EECMY Youth Ministry
1.83K subscribers
3.51K photos
8 videos
269 links
Fellowship - Discipleship - Evangelism

1Thimothy 4:12

This is the official telegram channel of EECMY Head Office - Youth Ministry
Download Telegram
EECMY Youth Ministry
Photo
'የሀገራችሁ ወጣቶች ለምን በህገወጥ መልኩ ይሰደዳሉ? ለምን በበረሃ ይሞታሉ...?'
===
ይሄን ጥያቄ የጠየቁኝ ቄስ ካኖን ኢማኑኤል ይባላሉ: የዛምቢያ አብያተ ክርስቲያናት ካውንስል ዋና ጸሐፊ ናቸው። በናይጄሪያ አቡጃ በተካሄደው የመላው አፍሪካ አብያተ ክርስቲያናት ኮንፈረንስ በሕገወጥ ስደትና በሚያስከትለው ጉዳት ላይ በተደረገው አውደ ጥናት ላይ ተገናኘን።
በአውደ ጥናቱ ላይ ኢትዮጵያዊ መሆኔን ካወቁ በኋላ ቀረቡኝና፣ ‘ግን ለምን የሀገራችሁ ወጣቶች በብዛት ከሀገር ይወጣሉ፣ ለምን ይሰደዳሉ፣ ለምን በበረሃ መሞትን መረጡ?... ችግሩ ምንድን ነው? ባለፈው አመት በኮንቴነር ወደ ደቡብ አፍሪካ በህገ ወጥ ስደት ጉዞ ላይ ከነበሩ ወጣቶች መካከል 27ቱ ዛምቢያ ውስጥ በመንገድ ላይ ነበር ሞተው ሬሳቸው የተጣለው። ዜናው በመላ ሀገሪቱ ትልቅ ሀዘንን የፈጠረ ሲሆን በወቅቱም በመገናኛ ብዙሃን አጀንዳ ሆኖ ነበር። በተመሳሳይ መልኩ ባለፈው አመት በማላዊ የ30 ኢትዮጵያውያን የጅምላ መቃብር ተገኘ። ከዚያ በፊት ከ2 አመት በፊትም እንዲሁ በሞዛምቢክ በኮንቴነር ውስጥ 64 ወጣቶች ሞተው መገኘታቸውን ስንሰማ በጣም አዝነን ነበር።
ግን ይህ ሁሉ የሆነው ለምንድነው? ትውልዱ በኮንቴይነር ውስጥ ተጭኖ ታፍኖ እስኪሰደድ፣ ያለ ምግብና መጠጥ፣ ያለ አየር... ተስፋ ቆርጦ እንዲሞት ያስገደደው ምክንያት ምንድን ነው? ምን እየተፈጠረ ነው...?›› ብለው በሀዘን ስሜት ጠየቁኝ። እኔም እያዘንኩኝ እንዲህ ብዬ መለስኩላቸው፡- “ወጣቶቻችን ራዕይ አላቸው፣ ሰርተው መለወጥ ይፈልጋሉ፣ ማደግ ይፈልጋሉ፣ ስኬታማ መሆን ይፈልጋሉ። ለቤተሰቦቻቸው እና ለሀገራቸው በረከት መሆን ይፈልጋሉ .... ግን በሀገሪቱ ውስጥ ያለው ሁኔታ ብዙም ምቹ አይደለም ፣ ስራ አጥነቱ በዛ ፣ ተሯሩጠው የራሳቸውን ለመጀመርም ያስባሉ : ያለው ሁኔታ ግን ​​አልፈቀደላቸውም ፣ ቢሮክራሲውና ሙስናው እንቅፋት ይሆንባቸዋል ፣ የሰላም እና ጸጥታ ሁኔታው ደግሞ ይበልጥ ነገሮችን አስቸጋሪ አደረገ፣ ይህ ሁሉ ተደምሮ ነው እንግድህ ትውልዱን ተስፋ አስቆርጦ በህገ ወጥ መልኩ እንዲሰደድ ያደረገው... ሲል መለስኩለት።

ቀጥለውም ‹ይህ በጣም ያሳዝናል: እናንተ ለእኛ ወንድሞቻችን ናችሁ፤ እናም ወንድሞቻችንና እህቶቻችን በንደዚህ አይነት አሳዛኝ ሁኔታ በረሃ ላይ ሲሞቱ፣ ሬሳቸውም በምድረ በዳ ሲጣል ማየት በጣም ያሳዝናል። ነገር ግን እንዳልከው በአገራችሁ ያለው ሁኔታ አስቸጋሪ ቢሆንም፣ ሁኔታዎቹ ምቹ ባይሆኑም ሕገወጥ ስደትን መምረጥ መፍትሔ ሊሆን አይገባም። ወጣቶች በማይመች ሁኔታ ውስጥም ቢሆን ተስፋ ሳይቆርጡ ራሳቸውን ለመለወጥ መሞከር አለባቸው: ወደ ሌላ ሀገር ለመሰደድ ቢያስቡ እንኳ በህጋዊ መንገድ እንጂ ህገ-ወጥ ስደት ምርጫ ውስጥ ፈጽሞ መግባት የለባቸውም:: በሕገወጥ ስደት ውስጥ የሚጠቀሙት ህገወጥ ደላላዎች ብቻ ናቸው። ይህ መለወጥ አለበት: በዚህ መቀጠል የለበትም::

በአገሪቱ ውስጥ ለወጣቶች ዕድል መፍጠር አስፈላጊ ነው: ወጣቶች ህገ ወጥ ስደትን እንዳይመርጡ ህጋዊ ስደትን ማመቻቸት እና በህገወጥ የሰው አዘዋዋሪዎች ላይ ህጋዊ እርምጃ መውሰድ ያስፈልጋል። ይሄ ሁሉ ብዙ ስራ ይጠይቃልና በርቱ..." ብለው ምክራቸውን ቋጩ። እዚህ ላይ ብዙ የሚጨምረው ነገር የለኝም: ወጣቱ በሀገሬ ሰርቼ መለወጥ እችላለሁ የሚል አስተሳሰብ እንዲይዝ በትውልዱ አእምሮ ላይ መስራት ያስፈልጋል። በአስተሳሰብ ላይ ከተሰራ በኃላ በተቻለ መጠን ለወጣቱ ሁኔታዎችን ማመቻቸት እና ድጋፍ መስጠት ከሁሉም ይጠበቃል:... እና ቤተሰቦች: መንግስታት: መንግስታዊ ያልሆኑ ድርጅቶች እና የግል ድርጅቶች... ሁሉም ሚናቸውን መጫወት አለባቸው::
በወጣቶች ከመፍረድ ይልቅ ወጣቶችን ማዳመጥና መረዳት፣ ለስኬታቸው ሁኔታዎችን ማመቻቸትና አስፈላጊውን ድጋፍ ማድረግ ላይ ከመቼውም ጊዜ በበለጠ መልኩ ትኩረት ሊሰጥ እና ሊሰራ ይገባል እላለሁ። እግዚአብሔር ለሀገራችን ሰላምን: ለወጣቶቻችን ተስፈ እና ስኬትን ይስጥ። ጤና ይስጥልኝ!

Via @wondmagegnudessa
#EECMY #AACC #Africa #Youth #Dargaggoo #ወጣት #AddressingIllegalMigration #Entrepreneurship
EECMY Youth Ministry
Photo
'DARGAGGOON KEESSAN MAALIIF BIYYAA BAQATEE GAMMOOJJII KEESSATTI DU'A...?'
===
Gaaffii kana kan nagaafatan Luba 'Canon Emmanuel' jedhamu, Barreessaa Olaanaa Kaawunsilii Waldoota Kiristaanaa Zaambiyaati. Yaa'ii Waldoota Kiristaanaa Guutummaa Afrikaa biyya Naayijeeriyaa Magaalaa Abuujaatti godhame irratti, workishooppii waa'ee godaansa seeraan alaa fi dhiibbaa isaa jedhuun qophaa'e irratti wal argine. Workishooppicha irratti akka ani Itoophiyaarraa dhufe erga baranii booda qofaatti nawaamanee, 'Dargaggootni biyya keessanii garuu maaliif lakkoofsa baay'eedhaan biyya bahanii maaliif godaanu, maaliif gammoojjiitti du'u?... maaliidha rakkinnisaa? Waggaa darbe dargaggoota konteeynaraan fe'amanii gara Afrikaa Kibbaa galuuf karaa godaansa seeraan alaatiin dhufan keessaa dargaggoota 27tu reeffisaanii karaatti gatame, Zaambiyaatti. Oduun kun biyyattii guutuutti gadda guddaa uume, miidiyaadhaanis waggaa har’aa ajandaa guddaa ture. Wagguma darbe kanatti awwaalli waloo (mass grave) Itoophiyaanotni 30 itti awwaalaman biyya Maalaawiitti argamee ture. Sana dura, waggaa 2 dura immoo dargaggootni Itoophiyaa 64 biyya Moozaambikiitti konteenara saamsame keessatti du'anii akka argaman dhageenyee baay'ee gaddine. Garuu kun hundumtuu maaliif ta'e? Hamma kana dhaloota abdii kutachiisee konteeynara keessatti akka ukkaamamanii, nyaataa fi dhugaatii malee, qilleensa malee...akka dhumaniif kana isaan dirqamsiise maaliidha? Maaltu ta'aa jira...?" jedhanee fuula gaddaatiin nagaafatan. Anis fuula gaddaatiin akkas jedhee deebiseef, "Dargaggoon keenya mul'ata qaba, hojjatee of jijjiiruu barbaada, guddachuu barbaada, ofirra darbee maatiisaa fi biyya isaatiif eebba ta'uu barbaada,... garuu biyya keessatti haalota garagaraatu mijachuufii dide, hojii dhabdummaatu baay'ate, asii fi achi fiigee waan dhuunfaasaa jalqabuudhaafis niyaada, garuummoo haalotatu mijachuufi dide, kiraa sassaabdummaanis hudhaa cimaa itti ta'e, sanirratti haalli nageenyaas ulfaataa ta'e, kun hundumtuu walitta dabalamee dhaloota abdii kutachiise... ' jedhee deebiseef. Innis itti fufee, 'Kun baay'ee nama gaddisiisa, isin nuuf obboloota, obboleewwan keenya immoo haala gaddisiisaa kanaan yoo gammoojjii keessatti dhuman, reeffi isaanii lafa onaatti yoo gatamu arguun baay'ee nama gaddisiisa. Garuu haalli biyya keessanii ulfaataa yoo ta'eeyyuu, haalotni mijatuu yoo baatan iyyuu godaansa seeraan alaa filachuun furmaata hin ta'u. Haalota mijataa hin taane keessattis osoo abdii hin kutatin of jijjiiruudhaaf yaaluun barbaachisaadha, yoo biyya biraatti godaanu yaadan immoo karaa seera qabeessaan osoo ta'ee wayya malee godaansi seeraan alaa gonkumaa filannoo keessa seenuu hin qabu. Godaansa seeraan alaa keessatti kan fayyadamuu dallaalota (smugglers) qofaadha. Kun jirjiiramuu qaba, akkasiin itti fufuu hin qabu. Biyya keessatti carraa dargaggootaaf uumuun barbaachisaadha. Dargaggootni godaansa seeraan alaa akka hin filanneef godaansa seera qabeessaaf karaa mijeessuunii fi dallaalota (smugglers) godaansa seeraan alaa irratti tarkaanfii seeraa fudhachuudhaan sirreessuun barbaachisaadha. Kun hundumtuu hojii guddaa gaafata, jabaadhaa..." jedhee gorsasaa xumure. Asirratti waan itti dabalu baay'ee hin qabu. Dargaggoon, biyya kiyyattis hojjadhee jirjiiramuu nan danda'a ilaalcha jedhu akka qabaatuuf sammuu dhalootaa irratti hojjachuun barbaachisaadha, erga sammuu fi ilaalcharratti hojjatamee booda haala mijataa uumuun, deeggaruun hundumarraa ni eegama, maatiinis, mootummaanis, dhaabbileen mit-mootummaas, dhaabbileen dhuunfaas...gahee qabu. Dargaggootarratti murteessuurra dargaggoota dhaggeeffachuunii fi irratti hojjachuun, haalota isaaniif mijeessuunii fi deeggarsa barbaachisu gochuun yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaan itti haa kennamuu jechuu fedha. Waaqayyo biyya keenyaaf nageenya, dargaggoo keenyaaf abdii fi milkaa'ina haa kennu. Horaa Bulaa!

Via @wondmagegnudessa
#EECMY #AACC #Africa #Youth #Dargaggoo
'GUDDINA HUNDA-GALEESSA MILKAA'INA HUNDA-GALEESSAAF'

Ergaa Ayyaana Dargaggootaa Bara 2016/2024

#EECMY #YouthDay #2016EC #2024
#MekaneYesus #Dargaggoo
https://t.me/eecmyyouthministry
@EECMY Youth Ministry