#Gadda
Har'a ganama Alam Ganaa bakka Daalattii jedhamutti waraabessi daa’ima tokko nyaate.
Ganama naannoo sa'aatii afuriitti waraabessi tokko naannoo seenee daa'ima tokko butee nyaachuu irraa kan ka’e ummatni Naannoo iyyee wal baasuun waraabessoota lakkoofsaan 13 tahan ajjeesuun daa’ima nyaatamtes garaa waraabessaa keessaa baasuun biyyootti deebisaniiru.

Miseensa Shanee Gumii ABO Jaal Jabeessaa Gabbisaa waggaa 26 booda haadha isaan ijaan wal argee kan ture tahus ergasii tasgabbii dhabinsaa fi goolama siyaasaan wal qabatee deebi’anii arguu hin dandeenye .
Hagayya 25/2024 harmeen qabsaa’aa Jaal Jabeessaa Gabbisaa du’aan Addunyaa kana irraa darbaniiru .
Nuyi hogganaa olaanaa ABO Jaal Jabeessaa akkasumas maatii isaa hundaaf jajjabina hawwinaaf.

Sigigaachuu lafaa Qeellam wallaggaatti lubbuun namoota 3 darbeera😢
Guyyaa har'aa fulbaana 7/2024 godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Jimmaa Horroo keessatti sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota sadii darbeera.
Hanga gabaasa kana qindeessinutti manneen qonnaan bultootaa 10 miidhamaniiru, maatiin 15 fi namoonni 150 qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru jedhame.

#gadda
Qabsaa’aa fi kutataa namaa #Emaanaa _karaa du’aan Addunyaa kana irraa darbe.
Emaanaan gaafa qabsoon Oromoo akka abidda boba’e Oromiyaa keessatti adda dureen keessatti qooda isaa fudhataa ture.
Har’a duuti hiree taateef dhukkubsatee yeroo hedduuf yaalamaa erga turee booda dhibee isaa irraa fayyuu dadhabuun du’aan boqote 😢
Firri,Hiriyyoonnii fi sabni inni keessaa dhalate lubbuu Emaanaa oolfachuuf waan danda'u yaaleera.
Emaanaa nama saba ofii jaallatu , Oromoo Oromummaasaa jaallatu kan Roorroon gadi hin qabne duuti dirqiin gadi isa qabde.
Maatii fi Firoonni akkasumas hawaasni Oromoo gaddi kun gadda keessan taheef jajjabina hawwina 😢.

#Gadda😢😢
Waraanni Abbaa Irree Abiyyiin durfamu w/Lixaatti dargaggoota 3 ajjeesuu dhagahame .
Godina Wallagga Lixaa Aanaa #Yuubdoo_Ciisaa_Borrii bakka jedhamu keessatti loltoonni mootummaa maqaa “deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhuun dargaggoota 3 ajjeesuun barameera.
Ajjeechaan kun Sadaasa 26,2024 kan raawwate yoo ta'u, dargaggoonni ajjeefaman kunneen barattoota tahuus maddeen nuuf himaniiru.
Dargaggoonni ajjeefaman maqaan isaanii:
➡️Dargaggoo Eliyas Darajjee Qixxeessaa
➡️Dargaggoo Daniel Baacaa Dirribaa
➡️Dargaggoo Daniel Nagaasaa
Kanneen jedhaman rasaasa Waraana mootummaan ajjeefamaniiru 😢😢
Naannichatti namooti nagaan ajjeefamuun haaraa kan hin taane waggoottan ja'aa asitti lubbuun miliyoonotaan lakkaa'amu karaa waraanaa darbuu akka hin oolle tilmaama

#Gadda 😥😥😥
Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Bachootti milishoonni dhuganii machaa’an dargaggoota nagaa 6 fixuu jiraattonni himan.
Dargaggoonni kunneen gamtaan midhaan haamaa oolanii gara magaalaa Tullu Boolloo deebi'aa akka turan jiraattonni OMNtti himan.
Taateen rifaasisaan aanaa Bachoo kun kaleessa Sadaasa 28, 2024 raawwatame jedhan.
Dargaggoonni jahan kan eenyummaan isaanii akka dhokfamu taasifame kun naannoodhuma Oromiyaa keessaa aanaalee ollaatii dhufanii kiraadhaan midhaan haamaa oolanii gara magaalaa Tullu Boolloo galaa turuu maddeen poolisii himan.
Lafti dimimmisa waan tureef milishoonni dhuganii machaa'an WBOtu dhufe jechuun baaraganii fixanii jedhan.
Reeffi dargaggoota kanaa yeroo ammaa hospitaala waliigalaa Tullu Boolloo jiraachuu dhageenye.
Reeffa dargaggoota jahan kanaa raayyaan ittisa biyyaa konkolaataa fe’iisaa ISUZUdhaan bakka itti dhumanii guuree kaleessa Sadaasa 28, 2024 halkan sa’aatii 04:30tti hospitaala Tullu Boolloo geesse jedhan.
Ogeessi fayyaa eenyummaa isaa himachuu hin feene tokko akka jedhutti wayita reeffa isaanii konkolaataa irraa buusanitti huccuuwwan seeraa ogeeyyii fayyaa (gaawoniiwwan) fi kopheen isaanii guutummaan dhiigaan laaqamee ture.
Poolisiin eenyummaan isaa akka himamu hin feene fi waan kana beeku akka himetti immoo reeffi dargaggoota kanaa yoo hospitaala dhaqu konkolaatichi dhiigaan miiccamee ture.
“Qaamni isaanii rasaasaan tatarsa’eera. Raayyaan ittisa biyyaa ogeeyyii fayyaa Narsii hanga Hakiimiitti gadi waamee reeffa akka guuranii fi fuudhanii akka kafanan ajaje” jedha poolisiin kun.
Ogeeyyiin fayyaa hospitaalichaa reeffa kafananii akka bulchiinsa aanaatti kennan itti himee mooraa hospitaalichaa gadhiisee halkanuma san bahuu hime.
Poolisiin odeeffannoo kana nuu kenne akka jedhetti har’a ganamaa kaasee hospitaalli Tullu Boolloo bulchiinsi aanaa Bachoo reeffa dargaggoota kanaa akka irraa fuudhu gaafatus hanga ammaa garuu hospitaaluma keessa jira.
Raayyaan ittisa biyyaa reeffa dargaggoota kanaa lafa magaalaa Tullu Boolloo irraa kiilomeetira 10 hin caalle Qobboo bakka jedhamturratti osoo karaa deemnuu arginee kaafne jedha. Odeeffannoo biraa akka hin qabne himata.
Milishoonni battaluma fixanitti waraqaa eenyummaa fi bilbiloota isaanii irraa fuudhuutu himama.
Umriin dargaggoota kanaa waggaa 15 - 20 jidduu ta’uu poolisiin arge nutti himeera. Uuffata siviilii akka uffatanii fi rifeensa isaanii dabalatee mallattoon miseensa WBO isaan fakkeessu akka hin jirre maddi keenya himeera. Jahan isaaniiyyuu haamtuu harkaa qabu ture jedha maddi OMN.
Akka poolisiin OMN’f ragaa kenne kun jedhetti dargaggoonni ajjeefaman kunneen barattoota.
Yeroo ammaa yeroo oomishni walitti qabamu waan ta’eef manneen barnootaa cufamanii akka jiran kan himu maddi keenya, barattoonni kunneen barnoonni
aanaa ykn gandoota ollaa irraa kiraa haamuu garana dhufani jedha.
Maddi:OMN

#Gadda😥
Jaal Abbabaa Haayilee Jiraanee Du’aan Addunyaa kana irraa boqotan😢
Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti hiriiruudhaan qooda adda addaa kennaa kan turan sab-boonaan Oromoo Jaal Ababaa Haayilee Mudde 01, 2024 Dilbata kaleessaa du’aan addunyaa kana irraa boqotuu SBOn gabaaseera.
Jaal Ababaan sabboonummaa fi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo itti hiriiraniif jecha bara mootummaa abbaa irree wayyaanee/EPRDF akkasumas bara mootummaa abbaa irree murna Biltsiginnaa kana yeroo adda addaatti hidhamuudhaan gidirsamaa akka turan beekuun danda’ameera.
Jaal Ababbaa Haayilee Jiraanee abbaa isaanii Obbo Haayilee Jiraanee fi haadha isaanii Aadde Dastaa Dhaabaa irraa Ebla 05, 1936tti Godina Lixa Shaggar Ona Dandii ganda qonnaan bulaa bakka Baroodoo jedhamutti akka dhalatan seenaa isaanii irraa hubachuun danda’ameera.
Sirni awwalcha isaani boor Saaris Abooti ni rawwaata.
Maddi :SBO

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
#Urgent Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu Magaalaa #Agamsaa irraa ummata gara #Caboo jedhamtu konkolaataan deemaa turan humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon fixuun dhagahamaa jira namootni odeessa kana qabdan qabatamaan nuuf gahaa.
#Gadda😢😢
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti Humnootiin Finxaaleyyii #Faannoo Mudde 2/2024 ykn Sadaasa 23/3/2017 ummata magaalaa #Agamsaa irraa Gara Caaboo/Goojjam deemu Daangaa lafa #Agamsaa jalatti NaannaaTeelee jedhamuun waamamu Bishaan abbayyaa cinaatti #Faannoon konkolaataa dura gortee dhaabdee Ajjeechaa jumlaa gaggeessiteen namoota 8 keessaa nama 6 battallatti lubbuun akka darbe namni lama lubbuun oolee yaalamaa kan jiran kessaa tokko du'aa fi jireenya giddu jiraachuu maddeen nuuf himaniiru.
Humnootiin Faannoo kunneen konkolaataa ummatni kuni ittiin imalaa tures guutummaatti abiddaan barbadeessanii jiru.

#Gadda😥😥
Magaalaa #Adaamaatti ajjeechaan suukkanneessaan dargaggoo Oromoo irratti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen raawwatame.
Dargaggoo Maqaan isaa Ismaa'el Tibeessoo Magaalaa Adaamaatti qaama ammaaf eenyummaan isaa adda hin bahiniin ajjeefamee daandii irratti gatamee reeffi isaa argame😥!
Maatiifi firoota hundaaf jajjabina hawwina!!
#JusticesForIsmaelTibbesso✊️

#Gadda😭😭
Sibuu Sireetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 11 darbe
Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun Namoota 11 darbe.
Balichis konkolaataa ‘Sinoo Tirakii’ jedhamuu Magaalaa Naqamterraa gara Aanaa Sibuu Siree imalaa ture, Konkolaataa deddeebisaa Ummataa 5L jedhamee beekamuun walitti bu'uun lubbuun namoota 11 yeroo darbu, namoota 12 irra midhaa cimaa fi salphaan qaqqabeera.
Balaa qaqqabeen namoonni midhaman hospitaalatti geeffamuun wal’aansi taasifamaa jira.
#Oromia

#Gadda😭
Obbo Bulchaa Dammaqsaan du'aan addunyaa kanarraa boqotan 😭
Gameessa siyaasaa fi qabsa’aan Oromoo, hayyuu diinagdee kan turan Obbo Bulchaa Dammaqsaan umurii isaanii 94’tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan.
Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo (#OFDM) hundeessuun beekamu.
Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u #Baankii_Awaash hundeessuun, boodarras hoji gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.
Kana malees miseensa boordii Baankii Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (#UN) keessatti ogeessaa diinagdee ta’uun tajaajilaniiru.

Waraanni faashistii Abbaa Irree Wallaggaa lixaa Magaalaa #Mandiitti dargaggoo Ayyaana Qilee Maatii isaa biratti dabarsuuf Finfinnee irraa deeme ajjeesan.

#Gadda😭😭😭
Wallaggaa lixaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Waandii Daallee bakka addaa Guutee Sillaasee jedhamtutti ilma Oromoo Indaargee Ittaanaa jedhamu waraanni Abbaa Irree Abiyyi haala sukkanneessan ajjeesee jira.

Shawaa Bahaa Aanaa Fantaallee Ganda Qobbo'o Qaxana Soggiddo jedhamu keessatti waraanni mootummaa galgala deemuun ummata keessaa nama Lama akka waan mana sirressaa geessutti fuudhanii deemanii ganama ajjeefamanii reeffi argame.
Namoonni ajjeefaman #Umar_Niinnii_Asabootifi #Waaqoo_Mahammad jedhamu.

Godina Qeellam Wallaggaa Aanaa Sayyoo Ganda Shogoo jedhamutti daraggoo Malkaamuu Qajeelaa jedhamu kan fayyaalummaa isaan ummata keessatti beekkamu loltoonni mootummaa eda fuudhanii tumaa bulanii obbooroo bakka addaa Gaara Qaanqoo jedhamu geessanii ajjeesanii gatanii biraa deeman.

Namootni 6 battalumatti lubbuun darbe!
Odeeffannoon balaa konkolaataa daandii Giincii fi Jalduu gidduutti imaltootaan garagaleen yoo xiqqaate hanga ammaatti lubbuun namoota 6 darbe" jedhame.
Namoota 16 irra miidhaan ulfaataa qaqqabuu fi kanneen biroonis miidhaan Kanneen irra gahe akka jiran beekuun dandahameera.
Namoota lubbuun darbeef gadda guddaa nutti dhagahame ibsachaa , maatii isaaniif jajjabiba hawwina!

Godina Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Habaaboo Guduruu Ganda Sirbaa Loyyaa jedhamu keessaatti manguddoo Umurii 60 ol kan ta'an Abbaa Gadaa Obboo Olaanaa nama jedhamu. Gaafa Bitooteessaa 18/2025 Guyyaa keessaa naannoo sa'a Impaayerati 7ttin Milishaa ykn Gachaanaa sirnan Rasaasan ajjeesan.

Sirni Nageenya Qe’ee Oromoo tiksu dhibuun Finxaaleyyiin Amaaraa daangaa Oromiyaa keessatti ajjeechaa sukkaneessaa irra deddeebiin raawwatti.
Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardegaa Jaarteetti humnootiin Finxaaleyyii Amaaraa maqaa Faannoon hidhatanii socho’an Ebla 6/2025 galgala keessa irraa eegalanii weerara bananaiin qabeenyaa Ummataa hedduu barbadeessuu fi saamuun lubbuu namoota nagaa daa’ima xiqqoo dabalatee galafaatanii jiru.😭😭
Ajjeechaa humnootiin Finxaaleyyii raawwatan kanaan qaamni biyya bulchu callisuun irra deddeebiin Ajjeechaaan kun raawwatamaa jira.
Namoonni lubbuun darban baay’ee tahanis kanneen maqaan isaanii argame kanneen gadiiti.
1. Hirkoo Habtaamuu
2. Tasfaayee Amanuu
3. B/saa Fiqaaduu
4. Iyyaasuu Fiqaaduu

Balaa Konkolaataatiin lubbuun namoota 16 darbe.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti ganda Raafuu Hargiisaa jedhamutti Balaa Konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 16 yoo darbu, namoota 22 irraa miidhaa cimaa fi Salphaan gahuu ibsameera.
Konkolaataan deddeebisa ummataa Shaashamanneerraa imaltoota fe'ee gara Finfinne imalaa ture konkolaataa wal harkisuun walitti bu'uun balaan mudateen lubbuun namoota 16 darbuu ragaan kominikeeshinii magaalaa Nageellee Arsiirraa argame ni mul'isa.
Namoota 16 irra miidhaa cimaa fi 6 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuun eerameera.