Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo
14.1K subscribers
5.7K photos
993 videos
38 files
1.53K links
Ka'i Qeerroo
Download Telegram
Dhaloota keenya Eenyummaa Oromummaa dhaalchisna malee Itiyoophiyaa ishee dhiiga Oromoo dhangalaastu ishee lafee Oromootaa irratti ijaaramte hin dhaalchisnu.

Oromiyaan Biyya
Wallaggaa Bahaatti humnootiin Finxaaleyyii Weerara bananiin lubbuun namoota nagaa bade.

Faannoon (ፋኖ) ummata Oromoo wallagga Bahaa irratti lola haaraa bante!
Ebla 15, 2025 aanaa Kiiramuu ganda Cabbii jedhamu weerartee qote bulaa tokko ajjeeftee, lama madeesitee. Qabeenyaa ummataa hanga dandeessu guurrattee kan hafe ammoo barbadeesitee mooraa isheetti dachaate.

Guyyaa harraa (Ebla 22, 2025) milishoota Oromoo Naannoo sana ilaaluuf ganda Qoqoffee irraa bobba'an haga gabaasa kana barreessaa jirutti nama 13 ajjefteetti.
Milishoonni Oromoo naanno sanaa jiran baayyinaan xiqqoodha. Meeshaan isaanis duubatti hafaadha.
Kan ፋኖ garuu meeshaa jabanaa kan akka መተርየስ ofkeessa qabudha. Kanaafuu humni milishaa Oromoo rasaasa fageenyarraa itti dhuka'uun dhumaa jira.
Faannoon ፋኖ Wallaggaan (ዲዚሞ) Amaaratti dabaluuf dhiyeenya kana ዲዚሞ ክ/ጦር labsachuu ishee Oromoon martuu quba qaba. Amma yeroo kanatti waraanni ፋኖ meeshaa jabanaa hidhattee baayyinaan gara dhiya oromiyaatti addatti ammoo Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti bobba'a jirti. Aanaa Kiiramuu keessa qofa mooraa dirree leenjii sadii qabdi. Bakki dirree leenjii kunis ganda Haroo, Gooda Abbaa Gashee fi Alii jedhamu. Haga ammaatti waraana ishee mooraa sadii jiru keessaa isa Gooda Abbaa Gashee fi Alii irraa hanga tokko sochoofteetti. Waraanni ishee inni guddaan mooraa Haroo jiru hinsochoone. Leenjii halkaniif guyyaa itti fufee jira.

Ummanni Oromoo Naannoo sanaa ammaan booda hin dheessinu jechuun qe'ee isaarratti wareegamaa jira.
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Taa’anii seenaa waliif himanii kaayyoo fi Akeeka qabsaa’aniif dhaloota hubachiisuun garboomsaatti umurii gabaabsuudha.
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Wallaggaa Bahaatti daa’imatu abbaa malee hafe, Harmeetu akka ta'u dhabee mudhii hidhatee boo'e😭

Kuni kan tahe Ebla 22/2025 Wallaggaa Bahaa Aanaa #Kiramuutti 😭😭
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Arsii Lixaa Himatamtuu Lalisee Dhaabaa Dheeressaa jedhamtu yakka Ajjeecha Sukkaneessaa Godina Arsii Lixaa Bulchiinsa Magaala Nageellee Arsii Ganda Qarsaa Majaatti rawwatte hidhaa cimaan adabeera.

Himatamtuun tunis nama dhuunfaa maqaan isaa Diribaa Ijjiguu jedhamu yeroo Miseensa Poolisii Humna Addaa Oromiyaa turanitti hiriiyaa ishee kan ture maallaqa narraa liqeeffate naaf kennuu dide jechuun, haaloodhan gaafa guyyaa 26/02/2017 ganama keessa tilmamaan sa’atii 3:00 yommuu ta'u mana abbeeraa isheetti waamuudhaan cuubeedhaan morma irraa waaranuudhaan erga inni kufee booda gajaraadhaan mataa fi iddoo adda addaa itti deddeebitee rukutuun haala garajabina adda qabuu fi Sukkaneessaa ta’een waan ajjeesteef Yakka Ajjeechaa Nama Cimaa Rawwatteen himatamtee jirti.

Manni Murtii Ol'aanaa Godina Arsii Lixaas, galmee himannaa dhiyaate erga qorachaa tureen booda, dhaddacha gaafa Guyyaa 9/08/2017 ooleen Murtii adabbii hidhaa cimaa Umrii Guutuun adabeera.
#Gadda😭😭

Balaa Konkolaataatiin lubbuun namoota 16 darbe.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti ganda Raafuu Hargiisaa jedhamutti Balaa Konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 16 yoo darbu, namoota 22 irraa miidhaa cimaa fi Salphaan gahuu ibsameera.

Konkolaataan deddeebisa ummataa Shaashamanneerraa imaltoota fe'ee gara Finfinne imalaa ture konkolaataa wal harkisuun walitti bu'uun balaan mudateen lubbuun namoota 16 darbuu ragaan kominikeeshinii magaalaa Nageellee Arsiirraa argame ni mul'isa.

Namoota 16 irra miidhaa cimaa fi 6 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuun eerameera.
Godina #Matakkal Aanaa Dibaaxeetti Waraanni PP mana cidhaa irratti dhukaasa baneen namoonni nagaa 7 yoo ajjeesu 4 immoo madaa’aan.
Waraanni Ummataaf dhaabbachuu qabu sirna nam-tokkee tiksuuf pp jala hiriire Matakkalitti Namoota cidha irra turan ajjeesuu dabalatee mana Obbo #Asaffaa_Raggaasaa jedhamu kan inni keessa jiraatu cufuun ibidda itti qabsiisuun qabeenya hammi isaa hin beekamne barbadeessanii jiru.



https://sagaleeqeerroo.com/waraanni-pp-dhukaasa-cidha-irratti-baneen-yoo-xiqqaate-namoota-7-ajjeesee-hedduu-madeesse
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Qabsoon Oromoo maaliif Ulfa Seexanaati jedhu Prof.Mararaa Guddinaa
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
“Rakkoon Biyya kanaa eenyutu galma Minilik jiraa osoo hin taane Sirna maaliitu achi jiraadha?” Prof Mararaa Guddinaa Gaafa Galma Minilik Galan hunduu akka Minilikitti yaadu jedhan .
Forwarded from Oduu Geda
Jiraattonni aanaa Kiiramuu hidhattoota Faannoodhaan erga qe'ee isaanii irraa buqqa'anii bubbulaniiru. Uummanni aanichaa guutummaan qe'ee irraa buqqa'uu qofa osoo hin taane qabeenya isaas saamamaa har'a gahe.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/AdTlj0x
Itiyoophiyaa keessatti namoonni miiliyoona 3.6 hanqina nyaataa hamaa mudachaa jiruun torbeewwan muraasa keessatti gargaarsa nyaataa gahaa fi idilee ta’e argachuu dhabuu akka danda’an sababa hanqina maallaqaatiin Dhaabbanni nyaata Addunyaa (WFP)beeksise.

Akka gabaasni dhaabbata Nyaata Addunyaa argisiisutti namoota mili. 3.6 keessaa 650,000 dubartootaa fi daa’imman hanqina nyaataatiin miidhaman ta’uu dhaabbatichi beeksiseera.

Dhaabbatichi dhiibbaan beelaa fi hanqinni nyaataa cimaan daa’imman biyyattii irratti qabu haalaan dabaluu isaa kan ibse yoo ta’u, namoonni miiliyoona 10 ta’an beelaafi hanqina nyaataa akka isaan mudatu ibseera. Walumaagalatti haadholiin ulfaa fi harma hoosisan miiliyoona 4.4 deeggarsa soorataa barbaadu; Naannoo Tigraay, Somaalee, Oromiyaa, fi Affaaritti quucaruu daa'immanii dhibbantaa15 caaleera jedhe.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Maarkoo Ruubiyoon daawwannaa isaanii Itiyoophiyaa fi Keeniyaatti karoorfatan haquu isaanii marsariitiin Faransaay Afrikaa Intelligence irratti hojjetu gabaaseera.
Maddi kun kanaan dura akka gabaasetti Ruubiyoon yeroo dhiyootti Naayiroobii fi Finfinnee daawwachuun nageenyaa fi daldala irratti mari’achuuf karoorfatanii turan jedheera.
Mariin Ruubiyoon qondaaltota Itiyoophiyaa waliin taasisuuf karoorfames dhiibbaa Chaayinaan Itoophiyaa keessatti qabdu to’achuuf akka ta’e gabaasni kun eereera.
Embaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru lammiilee Ameerikaa Itiyoophiyaa keessa jiranin jeequmsi yeroo kamuu ka'uu danda'a waan ta'ee of eeggannoo akka godhan akeekkachiise.