Firii Qulqulloota
1.63K subscribers
30 photos
1 video
95 links
🔈"Warrii #Waaqayyoo_abdiidhaan eegatan garuu #humni isaanii ni #haareffama ;akka joobiraas baalleedhan #ol ni ka'u , ni #fiigu hin dadhaban, ni #adeemu garuu hin dadhaban" Isaa 40:31
Download Telegram
"#Tsomiini_haadha_fayyinati, obbolleeti #jaalalati akkasumas #gadii of qabuuma Kan barsiistudha.

🙏Kaayyoon #Tsomii yeroo murtaa'ef #nyaata Fi #Dhugaatii foonii irraa fagaachuu Keenyaan fedha foonii keenyaa mo'achuu akka dandeenyufidha.

Kanaf #tsomanjiraa Namnii jedhuu hundaa duraa:-
Obsaa ta'uu
Laphee isaatii gaarumaa yaaduu
Laphee isaatii waaqayyoo sodaachuu
Yeroo hundaa waa'ee Dhufaatii waaqayyoo yaadu
Murteef waaqayyoo fuldura dhaabbachuu isaa kan yaadu Fi hin irraafane
Kennaa arraasa Kan kennuu
Nama hundaa Laphee dhugaan Kan jaallaatu ta'uu isaa of ilaaluu qaba.
####Tsomii #dhugaa jechuun isaa kana dha Waan ta'eef.

👉"#Namnii yoo of gadiisise, mormaa isaa akkaa gamadatis(lokkoo)ti yoo of qalisee, uffaata ho'aa baafate daara irraa illee yoo raafe Tsomiini Kun waaqayyoo fuldurati fudhaatama mitii....

👉🌹Kanaf tsomiin waaqayyoo jaalatu isaa kamii yoo Nan jettaan raajan #Isaayaas akkaanati nuf deebisa.

🌹Isaay 58:5-8 "Soomiin ani fo'adhe isa akkasiitii ree? Inni isin soomuu dha jettan, isa namni gaaf tokko of dhiphisee, akka dhallaadduu coollagee mataa isaa gad qabatee, uffata gaddaas uffatee daaraa keessa taa'u kanaa? Guyyaan Waaqayyo jaallatus isa kanaa?

🌹 "Soomiin ani fo'adhe warra firdii jal'aadhaan hidhaman hiikuu, hidhaa waanjoo ittii furuu, warra cunqurfaman bilisaa baasuu, waanjoo (Cubbuuf) hundumaas isaan irraa caccabsuu mitii ree?

🌹Buddeena keessan warra beela'aniif, hiyyeessa olii fi gad jooruuf iddoo bultii kennuu, isa qullaa ta'e yommuu argitan daara baasuu, warra aantii keessan ta'anitti dugda gatuu dhiisuu mitii ree?

🙏🌹Yoo kana hundumaa gootaniif ifni keessan akka #biiftuu ganamaa ol ni ba'a, #madaan keessanis dafee deebi'ee ni#fayya; qajeelummaan keessan isin dura ni adeema, ulfinni koos isin booddeedhaan isin ni eega....jedha Waaqni keenyaa.

"#Yohaanis_Afaan_Warqee

https://t.me/firiqulqulloota

"#Wantumaa hundaaf #Waaqayyoof galanii haa ta'uu"