OL'IYYANNOO
Vs
SEERA:
Namni kamiyyuu murtii Manni Murtii dhimmicha ilaaluun Murtii isaan irratti kenne irratti Mana Murtii ol'iyyata dhagahuuf aangoo qabutti ol'iyyannoo dhiheeffachuuf mirga akka qabu heerri keewwata 20(6) jalatti ifa taasiseera. Murtii dhumaa Manni Murtii tokko kenne irratti garee komii qabuuf yoo seeraan dhorkame malee mirgi ol'iyyannoo eegamaadha.
#OL'IYYANNOO DHIMMA HARIIROO HAWAASAA:
1) Dhimma hariiroo hawaasaa murtii/ajaja dhumaa kenname irratti gareen komii qabu ol'iyyannoo isaa foormii, qabiyyee fi ulaagaa seeraa akkaataa sdfhh kwt 327 fi 320(1)(2)tiin guutee qophaa'e dhiyeeffachuu qaba. Murtichi komatamu mirga ol'iyyataa kan sarbu ta'uu, murtiin/ajajni kenname kan dhumaa fi falli Mana Murtii jalaatti jiru hundi kan yaalame ta'uu qaba.
2) Qabiyyee fi foormii guutee ol'iyyannichi guyyaa murtiin komatame kenname irraa eegalee guyyoota 60 (Ji'a Lama) keessatti dhiyaachuu qaba.
(sdfhh keewwata 323(2)).
3) Ol'iyyannoon ulaagaalee hunda guutamee karaa kutaa ofisaraatiin Mana Murtii ol'iyyata dhagahutti dhaddacha irratti dhiyaatee ajajni barbaachisaa ni kennama, iyyannoo biraa kan akka dhoorkii raawwii Murtii jalaa fi ragaa dabalataa fa'i ilaallatan yoo jiraatan qoratee ajaja ni kenna.
(sdfhh kwt.332,337 fi 338).
Qallaba ijoollee/daa'immanii yoo ta'e dhorkii raawwii Murtii jalaa hin kennamu.
4) Ajajni dhorkii kennamuun dura/kennameen booda akkuma haala isaatti ol'iyyannoon kan dhiyeessisu ta'uu fi dhiisuu adda baasuun ajajuun barbaachisaadha.
(sdfhh kwt.337).
5) Komiin ol'iyyannoo dhiyaate amansiisaa yoo hin taane battalumatti kufaa ta'a.
(sdfhh Kewt.337).
6) Ol'iyyannichi fudhatama yoo argate qabxiin qulqullaa'uu qabu adda bahee deebii kennaan akka dhiyaatu waamichi taasifamee falmiin ni dhagahama.
(sdfhh keewwata 338).
7) Manni Murtii ol'iyyata dhagahu dhimmichi ragaa dabalataan akka qulqullaa'u taasisuu kan danda'u sababoota 3 (Sadiin) dha:
A) Mana Murtii jalaa/dakaa ijoo qabachuu qabu osoo hin qabatiin bira darbee kan hin qulqulleessine yoo ta'e kanuma ibsuun qabxiin gadi deebisuu Manni Murtii jalaa ragaa dhagahuun Mana Murtii ol'iyyannootti akka deebisu qajeelchuu,
(sdfhh kwt.343)
B) Manni Murtii dakaa ragaa dhagahuun irra ture sababa malee dhagahuu kan dhabe yoo ta'e, Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ofiisaatii ragaa dhagahuu,
(sdfhh kwt.345)
C) Murtii haqaa kennuudhaaf ragaan jiru gahaa yoo ta'uu baate, Manni Murtii ol'iyyannoo dhagahu ragaa dhagahuu,
(sdfhh kwt.345).
9) Manni Murtii dhimmicha ol'iyyannoon ilaalee falmii dhagahee ykn ragaa erga dhagaheen booda Murtii jalaa cimsu ykn diiguu ykn fooyyeessuu ni danda'a,
(sdfhh kwt.348(1)).
9) Murtii Mana Murtii jalaa diiguu ykn fooyyeessuu kan danda'u dogongora bu'uuraa murticha jijjiiru yoo arge qofaadha.
OL'IYYANNOO DHIMMA YAKKAA:
A) Himataan dhuunfaa ykn Abbaan Alangaa murtii himatamaa bilisaan gaggeessuu ykn adabbiin yakkaa kenname gahaa miti jechuun ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.
B) Namni murtiin balleessummaa irratti kennamee fi Murtii adabbii kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu ni danda'a.
C) Himatamaan yakka ittiin himatame guutummaan guutuutti amanee bu'uura amantaa isaatiin murtiin balleessummaa erga murtaa'een booda hangi adabbii ykn adabbiin kenname deeggarsa seeraa kan hin qabne yoo ta'e malee Murtii balleessummaa kenname irratti ol'iyyannoo gaafachuu hin danda'u,
(sdfy kwt.181(1)).
D) Haata'u malee Manni Murtii dhimmicha jalqaba ilaale himatamaan himannaa Abbaa Alangaa guutumaan guutuutti osoo hin amanin osoo ragaa dhagahuu qabu hin dhagahiin himatamaan amane jechuun murteesse irratti komii ol'iyyannoo yoo gaafate, komiin kun ifaan galmee keessatti kan mul'atu yoo ta'e, Manni Murtii ol'iyyannoo dhagahu dhimmicha ilaalee Murtii Mana Murtii jalaa diiguun dhimmicha irratti ragaan dhagahamee Murtii itti fakkaate akka kennu Mana Murtii jalaatti deebisuu ni danda'a.
https://t.me/Ijooseera