🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙨𝙞𝙡𝙞𝙢𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚
2.6K subscribers
55 photos
3 videos
10 files
118 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢየሱስም ከፈሪሳውያንና ከሰዱቃውያን እርሾ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላቸው። (ማቴዎስ 16:6)
Download Telegram
🔳 ⤴️ kutaa -64- ffªª ⤵️ 🔳
🔺 gaafi fi Deebi
🔺Muslimoota
Yohaannis 14:13
Abbaan karaa
#Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan hunda
ani isiniif nan raawwadha
======"||
📍gaaffii isaanii
1=Kiristoos ilma kani jedhamuu akkamu namoota kani ilma jedhanii amanu dha jedhu
========||×
🌺 Deebi keenya.🌺👇
Kiristoos ilma kani jedhamuu kani isa kuni gonkuma adda‼️
⓵.)) Kiristoos qofaatu addunyaa Uumamuu ishee duraa jira
📍Yohaannis 17:5
Yaa Abbaa ulfina
#Ani addunyaan #uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni.
⓶.)) ilma Kiristoos qofatu Waaqayyo biraa turee
📍Yohaannis 1:18
Yeroo kamitti iyyuu
#namni Waaqayyoon arge hin
jiru
#ilma_tokkicha isa taee fi
Abbaa bira jirutu waaee Isaa nuu ibse.
⓷.)) Seexanni Kiristoos qofaan ilma Waaqayyo jedhee malee
📍Maarqoos 3:11
#Hafuuronni xuraaoon illee, yommuu isa argan hundatti isa duratti kufanii “Ati #Ilma_Waaqayyoo ti” jedhanii iyyu turan.
⓸.)) Kiristoos ilma Waaqayyo qofa malee eenyu ergamoota erge .namoota walitti qaba
📍Maarqoos 13:27
Innis yeroo sanatti Ergamoota(maleekota) ergee, warra isaaf
#filataman_andaara lafaatii hanga andaara samiitti kallattii arfanii #walitti ni qaba.((Mat 25:31)* luq 21:36
⓹.)) ilma Kiristoos isaa qofaatu samii irraa dhufee malee.
📍Yohaannis 6:62
#Ilmi namaa #bakka_dura turetti utuu oli bauu yoo argitan maal jettu ree?
⓺.)) ilma Kiristoos qofan jireenyi argama.
📍Yohaannis 20:31
Wantoonni kun garuu kan barreeffaman Iyyaasus(kiristoos) dhuguma inni Kiristoosii fi
#Ilma_Waaqayyoo tauu
isaa akka amantaniif, amantaniis karaa
#maqaa isaa jireenya akka argattaniifi.
⓻.)) ilmi Kiristoos illee ergamoota irraa adda akka ta’e
📍Ibroota 1:5
Fakkeenyaaf Waaqayyo maleekota keessaa isa kamiin, “Ati
#ilma_koo ti; ani hara #si #dhalfadheera,” akkasumas “Ani #abbaa isaa nan taa, innis ilma koo ni taa” jedhee beeka?
⓼.)) Kiristoos
#ilma waqayyo jechuu qabu namni hundinuu
📍1Yohaannis 5:5
#Addunyaa mouu kan dandau
eenyu? Isa Iyyasus(Kiristoos)
#Ilma_Waaqayyoo tauu isaa amanu sana mitii?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉Kiristoos karaa
#foonii ilma #Abrahaam ,ilma #Daawit,ilma Maariyaami jedhama( Mat 1:1)* (Rome 1:3)* (Ibrotaa 2:15).
🌲kanafuu iddoo kanatti gara foonii ilma isaanii jedhama malee gara Gooftummaa isaa fi Waaqayyummaa isaani ilma isaani miti.
📌Maatewos 22:41_46
#Fariisonni walitti qabamanii
utuu jiranii Iyyasus(Kiristoos)akkana jedhee isaan
#gaafate Waaee #Kiristoos maali yaaddu? Inni #ilma eenyuuti? jedhe Isaanis, #Ilma_Daawiti” jedhaniin Innis akkana jedhee isaan gaafate: Maarree, Daawit akkamitti #hafuuraan geggeeffamee #Gooftaa’ jedhee isa waama? Daawit #Waaqayyo_Gooftaa kootiin, “Ani diinota kee miilla kee jala hamman siif godhutti ati #mirga koo taai” jedheera’ jedhee dubbateera Maarree #Daawit Gooftaa jedhee
erga isa waamee, akkamitti ilma isaa taa? Sana booda namni tokko illee deebii isaaf kennuu hin dandeenye guyyaa sanaa jalqabees namni gaaffii kan biraa isa gaafachuuf ija
jabaate hin turre
🅰 akkuma Daawitif gara
#foonii qofaan ilma ta’e ,gara foonii ilma Abrahaami, ilma Maariyaami, ilma Nohii ni jedhama, garuu gara gooftummaa immoo ilma Daawit miti ,akkasumas ilma Maariyaami miti inni Waaqa fi Gooftaa Maariyaamitti ,Daawitii, Abrahaami malee.
===============
link waldaa keenya xuqa👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
=========//==========
🌺⬇️ kutaa -65- ffªª ⬇️🔳
   📍gaafi fi deebi
   📍musiliimota
Yohaannis 14:16
Ani Abbaa nan kadhadha Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf kani isin jajjabeessu isiinif ni kenna
==================
📍gaaffii isaanii
1=kani jajjabeessu kuni
#muhammadi jedhuu.
=======*
🔳 deebi keenya
📍Lakki muhammadi miti , inni Affuurraa Qulqulluudhaa malee.
▲▲▲▲▲▲
➩ Fakkeenyaaf kuni sobaa ta'u isaa hubbachufi. Jalqabaa dura dubbii kana kani dubbate Kiristoos , Kiristoos immoo kani dubbate barattoota isaa 11 qofaatti , baratoonni Kiristoos immoo kani jiran iyarusalemi keessa yookiin
#Israa'el keessa
➩ muhammadi immoo kani jiratu biyya
#Arabaa keessa. Kanafuu eessaati walitti dhufuu ,laata
Biyyaa Israa'el jechuun biyya Arabaa jechudha laataa 😁

🔳 inni bira immoo barattooni Kiristoos bara34-100 jidduu barattoota jiracha turanii.
Muhammadi dhalate waggaa 40 tti barsisuu eeggale
Amanta musilima bara 610 tti ,
Isaa booda 700 irraa eeggale jedhee jedha seena Islaama
(ragaa kiyyaa .
#how_islama_started)) jedha Google irraa ilaala))

➩kanafuu baratoonni Kiristoos bara 34_100 erga jirtanii ,muhammadi bara 610 erga dhufee ,akkamitti wali argani muhammadi isaan jajjabdessu dandae laata....
👉yookaan gaaffii keenya sila Kiristoos barattoota isaatiin jedhee, barattoota Kiristoos keessa tokko immoo Pheexiroos ,kanafuu Pheexiroos fi muhammadi wali argamanii jiru jennee gaafana😁
Deebi gonkumaa hin jiru Kanaaf kuni soba.
▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲▲
🔳 garuu Kiristoos kani jedhee afuurra Qulqulluudhaa malee muhammadi mitii
Yohaannis 14:16-17
Ani Abbaa nan kadhadha Abbaanis inni bara baraan akka isinii wajjin jiraatuuf kan isin jajjabeessu  isiniif ni kenna innis  #Affuurra_dhugaa sia tau, #addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef fudhachuu hin dandau. Taus inni isinii wajjin waan jiraatuu fi isin keessa waan jiruuf #isin isa ni beektu.
👉 kanafuu Yohaannis 14:16* irraa kani jiruu Yohaannis 14:17 irratti qaamni kuni eenyu akka ta’e ifa godhee jira.
▲inni bira immoo Kiristoos abbaa nan kadhadhaa jedhe ture , Sababa maalif kadhata Abbaan hin beekuu mooRaajii iyyuel dubbate hin turee kana duraa ,Eeyyee dubbate jira.
Iyyuel.2:28
Waaqayyo ammas, “Bara booddeetti
#ani_hafuura koo #nama hundumaa irratti nan dhangalaasa #ilmaan keessanii fi #intaloonni keessan #raajii in dubbatu, maanguddoonni keessan abjuu in abju'atu, dargaggoonni keessanis mul'ata in argu
➩kanafuu Kiristoos Abbaa nan kadhadhaa jechuun isaa dubbii rajji kana akka rawwatamu ,
Nan godha jechuu Isaati maalee
👉akkuma Kiristoos yaa, abbaa hojji ati lafa irratti nati kinneete xumure jira jedhu, dubbi raji kana immoo isaa tokko turee Innis yaa, rawwatamuu jechu Isaatii.
Yohaannis 17:4-5
Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree, lafa irratti ulfina sii kenneera.
Kanaaf, yaa Abbaa ulfina
ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni
Luqaas 24:49
#Ani wanta #Abbaan koo
#abdachiise isiniif #nan_erga Isin garuu hanga #humna gubbaadhaa dhufu uffattanitti magaalattii keessa turaa.”
👉kanafuu nan kadhadhaa jechuun isaa nan erga jechudha maalif yoo,jeetani kani humna kani jedhamee afuuraa Qulqulluu dha, kanafuu. Magaalaa kana keessa tura jedhee ture, afuurri Qulqulluu immoo guyyaa 50ffaa irratti buefi

🅰Inni bira immoo Kiristoos fakkeenya nuufi ta'uf ,Abba nan kadhadha akka Afuura isiniif kennuuf jedhee., malee Kiristoos ofuma isaa Affuurra Qulqulluu kennuuf Aangoo qaba.
Yohaannis 20:22
Erga kana jedhee booda
#Affuura isaanitti baafatee akkana isaaniin jedhe: #Affuura_qulqulluu fudhadhaa
🅾 Walumaagalatti waee muhammadi gonkumaa akka hin jire akkasumas, Kiristoos abbaa nan kadhadhaa jechuun isaa hojii Abba koo,nan rawwadha jedhu isaatti ,yookiin akkuma Abbaan Affuura Qulqulluu erguu
anis nan erga jechuu isaa akka ta’e ni hubbanna, akkuma Kiristoos jedhe « akkuma Abbaan hanga amma hojjatu ,ilmi illee haluma kani hanga amma ni hojjata jedha.»
Yohaannis 5:17
#Abbaan koo hanga ammaatti hojjechaa jira;#anis nan hojjedha” jedhee isaaniif deebise.
🅱Kutaa -56- ffaa dubbisaa
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha/546
======//========
🅰 kutaa-66-ffªª ⤵️
     🗳gaaffii  fi  deebi
     📥 Musiliimota
Yohaannis 14:24
Namni na hin jaallanne hundi
#dubbii_koo hin eegu. Dubbiin
isin dhagaaa jirtan, kan
#Abbaa isa na erge sanaa ti malee kan #koo_miti
===========//
➩ gaaffii isaanii.
1=Dubbiin kani Abbaatti malee kana Kiristoos mitii jedhuu.
▬▬▬▬▬▬//
▲Deebi keenyaa.👇
🔳 Dubbiin kani
#lamaan isaaniitti .
🚯 ragaa keenya 🚷
⓵➛Yohaannis 17:10
#Wanti kan #koo tae hundi kan kee ti; wanti kan #kee tae #hundis kan koo ti; anis isaan gidduutti ulfina argadheera
📍 amma immo dubbii Kiristoos ta'u isaa mirkaneessina.
⓶➛Maatewos 7:28-29
Iyyaasus(kiristoos) yommuu
#dubbii_isaa kana xumuru, namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise
baayee dinqisiifatan sababiin
isaas inni akka
#barsiisota seeraatti utuu hin tain, akka #Nama_Aangoo qabuutti isaan barsiisa ture
👉 Dubbii isaattif Aangoo qaba,isa ibsaa.
⓷➛Maatewos 8:8
Ajajaan dhibbaa sunis akkana jedhee deebiseef Yaa
#Gooftaa ati baaxii mana koo jala seenuun kee kan anaaf malu miti; akka inni fayyuuf wanta tokko #qofa_dubbadhu, tajaajilaan koos ni fayya.
👉Dubbii tokko qofaa dubbadhu jedhee ,kani dubbatee eenyu Kiristoos kanafuu dubbi isaa ta'u ibsa.
⓸➛Maatewos 13:34-35
Iyyaasus(Kiristoos) wantoota kana hunda fakkeenyaan namoota sanatti
#dubbate Fakkeenyaan malee isaanitti
hin dubbatu ture; kanas kan
godhe wanta
#raajichi, “Ani fakkeenyaan dubbachuuf #afaan_koo nan saaqqadha #uumamuu addunyaatii jalqabee wantoota dhokfaman
nan labsa” jedhee dubbate raawwachuufi
🔳 kanafuu isayaasiti kani dubbate eenyu bara durii Kiristoos jechuudha.
⓹➛Farfannaa 78:1-2
Yaa saba
#koo_seera koo
dhaga
#Gurra kees gara #dubbii_afaan kootti qabi.
#Fakkeenyaan_afaan koo nan
banadha.wanta dhokta bara duriis nan dubbadha.
👉መዝሙር 78:2
አፌን
#በምሳሌ እከፍታለሁ ከቀድሞ ጀምሮ፥ ያለውንም ተምሳሊት እናገራለሁ።
➡️ erga xumura raji kana ta’e ,jalqabaa duraa iyyuu Kiristoos Waaqayyo akka ta’e ifa,godhee jira, Dubbiin kuni kani isaatti.
🔳🔳🔳🔳🔳🔳🔳🔳
Gara mataa duree keenya koota.amma immoo.
📍Kiristoos Aangoo isaa Abbaa wajjin qixa ta'u erga ibsee booda ,Dubbiin kani Abbaatti jedhee, kuni immoo Abbaa isaaf kabaja kennuuf turee.
⬇️ Aangoo isa fi,Abbaa tokko ta'u kani ibsu «
Ani fi Abbaan wajjin dhufna»
⓺➩Yohaannis 14:23
Iyyaasus(kiristoos) akkana jedhee deebiseef Namni na jaallatu hundi dubbii koo ni eega, Abbaan koos isa jaallata,
#Nutis_gara isaa dhufnee bakka #jireenyaa keenya isaa wajjin godhanna.
➩Dubbii kuni kani Abbaatti jechuun isaa immoo Kabaja Abba ibsuuf.
⓻➩Yohaannis 17:4
#Ani_hojii akkan hojjedhu anaaf kennite #xumuree_lafarratti irratti #ulfina sii kenneera.
➡️ Abbaan immoo Kiristoos dhaga,dubbii isaa jedha.
⓼➩Maatewos 17:5
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, duumessi ifa of keessaa qabu tokko dhufee isaan haguuge duumessicha keessaas
#sagaleen tokko, “Kun #Ilma_koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha. #Isa_dhagaaa” jedhe
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
🌺
#Link_waldaa kana xuqa hordofuu dandeessu.
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
========//============
⤴️📍kutaa -67-ffªª ⤵️📍
  👉gaaffii fi deebi
  👉Muslimoota
➡️ Yohaannis 14:28
Ani nan #deema, deebiees
gara keessan nan dhufa’ akkan isiniin jedhe dhageessaniittu. Utuu na jaallattu taee,
#Abbaan ana irra waan #caaluuf gara Abbaa dhaquu #kootti ni #gammaddu turtan
=========//======
🅰 gaaffii isaanii
1=Abbaan Kiristoos ni caala
     Kanaaf Kiristoos waqaa miti jedhuu.
▬▬▬▬▬▬▬
🅱➩ deebii keenya👇
sababa Abbaan Kiristoos caaluuf Kiristoos gara lafa kana dhufee foonii nama uffate,nama ta’e Abbaan immoo gonkumaa foonii nama hin uffaanne.kani jedhuu ta'a.
🅾
#gaaffii tokko Muslimoota gaafachuu qabna wangeela Yohaannis 14:28 irratti abbaa fi Kiristoos Waaqummaan wali caalani jedhee moo, bara baran jirachuun wali caalanii jedhee
🆔 iddoo kana irratti sababa inni caaluuf gonkumaa hooma fiduu hin dandani .
▬▬▬▬▬▬▬
➡️ akka dubbisa kanati(Yoh 14:28) irraati Abbaan naa, caalaa kani jedhee Kiristoos
#jecha ani nani #deema jedhuu .#Ani gara Abbaa jedha , kuni immoo kani ibsu yeroo kanatti Kiristoos iddoo jalqabaa ture gara abbaa nan deema jechuu isaatti.* kunis gargaruuma Kiristoos fi Abbaa ibsuuf turee, Abbaan saami irraa Kiristoos immoo lafa irraa jira, ,Kiristoos immoo yeroo gara lafa dhufu foonii nama uffateti ,kanuma qofa gargarummaa isa
👉Yohaannis 6:62
#Ilmi namaa bakka #dura turetti utuu olii bauu yoo argitan maal jettu ree?
👉Maarqoos 10:45
#Ilmi_namaa iyyuu, warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa namoota hedduudhaaf furii godhee kennuuf #dhufe malee, akka isa tajaajilaniif hin
dhufne.” (Luq 15:4-5*(Yoh 10:1-6))
⤴️ kiristoosi akkamiti dhufe ree? foonii nama uffatee.
👉Roome 1:3
Kunis waaee Ilma isaa isa
#karaa_foonii_sanyii Daawit #irraa dhufe sanaa kan ibsu dha.
👉Ibroota 2:14
#ijoolleen” sun #foonii
fi dhiiga waan taaniif,
#innis foonii fi dhiiga tae; kunis kan tae, #dua isaatiin #Diyaabilos isa dua fiduuf humna qabu sana akka balleessuufi
▬▬▬▬▬▬▬▬
🏥Kiristoos foonii nama uffatee lafa irraa dhufee ,Abbaan immoo foonii namaa hin uffanne, sababa kanafuu caala.
malee Aangoo Waaqummaan hin jedhuu Kitaabni Qulqulluun
👉Filiphisiiyus 2:5-8
Isinis ilaalcha Kiristoos iyyaasuus qabu sana qabaadhaa; 
#inni_bifa
#Waaqayyootiin kan ture taus, #Aangoo Waaqayyoo saamuuf, jechuunis Waaqayyoo wajjin #qixxee_tauuf hin yaadne. Kanaa #mannaa_duwwaa
of godhe;
#bifa garbummaa #fudhatees_nama tae.  Kana malees, yeroo #nama taee dhufe, #gad of qabuudhaan hamma duaatti, jechuunis hamma Fannoo irratti fannifamee duuutti ajajamaa tae.
🌹Kiristoos Abbaa wajjin qixxee ta'u hin barbannee gadi ofi qabe foonii nama uffatee erga jedhee.
🌹
#jechi_qixxee ta'u hin barbanne jedhu maali ibsa ree, erga wali qixa hin tanee Abbaan ni caala jechudha bari.
🍃erga qixxee hin tanee sababa kanafi tokko ni caala jechudha.
▬▬▬▬▬▬▬▬
Abbaa fi Kiristoos akka waliqixxee tani ilaala.
🅰(1)👉Alfaa fi omega kani tani abba fi Kiristoos qofaa
🏥Mul’ata 1:8
Ani #Alfaa fi #Omeegaa dha” jedha Waaqayyon inni jiru, inni turee fi inni dhufu, inni Hundumaa Dandau Sun.”
🏥Mul’ata 22:13
Ani #Alfaa fi #Omeegaa, isa duraa fi isa boodaa, isa jalqabaa fi isa xumuraa ti.(Mul’ata 22:20),isayaas 44:6*48:12)
🅱(2)👉bara baran jiraachuudhaan
🏥Farfannaa 102:27
Ati garuu
#isuma sana, #waggoonni kees dhuma hin qaban
🏥Ibroota 13:8
Iyyasus
#Kiristoos kaleessa,
hara, bara baraanis
#isuma sana.
🆎(3)👉Abbaa fi Kiristoos tokko
🏥Yohaannis 10:30
Abbaanii fi
ani tokko” isaaniin jedhe
🆑(4)👉Addunyaa duraa jirachuun.waliqixa isaanii.
🏥Yohaannis 17:5
yaa
#Abbaa ulfina ani #addunyaan_uumamuu isaa #dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni
👉Kiristoos fi Abba qofaati addunyaa duraa jirachu ibsaa.
🔳 link waldaa keenya hordofuu yoo, barbadani kan xuqa👇
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
🎋🎋🎋🎋🎋🎋🎋🎋
🅱kutaa-70-ffªª.👇🅱🍃
=👉gaaffii fi deebi
=👉Musiliimota
Yohaannis 15:1
Ani muka wayinii isa dhugaa ti, kan dhaabe immoo Abbaa koo ti.
===================
#Gaaffii isaanii.
1➩Kiristoos Waaqayyo mitii muka waynii tti malee jedhuu
🏥 Deebii keenya.
Lakki kuni fakkeenya malee dhuguma muka wayni isaa lafaa biqiluu sana mitii kani jedhuu ta'a.
📍Fakkeenyaaf sabnii Israa'el waynii ni fakkaata. Ture.
👉Farfannaa.Daawit 80:8-9
#Mukti_wayinii #Gibxii keessaa akka baʼu goote. #Saboota(Uumata) #ariitees isa dhaabde Ati iddoo isaaf ni qopheessite, Innis #hidda godhatee biyyattii guute
➛𝑘𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓𝑖 𝑘𝑖𝑟𝑖𝑠𝑡𝑜𝑜𝑠 𝑚𝑢𝑘𝑎 wayni 𝑘𝑎𝑛𝑖 𝑗𝑒𝑑ℎ𝑎𝑚𝑒 # 𝑓𝑎𝑘𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎𝑓i male 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑎 𝑏𝑖𝑟𝑎𝑓 𝑚𝑖𝑡𝑡𝑖.
🅱 musiliimonni lakki fakkeenya mitii yoo, jedhan immoo .nutti gaaffii qabna Kiristoos samii irraa dhufee (Yohaannis 3:13) kanafuu wayni samii irraa ni biqila jenne gafana
Eeyyee yoo,jedhanii raga fidi
Ragaa hin qabdu yoo,ta’e immoo ni sobda
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➩gara mata duree keenya yeroo deebinu « Kiristoos maalif muka waynii ofiin jedhee »
🌺Sababaa
#Tokkoffaa(-1ffªª)
Kiristoos waaee malummaa isaa yeroo ibsu Fakkeenyaaf wani fayyadamufi.
Ani bishaanii jireenya kenuu ofin jedha
👉Yohaannis 7:37-38
#Guyyaa xumuraatti jechuunis guyyaa ayyaanichaa isa guddaatti #kiristoos dhaabbatee sagalee isaa olii kaasee akkana jedhe: “Namni #dheebote yoo jiraate, gara #koo dhufee haa dhugu. Akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan, anatti kan amanu kam iyyuu, #Lagni_bishaan jireenya kennuu isa keessaa ni yaaʼa.’”
(Yoh 4:13-14)
➛akkuma bishaanii jireenya kenuu jedhuu kana immoo
Ani waynii dhugumaati ,ana malee jireenya hin qabdiin jedha.

👉Yohaannis 15:5
#Ani_muka wayinii ti,isin immoo dameewwan isaa ti. Namni Anaa wajjin tokkummaadhaan jiraatuu fi anis isaa wajjin tokkummaa qabu hundi #firii hedduu ni godhata sababiin isaas isin Ana #irraa_gargari baatanii matumaa homaa gochuu #hin dandeessan
➩akkuma namni bishaanii malee hin jiraanne halumma kana Kiristoos malee jirachuu hin danda'u.
Kiristoos ana malee hoomaa gochuu hin dandeessani ergaa jedhe kuni enyuu laata
A=Waaqa moo
B=Nama laata
deebiin isaa Kiristoos Waaqa ta'u isa ibsaa kuni.
Akkuma jalqabaa waynii jirate isaa booda immoo damee wayni jiruu. ❝ kuni immoo Kiristoos malee namni kamiyyuu jireenya akka hin qabnee ibsaa.❞
👉Efesoon 2:12
isin yeroo sanatti saba Israaʼel irraa fagaattanii, kakuu abdichaa sanaaf keessummoota taatanii
#Kiristoos_malee jiraachaa turtan; addunyaa keessattis abdii malee fi #Waaqayyo_malee jiraachaa turtan.
🌺Sababa
#lammaffaa(-2ffªª.)
Kiristoos wayni kani fakkaatee .
Jalali Kiristoos akka wayni kani mi’aawaa wani taeef.
👉Farfannaa.Daawit 34:8
Waaqayyo
#gaarii taʼuu isaa #dhandhamaa ilaalaa; Namni isatti kooluu galu gammadaa dha.
👉1Pheexiroos 2:3
isin
#Gooftaan_gaarii taʼuu isaa dhandhamtaniittu.
👉Roome 8:35
#Jaalala_Kiristoos irraa gargar nu baasuu kan dandaʼu eenyu? Rakkina moo, dhiphina moo, ariʼatama moo, beela moo, daaruu moo, balaa moo goraadee dha?
🌺sababa
#sadaffaa(-3ffªª)
Akkuma
Ani Qulqulluu ta’e isaan immoo Qulqulloota ta'a akkuma jedhamuu.(1Phex 1:15)
kana yeroo jedhuu jalqabaa Qulqulluu ta'u qaba,
hasluma wali fakkata jalqaba dura kiristoos wayni tau qaba isaa booda namooni kuni damee wayni ta'u( Yoh15:4
▬▬▬
Jechi immoo wayni kani dhabee Abbaa kooti jedhuu ,immoo Kiristoos
Ani Abbaa irraa dhaladhe jedhee jedhu ibsaa.
👉Farfannaa 2:7
Labsii Waaqayyo nan labsa Inni akkana naan jedhe: “
#Ati_ilma koo ti; Ani harʼa si #dhalcheera
(Ibroota 1:5-6).
erga kiristoos Abbaa irraa
#dhalate dhufe Kiristoos fakkeenya waynii  ta’e #Abbaan illee fakkeenya #wayni ni jedhama.ta'a
Sababii isaa Kiristoos fi Abbaan Tokko wani ta'aniif.
👉Yohaannis 10:30
#Anii fi #Abbaan tokko dha.
akkuma Kiristoos jireenya kenuu Abbaan illee jireenya keena ,kanafis Yohaannis akkasii jedhee.
👉1Yohaannis 5:11-12
Wanti inni ragaa baʼes isa kana,
#Waaqayyo_jireenya bara baraa nuu kenneera, jireenyi kunis #Ilma isaa keessa jira Namni Ilma sana qabu jireenya kana qaba namni Ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya kana #hin qabu.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
▲link kana xuqaa qabxiiwwan jiran hordofuu dandeessu.
@haadha_Waaqa_naJaladha
▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭▭
🅾 kutaa-71-ffªª .🌺
     🌻➛Gaaffii fi Deebi
     🌻➛Musiliimota
Yohaannis 15:10
Akkuma
#Ani_ajajawwan Abbaa eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis ajajawwan koo yoo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
▬▬▬▬▬▬▬
➩gaaffii isaanii.
1=Kiristoos Waaqayyo mitii inni ajajaa Waaqa eegga malee jedhu
▬▬▬▬▬▬
📍deebii isaa :
Jalqabaa Kiristoos Waaqayyo dha, ajajaa kani basuu Abbaa qofaa mitii ,Kiristoos illee ajaja ni baasa. Sababiin isaa Kiristoos akkasi wani jedheefi
« akkuma Abbaan hojjatu ilmi irree Haaluma walifakkaatan ni hojjata jedhee.
Fakkeenyaaf*
Ajajaa gosa tokko yoo,ta’e.
Kiristoos illee kani biraa hin fidu tokkummaa malee. Yoo,Lakki ajaja gargaara jedhete immoo dubbii Kiristoos faalleessaa deemta jechuudha, ❝ sababin isa Haaluma wali fakkataan hojjadha jedhee malee ,kani biratti(gosa birati) hin jennee  inni❞
👉Yohaannis 5:19
Iyyaasus(kiristoos) akkana jedhee isaaniif deebise: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha,
#Ilmi waanuma Abbaan isaa #yeroo hojjetu arge qofa malee, ofii isaatiin kakaʼee wanta tokko illee hojjechuu hin dandaʼu. Sababiin isaas waanuma #Abbaan hojjetu hunda, Ilmis haaluma
#wal_fakkaatuun
wantootuma sana hojjeta.
📍kanafuu Kiristoos jalqabumaa ajaja Abbaa wajjiin basa malee kophaa isaa mitii.
👉Yohaannis 8:16.
Abbaan inni na erge
#Anaa wajjin waan jiruu fi #Ani_kophaa koo waanan hin taaneef, utuma ani murteessee illee murtiin koo dhugaa dha.
➩ erga Kiristoos ajaja basee immoo ajaja sana eeggu qaba.

♈️ Jechi
Ani akkuma ajajaa Abbaa #eeggu jedhuu"
immoo Kiristoos nuufi
#fakkeenya ta'uf gadi ofi qabe hiyyeessaa ta’e. Akkasii jedhe.malee Wanta birafi miti.

👉2.Qorontos 8:9
#Sababiin isaas, isin #gaarummaa #Gooftaa keenya Iyyaasus Kiristoos isa guddaa beektu; #inni_sooressa taʼus, isin karaa hiyyummaa isaa sooreyyii akka taataniif isiniif jedhee #hiyyeessa taʼe.

🅱 inni bira immoo
Ani jalala abbaa keessa, isin immoo jalala koo,keessa jiradha yero jedhuu immoo
*Fakkeenyaaf.
Yoo,Kiristoos jalate ,abbaa jalate jechudha Haaluma wali fakkaata yoo Kiristoos jibbitee Abbaa jibbitee jechudha.
➩qabxiiwwan nuuti hubbaannu jalali abbaa kana biraa ta’e ,jalali Kiristoos nuu,jalate  gosa kani biratti jechuu miti .
👉Yohaannis 15:23
Namni na jibbu hundi Abbaa koos ni jibba.

🅰 Kiristoos Abboommii yookiin ajjaja koo, eegga jedhe jira.
👉Yohaannis 14:15.
 “Isin yoo na
#jaallattan #ajajawwan_koo(Abboommii koo) ni eegdu.
ergaa akkasii ta’e immoo Kiristoos Waaqayyo jechudha. Yohaannis akkasi jedhee.jira Waaqayyo jalachu jechuun ajaja isaa yookiin abboomi isaa eeggudha jedhee.
👉1 Yohaannis 5:3.
#Waaqayyoon jaallachuu jechuun #ajajawwan isaa #eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti;
▬▬▬▬▬▬▬▬
waldaa keenyaa hordofuu
Yoo,barbada kan xuqi👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
🅰 kutaa-72ffªª. 🌺
      🪴➛Gaaffii fi Deebi
      🪴➛Musiliimota
Yohaannis 15:15
Garbichi tokko wanta Gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef,
Ani kana booda garboota jedhee isin hin waamu. Kanaa mannaa, #Ani wantan #Abbaa koo irraa #dhagae_hunda waanan isin beeksiseef michoota jedhee isin waameera.
▬▬▬▬▬▬
➛ gaaffii isaanii
1= Kiristoos wanta dubbatu hunda Abbaa irraa fudha malee ofii hin beekuu jedhanii
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
1️⃣ Deebii keenyaa.
Lakki Dubbiin kani Kiristoos. Tau irree ni mirkaneessina
Yohaannis 6:68
Simoon Pheexirosis akkana jedhee isaaf deebise: “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna? Ati
#dubbii_jireenya bara baraa #qabda.
👉 akka dubbisaa kanatti dubbii jireenya eenyutu qabadeebii isaa Kiristoos jechudha. Erga,dubbii jireenya Kiristoos irraa argamee maaali sii,barbachisaa ree. Kana oli.

Yohaannis 6:63
Jireenya kan kennu
#Afuura  foon faayidaa tokko illee hin qabu. #Dubbiin ani isinitti dubbadhe Afuura, akkasumas #jireenya.
Yohaannis 6:27
Nyaata baduuf hin
#hojjetinaa; kanaa mannaa nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf, isa #Ilmi_namaa isiniif #kennu sanaaf hojjedhaa; sababiin isaas, Waaqayyo Abbaan chaappaa isaa Ilma irratti godhee #mirkaneesseera.”
Matewoos 7:24.
namni
#dubbii_koo kana dhagaʼee hojii irra oolchu, nama hubataa mana isaa qarsaa irratti ijaarrate fakkaata.
👉osoo Dubbiin kuni kani Kiristoos ta'u baatee maalif dubbii koo jedha ree?, dubbii Abbaa koo,jedhu didee ?
👉Walumaagalatti dubbiin Kiristoos illee akka jiruu ni ibsaa.
▬▬▬▬▬▬▬▬
🅱 gara mataduree keenya yoo,deebinu
Kiristoos maalif dubbii Abbaa irraa dhagaee hunda isinitti nan himma jedha ree, isaa jedhuufi

A))➩Sababa,Tokkoffaa(-1ffaa)
=Dubbiin Abbaa fi ilma Tokko wanii ta’efi. ❝ kani Abbaan qabuu kani ilma ,kani ilmi qabuu hundi kani Abbaatti ,kanafuu kani Abbaas yoo,jedhe rakkina hin qabu❞.
👉Yohaannis 17:10
wanti kan
#koo taʼe #hundi kan kee ti; wanti kan #kee taʼe #hundis kan koo ti; Anis isaan gidduutti ulfina argadheera.

B))➩Sababa lammaffaa(-2ffaa)
Kiristoos akkasii kani jedhee kabaja isaa ibsuuf turee. kunis dhugaa Kiristoos akka ta’e mirkaneessuf turee
👉Yohaannis 7:17-18
Namni fedhii Waaqayyoo raawwachuu barbaadu kam iyyuu, barumsi kun Waaqayyo biraa akka dhufe yookiin
#Ani_ofii kootiin kakaʼee kanan dubbadhe taʼuu fi dhiisuu koo ni beeka. #Namni ofii isaatiin kakaʼee dubbatu hundi ulfina mataa isaa barbaada; namni ulfina isa isa erge sanaa barbaadu hundi garuu, inni #dhugaa dha;  #jalʼinnis isa keessa hin jiru.

C))➩Sababa sadaffaa(-3ffªª)
Kiristoos akkasii kani jedhee Abbaan biraa gara namoota  dhufu isaa mirkaneessuf.kunis yeroo abba biraa turee kani arge dubbachuu isaatti
👉Yohaannis 8:38
#Ani wantoota yommuun Abbaa koo #wajjin turetti #argen dubbadha; isin garuu wantoota abbaa keessan irraa dhagessan hojjettu.”
👉iddoo kana irratti Kiristoos Ana qofatu Abbaa arge malee kani bira hoomtuu hin jiru jedhee jira.
👉Yohaannis 6:46
#Isa_Abbaa biraa dhufe sana malee #namni tokko illee Abbaa #hin_argine; Abbaa kan arge isa #qofa dha.
▲kanafuu kuni eenyu ree, Kiristoos qofaa jechudha,erga akkasii ta’e Abbaa wajjiin ture inni dhuguma Kiristoos Waaqa.

D))➩Sababa afuraffaan(-4ffaa).
duuka bu'oota keesaa tokko tokko jechunis obbolota,Kiristoos,yihudoota keessa
,Fariisonni keessa dubbii Kiristoos fudhachuu irratti dubbati jedhu turee yookiin akka salphaatti ilaalu yookiin itti hin amanani ture yeroo kan immoo Kiristoos dubbiin kani abbati jedha.
👉Yohaannis 7:5.
#Obboloonni isaa illee isatti hin #amanne turan.
👉Yohaannis 7:47-48
#Fariisonni immoo deebisanii akkana jedhan: “Isinis ni gowwoomfamtanii?  Bulchitoota yookiin Fariisota keessaa tokko illee isatti kan #amane jiraa?.
👉Yohaannis 10:24-25
#Yihudoonni isatti marsanii, “Hanga yoomiitti qalbii nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti nutti himi” isaan jechuu jalqaban Iyyasus(Kiristoos) deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani isinitti #himeera, isin garuu #hin_Amantan. Hojiiwwan ani maqaa Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaʼee koo dhugaa ni baʼu.
🅾 kutaa-75-ffªª.🌺
       ➻ gaaffii fi deebi
       ➻ Muslimoota fi
      👉 pheenxee
Yohaannis 17:9
Ani waaee isaanii sin #kadhadha kan Ani si kadhadhu waaee #addunyaa utuu hin tain, waaee warra ati Anaaf kennite sanaa ti; sababiin isaas isaan kan kee ti
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
◊➻gaaffii isaanii.
1= warri Muslimaa akkasii jedhuu erga Kiristoos Waaqayyo ta’e maaliif kadhachuu barbaachise jedhuu😁
2=warri pheenxee akkasii jedhuu Kiristoos nuuf kadhata jedhuu😁
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
◊ Deebi keenyaa.👇
Kiristoos
Ani isiniif hin kadhadhu jedhe jira kani jedhuu ta'a.
⓵➸Yohaannis 16:26.
Guyyaa sanatti isin
#maqaa kootiin Abbaa #ni_kadhattu; kana jechuun koo garuu #Ani isiniif nan kadhadha jechuu
koo
#miti.
◊➛ Muslimaa fi pheenxee iddoo kana irratti immoo maali jeetu ree ?siila Kiristoos
Ani isiniif hin kadhadhu jedhe jira.
Yaa
#Muslimaa maali siif
waya re
Yaa
#pheenxee maali siif
waya re
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
➛Amma immoo hiikaa jechoota sana ilaala (Yoh 17:9) irraa kani jiruu maali ibsaa.

A))◊➛
Ani siin kadhadhaa jedha Kiristoos eenyu kadhata. jennee yeroo gafanu immoo Muslimaa fi pheenxee ,akkasumas amantooni tokkoo tokko Kiristoos Abba kadhata nuun jedhuu.
➛yeroo akkasii immoo nutti orthodoksooni Abbaan ofii isaa iyyuu hin beekuu kani geena kadhadha barbaduu jennee gaafana😁 .
👉 yeroo kana immoo
deebin hin jiru 🙈
➻amma garuu Kiristoos isiniif nan kadhacha yeroo jedhuu barattoota sanatu cubbuu hojjatee moo? Jenne gaafana Lakki barattoonni(11) Kiristoos gonkumaa cubbuu  hin hojjanne.
⓶➸Yohaannis 13:10-11
Iyyasus Kiristoos “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti
#qulqulluu waan
taeef, miilla isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa.
#Isin qulqulluu dha,garuu #hunda keessan miti” jedheen Kana kan jedhe, nama dabarsee
isa kennu waan beekuuf ture. “Qulqulluu kan tae hunda keessan miti” kan jedhes kanaaf ture.
◊➛ kanafuu barattoonni Kiristoos Qulqulluu dha, yihudaa Qofti Qulqulluu miti inni cubbuu qaba. Kiristoos darbarse kenne jira wani ta’ef.
⓷➻Maatewos 26:24-25
Dhugaa dha, Ilmi namaa
akkuma waaeen isaa barreeffame
ni deema; isa Ilma namaa
#dabarsee kennu sanaaf garuu #wayyoo! Namni sun utuu hin dhalanne taee isaaf
wayya ture.”
#Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf jedhus deebisee, “Rabbii, ana tainnaa laata?” jedheen. Iyyaasusi “Atumti iyyuu jette kaa” jedhee deebiseef.
⓸➻Yohaannis 18:11
Iyyasus kirjstoos  “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taee, Ana irratti
#Aangoo tokko illee hin qabaattu turte. #Namichi_dabarsee sitti na
kenne,
#cubbuu_guddaa kan qabu kanaafi” jedhee deebiseef
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
Walumaagalatti barattoota 12 keessa tokko qofatti cubbuu hojjate jira
➪ barattoonni 11 Qulqulluudha
➪barataa 1 immoo Qulqulluu miti.
👉erga akkasii ta’e immoo Yohaannis 17:9
Ani isiniif nan kadhadhaa kani jedhanii Kiristoos barattoota 11 malee yihudaa miti. Sababiin isaa yihudaan achi bahee deeme jira.
⓹➻Yohaannis 13:30
Kanaaf, Yihudaan
#buddeena daabboo cabaa sana erga #fudhatee booda, yeruma sana #gadi_bae.Yeroon isaas halkan ture.
👉 yihudaa erga gadi bahee hin deebinee ,kanafuu Kiristoos barattoota 11 qofaa wajjin dubbachaa akka jiruu ibsa (Yohaannis 17:9) irratti.
🅰 amma immoo Kiristoos
Ani Qulqullootaaf hin dhufnee cubbamaa fayyisuuf jedhee jira.
Kanafuu Barattoonni isaa immoo 11 Qulqulluudha kadhannaa maali isaanii barbachisaa reejennee Musiliimota fi pheenxee gaafana.🙈😂
⓺➻Matewoos 9:13
Kanaaf dhaqaa, ‘
Ani aarsaa utuu hin tain gara laafina nan barbaada’ jechuun maali jechuu akka tae hubadhaa. Sababiin isaas Ani namoota Qulqullota #utuu hin tain, #cubbamoota
waamuufan dhufe.”
➪kana booda Kiristoos barattoota isa 11 isin Qulqulluudhaa erga jedhee ,Lakki isaan Qulqulluu miti jedhe kani mormuu gonkumaa hin jiruu.=ok.

B))◊➛ amma immoo qabxiiwwan gara oli irraa maali hubbanna ree.
Kadhannaa inni jedhame akka dibbisa kanati cubbuu isaanii dhisii ,jedhu miti ,yookiin
Ani Aarsadha jedhu miti.
🌺 kutaa-77-ffªª.🌺
        🥥.gaafii fi deebi
        🥥.Muslimoota
Yohaannis 17:14
#Ani_dubbii kee isaaniif kenneera; taʼus akkuma ani kutaa addunyaa hin taane, isaanis kutaa addunyaa waan hin taaneef addunyaan isaan #jibbe.
-----------------------
📍gaaffii isaanii.
1➪ Dubbiin kani Kiristoos mitii , inni Abba irraa fudhee dubbata jedhuu.
===========
Deebi keenya👇
Lakkii dubbii Kiristoos
illee jira kani jedhuu ta’a.
❶➛Yohaannis 8:51
Dhuguma dhuguman isiniin jedha, namni
#dubbii_koo eegu hundi matumaa hin duʼu (Mat7:26)👈dubbisi.
kanafi Jechi dubbii koo, jedhuu kani Kiristoos ta'u ibsa guutuummaatti =(my word)
jechi Afaani Girikki jalqaba kitabani kuni ittin bareeffame iyyuu akkasi jedha (ἐμὸν λόγον)    
#ἐμός_λόγος.
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
🌺 gaaffii Tokko Muslimoota gaafana " erga dubbii hundi kani Kiristoos miti jettanii dubbii kuni kani eenyutti 👇
❷➛Maatewoos 27:46
Gara saʼaatii sagaliitti Iyyaasuu Kiristoos sagalee guddaadhaan,“Eelii (אֵלִ֣י) Eelii(אֵלִ֣י) laamaa(לָמָ֣ה) saabaaqtaanii?” jedhee iyye; hiikni isaas “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko maaliif na dhiiste?” jechuu dha.
👉 dubbii kuni kani eenyutti kani Abba mookani Kiristoos
🌺lakki kani Abbati yoo, jeete Abbaan yoomi dubbatee fannoo irratti.😁
▣➪kani Kiristoos yoo,jeete immoo dubbii Kiristoos akka ta’e hubbate jirta.
➪➪➪➪➪➪➪
Eli Eli  jechuun Afaanii Ibraayisxiitti אֵלִ֣י  אֵלִ֣י

Lama Sabaqatani jechuun Afaani Aramic fi Afaan Ibraayisxiitti wajjiin tokko
לָמָ֣ה שְׁבֻ֕קוּ
➪Afaanii Giriikiitiin immoo.
Ἠλὶ ἠλὶ λεμὰ  σαβαχθάνι
Kanafi yeroo dubbisa eloye eloye lama sabaqatan
*
Walumaagalatti dubbii kee,kennafi inni jedhu irratti.
Kiristoos dubbii isaa kami kennafi isaa jedhuu beekuu qabna.
📍dubbii Abbaa kani jedhamee.
1👉 Abbaan Kiristoos ergu isa beeku
2👉 Kiristoos ilma Abba ta'u
beekuu.fi amanu
3👉 Kiristoos nama fayyisuu isa beekuu dha.
isaanii sadan sanii dubbi abbaa kani jedhamee.
ragaa keenya
❸➛Yohaannis 17:8
Ani #dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneera; isaanis kana #fudhataniiru; Ani #sii bira akkan #dhufes sirriitti #beekaniiru; akkasumas akka ati na ergite #amananiiru.
❹➛Yohaannis 6:69
 
#Nuti ati #Ilma Waaqayyoo Isa Qulqulluu akka taate #amanneerra; #beekneerras.”
❺➛Yohaannis 6:38-40
#Ani_samii irraa kanan dhufe, #fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ofii koo raawwachuuf miti. Fedhiin isa na ergee immoo, warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti akka ani #duʼaa kaasuuf malee, isaan keessaa tokko illee akka na jalaa baduuf miti.  #Sababiin isaas fedhiin #Abbaa koo namni Ilma #beekee isatti #amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”
❻➛Yohaannis 11:27
Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati Kiristoos, Ilma Waaqayyoo isa gara addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” jetteen.
❼➛Yohaannis 16:29-31
barattoonni isaa akkana jedhan: “Kunoo, ati amma fakkeenyaan utuu hin taʼin ifatti dubbachaa jirta.  Ati wanta hunda akka beektuu fi eenyu illee si gaafachuun akka isa hin barbaachisne amma
#beekneerra. Kanaanis ati Waaqayyo #biraa_akka dhufte #amanneerra.” Iyyasus,Kiristoos deebisee akkana isaaniin jedhe: “Amma #amantaniif?
◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉◉
➛ namoonni gowwaan tokko tokko Kiristoos dubbii Abba yoo, jedhuu wanta bira godhanii oddeesaa ooluu.
📍Haata’u malee osuma ta’e iyyuu Abbaan ilmaan deemi namoota fayyisi malee wani bira maali jechuun danda'a. Kiristoos immoo Tole deeme nan fayyise jedhee dhufee.
➑➛Yohaannis 3:35
 Abbaan Ilma ni jaallata, wanta
#hundumaas_harka isaatti dabarsee kenneera.
➒➛Yohaannis 10:28
#Ani_jireenya bara baraa isaaniif nan kenna; isaan matumaa hin balleeffaman; eenyu illee #harka_koo
keessaa isaan hin butatu.
🅾 amma iddoo kanatti Kiristoos afaani isaatin harka kiyyaa keessa hoomtuu hin basu jedhee jira. ❝ kanafuu Kiristoos Waaqa ❞ Sababiin
isa👇
➓➛Iyyoobi 12:9-10
#Harki_Waaqayyo kana akka hojjete,Wantoota kana hundumaa gidduudhaa kan hin beekne eenyu?  #Jireenyi_uumama jiraataa hundumaa, Hafuurri nama hundumaas #harka isaa_keessa jira
🍂🍂🍂🍂🍂🍂🍂🍂🍂
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🅾 kutaa-78-ffaa.🌺
     ➛gaafi fi deebi
     ➛Musiliimaa
     ➛pheenxee
Yohaannis 17:15
Ani isa #hamaa sana irraa akka isaan eegduuf malee, addunyaa keessaa akka isaan baastu si hin #kadhadhu.
▣▣▣▣▣▣▣▣
gaaffii isaanii
1➛warrii Musiliimaa Kiristoos Waaqayyo miti ni kadhaata jedhuu
2➛warri pheenxee immoo Kiristoos nuuf kadhata jedhuu.
===============
👉deebi keenyaa.
Lamaan isaanii iyyuu dogoggoraani jiruu kani jedhuu ta'a.
📍Sababiin duukaa buoonni hundinuu Waaqayyo kadhatan malee ,Kiristoos nuuf kadhata jedhanii calisani hin beekanii , yeroo wanta ❝hamma❞ irraa gahee ni kadhatuu turee.

❶➛Hoji duuka buota 4:24
Isaan yommuu kana dhagaʼan tokkummaadhaan sagalee isaanii ol kaasanii akkana jedhanii
#Waaqayyoon_kadhatan: “Yaa Gooftaa Oli Aanaa, ati samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hunda uumteetta.
Kanaafuu iddoo kanatti wanti hama yeroo isaanii irraa gahee Waaqayyo kadhatanii jiruu ,malee Kiristoos nuuf kadhata jedhanii hin dhifnee.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
gara maata duraa keenyaa yeroo deebinnuu immoo wanta hamma irraa kani nama dhorkuu Abba qofa mooKiristoos hoo ni dhorkaa laata ,deebii isaa Eeyyee ni dhorkaa.

❷➛1Yohaannis 5:18
Namni Waaqayyo irraa dhalate kam iyyuu cubbuu hojjechuu akka hin amaleeffanne beekna;
#inni Waaqayyo irraa #dhalate #sun_isa_eega, inni #hamaan sun homaa isa gochuu hin dandaʼu.
▣➛iddoo kanatti Waaqayyo irraa kani dhaltee inni jedhu Abbaa irraa kani dhalee Kiristoos

❸➛2,Tasaloonqee 3:3
#Gooftaan amanamaa dha; inni #isin_cimsa, isa #hamaa sana irraas isin eega.
👉iddoo kanati Gooftaa kani jedhamee Kiristoos
📍kanafuu wanta hamma irraa kani nama eeggu
#Abbaa fi #ilma jechudha.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
Erga maatan isaa iyyuu wanta hamma irra nuu, eega ta’e Kiristoos maalif isiniif nan kadha jedhee ree.
1➪Duubi raajicha raawachuuf kana jedhee.
❹➛Isaayaas 53:12
Kanaan kan kaʼes, namoota hedduu gidduutti gaʼee isaaf nan kenna, Innis namoota jajjaboo wajjin boojuu ni hirata, Sababiin isaas, inni lubbuu isaa hamma duʼaatti illee dabarsee kenneera, Yakkamtootaa wajjinis lakkaaʼameera; Cubbuu namoota hedduu ni baate,
#Yakkamtootaafis ni #kadhate.
2➪ Abbaaf ulfina kennuuf.kuni immoo inni gadi ofii qabuu Kiristoos guutummaatti mulisa.
❺➛Yohaannis 8:49
Iyyasus Kiristoos deebisee akkana jedhe: “
#Ani Abbaa kootiifan #ulfina kenna malee, jinniin na keessa hin jiru; isin immoo na salphistu.
❻➛Yohaannis 17:4-5
Ani hojii akkan hojjedhu anaaf kennite xumuree #lafa irratti #ulfina siif kenneera.  Kanaafuu, yaa #Abbaa, #ulfina ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, of biratti ulfina #anaaf kenni.
3➪nuuf fakkeenya ta'uf
❼➛Filiphisiiyus 2:5
#Ilaalcha Kiristoos Iyyasus qabu kana qabaadhaa
➑➛Yohaannis 13:15
➪Akkuma
#Ani isiniif godhe, isinis akkanuma akka gootan ani #fakkeenya isiniif taʼeera.
🌺 inni biraa immoo waee kadhannaa iddoo kana irratti.
Ni ibsaa sababa isaa wajjin.
➒➛Yohaannis 17:20-21
 “
Ani warra kanaaf #qofa utuu hin taʼin, warra dubbii isaanii dhagaʼanii #anatti amananiifis nan #kadhadha;
Isaanis
#tokko haata'aniif, yaa abbaa, akka ati ana keessa jirtu anis si keessa akkan jiru, isaanis nu keessa haa jiraataniif, biyyi lafaas ati akka na ergite haa beekuuf #kadhachuu koo ti
warra Anati Amanani hundaaf nan kadhadha jechuu isaatti. Kunis Yohaannis 17:15 wajjiin tokko , Haata’u malee kadhadha inni jedhamee iddoo kanatti iddoo
#ani jirachuu akka jirataniif. (Yoh 17:20-25) dubbisi
➓➛Yohaannis 14:2
#Mana Abbaa koo keessa #iddoon jireenyaa hedduun jira. Kun utuu taʼuu baatee isinitti nan himan ture; sababiin isaas, ani iddoo isiniif qopheessuun deema.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🅰 Kutaa ~76~Dubbisaa👇

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha/676
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
🌹kutaa-80-ffªª.🌾
     ◉➛gaaffii fi deebi
     ◉➛Muslimoota
     ◉➛shakitota bira irraa dhufu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
👉gaaffii isaanii
⓵➪isaa kami sirriin jedhuu
«
#Yihuudaan Kiristoos #dhungatee moohin dhungane » jedhu

#A))➛Akka ~#Yohaannis jedhuutti Yihuudaan Kiristoos dhungachuu fi dhisuu isaa
hin ibsuu
🍇Yohaannis 18:3👇
#Yihudaan garee loltootaa, eegdota mana qulqullummaa warra dura buutota lubootaa fi Fariisota biraa ergaman fidee #dhufe; isaanis guca, ibsaa fi meeshaa waraanaa qabatanii turan.

#B))➛Akka ~#Maatewoos barreessetti immoo yihudaan Kiristoos dhungatee jira.
🍇Maatewoos 26:47-50
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe #ni_dhufe; namoonni hedduun dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabaa biraa ergaman goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin dhufan. #Yeroo kanatti inni dabarsee isa kennu, “Inni #Ani_dhungadhu isa; isa qabaa” jedhee #mallattoo isaaniif kennee ture.  Innis kallattiidhaan gara Iyyasus Kiristoos dhaqee,  #Rabbii, nagaan siif haa taʼu!” jedhee
#isa_dhungate. Iyyaasus Kiristoos garuu, “Yaa michuu ko, #kaayyoo maaliitiif dhufte?” jedheen. Yeroo kanatti namoonni sun gara isaa dhufanii qabanii isa #hidhan.

#C))➛Akka ~#Maarqoos barreessetti Yihuudaan Kiristoos dhungatee jira.
🍇Maarqoos 14:43-45
Yeruma sana utuma inni kana dubbachaa jiruu,
#Yihudaan inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe ni dhufe #namoonni hedduun dura buutota lubootaa, barsiisota seeraa fi maanguddoota biraa ergamanis goraadee fi ulee qabatanii isaa wajjin jiru turan.   Inni dabarsee isa kennus, “Inni ani dhungadhu isa dha; qabaatii, of eeggannoodhaan isa geessaa” jedhee mallattoo isaaniif kennee ture. #Kallattiidhaan gara isaa dhufee itti dhihaatee, “Rabbii!” jedhee #isa_dhungate

#D))➛Akka ~#Luqaas barreessetti immoo yihudaan kiristoos ❝ dhunfachuuf itti siqee ❞
🍇Luqaas 22:47-48
Utuma inni kana dubbachaa jiruu, kunoo,
#namoonni hedduun ni dhufan #namichi #Yihudaa jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe isaan dura buʼee dhufe; innis Iyyaasuus kiristoos #dhungachuuf gara isaatti #siqe. Kiristoos garuu, “Yaa Yihudaa, #Ilma_namaa dhungachuudhaan dabarsitee kennitaa?” jedheen
================
🍇Deebi keenyaa hundi
isaanii iyyuu sirriidha
kani jedhuu.
🍀 Fakkeenyaaf Yohaannis
#gonkumaa yihudaan Kiristoos hin dhunganne osoo jedhee jiratee yaanni musiliimota sirrii turee ," garuu Yohaannis akkasii hin jenne.
lakki yoo, jedhani immoo raga,nuuf fida
inni biraa wangellii maatewos namoota baay'ee jedhee dubbateera garuu Yohaannis hin dubbane.
loltootu gurri isaa irraa citee wangeeloonni sadan(3) maqaa isaa hin ibsine , garuu Yohaannis maqaa isaa ibsee jira.
🌷Walumaagalatti Amala kitaaba Qulqulluu beekuun
#dirqama.keenyadha.

💐 Wangeeloonni arfan(4n) isaanii iyyuu jalqabaa yihudaan
#dhufee jedhani ibsanii jiruu
Mat 26:47 Mar 14:43
Luq 22:47  Yoh 18:3

❶➛Yihuudaan ni dhufee
  =Yohaannis 18:3
❷➛isaa booda dhungachuuf gara Kiristoos siqee
=Luqaas22:47
❸➛ Yihudaan Raabi nagaan siif Haata’u jedheeni
  =Maatewos 26:49
❹➛Yihuudaan ni dhungatee
    =Maatewos 26:49
❺➛❝ yeroo kana immoo Kiristoos yaa, michuu kiyyaa kaayyoo maalitti dhuftee  jedheen
  =Maatewos 26:50)
❻➛ ilma nama dhungatee kennita jedheen ❞
  =Luqaas 22:48
❼➛ Kiristoos gara fula durati bahe eenyu barbaduu jedheen lolotaani
  =Yohaannis 18:4
➑➛isaanii immoo Iyyaasus nama Naazreeti jedhani
  =Yohaannis 18:5
➒➛Inni Ana isaanii jedhee
   =Yohaannis 18:5
➓➛yeroo kana dubbati kufanii
   =Yohaannis 18:6
➊➊➛yeroo lamaffaa eenyu barbaduu jedhanii
Yohaannis 18:7
❶❷➛Iyyasus namaa Naazireeti jedhanii
=Yohaannis 18:7
➊❸➛inni Ana jedheen turee bari jedheen
=Yohaannis 18:8
➊❹➛ isin Ana barbaduu yoo,  taee isaanii kana dhisa yaa, deemanii jedheeni
  =Yohaannis 18:8
➊❺➛ ....itti fufa...........
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼

https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha