🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙨𝙞𝙡𝙞𝙢𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚
2.36K subscribers
47 photos
2 videos
9 files
113 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢየሱስም ከፈሪሳውያንና ከሰዱቃውያን እርሾ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላቸው። (ማቴዎስ 16:6)
Download Telegram
🌹 kutaa+35ffªª» 👇🌷

Gaafii fi Deebi
👉 🦆Musiliimota 🦆 👈

Yohaannis 10:27👇
#Hoolonni koo sagalee
koo ni dhagau,
#Ani isaan beeka, isaanis Ana duukaa ni bu'uu.
▬▬▬▬▬▬▬
📍Gaaffii isaanii.
1= kanafuu isin hoolota jedhamtu, " Arasa cubbuu tti isin,.....
➧Fakkeenyaaf Kiristoos hoolaa kani jedhamee sababa cubbuu nama haqee(balleessif).

kanafuu isin sababa. maalif hoolota jedhamatu cubbuu haquuf moo, Arasa ta'uf jedhu....
🌼🌼🌼🌼🌼🌼
➧Deebii keenya 👇
kutaa 34ffªª keessaatti
kana ilaale jira.
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha/425
🍃🍃🍃🍃🍃🍃🍃🍃
➧nuuti hoolota kani jedhamnee Fakkeenyaafi
💒 Haaluma kana Namni fakkeenya hedduu qaba

🌹kitaaba-Iyyobi 5:25
# sanyii kee,akkuma guddaa ta’e, akkuma kana ijoollee kee, akka
#Margaa lafa ni ta'u (ዘርህም ታላቅ እንዲሆን፥ ትውልድህም እንደ ምድር #ሣር እንዲሆን ታውቃለህ*ኢዮብ 5:25)

➧iddoo kana irratti fakkeenya nama kani ta’e Margaa jechudha. yeroo akkasii jennuu namni sababa baayacha deemuu Margaa fakkaata malee wanta biraaf mitii**sababa namni Margaa fakkatu hiika biraa dubbisa
👉 Far 37:2* Far 103:15* kitaaba_iyyobi 18:3

Haaluma kanaa nutti Fakkeenyaaf hoolota jedhamnee male
#cubbuu haquu fi #Arasaa ta'u hin dandeenyuu..
➧lakki isaan dirqama cubbuu haquu fi Arasaa ta'u qabduu yoo, jedhanii immoo =
#Ragaa kitaaba nuuf kennu qabu male yaada mataa ofii Odeessuun fayyida hin qabu.

💒 yaadaa lamaffaa bara
#durii osoo Amantaa #Musiliimaa hin dhufni dura Waaqayyo akkasi jedhee namoota wamee #hoolota_koo,jedhee jira. (isayaas 40:11, Hisqi'el 34:15=
👉kanafuu yeroo sana Muslimoota irree hoolota jedhee jira., lakki nuuni hin jennee yoo, jedhanii immoo eenyu irraa
#dhalatni guyyaa kana geessan jennee isaani gaafana...😜
▬▬▬▬▬▬▬▬

🌹➧mee,
#nuuti sababa hoolota jedhamnee yookiin Fakkeenyaaf hoolotatin kani wamamne qabxii muraasa ilaala.

1⃣=Wanta gaarii yoo, hojjane fi Amantaa dhugaa yoo, qabnee
#hoolota jedhamna =kanafi murtii dhugaaf dhiyanna.

📍➧ Maatewoos 25:32-33
Saboonni
#hundi isa
duratti walitti ni qabamu; innis akkuma
#tikseen tokko #hoolota fi #reoota irraa gargar foo'uu, namoota gargar foa. #Hoolotae karaa #mirga isaa, reoota garuu karaa bitaa isaa dhaaba.

2⃣= sagalee Waaqayyo yoo,
#dhageenye hoolota jedhamana.

📍➧ Yohaannis 10:26-27
#Isin garuu hoolota
koo waan hin
#taaneef hin amantan
#Hoolonni koo #sagalee
koo ni dhagau, ani isaan beeka, isaanis ana duukaa ni buu

3⃣=nuuti sababa yeroo baay'ee caalisne namoonni kuni
#midhaan nuura wani gahaniif hoolota jedhamne

📍➧ Far 44:22
Nuti sababii
#keetiin guyyaa hundumaa ni ajjeefamna; Akka hoolota qalamuuf jedhaniittis ilaalamneerra.

4⃣= Waaqayyo wani nuu,
#tiksuuf hoolotaa jedhamnee

📍➧ Far 95:7
Inni Waaqa keenya dha,
Nuti immoo saba kaloo isaa keessa,Hoolota
#kunuunsa// #tikaa ) isaa jala jirru dha. Hara sagalee isaa yoo dhageessan,gaariidha

5⃣=
#Tokkummaa tokko wani qabnuuf hoolota jedhamnee

📍➧ miikiyaas 2:12
Yaa Yaaqoobi, ani hunda
keessan dhugumaan
#walitti nan qaba;
Warra Israael keessaa hafan dhugumaan walitti nan qaba.
Akkuma hoolota goorannoo keessa jiraniitti,
Akkuma bushaayee kaloo
isaanii irra jiraniitti walitti
isaan qabee
#tokkummaa
akka qabaatan nan godha;e Bakki sun waca namootaatiin ni guutama.
▬▬▬▬▬▬▬
🌹link kan xuqaa
hordofa👇👆👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
=====//==🍃🍃🍃
🌷kuta-1-ffaa 👇
Gaafi fi deebi Musiliimota
➧ Wangeela Maarqoosi irraa
Maarqoos 1:1
#jalqaba #wangeela Iyyaasus Kiristoos Ilma Waaqayyoo
➻gaafii Muslimoota Lakki kana miti waangeeli Kiristoos, wangeela kana kani bareesse Maarqoos malee Kiristoos mitii ,kunis ergaa Kiristoos oli bahe jedhu.👆
kuni #seenaa dha malee wangeela miti jedhuu
▬▬▬▬
➧ Deebii keenya👇
Wangeelli Kiristoos kanuma.
-jechii wangeela jedhu afaanii Giriikii irraa yeroo dhufuu #εὐαγγελίου ( #Inaggeliion) yomuu ta'u Ingiliffaan immoo #gospel (Gosipiil) jedhama hiika isaa misiraachoo ykn dubbii gaarii jechudha. Dubbii waee Kiristoos ibsu jedhama.

amma gara qabxii keenyatti kottaa waangeela Kiristoos yeroo jedhamuu wantoota heduu ofii keessa qaba.
1.➧waa'ee Kiristoos
2.➧waee Namoota
3.➧waa'ee Ergamoota
4.➧waa'ee wanta samii fi  lafa irratti  ni dubbata.
erga waa'ee wantoota kana dubbate maalif wangeela Kiristoos qofaa jedha reewangeela samii ykn wangeela lafaa maalif jedhamuu didee isaa jedhuufi
🅰 deebii isaa kanaa turee
Nama,lafa ,qilleensa ,muka , samii hunda kani Uumme Kiristoos wani taeefi.
Yohaannis 1:3.
Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.
➻ musiliimonni lakkii yoo jedhan Qur’aanaa fi Hadiisaani ,waee lafa ,samii ,nama. Ni dubbata inni maalif Qur’aanaa Allaattii jedhamuu didee jennee gaafanna.😜

➧ Maarqoos waa'ee Kiristoos dubbachuu eenyu dhorkaa❗️ Yeroo kamiyyuu yoo waangeela bareesse eenyu dhorkaa❗️
🅱 Musiliimoonni lakki erga Kiristoos oli bahe bareesse yoo jedhan immoo  " muhammad immoo Qur’aanaa keessatti erga Musee du'e ,erga Abrahaam du’e  eessa fidee dhiyeenya kana bareesee 😜


Muslimoonni waangeeli Maarqoos seena Kiristoos malee wangeela miti jedhuu

Muhammad Qur’aanaa fi Hadiisaa keessaatti seenaa maalif bareesse ree😜

👉Walumaagalatti Muslimoonni gowwadha yaaduma samuu ofi dhukkubsuu.
▬▬▬▬▬▬▬
akka barumsa orthodoksitti Maarqoos kitaaba kani wani barreesefi kitaaba kani irraa adda baasuuf wangeela Maarqoos jedhame ,akkuma kitaaba Musee ,kitaaba Dani'eel  jennuu sanadha. Malee wanta biraf miti.

Waangeela bareessuuf dubbachuu hoomtuu Maarqoos hin dhorkuu.
➊.Hoji.duka buota 4:20
Nu waan #arginee fi waan #dhageenye dubbachuu dhiisuu hin #dandeenyuutii

❤️Maarqoos Kiristoos wangeela Kiristoos jedhee(Mar1:1)

➋.1Qorontoos 9:12
Erga warri kaan mirga gargaarsaa kana isin irraa qabaattanii, nu immoo kan caalu hin qabaannuu ree?
Nu garuu mirga kanatti hin fayyadamne. Nu #wangeela_Kiristoositti gufuu taʼuu mannaa waanuma hunda obsuu qabna

➌.2 Qorontos 11:7
#Wangeela_Waaqayyoo gatii malee isinitti lallabuudhaan akka isin ol ol jettaniif ani gad of qabuun koo cubbuu turee?
➻Kana jechuun Phawuloos #Kiristoos_Waaqayyo ta'u ibsee jira
▬▬▬▬▬
🌷soba Muslimoota Kitaabni Qulqulluun seenaa dha malee jecha Waaqayyo miti jedhu mee Qur’aanaa keessa seenaa(history) yoo jiratee akkamitti tain laata

➊.Suura.2:127
بِسْمِ اللّٰهِ الرَّحْمٰنِ الرَّحِيْمِ

وَاِذۡ يَرۡفَعُ اِبۡرٰهٖمُ الۡقَوَاعِدَ مِنَ الۡبَيۡتِ وَاِسۡمٰعِيۡلُؕ رَبَّنَا تَقَبَّلۡ مِنَّا ‌ؕ اِنَّكَ اَنۡتَ السَّمِيۡعُ الۡعَلِيۡمُ

#when Abraham was raising the foundations of the House and [with him] Ishmael, [saying], "Our Lord, accept [this] from us. Indeed You are the Hearing, the Knowing.

➧Yeroo Abrahaam mana Kaabaa keessatti dhabee ture ilma isaa ismaeel wajjiin akkasii jedhee « gooftaa keenya nuu irraa dhaga'a fi beeka » jedhee
🐐akka jecha kanatti dubbii kana kani dubbatee Abrahaami Kanaafuu Qur’aanni jecha Allahati jedhuu ,Kanaafuu Abrahaamii Allaha jechudha😜

Wanti kuni erga kani Abrahaam tae, #Abrahaam erga du'ee turee ,Kanaafuu #seenaa (History) Abrahaam kunoo dubbachaa hin jiruu seenaa Abrahaam akkamitti #jecha allaha ta’e ree😜

Allaha ofi keessa base osoo hin tanne #yaada Abrahaam fudhatee dubbii kiyya jecha jira 😁 yaa Muslimaa amma maali siif waaya ree
▬▬▬▬▬▬▬
❤️ #sagalee ( #voice)gara gadi sirriitti dhageeffadha
+𝑔𝑎𝑟𝑎 𝑡𝑒𝑙𝑒𝑔𝑟𝑎𝑚𝑎 𝑘𝑜𝑡𝑎 👇

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
🌷kutaa-7-ffaa:
Gaaffii fi Deebii Muslimoota.

Maarqoos 1:15
innis“Barri sun gaʼeera(xumurame) mootummaan Waaqayyoo dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!” jedhe

➊=Gaaffii isaanii Kiristoos mootummaa hin qabu inni iyyuu mootummaa Waaqayyo lallabaa jedhuu.
➋=Kiristoos wangeela lallabee jedhee barumsa akkamitti jedhuu

🕹Deebi keenya. =1=
Eeyyee Kiristoos mataan isaa iyyuu #Mootummaa qaba

⓵➛2Pheexiroos 1:11
akkasiin gara #mootummaa bara #baraa kan #Gooftaa keenyaa fi #Fayyisaa keenya Iyyaasuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama.

⓶➛Efesoon 5:5
Akkuma beektanii fi ofii keessanii hubattanitti, namni halaleen yookiin namni xuraaʼaan yookiin namni sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe raawwatu #Mootummaa_Kiristoosii fi #Mootummaa_Waaqayyoo keessatti dhaala tokko illee hin qabaatu.

⓷➛2 ximotewos 4:1
Waaqayyo durattii fi Kiristoos Iyyaasus isa karaa mulʼachuu isaa fi #Mootummaa_isaatiin warra jiranii fi warra duʼan irratti murteessuuf jedhu duratti cimseen kana si ajaja:

💧𝑘𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓𝑢 𝑘𝑖𝑟𝑖𝑠𝑡𝑜𝑜𝑠 𝑚𝑜𝑜𝑡𝑢𝑚𝑎𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑎
inni Mataa isa waee mootummaa isaa labsee ❝ jechi « #bari » xumurame yookiin barri sun ga’ee jedhe ❞
kani Raajonni durii dubbachaa turan xumura irratti Kiristoos ni dhufaa kani jedhuu ture

🕹Deebii lamaffaa =2=
wangeela Kiristoos lallabee kani akkamii ture isaa jedhuu immoo. barattoota isaa gaafachuu qofaa deebiin isaa.

🅰 tokkooffaa Kiristoos isaanii gaafadha jedhee jira. 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑎 𝑎𝑛𝑖 𝑑𝑢𝑏𝑏𝑎𝑑ℎ𝑒 𝑘𝑎𝑛𝑖 𝑏𝑒𝑒𝑘𝑢 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑡𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑗𝑒𝑑ℎ𝑒. 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑡𝑜𝑜𝑛𝑛𝑖 𝑖𝑚𝑚𝑜 𝑖𝑠𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑛𝑖 𝑗𝑖𝑟𝑢💯

⓸➛Yohaannis 18:21
Ati maaliif na gaafatta? #Warra waan #Ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo #isaan waan ani jedhe #beeku.

⓹➛Maatewos 10:26-27
Kanaafuu isaan hin sodaatinaa. Wanni haguugamee utuu hin mulʼifamin hafu yookaan wanni dhokfamee utuu hin beekamin hafu tokko iyyuu hin jiruutii. Waan #ani dukkana keessatti isinitti himu guyyaa adiin odeessaa; waan gurratti isinitti hasaasan, bantii manaa irraa #labsaa.

⓺➛1Yohaannis 1:1
Nu waaʼee Dubbii jireenyaa kan jalqabaa kaasee ture, kan #dhageenye, kan #ija keenyaan argine, kan ilaallee fi kan harki keenyas qaqqabe kana labsina.

🅱 inni lamaffaa immoo Kiristoos ogummaa barattoota isaatti wani Kanaafi : barattoota isaa wanta hunda bareessani.

⓻➛Luqaas 21:15
Anuu afaanii fi #ogummaa diinonni keessan tokko iyyuu dandaʼanii dura hin dhaabanne yookaan hin mormine isiniif nan kennaatii.

🆑 sadaffaa Afuura Qulqulluun barattoota wani gargaruuf wanta hundumaa hubbachisa.

⓼➛Yohaannis 16:13-14
#Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti #isin_geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima. Inni sababii #waanuma_koo fuudhee isinitti beeksisuuf ulfina naa kenna.

⓽➛Yohaannis 15:26
Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni #Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.

𝙭𝙪𝙢𝙪𝙧𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙩𝙞
Kani « #𝑘𝑖𝑟𝑖𝑠𝑡𝑜𝑜𝑠» lallabaa ture fi kani isaa dura ta’e hunda sababa Kanaafi dukaa bu'oonni Kiristoos barreessanii.💯💯💯

𝑘𝑢𝑡𝑎-6-𝑑𝑢𝑏𝑏𝑖𝑠𝑎 :𝑙𝑖𝑛𝑘 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑥𝑢𝑞𝑎.

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha/1010

=dhugaan jiru kanuma yaa Muslimoota.