Itoophiyaan buufanni dinagdeeshee baatu tokko ol ishee barbaachisa
*****************
Gaazexaa Bariisaa
Itoophiyaan buufanni dinagdeeshee baatu tokko ol dirqama ishee barbaachisa jedhan Dura Taa’aan Paartii Sooshaal Itoophiyaa Piroofeessar Bayyanaa Pheexiroos.
Piroofeessar Bayyanaan turtii DhPI waliin taasisaniin, tajaajilli buufata Jibuutii qofaan argamu fedhii dinagdee Itoophiyaa guutuu hin danda’u jedha,
Kanaaf Itoophiyaan buufanni dinagdeeshee baatu tokko ol dirqama ishee barbaachisa jedhan.
Wanti harkaan qabatame hanga hinjirretti, kana booda ulaa galaanaa baay’ee fayyadamuun dirqama ta’a kan jedhan piroofeessarichi, biyyi akka Itoophiyaa ummata hedduu qabattee ulaa galaanaa hinqabne ulaawwan galaanaa hedduu bal’isuun barbaachisaadha jedhan.
Buufanni baay’een jiraannaan rakkoon buufata tokko yoo mudate buufata biraatti fayyadamuun danda’ama jedhanii, yaadni “Buufatni kun kan kooti” jedhu qabaachuufi uumuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Ergaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad‼️
Milkaa’ina damee qonnaatiin argannee damee indastirii keessatti irra deebi’uuf mul’ata guddaa qabna. Kanaafis Zooniin Indastirii Gadaa dandeettii biyya keenyaafi naannawaa keenyaa mul’isuun kaayyoo kana milkeessuuf kan gargaaru dhaabbata ijoo ta’ee tajaajila.
Zooniin Daldala Walabaa Lumee zoonii indastirii keessa ta’ee yeroo hundeeffamasaa akkasumas hojii wayita eegalu Dirree Dhawaatti aanee zoonii daldala bilisaa isa lammaffaa kan ta’u yoota’u, kunis guddina dinagdeefi misoomaaf carraawwan bal’isa.

Liibaan Cuqqaalaatti miseensota shaneerratti tarkaanfiin fudhatame
**************
Gaazexaa Bariisaa
Godina Shawaa Bahaa Aanaa Liibaan Cuqqaalaatti miseensota shanee Yaa’a Laga Awaash daheeffachuun sochaa’aa turanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Raayyaan Ittisaa Biyyaa beeksise.
Miseensota garichaa Yaa’a laga Awaash daheeffachuun gochaa shororkeessummaa raawwataa turan guutummaatti barbadeessuu himeera.
Hoggantoonni garichaa Jaal Boonsaa, Jaal Fayyisaafi Jaal Maakii jedhaman garee dursan waliin ajjeeffamuu eereera.
Kilaashiin 34, SKS 13, Boombiiwwan addaddaa saddeetiifi rasaasni hedduun hidhannoowwan garagaraa waliin booji’amuu ragaan Fuula Raayyaa Ittisaarraa argame nimul’isa.
Caamsaa 2 bara 2016

Agarsiisa #Suuraa #Itoophiyaan_haa_omishtu!!
Galma Barkumeetti Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin kan baname Agarsiisni suuraa Itoophiyaan haa omishtuu, waliin ta’insa Ministeera Indastiriifi Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin kan qophaa’edha!!
Agarsiisni seenaa indastirii Itoophiyaa mul’isu kana kutaalee hawaasaa garagaraan daawwatamaa jira.
Agarsiisni kun hanga Caamsaa 5 bara 2016tti ummataaf banaa ta’ee tura.