Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/
14.8K subscribers
15.4K photos
44 videos
3 files
1.88K links
Download Telegram
Workishooppiin qophii karoora tiraanisformeeshinii gaggeeffamaa ture xumurame
******************
Gaazexaa Bariisaa
Workishooppiin qophii karoora tiraanisformeeshinii jijjirama bu’uraa fiduuf Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurame.
Xumura workishooppichaarratti argamuun haasaa kan taasisan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, magaalattitti jijjirama bu’uraa fiduuf kenninsa tajaajila mootummaa, carraa hojii uumuu, dhiyeessii manneenii, misooma lafaafi bulchiinsaa, galii walitti qabuufi geejibaa galmoota jijjirama fiduu danda’anirratti mari’atamee gara fulduraatti xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamuu jedhan.
Galtee workishooppicharraa argameen “Ummata nu filataniif waadaa galleen gaaffilee deebisuun, qaamolee dhimmi isaan ilaallatu waliin hojjechuun, jiraattoota magaalichaa akkasumas qaamolee biroo waliin ta’uun bu’aa qabeessummaaf nitattaafanna” jechuusaanii kominikeeshiniin magaalichaa beeksiseera.
Wallaggi dirree waraanaa osoo hintaane dirree nagaafi jaalalaati
**************
Gaazexaa Bariisaa
Ummatni Wallaggaa akkuma Oromoo warra kaanii maraa calaqqee jaalalaa, gootummaafi tokkummaati. Barnoota ammayyaafi amantaa dursee ofitti simachuun akkuma biyyaattuu tumsi rogawwan maraa inni guddina biyyaa keessatti qabu seenaa Itoophiyaa keessatti hayyoota garagaraan ragaa ba’ameeraaf. Nagaa, jaalalaafi tokkummaa labsaa eenyummaasaaf waardiyyaa ta’uun Oromoo akkasaa waliin falmachaa tureera.
Roobii darbe jilli Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu wayita gara Oromiyaa Lixaatti imaletti magaalaa Naqamteetti hiriirri deggarsaafi simannaa ho’aan taasifameeraaf. Doktar Abiyyis waan ta’e kana hundatti gammaduun “Miira gammachuu olaanaa keessa namni jiru dubbii balleessa waan ta’eef ergaa xiqqoo.....
https://press.et/.../wallaggi-dirree-waraanaa-osoo.../
Sossochii “Itoophiyaan haa omishtuutiin” baasii doolaara Ameerikaa biliyoona 1.9 baraaruun danda’ameera
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Sossochii “Itoophiyaan haa omishtuun” omishaalee alaa gala turan biyya keessatti omishuun baasii ba’uuf malu doolara Ameerikaa biliyoona 1.9 baraaruun akka danda’ame Ministirri Mummee Doktar Abiyyi Ahimad beeksisan.
Doktar Abiyyi sagantaa baniinsaa Eksipoo 2016 “Itoophiyaan haa omishtuu” Kamisa darbe Finfinnee Galma Barkumeetti taasisamerratti akka jedhanitti, gatii omishaalee Itoophiyaan alaa galchitu kan alatti ergitu mallaqa doolara biliyoona guddaadhaan caala.
Omisha industiriitif galteen murteessaa ta’uu himanii; galteewwan industirii barbaachisan argachuuf Itoophiyaan misooma qonnaa finiinsaa akka jirtuufi omisha qamadiirratti mikaa’ina biyyattiin.......
https://press.et/.../sossochii-itoophiyaan-haa.../
“Wallaggi dachee jaalalaa, nageenyaafi gammachuu ta’uun qabatamaan mul’ateera” -Bulchitoota godinaalee Wallaggaa
*********************
Gaazexaa Bariisaa
Hiriirri deggarsaa Roobii darbe Naqamtetti adaeemsifame ummataafi mootummaa aannaniifi garaa taasisuu cinatti Wallagga dachee jaalalaa, nageenyaafi gammachuu ta’uu qabatamaan mul’isuusaa bulchitoonni godinaalee Wallagga hubachiisan.
Bulchitoonni kunneen kaleessa Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, ummatni Wallaggaa jijjiirama amma argameef akkuma Oromoo kaanii ilmaansaa qaalii hedduu wareegeera. Jijjiirama har’aaf wayita kutaan hawaasaa sadarkaan jiru falmachaa turetti gochi gara jabeenyaa seenaan hindagatne ummata kanarratti raawwatameera. Jijjiirama argames itichee tursiifachuuf ilmaansaa waardiyyaa akka ta’aniif ijaarsa raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaafi qaamolee.....
https://press.et/.../wallaggi-dachee-jaalalaa.../
Eegalamuun ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa ummata hiyyummaa keessaa baasuuf gumaacha olaanaa qaba
******************
Gaazexaa Bariisaa
Eegalamuun ijaarsa Zoonii Dinagdee Addaa industirii babal’isuufi carraa hojii uumuun ummata hiyyummaa keessaa baasuuf gumaacha olaanaa qaba jechuun Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan. Ijaarsi Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa kaleessa eegalame.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad sirna eegalchiisuu ijaarsa zoonichaarratti haasawa taasisaniin, eegalamuun ijaarsichaa carraa hojii uumee sharafa alaa argamsiisuun hiyyummaa balleessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan.
Waggoota darbanitti waa’ee qamadiifi bunaa dubbataa turre. Har’a immoo waa’ee industirii humna namaa baay’ee hammachuun carraa hojii uumuu danda’u sadarkaa jalqabsiisuurra geenyeerra. Bu’aa qonna qamadiirraa argameen qamadii biyya alaatii galchuun.......
https://press.et/.../eegalamuun-ijaarsa-zoonii-dinagdee.../
Teknolojiin wanta dhoksaan fe’ame dubbisu karroota Finfinnee Shananirratti dhaabamuufi
*********************
Gaazexaa Bariisaa
Daddabarsa meeshaalee waraanaafi daldalaa seeraan alaa Shaggar keessa darbee Finfinnee galu to’achuuf teknolojiin jalqabaa osoo fe’isni konkolaataarraa hinbu’iin sakatta’u hojiirra ooluuf ta’uun ibsame.
Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Magaalaa Shaggar Obbo Leejjisaa Jootee ibsa addatti Bariisaaf Kibxata darbe kennaniin daldala seeraan alaafi daddabarsa meeshaalee waraanaa Shaggarirraa gara Finfinneetti akkasumas alseerummaa Shaggar keessatti raawwatamu to’achuuf gargaaru hojiirra ooluuf akka jiru ibsaniiru.
Teknoloojicha akka fayyadamnuuf kan nudirqisiise sakatta’insa caasaa nageenyaa qabnuun taasisnuun alseerummaa salphaatti.....
https://press.et/.../teknolojiin-wanta-dhoksaan-feame.../
“Qamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii qaban mariin furachuuf of qopheessuu qabu” -Obbo Leencoo Lataa
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Qaamoleen qabsoo hidhannoo keessa jiran gaaffii siyaasaa qaban marii biyyaalessaatiin furachuuf of qopheessuu akka qaban gameessi siyaasaa Obbo Leencoo Lataa ibsan. Goolabamuu taateewwan waraana Itoophiyaa kaabaatii as mul’ataa kan isaan yaaddesse ta’uus ibsaniiru.
Obbo Leencoon ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jehdanitti, qaamoleen qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiran waldhabdee siyaasaa marii biyyaalessaatiin furachuuf qophaa’uu qabu. Waldhabbiin siyaasaa mariidhaan goolabamuu baannaan egereen biyyattii.....
https://press.et/.../qamoleen-qabsoo-hidhannoo-keessa.../
“Milkaa’ina hojii komishinichaatiif barsiisni araaraa cimee ittifufa’’ -Paastar Tsaadiquu Abdoo
********************
Gaazexaa Bariisaa
Hojii Koomishinii Marii Biyyaalessaatiin eegalame akka milkaa’uuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun araaraa cimsanii akka barsiisan Tokkummaan Waldoota Kiristaana Warra Wangeela Itoophiyaa ibsan.
Pirezidantiin Tokkummaa Waldoota Kirstaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, hojii komishinii marii biyyaalessaan hojjetamaa jiru milkeessuuf barsiisa ijaa ba’uurraa fagaachuun jaalalaa, tokkummaafifi araaraa buusuu cimsanii barsiisaa jiru. Marichis dhimmoota waldhabdeef sababa ta’an furuuf shoora olaanaa qaba.
Akka ibsa isaaniitti, Koomishinichi akka biyyaatti dhimmoota waliigalteerra hin ga’amne walitti sassaabuun mariin akka furaman irratti hojjechaa jira. Muuxannoon mariin waldhabdeef furmaata barbaaduun biyyoota adda addaa keessatti....
https://press.et/.../milkaaina-hojii-komishinichaatiif.../
Manni Abbichuu nageenyaafi misooma toora xiyyeeffannaa taasifachuun milkaa’eera
*******************
Gaazexaa Bariisaa
Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu irra jireessaa bosonaa uwwifamuu, sulula Mogoritti dhiyaachuufi daandiin naannoo Amaaraa geessu keessa qaxxaamuruun walqabatee bakkeewwan sodaa nageenyaa qaban keessaa isa tokko ture.
Gama biraatiin ammoo pirojektii guddichaa “Caakkaa pirojekti” jedhamuufi Buufata Qorannoo Hawwaa dabalatee dhaabbilee guguddoon kutaa magaalichaatti argamuunsaanii carraa hojii uumuufi galii maddisiisuurratti kutaa magaalattii carraqabeessa taasisa.
Nageenya mirkaneessuu cinatti rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuun galii sassaabuurratti hojii fakkeenyummaa qabu kutaan magaalichaa barana hojjete ilaalchisee Bulchaan Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Obbo Abrhaam Biraanuu Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaa.....
https://press.et/.../manni-abbichuu-nageenyaafi-misooma.../
Qeellam Wallaggaatti hojiin nageenya mirkaneessuu bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jira
********************
Gaazexaa Bariisaa
Godina Qeellam Wallaggaatti hojiileen nageenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiran bu’aa abdachiisaa argamsiisaa jiraachuu Waajjirri Bulchiinsafi Nageenya godinichaa beeksise.
Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Tasammaa Waariyoo Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, waggoota sadii dura humni Shanee aanaalee godinichaa hedduu keessatti seelii diriirfatee uummata saamaa, nama nagayaa ajjeesaa, shororkeessaa, gidiraa dhala namaarratti raawwachuu hin malle ummataratti raawwachaa ture......
https://press.et/.../qeellam-wallaggaatti-hojiin.../
Gaazexaa Bariisaa maxxansa har'aa!!
Gaazexaa Bariisaa Caamsaaa 3 bara 2016 maxxanfame
https://press.et/.../bariisaa-sanbataa-caamsaa-3-bara-2016/
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo
- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/
#Sagantaa qormaata biyyaalessaa sadarkaa 2ffaa baranaa
***
Gaazexaa Bariisaa
Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee sagantaa qormaata sadarkaa 2ffaa bara 2016 ifoomse.

Qormaatichi intarneetiifi waraqaan kan kennamu yoo ta'u, naannoo Tigraayiin ala sagantaan naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa ifoomeera.
Teletoonii har’a adeemsifameen qarshii miliyoona 154.5 walittiqabameera📞
#Labsii_nageenyaa_Naqamteerraa labsame
*****
Gaazexaa Bariisaa
Ummata bira dhaqaniis ta’e gara waajjirasaaniitti affeeranii mariisisuun, yaadota biyya ceessisan, maddisiisuun harkaafi sammuu qulqulluudhaan hojiirra oolchuun, biyya qarree diigamaarra turte baraaruun, hawaasa seenessa qeenxeetiin burjaajii adda addaa keessa ture yaadasaa jijjiiruun, dallaa jibbiinsaa diiganii riqicha jaalalaa falaasama Ida’amuutiin tokkummaa sabdaneessummaa labsuufi hojiin agarsiisuun kan beekaman.

Saba guddaa, Oromoo keessaa bahanii duudhaa Oromummaatiin afaansaa dubbachaa, ittiin barreessaafi mariisisaa waltajjiilee argatan hundatti nagaa lallabuun kan beekamaniifi kanaanis badhaasa noobeelii nageenyaa kan fudhatan.
👇
https://press.et/oromifa/2024/05/11/labsii-nageenyaa-naqamteerraa-labsame/
Abbaan qabeenyaa Obbo Fayisal Abbaa Maccaa (Godina Jimmaarraa) qarshii kuma 200 Itoophiyaa qulqulluuf arjooman.