Daandii Jireenyaa
3.61K subscribers
403 photos
136 files
481 links
Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha.

Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa.

@m21harmekoo
Download Telegram
Forwarded from Daandii Jireenyaa (Motuma)
Forwarded from Daandii Jireenyaa (Motuma)
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Baga Yaadannoo Waggaa Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa’eliin isin ga’e

Eegalamuu Kabaja Ayyaana Waxabajjii 12 fi Yaadannoo isaa

Haala eegalamuu kabaja ayyaaana Qulqulluu Mikaa’elii kan ji’a waxabajjiifi yaadannoo isaa ilaalchisee barumsa armaan gadii barreffamaan, vidiyoo fi audion dhiyeessineerra, hunduu waan walfakkaato waan qabaniif kan barbaaddan bantanii barachuu dandeessu.

Eebbi Qulqulluu Mikaa’el hunda keenya irra haa bulu
Galatni Waaqayyoof
Audio
Audio
​​MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN HAFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKO AMEN!

AYYAANA PHERAQILIIXOS AYYAANA GUYYAA 50FFAA

Baga Geessan

Manni Kiristaanaa keenya waggaa waggaan duuka ka‟uu Gooftaa keenya booda guyyaa 50ffaa Maqaa addaa kenniteefi ni kabajji. Abbaan barootaa fi guyyootaa Waaqayyo yoo ta‟eyyu, “kiristaanota biratti waanti hundumtuu sirnaan haa ta‟u” jedhee duuka buutichi akkuma nu barsiise, sirna ayyaanota mana kiristaanaa keenyaatiin, du‟a ka‟uu Gooftaa keenyaan booda guyyaan 50ffaa Ayyaana Pheraqilixos ykn ayyaana guyyaa 50ffaa ykn ayyaana Phenxeqosxe ykn ayyaana dhaloota mana kiristaanaa jedhame beekama.

Pheraqilixos jecha giriikii hiikni isaa jajjabeessa, amantiittii kan nama jajjabeessu, kanneen dhiphatan kan gammachiisu, kan nama tasgabeessu, icciitii dhokate kan namaaf ibsu jechuu yemmuu ta‟u, Phenxeqosxe jechuun immoo guyyaa 50ffaa jechuudha. Gooftaan keenya fi Fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos, Hojii fayyisummaa isaa addunyaa kanarratti raawwatee gara samii gara Abbaasaatti olba‟uuf yeroo jedhu, wangeela luqas (Luq 24:49) irra akkuma dubbisnu duuka bu‟oota isaan, “አንትሙሰ ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም /Isinis aariyaamiirra humna amma uffattanitti Iyerusaalem keessa tura.” isaanin jedhe.

Isaanis ajaja Uumaa isaanii hundee taasifachuun hundi Isaanii laphee tokkon Deessu Gooftaa keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaamii waliin ta‟uun Iyyerusaalem mana haadha Maarqositti kadhaannan turan.

Olba‟umsa Gooftaa keenya guyyaa 10ffatti jechuunis du‟a ka‟uu isaan booda guyyaa 50ffaatti Qulqulloonni kun walitti qabamanii osoo jiranii, guyyaa sanbata kiristaanaa ganama sa‟a 3tti, Hafuurri Qulqullun bifa abiddaan isaaniif bu‟e, sodaan keessa isaaniiti ba‟e, jajjabina Hafuuraa argatan, afaan dubbachaa turan, irratti afaan dabalataa afaanota 71 badhaafaman.

Guutummaa barumsa kanaa barreffama, viidiyoo fi audio armaan gadii keessa ni argattu.
Galatni Waaqayyoof
Audio
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Baga Tsooma Duuka Bu'ootaa Kan Bara Kanaan Isin Ga'e

Sooma Dhiisuuf Sababa Tokkollee Hin Qabaatin, Soomni nyaaata fi Gammachuu Lubbuu Keenyaa Waan Taatef

Maatiiwwaan Waaqayyo bakka jirtanitti nageenyi Gooftaa keenyaa isiniif haa baay’atu. Irra deebi'uun Baga sooma Duuka Bu’ootaa kan bara 2016’n geessan.

Qulqulleettiin mana kiristaanaa keenya sooma qannoonaan taa’e waggaa keessatti soomiwwan 7 qabdi. Soomiwwan kana  kiristaanonni umriin isaanii soomaf ga’e soomuu kan qabanidha. Isaan keessa ammaa kan irratti argamnu sooma duuka bu’ootaa Gooftaa keenyadha.

Duuka buutonni Gooftaa keenya kennaa Hafuura Qulqulluu yeroo argatan gara addunyaa xaa’otiin dukkanoofte qulqulluu wangeelaan ibsuuf deemuu isaaniin dura sooma isaan soomanidha.  Kanaaf soomni kun dursee qulqulloota duuka bu’ootaa keenyan kan soomamee fi itti aanee kiristaanota bara adda addaa turanin soomama kan ture, ammaas kan jiru, gara fuuldurattis hanga dhufaatii lammeeffatti kan itti fufudha.

Egaan yeroo waa’een sooma ka’u namoonni tokko tokko yaada adda addaan mataa isaanii sossobanii sooma sanaa ala of taasisuu. Warreen yaadni akkasii nu qoru:

✍️✍️  Soomni kun kan lubaati, soomni sun kan monokseeti hin jedhiin luba fi monoksee sana caalaa cubbamaan si’i isa addunyaa keessa jirtudha, soomni isaaniif osoo hin taane siif caalaatti barbaachisa.

✍️✍️  Ani biyya akkasiin jiraadha, yeroon biyya akkasitti deemun jalqaba jettee mataa kee hin sossobiin, kiristaanummaan bakkaan hin murtaa’uuti, waan raawwachuu dandeessu bakka jirtu taa’iti yeroo qabdutti raawwadhu, boor kan kee miti waan ta’eef.

✍️✍️  Soomni natti baay’ateera, na miidha hin jedhiin, soomin gammachuu fi quufa lubbuu keeti; daandii ittiin lubbuun kee Waaqashee argattee ittiin gammaddu waan ta’eef.

✍️✍️  Dandeettin Hafuurummaa koo cimaa miti kanaaf hin danda’u hin jedhiin, kennaa fi dandeettiin hafuurummaa kee kan cimu sooma, kadhannaa fi sagadaanidha.

✍️✍️  Dhukkuba akkasii, akkasii, . . qaba waan ta’eef hin danda’u hin jedhiin dhukkubbii kee waliin sa’a tokkoyyu yoo soomte Uumaan kee fedhii kee ilaalee eebbaa warreen biroo argatan siinis ni badhaasa.

✍️✍️  Gaabbii hin galle; gabbii malee hin soomus hin jedhiin soomin mataansaa gaabbii waan ta’eef cubbuu kee tarreessii sooma waliin Uumaa kee kadhadhu.

Kanaaf, Yaadonni armaan olii sammuu kee keessa deddeebi’u yoo ta’an isaan kun kan kee akka hin taane beeki. Diyaabiloostuu si dhoksee galche waan ta’eef deebii sirrii deebisuun diina kee diyaabiloos qaanessi, lubbuu kee fi Uumaa kee gammachiisi. Seenaa Abbootii fi harmoolii Qulqullaa’oo ilaali; Qulqulluun Muusee Tsellim, Emmahoy Saaraan, … hafuura ejjaa kan mo’atan soomani.

SOOMA DHIISUUF SABABA TOKKOLLEE HIN QABAATIIN
Yeroo soomaa gaarii

Galatni Waaqayyoof
Daandii Jireenyaa
16/10/2016
Audio
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Waxabajjii 20
Ijaarsa Mana Kiristaanaa Ishee Jalqabaa

Gooftaan keenya foon namarraa uffateen gara samiitti erga olba’ee booda duuka bu’oota isaan kiristaanummaan babal’achuu eegale. Warreen amananii fi duuka bu’ootni icciitiiwwaan kan akka qurbaanaa walitti qabamun tsirha Tsiyon irratti raawwachaa, kadhannaaf immoo mikuraaba fayyadamaa turan.

Boodas Qulqullichi Phaawuloos gara kiristaanummaatti yeroo deebi’u waggoota muraasa booda kiristaanummaan alagootaafis lallabamuu eegale. Baay’oliin Waaqayyootti amananii cuuphamaa turan. kiristaanonni kun haa cuuphaman malee bakka itti walitti qabaman waan hin qabneef mana xaa’otii deemu eegalan.

Yeroo kana Qulqullichi Phaawulosii fi Bernaabas namoota kanaan, akkamitti mana xaa’otii deemtu yeroo jedhan, isaanis deebisanii mana kadhannaa bakka walitti qabamsaa akka hin qabne isaaniif kaasan. Achumaan yaadni mana kiristaanaa ijaarsisuu ka’ee, namoonni tokko tokko ijaaruf yeroo murteessan, Qulqulluun Phaawuloos, kun eyyema hangafa duuka bu’ootaa malee hin danda’amu jechuun gara Qulqulluu Pheexirositti erge.

Qulqulluun Pheexiros immoo waan hundumaa Gooftaa keenya osoo hin eyyemsiisin hin raawwannu jechuun subaa’ee qabatan. Dhuma suba’ee isaanii irratti waxabajji 20, bara 52 tti Gooftaan keenya Kiruubel irra taa’ee dhufuun, Duuka bu’oota warreen jiran bakka isaan jiranii, warreen boqotan immoo kaasee hunda isaanii Filiphisiyuutti walitti qabe.

Kana booda guyyaa kanatti mana kiristaanaa maqaa Haadha koon akka ijaaramu fedha kooti jechuun dhagaa sadiirraa dadhabbii tokko malee guyyuma kanatti manni kiristaanaa maqaa Haadha keenya Dubroo Maariyaamiin moggafamte ni ijaaramte.

Gara fuuldurattis bakka adda addatti haala kanaan ijaara jedhee sirna mana kiristaanaa dabalee isaaf ibse.

Galatni haa ta’uu Waaqa tokko kan ta’e Abbaaf Ilmaaf Hafuura Qulqulluuf har’as yeroo hundumaa hanga bara baraatti amen.
Daandii Jireenyaa
Waxabajji 20, 2016
Audio
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Waxabajjii 21
Guyyaa Sirna Qulqulleessaa Mana Kiristaanaa Dubroo Maariyaam

Guyyaa kaleessaa (waxabajji 20) haala kamiin Gooftaan keenya mana kiristaanaa ishee jalqabaa maqaa Haadha Keenya Dubroon moggaafamte akka ijaarsise ilaallee turre. Guyyaa har’aa kanatti sirni qulqulleessaa jalqabaa mana kiristaanaa kanatti kan itti taasifamedha. Innis kunooti.

Galatni isaaf haa ta’uti Gooftaan keenyafi fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa kanatti haadha isaa fi ergamootasaa kumaatama waliin gara lafaatti bu’e. Haadha keenya Teessoo (Memberi), Ofisaa Luba jalqabaa, Q. Pheexroosin gargaaraa Lubaa, Isxifaanosin Diyaaqonii taasisee qulqulleessuun foonii fi dhiiga isaa isaaniif kenne.

Mana kiristaanaa sanas eebbisee, Q. Pheexirosin Paatiriyaarikii taasisee muude. Yeroo kanas jiraattota samii kan ta’an ergamoonni akkuma yeroo dhaloota Gooftaaa keenyaa tiksitoota waliin faarfatan, Duuka bu’oota waliin faarfataniiru. Haala kanaan Gooftaan keenya sirna ijaarsa fi eebba mana kiristaanaa haala kanaan hundeesse.

Irra deebi’uun bada geessan jechaa eebbi haadha keenya hundumarra keenyarra oolee haa bulu.
Galatni haa ta’uu Waaqa tokko kan ta’e Abbaaf Ilmaaf Hafuura Qulqulluuf har’as yeroo hundumaa hanga bara baraatti amen.

Daandii Jireenyaa
Waxabajji 21, 2016
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Gorsaa fi Dubbii Abbootii fi Haadholii Keenyaa waa’ee Tsoomii

1. Sa’aati murtaa’eef nyaata foonii irraa of dhorkuun keenya mataa keenya bituu akka dandeenyuufi. Kanaaf namni nan tsooma jedhu yoo jiraate waan hundumaa duraa obsaa, laphee cabaa fi kasoomaa, laphee Waaqayyoon sodaatu kan qabu, yeroo hundumaa laphee isaa keessatti guyyaa dhufaatii Gooftaa kan yaadu, teessoo murtii Waaqayyo dura akka dhaabbatu kan hin hirraanfanne, jaalala qarshiin qabamee kennaa kennuu kan hin jibbine, obboleessa isaa laphee guutuun kan jaal’atu haa ta’u. tsoomiin dhugaan isa kana waan ta’eef.  Q. Yohaannis Afaanwarqee

2.  Qorichi cimaan bineensota summaawoo buqqisee akkuma baasu kadhannaan tsoomiin waliinis yaada hamaa buqqisee balleessa. Emmahoy Sinqelexixa

3. Kan sitti balleesseef dhiifama osoo hin taasisin hin tsoomin. Nama sitti balleesse irratti osoo dheekkamtuu tsoomii ati tsoomtu kantuudha. Waaqayyoos hin fudhatu. Tsoomiin kee jaalalaa fi isa abdii taasifachuun amantiin yoo hin taasistu ta’e waan tokkoyyu si gargaaruu hin danda’u. osoo nama loluu fi keessa isaatti diinummaa moosisee kan tsoomu Waaqayyoon kan jibbudha. Fayyina irraas kan fagaatedha. Kanaaf obboleessa keef dhiifama taasisi tsoomi.  Q. Efrem

4.  Namni nyaataa fi dhugaatii irraa of qusachuu hin dandeenye jireenya isaa Kiristoosiif kennuun akka itti cimu ifaadha. Lubbuun kutannoo qabdu mataa ishee barsiifata hafuuraa itti fufinsa qabuuf bichisiisuun fedha fooniif kan barbaachisu nyaata fi dhugaatii dhiisuun fedha foonii mo’attee fedha lubbuu isheef bichisiisuun isheef danda’ama. Lubbittiin kun waanta cimaa isheetti dhufu hunda dandamachuu ni dandeessi.    Abune Shinoodaa

5. Waaqayyo Ebbaa Abbootii keenyaa nurra haa bulchu, daandii isaanii akka hordofnuf hubannoo nuuf haa kennu
Galanni Waaqayyoof