Ethiopian Press Agency/ Afaan Oromoo/
17.3K subscribers
15.7K photos
45 videos
3 files
1.93K links
Download Telegram
#Sagantaa_dorgommii_har'aa
*****
Gaazexaa Bariisaa
Shaampiyoonaa atileetiksii 18ffaa addunyaatiin fiigichi xumuraa dhiirotaa meetira 5000 halkan 10:05 irratti kan adeemsifamu yoo ta'u, atileetonni Muktaar Idiris, Yoomiif Qajeelchaafi Solomoon Baaraggaa ni hirmaatu.

Dorgommii xumuraa meetira 800 dubartootaa halkan 10:35 irratti adeemsifamurratti ammoo Atileet Dirribee Waltajjii ni hirmaatti.

Gaazexaa Bariisaarraa odeeffannoowwan dabalataa argachuuf
- Telegram
Ethiopian Press Agency/Afaan Oromoo
ykn liinkii
https://t.me/EthiopianPressAgency_AfaanOromoo

- Marsariitii
https://www.press.et/afanoromo/
#Sagantaa iddoowwan ikoo turizimii haaraa beeksisu
************
Gaazexaa Bariisaa
Finfinnee: Sagantaan iddoowwan paarkii biyyaaleessaafi ikoo turizimii haaraa ifoomsuu Waajjira Pirezdaantii Oromiyaatti adeemsifamaa jira. Mariin paanaalii abbootii gahee hirmaachisees guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu ta'a.
Saganticharrattis Walittiqabaan Boordii Bulchiinsa Paarkiiwwanii Oromiyaa Komishinarri Jeneraalaa Kaffaaloo Tafarraa, Bulchitooni Godinaaleefi bakka buutoonni seektarichaa kan argaman yoo tahu, barreeffamoonni marii addaddaa dhihaatanii irratti kan mari'atamu ta'a. Guyyaa boriis Bosona Subbaa Magaalaa Shaggariitti argamutti sagantichi bakka pireezdaantiin Oromiyaa argamanitti ifaan kan beeksifamu ta'a.
Akka waliigalaattis paarkiiwwaniifi bakkeewwan ikoo turizimii 42 waggaa tokkoof qorannoon irratti taasifame ni ifoomu.
Saamraawiit Girmaatiin
#Sagantaa qormaata biyyaalessaa sadarkaa 2ffaa baranaa
***
Gaazexaa Bariisaa
Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee sagantaa qormaata sadarkaa 2ffaa bara 2016 ifoomse.

Qormaatichi intarneetiifi waraqaan kan kennamu yoo ta'u, naannoo Tigraayiin ala sagantaan naannolee hundaafi bulchiinsa magaalotaa ifoomeera.
#Sagantaa Olompikii Paariis har'aa atileetonni Itoophiyaa irratti hirmaatan‼️
****
Gaazexaa Bariisaa
Dorgommii gufachiisaa meetira 3000 dubartootaa

👉Loomii Mul'ataa
👉Simboo Alamaayyoo 5:05

Dorgommii xumuraa meetira 800

👉Warqinash Massalaa
👉Tsiggee Dhugumaa

Dorgommii xumura walakkaa meetira 1500 dhiirotaa

👉 Saamu'eel Tafarraa
👉 Ermiyaas Girmaa galgala 4:10 irratti adeemsifama.

Adoolessa 28 bara 2016