Fayyaa Sammu (Mental Health )
1.6K subscribers
17 photos
25 links
Mental Health
Download Telegram
Dhiibbaan hinaaffaa fayyaa sammuu irratti qabu beektu laata?

Dhiibbaan hinaaffaa fayyaa sammuu irratti qabu baay’ee guddaa fi fagoo ta’uu danda’a.  Karaalee ijoo hinaaffaan fayyaa sammuu nama dhuunfaa irratti dhiibbaa uumuu danda’u keessaa muraasni kunooti:

1. Yaaddoo fi Dhiphina:
Yeroo baayʼee hinaaffaan miira yaaddoo, yaaddoo fi dhiphina guddaa akka qabaatu godha.  Yeroo hunda rummination fi yaadonni obsessive hinaaffaa wajjin walqabatan mallattoolee physiological kanneen akka dha'annaa onnee dabaluu, dhiphina maashaalee fi hirriba rakkisuu fiduu danda'a.

2. Dhiphina sammuu fi Ofitti amanamummaa gadi aanaa:
Hinaaffaan miira gatii ofii gadi aanaa, ga’umsa dhabuu fi dhiphina sammuu akka qabaatan gumaachuu danda’a.  Of haasa’uu fi of shakkuun gadhee yeroo baay’ee hinaaffaa wajjin dhufu ofitti amanamummaa nama dhuunfaa balleessuun mallattoolee dhiphina sammuu fiduu danda’a.

3. Amaloota Obsessive-Compulsive:

Inaaffaa amala dhiphinaafi dirqisiisaa ta’een mul’achuu danda’a, kanneen akka bilbila, miidiyaa hawaasaa ykn iimeelii hiriyaa gaa’elaa yeroo hunda sakatta’uu ykn hordoffii fi hordoffii garmalee irratti bobba’uu.  Amaloonni kun fayyaa sammuu irratti miidhaa geessisuu fi hariiroo keessatti wal amantaa fi walitti dhiyeenya dhabuu fiduu danda’u.

4. Rakkoo Hariiroo:
Inaaffaan hariiroo namoota gidduu jiru dhiphisuu fi miidhuu danda’a, kunis waldhabdee, walqunnamtiin akka addaan cituu fi hariiroon sun akka hammaatu taasisa.  Kun ammoo, hariiroon fayya qabeessa ta’e deeggarsa miiraa fi xiinsammuudhaaf murteessaa waan ta’eef, fayyaa sammuu nama dhuunfaa irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu danda’a.

5. Aarii fi Diinummaa:
Inaaffaanis miira aarii, aarii fi diinummaa "morkataa" ykn hiriyaa gaa'elaa jedhamee yaadamu irratti fiduu danda'a.  Miirri gadhee kun amala aggaammii ykn diigaa ta’een mul’achuu danda’a, kunis dhimmoota fayyaa sammuu daran hammeessuu danda’a.

6. Dhimmoota Miidhaa fi Amantaa:
Yeroo tokko tokko, muuxannoowwan kanaan duraa furmaata hin arganne, kan akka amanamummaa dhabuu ykn gantummaa, hinaaffaa akka guddatu gumaachuu dandaʼu.  Kunis dhimma amantaa fi miira saaxilamummaa olka’aa fiduu danda’a, kunis fayyaa sammuu nama dhuunfaa irratti dhiibbaa yeroo dheeraa fiduu danda’a. Itti fuufa.....

@feyisalpsych
@feyisalpsych
@feyisalpsych
# Dhukkuba sammuu irraa fayyuun ni danda’ama.? EYYEN

Dhukkubni sammuu akkuma dhukkuba biroo dawaa kan qabuu fi irraa fayyuun kan danda’amudha.

Namni tokko yeroo jalqaba dhukkubni irratti argame ykn akkuma mallattoo dhukkubichaa of irratti argeen yoo
dafee wal’aansa argate carraan dafanii fayyuu olaanaadha.

Garuu dafanii kan hin yaalamne yoo ta’e namatti cimuun gara dhukkuba sammuu cimaa isaa olitti jijjiiramuu danda’a.

Kanaaf namni mana wal’aansaa deemee gorsaa fi dawaa barbaachisu ogeessa fayyaa biraa fudhate ni
fayya

Feyisal G.

Channel kana yoo isinitti tole hiryoota kessanif #share godha.

@feyisalpsych
@feyisalpsych
MEANING OF MENTAL HEALTH.

Mental health refers to a person's emotional, psychological, and social well-being. It encompasses an individual's thoughts, feelings, behaviors, and their overall ability to cope with the challenges and demands of life. Good mental health enables people to form positive relationships, make effective decisions, handle stress, and achieve a sense of balance and fulfillment.

Mental health is influenced by a combination of genetic, biological, environmental, and lifestyle factors. Just like physical health, mental health exists on a spectrum, ranging from overall well-being to various levels of distress or illness. It is important to note that experiencing mental health difficulties is common and does not reflect personal weakness or failure.

Maintaining good mental health involves self-care practices such as getting enough sleep, eating a balanced diet, engaging in physical activity, and practicing stress reduction techniques. Building strong support networks, seeking professional help when needed, and nurturing healthy relationships are also crucial components of mental well-being.

Taking care of our mental health is essential for overall well-being and quality of life. By promoting awareness, reducing stigma, and ensuring access to adequate support and treatment, we can create a more compassionate and inclusive society that values mental health as much as physical health.

Your Mental Health, Our Priority!
Feyisal G.

🙏Join Us

@feyisalpsych
@feyisalpsych
Dhibee Malee Dhukkubsachuu (Somatic Delusion)

Namoonni dhibee gosa kanaa qaban osoo hin dhukkubin rakkina qaamaa akka qaban amanu.
Bocni qaama kootii sirrii miti jedhu.
Afaan koo foolii badaa qaba jedhu
Qaamni koo rifeensa fixate jedhu
Qaama koo keessa waatu deema jedhu.
Yoo tarii namni isaan ilaale foolii kootu nama jeeqa jira jechuun of dhiphisu.
Dhibee na ajjeesutu na qabate jechuun dhama’uu fi kkf
Sababa kanaaf yeroo hedduu mana yaalaa deemuun ilaalamuu jaalatu, garuu dhibee homaatuu hin qaban. Namoonni dhibee kana qaban yeroo baayyee rakkoo gara garaatiif saaxilamu. Qorannoo hin barbaachifne yeroo baay’ee qoratamu, qabeenyaa fi xiinsammuun isaanii ni miidhama. Kanaaf xiyyeefannaan ilaaluun yaalamuun dirqama ta’a.

Barnootaa waa'ee sammuu argachuuf.

🙏Join Us
@feyisalpsych
@feyisalpsych
Gargaarsa yaala sammuu akkamitti argachuu dandeenya?

Buufataalee fayyaa finfinne keessa ogeeyyiin sammuu jiru.

Ogeeyyiin kunneen dhukkubsattoota erga qoratanii booda yaala fooyya’aa argachuuf akka barbaachisummaa isaatti gara hospitaalaatti erguu ni danda’u.

Hospitaala Amaanu'eel malees dhaabbileen fayyaa tajaajila yaala sammuu kennan Eka Kotebe, Black Lion (Tikur anbesa), K/Paulos, Zewditu, Ras desta fi Alert fa'i. Hospitaalota naannolee adda addaa keessattis ni kennama. Dhaabbilee dhuunfaa keessattillee yaalli fayyaan sammuu ni kennama.

""Sammuu fayya, jireenya fayya qabeessaaf!!!"

Madda isa Ethio Psychiatry
.

Join Us

@feyisalpsych
@feyisalpsych
[10] Amala Namoota Sammuu Cimaa
Qaban

1⃣ Haala hamaa keessattillee positive
ta'anii itti fufu.

2⃣ Dogoggora isaanii ni amanu.

3⃣ Rakkoo ofiif nama hin komatan.

4⃣ Furmaata irratti xiyyeeffatu.

5⃣ Namoota summii qaban akka
badan/ Neutralize godhu.

6⃣ Ofitti amanamtoota malee of
tuultoota miti.

7⃣ Kufaatii hammatu.

8⃣ Jijjiirama hammatu.

9⃣ Gaarummaa, gara laafina fi waliif
yaaduu baratu.

🔟 Dhimma ofiitiin yeroo rakkatan illee
nama gargaaru.

━━━━━━━━━━━
Feyisal G.

@feyisalpsych
@feyisalpsych
Fayyan Qaanii hin qabdu

Otoo biraan hin gahin jiguun qaama saalaa (Premature ejaculation)n maali, sababoota maaliin namatti dhufa, akkamitti irraa fayyuu dandeenya!

       Premature ejaculation maali?

Rakkoon kun yeroo wal qunnamtii saalaa godhan, qaamni saalaa dhiiraa qaama saala dubartii keessa erga seenee booda daqiiqaa tokkoo fi isaa gaditti kan jigu yoo ta'edha. Rakkoon kun namarraa namatti garaagarummaa qabaatus; gulantaalee sadi keessatti hammatama.

1. Sekoondii 15 gaditti jiguu qaama saalaa.
2. Sekondii 15-30tti jiguu qaama saalaa.
3. Sekondii 30-60 tti jiguu qaama saalaa.

Qorannoon gara garaa akka argisiisanitti rakkoon kun namoota addunyaa keenyaa paarsantii 8-30 ta'an irratti kan muldhatu yoo ta'u; namoota dhukkuba qaamaa fi dhukkuba sammuu garagaraa qaban irratti akkasumas hawaasa saalqunnamtiin keessatti saalfatamu kan akka biyya keenyaa kana keessatti dhibbeentan isaa kanaa ol ta'a jedhamee yaadama. Rakkoon kun bakka gurguddoo lamatti kan qoodama.

1. Dafee jiguu (dhangalaasuu) qaama saalaa , saalqunnamtii yeroo jalqabaarraa kaasee mudatu.
2. Dafee jiguu(Dhangalaasuu) qaama saalaa ,yeroo booda namatti dhufu.

Sababoota dafee jiguu (dhangalaasuu) qaama saalaa fidan.
Sababoonni dafee jiguu (dhangalaasuu) qaama saala namatti fidan warreen murteessoon shanidha.

1. Sababa rakkoo jaalallee yookaan haadha manaan:
Jaalalleen keessan rakkoo saalqunnamtii yookaan dhukkuba qaamaa fi sammuu kan qabdu yoo taate, dhiirota irratti rakkoon kun akka muldhatuuf sababa ta'uu danda'a.

2. Rakkoo hariiroo gaarii dhabuun:
Jaalallee yookaan haadha manaa keessan waliin walii galtee gaarii, wal lolaa fi jeequmsi gidduu keessan yoo jiraate rakkoon kun isin mudachuu danda'a.

3. Rakkoo dhuunfaan:
Ijoollummaatti rakkoon gudeedamuu yoo nama qunname, miirri namaa yoo jeeqame, nama jaalatan yoo du'aan dhaban, mdhukkuboota sammuu kanneen akka dawweessa, sodaa humnaa olii, jeeqamuu ,saalqunnamti yeroo jalqabaa, miira gadi aantummaa ofiif qabaachuu, hin danda'u jechaa gara saalqunnamtii seenuu, yeroo tokko yoo nama mudate irra deebihanii yaaluu dhiisun rakkoo nama mudatudha.

4. Rakkoolee aadaa fi duudhaa hawaasan wal qabatan.
Hawaasa saalqunnamtiin akka qaaniitti  ilaalamuu keessatti  fi dhorka duudhaan saalqunnamtii gaa'ila duraa irratti taasisuun, saalqunnamtii saalfachuun yaalii gochuu dhiisun rakkoo kanaaf nama saaxiluu mala. Akka ragaatti ammoo namoota gaa'ila dura saalqunnamtii raawwatanii hin beekne irratti rakkoon kun ni baayy'ata.

5. Sababoota rakkoo dhukkuba qaamaan wal qabataniin;
Sababa dhukkuba qaamaan jeeqamuun keemikaalotaa fi hoormonii rakkoo kanaaf sababa guddaadha.

                      Falli isaa hoo maal.....itti fuufa.

@feyisalpsych
@feyisalpsych

Waan bayye baruu yoo barbaadan #share godha nama jaalatanif.
Fayyan sammu hunda keenyaf.
#Dhiphina_Sammuu_Maaltu_fida?

~waayee wanta tokkoo baay'isanii yaaduu
~jijjiirama gudda tasa jireenya keenya muudatu
~Namoota jaallannu tasa of biraa dhabuu
~Balaa ykn mudannoo cimaa dabarsuu fkn gudeeddii, balaa konkolaataa
~Itti gaafatamummaa guddaa bahan qabaachuu
~Dhukkuba qaamaa cimaa qabaachuu
~Namatti ykn hiriyyoota keenyaan of madaaluu
~Karoora humnaa ol karoorsuu fi kkf

#Mallattoolee
~Hirriiba dhabuu
~Xiyyeeffannoo dhabuu
~Yeroo hunda mukaa’uu
~Yeroo hunda  aaruu
~Murtoowwan badoo fi bilchina hin qabne murteessuu
~Namaan walii galuuf rakkachuu
~Araada garaa garaa keessa dhokachuu
~Bowwoo mataa, dhukkubbiin qaama keenya hundarraa nutti  dhagaayamuu , qooma keenya keessa dhukkubbii fi dhahannan onnee dabaluu faadha.

#Furmaata
Haala dhukkubichaa Fi mallattoolee isaa irratti hunda'uun yaalamuu Waan danda'uuf namni mallattoolee kanniin of irratti arge ogeessota yaala Sammuun  yaalamuu ni danda'a!

Odeeffannoo biroof 👇👇
@feyisalpsych
Nagaa ta'aa! 🙏
Maraatan Eenyu?
=============
Saayinsii Fayyaa Sammuu keessatti wanti maraataa jedhamu hin jiru! Sammuun keenya garuu akkuma qaamota biroo dhibeewwan adda addaa dhukkubsachuu danda'a. Dhibeewwan kunis maqaa fi mallattoolee garaagaraa kan qaban yoo ta'u akkuma dhukkuboota qaamaa biroo yaalamuu danda'u.

➡️Hundaafuu Maraatan Eenyu?

✓Nama dhibee sammuu dhukkubsatu gowwomsanii qabeenya isaa fudhachuu?

✓Nama dhukkubsatee qofa haasa'u ykn boo'u qoosaaf Itti fayyadamuu?

✓Nama dhibee sammuu dhukkubsatu of hin beekuu jeechuun saalqunnamtiif kakaasuu?

✓Nama sammuun dhukkubsate maallaqaan gowwoomsuun Ittin bashannanuu?

➡️Hundaafuu nuti boru dhukkubsachuu dhiisuuf ragaa qabna?

Walumaagalatti nama dhibee garaachaa, kalee,narvii,fi kkf dhukkubsatu namni Itti qoosuu hin jiru. Sammuun keenyas akkuma qaamolee kanniinii dhukkubsachuu waan danda'uuf qoosaa dhiisnee waa'ee dhibeewwan sammuu irratti hubannoo sirrii qabaachuun qabna.

➡️Waan hoojjannu hundaaf immoo waaqa haa Sodaannu!

Fayyaa ta'aa!

Beekii M  (Ogeessa Yaala Sammuu)

"Sammuu fayya, jireenya fayya qabeessaaf!!!"

@feyisalpsych
@feyisalpsych
Heemolacria

Haemolacria, imimmaan dhiigaa boo'uun haala hin baramne yoo ta'u namni tokko imimmaan gartokkoon dhiigaa irraa hojjetame akka boo'u taasisa.

Sababoota: dhiphina miiraa ykn jijjiirama hormoonii,miidhaa mataa,Xannacha,itiruu Dhiiga
infekshinii ykn miidhaa ujummoo imimmaan irratti uumamuun dhufa.
#fact
__
@✍️Feyisal

@feyisalpsych
@feyisalpsych

Fayyan Sammu keenaf!
Hordoftoota amantii Musliimaa!
Baga Ayyaana Arafaan nagaan geessan!
ለመላው የእስልምና እምነት ተከታዮች እንኳን ለአረፋ በዓል በሰላም አደረሳችሁ!
To all Muslims! Happy Eid Al Arafa!

✍️Feyisal G.

@feyisalpsych
Namni maaliif of ajjeesaa?
==================
Of ajjeesuu (Suicide)

        Sababoota:

1 .Jireenya dhiphistoota (life stressors) kanneen akka rakkoo diinagdee, balaa garaagara, miidhama, gudeeddaa, hariiroon addaan cituu, walitti bu'insa, miira adda of baasuu, abdii kutachuu, dhukkubbiin namarra dheerachuufi dhibeen sammuu sababoota isaan duraati.

Karaalee namoonni of ajjeesan gurguddoon:
1. Of rarraasuu
2. Summii dhuguu
3. Ofitti dhukaasuu
4. Of darbachuun isaan gurguddoodha.

👉Akkamitti ittisnaa?
1. Waantoota ittiin of ajjeesan ofirraa fageessu ykn hir'isuu (e.g. pesticides, firearms, certain medications)
2. Hariiroo hawwaasummaa cimsuu
3. Amantiitti cimuu.. kadhachuu
4. Alkoolii hir'isuu
5. Namoota yaalii of ajjeecha godhanii beekaniif qabannaa cimaa gochuufi.
6. Namoota dhibee sammuu,depression, anxiety, araada (suusii) garaagaraa qaban, dhibewwan sammu akka of ajessan ajajan irra akka yaalaman,namoota yeroo dheeraaf dhukubbii hamaan dararamaniifi miirri isaani jeeqamaa, dhiphina hamaa kessa jiran adda baasanii, yaaliifii eegganna cimaa gochuudhaan.

Lubbuun tokko ofiin akka ofi hin balleesine haa ittisnu🙏



@✍️Feyisal G.

“FAYYAA SAMMUU MALEE FAYYAAN HIN JIRU”!!

@feyisalpsych
@feyisalpsych
Rakkoo fayyaa aariin dhufu:

#Aarii

* Dhukkuba onnee tasaaf nama saaxila

Yoo daftee aartee fi mufatte, dhukkuba onnee tasaaf saaxilamaa akka jirtu beekuu qabda.

* Aarii qabachuun carraa dhukkuba onnee akka tasaa dachaa 3n dabala

Yeroo aartu aarii kee qabbaneessuu fi furmaata barbaaduuf jecha waan si boqochiisu fi aarii kee hir'isu hojjedhu. Yoo kana hin goone carraa dhukkuba onneetiin qabamuuf of saaxilaa jirta.

* Sirna ittisa qaama keenyaa hir'isa

Aariin seelonni ittisa qaama keetii laaffisuu fi dhukkubaaf akka saaxilamtu, dhibba dhiigaas fidu danda'a.

Aariin rakkoolee armaan olitti ibsaman fi kanneen biroo waan fiduuf yoo danda’ame akka hin aarre, ykn rakkoo jireenya kee guyyaa guyyaa keessatti si mudatu karaa tasgabbii fi nagaa ta’een akka furtuu fi fayyaa kee balaadhaaf akka hin saaxillee of eeggannoo taasisi.

#Aarii
✍️F. G.

@feyisalpsych
@feyisalpsych
#ExitExam

Qabxiin ba’iinsaa ifoomeera.

Ministeerri barnootaa bu’aa qormaata ba’iinsaa  Yuunivarsitiileef ergeera. Yuunivarsitiileenis guyyaa harraa irraa ka’uun qabxii akka ifoomsan barameera.

@feyisalpsych
@feyisalpsych
Baratooni Exit exam dabartan baga milkooftan baga gammadan jecha worooni isinif hin milkayin immo ni milkoftan yeroo itti anuti Abdi hin kutina.

Mufachuun guutummaatti waanuma jiruudha, garuu qormaanni tokko gatii ykn dandeettii kee akka hin ibsu yaadachuun barbaachisaadha.
Kanaafuu:



1. Garmalee ofitti hin dhiphisin.

Mufachuun homaa miti, garuu bu'aa isaa irratti akka hin xiyyeeffanne yaali.  Namni hundinuu duubatti deebi'iinsi isa mudata waan ta'ef.

2. Muuxannoo irraa baradhu:

Yeroo itti aanutti waan adda ta’e gochuu akka dandeessu irratti xiinxaluuf kana akka carraatti fayyadami. 
Gargaarsa ykn qajeelfama yoo barbaadde barbaaduu yaadi.  Kufaatiin carraa barachuu fi guddachuuti.

3. Yaada gaarii qabaadhu:

Ofii keetii fi dandeettii keetti amani.  Duubatti deebi'iinsa kana mo'uuf humnaa fi dandamachuu qabda.


4.Of kunuunsi:

Of kunuunsuu fi boqonnaaf yeroo muraasa fudhachuu kee mirkaneessi.  Sirriti dubbiste cimtee deebi'uun kee barbaachisaa dha.

5. Fuulduratti tarkaanfachuu itti fufi:

Kun qormaata tokko qofa akka ta'e yaadadhu, milkaa'ina kee gara fuula duraa kan hin ibsu.  Cimtee hojjechuu itti fufi galma kee irrattis xiyyeeffadhu.

6. Deeggarsa barbaaduu:

Barsiisota, warra, ykn hiriyoota keessan deggersaa fi jajjabina argachuuf dhaqqabuu hin sodaatinaa.  Kana qofa keessa darbuu hin qabdu.

Waan gurguddaa galmaan ga’uuf dandeettii akka qabdu yaadadhu, duubatti deebi’iinsi kun immoo imala kee irratti bu’aa xiqqoo qofa. 
Mataa kee ol qabadhu,
yaada gaarii qabaadhu,
Akkasumas carraa milkaaʼina akka qabdu beeki Sitti nan amana jaabadhu.

✍️Feyisal G.

@feyisalpsych
@feyisalpsych

Fayyan Sammu hunda keenyaf!
#DHUKKUBBI_MARSA_LAGUU_DURAA
[Premenstrual Syndrome]

Mallattoon laguu dura fi ovulation booda (guyyoota 5-7) kan mul’atu yoo ta’u, yeroo baay’ee hariiroo namoota gidduutti taasifamuu fi sochii idilee gidduu seenu.Tatamsa’inni dhukkuba marsaa laguu duraa addunyaa irratti %47.8 yoo ta’u, dubartoonni umuriin isaanii walhormaataa keessa jiran %90 jireenya isaanii keessatti yeroo tokko tokko dhukkuba kanaan qabamu.

Sababni Dhibee kanaa sirriitti kan hin beekamne ta'us, erga ovulation booda jijjiirama hormooniitiin akka ka'u amanama.
Mallattoolee laguu waan ijoo piroojeestirooniidha.

Mallattoolee dhibee kanaa
• Dhiphina ykn yaaddoo
• Mukuu hamaa
• Boo’uu
• Miirri namaa jijjiiramuu fi aarii ykn dheekkamsa
• Jijjiirama fedhii nyaataa
• Rakkoo hirribaa (hirriba dhabuu) .
• Qunnamtii hawaasummaa addaan kutuu
• Xiyyeeffannoo gaarii dhabuu
• Dhukkubbii waliigalaa
• Ol nama jechuu
• Finniisni fi alarjii

🎯Furmaata
• Nyaata vitaamin B6, kaalsiyeemii fi maagniziyeemiin badhaadhe gorfamuu danda’a.
• Nyaata tiriiptoofaan of keessaa qabu nyaachuunis gargaaruu danda’a. Isaan keessaa muraasni oomishaalee aannani, xaafii, tuunaa fi qola qurxummiiti.
• Ji’a keessatti hirriba baay’ee rafuu yaali.
• Dhangala’oo kan akka bishaanii ykn dhangala’aa baay’inaan dhuguu.Dhugaatii lallaafaa, alkoolii ykn kaafeenii (buna, kookii) irraa fagaachuu.
• Yoo xiqqaate sa’aatii 3 keessatti waan nyaattan qabaachuu.Garuu garmalee hin nyaatinaa.
• Maashaalee boqochiisuu fi kaka'umsa dhaabbataa irra deddeebi'uudhaan sochii qaamaa gochuu.fakkeenyaaf jecha "tokko" jedhu hafuura tokkoon tokkoon irra deddeebi'uu; Daqiiqaa 10-20 shaakaluu.

✍️.Feyisal G.

@feyisalpsych
@feyisalpsych

Fayyan Sammu hunda keenyaf.
Hariiroo jaalalaa keessatti amanamummaa dhabuun miidhaa hamaa geessisu;



Hariiroo jaalalaa keessatti amanamummaa dhabuu;  Miiraan hiriyaa gaa’elaa gante irratti miidhaa geessisu baay’ee nama gaddisiisa. Miirri cimaan miidhamuu, aarii fi salphina baay’ee kan mul’atudha.  Kunis ofitti amanamummaa fi ofitti amanamummaa ni balleessa.

Mallattoon yaaddoo fi dhiphina sammuu bu’aa xiinsammuu yeroo baay’ee mul’atudha.

Amanamummaa dhabuun bu’uura wal amantaa hariiroon sun irratti ijaarame kan cabsu yoo ta’u, egeree hiriyoonni gaa’elaa kanaa garmalee qormaata akka ta’u taasisa.

Dhiifamni yoo argamee fi hariiroon sun yoo deebi’e illee, karaan fayyinaa dheeraa fi ulfaataa waan ta’eef, amantaa deebi’anii ijaaruuf waadaa cimaa qabaachuu gaafata.

Bu’aan amanamummaa dhabuun geessisu fagoodha.  Miidhaa daa’immanii;  Hariiroon maatii fi hawaasummaa kkf addaan cituu ni jiraata.  Karaa biraatiin adeemsi wal hiikuu dhiphina miiraa hammeessa.

Akka ogeessa sammuu tokkootti, rakkoolee walxaxaa amanamummaa dhabuu gaa’ela keessatti mul’atan mo’uuf barbaachisummaa gorsa xiinsammuu fi yaala sammuu hiriyoottan gaa’elaa kaasuun dhiisuu hin danda’u.

Mee waliin taanee waa'ee fayyaa sammuu irratti hubannoo uumne hawasa keenya haa tajajilu.

✍️Feyisal G.

Fayyan Sammu hunda keenyaf haa ta'u.

@feyisalpsych
@feyisalpsych
Fayyaan sammuu jechuun hojii miiraa, xiinsammuu fi hawaasummaa keenyaa gaarii ta’uu agarsiisa.  Akkaataa itti yaadnu, miira keenya fi gocha keenya irratti dhiibbaa kan uumu yoo ta’u, dandeettii qormaata jireenyaa fi hariiroo keenya dandamachuu keenya murteessa.  Fayyaan sammuu gaariin kan amala qabu:

- Miiraan dandamachuu
- Fakkii ofii gaarii
- Hariiroo fayya qabeessa
- Mala dandamachuu bu’a qabeessa ta’e
- Dandeettii dhiphina to'achuu

Fayyaan sammuu kanneen armaan gadiitiif barbaachisaa dha:

- Nageenya waliigalaa
- Fayyaa qaamaa
- Guddina dhuunfaa
- Hariiroo
- Oomishtummaa
- Dandamannaa

Haalota fayyaa sammuu beekamoo ta’an tokko tokko kanneen akka:

- Rakkoo yaaddoo
- Dhibee dhiphina sammuu
- Dhibee baay'ee nama dhiphisu (bipolar disorder).
- Dhibee dhiphina boodaa (PTSD) .
- Dhibee xiyyeeffannaa dhabuu (ADHD) .

Fayyaan sammuu dhimma akka qabu yaadadhu!  Yoo rakkachaa jirta ta'e, deeggarsa argachuuf hiriyyaa amanamaa, miseensa maatii ykn ogeessa fayyaa sammuu qunnamaa.

✍️ Feyisal G.

Fayyaa Sammuu Malee Fayyaa Hin Qabu!!

@feyisalpsych
@feyisalpsych
Namni Gaggabdoo qabu tokko si biratti kufee beekaa? Akkamitti gargaaruu dandeessaa ?

#Gaggabdoo/ Epilepsy!

Wantoota namoota sababa gaggabdootiif kufaniif godhamuu qaban keessa murasni:

1.Akka balaan irra hin geenye ittisuu. Wantoota qara qabanii fi miidhaa irraan gahuu danda'an irraa fageessu.

2.Mataa isaanii boraasisuu, waan laafaa mataa isaanii jala kaa'anii irkisuu

3.Akka qillensa haalan baafachuuf isaaniif mijatuuf Cinaacha bitaan akka ciisan gochuu.

4.Hanga isaan of baraniif itti dhiyaatanii callisaan hordofuu.

5.Nannoo morma isaanitti uffata hedduu isaan qabu kan uffatanii jiran yoo ta'e irraa furuudhan akka qillensa bilisan baafatan gochuu.
Wantoota godhamuu hin qabne!

6. Wixxifanna fi sochii isaan godhan sana ittisuuf yaalun hin barbaachisu. Innuu ofuma isaatii daqiiqa muraasa booda ni dhiisa.

7.Waan kamuu afaan keessa ka'uun hin barbaachisu. Wanti dhugamuu fi wanti nyaatamu tokkos hanga isaan guutuutti of baraniitti kennamufii hin qabu.

8. Iddoo balaaf isaan saaxiluu danda'u irratti kan kufanii jiran yoo ta'e malee sossochoosuuf yaaluun hin barbaachisu

9.Kirbiitii fi wantoota gargaraa itti aarsuun hin barbaachisu
.
10.Rifachuu fi shororkaa'uun hin barbaachisu!

#Gorsa!
Dhukkubni gaggabdoo yaala waan qabuuf gara mana yaalaa deemuudhaan dawaa kennamu itti fufiinsaan fudhatanii balaa sababa isaatiif dhufuu danda'u of irraa qolachuun hedduu barbaachisadha!

Fayyaa hin dhabinaa!!

✍️Feyisal G.

@feyisalpsych
@feyisalpsych