🌹Dπ™šπ™šπ™—π™žπ™ž 𝙒π™ͺπ™¨π™žπ™‘π™žπ™’π™€π™©π™–π™– π™›π™ž π™₯π™π™šπ™šπ™£π™­π™šπ™šβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆβ›ˆ
2.37K subscribers
49 photos
2 videos
9 files
113 links
β€œIyyesuus, β€˜Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

αŠ’α‹¨αˆ±αˆ΅αˆ ከፈαˆͺαˆ³α‹α‹«αŠ•αŠ“ αŠ¨αˆ°α‹±α‰ƒα‹α‹«αŠ• αŠ₯ርሾ α‰°αŒ αŠ•α‰€α‰αŠ“ α‰°αŒ α‰ α‰α‘ αŠ αˆ‹α‰Έα‹α’ (αˆ›α‰΄α‹Žαˆ΅ 16:6)
Download Telegram
🌻 iji wantoota isin argaa jirtan kana argu gammadaa dha,
α‹¨αˆα‰³α‹©α‰΅αŠ• α‹¨αˆšα‹«α‹© α‹“α‹­αŠ–α‰½ α‰₯αα‹“αŠ• αŠ“α‰Έα‹
=Luq 10:23
=αˆ‰α‰ƒαˆ΅ 10:23
β–³______________β–³
πŸ‘‰ πŸ‘πŸ‘ πŸ‘ˆ
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
β›Ž= nutti garuu
iji keenya badee jira wanta tokko illee arguu hin dandeenyee,,garuu carraa nuu, qabnuu guddaa turee

β›Ž iddoo ilaalamu qabuu dhisnee kan jireenya nuufi hin kennine ilaala jira

Koota mee, ija keenya gara Waaqa keenyatti akka ilaaluu goona

❖ yoo Waaqayyo argine
iji keenya kan,eebbifamee ta'a
Ija jechuun ija,qaamaa foonii kan osoo hin tanee ija laphee keenya jechuudha
🌻 Namoonni Qulqulluun maali jedhan,
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#kiristoos waaqni keenya hoo,akka jedhu
β›ŽβžœSana booda gara barattoota isaatti garagalee, akkana jedhee kophaatti isaanitti dubbate
#Iji wantoota isin argaa jirtan kana argu
gammadaa dha
β›Žβžœ Ani isiniin nan edha, raajonnii fi mootonni hedduun wantoota isin argaa jirtan kana
arguuf kan hawwan taus hin argine; wantoota isin dhageessan kana
dhagauuf kan hawwan taus hin dhageenye.”

β›Žβžœ
#Abrahaam abbaan
keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera.”
(Yoh 8:56)

❖
#Raajonni gaarummaa guddaa isiniif kennamu sana ilaalchisee raajii dubbatan sun, waaee #fayyina kanaa cimsanii barbaadaa fi of eeggannoodhaan qorachaa turan.

Affuurri isaan keessa ture dhiphina hedduu
#Kiristoos irra gauu fi ulfina sana booda dhufu dursee yommuu dhugaa bau, waaee yeroo isa kamii yookiin waaee waqtii akkamii akka argisiisu beekuuf qorannaa gochuu isaanii itti fufanii turan.

isaan ofii isaanii
#tajaajilaa akka hin turre isaanitti mulifamee ture,Kanaa mannaa, #Afuura_Qulqulluu samiidhaa ergameen karaa namoota misiraachoo isiniif labsan sanaatiin wantoota isinitti himamanii wajjin haala wal qabateen isin tajaajilaa turan. #Ergamonni.Maleekonni iyyuu wantoota kana xiyyeeffannaadhaan ilaaluuf hawwii guddaa qabu
(1 Phex 1:10-12)

✍ Namoonni kun hundi
#amantii isaanii eeganii kan duan taanis, abdiiwwan sun yommuu raawwataman
hin argine; kanaa mannaa fagootti ilaalanii isaan simatan, akkasumas biyyicha keessatti
#keessummootaa
fi yeroo gabaabaadhaaf kan jiraatan tauu isaanii ifatti labsan

❖ Namoonni wantoota akkasii lallaban kun, iddoo isa kan ofii isaanii cimsanii barbaadaa akka jiran ifatti argisiisu
(ibr 11:13-14).

β›Žβž¨ Namoonni kun hundi sababii
#amantii isaaniitiin dhugaa kan isaaniif baame tau illee, abdiin Waaqayyo kenne yommuu raawwatamu hin
argine
#sababiin isaas isaan nu
malee mudaa kan hin qabne akka taan kaayyoo isaa waan hin turreef, Waaqayyo waaee keenya dursee wanta caalu argeera (Ibr 11:39-40)

β›Ž ➨ Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin
#afaaniin
utuu hin tain, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna

❖ Kanaan nuti kan dhugaa tauu keenya ni beekna, akka inni nu jaallatus garaa keenya ni amansiisna

❖ wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irrattis kana ni goona sababiin isaas
#Waaqayyo garaa keenya irra ni #caala, wanta hundumaas ni beeka.

❖ Yaa obboloota jaallatamo, garaan keenya nutti
hin murteessu yoo tae, Waaqayyo duratti dubbachuuf
#ija jabina qabna

❖
#ajajawwan isaa waan eegnuu fi wanta ija isaa duratti gammachiisaa tae waan hojjennuuf wanta
isa gaafannu hunda isa irraa akka fudhannu ni beekna

❖ Dhuguma iyyuu ajajni isaa isa kana: kunis
#maqaa Ilma isaa #Iyyaasuus Kiristoositti
akka amannuu fi akkuma inni ajaja nuu kennetti akka wal jaallannu dha
(1 Yoh 3:13-23)
♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️
♨️Galani Waaqayyof♨️
🌼 dubro Maariyaamiifi 🌼

♨️♨️Haata’u ♨️♨️
♨️Ameen♨️
β–³.......................β–³
🌻 fakkeenyi bofa isa
#Sibila diima isaa
Nasaa irra hojjatamee
nama fayyisuuπŸ‘‡

=1✍ bofti Sibila Naasa
irra hojjatamee
Fakkeenyi isaa
#Kiristoos

πŸ‘‰ bofti Kuni sibiila
cimaa irraa
Hojjatame kan
#qoricha ofii keessa
hin qabuu

🌻fakkeenyi qoricha
#Cubbu fi sobaa
Kanaafuu Kiristoos
Cubbu Tokko illee
Hin qabuu ( 1Yoh 3:5)

πŸ‘‰Yoh 8:46πŸ‘‡
isinii keessaa namni
#cubbuu hojjetteetta
jedhee na himatu eenyu❓
Ani
#dhugaan dubbadha
yoon tae, isin maaliif
ana hin amantan ree❓

2=✍bofti
#sibiila Kuni
muka irratti fannifamee
Malee lafaa irraa hin
Godhamne Kuni immoo
Fakkeenya Kiristoos
Lafa irraa
#olii fudhanii
Kiristoos fannoo irratti
Fannisu ibsa (Yoh 19:17--8)

3=✍fakkeenyi sibilla
Nasaa Kuni
#dimaadha
kuni immo
#dhiga
Kiristoos ibsa

✍Raji-isaya 63:2πŸ‘‡
#Uffaani kee maaliif
#diimate ree❓
uffanni kee maaliif
uffata nama waynii
#cuunfuu fakkaate ree
βœαŠ’αˆ³α‹­α‹«αˆ΅ 63:2πŸ‘‡
#α‰€αˆšαˆ΅αˆ… ሡለ αˆαŠ• α‰€αˆ‹?
ልα‰₯αˆ΅αˆ…αˆ΅ α‰ α‹ˆα‹­αŠ• መαŒ₯αˆ˜α‰‚α‹« αŠ₯αŠ•α‹°αˆšαˆ¨αŒαŒ₯ αˆ°α‹ ልα‰₯ሡ
ሡለ αˆαŠ• መሰለ?
β—ˆkanafuu wa'ee
Dhiga Kiristoos
Rajjonni hedduun
dubbatanii jiru

✍
#Musen dhigaa
Kiristoos Sibila dimaa
ta’en ibsee jira
✍ raajii
#isayaas
uffaata diman ibsee jira

✍Mul’ata Yoh 19:13πŸ‘‡
πŸ‘‰uffata
#dhiigni itti
bubue uffateera
#maqaan isaas
Dubbii
#Waaqayyoo
jedhama

✍ uffaata dhiigni irra bu'e
Uffaate jechuun,, foonii
Nama isaa dhiiga qabuu
Uffaate jechuudha

πŸ‘‰
#Maqaan isaa duubi
Waaqayyo jedhama
jechuun.isa immoo jalqabaa
Sagale turee, (Yoh 1:1)
inni Waaqayyo jedhee
#Sagaleen yookiin Dubbi
Suni foonii nama uffatee
Jechuu isaatii

🌻ራαŠ₯α‹­ 19:13
#α‰ α‹°αˆαˆ α‹¨α‰°αˆ¨αŒ¨ ልα‰₯ሡ
α‰°αŒαŠ“αŒ½αŽαŠ αˆ αˆ΅αˆ™αˆ
የαŠ₯αŒα‹šαŠ α‰₯αˆ”αˆ­
#α‰ƒαˆ α‰°α‰₯ሎአል

β—ˆMul’ata 19:15-16πŸ‘‡
#Goraadeen qaramaanii fi dheeraan kan inni ittiin
#saboota rukutus afaan
isaa keessaa ni ba'a
#ulee sibiilaatiinis isaan
ni tiksa Kana malees
iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa
isa kan Waaqayyo
Hundumaa Dandauu
ni dhidhiita
#Uffata isaa irratti maqaan, #Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” jedhu
barreeffameera

✍Haaluma walii
fakkaatu
#Kiristoos
yeroo fannifamee
Mata isaa gubbatti
Mooti yihudoota kan
Jedhu baraffamee jira

βž›πŸŒΉYoh 19:19-22πŸ‘‡
#Philaaxosis_barreeffama barreessee #fannoo
sana irratti maxxanse
Wanti inni barreesses
#Iyyaasuus nama
Naazireeti
#Mootii
Yihudootaa” kan jedhu ture

Bakki Iyyaasuus itti
fannifame magaalaatti
dhihoo waan tureef
Yihudoonni
#hedduun
wanta barreeffame kana
dubbisaniiru innis
✍afaan Ibrootaatiin
✍afaan Laatinii fi
✍afaan Giriikiitiin
kan barreeffame ture

Dura buutonni lubootaa Yihudootaa garuu
Philaaxosiin
#Ani Mootii Yihudootaa ti’ akka
inni jedhe barreessi
malee, β€˜Mootii
Yihudootaa’ jettee
hin barreessin” jedhan

Philaaxosis β€œEgaa, ani
wantan barreesse
barreesseera” jedhee
deebise

β—ˆKuni yeroo Kiristoos fannifamee kan ibsuudha
Uffaanni isaa dhiga kan
ta’e Sababa kanaafi

β—ˆHaata’u malee
#sibili sunii
Diima ta'u isaan dhigni
Kiristoos fakkeessu isatti
Maali dhigni nama Dima
Waani ta’ef

✍
#Museen bofa #sibiilaa
irra Kan hojjatee, Sababiin
isaa Kiristoos
#ulee
sibilaan akka Saba
isaa tiksuu ibsuuf
Sibilli
#cimaa akkuma ta’e
Tikseen keenya Kiristoos
Cima ta'u ibsuu

β—ˆYoh 10:11πŸ‘‡
#Ani tiksee gaarii dha
tiksee gaariin immoo
#hoolota isaatiif jedhee
lubbuu isaa
dabarsee ni kenna


=4=✍fakkeenya biraa
Musen bofaa fannisee
Sana karaa laman(2)
namaa fayyisa

=1=ijan arguudhan nama
Fayyisa

=2=lamaffan immoo
Sagale bofa fannifamee
sanaYoo, dhaga'ani
namni ni fayya

🌹=Fannoo Kiristoos
#ijan
Argani kan fayyan
Fakkeenyaaf
#dukka bu'oota isati
yookiin matii 120
=HDB 1:15

✍Yoh 20:20πŸ‘‡
Erga kana jedhee booda,
#harka isaa fi #cinaacha isaa isaanitti argisiise
#Barattoonnis Gooftaa
arguu isaaniitti guddaa
#gammadan

βž›
#Gammachu jechuun
Immo
#fayyina arguudha
akkuma Simi'oon jedhee

✍=Luqaas 2:28-30πŸ‘‡
#Simioon mucicha fuudhee #hammatee akkana jedhee Waaqayyoon galateeffate

#Yaa Gooftaa Oli Aanaa,
akkuma dubbattetti amma
#garbicha kee nagaadhaan geggeessi

sababiin isaas
#iji koo
isa
#fayyina argamsiisu #argeera

🌹=fakkeenyi warra
#ijaan Oso Hin arginee
sagalee qofan
Fayyani
==//====/===

🌹 Yaada yoo qabataniiπŸ‘‡
#Gutema123

✍ kan channeel πŸ‘‡

@haadha_Waaqa_naJaladha
✍
#kuta_5_ffaaπŸ‘‡
➩🌺 kutaa _ 59 ffΒͺΒͺ πŸ”³
β–²β–²β–²β–²β–²β–²β–²β–²β–²β–²β–²
πŸ“ Gaaffii fi Deebi
πŸ“Musiliimota
✍ Yohaannis 14:9
Iyyaasuus(Kiristoos) akkana jedheen: β€œYaa Filiphoos, yeroo dheeraa hammanaatiif ergan isinii wajjin jiraadhee booda illee, isin amma iyyuu na
hin beeknee?
#Namni Ana arge hundi #Abbaas argeera. Maarree ati akkamitti, β€˜Abbaa nutti argisiisi’ jetta?
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ‘‰ Gaaffii isaanii
1= gonkumaa siila Namni Abbaa Argee hin jiruu , Kiristoos immoo akkamitti Namni Ana Arge Abbaa arge jedha
jedhuun ..❓
⏯ Ragan isanii immoo kunoπŸ‘‡
1=sera.Bau 33:20
#Namni fuula koo #arge jiraachuu waan hin dandeenyeef, ati fuula koo arguu hin dandeessu
2= 1ximotewos 1:17
Mootii bara baraa isa hin duune, isa
#ijaan hin argamne, Waaqayyo tokkicha sanaaf baruma baraan #ulfinnii fi #guddinni haa ta'u! Ameen
3= 1ximotewos 6:16
Waaqayyo duwwaatu hin du'u, inni
#ifa_homtinuu itti dhi'aachuu hin dandeenye keessa in jiraata; namni takkaa isa #hin_argine, isa arguus hin danda'u. Isaaf #ulfinnii fi #Aangoon bara baraa haata'u! Ameen
4=1Yohaannis 4:12
Yoom iyyuu taanaan namni
#Waaqayyoon_argee beeku hin jiru. Wali #jaallachuu keenya yoo itti fufne, Waaqayyo nu keessa ni jiraata, jaalalli isaas nu keessatti guutuu taa
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ“Deebi keenyaa
πŸ”³
#Namni Waaqayyo Arge jira kan jedhu ta'a
πŸ”³
#Ergamoonni Waaqayyo isa arganii jiruu.
    🌺 Namni Waaqayyo arge
         jirachuu isaa kunoo raga
         Keenyaa kitaaba Qulqul
β“΅πŸ‘‰sera Uumama 32:30
#Yaaqoobi , β€œAni #Waaqayyoon #fuulleetti nan #arge, garuu lubbuun koo ooleera” jedhe; kanaaf maqaa iddoo sanaa β€œPheeni'el” jedhee moggaase*; [β€œPheeni'el” jechuun, β€œFuula Waaqayyoo” jechuu dha]
β“ΆπŸ‘‰Seera. Uumama 18:1
Abrahaam yeroo saafaa balbala dunkaana isaa dura taa'ee utuu jiruu,
#Waaqayyo qilxuu Mamree biraa isatti in #mul'ate
β“·πŸ‘‰Sera.Bau 24:10-11
isaan
#Waaqayyo isa kan Israa'el in argan; miilla isaa jala wanta akka dhagaa Safiiros, isa qullaa'aa akka bantii waaqaatu ture*. Inni harka isaa gurguddoota saba Israa'el kanatti hin buufne; isaan Waaqayyoon in #argan, achitti walii wajjin in nyaatan, in dhuganis
β“ΈπŸ‘‰1 motoota 22:19
Yommus Miikiyaas, β€œWaaqayyo teessoo isaa irra utuu taa'uu, macci waaqa irraas hundinuu gara mirgaa isaa fi gara bitaa isaa utuu dhaabatanii
#nan_arge; kanaafis wanta Waaqayyo dubbatu dhaga'i
β“ΉπŸ‘‰iyyoobi 19:26_27
Gogaan dhagna kootii ana irraa qunca'ee, foonis dhagna koo irra hin jiru yoo ta'e iyyuu, ani Waaqayyoon arguuf jira. Ani ofii kootii
#isa_nan_arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe

β“ΊπŸ‘‰Raajii isayaas 6:3
Yommus ani, β€œWayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan ta'eef
#iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan #argeef nan bade!” jedhee nan iyye
β“»πŸ‘‰Mul’ata Yohaannis 22:3_4
Magaalattii keessa kana booda abaarsi hin jiru. Kanaa mannaa teessoon
#Waaqayyoo fi teessoon #Hoolichaa magaalattii keessa taa, garboonni Waaqayyoos tajaajila
qulqulluu isaaf dhiheessu; isaan
#fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni barreeffama
   🌺 Ergamoonni immoo
       Waaqayyo arguu isanii
β“ΌπŸ‘‰Maatewos 18:10
Dhuguman isiniin jedha, maleekonni(Ergamoonni) isaanii warri samii keessa jiran yeroo hunda fuula
#Abbaa koo isa samii waan #ilaalaniif, warra xixinnoo kana keessaa isa tokko akka hin tuffanne of eeggadhaa.
β“½πŸ‘‰Luqaas 1:19
Maleekaan sunis deebisee akkanaan jedheen: β€œAni Gabrieel isa
#fuula_Waaqayyoo dura dhaabatu dha; akka ani si haasofsiisuu fi misiraachoo kana sitti himuuf ergameera.
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌹 Kitaabni iddoo tokko irratti Waaqayyo hoomtuu hin argine jedha , iddoo tokko tokko irratti namni fi ergamoonni argaman jecha , kuni walii hin fakkaatu.
Dogoggora kitaaba moo mitii❓
      πŸ”³ Deebi keenya
✍ Lakki gonkumaa dogoggora mitii jennaa., Kanaaf akkamitti
Yoo, jette immoo............❓❓
➩ iddoo Waaqayyo hoomtuu hin arginee jedhuu irraa jechoota inni fayyadame qofa ilaala.πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
🌺 itti fufi dubbisi 🌺
β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬β–¬
πŸ‘‰link kana xuqi
@haadha_Waaqa_naJaladha
🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸🌸