🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.36K subscribers
47 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
πŸ…° kutaa-101-ffaaπŸ‘‡
➻Gaafi fi Deebi Muslimoota
✍Yohaannis 1:18
Yeroo kamitti iyyuu #namni #Waaqayyoon arge hin jiru #ilma tokkicha isa taΚΌee fi Abbaa bira jirutu waaΚΌee Isaa ibse.
1=gaaffii isaanii silaa namni Waaqayyo argee hin jiru jedha Ilmi isaa akkamitti argee
jedhuu ❓
Ragaa isaanii.
1ximotewos 6:16
kan hin #duune isa qofa dha; ifa itti dhihaatamuu hin dandaΚΌamne keessa jiraata; #namni tokko illee isa argee hin beeku, isa arguus hin dandaΚΌu. Isaaf ulfinnii fi jabinni bara baraa haa taΚΌu. Ameen.
Seera.Bau 33:20
namni fuula koo argee jiraachuu hin dandeenyeef ati fuula koo arguu hin dandeessu.
β–¬β–¬β–¬
πŸ‘‹ Deebi keenyaπŸ‘‡
Namni Waaqayyo argeesi jira kani jedhuu ta'a.
Fakkeenyaaf
➻Abrahaam
➻Isayaas
➻Iyyoobi
➻Yohaannis
➊➻Abrahaami
seera.Uumama 18:1
Utuma #Abrahaam guyyaa saafaadhaan qilxuu Mamree bira balbala dunkaana isaa dura taaΚΌee jiruu #Waaqayyo isatti #mulΚΌate.
βž‹βž»Isaayaas
Raajii isaayaas 6:1
Bara Uziyaan Mootichi duΚΌe keessa, ani utuu #Gooftaan teessoo oli dheeraa fi ulfina qabeessa irra taaΚΌee, handaarri uffata isaa mana qulqullummaa guutee jiruu nan #arge
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ‘‰Amma gara mataa Duree keenya kootu.
=Kiristoos Akkamitti argee siila hoomtuu Abbaa hin argine isaa jedhuuf Β« jalqabaa dura Kiristoos isaa Waaqa ta’e dhisii Namoonni Qulqulluu fi Ergamaan iyyuu arganii jiruu kani jedhuu ta'a Β» .
✍ Kiristoos Maata isaa iyyuu ifa hoomtuu itti dhiyatamu hin dandeenyeef keessa jirachuu isaa kunooti πŸ‘‡
➊➻Raajii Hisqi'el 1:26-27
Wanta diriiraa mataa isaaniitii olitti argamu sana gubbaa wanti akka dhagaa safiroos taΚΌe tokko jira ture; innis teessoo fakkaata ture. Teessoo ol gubbaa jiru sana irras #bifti isaa #nama kan fakkaatu tokko taaΚΌee ture.
Wanta mudhii isaa fakkaatuu fi sanaa olitti argamu irraa wanta akka sibiila calaqqisuu taΚΌee fi akka #ibiddaa_ifu tokko nan arge; mudhii isaatii gadittis wanta ibidda fakkaatu tokko nan arge. #Ifni_guddaan tokko isatti marsee jira ture;

➻❀Nama kani fakkatu inni Tessoo irraa ta’e #Kiristoos
βž‹βž»Raajii Daani'el 7:9_10
Anis hamma #teessoowwan kaaΚΌamanitti ilaaluu koo ittan fufe; Inni Bara Dheeraa Jiraate ni taaΚΌe. #Uffanni isaa akkuma #cabbii_adii ture; #rifeensi mataa isaas suufii adii fakkaata ture. Teessoon isaa #labooba_ibiddaa ture; geengoowwan teessoo isaas ibidda bobaΚΌaa jiru turan.
➻❀uffaanni isa Adii akka cabbii jedhee.
➌➻Maatewos 17:2
Achiis inni isaan duratti ni jijjiirame; fuulli isaa akka aduu ife;  #uffanni isaas akka ifaa calaqqise.
➻❀️ #rifeensi+mataa isaas #suufii_adii fakkaata ture
➍➻Mul’ata 1:14-18
#Mataan isaa fi #rifeensi isaa akka #suufii_adii fi akka cabbii addaata ture; ijji isaa labooba ibiddaa fakkaata ture;   miilli isaa sibiila diimaa baΚΌeessa iddoo ibiddaa keessatti diimeffame fakkaata ture; sagaleen isaa immoo akka sagalee bishaanota hedduu ture.  Harka isaa mirgaa keessaa urjiilee torba qaba; afaan isaa keessaa goraadee qaramaan dheeraa taΚΌee fi karaa lamaan qara qabu ni baΚΌe,  #fuulli isaa akka #aduu humna guutuudhaan #ifuu ture.
Anis yommuun isa argu, akka nama duΚΌee taΚΌeen miila isaa jalatti kufe. Innis harka isaa mirgaa ana irra kaaΚΌee akkana naan jedhe: β€œHin sodaatin. Ani Isa Jalqabaa fi Isa Dhumaa ti,
isa jiraatu dhas πŸ‘‰#dueen ture; garuu kunoo, baraa hamma bara baraatti nan jiraadha, #furtuuwwan duΚΌaa fi Awwaalaa qaba.
➻❀ dhuguma duee kani ture Kiristoos kanafuu rifeensi isa adii Suufii suni Kiristoos.
➻❀ Kanaafuu Kiristoos maata isaa iyyuu ifa hoomtuu itti dhiyachuu hin dandeenya keessa jirata inni jedhamee kanuma.


🌹kani Phaawuloos ibsee nuu illee Kiristoos.
➎➻1 ximotewos 6:16
inni gammadaanii fi kophaa isaa Bulchaa taΚΌe sun yeroo isaaf murteeffametti of mulΚΌisa. Inni #Mootii_moototaa fi #Gooftaa_gooftotaa ti;
kan hin duune isa qofa dha; ifa itti dhihaachuun hin dandaΚΌamne keessa jiraata; namni tokko illee isa argee hin beeku, isa arguus hin dandaΚΌu. Ulfinnii fi jabinni bara baraa isaaf haa taΚΌu. Ameen.