Fayyaa Sammu (Mental Health )
1.6K subscribers
17 photos
25 links
Mental Health
Download Telegram
Namni Gaggabdoo qabu tokko si biratti kufee beekaa? Akkamitti gargaaruu dandeessaa ?

#Gaggabdoo/ Epilepsy!

Wantoota namoota sababa gaggabdootiif kufaniif godhamuu qaban keessa murasni:
✓ Akka balaan irra hin geenye ittisuu. Wantoota qara qabanii fi miidhaa irraan gahuu danda'an irraa fageessu.
✓ Mataa isaanii boraasisuu, waan laafaa mataa isaanii jala kaa'anii irkisuu
✓ Akka qillensa haalan baafachuuf isaaniif mijatuuf Cinaacha bitaan akka ciisan gochuu.
✓ Hanga isaan of baraniif itti dhiyaatanii callisaan hordofuu.
✓ Nannoo morma isaanitti uffata hedduu isaan qabu kan uffatanii jiran yoo ta'e irraa furuudhan akka qillensa bilisan baafatan gochuu.

Wantoota godhamuu hin qabne!
√ Wixxifanna fi sochii isaan godhan sana ittisuuf yaalun hin barbaachisu. Innuu ofuma isaatii daqiiqa muraasa booda ni dhiisa.
√ Waan kamuu afaan keessa ka'uun hin barbaachisu. Wanti dhugamuu fi wanti nyaatamu tokkos hanga isaan guutuutti of baraniitti kennamufii hin qabu.
√ Iddoo balaaf isaan saaxiluu danda'u irratti kan kufanii jiran yoo ta'e malee sossochoosuuf yaaluun hin barbaachisu.
√ Kirbiitii fi wantoota gargaraa itti aarsuun hin barbaachisu.
√ Rifachuu fi shororkaa'uun hin barbaachisu!


Fayyaa hin dhabinaa!!

Feyisal Gelgelu barata fayya sammuu.
Namni Gaggabdoo qabu tokko si biratti kufee beekaa? Akkamitti gargaaruu dandeessaa ?

#Gaggabdoo/ Epilepsy!

Wantoota namoota sababa gaggabdootiif kufaniif godhamuu qaban keessa murasni:

1.Akka balaan irra hin geenye ittisuu. Wantoota qara qabanii fi miidhaa irraan gahuu danda'an irraa fageessu.

2.Mataa isaanii boraasisuu, waan laafaa mataa isaanii jala kaa'anii irkisuu

3.Akka qillensa haalan baafachuuf isaaniif mijatuuf Cinaacha bitaan akka ciisan gochuu.

4.Hanga isaan of baraniif itti dhiyaatanii callisaan hordofuu.

5.Nannoo morma isaanitti uffata hedduu isaan qabu kan uffatanii jiran yoo ta'e irraa furuudhan akka qillensa bilisan baafatan gochuu.
Wantoota godhamuu hin qabne!

6. Wixxifanna fi sochii isaan godhan sana ittisuuf yaalun hin barbaachisu. Innuu ofuma isaatii daqiiqa muraasa booda ni dhiisa.

7.Waan kamuu afaan keessa ka'uun hin barbaachisu. Wanti dhugamuu fi wanti nyaatamu tokkos hanga isaan guutuutti of baraniitti kennamufii hin qabu.

8. Iddoo balaaf isaan saaxiluu danda'u irratti kan kufanii jiran yoo ta'e malee sossochoosuuf yaaluun hin barbaachisu

9.Kirbiitii fi wantoota gargaraa itti aarsuun hin barbaachisu
.
10.Rifachuu fi shororkaa'uun hin barbaachisu!

#Gorsa!
Dhukkubni gaggabdoo yaala waan qabuuf gara mana yaalaa deemuudhaan dawaa kennamu itti fufiinsaan fudhatanii balaa sababa isaatiif dhufuu danda'u of irraa qolachuun hedduu barbaachisadha!

Fayyaa hin dhabinaa!!

✍️Feyisal G.

@feyisalpsych
@feyisalpsych