumamee jira.

Kana malees, waliigalteewwan mirga namoomaa Idil-Adunyaa biyyi keenya mallatteesite kanneen akka Waadaa Mirga Namoomaa Idil-Addunyaa (Universal Declaration of Human Rights), Kovanantii Mirgoota Siyaasaa fi Dhuunfaa Idil-Addunyaa (ICCPRs) fi kkf keessattis mirgoonni nama yakkaan himatamee kun bal’inaan beekamtii fi eegumsa kan argatan ta’uunis beekamaadha.

Mirga falmii fi ragaa ilaalchisee himatamaadhaaf heerichaan eegamuu fi seerichaan ifatti tumaman kanneen keessaa mirgi himannaa fi ragaa isa irratti dhiyaate beekuu fi ofirraa mormuu (challenging the charge and evidence against him) dirqama ragaa dhiyeessuu fi himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa waliin kan walqabatu yemmuu ta’u adeemsa falmii mirga kana haala haqa qabeessa ta’een kabajeen Abbaan Alangaa akkaataa himannaatti himatamaan gochaa yakkaa ittiin himatame raawwachuu isaa haala gahaa fi ifa ta’een yoo agarsiise qofa himatamaan ofirraa ittisi jedhamuu akka qabu tumaalee SDFY keewwata 141 fi 142 hiikkoo Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Jiildii 26ffaa galmee lak. 208644 ta’erratti kenne walitti dubbisuun hubachuun ni danda’ama.

Kanaan walqabatee akka adeemsa seeraan tumameetti himatamaan ragaalee Abbaa Alangaa kan namaa fi kan sanadaa akkasumas kan biroos yoo jiraatan beekee ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraan ifatti eega kennameef booda falmii fi ragaan A/Alangaa madaalamuun himatamaan ofirraa haa ittisu yookiin hin ittisiin jedhamuu kan qabu akka ta’e seericha irraa kan hubatamuudha. Gama kanaan ragaa namaa yookiin ijaa ilaalchisee guyyaa dhagaha guutuu akkaataa SDFY keewwata 136 – 139tti gaggeeffamu irratti himatamaan dhiyaatee ragaa Abbaa Alangaa kan ijaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuun ofirraa kan mormu akka ta’e seerichas ta’e qabatamni hoji-maataa jiru kan agarsiisu ta’uun beekamaadha.

Haata’u malee, ragaalee sanadaa fi kan agarsiisaa (exhibit) Abbaan Alangaa dhiyeeffatu ilaalchisee mirgi ofirraa mormachuu himatamaadhaa yoom eegamuufii akka qabu, seeraa fi hoj-maata qabatamaa gidduu garaagarummaan kan jiru ta’uun alattis qabatamni jiruyyuu garaagarummaa qaba. Kunis, himatamaan ragaalee sanadaa irratti dhiyaatan gaafa jecha amantaa ykn waakkii kennu beekee ofirraa mormuu qaba moo, gaafa ragaan ijaa dhagahamu moo eega ofirraa ittisi jedhame boodadha, qabxii jedhu irratti hanqini hubannoo bal’aan kan jiru yemmuu ta’u qabatamni hoji-maataa irra caalu eega ragaan ijaa dhagahamee himatamaan ofirraa akka ittisu jedhame booda akka qaama falmii ittisaa yookiin mirga ittifachuu himatamaatti kan ilaaludha.

Bu’ura hoj-maata olitti ibsameen himatamaan ragaa Abbaa Alangaan isa irratti dhiyaate hunda irratti mirgi dursee beekuun ofirraa mormachuu Heericha keewwata 20(4) fi SDFY keewwata 136(3) jalatti tumamee jiru otuu hin eegaminiif ragaa himatamaan ofirraa mormachuuf (challenge gochuuf) carraa hin arganneen akkaataa SDFY keewwata 141tiin akka ofirraa ittisu jedhamuun mirga heeraan himatamaaf eegame kan sarbe ta’uun alattis Seera Deemsa Falmii Yakkaa kan hordofee miti.