Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
11.8K subscribers
6.56K photos
1.23K videos
38 files
1.87K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
ABOn Dhimma Ulaa Galaanaa irratti ejjennoon inni qabu maali?

Jaal Girmaa Nagaasaa deebii gabaabaa Ejjennoo ABO ibsu kennaniiru๐Ÿ‘Œ

Qeerroo Sammuu qaraa๐Ÿ’ช๐Ÿป
๐Ÿ‘Ž3๐Ÿ”ฅ2โค1
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Heera Impaayera Itiyoophiyaa 1995 bahe akkamiin ilaala ABOn?
โค6๐Ÿ‘Ž3๐Ÿ”ฅ2
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Maafiyoota Amboo eenyu hundeesse?
๐Ÿ˜3
ABO filadhaa jedhe jechuun Magarsaa Tukkuyyee qabanii mana hidhaa galchanii dararaa jiru.

Wallagga Bahaa Aanaa Limmuu Magaalaa Galiilaatti nama yakka tokko hin qabneefi miseensa ABO ta'e Magarsaa Tukkuyyee guyyaa kaleessaa humna nageenyaa magaalichaatiin qabamee hidhamuun haala rakkisaa keessa jira.

akkuma beekamu Magarsaan miseensa ABO fi Buufata Filannoo Limmuuttillee ABO bakka bahuun kaadhimamee jira.

akka seerri biyya kanaa jedhuufi Boordiin Filannoo biyyaalessaa labsetti namni karaa nagaatiin qabsoo gaggeessuufi bakka bu'aa paartii karaa nagaatiin qabsootti hirmaachuun filannoof dhiyaateetti hidhamuu hin qabu jedha.

haata'u malee garuu Bulchiinsiifi Nageenyi Aanaa limmuu seera kana cabsuun miseensa ABO fi bakka bu'aa dhaabaa humnaan qabee hidhee jira.

Dargaggoo Magarsaan Aanuma Limmuu Magaalaa Galiilaatti yeroo hedduuf deddeemee hidhamaa kan ture yoo ta'u waggaa muraasa durallee hojii barbaaduuf gara M/Finfinnee dhufuun Magaalaa Buraayyuutti ati shanee Wallaggaati jedhamuun qaamota nageenyaa achiitiin qabamee yeroo dheeraaf hidhamaafi dararaa guddaa argaa tureera.

kanaaf hoogganoonni paartii PP bakka bu'uun Aanaa Limmuutti waajjira qabatanii jiran Dargaggoo kana hidhuun yakka akka ta'e beekuun ariitiidhaan hiikuu akka qaban dhaamna.

Dargaggoo Magarsaan nama sabboonummaa qabuufi yakka kamuurraa ofeeggatu akka ta'e uummanni naannoo sanaa beeka garuu yeroo hedduuf mana hidhaatti deddeebisaa turtaniittu.

amma garuu karaa seera qabeessaan Boordii Filannoof galmaa'uutiin dhaaba itti amanutti makamee bakka bu'ummaa fudhachuun karaa nagaa mirga uummata Oromoof falmaa waan jiruuf turtii tokko malee akka gadi lakkistan jechuun qaama dhimmi ilaallatuuf dhaamna!
๐Ÿ˜ญ4๐Ÿคจ1
๐Ÿ˜ญ4๐Ÿคจ2๐Ÿ‘1
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ijoollee keenya Biyyi keessan Oromiyaa Alaabaa Oromiyaa fi Oromoo Diimaa Magariisa Diimaa Walakkaan Odaa jechaa guddisnee Itiyoophiyaa biyya keessani alaabaa Impaayeraa hin dhaalchifnu.

Dhaloota Qubeetu kana warri Minneapolis magaalaa Lakkuu guddaa galatoomaa๐Ÿ‘Œ
๐Ÿ‘6๐Ÿ‘Ž1๐Ÿ”ฅ1
Hanga Ammaa Namni Isa kofoo Adii uffatuu kana maqaa dhahee hin jiru shawaa lixaa Iluu Galaaniitti dhalate Basaasaafii qindeessaa 120 ijaajjiitillee qindeessee qaba.

Yeroo ammaa Amboodha Hojjeta Alamaayyoo Moosisaa jedhama
๐Ÿค”4โค2
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Ijaarsa garee Maafiyoota Oromiyaa keessatti raawwatanii yeroo hoggana Mootummaa Olaanaa irra turan kan quba qaban tahuu himan Dr Milkessaa Miidhagaa .

Maqaan garee Maafiyoota kanaas Oromiyaa keessatti bakkoota adda addaatti moggaasa garaagaraa qabaachuu himan.
Akkuma Ambootti garee 120 jedhamu Adaamaatti Saalsaay yoo jedhaman Dirree Dawwaatti Saatanaaw jedhamu jechuun waan beekan dubbataniiru.

Eenyu akka hundeesse qindeessus waan yeroo hoggana Mootummaa tahanii osoo dalaganii quba qaban irraa haasahan kunooti caqasaa oliitii
๐Ÿคจ5โค1๐Ÿฅฑ1
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Jaal Kennasaa Ayyaanaa Umurii isaanii waggaa 14 hin caalle keessatti roorroo fi dararaa Ummata Oromoo irratti raawwatamu qolachuuf gara mooraa qabsoo ABOtti makaman.

Waggoota 40 oliif qabsoo ABon durfamu keessatti dabarsaniiru yeroo ammaa immoo kaadhimamaa Filannoo bara 2026 waan tahaniif ummatni keenya Ilma keessan isa Mirga Saba isaa fi Birmadummaa Oromiyaa kabachiisuuf dantaa dhuunfaa isaa dhiisee kan sabaaf dursa kenne filadhaa!
โค10๐Ÿ‘Ž1
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Michuu qabsoo jaal Laggasaa wagii jaal Kennasaa Ayyaanaa Waaโ€™ee jaala isaa maal jedhu?
โค3๐Ÿ‘Ž3
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Namni Seenaa guddaa qabu Onnee ummata Oromoo keessatti Siidaa sabboonummaa ijjarratee jiru lafa irratti garuu Siidaa hin qabne Jaal Baaroo Tumsaa goota gootummaan isaa himamee hin dhumne dha
โค4๐Ÿ‘3๐Ÿ‘Ž1
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
ABO Filadhaa โ€ผ๏ธ

Horooroon Mallattoo Filannoo ABOti!

Jaal Kennasaa Ayyaanaa Filadhaa qabsaahaa keessan Michuu jaal Laggasaa Wagii !
๐Ÿ‘9๐Ÿ‘Ž1๐Ÿคฉ1
ABO Filadhaa โ€ผ๏ธ

Arsii Adaabbaa!

Nuyi uummata, inni sagalee keenya. Sagalee keessan kennuun dhaloota boruuf karoorfadhaa."

Wadaa uummata Adaabbaa kan hin ganne, Obbo Adduunnee Gabruu!"
๐Ÿ‘8๐Ÿ‘Ž1
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
https://youtu.be/sOOsAC-pxQ4?si=_KCQCppd7ZjoOIil
Dhalattootni Arsii tahan Wallaggaa deemanii akka ajjeefaman qindeessuun Wallaggaatu Ilmaan Arsii ajjeese jedhanii ololaaf lubbuu namaan Qumaara taphachaa akka turan Qondaalli ODP duraanii icciitii beeku saaxile.

Komishiner Solomoon Taaddesee kan Buraayyuutti ajjeefame garee maafiyaa 120n akka qindeeffamee ajjeefames Dr Milkeessaa Miidhagaa waan yeroo sana ture dubbateera.
๐Ÿ˜ญ6โค4๐Ÿ‘Ž1
Filannoo nagaa fi bilisaa jechaa Miseensa ABO hidhuutti jiru.

Namni asii gaditti argitan kun Miseensa ABO Ona Sulultaa ,Magaala Caancooti.

Kaabineen PP milishaa qabattee deemuun lafa hojii isaatii qabanii hidhanii jiru.

Dabalee Garasuu miseensa ABO kan seeraan boordiin Filannoo isa beekudha.

Sodaachisuuf ,hidhuu fi ajjeesuun amaloota Sirna Abbaa Irree tahus qabsoo Ummataa akka hin laaffiisne hubachuu hanqachuun wallaalummaa dha.

Dhimma hidhamuu miseensa ABO kanaaf boordiin Filannoo waan jedhu qabannee isiniif ifa goona.
๐Ÿ˜ญ7โค2๐Ÿ˜ข1
Inbox โ€ผ๏ธ

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii!

Kaabinoonni bulchiinsa godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa jimmaa Gannatii keessatti hoggantoota mana barumsaa,barsiisota dabalatee waltajjii walitti qabaniin guyyaa kaleessaa ebla 22/2026 fuuldura kana warri ABO jedhaman duula na filadhaa dhufuu danda'u waan ta'eef,yoo isaan dhufan qaama keenya ta'ee kan waliin dhiichisee deeggaree argame itti gaafatamaan isuma mataa isaa ta'uu beekuun tarkaanfii ni fudhanna jechaa oolan.

Ijoolleen waliin sirbanii argamnaanis isintu itti gaafatamaa jettee kaleessa hoggantoota mana barumsaa marsiisaa fi doorsisaa oolteetti.๐Ÿ˜

Dhaamsa olii barsiisaa Aanaa Jimmaa Gannatii tokkotu keessaan nuuf dhaame!
๐Ÿ”ฅ7โค5๐Ÿ‘Ž3
Achi buuteen isaanii dhabamee waggoota 13 booda reeffi isaanii bakka dhoksaan owwaalameetii qotamee kan bahe Luba Guddinaa Tumsaaf Siidaan ijaarame โ€ผ๏ธ

Siidaan Luba Guddinaa Tumsaa Lixa Oromiyaatti Boojii Dirmajjiitti ijaarame.
Namni seenaa dalage du'us seenaan isaa akka leellifamu' Aadde Leensaa Guddinaa Tumsaa dubbatan.
Lubni Guddinaa namoota barnoota ammayyaafi amantaa barachuun mirga hawaasaa dura aantummaan gaafachaa turan keessaa warra angafaati.

Mootummaan Dargii Lubni Guddinaa Tumsaa Adda Bilisummaa Oromoo wal ta'un diddaa siyaasaa keessa seenan jedhee himata sobaan irratti adeemsisaa turee Sababa kanaan si'a lama erga isaan hidhee dararee booda isa sadaffaarratti butee achi buutee dhabamsiisuu ragaaleen adda addaa himu.

Lubni Guddinaa Tumsaa Bara 1960 keessa gara yunaayitid Isteet, Minesotaa imaluun barnoota amantaan sadarkaa digiriin Luther Seminary'tti barataniiru.

Lubni Guddinaan paastarii ta'un bakkeewwan Itoophiyaa garagaraatti tajaajiluun dabalataan Barreessaa Olaanaa Waldaa Makaana Iyyeesuus Itoophiyaa ta'un tajaajilaniiru.


Bara 1979 ajjeefamuu isaanii dura si'a lama mootummaa Dargiin hidhamanii qoratamanii gadhiifamaniiru

Isa sadaffaan magaalaa Finfinnee Waldaa Makaana Iyyeesuus naannoo Uraa'el argamu keessaa to'atamuu barruun Lutheran Forum ibsa.
Tajaajila booda haadha warraa isaanii Aadde Tsahaay Tolasaa waliin namoota uffata waraanaa hin uffanneen qabamuutu ibsame.
Haati warraa isaanii osoo hin turin qarqara magaalaatti gadhiifamanis isaan garuu achi buuteen isaanii waggaa 12 oliif dhabame.

Mootummaan Dargii kufee mootummaan ADWUI bara 1991 yeroo aangootti dhufu namuu maatiifi firaa isaa achi buuteen dhabame barbaaduu eegale.

Mootummaan Cee'umsaa Itoophiyaas Lubni Guddinaa Tumsaa mootummaa Dargiin bara 1979 ajeefamuufi Finfinnee naannawa Kaasaa Gibbii jedhamutti owwaalamuu isaanii ibse.
Bara itti ajjeefaman malee guyyaan itti ajjeefaman hin beekamu.
Achi buuteen isaanii dhabamee waggoota 13 booda reeffi isaanii bakka dhoksaan owwaalameetii qotamee bahee ajjeefamuun isaanii mirkana ta'e.

Godinni Wallagga Lixaa fi Faawundeeshiniin maqaa isaaniin mogga'e akka beeksisetti, siidaan duree amantaafi qabsaa'aa mirgaa turan kuni Aanaa Boojjii Dirmajii magaalaa Biilaatti ijaarame bakka maatiifi keessummoonni argamanitti eebbifameera.
๐Ÿ‘Ž1