Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
File Number 106 (HF) Ato Alebel.pdf
4.4 MB
Namni Tokko Qabiyyee Lafaa Karaa Seeraan Alaatiin Argame Irratti Humna, Kaappitaalafi Dandeettii Waa Uumuu Isaatiin Qabeenya (Mana) Yoo Horate Abbaa Qabeenyaa Manichaa Ta'uu Ni Danda'aa? Manni Maree Federeeshinii FDRI Gama Kanaan Maal Murteesse?
Dubbisaa

Credit to Maftu Lawyer page
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
LABSIIWWAN MMO
Labsii Lakk 254-258/2016
Asiin gaditti siniif maxxanfameera.
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii Lak 254 bara 2016.pdf
17.5 MB
Labsii Dhaabbilee Hawaasa Siiviilii Naannoo Oromiyaa
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii Lakk 255 Bara 2016.pdf
20.5 MB
Labsii Kaffaltii Ittifayyadama Lafa Baadiyyaafi Gibira Galii Hojii Qonnaa Naannoo Oromiyaa, Lakkoofsa 255/2016
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii lak 256 Bara 2016.pdf
9.8 MB
Labsii Bulchiinsaafi Ittifayyadama Qabeenya Bishaanii Naannoo Oromiyaa
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii Lak 257 Bara 2016.pdf
9.3 MB
Labsii Misooma, Bulchiinsa fi Ittifayyadama Bosonaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Forwarded from ⛤ Karam Tamaam ⛤
Labsii lak 258 Bara 2016.pdf
12.7 MB
Labsii Pilaanii Magaalota Naannoo Oromiyaa
Forwarded from Law students Union ️️️ (𝐄𝐩𝐡𝐫𝐞𝐦 𝐇.)
Legal vacancy.
Yakkaa Daa'immanii fi Dargaggoota Gaa'ela Hin Geenyee:-


⚖️ Akka Seera Yakkaa biyya keenyatti daa'imman umriin isaanii waggaa 9 hin guunne seera yakkaatiin itti hin gaafataman, kanas seera yakkaa keewwata 52 jalatti ifaan tumeera.

🧙Daa'imman yommuu yakka raawwatanitti maatiin,barsiisonni,bulchitoonni isaanii ykn qaamoleen biroo eeggannoowwan barbaachisaa gochuufi qabu.

Raawwattoota yakkaa ijoollee umriin isaanii waggaa 9 hanga15 jiran:-
Ga'eessota waliin hin himataman,hin hidhamanis, (SDFY kew.5 fi SY kew. 53(1).
Ijoolleen umriin isaanii waggaa 9-15 guute yakka yommuu raawwatan adabbii fi tarkaanfileen eeggannoo isaan irratti murtaa'an,SY kew. 157 hanga 168 jalatti tumaman qofaan.

Tumaaleen adabbiilee idilee balleessitoota ga'eessotaaf tumaman raawwattoota yakkaa dargaggootaaf raawwatiinsa hin qaban.
Himanni ijoollee umrii waggaa 9-15 ta'an irratti dhihaatu,dhimmichi bakka isaan hin jirretti hin ilaalamu,SDFY kew.160 (1).
Adeemsi isaa bu'uura tumaalee SDFY kew.171 hanga 177 jiraniin ta'uu qaba.
Ijoolleen ykn mucaan yakka raawwataniiru yoo jedhame poolisiin,Abbaan Alangaa,abbaan ykn guddisaan Mana Murtii dhihoo jirutti battalumatti qabee dhiheessuu akka qabu,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 172(1) irraa ni hubatama.

Dhimmichi iyyannoo dhuunfaan kan dhihaatu yoo ta'e,iyyataan akka dhiheessu ajaja (SDFY Kew.172(2))

Abbaan Alangaa himannaa akka qopheessu kan ajajamu,himanni dhihaate waggaa 10 (kudhan) ol kan adabsiisu yoo ta'e hidhaa cimaa ykn du'aan kan adabsiisu yoo ta'e qofaadha. (SDFY Kew.172(3))

Akkaataa kew.174 tiin Manni Murtii mucichaaf abukaatoo dhaabuu qaba.

Manni Murtii himannaa yeroo dhagahu,adeemsa himata idilee dhagahamu haala adda ta'eeniidha (SDFY kew.176(2))
Wanti ijoolleen dhagahuu hin qabne yoo ta'e,yeroo dhagahaa mucaan kutaa dhaddachaa keessaa akka bahu gochuu qaba,(SDFY kew.175) kana jechuun falmiin kan dhagahamu dhaddacha cufaadhaan. Ragoota,maatii ykn guddisaa fi miseensota dhaabbata tola ooltota yoo ta'e malee namni kamiyyuu dhaddacha irratti argamuu hin qabu, (SDFY kew.176(1))

Abbaan Alangaa argamuu Kan danda'u himanni Mana Murtii Ol'aanaa kan dhagahamu yoo ta'e qofaadha. Ragoolee garee lachuu kan qoratu Mana Murtii mataa isaati.SDFY kew. 176(5) fi (6).
Himata dhuunfaa ykn iyyannoo himannaa ijoollee (mucaa) yakka raawwate jedhameef erga dubbifameen booda deebii kennuu akka qabu ni gaafatama SDFY kew.176(3).
Himatamaan himata hubatee amanuun isaa ifa ta'ee yoo mul'ate,Manni Murtii battalatti murtii balleessummaa kennuu ni danda'a SDFY kew.176(4).

Himatamaan yoo hin amanne ragooleen himata mirkaneessu akka dhihaatan Manni Murtii ni ajaja.Mucaan ykn bakka bu'aan isaa abukaatoon ragaa ittisaa akka waamsifatu gochuu ni danda'a SDFY kew. 176(5).
Ragoolee garee lameenuu jalqaba Manni Murtii ni qorata.Itti aansuun gareen himatamaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu ni danda'a,SDFY kew. 176(6).
Ragaan dhagahamee erga xumuramee fi gareen himatamaa yaada xumuraa taasiseen booda Manni Murtii murtii ni kenna (SDFY Kew.176(7))

Himatamaan balleessaa ta'ee yoo hin argamne bilisaan gadi lakkifama.
Balleessaa yoo ta'e immoo adabbii barsiisu ykn eeggannoon ni murteessa, SDFY kew. 177(1).
Adabbii ilaalchisee:
⚛️Tarkaanfiiwwan daa'imman irratti yeroo fudhatamu,nageenyi daa'immanii dursa ilaalamuu qaba,heera mootummaa keewwata 36(2).
⚛️Murtii daa'imman(ijoollee) fayyadu kennuuf,Manni Murtii amalaa fi balleessaa duraanii gaafachuuf dhaabbata kamiyyurraa nama kamiiyyuu ykn bakka bu'aa waamuu ni danda'a,sdfy keewwata 177(2).
⚛️Namoonni armaan olitti ibsaman jecha erga kennaniin booda,himatamaa waa'ee adabbii jechaan gaafachuu ni danda'a,sdfy keewwata 177(3).

⚛️Manni Murtii adabbii erga kenneen booda akkasumas himatamaan ibseen booda amala fuulduraa akka sirreeffatu akeekkachiisuu qaba,seera deemsa falmii yakkaa keewwata 177(4).
👏1
⚛️Bu'uura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 173 jalatti caqafameen yakka cimaa(ol'aanaa) yoo hin raawwanne mucaa balleesse irratti mirga namaa fuulduraaf akka dhabu Manni Murtii murteessuu hin danda'u,sdfy keewwata 177.
⚛️Manni Murtii,murtii ijoollee gaa'ila hin geenye umrii waggaa 9-15 irratti murteessan ilaalchisee beeksisa baasuun ibsuu hin qabu,sdfy keewwata 179.
⚛️Mucaan gaa'ela hin geenye balleessaa raawwateef Mana yaalaa fi amala fooyyeessuu(sirreessuu) adabbii guddisaa yoo irratti murtaa'e akka adabbii yakkaa adabamanitti hin lakkaawaman,sdfy keewwata 169.
Balleessaan yoo mirkanaa'e kan irratti murteessan bu'uura keewwattoota 161_173 tiin murtii adabbiilee fi akeekkachiisaawwan jiran qofaadha,Seera yakkaa keewwata 53.
Ijoolleen kunniin adabbii ga'eessotaaf(beekaaf) tumamaniin hin adabaman.

Manni Murtii yeroo hunda murtii akeekkachiisaa yeroo filatu umrii mucaa balleessaa raawwate,amala,fi haala guddina sammuu fi hamilee isaa bu'uura godhachuudhaan,akkasumas amala gaarii guddisuuf akka ta'u yaaduun qajeelfamuu qaba,seera yakkaa keewwata 54 fi 55

🧑‍⚖️Daa'immaniif eegumsaaf kunuunsa haa goonuu 🫵
1
Forwarded from  https://t.me/Ijooseera
ስለ አቤቱታ ማሻሻል 5 የሰበር ውሳኔዎች

1- ከሳሽ በመጀመሪያ ቀጠሮ ያላቀረበው ማስረጃ በሂደት እንዲያቀርብ ከተፈቀደ ተከሳሽም የቀረበውን ማስረጃ አግባብነት እና ተአማኒነት ለመቃወም እንዲችል የመከላከያ መልሱ እንዲያሻሽል ሊፈቀድለተ ይገባል፡፡ ተከሳሽ በማስረጃው ላይ አስተያየት ብቻ እንዲሰጥ መገደብ የመከላከል መብቱን ያጣብባል፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 160314  ቅጽ 24/

ጥያቄ--ዓላማው አዲስ የቀረበውን ማስረጃ አግባብነት እና ተአማኒነት ለመቃወም ከሆነ ይህንኑ በሚሰጠው አስተያየት በሚገባ ለመቃወም የሚችል እንደመሆኑ የመከላከያ መልስ ማሻሻል ለምን አስፈለገ?

2- ክስ እንዲሻሻል ሲፈቀድ ከሳሽ ቀድሞ ያቀረበውን የክስ ምክንያት መቀየር አይችልም፡፡ ስለሆነም ብድር ለማስመለስ የቀረበ ክስ እንዲሻሻል ከተፈቀደ በኋላ የክሱን ምክንያት ወደ ያላአግባብ መበልፀግ በመቀየር የተሻሻለ ክስ ከቀረበ ፍርድ ቤቱ ሊቀበለው አይገባም፡፡ ያለመቀበሉ ውጤት ክርክሩን በቀድሞው የክስ ምክንያት እንዲቀጥል ያደርገዋል፡፡ ሆኖም ከሳሽ በቀድሞው የክስ ምክንያት መቀጠል ካልፈለገ ፍርድ ቤቱ መዝገቡን ይዘጋዋል፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 161736  3 ለ 2 በሆነ በአብላጫ ድምጽ የተሰጠ/

ጥያቄ--መዝገቡ ከተዘጋ በኋላ ከሳሽ ዳኝነት ከፍሎ በቀድሞው ወይም በተሻሻለው የክስ ምክንያት አዲስ ክስ ማቅረብ ይችላል?

3- የመከላከያ መልስ እንዲሻሻል ሲፈቀድ ተከሳሽ በመጀመሪያ መልሱ ላይ ያላቀረበውን አዲስ የመጀመሪያ ደረጃ መቃወሚያ ማንሳት አይችልም፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 55973 ቅጽ 12/

ጥያቄ-- የክስ አቤቱታው ከተሻሻለ ተከሳሽ በመጀመሪያው መልሱ ላይ ያላካተተውን አዲስ መቃወሚያ ማንሳት ይችላል?

4- አቤቱታ ሊሻሻል የሚችለው በጉዳዩ ላይ ፍርድ ከመሰጠቱ በፊት በማንኛውም ጊዜ ነው፡፡ ስለሆነም በጉዳዩ ላይ ፍርድ ተሰጥቶ መዘገብ ከተዘጋ በኋላ አቤቱታ ለማሻሻል የሚቀርብ ጥያቄ ተቀባይነት የለውም፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 89641 ቅጽ 15/

5- ከሳሽ ክሱን እንዲያሻሽል ተፈቅዶለት ካሻሻለ ምንም እንኳን በተሻሻለው ክስ ላይ የተጨመረው ነገር መሰረታዊ የይዘት ለውጥ የማያመጣ መስሎ ቢታይም ፍርድ ቤት ተከሳሹ ለተሻሻለው ክስ አዲስ የመከላከያ መልስ እንዲያቀርብ ዕድል ሊሰጠው ይገባል፡፡ በመሆኑም “በተሻሻለው ክስ መልስ እንዲሰጥበት ማድረጉ የሚያመጣ ለውጥ አይኖረውም” በሚል ምክንያት ተከሳሽ ለተሻሻለው ክስ የመከላከያ መልሱን ሳያቀርብ ፍርድ ሊሰጥ አይችልም፡፡ /ሰ/መ/ቁ. 95620 ቅጽ 16/
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Awwal Jaarsoo(Lawyer)
2. "Himannoon jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhu dhiyaateera jechuun kan danda'amu,qabeenyi falmiif sababa ta'e harka isaa turuu fi dhugumatti ajajuu akka danda'uuf karaa seeraan alaatiin kan hin qabamnee fi himatamaan gochicha raawwachuuf mirgaa fi aangoo kan hin qabne ta'uu yoo hubachiifameedha" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 218309 ta'e irratti hiikoo dirqisiisaa kennee jira.

5.𝑺𝒆𝒆𝒓𝒂 𝑫𝐄𝐄M𝐒𝐀 #FALMII 𝐇𝐀𝐑𝐈𝐈𝐑𝐎𝐎 𝐇𝐀𝐖𝐀𝐀𝐒𝐀𝐀

1. "Manni Murtii seerummaa gareen falmitootaa hin gaafanne ykn ifatti hin kaanse irratti Murtii kennuu hin danda'u" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 211204 ta'e irratti sdfhh keewwata 182(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.

1. "Manni Murtii ol'iyyata dhagahu ragaa dabalataa fudhachuu fi madaaluun Murtii kennuun isaa,ragaa falmii Mana Murtii jalaa irratti hin dhiyaannee fi ragaa adeemsa seeraa hordofee hin dhiyaanneedha hin jechisiisu,ragaan dabalataa akkanaa qajeeltoo madaallii ragaa hin hordofneedha hin jechisiisu" jechuun Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 26ffaa Lakk.Galmee 208350 ta'e irratti sdfhh keewwata 345 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennuun murteessee jira.

Yeroo muraasa qabnutti fayyadamnee waan xiqqoo(muraasa) hubannoof ta'a jennee waa'ee hiikoo dirqisiisoo gabaabsinee hiiknee barreessinee isiniif qoodne.Yeroo boqonnaatti seerota fi hiikoo dirqisiisaa dubbisuun beekumsa dabalachuun gaariidha.
Waan dubbistaniif galatoomaa!!

#Via #Mohamed_Nuree_badhaasoo
Forwarded from Awwal Jaarsoo(Lawyer)
Qabdii (Earnest Money) fi Bu’aa Seeraa Hordofsiisu
•••
Bittaa qabeenyaa kan akka manaa fi konkolaataa faa yeroo raawwattan maallaqa qabdii jedhamu kanfaltii beektuu? Qabdii kanfaluun keessan seera fuulduratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu hoo quba qabduu? Barreeffama gabaabduu kana keessatti dhimma kana irratti yaada hubannoo kennuu danda’u isiniif qopheesseera, itti dhiyaadhaa!
Qabdiin Maal?
Seerri hariiroo hawaasaa Itoophiyaa bara 1952 bahe waa’ee maalummaa qabdii waanti tume jiraachuu baatus bu’aa (effect) isaa ilaalchisee keewwata 1883 jalatti qabdii kennuun waliigalteen raawwatamuu isaaf ragaadha (proof of the making of the contract) jechuun ibsee jira. Kana jechuunis waliigalteen raawwatamuu isaa irratti amantaa guutuun yoo uumame gareen tokko garee biraatiif qabdii kanfala ykn kenna akka jechuuti. Qabdiin kenname taanaan gareewwan lamaan (isa kennee fi isa fudhate) irratti dirqama seeraa hordofsiisu qaba. Qabxii murteessaanis waa’ee maalummaa qabdii osoo hin taane bu’aa seeraa inni hordofsiisu waan ta’eef itti aansinee isa ilaalla.
Bu’aa Seeraa/Legal Effect/ Qabdii Kennuun Hordofsiisu
Akkuma armaan olitti ibsame qabdii kennuun gareewwan lamaan irratti bu’aa/dirqama seeraa hordofsiisu ni qabaata. Keesumattuu waliigalteen seename sun akkaataa yaadameen hojiirra ooluu yoo hafe ykn diigame waliigalticha garee kamtu diige dhimma jedhu hordofee bu’aa hordofsiisu kan qabu ta’uu seera hariiroo hawaasaa keewwata 1885 irraa ni hubatama. Akkaataa kanaan isin nama qabeenya tokko nama biraa irraa bituuf erga waliigaltee raawwattanii fi qabdii kennitanii booda waliigalticha kan diigdan yoo ta’e maallaqa qabdii jettanii kennitan sana naaf deebisi jettanii gaafachuu kan hin dandeenye ta’uu seerichi isin dhorka. Gama biraatiin isin nama qabeenya gurguruuf erga waliigaltanii fi qabdii fudhattanii booda waliigalticha yoo diigdan maallaqa fudhattan sana dacha isaa nama irraa fudhattaniif akka deebisuu qabdan seerri isin dirqisiisa jechuudha. Fakkeenyaaf mana wayii qarshii 5,000,000’n nama biraatti gurguruuf waliigaltanii qabdii qarshii 200,000 erga fudhattanii booda yaada gurgurtaa keessan geeddaruun waliigaltee seentan yoo giidgan ykn waadaa cabsitan qarshii 400,000 nama irraa fudhattan sanaaf deebisuu qabdu jechuudha. Gama biraatiin waliigalteen seename akkaataa waliigalameen kan raawwatame yoo ta’e immoo gareen qabdii fudhate maallaqa fudhate sana garee biraatiif deebisuuf ykn maallaqa waliigalaa itti qabeenyicha gurgure irraa hir’isuuf akka dirqamu seericha keewwata 1884 jalatti tumamee jira.
Garaagarummaa Qabdii fi Kanfaltii Duraa (Earnest vs Down Payment)
Lamaan isaanituu maallaqa dursee namni qabeenya bite nama gurgureef kennu ta’anis bu’aa hordofsiisan irratti garaagarummaa ni qabu. Garaagarummaan isaanii inni guddaan namni qabdii fudhatee waliigaltee seenee ture diige maallaqa fudhate sana dacha lamaan baay’isee deebisuuf kan dirqamu yoo ta’u namni kanfaltii duraa fudhatee waliigalticha diige garuu hanguma maallaqa fudhatee deebisuuf kan dirqamuudha. Kana kan murteessu ammo waliigaltee gareewwan lamaan waliif mallatteessan keessatti qabdii ykn kanfaltii duraa jedhamee ibsamuu dha. 
Guduunfaa
Kanaaf waliigaltee bittaa fi gurgurtaa raawwattaniin wal qabatee qabdiin ykn kanfaltiin duraa isin raawwattan bu’aa seeraa hordofsiisu kan qabu ta’uu beektanii itti galuu qabdu. 
2
Forwarded from Awwal Jaarsoo(Lawyer)
⚖️ #Darbinsa_Yeroo Himata Dhimma Hojjetaa fi Hojjechiisaa ⚖️

​Hojjetaan hojjechiisaa irratti ykn hojjechiisaan hojjetaa irratti himannaa dhiyeessuuf yeroo seeraan ka’ameetu jira. Kunis Yeroo Darbinsaa (Period of Limitation) jedhama. Yeroon kun erga darbe booda himannaan hojjetaas ta’e kan hojjechiisaan dhiyaatu kamiyyuu fudhatama hin qabaatu.
​Haaluma kanaan, yeroon darbinsa himataa:
1️⃣ Gara Hojjiitti Deebi’uuf (Ji’a 3):
Hojjetaan hojii irraa ari'ame himannaa "gara hojiitti na haa deebisaniif" dhiyeessu ji’a 3 keessatti ta'uu qaba.
​Fakkeenya: Hojjetaa tokko Amajjii 1 hojiirra geggeeffame haa jennuu. Inni "haala seeraan alaatiin na ari'an" jedhee yoo amane, himannaa isaa Bitootessa 30 dura Mana Murtiitti dhiyeeffachuu qaba.
​Maaliif? Amajjii 1 irraa eegalee hanga Bitootessa 30tti ji'oota sadii waan ta'eef. Erga Bitootessi dhumee dhiyeesse "yeroon darbinsaa sirraa darbeera" jedhamee kaffaltii malee galmeen cufama.
2️⃣ Kaffaltiiwwan Gaafachuuf (Ji’a 6):
Himannaa kaffaltii miindaa, kaffaltii hojii yeroo dabalataa ykn kaffaltii biroo kamiyyuu; akkasumas kutannaa waliigaltee hojiitiin wal-qabatee ykn sababa hojiirra geggeeffamuutiin gaaffii kaffaltii hojjetaan ykn hojjechiisaan dhiyaatu kamiyyuu ji’a 6 keessatti ta'u qaba.
​Fakkeenya: Hojjechiisaan tokko hojjetaa isaa kan Guraandhala 1 hojii gad-lakkiseef kaffaltii "Hojiirra geggeeffamuu" (Severance pay) osoo hin kaffaliniif hafe haa jennuu.
​Tarkaanfii: Hojjetaan kun hanga Waxabajjii 30tti himannaa isaa dhiyeeffachuu qaba. Ji'a ja'an booda yoo dhufe, mirgi kaffaltii isaa seeraan jalaa darba.
3️⃣ Himannaa Biroof (Waggaa 1):
Himannaa biroo kamiyyuu kanneen armaan olitti caqasaman malee jiran fi qacarriin wal-qabatan waggaa 1 dha.
​Fakkeenya: Hojjetaan tokko osoo qacaramaa jiruu kaffaltii tajaajila waggaa (service year) ykn mirga qacarriin wal-qabatu kan biraa yoo gaafate.
​Tarkaanfii: Mirgi kun yeroo itti beekame irraa eegalee waggaa tokko keessatti gaafatamuu qaba.
Qajeelfamnii Adabbii 3/2017 erga hojii irra olee booda dhimmoota yakkaa qajeelfamchii raga’uun dura raawatamanii garuu murtiin adabbii isaani erga qajeelfamnii haara raga’ee booda murtaa’aan ilaalchisee
Qajeelfama adabbii yeroo gochich raawattamee turen murtaa’uu qaba moo adabbi haara isa foyya’ee yeroo murtiin kennamuu hojii irra jiruun murtaa’uu qaba kan jedhu ilaalchisee Q/Adabbii 3/2017 waant ibsu hin jiru waan ta’eef mannen murtii yeroo ammaa adabbii yoo murteesan galmeewan dhimma hundaaf 3/2017 qofa fayyadamaa akka argaman
galmeewan mannen murtii hedduu kessatti mu’ulachaa argama.
Yakkoota cicimmoottif adabbin Q/Adabbii 3/2017ttin yoo murtaa’u hangii adabbii murta’uu danda’uu garaagarumaa kan hordofsisuu ta’uu
dhimmoota qabatamaa irraa ni huubatama waan ta’eef dhimmoota yakkaa qajeelfamchii raga’uun dura raawataman ilaalchisee qajeelfama adabbii kamtuu dhimma isa kamif raawaatamumaa qaba dhimmi jedhu xiyyeefannoo kan barbaaduudha.
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisisaa lakk.galmee 113065ttin (hinmaxxafamnee) fi lakk.galmee 95438 ttin(Jildii 17ffaa) kenneen ajeelfamnii adabbii foyya’ee tokko erga hojii irra olee booda
mannen murtii qajeelfamnii adabbii ini duraa hojii irra osoo jiruu gocha yakkaa raawatamee irratti murtii yoo kennan hanga adabbiichaa
murteesuu irratti qajeelfamootnii lamaan gargaarumaa ni hordofsisuu
ta’anaan qulqulleesuun
qajeelfama adabbii
himatamaaf adabbii
salphisuudhaan isa fayyaduu danda’uu filachuuf dirqama akka qaban fi qajeelfama isa kamtuu himatamaa fayyada jedhani fillachuun dirqama
mannen murtii ta’uu ibsuun Heera M/ Federaalawaa
Dimokraatawaa Rippaablika Itoophiyaa keewwata 22(2) fi Seera Yakkaa bara 1996 bahee keewwata 6 ibsuun hiikkoo seeraa dirqisisaa kenneera.
Yaadnii armaan gadit Afaan Amaarifaan ibsamee jecha jechaan warraabii murtii lakk.galmee 113065 fi 95438 keessaa kan fudhatameedha.
https://t.me/http_Ijooseeraa
Forwarded from Elias Kasa Legal Service. (Elias Kasa)
Qaj.ADABBII.pptx
22.1 MB
👉Leenjii Qajeelfama  adabbii Haraa Lakkoofsa 03/2017 irratti ILQSO dhaan kenname. (Leenjii Hojii irraaf AA fi.AS kenname)
👉Leenjistootni Tigist Asfaaw fi Abbabaa jootee
Gurandh. 2018_ Adaamaa

✍️Elias kasa (Advocate and Legal Consultant at law.)-Adama Call-0929399368                                                                       👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan  Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasa a mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ  ኤልያስ ካሳን ያማክሩ
Yakk. Dub. fi Daa (1).pptx
8.1 MB
[  ] Leenjii Yakkoota  dubartootaa fi daa’immanii irratti raawwataman irratti ILQSO dhaan kenname.
Leenjistuun:Tigist Asfaaw  (LLB,LLM)

Gurandh. 2018 Adaamaa
✍️Elias kasa (Advocate and Legal Consultant at law.)-Adama Call-0929399368                                                                       👉Tajaajila Gorsa Seeraa yoo barbaaddan  Abukaatoo fi Gorsaa Seeraa #"Eliyaas Kaasa a mariisisaa.
👉የጥብቅና አገልግሎት ሲፈልጉ  ኤልያስ ካሳን ያማክሩ
1