Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
2.93K subscribers
299 photos
1 video
46 links
Traditional medicine
Download Telegram
Rakkoo Waa Dagachuu Fi Furmaata Isaa
>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>>

Sababoonni waa dagachuuf namatti fidan.
። Dhiphina sammuu
። Hirriba gahaa dhabuu
። summii ijaa irraa
። Miidhaa qorichootaa irraa
። Nyaata madaalawaa dhabuu
። Dhangala'aa gahaa fudhachu dhabuu(dehydration)
። Rakkoo xannacha adda addaa irraa fkf xannacha taayirooyidii irraa kan ka'e fkk

Sababoota waa dagachuu isa bu’uuraa kana fooyyessuun rakkoo yaadachuu kee furuuf gargaaruu danda’a.

Dabalataan qoricha uumamaa(Aadaa)armaan gadii fayyadamuun rakkoo waa dagachuu kana hambisuu ni dandeettu.

Mala 1.

Ixaana adii(Olibanum).
ixaana adii maankaa tokko bishaan burcuqqoo tokkootti buusaa keessa bulchaa. Ganama bishaan san dhimbiibaa garaa duwwatti dhugaa.

Mala 2
Aannan horii qarafaa daakkamaa woliin wolitti makaa ganama ganama dhugaa.

Mala 3
Damma adii ganama ganama garaa duwwatti maankaa lama lama nyaachuu

Mala 4
Aannan hoolaa qurunfudii woliin danfisanii dhuguu.

Mala 5
Karbee bishaanitti bulbulaa. Bishaan san dhimbiibaa funyaaniin butadhaa.

Mala 6
Qullubbii adii firee kaachaatu san 10. Timaatima sadi. Sooqidda maankaa xiqqaa wodhakkaa. Waan kana sadeen wolitti bulleessaa firiijii keessa tursiisaa. Erga akka wolqabutuu ta'ee xuuxadhaa.

Mala 7
Rabbiin irra deddeebiin yaadadhaa(Zikrii)baayyisaa

Hikma Home Remedy
0928795750

Mana Qoricha Aadaa Hikmaa
#follow_share_like godhaa
Harmeen koo akka nuti namaa gadi hin taaneef uffata namaa miccaa nu jiraachisaa turte. Yeroo tokko, ''huccuun ati miiccaa/dhiqaa jirtu kan eenyuuti?'' jedhee yeroon gaafadhu, ''kan ollaati, isaanin gargaara jedheetani'' naan jette.

Garuu dubbiin akkas hin turre. Yerosuma osoo isiin qarshii 40 isaan harkaa fuutuun arge. Ani eenyummaa koo hin dagadhu. Marqaa nan marqa, hojii mana keessaa hunda nan hojjadha.

Kantiibaa Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Juhaar.

© Amar Temam
Falfala/Sihrii Dhugaatii Irratti Hojjatamu
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
Namoonni falfala dhugaatii irratti hojjachatan jinnoota “jiraattota bishaanii“ jedhamaniin gargaaramanii hojjatu. Jinnoonni kunneen dhangala'oo irratti hojjachuu waan danda'aniif “jiraattota bishaanii“ jedhamu.
Namni tokko dhugaatii akka Aannanii, Bunaa, bishaanii, Lallaafaa, Cuunfaa adda addaa fi wantoota dhugaatii biroo irratti yeroo Sihr godhu, jiiniiwwan Sihrii dhangala'aa akka hojjetu taasisan kanniin fayyadamaniiti.
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻

Mallattoo Falfala/Sihrii Dhugaatii.

1. Bishaan dhuguu baattus garaan bishaaniin guutamuu, garaa keessa sagalee akka bishaan koddaa keessaatti 'culba culba' jedhu dhagayuu.

2. Bishaan qofa haqqisiisuu(oldeebisuu):
Bishaan oldeebisuun bishaan qulqulluu osoo hin taane, dhangala’aa nyaata of keessaa hin qabne haqqisiisuu dha.

3. Garaa dhiitessuu:
Dhiita'uun kun kan jalqabu yoo dubartii taate ulfa waan baatte fakkaata, yoo dhiira ta'e immoo borcii waan qabu fakkaata. Mana yaalaatti meeshaadhaan (Altiraasaawundiin) yoo ilaalamu dhangala'aa malee mallattoo biraa hin agarsiisu.

4. Caphsata harkaa fi lukaatti dhukkubuu:
Ciqilee irratti, many'ee irratti, koroony'oo, jilba irratti, dugada qixxee miira dhukkubbii fi keessa nyaataa qabaachuu

5. Funyaan cufamuu:
Kunis funyaan hanga foolii adda baafachuu hin dandeenyetti cufamuu. Yeroo haxxiffattu, qonyonyaa baay’ee goggogaa fi dhiiga makat kan foolii badaa qabu bahuu.

6. Dhiphina sammuu Humnaa Olii: Mallattoon kun mallattoo guddaa nama falfala kanaan qabamuu adda baasnuudha. Mallattoolee asii olitti himne waliin mallattoon dhiphina sammuu yoo jiraate, kallattiin weerara jiinii kanaa agarsiisa.

7. Hirriba dhabuu:
Akkuma halkan dhiyaateen hirribni ijaa baduu. Sa'aatii tokkoo fi lamaa olitti hirriba rafuu dadhabuu. Yeeroo rafanis hirriba boqannaa namaaf hin kennine rafuu.Hirribni jeeqamuu ykn abjuu sodaachisaa irra deddeebiin arguu.


8.Garaa keessatti dhukkuba hin ibsamne ykn qaama namaatti hin tolle, ulfaatinni garaa ykn miirri dhukkubbii garaa ibsuuf nama dhibu namatti dhagahamu.

9. Miirri ykn haalli xiinsammuu tasa jijjiiramuu. Jijjiirama amala dhuunfaa tasuma dhufuu kan ibsa hin qabne. Fkf Namootaan wol-qunnamuu irraa fagaachuu, hawaasa ofbaasuu, raawwii hojii hir’achuu, raawwii barnootaa irratti dadhabuu, humni namaa dadhabuu, kasumas sammuun qayyabachuu dadhabuu.

Hubachiisa Mallattoolee kanneen keessaa mallattoo 3 fi sanaa ol yoo ofirratti argitan daftanii yaalamuu qabdu!


#Follow_Share_Like

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
Faayidaa Shaayii Magariisni Fayyaaf Namaaf Qabu
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
Caamsaan 21 guyyaa shaayii addunyaa jedhamee kabajama. Ani akka dhuunfaa kootti woggaa keessatti guyyaa tokko adda baasanii maqaa wahii itti godhanii kabajuu kana hin leellisu.

Haata'uutii malee kaayyoon guyyaa aakkasii hubannaa kennuu sila ta'eef anis waa'ema Shaayii kana irratti hubannaa tokko akka argattan barbaada.

Shaayiin waan irraa qophaayu irratti hundaa'ee gosoota heddu qaba. Gosoota shaayii jiran hunduma irra shaayiin magariisni sadarkaa 1ffaa irratti argama.Sadarkaa kunis faayidaa fayyaa namaaf kennan irratti hundaa'eeti. Qorannoon adda addaa taasifameen shaayiin magariisni fayyaa ilma namaatiif haalaan barbaachisaa akka ta'e mirkaneessa.

Shaayii magariisa dhuguun:
➢ Hanga sukkaaraa dhiiga keessaa to’achuu

➢ Shaayii magariisni dhibee sukkaaraa gosa 2ffaa to’achuu
➢ Dhiitoo marummaanii namatti furuuf kan gargaaru ta’uu

➢Sammuu keenya burjaajjii dullumarraa dhufu baraaruufi sammuun hojiisaa haala fooyya’aa ta’een akka hojjatu gargaara

➢ Dhukkuba kaansarii ittisuufis haalaan kan gargaaru.

➢ Istirookii/dhiigni mataa keessatti itituu ittisuu
➢ Dhukkubbiiwwan onneefi maashaalee onneen walqabatan ittisuuf,
➢ Ulfaatina qaamaa hir’isuuf,
➢Hanga zayitaa dhiigaa sirreessuuf, ➢ Dhiibbaa dhiiigaa to’achuuf,
➢ Foolii badaa afaanii ballessuuf
➢ Fayyaa gogaafi tiruu eeguuf furmaata gaarii ta’uu qorannoowwan adda addaan eerameera.

Shaayii magariisni bifa shaayiitiin danfistanii dhuguu
dabalataan bifa juusiitiin qopheessattanii dhuguu ykn daakuu isaa qophaa’ee nyaata wajjiin faayyadamuu ni dandeettu.

Nama ni fayyada jettanii yoo yaaddan #share namaaf godhaa

Fuulaa kana Facebook irratti
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa Fillow taasisaa
'Seexana Ifatti Waaqessuun Jalqabamee Jira!!!

Galmi Seexanaa (The Satanic Temple) mootummaa US'tiin qaama seerummaa qaba. Ameerikaa, Awurooppaafi Awustiraaliyaa keessatti namoota adda bahanii seexana tajaajilanii fi galma itti waaqeffatan ifatti qabu.

Amerikaatti ifatti seexana waaqessuun baramaa dhufeera. Waanti dur golatti dhoksaan raawwatamu amma ifatti seera qabeessa ta'ee ija addunyaa duratti raawwatamaa jira.

Inumaayyuu beeksisa hojjatanii, barjaa maxxansanii koottaa nu wajjin seexana waaqessaa jechuu bira gahameera. Sagalee isaanii ol kaasanii "Galanni seexanaaf!" jedhu.


Ameerikaa Boostanitti walgahii guddaan seexana waaqessuu gaggeeffamee jira. Namoonni kun ammoo Satanists-Warra Seexana Waaqeessan jedhamuun beekamu.

Galma walgahii keessatti wantoonni sirna seexana waaqessuuf barbaachisan hundi qophaa'aniiru. Ibsaan shaamaa qabsiifamee jira. Galmicha keessa gara fuulduraa ammoo iddoon sirni garaa garaa itti gaggeeffamu wal-tajjiitu jira.

Bifa urjiitin kan hojjatame peentaagiraamii ykn rog-shaneen bifa adiin hojjatame wal-tajjicha fuuldura kaa'amee jira.

Yeroo sirna garaa garaa raawwatan ammoo mallattoo seexanaa fayyadamu: fakkeenyaf, yeroo gaa'ila raawwatan ykn maqaa haaraa moggaafatan.


Namoonni sirna waaqeffannaa seexanaa kanarratti hirmaatan wayyaa fuula isaanii dhoksuufi guraacha uffatu. Harki isaanii cancalaan erga hidhamee booda irraa hiikama. Akka namoonni achirratti hirmaatan jedhanitti walabummaa isanii labsachuu agrsiisa.

Waa'een Seexanizimii ifati sirriitti beekamuu kan eegale fiilmii bara 2019 hojjatame "Hail Satan" jedhu kan Peenii Leen waa'ee qajeelfama Galma Seexanaa keesatti ibse irratti ture.

Bara 2019 miseensonni isaanii 10,000 turan amma gara 700,000 tti guddataniiru.

"Akkana Hin Iftuu Hanga Dimimmiftu" jedhe maraataan jedhan!!!!!!🤔🤔🤔

Yaa Rabbi Tika Kee Keessa Nujiraachisi!

Odeeffannoo kana fuula BBC Afaan Oromoo irraa fudhanne.

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment

#WhatsAppNo 092 879 5750