Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
3.55K subscribers
460 photos
1 video
68 links
Traditional medicine
Download Telegram
Obboleewwan keessaniif #share godhaa.

+251928795750

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#Follow_Share_Like
Fincaan Nama Diduu(Urinary tract obstruction)
˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙˙
Fincaan Nama Diduun dhukkuba Ujummoo fincaanii cufuun fincaan karaa idilee ta'een akka hin dhangalaane kan dhorku rakko ujummoo fincaaniiti. Rakkoon kun gar-tokkee ujummoo fincaanii ykn guutummaa ujummoo fincaanii cufuu danda'a. Cufamuun ujummoo fincaanii, kalee irratti ykn afuuffee fincaanii irratti rakkoo hamaa fiduu danda'a.

Dhukkubni kun rakkoo kalee irra dhufeen ykn rakkoo dhukkuboota qunnamtii saalaatiin daddarban irraa ka'een ykn rakkoo cirracha afuuffee fincaanii irraa ka'een kan dhufu ta'uu danda'a. Namoonni umriin isaanii yemmuu dabalu ujummooleen fincaanii shuntuuruu ykn dadacha'uun rakkoon kun uumamuu danda'a. Dhukkubni kun dhiiraa fi dubartootas ni huba.
➬➬➬➬➬➬➬➬➬➬

Mallattoolee dhukkuba kanaa
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
◦Afuuffee fincaanii irratti miirri dhukkubbii cimaan jiraatuu.
◦Fincaan dafee nama irraa bahuu diduu. Rakkoo fincaan dabarsuu dadhabuu.
◦Hangi fincaanii kan duraaniitii gadi xiqqaatuu.
Afuuffeen fincaanii guutamee woxxaramuun dhukkubuu.Dhukkubbiin baay'ee cimaa waan ta'eef taa'uu, dhaabbachuu ykn bakki hundi mijataa ta'uu dhabuu.
Hoo'a ykn qorra dadhabuu.
Dhiiga fincaan keessan keessatti argamuu.

Furmaata Qoricha Aadaatiin.
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
1. Baalaafi hidda Insilaalee(fennel) الشمرة:
Baalaa fi hidda Insilaale(እንስላል) kaballaa¹ tokko bishaan burcuqqoo tokkoo wajji akka shaayitti danfisuun, damma maankaa lama itti dabaluun ganama garaa duwwatti dhuguu. Dabalataan damma maankaa jaha bishaan litira 3tti bulbulanii gara garummaa sa'aatii tokkootiin burcuqqoo tokko tokko dhuguu. Adeemsa kana hanga guyyaa torbaatti itti fuufuu.
¹Kaballaa tokko jechuu ganaa tokko (konyee tokko) ykn bakka tokko tokkotti "shanacha"jedhu.

2.Qumbii, Karbee(myrrh), المر፡
Nama fincaan irraa bahuu dide Qumbii(ከርቤ) maankaa tokko aannaan danfaa burcuqqoo tokko wajji garaa duwwatti dhuguu. Torbee tokkoof guyyatti yeeroo tokko fayyadamtu. Haalli kun kaleefi infekshiinii afuuffee fincaanii fayyisuufis gaariidha.

3. Xooshinee(thyme),زعتر:
Baala, jirmaa fi hidda xooshine(ጦስኝ) bishaani burcuqqoo 2 wajji danfisaa. Damma maankaa lamaa itti makaa guyyatti yeeroo lama, ganama nyaata dura, galgala nyaata booda sa'aatii tokko turtanii dhugdanii raftu.

4. Ananaasii burcuqqoo tokko cuunaa. Damma maankaa lamaa itti dabalaa guyyatti yeeroo lama torbee tokkoof yoo dhugdan rakkoo ujummoo fincaaniif furmaata argattu.

5. Shunkurtii diimaa gurguddisaa mummuraa! Erga mummurtanii ibidda irratti xinnoo hoo'isaa. Kalee lamaanii fi handhuuraa gaditti bakka afuuffee fincaanii sanatti hidhaa tursiisaa. Haalli kun battala fincaan bahuu didee nama rakkisu saniif saffisaan nama gargaara.

6. Shunkurtii diimaa akka juusiitti bulleessaa dhama isaa cuunfadhaa. Loomii firii sadi cuunfaa. Damma maankaa tokko itti dabalaa. Cuunfaa, dammaa fi bishaan burcuqqoo tokkoo xinnoo hoo'isaa wolitti makaa. Guyyatti yeeroo lama, ganamaaf galgala torbee tookkoof akkas godhaa.

Fedha Rabbii Guddaatiin Furmaata Bareeda Argattu.

Nama fayyada jettanii yoo Yaaddan #share woliif godhaa!

Rabbiin Fayyaa Guutuu Isiniif Haa Kennu.
Faayidaa Shaayii Magariisni Fayyaaf Namaaf Qabu
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
Caamsaan 21 guyyaa shaayii addunyaa jedhamee kabajama. Ani akka dhuunfaa kootti woggaa keessatti guyyaa tokko adda baasanii maqaa wahii itti godhanii kabajuu kana hin leellisu.

Haata'uutii malee kaayyoon guyyaa aakkasii hubannaa kennuu sila ta'eef anis waa'ema Shaayii kana irratti hubannaa tokko akka argattan barbaada.

Shaayiin waan irraa qophaayu irratti hundaa'ee gosoota heddu qaba. Gosoota shaayii jiran hunduma irra shaayiin magariisni sadarkaa 1ffaa irratti argama.Sadarkaa kunis faayidaa fayyaa namaaf kennan irratti hundaa'eeti. Qorannoon adda addaa taasifameen shaayiin magariisni fayyaa ilma namaatiif haalaan barbaachisaa akka ta'e mirkaneessa.

Shaayii magariisa dhuguun:
➢ Hanga sukkaaraa dhiiga keessaa to’achuu

➢ Shaayii magariisni dhibee sukkaaraa gosa 2ffaa to’achuu
➢ Dhiitoo marummaanii namatti furuuf kan gargaaru ta’uu

➢Sammuu keenya burjaajjii dullumarraa dhufu baraaruufi sammuun hojiisaa haala fooyya’aa ta’een akka hojjatu gargaara

➢ Dhukkuba kaansarii ittisuufis haalaan kan gargaaru.

➢ Istirookii/dhiigni mataa keessatti itituu ittisuu
➢ Dhukkubbiiwwan onneefi maashaalee onneen walqabatan ittisuuf,
➢ Ulfaatina qaamaa hir’isuuf,
➢Hanga zayitaa dhiigaa sirreessuuf, ➢ Dhiibbaa dhiiigaa to’achuuf,
➢ Foolii badaa afaanii ballessuuf
➢ Fayyaa gogaafi tiruu eeguuf furmaata gaarii ta’uu qorannoowwan adda addaan eerameera.

Shaayii magariisni bifa shaayiitiin danfistanii dhuguu
dabalataan bifa juusiitiin qopheessattanii dhuguu ykn daakuu isaa qophaa’ee nyaata wajjiin faayyadamuu ni dandeettu.

Nama ni fayyada jettanii yoo yaaddan #share namaaf godhaa

Fuulaa kana Facebook irratti
Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa Fillow taasisaa
Dubartoota Umrii Malee Xuriin Laguu Isaanii Irraa Dhaabbate Maal Gochuu Qabduu?
⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻⁻
Xuriin laguu yeeroo isaa eeggatee dhufuun fayyummaa dubartii sanaa kan agarsiisuudha. Dubartiin fayyaa qabdu takka giddu-galeessaan umrii 13 hanga 49 xurii laguu arguu dandeetti.

Dubarri takka jijjiirama dargaggummaa (saal-lammeessoo) kan akka harmi guddachuu qabaattee laguun ishii hanga woggaa 16 guuttutti yoo jalqabuu baate rakkinni akka jiru waan muldhisuudha.

Garuu woggottan jalqabaa dugdi dubara takka irratti mul'achuu jalqabu sanitti laguun kun xiqqaachuun ykn turaa turaa dhuufun rakkoo hin qabu.

Nannoo dubarri wol hormaata dhaabuuf deemtutti (naannoo woggaa ~45-50) dugdi xiqqachuu, turaa turaa dhufuun inuma jiraata. San booda gara dhabbatuutti deema.

Umrii 16—45 jidduutti xuriin laguu kan badu yoo ta'e ykn baayyee turaa turaa kan dhufu yoo ta'e, rakkoon hoormoonii ykn dhukkubni biroo jiraachuu agarsiisa.

Rakkoon bifa kanaa yoo isin mudateef furmaata isinitti himnu kana fayyadamnaan fedha Rabbiitiin rakkoon kun isiniif furama.

1. Qumbii/Karbee(mrrhy)
🔹Qumbii daakkamaa maankaa shaayii tokko bishaan hoo'aa kubbaayyaa tokkoo keessatti bulbulaa dhimbiibaa dhugaa. Mala kana torbee 3f guyyatti yeeroo 2 fayyadamaa

2. Haltiitii(Asafetida):
🔹Haltiitii daakkamaa maankaa shaayi 1
🔹Qumbii daakkamaa maankaa shaayi 1
🔹Qondobarbaree(fuful/filfil) maanka 1
Waan kana 3 bishaan kubbaayyaa tokkootti danfisaa guyyatti yeeroo tokko torbee 2f dhuguu

3. Qarafaa daakkamaa maankaa shaayii 1 bishaan kubbaayyaa tokkoon danfisuun sukkaaraan mi'eessanii torbee 2f guyyatti yeeroo 2 fayyadamuu

Maloota sadan isiiniif eerre kana fayyadamtanii marsaan laguu keessaanii akka sirraayu gochuu dandeettu.

Nama ni fayyada yoo jettan #share woliifvgidhaa

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa follow gochuu hin dagatinaa!


#WhatsAppNo 092 879 5750
Sihrii, gosa 3ffaa.
Falfala/Sihrii Gurzaa./ Sihr Al-Hawatif

Gosti sihirii kanaa kan dalagamu, dhukkubsataan hirriba isaa keessatti boqannaa akka dhabuuf kan dalagamuudha. Keessumatti namni falfalli irratti dalagamu kun mana ofii akka jibbuufi baqatu gochuu yaadamee kan dalgamuudha. Dhukkubsataan falfala gosa 3ffaa kun mana isaa irraa bahee eddoo biraa yoo bulu xiqqoo kan boqatu waan ta'eef, mana ofii isaa buluu irra mana biroo buluu filata.

Mallattoolee falfala gosa 3ffaa.

1. Abjuu sodaachisaa waan akka Jawwee, Saree, adurree fi raammolee sodaachisoo aabjuun sitti ori'uu.

2. Hirriba keessa sagalee yaamsaa dhagayuu. Hirriba keessa Maqaadhaan (Abaluu) jedhanii kan siyaaman dhagayu. Hirriba keessa awwaatuu ykn Owwaataa manaa gara alaatti bahuu.

3. Usuu hin rafin sagalee sitti dubbatu dhagayuu. Garuu eessaa akka sitti dubbatamu beekuu dhabuu.

4. Tasa Fiiquu ykn Hasaassii dhagayuu. Onneen kee hargufamuu/woswaasaa sitti ta'uu.

5. Abjuudhaan Tabba ykn gaara irra kan kuftu of arguu. Afaan qilee irraa si naannessu.

6. Bineensonni gaafa dheedheeroo qaban abjuun si woraanuu. Bineensonni qarriffaa dhedheeroo abjuun si ari'achuu.

7. Hiriyyaa kee, jaalallee kee ykn fira aantee kee shakkuu baayyisuu. Namni dura jaalataa turte tasuma waan simiidhaa jiru sitti fakkaachuu.

8. Sa'aatii hirriba kee hirriba dhabuu, sa'aatii hirribaa hin fedhinitti ammoo hirribni sitti baayyatuu.....

Hubannoo Sihrii dabalataafi furmaata isaa akka isin bira dhaqqabuuf #Follow godhaa. Namoota biroof #share godhaa. Yoo isinitti tole #like godhaa. Odeeffannonnoo dabalataaf.

0928795750

Rabbiin isin haa Tiksu.
Foolii badaa qaamaaf Furmaata
(unpleasent body odor)
``````````````````````````````````````````
Ajaawuun qaamaa kan dhufu dafqa qaama keessaa dhufuufi baakteriyaa gogaa keessan irratti argamuun yoo wal maku kan dhufudha. Fooliin qaama keetii sababa hormoonii, nyaata nyaattu, infekshinii, qoricha ykn sababa qaamni namaa dhukkuboota adda addaan kan akka dhukkuba sukkaaraa, Taayifiyidifi summii ijaa/budaa irraa kan ka’e jijjiiramuu danda’a.

Rakkoon foolii badaa qaamaa rakkoo xinsammuufi rakkoo hawaasummaa fiduu danda'a. Namoonni sababa kanaatiin hariiroon isaanii laafus hedduudha. Kanaaf waan furmaata manumatti argachuu dandeettaniin dhiphachuu hin qabdan.

Furmaanni isaa kanneen armaan gadhiiti. Maloota tarraayan keessa isa isiniif salphatu fayyadamuun salphamatti rakkoo kana furuu dandeettu.

Mala 1.
Baking soda: Maankaa shorbaa tokko
Loomii: maankaa shoorbaa 2.
Waan kana lamaan sirritti wilitti makuun bobaa harkaa jala dibachuu. Daqiiqaa 15 booda qaama dhiqachuu.

Mala 2.
Loomii: loomii hamma jiddu galeessaa qabu tokko bakka lamatti baqaqsanii bobaa jalatti dibachuu.

Mala 3.
Cuunfaa Applilii(Apple venager) bobaa harkaa jalatti dibachuu.

Mala 4.
Alkoolii hafuura hin qabne bobaa jalatti dibachuu.

Mala 5.
Muka Miimmii(neem tree):
baala muka miimmii tumtanii erga bummeessitanii cuunfaa isaa bobaa harkaa jalatti dibachuu. Yeeroo tokkoof maankaan shoorbaa tokko ni gaya.

Mala 6.
shaayii:
zayitii muka shaayii ykn shaayii matuma ishii bobaa jalatti dibachuu. Daqiiqaa 30 booda ofirraa dhiquu.

Mala 7. Baking sidaafi zayita kokunat
Baking soda maankaa tokko fi zayita cocunut maankaa shukkaaraa 1 wolitti makaa dibadhaa. Daqiiqaa 20 booda ofirraa dhiqaa.

Mana Qoricha Aadaa Hikmaa #share


Mana Qoricha Aadaa Hikmaa #follow_share_like godhaa
#Galatoomaa
#whatsapp 092 879 5750
Sammuu Keessatti Dhiiguu (Stroke) السكتة الدماغية
 Stirookiin jechuun namni tokko sammuu isaa keessatti  hiddi dhiigaa dhiphachuu ykn hiddi dhiigaa guutummaatti cufamuu ykn dhiigni ujummoo isaatiin alatti dhangala'uun, dhiigni sammuu keessa naanna'uu gaafa dadhabu dhibee strookiin qabameera jedhama.

Sababa adda addaan dhiigni gara sammuu yaa'uu yeroo dhaabu dhibeen Istirookii kun mudata. Haalli kun adeemsa yaa'a dhiigaa(blood circulation) sammuu keessatti godhamu akka danqamu taasisa.

Dhiigni danqamee sammuu keessa naanna'uu gaafa dadhabu ammoo hojiin sammuu ni dhaabata. Sababni isaa Sammuu keenya dhiigaa wal-irraa hin cinne barbaachisa waan ta'eef. Sababa kanasf dhukkubni kun Lubbuu ilma namaa galaafachuun dhukkuba onneetti aanee sadarkaa 2ffaa irratti argama.

Dhukkuba Istrookii Maaltu Fida?
```````````````````````````````````````

1.Sababni ijoon dhibee kanaa dhiibbaa dhiigaati
2. Xannachi sammuu keessatti bahuu,
3. Hanqina dhiigaa/dhiigni qal'achuu
4.Balaan sammuurra gahuufi
5. Qorichoota sammuu nama hadoochan akka Kookeeniin Istirookii dhangala'uu dhiigaaf sababa ta'u
6.Dhibee sukkaaraa,
7. Ujummoon dhiigaa coomaan cufamuu, 8. Ulfaatina hangaa olii fi rakkoon rukuttaa onnee sababoota Istirookii fiduu danda'anidha.

Istirook mallattoolee qabaa?
Dhibeen kun mallattoo soo hin agarsiisuun haalli itti mudatu jiraachuu danda'a. Malmattoolee ijoon:

🔹Madaala qaama eeguu dadhabu,
🔹 Qaamni namaa ajajamuu diduu, 🔹Dubbachuuf rakkachuu,
🔹 Waa yaadachuu dadhabuu,
🔹Waa arguuf rakkachuu,
🔹Gariin fuula namaa ajajamuu dhabuu, 🔹Bowwoo mataa cimaa,
🔹qaamni namaa hadooduufi kanarra yoo hammaates hanga of-wallaaluu gahuu danda'a.

Of-eeggannoo Godhamuu Qabu
`````````````````````````````````````````

➾ Ashaboo nyaataa hir'isuu,
➾ Nyaata mi'aa xiqqeessuun,
➾Tamboo xuuxuu dhiisuu,
➾ Caatii qaamuu dhiisuun
➾ Nyaata coomaa nyaachuu dhiisuu
➾ Ulfaatina qaamaa hir'isuu
➾ Dhiphina gar-malee dhiisuu
➾ Sochii qaamaa gochuu fi kkf

Dhukkuba kana bifa aadaatiin ittisuus ta'ee yaaluun ni danda'ama. Akkamitti? Fidha Rabbiitiin wolitti deebina. #Follow #Share #like gochuu hin dagatinaa!!!

Rabbiin Bahaa fi Gala Keessan Isin Haa Tiksu.

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#telegramchannel

#WhatsAppNo 092 879 5750

#Shaashamannee #Adaamaa #Oromia #Ethiopia
Obboleewwan keessaniif #share godhaa.

092 879 5750

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#Follow_Share_Like
Nama MAAGAA Argetu bofa Baqata?
``¯``¯``¯``¯``¯``¯````¯``¯``¯````¯``¯``¯``
Raammoo Maagaa ykn Wosfaatii

"Rammoon Maagaa raammoo dheerina hanga 40cm qabaatuu danda'u ta'ee, kan inni wal-horu marrumaan xiqqaa keessatti dha."

Raammoon Maagaa Maal Irraa Nama Qaba?

"Rammoon Maagaa bishaanii fi nyaata qulqullina hin qabamne irraa nama qabuu danda'a.

Namni raammoon wasfat garaa isaa keessa jiru fuulaan daalachata, hidhiin isaa ni goggoga,funyaan isaa ni ququnca'a. Lolloojjii itti uuma, garaa kaasaa itti fiduu danda'a.

Daa'imman Raammoo Maagaa garaa keessaa qaban garaan ciniinuu, garaan bokokuu fi albaasuus danda'a. Kanaraa ka'anii daa'imman dhukkuba kanaan qabaman yeeroo hedduu miira aarii ykn of-loluu, booyuu fi ilkaan woliin riguun sagalee dhageessisu.

Raammoon maagaa dhalaafi kormaa waan qabuuf marrumaan qadhaa keessatti wal-horuu danda'a. Garaa keessatti yemmuu baayyate sagaraa wajjiin ykn darbe darbee afaaniinii fi funyaaniin bahuu danda'a.

Daa'imman Baay'een Raammoo Kanaan Maliif Saaxilamu?

" Maagaan dhaltuun yeroo tokkotti hanqaaquu hedduu buusuu dandeetti. Hanqaaquun maagaa ammoo sagaraa wajjiin alatti baati.

Daa'imman yemmuu biyyee hanqaaquu raammoo maagaatiin faalame harkaan tuqan harka daa’immanii irratti maxxantee qeensha quba isaanii keessa lixxi.

Daa'imman Harka osoo hin dhiqatin yemmuu nyaatan ykn afaanifu funyaan isaanii tuttuqan garaa keessa seenuun ammas wal-horuu jalqabdi.

Furmaanni Maali?

Mala1
▰ Sanaafica sinii tokko ibidda laafaa irratti hoo'isuun bulleessitanii daaktu.
Aannan baaduu ykn areera kubbaayya tokko waliin bulbultanii halkan guutuu bulchitu. Mala kana guyya 2 qofa fayyadamtu.

Mala 2

▰ Baala makkonniisaa fi jirma mokkonniisaa irraa quuncee isaa fuutanii erga goggogsitanii booda sirritti daaktu. Daakuu sana irraa maankaa shoorbaa 2 fuutanii aannan baaduu/areera wajjiin bulbultanii bulchuudhaan ganama garaa duwwatti dhugdu. Mala kana Guyyaa tokko qofa fayyadamtu.

Mala 3.

▰ Harma Guusa(Ajuga remota) baala isaa ganaa tokko ykn cumm'aa tokko qopheessitu. Xalataam/sunkurtaa/xeenaddaam/ceeraddaam ganaa tokko ykn cum'oo tokko qopheessitu. Shunkurtii adii/Qullubii hidda giddu galeessa tokko qopheessitu.

Waan kanneen sadan(Harma guusa, xalataama fi qullubbii) bishaan burcuqqoo tokkootti danfistu. Waan danfe kana irraa sinii tokko fuudhanii dhadhaa hin baqfamin maankaa tokko itti dabaltu. Ganama garaa duwwatti dhugdu.

Hubachiisa:
Malleen olitti isiniif eerre kun daa'imman:
- Garaan ciniinu
- Garaan iyyu/wacu
- Garaan bokoku
- Garaan albaasu
- Garaan ajaayu fi
- Huqqina daa'immaniif haalan fayyada.

Nama irraa fayyadama jettanii yoo yaaddan #Share

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #Follow godhaa

#WhatsAppNo 092 879 5750

#telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
8. ZAYITA QURXUMMII/AASAA
```````````````````````````````````````
Zayitiin qurxummii madda guddaa omeega-3 yoo ta'u, zayitni kun fayyummaa onnee fi fayyummaa sammuuf baayyee gaarii dha. Dukkaana qinxaaboo gurguddaa keessaa ni argama.

Dabalataan:
1. Dandeettii qaamni keenya dhukkuba ofirraa ittisuu(madiinummaa uumamaa) haalaan cimsa.
2. Dhiphina sammuu yaaluuf ni gargaara.
3. Fayyummaa ija keenyaa haalaan nuuf cimsa.
4. Sammuun daa'immanii cimaa akka ta'uuf baayyee gargaara.
5. Dhiirummaa namaa cimsa/qunnamtii saalaa irratti nama jajjabeessa. zayita qofa miti sooranni qurxummii dhiirummaa akkaan cimsa.
6. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusa, dhukkuba Onnee ni ittisa
7. Dhukkuba tiruu yaaluuf itti fayyadamuu ni danda'ama
8. Dhukkubbii lafee ni salphisa.
9. Rifeensa dheeressuu fi furdisuuf akkaan gargaara.
10. Furdinna qaamaa hir'isa

ITTI FUUFA.............. ..

HUBACHIISA:
🔹Qorichoonni kunneen suuraa isaanii isiniif maxxansinee jirra. Maqaan isaanii bakkaa bakkatti wal-diduu mala. Yoo isiniif hin galin gaafadhaa!
🔹Gatiin qorichoota kanneenii baayyee salphaa, bu'aan isaanii dachaa dachaadha. Bakka hundatti argattu Miidhaa dalgaa(side effect) hin qabu jechuu dandeenya. Bitadhaa irraa fayyadamaa!

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa
#followformore
#share
#likeforlikes

092 879 5750
Miila/Luka Ajaawuuf Falli kunooti!!
➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛➛
Wantoota Isin Barbaachisu
1. Baala baargamoo/baarzaafii
2. Apple venager/kallii xuffaahaa
3. Loomii/xuuxxoo

Akkaataa Fayyadamaa
`````````````````````````````

➾ Baala baargamoo qabaa harkaa(cum'aa) tokko bishaan litira tokkoo wajjiin ibidda irratti hoo'isaa. Bishaan baargamoo wajjiin hoo'e kana keessa daqiiqaa 15f Luka keessa kaayaa tursiisaa!
⬇️
➾Apple venager(kalli Applii) kan suuraa irra jiru san supper markeetii bitadhaa, galgala galgala dibataa rafaa.
⬇️
➾Aplle venager yoo dhabdan Acheetoo(Komxaaxxee) bakka isaa fayyadamaa.
⬇️
➾ Ganama akkuma hirribaa kaataniin luka keessan dhiqattu. Sana booda fooxaadhaan bareechitanii gogsitu. Sana booda loomii firii 2 lukatti dibattu. Loomii dibattan usuu ofirraa hin dhiqatin hanga sa'aatii 6:00 tursiiftu. Sana booda ni dhiqattu.

Adeemsa kana torbee 2f usuu addaan hin kutin itti fayyadamnaan foolii badaa(ajaa) lukaa irraa fedh

Odeeffannoo dabalataaf

#WhatsAppNo 0928795750

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa #follow godhaa
Namoonni biroo akka irraa fayyadamaniif #share woliif godhaa.

#telegramchannel https://t.me/hikmaherbal
Kutaa 3ffaa
Qorichoota bu'aa guddaa qaban, kan ajaja ogeessaa malee bitattanii yoo fayyadamtan miidhaa homaatuu hin qabne, qorichoota gosa 8 kanneen bakka hundatti argachuu dandeettan, kanneen gatiin isaanii salphaa ta'ee garuu bu'aan isaanii akkaan guddaadhaa kutaa 2tti qoonnee isiniif maxxansinee turre.

Namoonni hin argin yoo jiraattan duubatti deebitanii ilaaluu qabdu. Amma kutaa 3ffaa kanaan qorichoota lama haalaan faayidaa qaban fi salphatti argachuu dandeettan isiniif eerra. Nama ni fayyada jettanii yoo amantan #share godhaa biraan gahaa!

9. Zayita Semsem(sesam oil)زيت السمسم

Zayitiin kun zayita Saliixaa jedhanis yaamu. Biyya keenyatti zayita nyaataa ta'uu qofaan beekkama. Qabatamni jiru garuu zayitni kun dawaa guddaadha. Bifa qorichaaf tolutti yoo qophaaye dhukkuboota hedduu yaala. Biyyoota akka Hindii, Chaayinaa fi Araboota biratti baayyee beekkama.

Qabiyyee adda addaa kan fayyaa namaatiif oolan hedduu ofkeessaa qaba.
Kanaaf dhukkuboota hedduu yaaluuf dandeettii ajaa'ibaa qaba. Keessamattuu namoota madaa garaachaa(coggaarraa) qabdan zayita kana qulqulluu isaa 250ml ganamaaf galgala nyaata dura maankaa shoorbaa lama lama yoo dhugdan garaachi keessan yeeroo gabaabaa keessatti isiniif fayya.

Kan biraa dhukkuba onnee ittisa. Zayitni kun omega-3 fi omega-6 ofkeessaa waan qabuuf fayyummaa onneetiif baayyee gaariidha. Marsaan dhiigaa(blood circulation) fayyaa akka qabaatu godha. Dhiibbaa dhiigaa haalaan gadi buusa.

Dhukkuba kaleef baayyee barbaachisaadha. Cirracha kalees ta'ee infekshiinii kaleetiif zayitni semsem baayyee barbaachisaadha. Rakkoo afuuffee fincaanii ni qulqulleessa.

Nama Rajiijiin/rajoon dhukkubu zayita kana qulqulluu ishee 250ml ganama ganama nyaata dura maankaa lama lama yoo fayyadame fedha Rabbiitiin yeeroo muraasatti fayyaa argata. Dhukkuba Hadhooftuu irraa singiggoo laphee irra guba ni dhaaba.

Gogiinsa garaa ittisa. Fiberii heddu waan qabuuf garaan keenya akka hin goggogne godha. Kintaarotii garaa keesaa ni balleessa. Madaa marrumaanii ni fayyisuun, dhiiga sagaraa wajjiin bahu ni dhaaba.

Zayitiin semsem qulqulluun isaa fuulatti yoo dubatan maadiyaatii ykn gurraachina fuulaa sirreessa. Gogaa namaa haalaan bareechisa. Finniisa fuulatti yaa'u ni hir'isa. Rifeensa ni laaffisa ni dheeresa.

10 Lubaanata(olibanum)لبان الذكر

Naannoo tokko tokkotti hixaana adii jedhamee beekkama. Garuu hixaanni adiin gosa heddu waan jiruuf akka hin dogongorre. Lubanzakar jettanii mana qoricha aadaa naannawa keessa jiru irraa bitachuu dandeettu. Bifa hixaanaa fi zayitiinis ni jira.

Faayidaa hedduu qaba. Akka hixaanaatti aarfachuu ykn bishaan keessatti kuranii bulchuudhaan ganama dhuguu fi zayita isaa dibschuu ykn dhuguudhaan fayyadamuu dandeettu.

Dhiphina(cinqatii) namoota qaban akka hixaanaatti aara isaa fuunfachuu fi zayita isaa matatti buusuu qofaan furmaata ni argattu. Dubartii xuriin laguu rakkisu fi dhukkuba gadaamessaan wal-qabatu ni woldhaana. Rakkoo qorraan namatti dhufu ni fooyyesaa. Namoota Hirriba hin qabne aara isaa fuufachuu qofaan hirriba gaarii akka argatan ni taasisa. Manni keessan jinnoota irraa akkaa qulqullaayuuf irra deddeebiin manatti aarsuun gaariidha.

Namoota afaan isaa ajaayuuf, namoota garaachi madaa qabuuf, namoota dhukkuba ujummoo sombaatiin walqabate qaban yaaluuf, rakkoo waa dagachuu fooyyessuuf, sammuun namaa akka faxina ta'u gochuuf, dhiphina gar-malee hambisuuf qoricha akkaan barbaachisaadha.

Hubachiisa: qorichoonni kunneen faayidaa hedduu qabu. Nuti ammaaf barbaachisummaa isaanii akkaa hubattaniif qofa gabaabsinee isiniif dhiheessine. Odeeffannoo dabalataaf karaa WhatsApp nu qunnamuu dandeettu. Qorichoota kanneen fi kan biroo argachuu yoo barbaaddan dhaabbanni keenna bifa qulqullina qabuun qopheessee dhiheessaa jira.

Dabalataan qorichoota kanneen naannawuma keessanii bitattanii fayyadamuu yoo barbaaddan qulqullina isaa fi odeeffannoo guutuu ogeeyyi qoricha aadaa naannawa keessan jiran irraa fudhachuu qabdu.

Nama ni Fayyada jettanii yoo yaaddan #share godhaa woliin gahaa!

Horaa Bulaa

Mana Qoricha Aadaa Al-Hikmaa

#follow godhaa

#WhatsAppNo +251928795750
Mallattoolee Summii ijaa fi waanyoo/hisdii Gurguddoo fi Furmaata Isaa Kutaa 1ffaa.
الحسد،والحقد،والعين, وعلاجه
▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰▰

1. Dhiphina: Sababa tokko malee naasisuu, boochisuufi dhiphinna gar-malee

2. Sammuun Doomu: Sammutti waa qabatuu ykn qayyabatuu dadhabuu, qo'achuu dadhabuu, waa dagachuu baayyisu

3. Of-gatuu: Dantaa ofiif dhabuu, qandhafuu jibbisiisuu, uffata tolfachuu dhiisuu, dabbasaa sirreeffachuu jibbuu fi qaama dhiqachuu ceem'uu.

4. Hirribni Jeeqamuu: Halkan hirriba dhabuu, ganama hirribaa ka'uu dadhabuu, gugurtaayuu, yeeroo lafi bariitu gammachuu dhabuu.

5. Hamoommii itti baayyisuu, imimmaan ijaa yaa'uu, ijji gubachuu.

6. Madaan xixiqqoon qaama irratti mudhachuu, finniisni badaa deddeebi'u qaama irratti uumamuu.

7. Nyaara ol-qabachuu dadhabuu, mataafi ceekuutti nama ulfaachuu.

8. Woyanna, aaduu, kurruufuufi qaamni sababuma malee namatti ulfaatuu

9.Obsa dhabuu, abdii kutachuu, ofitti amanamummaa dhabuu.

10. Daldalli sababa malee kasaaraaf saaxilamuu, bultiin namaa (jaarsaaf jaartiin) diigamuu.

11. Idooteen dhabamuu(intalti heeruma dhabuu, dhiirri fuudha dhabuu)

12. Of-jibbuu, qaamni kee foolii hin beekne sitti dhahuu. Fooliin afaanii fi qaamaa jijjiiramuu. Qaamni haala dura hin turreen dafqisiisuufi qaamni foolii hin baramne fiduu.

13. Qaamni kee usuma nyaattu huqqachuu.

14. Fuulli kee daaraa dhaluu/bifa si balleesse si daalacheessuu

15. Gogaan qaama keetii quunca'uu, keessumattuu naannofni bobaa harka keetii fi teessuma kee irratti luqqa'uu. Akkasumas madaan xixiqqaan, finniisnii fi dhullaan sitti babbahuu.

16. Ofitti amanamummaa dhabuu, waa sodaachuu, nama biratti dubbachuu sodaachuu.

17. Namaan woliif galuu dadhabuu. Nama shakkuu Waan hojjattan irratti nama biraa galata dhabuu. Namni akkuma wol bartaniin waan isin jibbu isinitti fakkaachuu.

18. Dallansuu, aarii gar-malee qabaachuu. Waanuma nama hin aarsinetti aaruu.

19. Dhahannaan onneen tasuma ol ka'aa gadi bu'uu. Dhikksni onnee al-tokko tokko saffisaan dhikkisuu, yeeroo biraa dadhabuun hafuura baafachuu rakkisuu.

20. Hoo'i qaamaa tasuma ol ka'uufi gadi bu'uu. Yookaan ammuma sitti hoo'ee ammuma sitti qorruu

21. Arraabaafi hidhii ofii irra deddeebiin of ciniinuu.

22. Ijji diddiimachuu fi ija keessa gubuu. Nyaara/gaara irratti ulfaatuu fkk.

Yaala Dhukkuba Budaa/Ijaa akka sunnaatti. Falli kun namoota qara'uudanda'anii fi Muslimaaf ta'a. Namoota qara'uu hin dandeenyee fi worroota amantaa biroo hordoftaniif ammoo yaala biqilootaa fi alboodota dhukkuba budaa balleessan yeeroo biraa isiniif dhiheessina.
➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨➨

1.Namni budaa/summii ijaa qabu sun yoo beekkame:
Namni summii ijaa qabu sun harkaafi fuula isaa akka dhiqatu ajajama. Bishaan inni ittiin dhiqate sanaan qaama nama dhukkibsataa sanii dhiqu. Bishaan namni ijaa waa qabu dhiqate sana, dhukkubsataa gara duubaatiin mataa irraa hanga miilaatti yoo itti buusan fedha Rabbiitiin ni fayya. Namni ija irraa waa qabu akkaataa dhiqannaa isaa irratti haasaan waan jiruuf badhinnaan itti isiniif deebina.

2. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee:
"باسم الله أرقيك, من كل شيء يؤذيك، من شر كل نفس، أو عين حاسد، الله يشفيك باسم الله أرقيك"
Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu.

3. Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee:
"باسم الله يبريك، ومن كل داء يشفيك -ومن شر حاسدإذا حسد، ومن شر كل ذى عين"
Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu.

4.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee:
"اللهم رب الناس، أذهب البأس، وشف أنت الشافي، لا شفاء الا شفاءك شفاء لا يغادر سقما"
Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu.

5.Ogeessi(Raaqiin)harka isaa mataa nama dhukkubsatuu irra kaayee:
الإخلاص ولفلق والناس
Marsaa hedduu irra deddeebiin jedhuu/qara'uu qabu.

6. Dhukkubsataan mataan isaa ykn ogeessi, maloota 2—5 jiran bakko tokkotti bishaan irratti yeeroo 3 qara'uun dhukkubsataaf kenna. Dhukkubsataan garattis ni dhuga qaamaanis ni dhiqata. Fedha Rabbii Guddaatiin Ni Fayya.

Malli yaala biqilootaan godhamuu badhinnaan isiniif qabannee dhufna.

Obboleewwan keessaniif #share godhaa.