👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Namni_qabeenya_bade_argate_Mirgoota_akkamii_qaba_laata?
👉Gaaffii kanaaf deebii ni ta'a jedhee yaade akka armaan gadii kanatti ibsuuf yaaleera.
#Dubbisa_Gaarii
================
✍️Abbaan qabeenyichaa hanga dhufutti harka ofii keessa galchuun kaa’uu (keewwata 1155(1)).

✍️Qabeenyi badee argame yeroo tajaajilaan ala yookaan
tortoruuf; dulloomuuf danda’utti fi kkf yookaan eegumsa isaaf
baasii baay’ee kan gaafatu yoo ta’e bakka ifaa ta’etti caalbaasiin gurguruu (keewwata 1156(1)).

✍️Baasii heedduuf kan
saaxilu jecha jedhuuf gatii qabeenyichaan madaaluun
kan ilaalamu dha.

✍️Abbaa qabeenyichaarraa tokko afuraffaan gatii qabeenyichaa bifa komishiniitiin akkuma haala isaatti argachuu danda’a. As irratti komishiniin kennamuu fi kennamuu dhabuun aangoo abbootii seeraatiif kan kenname dha (keewwata 1158(1)).

✍️Hama komishinii kan murteessuu danda’uus qabeenya nama qabeenyicha argatee fi abbaan qabeenyichaa qaban akkasumas abbaan qabeenyaa qabeenya bade barbaadee argachuuf carraa inni qabu dhiphisuu fi bal’isuun tilmaama keessa kan galchuudhan.

✍️Eegumsa yookaan gurgurtaa qabeenyichaaf, abbaan qabeenyaa dhiyaatee qabeenya isaa akka fudhatuuf baasii
beeksisaaf baase akka bakka buufamuuf gaafachuuf mirga
qaba (keewwata 1157(2)).

✍️Abbaan qabeenya baasii nama argee hanga bakka hin buufnetti qabeenyicha idaadhaan namni arge qabatee turuuf mirga qaba. Darbiinsi yeroo isaa kan raawwate yoo ta’e abbaa qabeenyaa
qabeenyichaa ta’uu (keewwata 1157(1)).

✍️Mirga kun S/H/H keewwata 1192 waliin wal qabatee kan ilaalamu dha.qabeenyi gataman yookaan dhiifaman qabeenya badan irraa garaagarummaa akka qaban hubachuun barbaachisaa dha.

✍️Qabeenyi hayyama abbaa qabeenyaan ala; kana jechuun
dagannoo irraa kan ka’e yookaan dhimma humnaa oli ta’een baduu akka danda’an gararaatti ilaaleera.

✍️Qabeenyi gataman yookaan dhiifaman garuu abbaan qabeenyaa kanniinii beekuudhaan ammaan booda na hin gargaaran jechuun kan
gate yookaan dhiise dha. Kana waan ta’eef abbaan qabeenyaa
duraa akkuma qabeenya kanniin gateen mirga abbaa
qabeenyummaa addaan cita.

✍️Qabeenyi kun akkuma gatamaniin battalumatti namni biroon kan argate qabeenyaa kaase yoo ta’e namni kun yeroo argate irraa eegalee qabeenya
kaniiniif abbaa qabeenyaa ta’a. Kanaaf, asi irratti akka dhimma
ijoo tokkotti kan fudhatamu abbaan qabeenyaa duraa
qabeenyichi harka isaa keessaa bahuu kan danda’e hayyamaa
isaan moo miti kan jedhu dha.
miidiyaa ijoo seeraa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk midiyaa Ijoo seeraa hordoofun maatii ta,a.
#Galatoomaa🙏🙏🙏

Share, like , or Comment godhuu dandeessu.
👉MURTII BARSIISOO✍️
Himatamtuun Halkan Alatti Daa'ima Lubbuu qabu dhaltee Gatte Hidhaa Cimaa Waggaa "4'' fi baatii "6"tiin Adabamte!!!!!
✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
Himatamtuun maqaan isii Mastawaat Luluu Asfaa jedhamtu yakka raawwachuuf itti Yaaddee  gààfa guyyaa 18/2/2017 halkan  irraa tilmaamaan sa'aa 3:00tti Go/Ha/Bahaa Anaa Malkaa Bal'oo  Magaalaa Harawaacaa  keessaatti daa'imaa isii kan of eeguu hin dandeenye akkuma deesseen osoo inni lubbuu qabuu  gattee(Darbitee) deemte jechuun Eeruun dhiyaatee; Eeruu dhiyaate Gareen qorannaa yakkaa Ragaan qulqulleessuun galmee A/Alangaaf dabarsanii; Abbaan Alangaas Seera yakkaa bara 1996 fooyya'ee bahe kwt 574(2) jalatti yakka nama balaaf Saaxiluu ykn Balaa keessatti dhiisuutiin himannaan himatamtuu irratti dhiyaatee Himatamtuun dhaddachaatti dhiyyaattee Enyummaan isii erga mirkanaahe booda, Mormii   Sadarkaa duraa akka qabdu gaafatamee hin qabu jettee; Manni murtii Abukaatoo Dhaabeefii erga abukaattoon mariyatte booda; Jecha Amantaa kenniteen Eyyen Daa'ima dhalee Sodaa warra keenyaatiif gateen jira erga jette booda Manni murtii Akka waakkatteetti qabachuun ragaan AA akka dhagahamu ajajee, Ragaan AA dhagahamee erga irratti mirkaneesse booda, manni murtii jalmurtii laateen Keewwatuma ittiin himatamte jalatti ofirraa ittisi erga jedheen booda Himatamtuun ragaa ittisaa hin qabu jechuun guca guuttee dhaddachaaf erga dhiheessite booda, Kewwata ittiin himatamte jalatti murtii balleessummaa kennuun Dhaddacha gaafa guyyaa 23/3/2017 Ooleen Adabbii himatamtuu fi Namoota akka isii kan biroo barsiisuu dandahu Hidhaa Cimaa waggaa Afuriifi Baatii Jahaa(HC.W4 fi B.6)tiin Adabamtee jiti.
Hub. Dubartoonni Seeraan Ala daa'ima godhattanii Daa'ima Abdii Boruu gattan ykn darbitan Murtee kanarraa barattanii  yakka kanarraa akka of eegdaniin Dhaamsa Keenya.

WAAAM/Bal'oo 
Sadaasa 23 Jaaja
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇#LAFA_NAMAA_IRRATTII_MANA_IJAARUU
Lafa qabiyyee nama biroo irrattii namnii mirga hin qabnee tokko abbaan qabiyyee osoo mormuu yookiin iddoo inni hin jirreetti yookiin abbaan qabiyyeedha yoo osoo hin mormiin calliisuu fi hayyamuun mana ijaaramuun wal qabsiisee irrattii seerri maal jedha
✍️ Seerri biyya teenyaa nama qabiyyee nama irrattii mana ijaarrate ilaalchisee SHH kew.1170 fi 1179 irratti dubbatee jira.
Namni tokko lafa qabiyyee isaa hin ta'in yookiin kan nama biraa irratti mana ijaarachuu hin danda'u.Mirgii itti fayyadamuudha kan abbaa qabiyyeeti jedha.
✍️ Namnii osoo abbaan qabiyyeedhaa ykn lafaa laftii kan kootii irratti hin ijaarrattu jechuun mormuu lafa nama irrattii mana ijaarrate furmaata lamaatu jira.
1-Baasii inni mana ittii ijaaree osoo hin kaffaliin mana keessaa baasuu ni danda'a.
2-Namichii lafa nama irraatti mana ijaare baasii isaatiin mana irraa diiggatee akka deemuu hayyamuufi.
Abbaan lafichaa yeroo namni biraa lafa isaa irraatti mana ijaarutti iddoo san yoo hin jirree fi ijaaramuu isaa yoo quba hin qabannee, yeroo dhagayetti ykn beeketti manicha akka gad dhiisee deemuu godhuu ni danda'a.
✍️ Namni lafa isaa irrattii nama biraatin manni ijaaramuu osoo arguu ykn beekuu yoo hin mormiin ykn akka hin ijaarreef dhoorkuuf yaalii hin godhiin hayyamee ta'e,
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 6ffaa lakk galmee 30101fi jildii 20ffaa lakk galmee 105125 irrattii manni kan abbaa ijaarrateeti abbaan qabiyyee namicha mana irrattii hojjatee gatii baasii mana itti ijaare kaffallee keessa baasuu fi irraa fudhachuu hin danda'u jechuun murtii kennee ture.
👉 Qabxiin inni biraa #Namni qabiyyee Lafa magaalaa bitatee Mana irratti ijaare baasii ijaarsaaf baase abbaa qabiyyee (gurgurataa) gaafachuu danda'aa
⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 22ffaa Lakkoofsa Galmee 141606 ta'e irratti "qabiyyee Lafaa tokko waliigaltee bittaa fi gurgurtaa seeraan alaatiin argame ta'uu yoo mirkanaa'e,gareen laficha bitatee Mana irratti ijaare eeyyama gurgurtaatiin kan ijaareedha jedhamee tilmaamni seeraa fudhatamu kan hin jirre waan ta'eef, bitataan mana ijaare baasii isaatiin kaasee qabiyyicha abbaa qabiyyeetiif(gurgurataaf) gadi lakkisuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kennee ture.

⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 22ffaa Lakk.Galmee 128650 ta'e irratti "namni laficha bitee Mana irratti ijaare qabeenya laficha irratti ijaarame baasii isaatiin kaasuu malee baasii gurgurtaa (abbaa qabiyyee) gaafachuu akka hin dandeenye" hiikoo kennee ture.

Itti fufa.....
𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐘𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐞 𝐌𝐢𝐢𝐝𝐡𝐚𝐦𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐆𝐨𝐝𝐡𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐃𝐡𝐢𝐲𝐞𝐞𝐟𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐍𝐢 𝐃𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚?
     (Murtii fi Dhimma Falmisiisaa)

📌Namni yakkan himatame miidhamaa akka ragaa ittisaati dhiyeefatee miidhamaan himatamaan yakkicha hin raawwanne jechuun kan rage yoo ta’e abbaan alangaa miidhamaan jecha ragaa faayidaa dhunfaatiif bitame kan kanne tahuu isaa hanga hin mirkaneesinitti himatamaan yakka ittin himatame ofirraa hin ittifne kan hin jechisifne tahuu isaa dhaddachi Ijibaataa mana murtii waliigala federaalaa jildii 22ffaa irratti murtii dirqisiisaa kannee jira.

📌Kana jechuun mirgi ragaa ittisaa dhiyeefachuu mirga namummaa heeraa fi waadaalee mirgoota namummaa Idil Addunyaa jalatti tumamee jiru fi mirga bal'aa waan ta'eef namni yakkaan himatame ragaa ittisaa barbaade dhiyeefachuu kan danda'u ta'uu isaa kan agarsiisuudha.

📌Murtii dhaddacha ijibaataa kanaan walqabatee dhimmi guddaan gaaffii kaasu miidhamaan jalqaba gaafa ragaa Abbaa Alangaa tahuun dhiyaate himatamaan yakkicha raawwate jechuun ragee yeroo lamaffaaf ammaas ragaa ittisaa himatamaa tahuun dhiyaate gaafa himatamaan yakkicha hin raawwanne jechun rage yakka ragaa sobaatin hin gaafatamu?

📌Miidhamaan ragaa ittisaa ta'un dhiyaatee himatamaan yakkicha hin raawwane jechuun erga ragee booda yakka ragaa sobaatin kan himatamu yoo ta'e murtii dhaddacha ijibaataa kana akka ittisa seeraati kaafachuun itti gaafatamummaa yakka jalaa bahuu ni danda'aa?
https://t.me/ijooseeraa
🔰𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐟𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐝𝐡𝐢𝐦𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐬𝐞𝐞𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐪𝐚𝐛𝐚𝐭𝐚𝐧 𝐤𝐚𝐦𝐢𝐲𝐲𝐮𝐮 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐢𝐧𝐬𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐫𝐠𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐭𝐨𝐨𝐫𝐚 𝐭𝐞𝐥𝐞𝐠𝐢𝐫𝐚𝐚𝐦𝐢𝐢 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐨𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐜𝐡𝐮𝐧 𝐧𝐮 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐚𝐟𝐚𝐚.
👉olny legal issue and legal questions can be posted and rised on this page !https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk Midiiyaa Ijoo Seeraa kana Hiriyoota keessaniif share waliif gochun maatii ta,a .
3👍1
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
𝗚𝗔𝗔'𝗘𝗟𝗔 𝗢𝗦𝗢𝗢 𝗛𝗜𝗡 𝗥𝗔𝗔𝗪𝗪𝗔𝗧𝗜𝗡 𝗔𝗞𝗞𝗔 𝗔𝗕𝗕𝗔𝗔 𝗠𝗔𝗡𝗔𝗔 𝗙𝗜 𝗛𝗔𝗔𝗗𝗛𝗔 𝗠𝗔𝗡𝗔𝗔𝗧𝗧𝗜 𝗪𝗔𝗝𝗝𝗜𝗡 𝗝𝗜𝗥𝗔𝗔𝗖𝗛𝗨𝗨:𝗕𝗨'𝗔𝗔 𝗦𝗘𝗘𝗥𝗔𝗔 𝗛𝗢𝗥𝗗𝗢𝗙𝗦𝗜𝗜𝗦𝗨

#Maatiin bu'uura hawaasaa akka ta'ee fi mootummaa dabalatee qaamolee hunda irraa eegumsi taasifamuufii akka qabu Heera Mootummaa Federaalaa fi kan Naannoo Oromiyaa keewwata 34 (3) jalatti tumameera.

Karaalee maatiin itti ijaaramuu fi seeraan beekamtiin kennameef keessaa tokko osoo gaa'ela hin raawwatin akka abbaa manaa fi haadha manaatti wajjin jiraachuu (irregular union) dha. Karaan biraa maatiin ittiin bu'uureffamu gaa'ela. Seerri Maatii Oromiyaa boqonnaa tokko (boqonnaa 8ffaa) dhimma kanaaf kan ramade yoo ta'u hariiroon kun beekamtii fi eegumsa seeraa kan argate ta'uu agarsiisa.

Hariiroon kun jira jedhamuuf ulaagaaleen guutamuu qaban maal maal? Walitti dhufeenyaa fi qabeenya gareewwan lamaanii irratti bu'aalee akkamii hordofsiisa? Seerri hariiroo kanaaf eegumsa gochuu kan barbaade maalirraa ka'eeti? Qabxiileen jedhan barreeffama gabaabaa kana keessatti uwwisa kan argatan ta'a.

𝗛𝗮𝗿𝗶𝗶𝗿𝗶𝗰𝗵𝗶 𝗝𝗶𝗿𝗮 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮𝗺𝘂𝘂𝗳 𝗨𝗹𝗮𝗮𝗴𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗚𝘂𝘂𝘁𝗮𝗺𝘂𝘂 𝗤𝗮𝗯𝗮𝗻
Osoo gaa'ela hin raawwatin hariiroon akka abbaa manaa fi haadha manaatti wajjin jiraachuu jira jedhamuuf ulaagaa guutamuu qabuu fi hariiricha mirkaneessuuf ragaa dhiyaachuu qabu Seerri Maatii Oromiyaa keewwata 128, 129 fi 136 jalatti ifatti kaa'ee jira.

Kunis, haalli jarri itti wajjin jiraatan hawaasa keessa jiraatan biratti akka abbaa manaa fi haadha manaatti akka isaan ilaalu taasisuu danda'uu dha. Ragaan dhiyaatus hawaasni jara lamaan akka abbaa manaa fi haadhaa manaatti kan ilaalu ta'uu mirkaneessinaan gahaa akka ta'e keewwata 136 irraa ni hubatama, dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaas galmeewwan adda addaa irratti murtiiwwan dirqisiisoo kennees kanuma agarsiisu.

𝗕𝘂'𝗮𝗮 𝗨𝘂𝗺𝗮𝗺𝘂𝘂𝗻 𝗛𝗮𝗿𝗶𝗶𝗿𝗶𝗰𝗵𝗮𝗮 𝗛𝗼𝗿𝗱𝗼𝗳𝘀𝗶𝗶𝘀𝘂
𝙵𝚒𝚛𝚘𝚘𝚖𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚒𝚜𝚎𝚎: Jiraachuun hariirichaa firooma firoota foonii dhiirichaa fi dubartittii gidduutti firooma fuudhaa fi heeruma irraa maddu uumuu hin danda'u. Haa ta'u malee yeroo hariirichi jiru keessatti firoota dhiirichaa fi kan dubartittiit gidduutti dhorkaan wal fuudhuu Seera Maatii Oromiyaa keewwata 28'n dhorkame raawwatiinsa akka qabu tumameera; jecha birootiin yeroo dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko osoo gaa'ela hin raawwatin akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin keessatti obboleewwan isaanii akkasumas ijoollee obboleewwan isaanii ykn obboleewwan isaanii ijoollee obboleewwan isaanii wal fuudhuu hin danda'an jechuu dha.

𝙱𝚊𝚊𝚜𝚒𝚒 𝙹𝚒𝚛𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚒𝚜𝚎𝚎: lamaanuu akkaataa humnaa fi dandeettii isaaniitti baasii jireenyaa waliin haguuguuf dirqama qabu (keewwata 131)

𝚀𝚊𝚋𝚎𝚎𝚗𝚢𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚒𝚜𝚎𝚎: hariirichi waggaa 3 fi isaa ol kan ture yoo ta'e qabeenyi yeroo waliin jireenyaa kana keessatti uumame qabeenya waliinii akka ta'uu fi idaawwan yeroo kana keessatti seenamanis idaa waliinii akka ta'an seerichaan tumameera (keewwata 132). Hariirichi waggaa sadii kan hin guutne taanaan garuu bu'aan hariirichi qabeenya irratti hordofsiisu hin jiru.

𝙰𝚍𝚍𝚊𝚊𝚗 𝙲𝚒𝚝𝚞𝚞 𝚆𝚊𝚕𝚒𝚒𝚐𝚊𝚕𝚝𝚒𝚌𝚑𝚊𝚊 𝙸𝚕𝚊𝚊𝚕𝚌𝚑𝚞𝚜𝚎𝚎: lamaan jaraa yeroo kamittuu addaan kutuuf mirga kan qaban ta'uun ibsameera. Jiraachuu fi jiraachuu dhabuu hariiroo kanaa ilaalchisee falmiin yoo ka'e dhimmicha ilaalee murtii kennuuf aangoo kan qabu Mana Murtii qofa akka ta'es tumameera (keewwata 135 fi 137).https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Adabbii Du'aa
....
Adabbiin du'aa maali? Haalli raawwii isaa akkami? Seerri yakkaa keenya maal jedhaa? Murtiin du'aa maloota adabbiin seera yakkaa yakkamaa tokko irratti kennamu keessaa isa tokkoodha. HMFRDI kwt.15 jalatti murtii du'aatiif uwwisa kenneera. Akkas jedha.
“Every person has the right to life. No person may be deprived of his life except as a punishment for a serious criminal Offence determined by law”. Heera mootummaa hordofee seerri yakkaa keenya tumaalee kwt.117-120 jalatti dhimmoota kanneenif uwwisa seeraa kenneera. Yakkoonni adabbii du'aa hordofsiisanis yakkoota ciccimoo fi addatti yakkamtoota balaafamoo ta'an irrattiidha. Yakkoota adabbii du'aa adabsiisan muraasa yoo ilaalle:
Seera Yakkaa kwt. 539,671(2), 238(2), 240(2), 241,246, 247,248, 251, 258), 252(2) fi yakkoota waraana irratti raawwataman (kwt. 270) fa'aa ilaaluun ni danda'ama.
Akka qajeeltootti adabbiin du’aa kan murtaa’u, yakkichi xumura kan argate ta’ee, daran baay’ee cimaa ta’uu isaafi yakkamtichis balaafamaa addaa ta’uu isaatiin, yakkichaaf adaba akka ta’utti seerichaan ifatti tumamee yoo jiraate, akkasumas yakkamtichaaf sababni adabbii salphisu kan hin jirre yoo ta'ee fi yakkamtichi yeroo yakkicha raawwatetti yoo xiqqaate umuriin
isaa/she waggaa 18 (Kudha Saddeet) kan guute yoo ta'e qofaadha.
° Adabbiin du’aa, murtiin isaa pirezidaantii biyyaattiin kan ragga’e yoo ta’e malee raawwatamuu hin danda’u. Adabbichi dhiifamaan yookiin baraarsaan kan hin diigamne yookiin kan hin jijjiiramne ta’uun isaa qoratamuu fi beekamuu isaatiin dura raawwatiinsa hinqabaatu.
° Adabbiin du’aa uummata duratti, addababayiitti fannisuun yookiin karaa biroo kabaja namoomaa isaa tuqu kamiiniyyuu hin raawwatamu. Adabbichi haala kabaja namoomaa isaa eegeen mooraa mana sirreessichaa keessatti akka raawwatamu ni ajajama. Tooftaan raawwii isaas qaama olaanaa seera raawwachiisaa Bulchiinsa Mana Sirreessaa Federaalaa yookiin Naannoo dhimmichi ilaallatuun ni murtaa’a.
° Namni Adabbiin Du’aa Itti Murtaa’e Hanga Adabbichi Raawwatamutti Haala kamiin turaa? Namni adabbiin du’aa itti murtaa’e hanga adabbichi ragga’uu fi raawwatamutti, haala hidhamaan adabbiin hidhaa cimaa itti murtaa’e adabbii isaa raawwatuun hidhamee ni tura.Bulchiinsi mana sirreessichaa nageenya hidhamtichaaf eegumsa eeggannoo barbaachisaa ta’e ni taasisaaf. Hidhamtichi yoo fedheefi kan danda’amu yoo ta’e, kutaa itti hidhame keessatti hojii akka hojjetu ni taasifama.
° Raawwiin Adabbii Murtii Du’aa Dhorkamee Turuu ni danda'a. Haalli raawwii isaas Namoota guutummaan yookiin gartokkeen itti gaafatamummaa hinqabne, yookiin nama baay’ee dhukkubsate, yookiin dubartii ulfaa irratti hanga haala akkasii keessa jiranitti adabbiin du’aa isaan irratti murtaa’e dhorkamee ni tura.
° Adabbii Du’aa Jijjiiruun ni danda'amaa? Eeyyee! Dubartiin ulfaa daa’ima lubbuu qabu yoo deesseefi daa’ima kanas sooruufi guddisuun yoo ishee irra jiraate, adabbiin du’aa kun hidhaa cimaa umurii guutuutti ni jijjiiramaaf...https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Murtii DhIMMWF dhimma adeemsa falmii mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa irratti seera addaa raawwatiinsa qabu ilaalchisee dhaddacha gaafa kenne.

"....Akkuma olitti ibsame dhimmichi falmii mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaatiin wal qabatee himannaa dhiyaate kan ilaallatu waan ta'eef, Manni murtii himannichi sadarkaa jalqabaatiin itti dhiyaatu, haala (sirna) dhiyaatinsa oliyyannoofi sirna itti iyyannoon dhaddacha ijibbaataatti dhiyaatuu, fi manneen murtii iyyannoowwan kana akka ilaalaniif aangoon kennameef ilaalchisee falmii ka'u irratti seerri addaa raawwatiinsa qabaatu labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa naannichaa labsii lakk.110/1999dha" jedheera.

👁️Dhimmi kun kan eegale Naannoo SSU Kibbaa irraa ta'ullee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF murtii kana keessatti
seerri addaa adeemsa falmii mirga abbaa qabiyyummaa lafa baadiyyaa irratti raawwatiinsa qabaatu seera bulchiinsaafi itti Fayyadama Naannoo sanii ta'uu haala kallattii agarsiisuun kaa'eera.
        https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Cheekii_Gogaa
Akkuma beekamu Seerri Yakkaa biyya keenyaa kwt 693(1) jalatti namni kamiyyuu yeroo cheekiin kennamutti (bahutti) ykn yeroo cheekiin baankiitti dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju akka hin qabne osoo beekuu cheekii yoo kenne yakkaan kan adabamu ta'uu tumeera. Kwt xiqqaa (2) jalatti immoo gochichi dagannoodhaan kan raawwatame yoo ta'es yakkaan kan adabsiisu ta'uu tumeera.

Barreeffamni gabaabaan olitti dhoobame kun (☝️☝️☝️), yakka cheekii gogaa kennuu seera Yakkaa kwt 693 jalatti ibsameen kan wal qabatu yemmuu ta'u, barreeffamichi Dhaddachi Ijibbaataa MMWF dhimmichaan wal qabatee galmee garaagaraa irratti yaada garaagaraa calaqqisiisuu isaa, keessattuu falmii sivilii cheekiin wal qabatu keessatti dhimmi wabummaa akka ittisaatti ka'uu kan danda'u ta'uu galmeelee addaa addaa irratti ibsaa turuufi dhimma yakka cheekii gogaa keessatti garuu wabummaan akka ittisaatti ka'uu kan hin dandeenye ta'uu ibsàa turee booda kana murtii Lakk.Ga.161448 ta'e irratti kenneen fooyyessuu, murtiin boodarra kenname kunis iftoomina kan hin qabne ta'uu, dhaddachichi dhimma yakkaa irratti sadarkaa mirkaneessa ragaa (Standard of Proof) isa gadi aanaa kan fayyadame ta'uu ibseera. Kana malees, muuxannoo biyya Indiyaa kaasuudhaan seera baastuun ulaagaa gochaa seera yakkaa kwt 693 ifa taasisuun seericha fooyyessuu qaba jechuunis yaada isaa kenneera.

Akkuma olitti ibsine barreeffamichi, gama kanaan, murtii Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.161448 (Jildii 25ffaa) ta'e irratti murteesses xiinxaleera. Murtii yakka cheekii gogaa kennuu ilaalchisee kenname kana keessatti dhaddachichi; Hariiroo daldalaa nama cheekii kenneefi fudhate gidduu jiru irraa ka'uudhaan cheekiin kan kenname ta'uu, dhimmicha keessatti cheekiin kan kenname akka calleeffamuuf osoo hin taane wal amantaadhaaf ta'uu ibsuudhaan, ta'us namni cheekii kenne itti gaafatamummaa yakkaa irraa bilisa ta'uu kan danda'u cheekicha wabummaadhaaf ykn qabsiisaaf kan kenne ta'uu isaatiifi waliigalteen Wabummaa ykn qabsiisaa (pledge) bu'uura ulaagaa Seera Daldalaafi Seera Hariiroo Hawaasaa keessatti teechifameen raawwatamuu isaa yoo mirkaneesse malee mirkaneessi ragaa namaatiin taasifamu fudhatama hin qabu jechuun akka bu'uura murtichaatti Seera Daldalaa Kwt 952 fi SHH kwt 2864-2866s caqaseera. Hiikkoon seeraa Galmee Lakk.67947 ta'e irratti kennamee tures fooyya'uu isaa ibseera)https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
#Oolmaa_Dhaddachaa
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa himatamaa yakka ajjechaa lubbuu namaa  raawwachuun himatame hidhaa cimaa umrii guutuun adabee jira.

(Muddee 3/2017, MMOGHB, Harar) Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannootti himatamaan yakka ajjechaa lubbuu namaa raawwachuun himatame hidhaa cimaa umrii guutuun adabamee jira.

Himannaa Abbaan Alangaa Godina Harargee Bahaa gaafa guyyaa 30/01/2017  dhiyeesseen himannaa 1ffaa. himatamaan Ahmad Aadam Katabee jedhamu Seera Yakkaa kewt.60(C) fi 539(A) bira darbun  nama ajjeesuuf itti yaadee gaafa guyyaa 09/08/2016 halkan keessaa tilmaamaan sa'aati 2:00tti  Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannoo Araddaa Mojoo Haamid ganda Tushaa iddoo addaa mana jireenyaa dhuunfaa isaa keessatti, miidhamatuu dhunfaa maqaan ishee Faaxumaa Ahmad Bakar jadhamtu haadha mana isa kan taate waaliin mana isaa keessa osoo jiiraatanuu, sababa tokkoon malee hulaa keessaan itti cufee akka namni biraa alaa gara mana keessaa hin seenne, akka mana keessa kan jiruus gara alaa hin baane erga godhe booda ifaa mana keessa jiru dhaamsuun osoo miidhamtuun iyyituu meeshaa qara qabu qottoodhaan  morma gara mirgaa irra itti deddeebisee  diruun kan lafatti  kuffise yoo ta'u sababuma kanaan battalumatti lubbuun ishee akka darbu kan godhee fi erga lafatti kuffisee boodaas reeffa ishee itti deddeebisee lafatti waan diddireef yakka ajjechaa lubbuu namaa haala suukanneessaa ta'een raawwate jechuun kan himatame yoo ta'u

Himannaa 2ffaan haaluma walfakkaatuun himatamaan kun Seera Yakkaa kewt.60(C) fi 539(A) bira darbun  nama ajjeesuuf itti yaadee gaafa guyyaa 09/08/2016 halkan keessaa tilmaamaan sa'aati 2:00tti  Godina Harargee Bahaa Aanaa Baddannoo Araddaa Mojoo Haamid ganda Tushaa iddoo addaa mana jireenyaa dhuunfaa isaa keessatti miidhamtuu dhuunfaa Hindiyyaa Ahmad Bakar jedhamtu obboleettii haadha mana isaa kan taate waaliin mana isaa keessa osoo jiranuu sababa tokkoon malee hulaa keessaan itti cufee akka namni biraa alaa gara mana keessaa hin seenne, akka mana keessa kan jiruus gara alaa hin baane erga godhe booda ifaa mana keessa jiru dhaamsuun osoo miidhamtuun iyyituu meeshaa qara qabu qottoodhaan  morma gara bitaa fi irree bitaa irra itti deddeebisee  diruun kan lafatti  kuffise yoo ta'u sababuma kanaan battalumatti lubbuun ishee akka darbu kan godhee fi erga lafatti kuffisee boodaas reeffa ishee itti deddeebisee lafatti waan diddireef yakka ajjechaa lubbuu namaa haala suukanneessaa ta'een raawwate jechuun Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaatti himatame himatame.

Himatamaan dhaddacharratti dhiyaatee eenyummaan isaa erga beekkameen booda jecha amantaa fi waakkii isaa akka kennu yoo gaafatamu yakkicha raawwachuusaa ibsuus akkaataa himannaa abbaan alangaa irratti dhiyeesseen raawwachuusaa hin amanne jechuun Manni Murtii ragaan Abbaa Alangaa akka irratti dhiyaatu ajaje.

Ragaan Abbaa Alangaa dhiyaachuun himatamaan yakkicha raawwachuusaa kan rageessanii fi ragaan mana yaalaa Hospitaala Baddannoo irraa gaafa guyyaa 30/8/2016 barreeffamaan dhiyaate namni lamaanuu sababa meeshaa qara qabu qottoodhaan morma isaaniirra diramaniin kan du'an ta'uusaa waan mirkaneesseef himannaa 1ffaa. Seera Yakkaa kewt.539(.A), himannaa 2ffaafis Seera Yakkaa kew.539(A) jalatti akka of irraa ittisu jala murtiin kenname.

Himatamaan ragaa ittisaa akka hin qabne iyyata waan dhiyeeffateef Manni Murtiis of irraa hin ittisne jechuun bu'uura Seera Yakkaa kewt 82(1)(A)tiin  yaada adabbii salphisu lama kanaan dura kuusaa yakkaa qabaachu dhabuu, akkasumaas himatamaan kuni qotee bulaa ta'uu , nama umriin isaa waggaa 70 ta'uu isaa akka yaada adabbi salphisuutti qabachuun gulantaa adabbii 39ffaa jalatti dhaddacha gaafa guyyaa 26/2017 ooleen hidhaa cimaa umrii guutuun adabee jira.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Raawwii murtii ilaalchisee SDFHH kwt, 389 yoom raawwatama? Hidhaan hanga baatii jahaa jedhamuun tumame adabbii gochaa yakka raawwii murtii gufachiisuu ykn danquuti moo turtii toohannaa/hidhaa siviilii MAI dhibaawaa otuu dandeettii qabuu fi raawwachuu danda’u beekaa raawwii didu ykn danqu ykn gufuu uumu akka dirqamee raawwatu taasisuutidha? MMWF Dhaddachi Ijibbaataa murtii galmee lkk, 63754 ta’e irratti kennuun jiildii 11ffaa  keessatti maxxanfamuu argamuun kwt, 389 akka adabbii gochaa yakka ajaja raawwii diduu ykn gufachiisuutti xiinxaluun murteessuu isaa qabiyyeen murtichaa irraa kan hubatamudha. Akkas yoo ta’e immoo tumaan Seericha kwt, 389 raawwii idaa mallaqaa qofaaf otuu hintaane raawwii murtii kamiiyyuu keessatti MAI raawwicha danqe ykn gufuu itti ta’e ykn qabeenya/wanta raawwiif sababa ta’e miliqsuuf yaale ykn miliqse kamiiyyuu irrattis raawwatiinsa qaba jedhuu fakkaataa. Haata’u malee kaayyoo tumaa kwt ,389 hidhaa adabbii yakkaa otuu hintaane MAI sababa gahaa malee raawwii dide ykn danquu yaale ykn gufuu ta’uu danda’u iyyannoo MAMn dhiyaatu bu’ura gochuun gaaffii fi baasii MAMtiin toohannoo siviilii hanga ji’a jaha gahu jala akka turu sirna raawwii murtii dandeessisu akka ta’e SDFHH biyya Hindii fi qabatama MM biyya sanaa irraa nihubatama. Akka seera biyya keenyaattis tumaan SDFHH kwt, 389 tumaalee kwt, 386 fi 387 waliin walqabatee kan raawwatamuu fi innis MAI dhibaawaa fi dabaa dirqamsiisuuf kan yaadame malee tumaa adabbii yakkaa akka hintaane ifaan kan hubatamu waan ta’eef tarii murtiin Dhaddacha Ijbata ifa yoo ta’uu baateeyyuu bifa kanaan otuu hubatamee gaariidha.https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
,,,,,👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#ABBUMMAA_MIRKANEESSUU
#Haala_Abbummaan_Daa'imaa Ittiin Beekamu:-
"Abbummaan Daa'imaa" karaalee sadiin beekama.Isaanis:-
#1ffaa,tilmaama seeraatiin.Abbaan Daa'ima dhalate tokko eenyu akka tilmaama seeraa fudhachuun beekuun ni danda'ama.
Daa'ima/mucaa fuudhaaf heeruma keessatti ulfaa'amee dhalateef abbaan dhiirsuma haadhaati.
Yeroo dubartiin takkaa fi dhiirri tokko fuudhaaf heerumaan waliin waliin jiraatanitti ilmi dhalate yeroo fuudhaaf heerumni cimaan jiru keessatti kan ulfaa'ame ta'uu yoo mirkanaa'e malee fuudhaa-heeruma keessatti dhalachuu qofti fayyadamaa tilmaama seeraa nama hin taasisu.
"Fuudhaaf heerumni erga raawwatame booda guyyoota 180 booda ykn fuudhaaf heerumni diigamee guyyoota 300 keessatti mucaan yoo dhalate mucichi fuudhaaf heeruma keessatti akka ulfaa'ametti lakkaa'ama," Seera Maatii Oromiyaa Labsii Lakkoofsa 69/1995 fi 83/1996 keewwata 145(1).
Osoo fuudhaaf heeruma hin raawwanne gaa'elaan alatti akka abbaa warraa fi haadha warraatti yeroo waliin jiraatanitti daa'imni ulfaa'ame yookiin dhalate kan nama haadha mucichaa waliin qunnamtii kanaan jiraatuuti.
Guyyaa walitti dhufeenyi,fi wajjiin jireenyi namoota akka dhirsaa fi niitiitti wajjiin jiraatan jalqabamee eegalee guyyoota 180 boodaa fi guyyoota walitti dhufeenyi isaanii addaan cite guyyoota 300 keessatti mucaan dhalate kan nama akka dhirsaatti haadha mucaa waliin jiraatu ykn jiraataa ture sanaati.
Namni tilmaama seeraatiin abbaa mucaa dhalateeti jedhame kun falmiin waakkachuun(daa'imni kiyya miti jechuun) kaasu haala qorannoo saayinsaawaa ta'een ragaa dhihaatuun(qorannoo dhiiga nama abbaadha jedhamee fi mucaa dhalate/DNA test) taasisuun abbaa daa'imaa miti jedhee haaluu danda'a.
#2ffaa,ilmummaa ofitti fudhachuun abbummaan Daa'imaa beekamuu danda'a.
"Sirnoonni ilmummaa ofitti fudhachuun ittiin raawwatamus namni fedhii isaatiin ani abbaadha jedhu:-
A.Itti Gaafatamaa Galmeessa Haala Hawaasummaa biratti dhihaachuun abbaa daa'imaa ta'uu ibsuudhaan,
B.Dhaamoo barreeffamaa kennuudhaan,
C.Sanada Abbaa Taayitaa aangoon kennameef biroo kamiinuu mirkanaa'een abbaa ta'uu ibsuudhaanidha.
"Nama ani abbaadha jedhee ilmummaa ofitti fudhatu haati mormuu dandeessi.Namni tokko mucaan ulfaa'ame ykn dhalate intala/ilma koodha jedhee jechi kenne bu'aa Kan argatu haati mucaa sanaa eeyyamamtuu yoo ta'eedha."SMO keewwata 153 fi 154.
'Mucaan ofitti fudhatames erga umriin isaa gaa'ila gahe namni jecha ofitti fudhachuu kenne kun abbaa koo miti jedhee mormii dhiheessuu danda'a."
"Mirgi mormii dhiheessuu kun gochi ilmummaa ofitti fudhachuu kun raawwatamuu isaa guyyaa beekamee eegalee ji'a tokko(1) keessatti kan hin dhihaanne yoo ta'e akka mormiin hin jirretti kan lakkaa'amuudha,"
"Namni tokko mucaan ulfaa'ame ykn dhalate kan kooti jechuun jechi kenne diigamuu hin danda'u," Seera Maatii Oromiyaa keewwata 157(1).
"Hambifannoon ykn haalota addaatiin jechi ilmummaa ofitti fudhachuun kenname ittiin diigamu danda'u:-
#A.Nama Daa'ima argachuu hin dandeenye:namni jecha ilmummaa ofitti fudhachuu kenne tokko uumamaan yookiin rakkina booda irra isa qunnameen Daa'ima #ulfeessuu kan hin dandeenye jiraachuun yoo mirkanaa'e jechi inni abbaadha jedhee kenne diigamuu danda'a.
#B.Namni jecha ilmummaa ofitti fudhachuu fedhiisaatiin ala dirqisiifamee/humnaan akka kennu taasifame jechi isaa diigamuu danda'a.
#C.Namni umriin isaa gaa'ela hin geenye(waggaa 18 hin guunne) tokko jecha isaan ilmummaa kan ofitti fudhate jecha isaa diiguu danda'a.
#3ffaa,abbummaa murtii Mana Murtiitiin himamu:-
"Osoo fuudhaa-heerumni hin jiraanne akka abbaa warraa fi haadha warraatti warra wajjiin jiraatan jidduutti ykn fuudhaa heeruma keessatti ykn walitti dhufeenya namoota dhiiraa fi dubartii tokkoon guyyoota 180(ji'a jaha) booda ykn diigamuu gaa'elaa,addaan citiinsa akka gaa'ilaan alatti akka abbaa warraa fi haadha warraatti waliin jiraachuu kaasee guyyoota 300(dhibba sadi) keessatti osoo hin taane kanaan alatti daa'ima/mucaa dhalate namni ani abbaadha jedhee ofitti fudhatu yoo hin jiraanne himata Mana Murtii idileetti dhiheessuun Murtii Mana Murtiin abbummaan beekamuu
👍👍👍
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
#Keewwata 543. Dagannoon Nama Ajjeesuu
✅️ Namni kamiyyuu seera yakkaa keewwata 54 keewwata xiqqaa (2) fi (3) jalatti haalawwan tumamaniin ala dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e;hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’uun yookiin adabbii maallaqaa qarshii kuma lamaa hanga kuma afurii gahuu danda’uun ni adabama.

✅️ Lubbuu, fayyaa yookiin nageenya nama biroo eeguuf dirqama ogummaa yookiin kan biroo kan qabu kan akka ogeessa yaalaa yookiin konkolaachisaa kan ta’e dagannoon nama kan ajjeese yoo ta’e; adabbichi hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga waggaa shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma sadii hanga kuma jahaa gahuu danda’u ni ta’a.

✅️Fakkeenyaaf konkolaachisaa namoota baay'een fe'uun of eeggannoon konkolaachisuu osoo garagaluun ykn daandii irraa maquun nama kan ajjeese yoo ta'ee akkasumaas Doktara osoo yaalii baqaqsanii yaaluu gochaa jiruu maqasii yokiin meeshaa biroo garaa namaa keessatti dagachuun namni akka du'u kan taasise yakka ajjeehaa dagannoon akkaataa seera yakkaa keewwata 543 kan itti gaafatamu taha.

✅️Balleessichi namoota lama yookiin isaa ol kan ajjeese yookiin yakkicha kan raawwate dambii yookiin qajeelfama ifa ta’e darbuun yoo ta’e, yookiin wahiyyoota yookiin dhugaatiwwan nama macheessan yookiin fajajeessan fudhachuun haala itti gaafatamummaa irraa bilisa isa taasisu keessa erga of galchee booda yoo ta’ellee;adabbichi hidhaa cimaa waggaa shanii hanga waggaa kudha shanii gahuu danda’uufi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhanii hanga kuma kudha shanii gahu ni ta’a.keewwata 543https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
Waliigalteen Bittaa fi Gurgurtaa Manneen Dhuunfaa Mirkanaa'uuf Ulaagaan Guutamuu Qabu Maal Fa'i? Waliigalteen Bittaafi Gurgurtaa Manaa Qaama Kam Biratti Mirkanaa'a (Raawwatama)?

€€€€¥€€€€€¥¥€€€€€€€€€¥¥¥¥€€€€€€€€€


Bittaa fi gurgurtaan manaa kan raawwatamu Bitaataa fi Gurgurataa gidduutti ta'ee, waliigaltichi mirkanaa'uuf;

a) Manichi qabeenya dhuunfaa gurgurataa ta'uu, kaartaa fi nagahee abbaa qabeenyumaa dhiyaachuu;
b) Kallattii 4 (arfaniin) maal maaliin akka daangeffamuu fi koordineetii manichaa beekamuu;
c) Idaa fi dhorkaa mana murtii kan hin qabne ta'uu;
d) Waraqaa eenyummaa gurgurataa jiraachuu fi
e) Ragaan Gaa'ilaa dhiyaachuun barbaachisaadha.
      (Qajeelfama Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneen Naannoo Oromiyaa, Lakk.28/2016 Kwt 58)

👉Biiroon Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa;

Waliigalteen bittaa fi gurgurtaa manaa sadarkaa bulchiinsa magaalaatti akka raawwatamu taasisuuf; hordofuuf; to'achuuf aangoo qaba.
     (Qajeelfama Misooma, Bulchiinsaafi Dabarsa Manneen Naannoo Oromiyaa, Lakk.28/2016 kwt 61(6))https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk

     
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇#Dhaaltummaa_Keessaa_Buqqisuu
✍️Dhaalchisaan namoota isa dhaaluu danda’an kamiinuu dhaaltummaa keessaa buqqisuu danda’a. Dhaamoo dhaamu keessatti dhaaltota isaa kanneen isa akka hin dhaalle barbaadu maqaan ifa taasisuun, kanneen akka isa dhaala barbaadu ammoo dhaamoo dhaamuufii danda’a.

✍️Sirni dhaaltota asi-gadi lakkaa’amanii fi asi-ol lakkaa’aman dhaaltummaa keessaa itti buqqisan garaagarummaa qaba. Dhaalchisaan ilmaan ykn ilmaan ilaaman isaa dhaaltota keessaa buqqisuuf, sababa dhiyeessuutu irraa eegama.Gochaa dhaaltuun sun raawwate ykn gochaa inni raawwachuu dhabe diddiriirsee ibsuu qaba jechuu dha.

✍️Buqqa’uun dhaaltuu tokkoo mana murtiitti ijoo falmii kan ta’e taanaan, manni murtii sababni dhaaltuu sana dhaaltota keessaa buqqise,nama sana buqqisuuf gahaa ta’uusaa qulqulleessuun dhaamo dhaamame sana mirkaneessuu ykn diiguu danda’a. Hata’u malee, Sababa dhaalchisaan dhaaltuu sana buqqisuuf ibse gahaa ta’uusaa madaaluurra darbee, dhaalchisaan sababoota sana akka caqasu kan isa taasise maal akka ta’ee fi haalli dhaalchisaan keessa ture ejjennoo sanarra gahuu kan isa dandeessisu ta’uusaa madaaluu hin danda’u.Seera HH keewwata 938

✍️Dhaalchisaan qabeenya dhaalaa isaa nama tokkoof kan dhaame yoo ta’ee fi dhaaltota asi-gadi lakkaa’aman kan hin qabne taanaan, dhaaltota isaa sadarkaa lammaffaa, sadarkaa sadaffaa fi sadarkaa arfaffaa dhaaltota keessaa buqqisuu isaa ibsa. Dhaalchisaan dhaaltota isaa asi-gadi lakkaa’aman haala ifa ta’een osoo hin buqqisiin qabeenya isaa nama tokkoo qofaaf kan dhaame yoo ta’e,dhaamoon sun mana murtii duratti kan ragga’u hin ta’u.Namni dhaamoon dhaamameef sun qabeenya dhaamameef hunda qofaa isaa kan fudhatu osoo hin taane, ofii isaa akka dhalataa dhaalchisaa fi dhaaltuu sadarkaa tokkoffaatti lakka’amuun dhaaltota biroo wajjiin dhaalaaf kan dhiyaatu taha.

✍️Dhaalchisaan dhaaltota sadarkaa tokkoffaa ykn sadarkaa biroo irra jiran dhaaltota keessaa buqqisuu kan danda’u yoo ta’u,dhaamoo dhaalchisaan dhaaltota isaa ittiin buqqisa guutummaattis ta’e gamisaan sababoota garagaraatiif hanqina qabaachuun isaa kan hubatame taanaan tumaa dhaamichaa hanqina qabu sana qofa osoo hin taane guutummaan dhaamichaa fudhatama kan dhabu ta’a.

✍️Fudhatama dhabuun dhaamoo kanaa ammoo namootni qabeenya dhaalaa akka hin arganneef maqaan isaanii eerame, carraa mirga dhaaltummaa isaanii deebifatanii ni argatu jechuu dha👇👇👇👇👇👇😉👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Fuula miidiyaa Ijoo Seeraa kana follow ,share gochun maatii Ta'aa https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇#GOCHOOTA_YAKKA_MALAAMMALTUMMAAA
1) Aangootti Gar-malee Fayyadamuu:
• Anngoo ykn itti gaafatamummaa kennameef akkaataa barbaadamuun ala itti fayyadamuu
• Aangoo kennameefiin ol bahuun hojjechuu
• Hojii irraa kaafame, jijjiirame, itti gahumsa hin qabne, irraa dhorkame hojjechuu
2) Matta’aa Fudhachuu:
Hojii raawwachuu qabu raawwachuu dhiisuuf, ykn raawwachuu kan hin qabne raawwachuuf jecha faayidaa nama biroorraa kallattiin ykn al-kallattiin ofiif ykn nama birootiif fudhachuu, gaafachuu, abdii fudhachuu, dabalata.
3) Faayidaa Hin Malle Fudhachuu:
Tajaajila kennuu qabu tokko kennuuf ykn erga kenneen booda kanfaltii bu’uura seeraa hin qabne gaafachuu
4) Jaarsolii Araaraa ykn Namoonni Biroo Faayidaa Fudhachuu ykn Gaafachuu:
Jaarsoliin araaraa ajaja m/murtiitinis ta’ee dhuunfadhaan dhimma nama biroo ilaalan, ogeessotni yaada ogummaa
kennan kan akka maandisaa fi kan biroo faayidaa kan fudhatan, kan gaafatan, yoo ta’e
5) Mana Hojii Mootummaa ykn Dhaabbata Misoomaa Haala Hin Mijanneen Gaggeessuu:
Hojicha karaa faayidaa mataasaaf ykn nama biraaf eeguu fi/ykn mana hojichaa miidhuun hojjechuu ykn raawwachuu, iccitii dabarsanii kennuu(jecha darbiinsaa kompuutaraa fi kan biroo)
6) Mi’a ykn Meeshaa Adaraadhaan Itti Kenname Haala Hin Taaneen Irratti Ajajuu:
Mi’a ykn meeshaa imaamaadhaan itti kenname tokko kan akka poostaa, mi’a haguuggamaa, sanada ykn wanta gatii
qabu kamuu eeyyama tokko malee banuu, bansiisuu,fudhachuu, fudhachiisuu, itti fayyadamuu, namni biroo akka itti fayyadamu gochuu
7) Sababa Hojiitiin Qabeenya Harkasaa Gale Fudhachuu ykn Dhoksuu
Sakatta’iinsaan, qabiinsaan,adaraadhaan, qabeenyichi dhaalamuudhaan, caalbaasiidhaan gurguramuudhaan, murti m/murtiitiin ykn karaa kamiinuu qabeenya harkasaa gale dhoksuu, fudhachuu
8) Aangoodhaan Daldaluu
Aangoo qabu akka meeshaatti fayyadamuun faayidaa hin malle argachuu ykn nama biroof argamsiisuu ykn miidhuu
9) Karaa Seeraan Alaa Galii/Maallaqa Sassaabuu ykn Dabarsuu Gibira, mindaa, beenyaa fi kanfaltiiwwan biroo hanga taarifaatiin ol ykn sanaa gadi sassaabuu ykn kennuu
10) Dhimma Lafarra Harkisuu;
Sababa gahaa fi amansiisaan osoo hin jiraanne ta’e jedhanii dhimma lafarra harkisuu/abbaa dhimmaa deddeebisuu
11) Wanta Gatii Qabu Tokko Kanfaltii Malee Ykn Kanfaltii Gahaa Malee Fudhachuu
12) Seeraa Ala Eeyyama Kennuu ykn Haaromsuu Ulaagaa guuttachuu qabu osoo hin guutiin eeyyama kennuu
ykn haaromsuu
13) Qabeenya ykn Maallaqa Maddisaa Hin Beekamne Qabatanii Argamuu
14) Iccitii Mana Hojichaa Baasuu
15) Sanada Sobaa Hojjechuu, Sobatti Jijjiiruu, Itti Fayyadamuu fi Seera Qabeessa Fakkeessanii Dhiyeessuu
16) Sanada Mootummaa/Dhaabbatichaa Balleessuu ykn Miidhaa Irraan Geessisuu
17) Tajaajilamaan matta’aa ykn faayidaa hin malle kennuu
18) Matta’aa ykn Faayidaa hin Malle Kennuu ykn Fudhachuu Irratti Faddaalaa/Walquunnamsiisaa Ta’ee Hojjechuu
19) Aangoo Hin Qabnetti Fayyadamuu
Erga aangoorraa kaafamee, hojii gadi lakkisee, haqamee/ari’amee, fuulduratti aangoon/hojiin argadha jechuun, ykn
hojjetaa mootummaa fakkaachuun akka waan aangorra jiruu fakkeessuun hojjechuu
20) Dhageettii Dhuunfaatiin Daldaluu
21) Faayidaa /Maallaqa Sossobbiif Filannoo Irratti Kennuu Namni mirga filachuu qabu tokko akka nama ta’e/dhaaba siyaansaa tokko filu ykn filuu dhiisu maallaqa kennuu ykn waadaa galuu
22) Amantaa Hir’isuu Cimaa Sababa hojiitiin wal qabatee imaanaa itti kenname faayidaa dhuunfaaf oolchuu
23) Gowwoomsuu Cimaa Hojetaan mootummaa/dhaabbilee misoomaa ykn muudamaan ykn filatamaan uummataa faayidaa argachuuf ykn nama biroof
argamsiisuuf ykn miidhaa irraan gahuuf gocha gowwomsuu raawwachuudha.👉👉👉👉👉👉👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Miidiyaa Ijoo Seeraa kan keessan share ,follow ,Join gochun maatii Ta'aa

https://t.me/+WFtd-XXoYGk1ZTNk