Daandii Jireenyaa
3.61K subscribers
403 photos
136 files
481 links
Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha.

Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa.

@m21harmekoo
Download Telegram
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Waxabajjii 24
Guyyaa Wareegamummaa Abbaa Muusee Tsellim (Muusee Isa Gurraacha)

Abbaan Muuseen Tsellim nama lammii Itiyoophiyaa yommuu ta’u dursee jireenya kashalabbummaa jiraachaa kan turedha.  Halluun gogaasaa gurracha waan tureef maqaa “Muusee Tsellim ykn Muusee Isa Gurraacha” jedhame.

Jireenya monokkosoota naannoo Nisxiraa jiraataniin booji’amee  jireenyasaa cubbuun dabarsaa turerra  deebi’ee gadaamii seenuun jireenya monokkosootaa jiraachuu eegale. Boodas gadaamii Asqeexisitti bulchaa kan ture barataa Abbaa Eesdiroos ta’e. itti aansees gorsa abbaa Meqaariyoosin gara Pheexiraa deemun jireenya baahitawummaa jiraachaa ture. kana booda bara 375tti Berberonni gadaamii Asqeexis yeroo balleessan wareegamummaan ture. eebbi isaa nurra haa bulu

Barumsafi jireenya isaa keessa muraasa:

Yeroo tokko monokkosoonni gadaamii Asqeexis obsa abbaa Muusee qoruuf jedhanii “monokseen gurrachi kun maaliif as dhufe?” jedhan. Innis callisuma jedhe. Walga’iin isaanii yeroo diigamu “Abbaa yeroo waan hamaa sirratti dubbannu gaddi sitti hin dhagahamne?” jedhanii gaafatan. Innis “natti dhagahameera; haa ta’u garuu akkan hin dubbanneef arraba koon to’adhe” jedhe.

Obboleessa isaatti akka murteessuuf waamamee, cirracha dugda isaatti baatee dhangaalaasaa dhufuun, “cubbuun koo guutee akkas osoo dhangala’uu, har’a immoo obboleessa kootti murteessuuf dhufe” jedhe. Kanumas isaanis gaabbanii obboleessa isaanii kanaaf dhiifama taasisan.

Abbaan tokko abbaa Muuseetin “namni tokko miira fi yaada hamaa dandamachuuf maal taasisuu qaba?” jechuun gaafate. Abbaan Muuses “boo’uu fi gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu qaba; kana boodas laphee hubataa ta’een yoo kadhate qormaata isaa ni mo’ata”. Kitaaba irratti “Waaqayyo gargaara kooti; ani hin sodaadhu; namni maal na godha?” (Far 117:6) jedhamee akkuma barreffame.

Bara monokkosummaa isaa keessa gad ofqabummaa isaarra kan ka'e halkan halkan mana monokkosootaa jala deemun qodaa bishaanii isaanii fuudhee bakka fagoo deemun bishaan isaaniif fidaa ture.

Eebbii abbaa keenyaa nurra haa bulu.

Galanni Waaqayyof
Baga Yaadannoo fannifamuu Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos kan ji'aan isin ga'e
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Baga Ayyaana Dhaloota Yohaannis Cuuphaan Isin Ga'e.

“Ergamichis akkas jedhe ‘yaa Zakkaariyaas hin sodaatin kadhannaan kee siif dhagahameera; haati manaa kee Eelsabex mucaa dhiiraa ni deessi; maqaa isaas Yohaannis jettee ni moggaafta’” Luq 1:13

“Eelsaabexis sagalee nageenyaa Maariyaamii yeroo dhageessu mucichi gadameessa ishee keessa utaale; Eelsaabexis Hafuura Qulqulluun guutamtee sagaleeshee ol kaastee, ‘ati dubbartoota keessa kan eebbifamtedha. Mucaan gadameessa kee keessas kan eebbifamedha. Yaa haadha Waaqa koo ati gara koo dhufuun akkamitti naaf ta’a? kunoo akkuma sagaleen nagaa kee gara gurra kootti seeneen mucichi gammachuudhaan gadameessa koo keessa burraqe. Jechi Gooftaa irra sitti ergame ni ta’a jettee kan amante ati eebbifamtuudha’ jette.”  Luq 1:41-45

“Yeroon da’umsa Eelsaabex ni ga’e; mucaa dhiiraas deesse” Luq 1:57

“Mucichis ni guddate; hafuuranis ni jaabate; Israa’elitti hanga mul’atuttis lafa onaa jiraate” Luq 1:80

“. . . Isaanis erga deemanii Gooftaan keenya Iyyesuus waa’ee Yohaannis uummatatti himuu jalqabe, ‘maal ilaaluuf gara lafa onaatti dhuftan? Shenboqqoo qilleensi raasu? Ykn maal ilaaluuf dhuftan? Nama uffata qal’aa uffatee? Kunoo uffata qal’aa kan uffatan mana moototaa keessa jiru. Kanaaf maal ilaaluuf dhuftan? Raajiidha? Eyyeen isinaan jedha, raajota irraas kan caalu Kunoo karaa dura keeti kan sirreessu ergamaa koo dura kee nan erga, jedhamee kan isaaf barreffame isa kanadha. Dhugaan isinin jedha dubartoota irraa kan dhalatan keessa kan Yohaannis Cuuphaa caalu hin kaane’” Mat 11:7-11

Eebbi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa nurra haa bulu.
Galanni Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Luq 8: 1-16
Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu

Gooftaan keenya wangeela yeroo barsiisaa turetti calliseetuma akka barbaade kan dubbate osoo hin taane akka namootaf galuu danda’uun isa qote bulaa qonnaa waliin walqabsiisee, isa daldalaa daldala waliin walqabsiisee, . . . akkasumas yeroo isaa waliin kan deemu, yeroo gannaa qonnaa waliin walqabsiisee, birraa irratti sanyii funaanuu waliin walqabsiisee,... barsiise.  Kunis har'as nu ga'ee jireenya bara baraa akka ittiin argannuuf kunoo nuuf lallabama.

Manni kiristaanaa keenyas uumaa isheerra kan baratte yeroowwaan waggaa keessa jiran bakka afuritti qooddee barumsa wangeela barsiisti. Waligalatti akka sirna mana kiristaanaa keenyaatti waqtiiwwan afurituu jiru. Isaanis waqtii birraa (fulbaana 26 - mudde 25), bona (mudde 26 - bitootessa 25) arfaasaa (bitootessa 26 - waxabajji 25) fi ganna (waxabajjii 26 – fulbaana 25)dha. 

Bu’uura kanaan yeroon amma itti seenne waxabajjii 26 – fulbaana 25tti kan jiru yeroo gannaadha.  Manni kiristaanaa keenya yeroo kanatti barumsoota Gooftaa keenyaa fi raajotaa warreen yeroo gannaan walqabsiifamanii dubbataman bal'inaan barsiifti. yeroo sirna qulqulleessaa kan dubbifaman kanneen akka misbakii fi qulqulluu wangeelaa yeroo isaa waliin kan walqabatanidha. amma kan argamnu torbee jalqabaa waan ta'eef kutaan qulqulluu wangeelaa guyyaa kanaa kan armaan gadiiti.


Fakkeenya namicha sanyii facaasu dha. (Luq 8: 1-16).

Dubbisni isaa mraasni kunooti. Luq 8: 5 “Namichi sanyii facaasuuf ba’e. utuu facaasus tokko tokko karaa cinaa bu’e; sinbirronni samiis ni nyaatan. Kan biraan immoo lafa dhagaa irra bu’e; yeroo biqilus jiidhina waan hin arganneef ni goge. Kan biraan immoo qoraatti keessa bu’e; qoraattinis isa waliin guddatee hudhee isa qabe. Kan biraan lafa gaarii irra bu’e; guddatees firii harka 100 argamsiise. Kan gurra qabu haa dhagahu.”

Hiikkaa isaa (Lakk. 11 irra kaase barreffameera)

Sanyii kan jedhame sagalee Waaqayyo
Lafa kan jedhame laphee namootaa

1. Karaa cinaa bu'ee sinbirronni kan nyaatan
Fakkeenya namoota sagalee Waaqayyo dhagahanii, akka isaan ittin hin fayyinef diyaabilos laphee isaanii keessa baasuuti.

2. Lafa dhagaarra bu'ee kan goge
Fakkeenya namoota yeroo sagalicha dhagahan gammachuun fudhatanii; yeroof amananii, qormaanni xiqqoon yeroo isaan qunnamtu immoo gananiiti.

3. Qoraatti keessa buhee kan hudhame
Fakkeenya namoota dhagahaniii amananii booda immoo yaadan, soorumaan, hawwiin,  … of sossobanii daandiicha gadhiisaniiti.

4. Lafa gaarii irra bu'ee firii gaarii kan argamsiise
fakkeenya kiristaanota warreen dhugaadha. Sagalicha dhagahii hojiitti kan jijjiiran, ittiin jiraatanii firii kiristaanummaa isa sirrii kanneen argamsiisanidha.

Gurra kan qabu haa dhaga'u

Galanni Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Adoolessa 2
Guyyaa Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Taadewos (Duuka bu’oota kudha lamaan keessa tokko)

Duuka buutonni Gooftaa keenya isuma uumaa keenyaan kan filataman, aangoo fudhatanii fedhasaa raawwachuuf adaraa itti kenname qabatanii addunyaa amantaa xaa’otiin hadhoofte ifa wageelaan kanneen miyeessanidha.

Amantaa hojii gaarii kiristaanummaa waliin kiristaanota barsiisuun ofiisaanis gidiraa qondaaltota biyya lafaa irraa isaan qaqqabaa tureen sodaa tokko malee akka barsiisaa isaaniitti barsiisanii bakkaa fi yeroo adda addatti wareegamaniiru.  Duuka bu’oota kana keessa tokko qulqulluu Taadewosidha.

Seenaa isaa gabaabinaan barreeffama, viidiyoofi sagaleen akka armaan gadiitti dhiyeessinerra. Sadanuu wal fakkaatoodha, kan isintti tole banuun dhaggeffachuu, dubbisuu dandeessu.  Eebbi isaa nu waliin haa ta'u Amen.
Audio
Audio
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Adoolessa 5
Guyyaa Yaadannoo Wareegamummaa Ifoota Mana Kiristaanaa Qulqulluu Pheexirosifi Qulqulluu Phaawuloos

Baga geessan

Qulqulluu Pheexirosii fi Qulqulluu Phaawuloos

Duuka buutonni Gooftaa keenya isuma uumaa keenyaan kan filataman, aangoo fudhatanii fedhasaa raawwachuuf adaraa itti kenname qabatanii addunyaa amantaa xaa’otiin hadhoofte ifa wageelaan kanneen miyeessanidha.

Amantaa hojii gaarii kiristaanummaa waliin kiristaanota barsiisuun ofiisaanis gidiraa qondaaltota biyya lafaa irraa isaan qaqqabaa tureen sodaa tokko malee akka barsiisaa isaaniitti barsiisanii bakkaa fi yeroo adda addatti wareegamaniiru. Duuka bu'oota kana keessa har'a guyyaa yaadannoo Wareegamummaa isaanii kan kabajnu Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosidha barreffama armaan gadiin dhiyeessineerra.

PDF armaan gadii xuquun akka dubbistan isin afferra
Galanni Waaqayyoof
Audio
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Adoolessa 7
Yaadannoo Keessumummaa Qulqullettii Sillaasee Mana Abrahaamitti

Adoolessa 7 guyyaa kanatti abbaa saba hundaa kan ta’e Abrahaam Uumaa addunyaa Qulqulleettii Sillaasee mana isaatti keessummeesse. (Uma 18).

Abrahaam bara seerri barreffame hin jirre keessa abbaa keessummaa jaal’atu ture. keessummoota kallattii arfaniin dhufaniif haala mijatuun balbala kallattii hundumaan sirressee keessummaa simachaa ture. keessummaa malee illee akka hin nyaatne kitaabileen ni dubbatu.

Hojii gaarummaa isaa kanatti kan hinaafe diyaabilos namoonni akka mana isaa hin deemne guyyoota sadiif taasisee ture. yeroo kana guyyaa sadeeffatti Waaqayyo tokkummaa fi sadummaa isaan mana garbicha isaa Abrahaamitti keessumummaaf dhufe.

Abrahaamis mana isaatti simatee bifa jaarsaan kan mul’ate nyaachisafi obaasaa uumama hundaa Qulqulleettii Sillaaseef nyaata fi dhugaatii dhiyeesse.

Dunkaanni isaa fakkeenya bultoo Sillaasee kan taate haadha keenya Dubroo taate. Sillaaseen tokkummaa fi sadummaa isaan fakkeenyaan kan mul’ate dunkaana kanatti ture. Abbaan, Ilmi, Hafuurri Qulqulluu qaama mataa mataa isaaniin mul’atan. Kun kakuu haaraatti ifatti haadha keenya Dubroo Maariyaam irratti, laga yordaanosii fi tulluu taabor irratti mul’ateera. (Luq 1, Mat 3, Mat 17).

Manni kiristaanaa keenya Uumaa addunyaa Qulqulluu Sillaasee, Qulqulleettii Sillaasee jettee waamti. Sillaasee jechuun sadummaa addaa jechuudha. Sadummaa addaa jedhamuunsaa tokkummaas waan qabuufidha. Kanaaf tokkummaa sadanummaa addaa qabu jedhama.

Sadummaan addaa Waaqayyo sadummaa maqaa, qaamaa, hojii fi haalawwanii yoo ta’u kanarra adda Waaqayyo waan hundumanuu tokkodha. Waaqummaan tokkodha, aangoon tokkodha, bulchuun, uumuun, jiraachisuun, fedhaan, … Waaqayyo tokkodha. Kanaaf kiristaanonni kan waaqessinu WAAQA TOKKODHA. Waaqa sadii hin qabnu. Waaqa tokko qaaman sadii kan ta’e waaqessina.

Qulqullettii jennee Sillaasee kan waamnuuf sababoota adda addaaf ta’anis muraasa haa kaasnu. Abbootiin keenya haala kanaan kan waamaniif Sillaasee haarmoolin fakkeessaniiti. Akkamitti?

Harmoliin da’umsaan nama akkuma argamsiisan Sillaaseen argamsiisaa uumama hundaa, kennaa hundaa fi qabeenyaa hundaa waan ta’eef. Harmooliin akkam yoo ta’elle ijoollee isaaniitti garaa hin jabaatan, akkuma kana Sillaaseenis uumama isaa hundaaf gara lafeessadha. Osoo uumamni isaa isa hin beekin inni garuu bokkaa ni roobsafi, aduus ni baasafi, nyaata foonii hundumaaf ni kenna. arjummaa addaadha.

Sababa kanaafi warreen biroof Qulqulleettii Sillaasee jenna. Eebbi abbaa keenya Abrahaam nurra haa bulu.
Waaqa dhiifamaa fi abbaa jaalalaa kan ta’e Uumaa, nyaachisaa fi jiraachisaa keenya Qulqulleettii Sillaaseef galatni fi ulfinni bara baraan isaaf haa ta’u

Baga geessan.
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Adoolessa 10
Guyyaa Yaadannoo Wareegamummaa Qulqulluu Naatenaa’el (Duuka bu’oota kudha lamaan keessa tokko)

Duuka buutonni Gooftaa keenya isuma uumaa keenyaan kan filataman, aangoo fudhatanii fedhasaa raawwachuuf adaraa itti kenname qabatanii addunyaa amantaa xaa’otiin hadhoofte ifa wageelaan kanneen miyeessanidha.

Amantaa hojii gaarii kiristaanummaa waliin kiristaanota barsiisuun ofiisaanis gidiraa qondaaltota biyya lafaa irraa isaan qaqqabaa tureen sodaa tokko malee akka barsiisaa isaaniitti barsiisanii bakkaa fi yeroo adda addatti wareegamaniiru. Duuka bu’oota kana keessa tokko qulqulluu Naatenaa’elidha.

Seenaa isaa gabaabinaan barreeffama, viidiyoofi sagaleen akka armaan gadiitti dhiyeessinerra. Sadanuu wal fakkaatoodha, kan isintti tole banuun dhaggeffachuu, dubbisuu dandeessu. Eebbi isaa nu waliin haa ta'u Amen.

Galatni Waaqayyoof
Audio