🌹D𝙚𝙚𝙗𝙞𝙞 𝙢𝙪𝙨𝙞𝙡𝙞𝙢𝙤𝙩𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙥𝙝𝙚𝙚𝙣𝙭𝙚𝙚
2.56K subscribers
54 photos
2 videos
9 files
113 links
“Iyyesuus, ‘Beekkadhaa raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa!’ isaaniin jedhe.” (Maat.16:6).

ኢየሱስም ከፈሪሳውያንና ከሰዱቃውያን እርሾ ተጠንቀቁና ተጠበቁ፡ አላቸው። (ማቴዎስ 16:6)
Download Telegram
‼️Firoottan kee keessaa eenyu illee maqaa kanaan waamamee hin beeku.
♨️ ከወገንሽ ማንም በዚህ ስም የተጠራ የለም
=Luq 1:61
◉=ሉቃስ 1:61
▬▬▬▬❖▬▬▬▬
#dhaloota_Yohaannis_cuuphaa
~Bagaa geessan~~
Waaqayyo Qulqulluu Yohaannis jedhee dhifama nuuf haa,godhuu Ameen

🌻 dhaloota isaa
akkana ture🌻

🌼
#Elsaabexis yeroo ishiin itti
deessu gaee ilma deesse Ollaawwan ishii fi firoottan ishii
Waaqayyo gara laafina guddaa ishiitti argisiisuu isaa dhagaanii ishii wajjin gammadan Guyyaa saddeettaffaattis mucicha dhaqna qabuu dhufan
#maqaa isaas Zakkaariyaas jedhanii maqaa abbaa isaatiin
moggaasuuf turan

🌻
#Haati isaa garuu deebistee, “Hin tau! Yohaannis jedhamuu qaba” jette Yeroo kanatti isaan #Firoottan kee keessaa eenyu illee maqaa kanaan waamamee hin beeku” jedhaniin Achiis mucicha eenyu jedhee waamuu akka barbaadu #mallattoodhaan abbaa isaa gaafatan

🌻 innis gabatee irratti barreeffamu gaafatee, Maqaan isaa
#Yohaannisi” jedhee barreesse Yeroo kanatti hundi isaanii ni dinqisiifatan #Battaluma sanattis #afaan isaa ni saaqame, arrabni isaas hiikamee dubbachuu jalqabe Waaqayyoonis ni galateeffate

🌻
#Namoonni ollaa
isaanii jiraatan hundi baayee sodaatan wantoonni kun hundi baddaa guutummaa biyya Yihudaa keessatti odeeffamuu jalqabe Warri kana dhagaan hundi,
#Mucaan kun
maali taa laata?” jedhanii garaa isaaniitti qabatan Sababiin isaas
#Waaqayyo isaa wajjin akka jiru ifatti mulata ture

🌻 Achiis Zakkaariyaas abbaan
isaa
#Afuura_Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhee raajii dubbate
1➜yaa, Waaqayyo Waaqni Israael saba isaatiif
#xiyyeeffannaa waan kennee
fi fayyina waan isaanii fideef haa galateeffamu
2➜ inni mana Daawit
tajaajilaa isaa keessaa gaanfa
#fayyinaa nuu kaaseera
3➜ kunis akkuma
#afaan raajota isaa Qulqulluu warra bara duriitii jalqabee turaniin dubbatetti dha

4➜
#Diinota keenyaa fi harka warra nu jibban hunda jalaa akka nu oolchu waadaa
galeera
5➜Akkuma abbootii keenyaaf abdii kennetti
#gara_laafina nutti argisiisa
6➜ kakuu isaa isa
#Qulqulluus ni yaadata
7➜ Kakuun kunis
kakuu inni abbaa keenya
#Abrahaamiif kakate dha
8➜ akkuma kakuu isaattis harka diinota keenyaa keessaa erga nu baasee booda
9➜ sodaa malee
#tajaajila_Qulqulluu akka isaaf dhiheessinu mirga nuu
kenna

10➜ kunis amanamoo akka
taanuu fi bara jireenya keenya
#hundatti wanta qajeelaa tae akka hojjennuufi
11➜ Ati garuu yaa mucaa
nana,
#daandii isaa qopheessuuf Waaqayyo dura waan deemtuuf, raajii Isa Hundaa Olii sanaa jedhamtee waamamta
12➜ sabni isaa dhiifamni
#cubbuu isaaniif godhamee, beekumsa fayyina akka argatan isaan gargaaru isaaniif kennita
13➜Kunis kan tae gara laafina guddaa Waaqayyo keenyaatiin kan kae dha. Gara laafina kanaanis
#ifni akka barii ganamaa ol gubbaadhaa nuu baa
14➜ inni warra
#dukkana keessa jiranii fi warra gaaddidduu duaa jala jiraataniif ifa kenna akkasumas miilli keenya daandii nagaa irra akka deemu godha
15➜ Mucaan sunis ni guddate,
#Afuuraanis ni cime; hanga guyyaa israaelootatti ifatti of mulisettis lafa onaa keessa jiraate (Luq 1:57-80)
▬▬▬▬❖▬▬▬▬
Galani Waaqayyof Haata’u
Ameen
🌻 iji wantoota isin argaa jirtan kana argu gammadaa dha,
የምታዩትን የሚያዩ ዓይኖች ብፁዓን ናቸው
=Luq 10:23
=ሉቃስ 10:23
△______________△
👉 👁👁 👈
▬▬▬▬▬
= nutti garuu iji keenya badee jira wanta tokko illee arguu hin dandeenyee,,garuu carraa nuu, qabnuu guddaa turee

iddoo ilaalamu qabuu dhisnee kan jireenya nuufi hin kennine ilaala jira

Koota mee, ija keenya gara Waaqa keenyatti akka ilaaluu goona

❖ yoo Waaqayyo argine iji keenya kan,eebbifamee ta'a
Ija jechuun ija,qaamaa foonii kan osoo hin tanee ija laphee keenya jechuudha
🌻 Namoonni Qulqulluun maali jedhan,
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
#kiristoos waaqni keenya hoo,akka jedhu
➜Sana booda gara barattoota isaatti garagalee, akkana jedhee kophaatti isaanitti dubbate
#Iji wantoota isin argaa jirtan kana argu
gammadaa dha
➜ Ani isiniin nan edha, raajonnii fi mootonni hedduun wantoota isin argaa jirtan kana
arguuf kan hawwan taus hin argine; wantoota isin dhageessan kana
dhagauuf kan hawwan taus hin dhageenye.”

#Abrahaam abbaan
keessan guyyaa koo arguuf gammachuu guddaadhaan eeggachaa ture, guyyaa koo argees gammadeera.”
(Yoh 8:56)

#Raajonni gaarummaa guddaa isiniif kennamu sana ilaalchisee raajii dubbatan sun, waaee #fayyina kanaa cimsanii barbaadaa fi of eeggannoodhaan qorachaa turan.

Affuurri isaan keessa ture dhiphina hedduu
#Kiristoos irra gauu fi ulfina sana booda dhufu dursee yommuu dhugaa bau, waaee yeroo isa kamii yookiin waaee waqtii akkamii akka argisiisu beekuuf qorannaa gochuu isaanii itti fufanii turan.

isaan ofii isaanii
#tajaajilaa akka hin turre isaanitti mulifamee ture,Kanaa mannaa, #Afuura_Qulqulluu samiidhaa ergameen karaa namoota misiraachoo isiniif labsan sanaatiin wantoota isinitti himamanii wajjin haala wal qabateen isin tajaajilaa turan. #Ergamonni.Maleekonni iyyuu wantoota kana xiyyeeffannaadhaan ilaaluuf hawwii guddaa qabu
(1 Phex 1:10-12)

Namoonni kun hundi
#amantii isaanii eeganii kan duan taanis, abdiiwwan sun yommuu raawwataman
hin argine; kanaa mannaa fagootti ilaalanii isaan simatan, akkasumas biyyicha keessatti
#keessummootaa
fi yeroo gabaabaadhaaf kan jiraatan tauu isaanii ifatti labsan

❖ Namoonni wantoota akkasii lallaban kun, iddoo isa kan ofii isaanii cimsanii barbaadaa akka jiran ifatti argisiisu
(ibr 11:13-14).

➨ Namoonni kun hundi sababii
#amantii isaaniitiin dhugaa kan isaaniif baame tau illee, abdiin Waaqayyo kenne yommuu raawwatamu hin
argine
#sababiin isaas isaan nu
malee mudaa kan hin qabne akka taan kaayyoo isaa waan hin turreef, Waaqayyo waaee keenya dursee wanta caalu argeera (Ibr 11:39-40)

➨ Yaa ijoolle, dubbiidhaan yookiin
#afaaniin
utuu hin tain, hojii fi dhugaadhaan wal jaallachuu qabna

❖ Kanaan nuti kan dhugaa tauu keenya ni beekna, akka inni nu jaallatus garaa keenya ni amansiisna

❖ wanta garaan keenya nutti murteessu hundumaa irrattis kana ni goona sababiin isaas
#Waaqayyo garaa keenya irra ni #caala, wanta hundumaas ni beeka.

❖ Yaa obboloota jaallatamo, garaan keenya nutti
hin murteessu yoo tae, Waaqayyo duratti dubbachuuf
#ija jabina qabna

#ajajawwan isaa waan eegnuu fi wanta ija isaa duratti gammachiisaa tae waan hojjennuuf wanta
isa gaafannu hunda isa irraa akka fudhannu ni beekna

❖ Dhuguma iyyuu ajajni isaa isa kana: kunis
#maqaa Ilma isaa #Iyyaasuus Kiristoositti
akka amannuu fi akkuma inni ajaja nuu kennetti akka wal jaallannu dha
(1 Yoh 3:13-23)
♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️♨️
♨️Galani Waaqayyof♨️
🌼 dubro Maariyaamiifi 🌼

♨️♨️Haata’u ♨️♨️
♨️Ameen♨️
△.......................△
#Samii irratti Waaqayyoof ulfinni haatau #lafa
irrattis namoota
inni jaallatuuf
nagaan haatau.”
▬▬▬▬▬▬▬▬
=Tiksee #hoolota naannoo
Sana jirachuun isaa
immo Yookin Sababi
isaa dursanii
Wamaamnif, osoo
namoonni Beekumsa
hedduu qabanii osoo
Jiranu
◈ Hooloni fakkeenya
Nama
◈Tikseen immoo
fakkeenya Waaqayyoti

Kiristoos garuu tiskee
#Gaari Waani ta’ef
Gara isaa deemnaani
Jiruu....
Bakka tiske gaariin
Jiru deemuun gammachuu
Gudda isaa caaluu hin jiruu
Kanaafi
#ergamaan Waaqayyo
Misirachoo gammachuu
Guddaan isinitti himma
Jedheni

◈Yoh 10:1-11
Iyyaasuus akkana jedhe “Dhuguma dhuguman
isiniin jedha,
inni #karaa balbalaa
utuu hin tain,
karaa gara biraa
utaalee gola hoolotaatti
seenu, hattuu fi saamtuu dha.

Inni karaa balbalaa
seenu garuu
#tiksee hoolotaa ti
#Inni balbala eegus
isaaf ni bana; hoolonnis
sagalee isaa ni dhagau

#Inni hoolota isaa
#maqaa maqaa
isaaniitiin waamee
gadi ni yaasa

Hoolota isaa hunda
erga gad yaasee booda
isaan dura buee deema
isaanis #sagalee
isaa waan beekaniif
isa duukaa ni buu

#Hoolonni sagalee keessummaa waan hin beekneef, isa irraa
ni baqatu malee
matumaa keessummaa
duukaa hin buan.”

Iyyaasus fakkeenya
kana isaanitti dubbatus,
isaan garuu wanta inni
isaanitti dubbachaa
ture hin hubanne

Kanaaf, Iyyaasuus ammas akkana jedhe
“Dhuguma dhuguman
isiniin jedha
ani #balbala hoolotaa ti.

Warri maqaa kootiin
dhufanii turan hundi
hattootaa fi saamtota
dha

hoolonni sun garuu
isaan hin dhageenye.
Ani balbalicha

#namni karaa koo
seenu hundi ni #fayya;
inni ol ni seena,
gadis ni baa, bakka dheedichaas ni argata

#Hattuun, hatuuf,
qaluu fi balleessuuf
malee wanta kan
biraadhaaf hin dhufu

Ani isaan #jireenya
akka argatanii fi jireenya
irraa hafaa akka
qabaataniif dhufeera

Ani tiksee #gaarii dha
tiksee gaariin immoo
hoolota isaatiif jedhee
#lubbuu isaa
dabarsee ni kenna.

===============
Ayyaanna Gaari isiniif
Haata’u

link kan xuqaa 👇
#haadha_Waaqa_naJaladha
===||===||=======
🚹💒 Dubbisaa💒👇🌀🌀
Haatau malee,
#raajiin iyerusaalemii alatti ajjeefamuu waan hin qabneef, hara, borii
fi iftaan adeemsa koo itti fufuun qaba.
Yaa
#iyerusaalem, yaa iyerusaalem, #raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu, akkuma #lukkuun cuucota ishii qoochoo ishii jalatti
walitti qabdu sia meeqan ijoollee kee sassaabuu barbaade! Isin garuu
hin barbaadne.

Kunoo, manni
keessan isiniif kan dhiifame taa. Ani
isinitti nan hima, ‘Inni
#maqaa Waaqayyootin dhufu eebbifamaa dha!’ hanga jettanitti matumaa #ana hin argitan.”

⓸=Luqaas 17:22_24
Achiis barattoota isaatiin akkana jedhe: “Yeroon isin guyyoota
#Ilma namaa keessaa isa tokko #arguu itti hawwitan ni dhufa; garuuhin argitan.

Namoonnis, ‘Kunoo
achi jira!’ yookiin ‘Kunoo
as jira isiniin jedhu. Isin garuu hin dhaqinaa yookiin isaan duukaa hin buinaa.

Akkuma
#bakakkaan kutaa #samii isa tokkoo hamma kutaa samii
isa kan biraatti ibsu,
#guyyaa Ilmi namaa itti mulatus akkasuma ni ta'a.


🥀gaaffii kan Kiristoos
Duukaa bu'oota isa wajiin
Dubbate turee.

=Yohaannis 13:32_34
Waaqayyo ulfina isaaf kenna; inni yeruma
sana isaaf ulfina ni kenna.

Yaa
#ijoolle, ani yeroo gabaabaadhaaf isinii
wajjin jira.
#Isin na barbaaddu; akkuma ani Yihudootatti, ‘Isin #bakka
ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’
jedhee dubbadhe, amma immoo isinittis nan dubbadha.

Akka isin
#wali jaallattaniif ajaja haaraan isiniif
kenna; akkuma ani isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa

=Yohaannis 13:36_37
#Simoon Pheexiros, “Yaa Gooftaa eessa dhaqxa” jedheen. #Iyyaasuus deebisee, “Bakka ani dhaqutti ati #amma na duukaa bu'uu hin dandeessu, booda garuu na duukaa buuta”
jedhe.
#Pheexirosis, “Yaa Gooftaa, ani amma maaliifan si duukaa
bu'uu hin dandau?
Ani siif jedhee
#lubbuu koo illee dabarsee nan kenna” jedheen.

=Yohaannis 14:2_4
#Mana Abbaa koo keessa iddoon jireenyaa hedduun jira. Iddoo isiniif #qopheessuu waanan deemuuf, kun utuu ta'uu baatee isinitti
nan himan ture.
Anis dhaqee ergan iddoo isiniif qopheessee booda, isinis
#iddoo ani jiru akka taataniif deebiee dhufeen iddoo ani jirutti isin fudhadha.
Iddoo ani dhaqus
karaa isaa ni beektu.”
▣▣▣▣▣▣▣▣▣▣
🌹yeroo xumura immoo
Namoonni Amantii sirrii
Fi hojji gaarii jiratani
Gara mootummaa sami
Ni argatu yeroo sana.
Kiristoos wajjjin jiratuu.

⓵=Mul’ata 22:2_5
#Magaalattii keessa kana booda abaarsi hin jiru. Kanaa mannaa #teessoon #Waaqayyoo fi tees￾soon #Hoolichaa magaalattii keessataa, #garboonni Waaqayyoos #tajaajila
qulqulluu isaaf dhiheessu; isaan fuula isaa ni argu;
#maqaan isaas
#adda isaanii irratti ni #barreeffama.
Kana boodas achi keessa halkan hin jiru; Waaqni keenya Waaqayyo ifa
waan isaan irratti ibsuuf, ifni ibsaa yookiin ifni aduu isaan hin barbaachisu; isaanis
#baraa hamma bara baraatti mootota taanii ni bulchu.

⓶=Ibroota 12:22
#Isin garuu, Gaara #Tsiyoonii fi magaalaa
Waaqayyo jiraataa, jechuunis
#iyerusaalem ishii samiitti dhihaattaniittu;
akkasumas
#maleekota kumaatama lakkawamu
Hin dandeenyiti.
===============
🌹link kan fayyadama📍
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
====🌼🌼🌼=====
🌹🍀kuta-24ffªª🍀🍀
Gaaffii fi Deebii
📍Musiliimoota📍
----------------------------
Yohaannis 8:21

Kiristoos akkasi jedhe
#Ani nan deema,
isinis na barbaaddu,
taus
#cubbuu keessaniin ni duutu.
Bakka ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
----------------------
=Gaaffii isaanii Kiristoos
Cubbuu balleessuuf hin
Dhufne ,..
◈ erga cubbuu balleessuuf
Dhufee maaliif cubbu keessani ni duutu jedha
Ree.....jedhuu
▬▬▬▬▬▬▬▬
◈Deebi keenya
Hordofaa.
=Lakki cubbuu balleesuuf dhufe, garuu namoonni
Kiristoosi itti hin amanee
Eeyyee cubbuu isanittin
Ni du’u

Kiristoos cubbuu keessaniin ni dutu
Kan jedhee namoota
Isaatii hin amanee
Wani jiraniif

📍Ragaa kitaaba
⓵=Yohaannis 8:22-24
Achiis Yihudoonni,
Bakka ani dhaqu isin
dhufuu hin dandeessan’ kan jedhu,
of ajjeesuu barbaadeetii laata?” jechuu jalqaban.
Innis akkana
isaaniin jedhe: “isin
#gadi irraa ti;
ani garuu
#olii irraa ti.
Isin addunyaa kana
irraa ti; ani garuu addunyaa kana irraa miti.
Ani
#cubbuu keessaniin ni #duutu kanan isiniin jedhes kanumaafi. Sababiin isaas,
=
#inni dhufu
sun
#Ana tauu koo hin #amantan taanaan,
isin cubbuu keessaniin
ni duutu


⓶=Yohaannis 11:9-10
Iyyaasus(kiristoos)
deebisee akkana jedhe: “
#Guyyaan tokko sa'aatii 12f #ifa qaba mitii?
#Namni ifa guyyaatiin
deemu kam iyyuu, ifa
#addunyaa kanaa waan arguuf, waan tokkotti illee hin gufatu.
#Namni_halkaniin
deemu kam iyyuu garuu, ifni isa keessa waan hin jirreef ni gufata.”

⓷=Yohaannis 12:34-41
Achiis
#namoonni
hedduun sun deebisanii, “Nuti #Kiristoos bara baraan akka jiraatu Seericha irraa dhageenyeerra. Maarree
ati akkamitti
#ilmi namaa olii kaafamuu qaba jetta? Ilmi namaa kun
hoo eenyu?” jedhaniin.
Kanaaf Iyyaasus akkana isaaniin jedhe: “Ifni
sun yeroo
#gabaabaadhaaf isin bira ni tura. Kanaaf, dukkanni sun akka
isin hin
#liqimsine, yeroo ifa qabdanitti deemaa; #namni dukkana keessa deemu hundi, garamitti akka deemu hin beeku.
Isin
#ilmaan-ifaa
akka taataniif, yeroo ifa qabdan kanatti ifichatti
#amanaa.”Kiristoos wantoota kana erga dubbatee booda achii deeme; isaan jalaas ni dhokate.
Inni dinqii hedduu isaan duratti kan hojjete
taus, isaan garuu isatti
#hin amanne;
kunis kan tae, wanti
#Isaayyaas raajichi, “Yaa Waaqayyo wanta nu irraa dhagaetti kan amane eenyu?,Irreen Waaqayyo hoo #eenyutti mulifame?” jedhee dubbate akka raawwatamuuf ture. Sababii isaan
#amanuu itti hin dandeenye ilaalchisee Isaayyaas ammas akkana jedheera:
“Isaan
#ija isaaniitiin arganii, #garaa isaaniitiin hubatanii,akka hin deebinee fi anis akka
isaan
#hin_fayyisnetti, inni ija isaanii jaamseera;
#garaa isaaniis jabeesseera.”
#Isaayyaas wantoota kana kan dubbate, #ulfina isaa waan #argeef ture; waaee isaas dubbateera.

⓸=Yohaannis 5:40

isin jireenya argachuuf
gara koo dhufuu hin barbaaddan.

⓹=Yohaannis 1:4-5
#Wanti karaa isaa tae #jireenya ture; jireenyi immoo #ifa namootaa
ture. Ifni dukkana keessatti ifaa jira, taus dukkanni isa hin
#moone

⓺=Yohaannis 1:9-13
#ifichi inni dhugaan #akaakuu namoota hundaatiif ifa kennu,
#gara addunyaa dhufuuf jedha ture.
Inni addunyaa
#keessa ture, addunyaanis
karaa isaa
#argame; taus addunyaan isa #hin_beekne.
#Inni gara biyya isaa dhufe; haatau malee, sabni isaa isa hin #simanne.

#Warra isa simatan hundumaatiif garuu, #maqaa isaatti waan #amananiif, ijoollee
Waaqayyoo akka taaniif mirga isaaniif kenne. Isaanis
#Waaqayyo irraa #dhalatan malee, #dhiiga irraa yookiin fedhii #foonii irraa yookiin fedhii
#dhiiraa irraa hin dhalanne.

⓻=Yohaannis 3:15-21
kuni, isatti kan
#amanu
hundi #jireenya bara baraa akka qabaatuufi.

“Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin
#badneef,Waaqayyo Ilma
isaa isa
#tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayee jaallateera.

Sababiin isaas, Waaqayyo Ilma isaa gara addunyaatti kan erge, addunyaan karaa isaa akka
#fayyu malee akka inni addunyaatti murteessuuf miti.
Isatti kan amanu
hundi itti hin
#murteeffamu. Isatti
kan hin amanne hundi,

#maqaa Ilma Waaqayyoo isa tokkichatti waan hin
amanneef, ammuma iyyuu itti murteeffameera.
🌹💒kutaa-31 ffªª📍👇
➧ Gaaffii fi Deebi

Musiliimota👈

Yohaannis 9:3
Iyyaasus(Kiristoos) akkana jedhee deebise: “
#Hojiin_Waaqayyoo isa irratti akka mulatuuf kun ta'e malee, namichi kunis tae warri(maatiin) isaa cubbuu hin hojjenne.
-------------------------
📍➧Gaaffii isaanii Kiristoos
#hojii_Waaqayyo irratti yaa,mulatu jedhee malee #hojiin_kiyyaa irratti haa, mulatu hin jennee
#kanafuu ija namicha kani fayyee humna Kiristoosiin mitii
jedhu..
▬▬▬▬▬▬▬

📍➧Deebi keenya
lakki ija namicha kani fayyise Abbaa qofa mitii
Kiristoos illee fayyisee jira
kan jedhuu ta'a. yeroo kamiyyuu wanta Abbaan hojjatu Kiristoos illee ni hojjata.

⓵=Yohaannis 5:19

Iyyaasus(Kiristoos) akkana jedhee isaaniif deebise #Dhuguma dhuguman isiniin jedha, #Ilmi(Kiristoos) #waanuma Abbaan isaa #yeroo_hojjetu arge qofa
malee, ofii isaatiin kakaee wanta tokko illee hojjechuu hin dandau.
#Sababiin isaas waanuma Abbaan hojjetu hunda, Ilmis haaluma #wal_fakkaatuun wantootuma sana hojjeta.

💒kanafuu hojjin Abbaa ni mulataa yoo, ta’e kan ilma ni mulata jechudha.
kanafuu hojiin Waaqayyo irraatti yaa,mulatu,jechuun
hojjin ilma illee irratti yaa,mul’atu jechudha.

⓶=Yohaannis 16:15

#Wanti_Abbaan qabu hundi kan koo ti. Inni wanta kan koo tae #irraa fudhatee isinitti beeksisa kanan jedhes kanumaafi
#ለአብ ያለው ሁሉ የእኔ ነው ስለዚህ፡ ለእኔ ካለኝ #ወስዶ ይነግራችኋል፡ አልሁ
(ዮሐንስ 16:15)
=================
📍fakkeenya tokkoo
ilaala👇
#Pheexiroos namicha tokkoo ni fayyisee maqaa Kiristoos qofaa fayyadame.
kanafuu humnaa eenyutin fayyee
namichi kuni...

⓷=HDB 3:6
#Pheexiros garuu, “Ani
meetii fi warqii hin qabu; wanta ani qabu garuu siif nan kenna.
#Maqaa
Iyyaasus Kiristoos nama Naazireetiitiin kaiitii deemi!” jedhe.

⓸=HDB 3:12

Pheexiros yommuu kana argu,namoota sanaan akkana jedhe: “Yaa namoota Israaeli akka waan nuti #humna keenyaan yookiin namoota
Waaqayyoof bulan tauu keenyaan namichi kun akka adeemu goonetti
maaliif dinqisiifattu? Maaliifis fajajjanii
nu ilaaltu

📍➧akka dubbii kanatti namichi kuni humna Kiristoosiin akka fayyee ni ibsaa, Pheexiroos fi Yohaannis
maqaa Kiristoos ni Fayyisaan.

🌹
#Kiristoos garuu maqaa eenyu waamee namicha ija isa jaamaa ta’e sana fayyisee
ree...
➧=lakki Kiristoos humna isaan fayyisee malee wanta biraa mitii, ergaa humna isaan fayyisee immoo Kiristoos Waaqayyo dha jechudha
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📍Dubbi kitaaba namoota kana illachise akkasi jedha (
#Musiliimota)
fi
#shakitota hundumaa dabalatee

❶=Roome 3:13

Laagaan isaanii #awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiinis gowwoomsaniiru.”
#Summiin bofaa afaan isaanii keessa jira.”
ጕሮሮአቸው እንደ ተከፈተ
#መቃብር ነው፥ በመላሳቸውም ሸንግለዋል፤ የእባብ #መርዝ ከከንፈሮቻቸው በታች አለ
(ሮሜ 3:13).

➋=Roome 11:8
Waaqayyo
#ija arguu hin dandeenyee fi #gurra dhagauu hin dandeenye isaaniif kennee hanga #guyyaa haraatti hirriba hafuuraa cimaa isaanitti buuse” jedhamee barreeffametti dha.(Raji isayaas 29:10)
#ዓይኖቻቸው እንዳያዩ #ጆሮቻቸውም እንዳይሰሙ እግዚአብሔር #የእንቅልፍ መንፈስን እስከ ዛሬ ድረስ ሰጣቸው፡ ተብሎ ተጽፎአል
(ሮሜ 11:8)
▬▬▬▬▬▬
🌹link kan xuqa
hordofa👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
=====//=====
🌹kutaa_³⁶ ffªª🌷dubbisa
🅱Gaafi fi Deebi.
Musiliimota🔼
Yohaannis 10:28👇
Ani
#jireenya bara baraa isaaniif nan kenna; isaan matumaa hin balleeffaman(hoomtu hin badu) eenyu illee harka koo keessaa isaan hin butatu(fudhatu)
🔉 "Kiristoos jireenya akkamii kenuu danda'u jedhuu...isaa booda immoo ofuma isaanii jireenya inni jedhee kan turee jedhuu.⚠️
🅱 Yohaannis 17:2-3
akkuma ati namoota hunda irratti Aangoo
isaaf kennite, innis warra ati isaaf kennite hundaaf
#jireenya_bara baraa akka kennuufi. Jireenya bara
baraa
#argachuu akka dandaaniif, si isa #Waaqa dhugaa tokkicha taatee fi #Iyyaasuus Kiristoos isa ati ergite sana beekuu qabu.
➝kanafuu akka yaada isaanitti jireenya jechuun kan turee jedhu.
▬▬▬▬▬▬▬
📚Deebii keenya📌
Akka deebii isanitti Abbaa fi Kiristoos beeku qofatu jireenya bara baraa fida
➡️ gaaffii keenya kana irratti akkamitti Kiristoos fi Abba beekuu qofa hiikaa isaa maali dha kani jedhu ta'a ... 🛐
➝iddoo kana irraatti Kiristoos
#dubbii dhokta dubbate maale hiika isaa ifa hin goonee * Sababiin Kiristoos kan duraa waee #hiika jireenya bara bara dubbachaa waani tureefi amma garuu xinnoo ishe dubbatee. kunis Jechi kuni iddoo kana irratti ifa mitii (Yoh 17:2-3)*akkamitti akka ta’e hooma hin ibsu.

🕉 yaadaa Bira immoo namni jireenya bara bara kana argatu Kitaabni haalagaragaraan ni ibsaa.

⓵=seera egudhan
=Mat 19:16-17)
➁=wanta Addunyaa kana dhisani Kiristoos duuka budhan
=Mat 19:29)
⓷=Hojii gaarii hojjachuun
Mat 25:46
⓸=Affuuri Qulqulluun jireenya akka kenuu
=Roome 8:11)
▬▬▬▬▬▬▬▬
🤎 « amma gara deebii keenyatti koota➧ Kiristoos jireenya bara bara isiniif nan keenna kan jedhee,maalif sababi jalqabaa barsiisa turee ammas irraa deebi'ee itti himme. ✏️»

🅾 Ragaa Kitaaba♈️
❶=Yohaannis 1:3-4
Wanti hundi karaa isaa tae wanta tae keessaas isa malee wanti tae tokko
illee hin jiru. Wanti karaa isaa tae
#jireenya
ture; jireenyi immoo
#ifa namootaa ture.
❷=Yohaannis 3:14-15
Akkuma Museen lafa onaa keessatti
#bofa
fannise, Ilmi namaas fannifamuu qaba; kunis, isatti kan
#amanu
hundi
#jireenya bara baraa akka qabaatuuf
❸=Yohaannis 5:21
Akkuma Abbaan namoota duan kaasee
#jireenya isaaniif kennu, #Ilmis
nama barbaadeef jireenya ni kenna.
❹=Yohaannis 5:29
warri wanta
#gaarii hojjetan duaa kaiinsa jireenyaatiif warri wanta gadhee hojjetan immoo duaa kaiinsa murtiitiif awwaala keessaa ni bau.
➎=Yohaannis 5:39-40
“Isin Kitaabota Qulqulluudhaan
#jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif #kitaabota sana qorattu; kitaabonni kunis
waaeedhuma koo dhugaa bau. Taus, isin jireenya
#argachuuf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
❻=Yohaannis 6:27
Nyaata baduuf hin hojjetinaa; kanaa mannaa
#nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf, isa #Ilmi namaa isiniif kennu sanaaf hojjedhaa; sababiin isaas, Waaqayyo Abbaan
chaappaa isaa Ilma irratti godhee
mirkaneesseera.”
❼=Yohaannis 6:35
Iyyaasus(kiristoos) akkana isaaniin jedhe: “
#Ani nyaata jireenyaa ti. Namni
#gara koo dhufu hundi matumaa hin #beelau; namni anatti amanu hundis matumaa hin #dheebotu.

❽=Yohaannis 6:40
#fedhiin Abbaa koo namni Ilma #beekee isatti #amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuufi; anis guyyaa
dhumaatti
#duaa isa nan kaasa.”
❾=Yohaannis 6:53-54
Iyyaasus(Kiristoos)akkana
isaaniin jedhe: “
#Dhuguma dhuguman isiniin jedha, #foon Ilma namaa yoo nyaattanii fi dhiiga isaa
yoo dhugdan malee, ofii keessaniin
#jireenya hin qabdan. Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo
dhugu hundi jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa dhumaatti
#duaa
isa nan kaasa;

❿=Yohaannis 7:38
Akkuma
#Kitaabni
Qulqulluun jedhu, anatti kan amanu hundi: ‘Lagni
#bishaan_jireenya kennuu isa keessaa ni yaaa.’

⓫=1Yohaannis 5:12-13
#Namni Ilma sana
qabu jireenya kana qaba; namni Ilma Waaqayyoo hin qabne jireenya kana hin qabu. Ani wantoota kana kanan isiniif
#barreessu, isin warri #maqaa
▬▬▬▬▬▬▬▬
link xuqa hordofa.
@haadha_Waaqa_naJaladha
++++👇👇
➡️🅱 kutaa_37ffªª🥥⚠️👇

➡️Gaaffii fi Deebi ♈️
🐧Musiliimota🐔
Yohaannis 10:29
Abbaan koo inni anaf kenne isaan kana hundumaa ni
#caalaa homtuu harka abbaa koo keessaa isaan basu hin danda'u
▬▬▬▬▬▬▬
🔔 Gaaffiiin isaan Abbaan Kiristoos ni caalaa jedhuu...🤏.
▬▬▬▬▬▬▬
➧Deebii keenya
kuni dogogora isaanitti akka
#hiika iddoo kanati Abbaan hunduma ni caala kan jedhe kiristoos Abbaa fi #Uumamtoota kani wali bira qabe malee, wanta bira mitti *

🔼 Ragaa_kitaaba

🅾 kanafu Abbaan koo,hundumaa ni caalaa yoo,jedhee Kiristoos kuni sirriidha “ kanafuu kabajaa Abbaa ibsaa jira iddoo kana irratti
⓵=🥥 Yohaannis 17:4_6
Ani hojii akkan hojjedhu Anaaf kennite xumuree,
#lafa irratti #ulfina(kabaja)sii kenneera.
Kanaaf, yaa
#Abbaa ulfina #Ani addunyaan uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni.

“Ani namoota ati addunyaa keessaa anaaf kennitetti
#maqaa kee
muliseera. Isaan kan kee turan; ati anaaf isaan kenniteetta; isaanis dubbii kee eeganiiru.
✏️Abbaa hunda ni caalaa jedhuun guutummaatti kabaja yookiin ulfina Abbaa ibsuuf ture, Jechi
#maqaa ke Ani mul’iseera jedhuu kanuma ture.

🌸 Jechi immoo Ani lafaa irratti kabaja//ulfina siif kenne jedhu kuni illee akkamitti ibsa yoo,jedhamee “ Abbaan koo, hundumaa caala kan jedhuu kana ta'a malee wanta biraa maali ibsa:ree.“»
🔔Jechi immoo
#Addunyaa keessatti maqaa kee,mulise jedhuu
Addunyaa kan jedhame nama malee biyyaa Israa'el ykn biyyaa Amerikaa ykn biyya Ethiopia miti.
kuni kallattiin namoota ibsa jechudha. Abbaan koo,hundumaa ni caalaa jechuu namoota//Uumamtoota akka caaluu ibsuuf akkasii jedhee.(Yohaannis 3:17)

🅱 Haata’u malee qofa kabaja barbaachisaa akka hin jennee Kitaabni sii,dhorkaa hubbachu Kiristoos illee kabajni ni barbaachisaa.
🔔Yohaannis 5:23
#namni_hundi akkuma #Abbaadhaaf ulfina kennu, Ilmaafis ulfina akka kennuufi. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa isa ergeefis ulfina
hin kennu.
((
#kutaa_30_ffaa dubbisa waee ulfina Abbaa fi Kiristoos maali akka ta’e))

🅾🅾🅾🅾🅾🅾🅾
➛Kiristoos fi namoota lafa kana (Uumamtoota wali biraa qabu hin dandeessuu

maalif yoo, jennee
#Kiristoos immoo samii irraa akka dhufee nutti garuu samii irraa hin dhufne, akkasumas addunyaa dura hin turee. 👇
➁=Yohaannis 17:5
Yaa Abbaa
#ulfina Ani addunyaan #uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati #ofii biratti ulfina anaaf kenni
➛osoo namni, ergamoonni, lafa fi samiin hin Uumamni kabajin ykn ulfinni Kiristoos maali turee..... 🥥
➧ kanafuu Kiristoos addunyaa kan dura turee.

⓷=1Qorontoos 15:47
#Namni inni #jalqabaa lafa irraa dhufe, akkasumas #biyyoo irraa hojjetame; #namni inni #lammaffaan garuu #samii irraa dhufe

⓸=Yohaannis 3:13
#Ilma namaa isa #samii irraa gadi bue malee, namni gara samiitti oli
bae tokko illee hin jiru.

➄=Ibroota 1:3
#Inni_ulfina_Waaqayyoo
ni
#calaqqisa, #eenyummaa isaas sirriitti bakka bua, akkasumas waan #hundumaa humna dubbii isaatiin jiraachisa. Inni #cubbuu keenya erga
qulqulleessee booda, iddoo oli aanaa mirga isa Suurra Qabeessa sanaa taae.

((
#እርሱም የክብሩ #መንጸባረቅና የባሕርዩ ምሳሌ ሆኖ፥ #ሁሉን በስልጣኑ ቃል እየደገፈ፥ #ኃጢአታችንን በራሱ ካነጻ በኋላ በሰማያት በግርማው #ቀኝ ተቀመጠ➧(ዕብራውያን 1:3)

▬▬▬▬▬▬▬▬
➛kanafuu Walumaa galatti Abbaan hundumaa caalaa kan jedhu kabaja Abbaa ibsuudhaaf Kiristoos kana dubbate iddoo kana irrati kani jedhu ta'a.
⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️⚠️
➧link kan xuqaa 👇👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
@haadha_Waaqa_naJaladha
=====//====//==
🔳 ⤴️ kutaa -64- ffªª ⤵️ 🔳
🔺 gaafi fi Deebi
🔺Muslimoota
Yohaannis 14:13
Abbaan karaa
#Ilmaa ulfina akka argatuuf, wanta isin maqaa kootiin kadhattan hunda
ani isiniif nan raawwadha
======"||
📍gaaffii isaanii
1=Kiristoos ilma kani jedhamuu akkamu namoota kani ilma jedhanii amanu dha jedhu
========||×
🌺 Deebi keenya.🌺👇
Kiristoos ilma kani jedhamuu kani isa kuni gonkuma adda‼️
⓵.)) Kiristoos qofaatu addunyaa Uumamuu ishee duraa jira
📍Yohaannis 17:5
Yaa Abbaa ulfina
#Ani addunyaan #uumamuu isaa dura si biratti qabu sanaan, ati of biratti ulfina anaaf kenni.
⓶.)) ilma Kiristoos qofatu Waaqayyo biraa turee
📍Yohaannis 1:18
Yeroo kamitti iyyuu
#namni Waaqayyoon arge hin
jiru
#ilma_tokkicha isa taee fi
Abbaa bira jirutu waaee Isaa nuu ibse.
⓷.)) Seexanni Kiristoos qofaan ilma Waaqayyo jedhee malee
📍Maarqoos 3:11
#Hafuuronni xuraaoon illee, yommuu isa argan hundatti isa duratti kufanii “Ati #Ilma_Waaqayyoo ti” jedhanii iyyu turan.
⓸.)) Kiristoos ilma Waaqayyo qofa malee eenyu ergamoota erge .namoota walitti qaba
📍Maarqoos 13:27
Innis yeroo sanatti Ergamoota(maleekota) ergee, warra isaaf
#filataman_andaara lafaatii hanga andaara samiitti kallattii arfanii #walitti ni qaba.((Mat 25:31)* luq 21:36
⓹.)) ilma Kiristoos isaa qofaatu samii irraa dhufee malee.
📍Yohaannis 6:62
#Ilmi namaa #bakka_dura turetti utuu oli bauu yoo argitan maal jettu ree?
⓺.)) ilma Kiristoos qofan jireenyi argama.
📍Yohaannis 20:31
Wantoonni kun garuu kan barreeffaman Iyyaasus(kiristoos) dhuguma inni Kiristoosii fi
#Ilma_Waaqayyoo tauu
isaa akka amantaniif, amantaniis karaa
#maqaa isaa jireenya akka argattaniifi.
⓻.)) ilmi Kiristoos illee ergamoota irraa adda akka ta’e
📍Ibroota 1:5
Fakkeenyaaf Waaqayyo maleekota keessaa isa kamiin, “Ati
#ilma_koo ti; ani hara #si #dhalfadheera,” akkasumas “Ani #abbaa isaa nan taa, innis ilma koo ni taa” jedhee beeka?
⓼.)) Kiristoos
#ilma waqayyo jechuu qabu namni hundinuu
📍1Yohaannis 5:5
#Addunyaa mouu kan dandau
eenyu? Isa Iyyasus(Kiristoos)
#Ilma_Waaqayyoo tauu isaa amanu sana mitii?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👉Kiristoos karaa
#foonii ilma #Abrahaam ,ilma #Daawit,ilma Maariyaami jedhama( Mat 1:1)* (Rome 1:3)* (Ibrotaa 2:15).
🌲kanafuu iddoo kanatti gara foonii ilma isaanii jedhama malee gara Gooftummaa isaa fi Waaqayyummaa isaani ilma isaani miti.
📌Maatewos 22:41_46
#Fariisonni walitti qabamanii
utuu jiranii Iyyasus(Kiristoos)akkana jedhee isaan
#gaafate Waaee #Kiristoos maali yaaddu? Inni #ilma eenyuuti? jedhe Isaanis, #Ilma_Daawiti” jedhaniin Innis akkana jedhee isaan gaafate: Maarree, Daawit akkamitti #hafuuraan geggeeffamee #Gooftaa’ jedhee isa waama? Daawit #Waaqayyo_Gooftaa kootiin, “Ani diinota kee miilla kee jala hamman siif godhutti ati #mirga koo taai” jedheera’ jedhee dubbateera Maarree #Daawit Gooftaa jedhee
erga isa waamee, akkamitti ilma isaa taa? Sana booda namni tokko illee deebii isaaf kennuu hin dandeenye guyyaa sanaa jalqabees namni gaaffii kan biraa isa gaafachuuf ija
jabaate hin turre
🅰 akkuma Daawitif gara
#foonii qofaan ilma ta’e ,gara foonii ilma Abrahaami, ilma Maariyaami, ilma Nohii ni jedhama, garuu gara gooftummaa immoo ilma Daawit miti ,akkasumas ilma Maariyaami miti inni Waaqa fi Gooftaa Maariyaamitti ,Daawitii, Abrahaami malee.
===============
link waldaa keenya xuqa👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
=========//==========
🅰 kutaa-73-ffªª .🅰
     👉 gaaffii fi deebi
     👉 Musiliimota
Yohaannis 17:3
Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee fi #Iyyaasuus_Kiristoos isa ati #ergite sana beekuu qabu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
gaaffii isaanii 👇
1= Waaqa Tokkicha jira ,Kiristoos immoo Eegamadha jedhuu.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼//⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
Deebii keenya.
🌾 Lakki lamanuu isaanii iyyuu Waaqa kani jedhuu ta'a.
Fakeenyaf Kiristoos iddoo itti waaqa jedhamee. Ilaala.
⓵➧Yohaannis 20:28
Toomaasis deebisee, “Gooftaa ko,
#Waaqa koo!” jedheen.
👉Abbaan immoo iddoo itti Waaqa jedhamee.
⓶➧Yohaannis 8:54
Iyyaasuus Kiristoos deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu,
#Abbaa koo isa isin #Waaqa keenya jettan sana dha.
🌺 Kanaafuu Abbaa fi ilmi Waaqa =ok.☑️
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🧣gara mataa duree keenyaatti yeroo deebinuu immoo.
🪖
#Hiika Yohaannis 17:3 jecha tokko tokkoon ilaala.

📍A))👉⁼Jireenya bara baraa argachuu akka dandaʼaniif, si isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee fi #Iyyaasuus_Kiristoos isa ati #ergite sana beekuu qabu.
👉 jireenya bara bara kani keenuu eenyu Abbaa mooKiristoos
Deeebi isaa akka dubbisa kanatti Abbaa fi Kiristoos ibsa Sababiin isaa " waliqabisisuutu
#fi yookiin afaanii Ingiliffaatiin #and * Afaanii Giriikiitiin (καί)  seeri afaanii kuni fi yeroo hunda yaada dabalataa ibsuuf fayyada.
⓷➧Yohaannis 20:31
Wantoonni kun garuu kan barreeffaman Iyyasus kiristoos dhuguma inni Kiristoosii fi Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa akka
#amantaniif, amantaniis karaa #maqaa isaa #jireenya akka argattaniifi.
⓸➧Yohaannis 6:40
fedhiin
#Abbaa_koo namni #Ilma_beekee isatti amanu #hundi_jireenya bara baraa akka qabaatuufi; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”

🌺 kanafuu jireenyaa bara bara kani kennuu Abbaa fi ilma,erga ta’e ,Abbaa fi Kiristoos Tokko jechudha.😁

📍B))👉⁼ hiika bira immo ❝ sii, isa
#Waaqa dhugaa #tokkicha taatee ❞
👉iddoo kana irratti Waaqa tokkicha kani jedhamee
Eenyuu
=deebi isaa👉 Abbaa dha.
Kanafuu abbaa meeqatu jira Abba tokkicha.
Kitaaba keessatti Abbaan jechuun waaqa isaanii jettanii sani jedhe Kiristoos dubbatee jira
⓹➧Yohaannis 8:54
Iyyaasuus Kiristoos deebisee akkana jedhe: “Ani yoon ulfina ofiif kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Inni ulfina anaaf kennu,
#Abbaa koo isa isin #Waaqa keenya jettan sana dha.
🌺 Abbaa=Waaqa jechudha

« kanafuu nuutis Abbaa
#Tokkicha qofa jira jenne
amana » ,"akkasumas ilma tokkicha qofatu jira jenne amana",Akkasumas Affuurra Qulqulluu tokkicha qofatu jira jennee Amana.
⓺➧Yohaannis 3:16
“Isatti kan
#amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, #Waaqayyo(Abbaan)  #Ilma isaa isa #tokkicha hamma kennuufitti addunyaa kana baayʼee jaallateera.
⓻➧1 Qorontos 12:4
Kennaan garaa garaa jira,
#Afuurichi garuu #tokkichuma sana.
👉 Abbaa
#Tokkicha qofaa
👉 ilma
#Tokkicha qofaa
👉 Affuura Qulqulluu
#tokkicha qofa.
🌺 nuuti warri orthodoksi kanitti Amana.

📍C))👉⁼ Musiliimoonni Kiristoos ergamadha jedhu. Yeroo kana nutti gaaffii qabna kani ergamee kuni eenyu jennee gaafana
⁼yeroo kana immoo Kiristoos jedhuu ,Kiristoos kuni eenyu jennee gaafana ilmaa Waaqayyo nuun jedhuu.
Kanafuu " kani ergamee dhufe kuni ilma Waaqayyo jedhi amani kaa. Yaa, Muslimaa.
⓼➧Yohaannis 11:27
Ishiinis, “Eeyyee, yaa Gooftaa, ati
#Kiristoos, #Ilma_Waaqayyoo isa gara #addunyaa dhufu sana akka taate nan amana” jetteen.

📍D))👉⁼ kiristoos maalif abbaa tokkicha fi ilma tokkicha ergamee dhufe beeku qaban jedhee.
Sababiin isaa Abbaa fi Kiristoos wani hin beekneef, akkasii jedhe,
⓽➧Yohaannis 16:3
isaan wantoota kana kan godhan
#Abbaas taʼe Anaan waan #hin_beekneefi.
⓾➧Yohaannis 8:19
Isaanis, “
#Abbaan kee eessa jira?” jedhaniin Iyyaasus Kiristoos “Isin #Anas taʼe #Abbaa koo hin #beektan. Utuu Ana beektaniittu taʼee, Abbaa koos ni beektu turtan” jedhee deebiseef
kanafuu jireenyi bara bara kani argamuu Abbaa fi Kiristoos beekuu qabuu jedhe,akkekachisee jira.
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
link kana xuqa hordofuu dandeessu👇
@haadha_Waaqa_naJaladha
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
🅾 kutaa-75-ffªª.🌺
       ➻ gaaffii fi deebi
       ➻ Muslimoota fi
      👉 pheenxee
Yohaannis 17:9
Ani waaee isaanii sin
#kadhadha kan Ani si kadhadhu waaee #addunyaa utuu hin tain, waaee warra ati Anaaf kennite sanaa ti; sababiin isaas isaan kan kee ti
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
◊➻gaaffii isaanii.
1= warri Muslimaa akkasii jedhuu erga Kiristoos Waaqayyo ta’e maaliif kadhachuu barbaachise jedhuu😁
2=warri pheenxee akkasii jedhuu Kiristoos nuuf kadhata jedhuu😁
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
◊ Deebi keenyaa.👇
Kiristoos Ani isiniif hin kadhadhu jedhe jira kani jedhuu ta'a.
⓵➸Yohaannis 16:26.
Guyyaa sanatti isin
#maqaa kootiin Abbaa #ni_kadhattu; kana jechuun koo garuu #Ani isiniif nan kadhadha jechuu
koo
#miti.
◊➛ Muslimaa fi pheenxee iddoo kana irratti immoo maali jeetu ree ?siila Kiristoos Ani isiniif hin kadhadhu jedhe jira.
Yaa
#Muslimaa maali siif
waya re
Yaa
#pheenxee maali siif
waya re
⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼||⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼⁼
➛Amma immoo hiikaa jechoota sana ilaala (Yoh 17:9) irraa kani jiruu maali ibsaa.

A))◊➛Ani siin kadhadhaa jedha Kiristoos eenyu kadhata. jennee yeroo gafanu immoo Muslimaa fi pheenxee ,akkasumas amantooni tokkoo tokko Kiristoos Abba kadhata nuun jedhuu.
➛yeroo akkasii immoo nutti orthodoksooni Abbaan ofii isaa iyyuu hin beekuu kani geena kadhadha barbaduu jennee gaafana😁 .
👉 yeroo kana immoo
deebin hin jiru 🙈
➻amma garuu Kiristoos isiniif nan kadhacha yeroo jedhuu barattoota sanatu cubbuu hojjatee moo? Jenne gaafana Lakki barattoonni(11) Kiristoos gonkumaa cubbuu  hin hojjanne.
⓶➸Yohaannis 13:10-11
Iyyasus Kiristoos “Namni qaama isaa dhiqate hundi guutummaatti
#qulqulluu waan
taeef, miilla isaa dhiqachuu qofatu isa barbaachisa.
#Isin qulqulluu dha,garuu #hunda keessan miti” jedheen Kana kan jedhe, nama dabarsee
isa kennu waan beekuuf ture. “Qulqulluu kan tae hunda keessan miti” kan jedhes kanaaf ture.
◊➛ kanafuu barattoonni Kiristoos Qulqulluu dha, yihudaa Qofti Qulqulluu miti inni cubbuu qaba. Kiristoos darbarse kenne jira wani ta’ef.
⓷➻Maatewos 26:24-25
Dhugaa dha, Ilmi namaa
akkuma waaeen isaa barreeffame
ni deema; isa Ilma namaa
#dabarsee kennu sanaaf garuu #wayyoo! Namni sun utuu hin dhalanne taee isaaf
wayya ture.”
#Yihudaan inni dabarsee isa kennuuf jedhus deebisee, “Rabbii, ana tainnaa laata?” jedheen. Iyyaasusi “Atumti iyyuu jette kaa” jedhee deebiseef.
⓸➻Yohaannis 18:11
Iyyasus kirjstoos  “Waaqayyo biraa utuu siif hin kennamne taee, Ana irratti
#Aangoo tokko illee hin qabaattu turte. #Namichi_dabarsee sitti na
kenne,
#cubbuu_guddaa kan qabu kanaafi” jedhee deebiseef
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
Walumaagalatti barattoota 12 keessa tokko qofatti cubbuu hojjate jira
➪ barattoonni 11 Qulqulluudha
➪barataa 1 immoo Qulqulluu miti.
👉erga akkasii ta’e immoo Yohaannis 17:9 Ani isiniif nan kadhadhaa kani jedhanii Kiristoos barattoota 11 malee yihudaa miti. Sababiin isaa yihudaan achi bahee deeme jira.
⓹➻Yohaannis 13:30
Kanaaf, Yihudaan
#buddeena daabboo cabaa sana erga #fudhatee booda, yeruma sana #gadi_bae.Yeroon isaas halkan ture.
👉 yihudaa erga gadi bahee hin deebinee ,kanafuu Kiristoos barattoota 11 qofaa wajjin dubbachaa akka jiruu ibsa (Yohaannis 17:9) irratti.
🅰 amma immoo Kiristoos Ani Qulqullootaaf hin dhufnee cubbamaa fayyisuuf jedhee jira.
Kanafuu Barattoonni isaa immoo 11 Qulqulluudha kadhannaa maali isaanii barbachisaa reejennee Musiliimota fi pheenxee gaafana.🙈😂
⓺➻Matewoos 9:13
Kanaaf dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin tain gara laafina nan barbaada’ jechuun maali jechuu akka tae hubadhaa. Sababiin isaas Ani namoota Qulqullota
#utuu hin tain, #cubbamoota
waamuufan dhufe.”
➪kana booda Kiristoos barattoota isa 11 isin Qulqulluudhaa erga jedhee ,Lakki isaan Qulqulluu miti jedhe kani mormuu gonkumaa hin jiruu.=ok.

B))◊➛ amma immoo qabxiiwwan gara oli irraa maali hubbanna ree.
Kadhannaa inni jedhame akka dibbisa kanati cubbuu isaanii dhisii ,jedhu miti ,yookiin Ani Aarsadha jedhu miti.
Haala dubbii Kiristoos fi Abbaa jidduu jiru ibsuuf malee.
Fakkeenyaaf seera Uumama 1:26 irratti akkasii jedha ❝ koota nama akka bifaa keenyaa fi fakkeenya keenyaatti yaa, Uumanu jedha.
👉 akka jecha kanati qaamni tokko qaamaa biraattin koota yeroo jedhuu , wani qaamni tokkichi suni qaama biraa kadhatuu fakkaata, garuu iddoo kanati kuni kadhannaa irree hin ibsu Sababiin isaa qaamni tokko kadhate, qaamni immoo biraa kadhatama yoo,ta’e
Xumuraa irratti nama Aangoo tokkoo ,yoo, uumamni, erga Aangoo isaanii wali qixxee ta’e immoo maali kadhachuu hin barbaachisuu " kanafuu jedhi koota jedhuu maali ibsa ree, waliin dubbii qofaa ibsa jenne Amana.

Haaluma wali fakkata Kiristoos immoo ani Abbaa isiniif nan kadhadhaa yeroo jedhuu. Waliin dubbii isaanii qofaa ibsuuf.
Ragaa kitaaba Qulqulluu
kunoo 👇
⓻➻Yohaannis 14:13-14
#Abbaan karaa Ilmaa #ulfina akka argatuuf, wanta
isin
maqaa kootiin #kadhattan hunda Nni isiniif nan raawwadha. Wanta akkamii iyyuu #maqaa kootiin yoo
kadhattan ani nan raawwadha.
➛kanafuu Ani isiniif nan rawwadha jedhe jira ,Qaamni raawatu kuni immoo Waaqa
⓼➻Yohaannis 14:16
Ani Abbaa nan
#kadhadha Abbaanis inni bara
baraan akka isinii wajjin jiraatuuf gargaaraa kan biraa isiniif ni kenna.
➝kuni illee waliin dubbii Kiristoos fi Abbaa ibsa Ilmi Abbaan Afuurra Qulqulluu ergi jedhanii
⓽➻Yohaannis 15:7
Anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattanii fi
#dubbiin koos isin keessa yoo jiraate,
wanta barbaaddan
#kadhadhaa, innis, isiniif ni raawwatama.

⓾➻Yohaannis 15:16
Anatu isin filate malee, isin ana hin filanne; ani isin deemtanii firii godhachuu keessan akka itti fuftanii fi firiin keessanis akka jiraatuuf isin muudeera;
kanas kanan godhe, wanta
#maqaa kootiin Abbaa kadhattan hunda inni
akka isinii kennuuf jedheeni.
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
itti fufa......
👉link waldaa keenya kunoo isaa kana xuqaa👇👇
https://t.me/haadha_Waaqa_naJaladha
=========||========
Audio
🅰 orthodoksi fi pheenxee.
           🌺Rakkoo pheenxee kana ilaala kuno👇👇👇
⓵➩pheenxee kuni
#maqaa #Kiristoos jedhuu eessaa akka dhufee gonkumaa hin beekani
⓶➩
maqaa #Iyyaasus jedhu jecha irraa dhufee gonkumaa hin beekani.
⓷➩pheenxee kuni kitaaba #66 gonkumaa hooma hin beekuu.
⓸➩pheenxee maqaan
#Waaqayyo jedhu jalqabaa eessa akka dhufee hin beeknani
kanafuu ergaa Kiristoos hin beekne, Waaqayyo hin beekne, kitaaba hin beekne . Maaliif guyyaa guutuu iyyaa oltuu laataa

nuuti warri
#orthodoksi kunoo akkanatti pheenxee #afaanii ishi cufaan.

#Orthodoksi (Gutema Gelana)
#pheenxe paasterii (Abdi)
..............................
pheenxee yaaduma iyyaasus Kiristoos jecha olu malee isaa gonkumaa akka hin beeknee hubbadha.