Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
3.55K subscribers
460 photos
1 video
68 links
Traditional medicine
Download Telegram
CIRRACHA AFUUFFEE HADHOOFTUU

Afuuffeen hadhooftu iddoo dhangala'oon cooma bulleessuf fayyadu ittii kuufamu ta'ee, nyaata akka coomaattii tajaajilu erga bishaan keessaa dhimbiibdee tottolchitee booda, gara mar'umaan xiqqaatti dabarsiti. Cirrachi hadhiiftuu afuuffee/qalqalloo dhangala'oo hadhooftuu baatu kana keessatti uumama.
---
Cirrachi hadhooftuu akaaku lama qaba:

1- Cirracha hadhooftuu daalatti: Inni kun yeroo hedduu haalluu boora kan qabuufi yeroo hedduu kan argamuudha.

2- Cirracha hadhooftuu gurraattii: kun ammoo halluu gurraacha cilee ykn magaala bifa biyyee kan qabu yoo ta'u innis kompawondii bilurubin Jedhamu kan dhigaa keenya kessatti argamuu irra uumama.
------
Cirracha Afuuffee Hadhooftuutiif wontoota nama saaxilan keessaa:
🔹Nyaata cooma hedduu qabu baayyinaan fayyadamuu.
🔹Fuduraaf kuduraa adda addaa fayyadamuu dhabuu.
🔹Dhukkuba Sukkaaraa qabaachuu
🔹Furdinnaa qaamaa gar malee dabaluu
🔹Sababa ulfaatiin kan dhufu
🔹Dhukkuboota dhiigaan wolqabatan qabaachuu fi kkf.
---

Mallatoolee dhukkuba Cirracha Hadhooftuu:

▵ Singiggoo laphee jalaa
▵Garaa keenya gubbaa gara harka mirgaatti ykn jidduu irratti dhukkubbiin badaa deebi'u namatti dhagahamu.

▵Nyaata zayitiin itti baay'ate yoo nyaannu miira dhukkubbii fi lolloojjii qabaachuu

▵ Dhukkubbii ceekuu mirgaa irratti namatti dhagahamuu.
▵ Lafee ceekuu lamaan jidduutti dhukkubbiin jiraachuu.

▵ Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu.
▵ Hoo'ii qaamaa jiraachuu
▵ Ijji keenyaa boora/keelloo ta'uu
▵ Gogaan namaa daalacha ta'uu
----

Furmaata Cirracha Hadhooftuu:

Mala 1
🔹Hundee diimaa firri giddug-galeessa 1
🔹Kaarotii firii giddu-galeessa 4
🔹Kiyaara(cucumber) firii 1
• waan sadan kana walitti makuun juusii gochuun guyyaatti yeeroo lama dhuguu.

• Mala kana torban lamaaf itti fuufnaan fedha Rabbiitiin cirracha Afuuffee hadhooftuu irraa fayyaa taatu.

Mala 2.
🔹Firii applii(apple fruit) giddu-galeessa 2 juusii goona.
🔹Kallii applii(apple cider vinegar) maankaa 1 juusii sanatti daballee guyyatti yeeroo tokko dhugna.

• Malli kun torbee 2 yoo itti fuufanii fayyadaman cirracha hadhooftuu haalaan fooyyessa.
• dhukkubbii sababa cirracha hadhooftiitiin dhufu daqiiqaa 15 keessatti itti woyyeessa.

Mala 3.
Baalaafi hidda Fujuul(radish) فجل dheedhii isaa akka salaaxaatti nyaachuu.

Mala 4
Loomii bishaanitti cuunfaa Irra deddeebiin fayyadamuu.

Hub: Maloota asii olitti eeraman keessaa yeeroo tokkotti mala tokko qofa fayyadamaa malee hunduma wal-bira hin fayyadaminaa

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment

#WhatsAppNo 092 879 5750
FAAYIDAA SHAAYII DHUGUU
🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹🔹
Shaayii Diimaa ykn Shaayii Magariisa dhuguun:
🔹 Carraa kaansarii sombaa, harmaa, fi piroosteetiitiin qabamuu ni hirdhisa
🔹 Carraa Istirookii (dhiigni sammuu keessatti jiguu hir'isa.
🔹 Lafeen keenya akka jabaatu godha.
🔹 Koolestiroolii qaama keessa jiru. hirdhisuu danda'a.
🔹 Dhiibbaa dhiigaa ol ka'aa ta'e gadi buusuu irratti faayidaa qaba.
🔹 Muraa garaa/ garaan yoo nama cinine namarraa laaffisu danda'a
🔹Bullaa'insa nyaataa gargaaruu danda'a: Gaazii (qilleensa) garaacha keessa jiru salphisuun nyaanni nyaanne akka salphaan nuuf bullaayuuf ni gargaara.
🔹 Fayyuuma fi jabinna ilkan keenyaaf
🔹 Foolii badaa afaaniis ni hirdhisa
🔹 Sirni ittisa qaamaa akka jabaatu godha
🔹 Carraa dhukkuba onnee akka tasaa (Heart Attack) saaxilamuu hir'isa.
🔹 Carraa dhukkuba Sukkaraa gosa lammeessoo (Type-II DM) tiin qabamu gadi buusa. Garuu namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban shaayii sukkara qabu haa fudhatanii hin gorfamu.
🔹 Dandeettii yaadachuu, qalbeeffachuu fi fulleffachuu ni dabala
🔹Fayyaa Sammuuf:shaayiin dalagaa hubannoo deeggaruun carraa dhukkuboota neurodegenerative hir'isuu danda'a.

Kanaaf shaayii wantoota garagaraa irraa qopheeffataa dhuguu amaleeffadhaa
©Dr. Nuredin
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow_like_share_comment
#WhatsAppNo 092 879 5750
Biqiloonni Qoricha Aadaa Irraa Qopheessuuf Ta'an Keessa Jiruu Laata?

Muummeen Minestera Biyya keenyyaa Dr Abiyi Ahimad "dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa baranaa dhiyaataa akka jirruufi sadarkaa olaanaadhaan qophiin taasifamaa akka jira fuula Miidiyaa Hawaasaa isaanii irratti maxxansanii jiru.

Biqiloonni kunneen
▵ Eegumsa naannawaa kan babal'isuu, ▵Jijjiirama qilleensaa kan ittisu,
▵Miidhaa ciramuu bosonaa kan hanbisu, ▵Dhiqama biyyoo kan hirisu yoo ta'u,
Karaa hawaasaa, manneen barnootaa fi dhaabbileen waliin ta'anii biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman bara kana akka dhaabbataniif qophiin xumuramee akka jiru himaniiru.


Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kana keessatti biqiloonni Qoricha Aadaa qopheessuuf tolan usuu hammatamanii bu'aa gama hedduu kan qabuufi jijjiirama haala qilleensaa qofa usuu hin taane jijjiirama gama fayyaa ummataa fiduu keessatti shoora guddaa qaba jennee amanna.

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
#Shaashamannee
#Oromia
#Adaamaa
#Ethiopia

#WhatsAppNo 092 879 5750

#telegramchannel
Dubartoota Umrii Malee Xuriin Laguu Isaanii Irraa Dhaabbate Maal Gochuu Qabduu?
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
Xuriin laguu yeeroo isaa eeggatee dhufuun fayyummaa dubartii sanaa kan agarsiisuudha. Dubartiin fayyaa qabdu takka giddu-galeessaan umrii 13 hanga 49 xurii laguu arguu dandeetti.

Dubarri takka jijjiirama dargaggummaa (saal-lammeessoo) kan akka harmi guddachuu qabaattee laguun ishii hanga woggaa 16 guuttutti yoo jalqabuu baate rakkinni akka jiru waan muldhisuudha.

Garuu woggottan jalqabaa dugdi dubara takka irratti mul'achuu jalqabu sanitti laguun kun xiqqaachuun ykn turaa turaa dhuufun rakkoo hin qabu.

Nannoo dubarri wol hormaata dhaabuuf deemtutti (naannoo woggaa ~45-50) dugdi xiqqachuu, turaa turaa dhufuun inuma jiraata. San booda gara dhabbatuutti deema.

Umrii 16—45 jidduutti xuriin laguu kan badu yoo ta'e ykn baayyee turaa turaa kan dhufu yoo ta'e, rakkoon hoormoonii ykn dhukkubni biroo jiraachuu agarsiisa.

Rakkoon bifa kanaa yoo isin mudateef furmaata isinitti himnu kana fayyadamnaan fedha Rabbiitiin rakkoon kun isiniif furama.

1. Qumbii/Karbee(mrrhy)
🔹Qumbii daakkamaa maankaa shaayii tokko bishaan hoo'aa kubbaayyaa tokkoo keessatti bulbulaa dhimbiibaa dhugaa. Mala kana torbee 3f guyyatti yeeroo 2 fayyadamaa

2. Haltiitii(Asafetida):
🔹Haltiitii daakkamaa maankaa shaayi 1
🔹Qumbii daakkamaa maankaa shaayi 1
🔹Qondobarbaree(fuful/filfil) maanka 1
Waan kana 3 bishaan kubbaayyaa tokkootti danfisaa guyyatti yeeroo tokko torbee 2f dhuguu

3. Qarafaa daakkamaa maankaa shaayii 1 bishaan kubbaayyaa tokkoon danfisuun sukkaaraan mi'eessanii torbee 2f guyyatti yeeroo 2 fayyadamuu

Maloota sadan isiiniif eerre kana fayyadamtanii marsaan laguu keessaanii akka sirraayu gochuu dandeettu.

Nama ni fayyada yoo jettan #share woliifvgidhaa

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa follow gochuu hin dagatinaa!


#WhatsAppNo 092 879 5750
Mallattoolee Sihrii/falfalaa

1. Eenyummaa ofii jibbuu.

2. Yeroo Qur'aana dubbisan/namni biraa qara'u mataan iyyuu, mataan dhukkubuu, ijji gubachuu fi hamoommachuu.

3. Garmalee dhiphachuu sammuu, keessattuu ganama ganam.

4. Haati manaaf Abbaan manaa sababuma salphaa uumanii wol jibbuu. Gaafa wal argan wal lolu, yeroo addaan bahan jaalalaan qabamu.

5. Hirriba dhabuu Guyyaa dafee hirribni qabuu xiqoo rafanii hirribarraa abshadhuu.

6. Sa'aatii hedduu mana fincaanii keessa taa'uu feesisuu.

7. Namoota irraa kophaa bahuu fedhuu, nama irraa fagaachuu/baqachuu.

8. Walqunnamtii saalaa raawwachuu dandeettii dhabuu. Qalbiidhaan fedhaa qaamaan raawwachuu dadhabuu. Yeeroo dhaabbates dafee dhangala'uu.

9. Yoo guyyaa sadiif nagaa taate guyyaa itti aanutti dhukkubbiin itti dhagayamuu.

10. Maallaqa, mindaa, qabeenyi barakaa dhabuu. Hireen hidhamuu. Carraan cuccufamuu.

11. Namoota hubachuu dhabuu fi namni hundi waa'ee koo hamaa dubbachaa jira jedhanii yaaduu.

12. Waan tokko hojjachuu barbaadanii garuu raawwii irratti dadhaboo ta’uu.

13. Qaamni namaa ajajamuu diduu.

14. Xuriin laguu dubartootaa gar-malee itti bayyatuu fkk.

Mana Qoricha Aadaa Hikmaa follow godhaa
Kaamomiila/chamomile/بابونج/ካሞሜላ
-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-¯-

Shaayiin kaamoomiilaa dhimmoota fayyaa bal'aa ta'aniif qoricha uumamaati. Soorata inni of keessaa qabu dhukkuba sukkaaraa, dhukkubbii laguu, fi rakkoo hirribaa fi kanneen biroo to'achuuf haalaan gargaaruu danda'a.

1. Dhukkubbii yeeroo laguu hir'isa:

Dhukkubbii garaa yeeroo laguu waliin walqabatee dhufu hir’isuu bira darbee yaaddoo fi dhiphina yeroo kana keessatti uumamu haalaan fooyyessa.


2.Dhukkubsattoota sukkaaraa irratti hamma sukkaara dhiigaa keessaa hir'isuuf:

Qorannoon akka agarsiisutti dhukkubsattoota sukkaaraa keessatti hammi sukkaara dhiiga isaanii gadi buusuuf gargaaruu fi garmalee akka ol-hinkaane gochuu danda’a

3. Lafeen lallaafuu ykn haphachuu hir'isuuf:

Yeroo baayyee keessumaa dubartoota umuriin isaanii waggaa 45 ol ta'e irratti estrogen hir'achuu wajjin walqabatee lafeen laafuu ykn haphachuun ni argama. Kana waliin shaayiin kaamoomella sadarkaa hormoonii qaama keessa jiru madaaluuf sirreessuuf haalaan akka fayyadu qoratamee jira.

4.Of-loluu qaamaa/Infeekshinii hir'isuuf

Of-loluun qaamaa; karaa qaamni keenya dhukkuba ofirraa ittisuuf seelotatti fayyadamuudha. Garuu haalli of-loluu qaamaa kun yoo yeroo dheeraa kan turu yoo ta'e rakkoo akka dhukkuba kintaarotii, dhukkubbii garaa, dhukkubbi caphsata harkaaf lukaa fi dhiphina fiduu danda'a. Rakkoo akka kanaa hambisuuf shaayii kaamomella dhuguudha.

5 Kaansarii Ittisuufi Yaaluuf:

Qorannoon tokko tokko akka agarsiisutti shaayiin kaamoomiilaa seelii kaansarii loluu fi jalqaba irratti akka hin uumamne dhooggu danda'a.

6. Hirriba argachuuf

Shaayii kaamomiilaa dhuguun qamni namaa boqannaa gahaa akka qabaatu akkasumas hirriba gaarii akka rafaniif nama gargaara. Akkasumas shaayiin kaamoomiilaa akkuma qoricha farra dhiphimaa fi qoricha hirribaaf kennamu hojjatu, hojjechuu akka danda'u qoratamee jira.

7. Qufaa/diifafa/Infuleenzaa yaaluuf

Shaayiin kaamoomiilaa qufaa qorraa, utaalloo baramaa fi alaarjikoota qorraan dhufan hir'isuuf gargaaruu akka danda'u qortamee jira.

8. Ulfaatina qaamaa/furdina humnaa olii hir'isuuf:

Shaayiin kaamoomiilaa dhangala'aa garaachaa baay'ee uumuuf gargaara. Kunis ulfaatina hir'isuu fi sirna bullaa'insa nyaataa waliigalaa haaromsuuf gargaara.

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#followerseveryone

#WhatsAppNo 092 879 5750

#telegramchannel


#Shaashamannee
#Adaamaa
#Oromia
#Ethiopia