Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
393 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
Forwarded from Personal Development
#MinistryOfPeace

Ministeerri Nageenyaa dargaggoota tola ooltootaa biyyaalessaa kuma 10 Marsaa duraan leenjisaa ture eebbisiisee.

Sirna eebbaa paarkii michummaatti gaggeeffameerratti Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa argamaniiru.

Dargaggoonni kunneen tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa hawaasaa laachuu Kan isaan dandeessisu guyyoota 45f leenjii fudhachuu isaanii ibsameera.

Dargaggoonni dhaabbilee barnootaa olaanoorraa eebbifaman fedhii isaaniin tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa laachuuf leenjii fudhatan baatiwwan kurnan dhufan kutaalee biyyattii hundaatti tajaajila laachaa turu jedhameera.

Tajaajilli tola ooltummaa biyyaalessaa hawaasaa kun marsaan itti aanuu kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksiiseera.

Maddi:- FBC
@GADAAMAGAZINE
@GADAAMAGAZINE
Deeggarsa SGQ/AGP-II tiin Ijaarsi Piroojektii Qarshii Mil,16 ol ta'uun  Hojjatamaa jiru Daawwatame.
====================================================
(WDHKMAG,Gurraandhala 28/2013)Aanaa Geeraatti Deegarsa Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP-II) Marsaa 2ffaatiin Ijaarsi Piroojektii Jallisii Giichoo Qarshii Mil,16.24'n ijaaramaa Jiraachuu I/G w/ra Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Geeraa obbo Abdulaziiz Jamaal dubbatanii jiru.

Jallisiin Deeggarsa Sagantaa Guddina Qonnaa marsaa 2ffaa kanaan Hojjatamaa jiru kunis yeroo Xumuramu Ganda Tumaa Xessoo gi Sadii Liooyyaa keessatti Lafa hektaara 80 kan Misoomsu yemmuu ta'u Abbaa worraa 150 ol fayyadamaa ni taasisa jedhamee yaadama.

Pirojektiin  Hojjatamaa jiru  Qulqullinaa fi Siyoominaan Hojjatamee Tajaajilaaf akka oluuf  bakkichatti argamuun  jajjabeessuun murteessaadha jedhan obbo Abdulaziiz.
Aanaa Geeraatti Biqiltuun Mil,15 ol ta'uu Ashaaraa Magarisummaa Gannaatiif  Qophaa'uun  ibsamee jira.
==========================================================
(WDHKMAG,Bitootessa 01/2013)Aanaa Geeraatti Sirna Ashaaraa Magariisummaa Ganna Dhufuu Milkeessuuf Biqiltuun Mukkeen garaa Garaa mil,15 ol ta'u Buufata Biqiltuu Mootummaa fi Dhuunfaatti qophaa'aa jiraachuun W/ri MQQU Aanichaa ibsee jira.

Aanichatti bara kana Sirna Ashaaraa Magarisummaa Ganna dhufuutiif Qophii Taasifamaa jiruun Biqiltuun Muduraa adda addaa,Bosonaa,Biqiltuun eegumsa Biyyoo fi Bishaanii,Nyaata horii hunda galeessa of keessaa qaban Mil,15,100,000 ta'u Buufata Biqiltuu Mootummaa fi Dhuunfaa 362 keessatti Haala gaariin qophaa'aa jiraachuu I/G W/ra MQQU Aanichaa Obbo Abdulaziiz Jamaal Dubbatanii jiru.

Qophii Ashaaraa Magarisummaa kanaaf taasifamaa jiru kanas Buufata Biqiltuu Waanjaatti argamuun Sadarkaa inni erra jiru ilaaluun hojjattoota Buufatichaa kunuunsa Biqiltuu irratti argaman jajjabeessanii jiru.

#_Odeeffannoo Dabalataaf karaa......

#_  Fb.page.....Gera woreda Ciommunication
#_  Telegraamii... https://t.me/GComn2011
#_ Fb.Progile...Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
Naannoon Oromiyaa talaalli ittisa dhibee (COVID -19) marsaa jalqabaa eegalte
===================================
Akka naannoo Oromiyaatti talaallin (COVID-19 "COVAX launching program)
jedhamu guyyaa har'aa Hospitaala Mojootti bakka hooggantoonni olaanoon   argamanitti jalqabeera.

Iddoo Sagantaa Taalaalli kanatti argamuun kan jalqabsiisaan, Afa-Yaa'ii Caffee Oromiyaa Adde Loomii Badhoo,Hoogganaa Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa Dr Mangistuu Baqqalaa,kantiibaa Magaalaa Mojoo Addee Masarat Asaffaa fi keessummonni gara garaa sagantaa jalqabsiisa talaallii kanarratti argamaniiru.

Talaallin kun qaamota hawaasaa saaxilamoo ta'an kanneen akka ogeessota fayyaa,hojjattoota deeggarsa kan Mootummaa fi miti mootummaatif dursaan kennamaaf.
 
Talaalli COVID-19 fudhachuudhan ofii fi hawaasa keenya vaayrasii koronaa irraa haa baraarruu.
OCB gabaase
Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 99ffaa gaggeesseen dhimmota lamarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2013 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 99ffaa gaggeesseen dhimmota lamarratti murtoo dabarseera. Manni marichaa waliigaltee liqaa waldaalee misoomaa idila addunyaa waliin taasiifame 4, Chaartara nageenya daandii Afrikaa fi Wixinee labsii Konveeksinii Tiraafika daandii Dhaabbata mootummoota gamtoomanii ragga’uuf dhiyaateerratti mari’achuun murtoo dabarseera. Manni Maree Ministirootaa Waliigaltee Liqaa Proojektii dhiyeessii humna Elektirikii…

https://www.fanabc.com/afaanoromoo/manni-maree-ministirootaa-walgaii-idilee-99ffaa-gaggeesseen-dhimmota-lamarratti-murtoo-dabarse/
Namoota Sigigaachuu Lafaatiin Rakkoo Mana Jireenyaaf Saaxilamaniif Deeggarsi Taasifame.
************************************************
Aanaa Geeraatti Balaa Uumamaa Mudateen Lafti Hek,100 irratti Abbaa Worraa 830 ta'an balaa Sigichuu lafaatiin Midhaan qabeenya irra ga'ee jiranIiif Dhaabbatni Fannoo Diimaa Damee Jimmaa Qarshii kuma 224,595niin qorqorroo 630 bituun Deeggarsa taasisee jira.

Qorqorroon Deeggarsaan argame kunis Namoota 21 Rakkoon Hamaaf saaxilamaniif tokkoon tokkoon jaraatii qorqorroon 30 ni qarshii 356.2 bitamee kennmee jira.

Namoota 21 kanaaf tokkoon tokkoon isaaniif tilmaama qarshii 10,686 Deeggarsa kan godhamee ta'uun ibsamee jira.

Akka akka aanaattis Namoota Rakkoon mana jireenyaa mudate kanaaf W/rri Sodaa Balaa fi Bulchiinsa Magaalaa Ciiraa woliin qophiin lafaa taasifamaa jiraachuun ibsamee jira.

Gareen Fannoo Diimaa fi Hoggansi Aanaa Balaa uumamaa mudate kanaan qabeenya manca'e bakkichatti argamuun daawwatanii jiru.

BALAA UUMAMAA NUTTI DHUFE KANA RABBI NURRAA HA FUUDHU!
#Himatamaan_Woraqaa_Saamsaa_Fooddaa_irraa_tarsaase_qarshii_kuma_7_adabame.
************************** *************************
Aanaa Geeraa Ganda Mujeetti Dargaggoon Saamsaa Woraqaa Fooddaa irraa tarsaase Mana murteetti Dhihaatee Dhaddacha gaafa guyyaa 06/12/2013 ooleen qarshii kuma torba adabamee jira.

Himatamaan Amiinuu Yusuuf A/Goojjam Jiraataa Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Ganda Mujee iddoo addaa magaalaa Mujee jedhamee beekamutti Sababa hojii daldalaa suuqii hojjataa jiru irratti #Gibira_hanga _Adoolessa 30/2013 #Haaromsuu dhabeef waajjirri daldalaa fi Abbaa Taayitaa Galiiwwanii woliin ta'uun gaafa guyyaa 04/12/2013 sa'atii 06:00 irratti Suuqii (Dukkaana)isaa saamsamee jira.

Himatamaan Dukkaanni isaa jalaa saamsame Guyyuma sana tilmaamaan sa'aatii 08:00 yemmuu ta'u Bakkichatti argamuun Milishoonni gandaa waan gibira yeroon kaffalleef wajjirri daldala sirratti saamsee Daqii gibira mootummaa kaffalii Dukkaana kee saaqsifadhu osoo jedhanuu milishoota tuffachuun Woraqaa saamsaa fooddaa dukkaana irra jiru tarsaase daldala eegaluun yakka raawwateef garee qorannaa yakkaa waajjira poolisii anaa geeraatiin qulqullaa'e mana hojii Abbaa Alangaa Aanaa Geeraatiin himatamee erga itti qulqullaa'ee booda Seera yakkaa biyya Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 439(A) darbuun Manni Murtii Aanaa Geeraa Dhaddacha Gaafa Guyyaa 06/12/2013 ooleen himatamaa kana irratti adabbii qarshii kuma torba (7,000) tiin adabamuu isaa Abbaa Alangaa Aanaa Geeraa Obbo Tarreessaa Iddoosaa Dubbatanii jiru.

Hawaasni Hoji maata badaa irraa of eeguun adabbii irraa of qusachuu qaba!
Aanaa Geeraatti Fooramiin Dhimma Barmaatilee Miidhaa Geessisan irratti Qophaa'e Gaggeeffamaa jira.
*************************************************************
(WDHKMAG,Hagayya 21/2013) Aanaa Geeraatti Fooramiin Dhimma Barmaatilee Miidhaa Geessisan irratti Qophaa'e Gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kana irratti argamuun Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Geeraa obbo Xaahir A/Firaa Haasaa Baniinnsaa taasisaniin Dhimma Barmaatilee Miidhaa Ummata keenya irra qaqqabsiisaa jiran Sirreessuuf guyyaa harraa Mana Murtee,WMHAA fi poolisii woliin ta'uun qindoominaan hojjannee furuu qabna jedhan.
 
Sagantaa kana irratti pirezidaantiin Manni murtee Aanaa Geeraa Obbo Amiir A/Maccaa Dhimma Ragaa Sobaa irratti Ibsa gabaabaa Kan kennanii fi Dookimentariin Dhimma Ragaa Fi Jaarsummaa irratti Karaa mana Murtee olaanaatiin Qophaa'e Hawaasaaf Dhiyaatee jira.

I/G Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Geeraa obbo Tsaggaayee Xaafaas Woltajjii kna irratti argamuun Kenniinsa Tajaajilaa Mana Hojii Abbaa Alangaa fi seektara Qindoominaa irratti ibsa..
Preezdaantiin Naayijeeriyaa Muhaammad Buhaar sirna hundeeffama mootummaa haara Ityoophiyaarratti akka argaman gabaasni Naajiyeeriyaa Gaaridyaan ni muuldhisa.

Preezdaantichi turtii Ityoophiyaatti taasisaniin hoggantootaa hojii mootummaa waliin dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii cimsan irratti ni mari’atuun eegama.

Kana dura Muummee Ministira Abiy Ahimad gara aangootti wayita dhufan preezdaantiichi hawwii gaarii ibsuufi gabaasichi ni muul’dhisa.

Naayijeeriyaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdus cimsitee kan itti fuftuu ta’uu ibsaniiru.

Maddi:-TOI
#Share
Bakka Kamittuu Itti Gaafatamummaa Kamirrayyuu Jiraattu kabajaa fi Birmadummaa Biyyaa irraa Hin Jilbeenfatin Jedha Qabsaa'aa #Daaffis_Alamaayyoo.

Dhalataa Godina Jimmaa Aanaa Geeraa Miseensa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Daaffis Alamaayyoo Humni ABUT Onkololeessa 24/2013 Raayyaa ittisa Biyyaa irratti Woraana Banuu yemmuu Dhagahutti Gadda guddaa itti dhagahamuu Dubbata.

Yeroo Wolitti Bu'iinsa Etoopiyaa fi Eeritiraa Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa Ta'ee adda woraanaa Baadimmeetti Birmadummaa Biyya kootiif woreegama kaffaleera.

Yeroo sanatti Miidhaa Guddaa Narra ga'ee waan tureef Boordiin ba'ee Miseensa Raayyaa Ittisaa irraa ergan ba'ee woggaa 20 ta'ee jira.Miidhaan hammamuu narra ga'ee jiraatus Yemmuu Birmadummaan Biyya Kootii Sarbamu Dhaabbadhee ilaaluu Haamilee waanin dhabeef Fedhii kootiin qaamaan argamee Juuntaa woraanuuf fedhii kootiinan Dhufe. Kanaanis Gammadaadha jedha Daaffis.

Adda Woraana Wollootti Biyya koof osoon Falmuu Yeroo Lammaaffaaf Miidhaan Narra ga'ee jira.Ammas Yaalamaan jira.Maatiin koos Bilbilaan Na jajjabeessaa jiru Fooyyee Baayyeen qaba.

Yaaliin Haala gaarii ta'een Waan naa kennamaa jiruuf gammadaadha.Miidhaa koorraa gaafan fayyus deebi'ee Biyya kootiif Dhaabbachuun barbaada jedha qabsaa Daaffis.

Lubbuun jiraadhee Birmadummaan Biyya kootii akka sarbamu hin barbaadu kan jedhu Qabsaa'aan Daaffis Shorerkeessaa ABO Shanee fi ABUT Woliin ta'uun Biyya Diiguuf Sochoo'an yoomuu taanaan akka hin milkaa'an.

Womtan Biyya koof Amaanaa Jechuu barbaadu Bakka Kamittuu Itti Gaafatamummaa Kamirrayyuu Jiraattu kabajaa fi Birmadummaa Biyyaa irraa Hin Jilbeenfatin Jedhchuun ergaa isaa Dabarsa.

Maddi EPD
#Ergaa_Baga_Geessanii
#Bulchaa_Bulchiinsa_Aanaa_Geeraa
#obbo_Xaahir_A/Firaa

Ayyaana Moolidaa Sababeeffachuun dabarsan

Hordoftoota Amantaa Muslimaa Biyya keenyaa maraaf Baga kabajaa Ayyaana Guyyaa dDhaloota Nebiyyuu Mohammad waggaa 1,496ffaa kan bara 2014 tiin isiin gahee yeroo isiniin Jedhu Gammachuu Guddaatu itti dhaga'ama .

 Ayyanni kun
 kan :-                       #Nagaa,
                                 #Gammachuu,fi
                                  #Badhaadhinaa
              
akkasumas bara waan hundaan  milkoofinu akka tahu  hawwii qaban ibsaa! Keessumattuu yeroo biyyi keenya Itoophiyaan Mootummaa itti hundeeffattee  jirtu kana keessatti Ayyaana kana yeroo kabajnu Gammachuu guddaatu nutti dhaga'ama.

Hordoftoota Amantaa Musiliimaa hundaan baga geessan yeroo jennuttis carraawwan guddina gama Misoomaa, Dinagdee fi Hawaasummaa Aanaa keenya keessatti fiduun waliin taanee Hawaasa Misoomaan fayyadamaa taasisuun  qooda fudhachuun gahee keenya  haa ba'annuun dhaamsa keenya.

Ayyaana Keenya Yemmuu kabajnu Kan Rakkate Nyaachisuun,Kan Daare Daara Baasuun Duudhaa keenya ganamaa kan ta'e aadaa woliin jireenya keenyaa kan keessatti gabbifannu akka ta'u hawwii qaban dabarsanii jiru.

#Ayyaanaa_Gaarii

OBBO XAAHIR A/FIRA
BULCHAA BULCHIINSA AANAA GEERAA
Jiilli I/A Bulchaa Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroon durfamu   Madda  Hawwata Turizimii kan ta'e Bosona Geeraa  daawwatee jira.
************
(WDhKMAG Hagayya 07/2014 )Aanaa Geeraatti Hojiin Misomaa fi Bosonni Geeraa Jila  I/A Bulchaa Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Yusuuf Shaaroon durfamu Fi Itoophiyaatti Ambaasaaddara Indooneezyiya kan ta'an Al Busyra Bansuurii akkasumas I/A Komishinara komishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Indaalkaachoo Wodaajoo fi Hoggansa Aanaa akkasumas qaamolee garaa garaatiin daawwatameera.

Daawwannaa kanaan  bakka hawwata Tuurizimii Miidhagaa kan akka Bosona Geeraa fi Misooma Dammaa Qonnaan Bulaa  Sisaayi Girmaa Daawwatamee jira.

Daawwannaa kana irratti kan argaman Ambaasaaddarri Albushraan ani lamuu Gara Biyya koo Indooneeziyaa dhaquu na hin barbaachisu an yoon biyya koo yaade kan narraa eegamuu geeraa dhufuu  qofa  jedhan.
aanaa kanaaf galata guddaan qaba jedhan.
D U U L A  T A L A A L L I I  P O O L I Y O O

Aanaa Geeraatti Hubannoon  Duula Talaallii Pooliyoo kennammaa jiraachuu W/rri Eegumsa Fayyaa Aanichaa ibsee jira.
***** ***** ***** ***** *****
(WDhKMAG,Onkololeessa 8,2014 ) Aanaa Geeraatti HAubannoon  Duula Talaallii Pooliyoo akka biyyaatti Onkololeessa 12-15, 2014 gaggeeffamu sababeeffachuun kennamaa jira.

I/G W/ra Eegumsa fayyaa Aanaa Geeraa obbo Mitikkuu Nugusee duulli talaallii Onkololeessa 12-15 /2014 tti keennamu kun harcaatii tokko malee Xiyyeeffannoon guddaan itti kennamee daa'immaan hundi karaa argachuu danda'anuun  kennamuu qaba jedhan.

Dhukkubni Pooliyoo (Laamshessaa) Vaayiresiin kan dhufuufi daa'imman kan laamshessuu ta'uu himuun akka Aanichaatti hawaasni harcaatii  tokko malee daa'imman umurii woggaa 5 gadii hunda  talaalchifachuun dhukkuba kanaaf akka hin saaxilamne ga'ee isaa ba'achuu qaba jedhan.

****Talaalchifadhaa Pooliyoo Irraa Baraaramaa!*******
Jiilli I/G Paartii Badhaadhina Godina Jimmaa obbo Masarat Hayiluutiin Durfamu Facaasaa Qamadii Bonaa Akka Godinna Jimmaatti Guyyaa Harra Aanaa Geeraatti  eegalchiisee jira.
******************** ****
(WDhKMAG,Onkololeessa 11,2014)Jiilli I/G Paartii Baehaadhinaa Godina Jimmaa obbo Masarat Hayiluutiin Durfamu Guyyaa Haarraa Facaasaa Qamadii Bonaa akka Godina Jimmatti Guyyaa Harra Aanaa Geera Ganda Qollaa Sullaajjaatti Eegalchiisee jira.

Bara kana wabii midhaan nyaataa mirkaneessuf   xiyyeefannoon guddaan itti kennamee hojjatmaa jiruun  qonnaan bulaa kilaastaraan ijaaruun,sanyii filatamaa babal’isuun Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf Yeroo  itti aanuu oomisha Qamadii biyya alaati galu biyya keessan bakka buusuuf Akka aanaatti Lafa Hekt, 2,560 Gandoota 24 keessatti kilaastera 93 Facaasuuf karoirfatee hojjataa jiru keessaa guyyaa harraa Ganda Qollaa Sullaajjaatti Lafa hektaara 50 irratti Qonnaan Bultoota 62 facaasaan Qamadii Bonaa kilaasteraan Eegalamee

 
**********************  M U U D A M A  ** ** ***
                        ** ** *** ** ** ***
Aanaa Geeraatti Muudamni Hoggansaa Boqonnaa Haaraa  Gaggeeffamee jita
** ** ** ** ** **

1.Abdulaziiz Jamaal I/ G W/ra Qonnaa
2.Musxafaa Zinaab Carraa Hojii fi ogummaa
3.Raabiyaa Huseen Dh.Du Da
4.Najiib Zinaab I/W/ra Bulchiinsaa
5.Nuuruu Mizbahuu I/G Milishaa
6.Amiin Naasir I/G ATD
7.Mudassir A/Dagaa I/G Investimantii fi Industirii
8.Abayaziid A/Tamaam ATG
9.Faanosee Daggafaa I/G w/ra Aadaa fi Turizimii
10.Tolaa Nagarii Dargaggoo fi Ispoortii
11.Naziif Eliyaas I/G Barnootaa
12.Fallaqee Gasassee I/Daldalaa Gabaa
13.Abdoo Huseen I/G Geejjibaa
14.Abdoo Mahammad A/Goojjam I/GBul.Lafaa
15.Naazimuu Habiib I/G Nageenyaa
16.Xaahir A/olii I/Eegumsa Naannoo
17.Awwal A/Maccaa WHG
18.Gannat Ayichiluu I/G Hawaasummaa
19.Na'iimaa Nigaatuu I/G  PSMQN
20.Maqdas Yemboo I/Mana Maree
21.Abdulaziiz A/Maccaa H/Sodaa Balaa
22.Abraham Tufaa Albuuda.
23.muhiddiin jabal I/ G w/ra Fayyaa
24.Lijaabuu A/Olii I/G W/ra Bishaanii
25.Hasan Kaliifaa I/G MWD
26.kaliifaa A/Giddii Galmeessa Siviilii
27.Saalii Sayid  I/G Kominikeeshiinii
28.Eden Woldee I/A w/ra Qonnaa
29.Mitikkuu Nugusee I/A w/ra Fayyaa
30.Miftaa Zinaab I/A w/ra WHG
31.Dinqaa A/Olii I/A W/ra Nageenyaa
32 .Awwal Abdulqaadir I/A W/ra Bulchiinsaa
33.Qaasimaa Maamadnuur I/A Wra Barnootaa
34.Jawwaaree Sammaan I/G Liigii Dubartootaa
35.Muktaar A/Giddii wra paartiitti Pabiliksiitii
36.Hasan Huseen I/G Woldaalee
37.Yaasin A/Raagoo  k/I/ To'annoo
38.Mubaarik shaafii Aayyuu Barnootaa
39.Amiin kamaal Liigii Dargaggoo
40.Kabbadee Waaggarii  kantiibaa M/Ciiraa
41.Faaxumaa A/Maccaa kantiibaa magaalaa Dustaa
42.Amiin Isaa Kantiibaa Magaalaa kamisee
43.Rashaad A/Olii Ml magaalaa Ciiraa
44.Abdee Huseen Mg lafa magaalaa Dustaa
45.Ahimad A/Maccaa m lafa magaalaa Kamisee
46.Mahammad A/Maccaa A/Bulguu I/G Mana Maree
47.Zabiibaa Awwal I/A  afa Yaa'ii
Seefuu Zeenuu koree Dhaabbattoo
49.Maammad Saafii Awwal I/A wra Qonnaa
Hoggantoota Boqonnaa Haaraa Kanaan Abbaa Carraa Ta'anii gara Hoggansaatti Dhufuun  Imaanaan Ummataa  itti kenname Maraaf Bara Hojii  Gaarii Akka ta'u Hawwii qabnu ibsina.