Daandii Jireenyaa
3.93K subscribers
403 photos
139 files
518 links
Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha.

Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa.

@m21harmekoo
Download Telegram
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee . . . Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda . . . Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e
Gooftaan keenya Du’aa ka’uu isaa Booda Maaliif Nyaate?

“Kana osoo dubbatanii Gooftaan keenya Iyyesuus gidduu isaanii dhaabbatee, nagaan isiniif haa ta’u hin sodaatina anadha isaanin jedhe. Isaan garuu ni sodaatan, ni nahanis, hafuura sobaan fakkaatee dhufe (mitat) waan argan isaanitti fakkaate. Innis akkas isaanin jedhe, maaltu isin naasisa? Laphee keessan keessattis yaadni akkasii maaliif ka’a? harka koo fi miil’a koo ilaala. Na xuqas, ana akka ta’e baraa, anarra akka ilaaltan kanatti mitatiin lafee fi foon hin qabu. Kana jedhee harkaa fi miil’a isaa isaanitti agarsiise. Naasuu irraa kan ka’e ganaa osoo hin amaniin gammachuun osoo dinqisiifachaa jiranii, ‘asii waan nyaatamu qabduu?’ jedhe. Isaanis qurxummii waadame irraa cittuu tokko walalaa dammaa irraas xiqqoo kennaniif. Fudhatee fuuldura isaanitti nyaate.” Luq 24:36-43.

Gooftaan keenya du’aa ka’uu isaan booda yeroo duuka bu’oota isaatti mul’atu, fuula fuulatti osoo isaan ilaalanii cittuu qurxummii waadamtee dammaa waliin nyaatera. Caqasa kana qabachuun shakkitoonni baay’een Gooftaan keenya du’aa ka’uu isaa booda akkuma duraadha, foon haaraan hin kaane, ykn immoo hin duune,… jechuun ni dubbatu. Gooftaan keenya garuu akkas miti. mee waa'ee du'aa ka'uu hubannoo xiqqoo haa qabannu.

Ijoollee Addaam kan taane hundi keenya yeroo dhufaatii lammeffaa Gooftaa keenyaa du’aa ni kaana. “jecha hangafa ergamootaan sagaleen faaggaa Waaqayyoo samiirraa ni bu’a; namoonni Kiristoositti amananii du’an dura kaafamu.” (1Tes 4:16) akkuma jedhu. Yeroo kana foon keenya beela’aa kan ture kan hin beelofne, dheebotaa kan ture kan hin dheebonne, kan du’u kan ture amma garuu kan hin duune ta’ee isa duraa irraa adda ta’ee ka’a. gaa’elas ta’e waan foonii hunduu ni hafu. (Mat 22:30, 1Qor 15s).

Kanaaf akkas ta’ee osoo jiruu Gooftaan keenya Du’aa ka’uu isaa booda maaliif nyaate?

1.. Du’aa ka’uu isaa sirritti akka amananiif
Akkuma caqasa armaan olii irraa ilaalletti duuka bu’ootni Gooftaa keenya du’aa ka’uu isaa hin amanne turan. ittuu mitaatii se’anii yaadaa turan. kana booda Gooftaan keenya kan argaa jiran waan biraa osoo hin taane dursee waggaa 3 isaan waliin kan ture isuma mataa isaa akka ta’e isaaniif ibsuuf nyaate.

2. Foon isaa gatee akka du’aa hin kaane isaan hubachiisuuf
Gooftaan keenya nu fayyisuuf kan dhufe fakkeessee osoo hin taane foon keenya guutummaan guutuutti uffachuunidha. Boodas yeroo du’aa ka’u foon kana dhiisee hin kaane ittuu foonuma kanaan ka’uu isaa ibsuuf fuuldura duuka bu’ootaa isaatti nyaate.

Galatni isaaf Qulqulluu Abbaa isaaf, Qulqulluu Hafuura Qulqulluuf har’as yeroo hunda hanga bara baraatti amen.
​​Maqaa Abbaa kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Caamsaa 21
Guyyaa kanatti haati keenya Dubroon Maariyaam mana qulqullummaa Debre Maxmaqitti yeroo itti mul’attedha. Naannoo sana kan jiraatan namoonni hunduu arganiiru. Guutummaan kan mul’atte guyyoota shaniif yeroo ta’u innis caamsa 21 hanga caamsa 25 dha.

Ebbii haadha keenya hunda keenyarra haa bulu.
Ayyaana gaarii

“Yaa Dubroo waan bareeduu fi jaal’atamu hundatti si fakkeesse; galata kee garuu xumuruu hin dandeenye. Galatoo waa’ee keef dubbatames, gad fageenya galaana galatoo kee biratti akka coba xiqqooti. Dhiifamni kallattii mirgaa keeni; dhiifamnis karaa bitaa kee. Ifni fuuldura kee, gargaarsi fi fayyinnis fuuldura keedha.  Kabajna addunyaa hundaafi ulfina moototaa yaa Dubroo mootoni fi qondaaltotni, addunyaan hunduu miil’a kee jalatti kophee keetti kufanii siif bitamu. Qulqulluu Abbaa Giyoorgisii isa Gaasicca
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee - Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda - nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Sagalee Waaqayyoo kan isinitti himan abboota keessan yaadadha; firii jireenya isaanii ilaalaa amantii keessaniin isaan fakkaadha. Ibr 13:7
Abbootiin keenya Dubroo Haala Kanaan Galateeffatan

Jireenya isaanii guutuu qulqullummaan Waaqayyoo waliin sooma fi kadhannaan kan jiraatan abaaboon mana kiristaanaa qulqulloonni abbootni keenya Dubroo Maariyaam haala kanaan galateeffatan.

"Warreen isatti amananiif Gooftaa ifa jireenyaa kennu kan nuuf argamsiiste, yaa ayyaana qabeettii galanni fi ulfinni siif haa ta’u. Qote bulaan osoo hin qotiin lafittiin firii argamsiiste sidhahoo gammadi.” Q. Gorgooriyoos Abbaa Raajii

“Waaqa kan deesse yaa Giiftii keenyaa, haadha ifaa waan taatef ulfinaan si galateeffanna. Kan eebbifamte, Yaa durboo Maariyaam ati ergamoota samii ni caalta, ijoollee Addaam hundumaas ni caalta. Uumama hundumaa ni caalta, kan si fakkaatu hin jiru ulfinna kee dubbachuu kan danda’u eenyuudha?” Q. Efreem Isa Sooriyaa

"Jechi Waaqayyoo foonis lubbuus sirraa fudhatee nama kan ta’e mushurraan diinqa keessa akkuma ba’u si keessa kan ba’e yaa Dubroo gammadi. Hoolicha isa bade barbaaduuf kan dhufe yeroo argates gatittii isaa irratti kan baate tikseen inni dhugaa sun sirraa kan dhalate yaa Dubroo gammadi. Si’olitti Waaqayyo kan ishee gate, abaarsi Hewaan siin kan bade yaa Dubroo gammadi.” Q. Yohaannis Afaanwarqee

"Mootichi du’a keenya falmuun gadameessa inni keessa bule akkam nama ajaa’iba! Waaqayyo amalummaasaan otuu hin jijjiiramiin kan irraa dhalate gadameessi isa baatte akkam kan qulqullooftedha!“ Q. Pirookiliyos

Eebbi Dubroo fi qulqulloota abbootii keenyaa nurra haa bulu.
Daandii Jireenyaa
Galatni Waaqayyoof
​​Ragaalee Du’aa Ka’uu Kiristoos Kitaaba Qulqulluu Fi Quraana Alaa

Akkuma beekamu manni kiristaanaa keenya yeroo kana keessa du’aa ka’uu Kiristoos yeroo itti kabajaa jirtudha. Kiristaanummaa keessatti Kiristoos Ilmi Waaqayyo waa’ee cubbuu dhala namaaf jedhee akka fannifame du’ee, du’aa ka’e sirritti amanama. Kitaabni kiristaanotaa kitaabni qulqulluunis isa kana bakka baay’eetti ibsa. (Mat 27 fi 28, Mar 15 fi 16, Luq 23 fi 24, Yoh 19, 20 fi 21).

Yaadota kana bakka tokkotti cuunfee Qulqulluun Phaawuloos akkas jedheera. “Kitaabni akkuma dubbatu Kiristoos waa’ee cubbuu keenyaaf du’ee awwaalame. Guyyaa sadeeffattis du’aa ka’e.” (1Qor 15:3-4). Kitaabni qulqulluun itti dabaluunis eenyuyyu Kiristoositti hin amanu yoo ta’e akka itti murtaa’u ni dubbata. (“Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmatti kan hin amanne immoo dhahichi dheekkamsa Waaqayyo isarra jiraata malee jireenya hin argu” (Yoh 3:36)).

Faallaa kanaa immoo Qulqulluun Quraanni Kiristoos cubbuu dhala namaaf akka hin fannifamnee fi akka hin duune dubbata. “Nuti ergamaa Allaah Ilma Meeriyem ‘Almessih Isaa (Iyyesuus)’ ajjeesne jechuu isaaniitiin isaan abaarre. Hin ajjeesne; hin fannisnes. Garuu isaanitti namichi fannifame ‘Isaa (Iyyesuus)’ isaanitti fakkaate ” (Quraana 4:157). Obbalaawwaan keenya baay’een keessumattu amantaa muslimaa keessa jiran jecha quraanaa isaaniif dubbifamu kana irra ka’uun Kiristoos hin fannifamne jechuun amanu.

Yaadonni kitaabilee lamaanii kan walfalleessanidha. Barreeffama Kanaan kitaabilee Kanaan alatti kitaabileen seenaa (keessumattu naannoo jaarraa 1ffaa) barreffaman maal akka jedhan ilaalla.

Dursinee mee waan tokko haa ilaallu.

Amantaa kiristaanummaa keessa dhukkubbii fi du’aa ka’uu Kiristoos kan hin amanne hin jiru. Amantaa muslimaa keessa garuu jecha quraanaa kana falleessuun Kiristoos akka fannifamee fi akka du’e kan amanan jiru. Gareewwaan lamadha. Maqaansaanii Ahmediyyaa fi Ishmaa’ilii jedhamu.

a. Ahmediyyaa (Ahmadi Muslims)

Amantii isaanii waa’ee dhukkubbii Kiristoos irratti qaban haala armaan gadiin ibsu. “Iyyesuus fannifameera garuu hin duune. Fannoo irratti of wallaalee fannoo irraa buufamee osoo hin du’iin awwaalamee, itti fooyya’ee fayyee, awwaalcha keessa ka’ee haadha isaa Maariyaam, haadha manaa isaa Maariyaam Megdelaawwitii fi duuka bu’a isaa Toomas waliin gara bahaa gara biyya Hindii deemee naannoo Kaashmir jiraatee, tajaajilee, dulloomee du’e. Awwaalli isaas Siringaar keessatti Roozaa Bal (Roza Bal) tti argama”.
https://en.wikipedia.org/wiki/Jesus_in_Ahmadiyya_Islam#:~:text=The%20Ahmadiyya%20movement%20believe%20that,have%20died%20on%20the%20Cross). Liinkiin kun waluma galatti amantii isaan waa’ee Kiristoos irratti qaban dubbata.

b. Ishmaa’ilii

Isaan kun gareewwaan biroo amantaa muslimaa jala jiran yommuu ta’an Waa’ee Kiristoos kan jedhan qabu. Fannifamuu Kiristoos ilaalchisee amantin isaanii akkasidha. “seenaa keessatti Kiristoos fannifameera, du’eeras. Bakka isaa kan du’e qaamni biraa hin jiru. ‘Isaanitti fakkaate (shubihaa lahum)’ kan jedhu qaama Iyyesuus (Naasut) dha. ibsituu amalummaa isa samii kan taate Lubbuun Kiristoos (lahut) ajjeefamuu hin dandeessu. Quraanni ‘hin ajjeesne, hin fannisne’ kan jedhe isa kanadha.” ingiliffi isaa irra caalaatti kan ibsudha.

“Historically, Jesus was crucified and killed; there was no ‘substitute’. That which ‘appeared to them’ (shubbiha lahum) as being crucified was precisely the body or human nature (nasut) of Jesus. Christ’s soul, as the manifestation of his divine nature (lahut), could not be killed and this is what the Qur’an speaks of when it says “they killed him not, nor did they crucify him”.
Madda: The Crucifixion in Shi'a Isma'ili Islam by K Andani fuula 10
Kun lamaan dhugaawwaan jiranidha.

Kutaa itti aanun kitaabileen seenaa durii waa’ee dhukkuubbii Kiristoos kan dubbatan ilaalla. Kitaabolee seenaa yeroo jennu seenaa mana kiristaanaa ykn kan muslimootaa osoo hin taane seenaa addunyaa barressitoota yeroo sanaan barreffaman jechuu keenya.
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluuu Waaqa Tokko Amen

Caamsa 24
Guyyaa Haati Keenya Dubroon Maariyaam Mucaashee Qabattee Billaa Heerods Jalaa Deemsa Gara Gibtsiitti Jalqabde

Kunoo ergamaan Waaqayyoo abjutiin Yoseefitti mul’atee, Heerods mucicha ajjeesuuf barbaada, ka’i mucichaa fi haadhasaa fuudhiiti gara Gibtsiitti baqadhu. Jedhe. Amma ani sitti himuttis achi turi. Mat 2:13

Haati keenya Dubroon Maariyaam umriishee waggaa 15ffaa irratti uumaa keenya erga nuuf deesse waggaa lamaan booda karaa hin beekne fi biyya hin beeknetti mucaashee qabattee baqatte.

Dhuguma qulqulloonni abboonni keenya “Yaa Dubroo, Gidiraa Kee Dubbachuu Kan Danda’u Arraba Akkamiti, Dhaga'uu Kan Danda’uhoo Gurra Akkamiiti?” akkuma jedhan nutis akkasuma jennee dinqisiifanna.

 Yaa Dubroo abaramaa kan ta’e bara Heerods isa waliin biyyarraa gara biyyaatti yeroo baqattu, si waliin baqachuusaa yaadachisi.
 Yaa Dubroo imimmaan ijoota kee keessa dhangala’ee fi jaal’atamaa ilmakee duratti bu’e yaadachisi.
 Yaa Dubroo beeluu fi dheebuu, rakkina fi gadda, dhiphina sirra gahe hunda yaadachiisi.
 Badinsa miti dhiifama yaadachiisi, dheekkamsa mitii dhiifama (mehret) yaadachiisi. Qajeeltotaaf miti, cubbamootaaf yaadachiisi, qulqullootaaf miti kanneen dadhabaniif yaadachiisi.

Abbaa Hiriyaaqos

Nuuf jedhee gidiraa baay’ee kan simate dhiifamni Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos, kadhannaan haadha keenya Dubroo Maariyaam, eebbii qajeelticha Yoseefi Saloomee hunduma keenya waliin haa ta’u

Seenaa guyyicha ilaallatu bal’inaan PDF fi audio armaan gadii irraa ilaala.
Galanni Waaqayyoof
Audio
​​Ragaalee Dhukkubbii fi Du’aa Ka’uu Kiristoos Kitaaba Qulqulluu Fi Quraana Alaa
Kutaa 2

Mataa duree Kanaan kutaa 1ffaa jalatti seensa barreeffama kanaa kaasun keenya ni beekama. Kutaa Kanaa irraa eegaluun kutaawwaan itti aanan keessatti immoo barressitoonni seenaa waa’ee kiristaanummaa osoo hin beekinii fi kiristaana osoo hin ta’iin, seenaa biraa osoo barressanii waa’ee dhukkubbii Kiristoos barressan ilaalla.

Barressitoonni seenaa naannoo jaarraa 1ffaa keessa turan amantaan isaanii kiristaana kan hin taane seenaa walii galaa kan yeroo Sanaa barressaa turan. Keessumattu barressitoonni seenaa Yihuudotaa, Roomanotaa fi Girikootaa sirritti caqasamu. Kayyoon barreffama isaanii waa’ee kiristaanummaa fi Kiristoos kan ilaallatu miti. Isaan seenadhuma waliigalaa barreessu. kitaaba seenaa isaanii irratti Iyyesuus Kiristoos bara mooticha Philaaxos Pheenxenawii fannoo irratti fannifamee akka du’e ni dubbatu. Muraasni isaanii kunooti.

a. Pubiliyoos Qorneleewos Taasitos (Tacitus)

Taasitos barreessaa seenaa bara 55 – 120 BA jiraatedha. Kitaabilee seenaa lama kan barreessee yoo ta’u isaan keessa tokko bara 116tti kan barreffame “Annals” kan jedhamudha. Namni kun ofii isaati kiristaanaa kan hin taane garuu amanamummaan kan beekamu ture.

Taasitos barreessaa seenaa qofa osoo hin taane abbaa aangoodhas. Kitaaba seenaa kana irratti waa’ee Kiristaanotaa, moggaasa isaanii, ka’umsa isaanii, Yihuudaa hanga Roomitti ga’uu isaanii barresseera. Kitaaba Annals 15:44 irratti waa’ee gubamuu magaalaa Roomii fi balleessa kana kiristaanonni akka raawwatanitti jijjiiramuu haala armaan gadiin barreesseera.

“ . . . xumura irratti Neeron himannaa kana hambisuuf, namoota uummatni isaan tuffatuu fi jibbinsaan ‘kiristaanota’ jedhee isaan waamu irratti fe’ee adabbii baay’ee hamaa ta’een isaan adabe. Isaan kun maqaa isaanii kan argatan Kiristoos kan jedhame bara mootummaa Xibaariyos bulchitoota isaa keessa tokko kan ta’e harka Philaaxos Pheenxinaawwin gidiraa guddaan kan isarra ga’edha. ”

Ingiliffaan “. . . Consequently, to get rid of the report, Nero fastened the guilt and inflicted the most exquisite tortures on a class hated for their abominations, called Christians by the populace. Christus, from whom the name had its origin, suffered the extreme penalty during the reign of Tiberius at the hands of one of our procurators, Pontius Pilatus”.

Seenaa irratti akkuma beeknu Neeron Qeesarota Room keessa tokko kan turedha. Innis magaalaa Room ofii isaatiin gubee ture. booda garuu gocha kana kan raawwate kiristaanotadha jechuun kiristaanonni akka qullubbitti akka kukkutaman, akka hoolaa gogaan isaanii akka irraa baafamu, ibiddaan akka gubaman taasisee ture. gocha kanadha barressaan seenaa Taasitos kitaaba seenaa isaarratti gabaabinaan kan kaase.

Taasitos waa’ee Kiristoos karaa kiristaanotaa kaasun, bara Xibaariyoos harka Philaaxositti gidirfamuu isaa barreesse. Taasitos waa’ee Kiristoos haala kanaan akka barreessuuf kan isa dirqisiise hin jiru, inni seenaa barreesse, kaayyoon isaas seenaa barreessudha malee waa’ee kiristaanummaa miti.

Madda : Tacitus, annals kutaa 15ffaa, boqonnaa 44ffaa. (Google irratti ni argama)

“KIRISTOOS DHUGUMA CUBBUU DHALA NAMAAF GIDIRAA SIMATEERA”.
Galatni isaaf Amalummaa Abbaa isaa Waaqa Abbaaf Amalummaa jirattummaa isaa Waaqa Hafuura Qulqulluuf haa ta’u har’as yeroo hundumaa hanga bara baratti amen.

Kutaan 3ffaan itti fufa.
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluuu Waaqa Tokko Amen

Caamsa 26
Yaadannoo Waggaa Duuka Buuticha Qulqulluu Toomas

Duuka buutonni Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos, isuma uumaa keenya irra barachuun mana kiristaanaa ishee dhugaa ishee kakuu haaraaf bu’uuraa  fi hundee waan ta’aniif mana kiristaanaa keenya kabaja guddaa isaanif qabdi.

Kabaja isaanii kan ittiin ibsitu keessa muraasni barumsa isaanii guutummaan fudhachuu, qabsuura isaanii dhugaa bahuun, yaadannoo isaanii taasisuu fi kkf dha. Isaan keessa tokko kan ta’e Qulqulluu Toomas guyyaa har’a yaadannoo wareegamummaa isaa taasisti.

Seenaan qulqulluu kanaa dhaloota isaarra kaasee, olba’umsa Gooftaa keenyan booda mana kiristaanaa baha Eeshiyaa keessatti ergama duuka bu’ummaa isaa, mana kiristaanaa Ortoodoksii Hindii hundeessu isaa, olba’umsa Dubroo Maariyaam akkamitti arguu akka danda’e akkasumas xumura tajaajilaa fi wareegamummaa isaa gabaabinaan barreffama, viidiyoo fi audio armaan gadii keessa ni argattu.

Kadhannaa fi eebbi Qulqulluu Qulqulluu Toomas nuu waliin haa ta’u
Galanni Waaqayyoof
Forwarded from Daandii Jireenyaa (Motuma)
Qulqulluun Toomas.pdf
257.1 KB
Audio
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen
Yaadannoo Fannifamuu Gooftaa Keenyaa Kan Ji’aa

Kan Kadhatufi Ergamaan Osoo Hin Taane Inni Matumaa Isaati Nama Ta’ee Isin Fayyisa Malee. (Hiikkaa R. Isaayyaas 63:9, Ibr 7:26)

Waaqayyo dhala namaa bifaa fi fakkeenya isaan kabajee uume. gannata keessa ka’uun; uma 2:15 ajaja tokkos isaaf kenne. “Waaqayyon Gooftaanis muka gannata keessaa hundarra ni nyaatta; haa ta’u garuu mukitti gaarii fi hamaa adda baastee kan beeksistu hin nyaatin; guyyaa isheerraa nyaatte du’a du’aa duuta” jedhe. (Uma 2:16-17).

Dhalli namaa haala kanaan abboommii Waaqayyoo kabajee waggoota 7f gannata keessa erga jiraatee booda gorsa diyaabiloos dhaga’ee cubbuun kufe. kana boodas bo’un yeroo gaabbii galu Waaqayyo ofuma isaa dhalatee akka isa fayyisu waadaa isaaf gale. Qulqulluun Phaawuloos “xumurri barichaa yeroo ga’u Waaqayyo Ilma isaa erge; dubroo irraas dhalate… ” (Gal 4:4) jechuun kan dubbate waadaa dursee Waaqayyo Addamiif gale sana yaadachuuni.

Kana booda galatni isaaf haa ta’uuti Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos misirachoo Q. Gebri’eeliin bara Maatewoos ji’a muddee guyyaa 29ffaa gaafa kibxataa halkan keessa sa’a kudhan (10) irratti Beeteliyemitti dalla sawwaanii keessatti dhalate. (Luq 2:6-7).

Dubbiin fayina dhala namaas ni eegale. Akkuma keenya suuta guddachuun waggaa 30ffaa isaatti laga yordaanositti cuuphame. Cuuphaa isaa boodas waggaa sadiif deddeebi’ee erga barsiise booda bitootessa 27, bara 34tti gaafa guyyaa jimaataa guyyaa keessa sa’a 6 irratti fannifame. fannoo irratti fannifamee aarsaa yeroo ta’etti aarsaa kan dhiyeessu ofumasaa, aarsaan isuma mataasaa, dhiifama kan taasisu isuma mataa isaa fi aarsaa kan isaaf dhiyaatus isuma mataa isaa ta’e dhala namaafi Waaqayyoon walitti araarse.

Awwaalamee guyyaa sadii fi halkan sadii booda humna fi aangoo isaatiin du’a mo’ee ka’e. “dhukkubbii isaa booda jiraataa ta’ee guyyoota afurtama isaanitti mul’achaa waa’ee mootummaa Waaqayyoo isaanitti himaa ragaawwaan baay’een mataa isaa isaaniitti of mul’ise. . . kana erge dubbatee booda osoo isaanii ilaalani ol ba’e. duumessis ija isaanii jala isa dhoksite. (HoE 1:3).

Foon uffatee bakka kufnee kan nu kaase Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosif, Qulqulluu kan ta’e Abbaa isaa fi Hafuura Qulqulluuf galatni fi ulfinni guddaan isaaf haa ta’u. Amen
Baga geessan
​​Ragaalee Du’aa Ka’uu Kiristoos Kitaaba Qulqulluu Fi Quraana Alaa
Kutaa 3ffaa

Akkam jirtu akkam turtan? Barreffama keenya mata duree Kanaan kutaa 2ffaa darbeen barressitoonni seenaa waa’ee kiristaanummaa osoo hin beekinii fi mataa isaaninis kiristaanaa osoo hin ta’iin kitaaba seenaa isaanii keessatti waa’ee fannifamuu KIRISTOOS akka barressan ilaaluu egallerra. Isuma itti fufuun har’as barreessaa seenaa kan ta’e Yoseef Filaaviyos kan barreesse ilaalla.

Yoseef Filaaviyes (Flavius Josephus) (37 – 97 AD)

Yoseef lammummaan gosa Yihuudotaa keessa kan dhalate barreessaa seenaa Yihuudotaa fi Roomanootaa kan ta’edha. Namni kun mataa isaati kiristaana miti. Akka barreessa seenaa tokkotti seenaa yeroo Sanaa barresseera. Hojii isaa seenaa Yihudota kan durii (Antiquites of the Jews) jedhu kitaaba 18ffaa boqonnaa 3ffaa keeyyata 3ffaa irratti akkas jedhee barreesseera.

“kuno bara kanatti Iyyesuus kan jedhamu nama ogeessaa tokkotuu ture. nama jedhamuunsaa seerawaa kan ta’e, sababni isaa Inni raajii kan raawwatu fi warreen dhugaa jaal’atan gammachuun kan isa dhaggeffatan ture. Yihuudota keessas alagoota keessas baay’olii gara ofiisaatti fudhatee ture. Inni Kiristoos ture. Philaaxos yaada hoggantootni keenya nu gidduuti isaaf dhiyeessan fudhatee akka fannifamu yeroo itti murteessetti dursanii kan isa jaal’atan isa hin kaadne turan. Kana boodas raajonni Waaqayyo, kanaa fi kan biraa dubbiiwwaan baay’ee akkuma isaaf dubbatan du’a keessa ka’ee isaanitti mul’ate. Uummattonni maqaa isaan moggaafamaniifi kiristaanota jedhaman hanga har’atti hin badne”.

Afaan ingliffaaan

“Now there was about this time Jesus, a wise man, if it be lawful to call him a man; for he was a doer of wonderful works, a teacher of such men as receive the truth with pleasure. He drew over to him both many of the Jews and many of the Gentiles. He was the Christ. And when Pilate, at the suggestion of the principal men amongst us, had condemned him to the cross, those that loved him at the first did not forsake him; for he appeared to them alive again the third day; as the divine prophets had foretold these and ten thousand other wonderful things concerning him. And the tribe of Christians, so named from him, are not extinct at this day.”

Namni kun seenaa bara Sanaa osoo barreessuu haala Kanaan bara sana kan raawwatamee barreessee darbe.

“KIRISTOOS DHUGUMA CUBBUU DHALA NAMAAF GIDIRAA SIMATEE DU’EE DU’AA KA’EERA”
Galanni Waaqayyoof

Kutaan 4ffaan itti fufa
Audio
​​Ragaalee Du’aa Ka’uu Kiristoos Kitaaba Qulqulluu Fi Quraana Alaa
Kutaa 4ffaa  (kutaa xumuraa)

Akkam jirtu akkam turtan? Barreffama keenya mata duree Kanaan kutaawwaan darban sadaniin ragaawwaan barressitoota muraasan barreeffaman ilaallee turre. Har’as isuma itti fufuun kutaa xumura barreffamaaa kana kan ta’u dubbisna. Gara dubbisaatti . ..

Yuuliyes Afraaqiyaanos (Julius Africanus)

Barreessaa seenaa Roomanotaa kan ture Taales (Thallus) kan jedhamu bara 52BAtti Yeroo Kiristoos fannifame aduu dukkanoofte turte ilaalchisee barresseera. Taales dukkaanni guyyaa sanaa sababa haguugamuu aduun (tsehay girdosh) kan dhufedha jedhe. Yaada isaa kana falmuun immoo Yuuliyes naannoo bara 221BAtti barreesseera. 

Yuuliyees yaadni Taales sirrii akka hin taane sababan mirkaneesseera. Sababni inni dhiyeesse faasikaan Yihuudotaa kan oolu jiinii guutuu yeroo taatu, yeroo kana keessa tasuma haguugamuuun aduu jiraachuu hin danda’u kan jedhu ture. jiinii guuttee kan mul’attu galgala malee guyyaa sa’a 9tti haala kamiinuu aduu uffisuu hin dandeessu. Dukkana guyyaa kana Diyoonasiyoos Inni Ariyoos faagos (Dionysius the Areopagite) illee caqaseera. Kun sababa fannifamuu Kiristoosin malee haguugamuu aduun kan ta’e miti.

Taalmud (Talmud)

Taalmud kitaaba sirna Yihuudotaadha. Kitaabni kun barreeffamoota adda addaa kan akka seera Yihuudotaa, sirna, faalasama, barsiifataa fi seenaawwaan kan ilaallatan marii rabbootaa (barsiisotaa) kan qabatedha. Kitaabni kun qabiyyee lama of keessaa qaba. Mishnaa fi Gemaaraa jedhamu.
Mishnaan afaanin daddarbaa kan turan sirnootaa fi seerota Yihuudotaa kan of keessa qabudha. Gemaaraan immoo ibsa Mishnaa fi barreeffamoota biroo irratti kenname kan of keessa qabudha.

Mishnaan kutaa 6 kan qabu yommuu ta’u kutaa 4ffaa irratti waa’ee deemsa murtii yaa’ii Yihuudotaa (Sanhedrin / አይሁድ ሸንጎ) qabateera.  Kutaa kana irratt waa’ee murti Kiristoos irratti darbee akkas jedha. “jala bultii faasikaatti Iyyesuus isa Naazret fannisan. (On the Eve of Passover they hung Yeshu the Notzarine.)”.

Hojii Philaaxos (Acts of Pontius Pilate)

Barreeffamni kun akkuma barressitoota armaan olii barreessaa kiristaana hin taanen kan barreffamedha. Booda abbootin Kiristaanaa kan akka Wareegamaa Iyyosxiin (Justin Martyr) fi Xerxuliyaanos (Tertullian), barreffama kana caqasaniiru. Barreffamni kun kan Roomanootaa yommuu ta’u fannifamuu fi du’uu Kiristoos dhugaa baha.

Ragaawwaan biroon kan hafan jiraatanis kan hubatuuf jechi tokko gahaa waan ta’eef barreffama mataa dureen Kanaan eegalle asumatti goolabna.

Walumagalatti seenaawwan baay’een barressitoota biyya lafaan barreeffaman waa’ee fannifamuu Kiristoos dhugaa bahu. Quraanni obbolaawwaan keenya baay’een itti amanan garuu “Iyyesuus hin fannifamne, warreen akkas jedhan isaan abarrerra” jechuun faallaa Kitaaba Qulqulluu fi seenaawwan yeroo sana barreffamanii ta’ee argama.

Egaa kamtuu sirrii akka ta’e dubbisanii daandii sirrii qabachuun dhimma dhuunfaati. Amannes dhiisnes KIRISTOOS CUBBUU ADDUNYAAF FANNIFAMEE DU’EE DU’AA KA’EERA.

Kanaaf obboolawwan keenyaa, barreffama namoonni muraasni yeroo ta’etti barreessanii ittin nama dogongorsan irraa deebi’uu qabna.  Har’a amantaa adda addaa keessa yoo jiraanneyyu Kiristoos hunduma keenya jaal’ata. Dukkana keessa baane ifa inni nuuf ibseen haa deddeebinu, har’as gaabbiin yoo deebine harki dhiifama isaa akkuma diriireetti jira.

Addunya tokko irra qamadiinis inkirdaadnis walumaan jiraatu, yeroo haaman ga’u garuu qamadiin gara gootaraatti inkirdaadni immoo ibiddaan gubama. Akka qamadii filatamnee ijoollee Addaamif kan uumamte mootummaa isaa akka dhaalluf daandii keenya haa qorru. (“Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmatti kan hin amanne immoo dhahichi dheekkamsa Waaqayyo isarra jiraata malee jireenya hin argu” (Yoh 3:36).

Kakasee kan na jalqabsiise jalqabsiisee kan na xumursiise Uumaa keenya Waaqayyoof galatni fi ulfinni guddaan bara baraan isaaf haa ta’u.
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Baga Ayyaana Olba'umsa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoosin Nagaan Isin Ga'e

“Dubbii Kana Akkuma Dubbateen, Utuma Isaan Ilaalii Gara Samiitti Ol Ba’e. Duumessis Isa Simatte, Ija Isaanii Duras Isa Dhoksite.” HoE 1:9

Gooftaan keenya humna fi aangoo isaatiin aangoo du’aa cabsee erga ka’ee booda, guyyoota 40f bakka adda addaatti duuka bu’oota isaaf of mul’isee icciitii mootummaa Waaqayyo isaan barsiisaa, tajaajilaaf isaan qopheessaa ture. Gaafa guyyaa 40ffaa naannoo bitaaniyaatti kan argamtu garaa ejersaa (debre zeyit) irratti duuka bu’oota 11n walitti qabee, isaan eebbise, fuula isaanii duratti , osoo isaan ilaalanii gara samiitti ol ba’e.  duumessis isa simatte, fuula isaanii duraas isa dhoksite, mirga Waaqayyo taa’e. ( mirga Waaqayyo kutaa itti aanuutti ilaalla).

Olba’umsi Gooftaa keenya akkuma fannifamuu fi du’aa ka’umsa isaa akka tasaa kan raawwate osoo hin taane waggoota baay’ee dursee raajotaan kan dubbatamedha. Isaan keessa muraasni, laphee Waaqayyo kan jedhame mootichi Daawit dhaloota Gooftaa keenya waggoota 1000 dursee “Waaqayyo Gooftaan ililleetiin, sagalee fiinootiin olba’e.”(Farsa 46(7):5). 

Akkasumas “Kallattii bahaatiin gara samii samiiwwaniitti kan olba’e Waaqayyoof faarfadha” (Farsa 67(8):33) jedhuun barresseera. Raajiidhuma walfakkaatuun raajichi Waaqayyo Qulqulluun Daani’el “Halkanin raajiin arge, kunoo dhala namaa kan fakkaatu duumessa samii waliin dhufe, gara fuula Abbaatti dhiyaate…. ” (Dan 7:13) jechuun dhaloota Gooftaa keenyaa baroota baay’ee dursuun dubbateera.

Gooftaan keenyaas yeroo barsiisaa turetti waa’ee olba’umsa isaa irra deddebi’uun yeroo baay’ee barsiiseera, “ani yeroon lafarra ol ol ba’u hundumaa gara kootti nan harkisa”(Yoh 12:32), “amma garuu gara isa na ergee nan deema, yoon deeme isiniif wayya,…”(Yoh 16:5). Kanaafu olba’insi Gooftaa keenya akka tasa kan argame osoo hin taane raajonni yeroo adda addaatti kan raajan, inni mataansaas kan barsiise ta’uu caqasoota armaan olii irraa hubachuun ni danda’ama.

Gooftaa keenyas haaluma dursee barreffame kanaan gara samiitti olba’ee mirga Abbaa isaa taa’e. Mirgaa Abbaa taa’e kan jedhu kutaa itti aanun itti deebina.

Ebbi ayyaanicha hunduma keenya waliin haa ta’u
Galanni Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Olba’umsa Gooftaa Keenyafi fayisaa Iyyesuus Kiristoos
Kutaa 2

Mirga Waaqayyo Taa’e.  Mar 16:19

Barreessitoota  wangeela Gooftaa keenya Iyyeesus Kiristoos  waa’ee olba’uu isaa barreessan laman jechuunis Maarqos fi Luqaas keessa, Qulqullichi Maarqos wangeela isaa 16:19 irratti “Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos isaan waliin erga dudubbate booda gara samiitti olba’e; mirga Waaqayyo taa’e.” jedheera.

Waaqayyo bakka hunda kan jiru, bakkaan kan hin murtoofne, as jira achi jira, bitaa mirgaa kan isaaf hin jedhamnedha. Kanaaf Gooftaan keenya “Mirga Waaqayyo taa'e”  jechuun maal jechuudha?  barreffama kanaan  “Mirga Waaqayyo” kan jedhu kana ilaalla.

“Mirga Waaqayyo”  kan jedhu duruma kaase Kitaaba qulqulluu bakkeewwan baay’eetti kan argamudha. fkn:

Waaqayyo,  Gooftaa kootin akkas jedhe, “diinota kee ejjennoo miil’a kee  amman siif taasisutti mirga koo taa’i” (Farsa 109 (110):1). As irratti hubachuu kan qabnu, kan dubbate, Waaqayyo ta’uu fi kan itti dubbatame immoo Gooftaa (Waaqa Ilmaa) ta’uusaati. Kun akka raawwatu mootichi Daawit dursee kan dubbate Qulqullichi Maarqos immoo olba’umsa Gooftaa Keenyaa waliin  kaase.  Akkuma Q. Maarqos  Qulqulloonni kitaaba qulqulluu barressan biros mirgaa Waaqayyo jechuun bakka baay’eetti kaasaniiru.

Fakkenyaaf  HoE 7: 56 (Isxifaanos Gooftaa keenyaan mirga Abbaa taa’ee arguusaa) , Ibr 1:3, Ibr 8:1,  Ibr 13:2, akkasumas hundee amantaa irratti yeroo hunda ‘… gara samiitti ol ba’e mirga abbaasaas taa’e…’. jennee akkuma kadhannu

Waaqayyoo  Mirgaa Fi Bitaa Qaba?

Waaqummaan akka keenya bitaa fi mirgaa kan qabu miti. Isa kanas Abbaan Hiriyaaqos sirna qulqulleessaa (Qiddaase) Haadha Keenya Dubroo Maariyaam irratti “Waaqumman garuu bitaa fi mirgaa, olii fi gad,… kan qabu miti, bakka hundumaatti kan guutedha malee ” jechuun galateeffateera. Bitaa fi mirgaa kan qabu waan murtaa’u, xuqamuu, qabamu kan danda’udha, Waaqummaan bakkaan hin murtaa’u, hin xuqamu, hin qaqqabamus.

Caqasoonni kitaaba qulqulluu fi Sirna Qulqulleessaa irraa kan walitti bu’an osoo hin taane, mirga yeroo jedhu aangoo, humna, qixxummaa, Gooftummaa , kabaja  agarsiisa. Kanaafuu “Mirga Waaqayyo ” jechuun  aangoo Waaqummaa, kabaja Waaqummaa, humna Waaqummaa, Gooftummaa, … jechuudha.

Gooftaan keenya “Ani Abbaa keessa, Abbaan ana keessa akka jiru na amana.” (Yoh 14:11) jechuun isa kabaja Waaqummaa mirga Waaqayyoo jedhamedha. 
Akkasumas “mirgi Waaqayyo ol ol taasifte, mirgi Waaqayyo humna taasifte  ” Farsa (117: 15) kan jedhame irratti Mirgi Waaqayyo, aangoo, humna Waaqummaa tahuun ifaadha.

Waluma galatti caqasichi  Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos  gara  samiitti olba’ee aangoo Waaqummaa, humna Waaqummaa, Gooftummaa  guutuun  Abbaa isaa waliin ta’usaa kan nu barsiisu dha.

kutaan 3ffaa itti fufa

Galanni Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Olba’umsa Gooftaa Keenyafi fayisaa Iyyesuus Kiristoos
Kutaa 3ffaa

Isin Bira Gara Samiitti Kan Ol Ba'e Iyyesuus Gara Samiitti Osoo Ol Bahuu Akkuma Agartan Akkasuma Deebi'ee Ni Dhufa HoE 1:11

Jecha kana kan dubbatan Qulqulloota Ergamoota Waaqayyo yoo ta’an kan dubbatameef immoo duuka bu’oota Gooftaa keenyafidha. Tulluu Ejersaa irratti Gooftaan keenya yeroo aangoo isaan gara samiitti olba'u kan dubbatanidha. nutis olba'umsa Gooftaa keenya kana sababa taasifachuun barrffama kanaan dubbii Qulqulloota ergamoota Waaqayyo kana ilaalla.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos dhufaatii lama, dhaloota lama fi ka’umsa 1 qaba. Dhufaatiin isaa kan jalqaba raawwateera.

Addam abbaan keenya balleessa raawwateen duuti dhala namaa irratti aangoo argate. Du’a kana qulqullummaan abboota keenya kanneen akka Heenok, Abrahaam, Nooh, Muuse, Eeliyaas, Isayyas,… dhala namaarraa kaasuu hin dandeenye. Ilmi Waaqayyo addunyaa dursee mirga Abbaasaa kan ture, addunyaan kun hunduu isaan kan uumame  garuu ni dhufe, ni dhalate, dhukkubsattota foonii raajiisaan, dhukkubsattoota lubbuu barumsa isaan fayyise,  cubbuu duraa (xinte abiso) nurra kaase, aangoo du’aa nurraa cabse, du’arratti akka lallabnu, akka faarfannu nu taasise. Fayyina kana raawwatee gara samiitti olba’e. kun dhufaatiisa isa jalqabadha. Galanni fi ulfinni Waaqumma bara baraan isaaf haa ta’u.

Akkuma kanas lammeeffaa deebi’ee dhufuuf jira. Dhufaatiinsaa kun garuu akka isa jalqaba osoo hin taane , murtiifidha. Qulqullichi Daawit “Gooftaan keenya ni dhufa, hin callisu, ibiddi dura isaati boba’a ”(Fars 49:3) akkuma jedhe. Ibidda kan jedhame murtiidha. Waaqayyo arjummaan isaa baay’ee akkuma ta’e kanneen cubbuu isaanirra hin deebinefis murtiin isaa cimaadha. (waa’ee mukitti waggoota baay’eef firii argamsiisuu dadhabdee wangeela irra haa yaadannu).  Foon keenya, foon yihuudonni waraanan uffate dhufa. Yihuudonni yeroo kana argan ni gaabbu, gaabbiin isaanii garuu faayidaa hin qabu. 

Tiksituun hoolota re’oota irraa akkuma adda baasu, adda adda isaan baasa. Hoolota gara mirgaa re’oota gara bitaan dhaaba. Warreen gara mirgaa mootummaa Waaqayyotti, warren gara bitaa ibidda bara baraatti seenu.  Sanyii Addaam kan tahe hunduu kana lamaan keessa  carraa tokko filata. Filannoon keenya immoo har’adha.  Amantiin keenyafi hojiin keenya har’aa gala guyyaa sanaati. 

Kanaafuu  kan duune haa kaanu, qulqullummaa gatii keenya haa taasifannu, gabbiin haa deddebinu. jireenyi guyyaa har’aa gaarii fakkaate akka nu hin sossobne, haa hubannu. Wanti hunduu akka abaaboo birraati. Biyyaa lafaarratti bakki guddaan kan isaaf kenname mootumman Solomoon darbeera, kan hin dabarre hin jiru. Umrii gabaabduu nuuf kennamte kanan gaabbii fi sodaan Waaqayyoon haa tajaajillu. Dhufaatiin Gooftaa keenya Kiristaanotaaf guyyaa gammachuu keenya, addunyaa nu tuffate duratti guyyaa itti kabajamnudha. 

Haa tahu garuu “Kiristaanni” eenyudha ? Kiristaanaa jechuun hordoftoota Kiristoos jechuudha.  Kiristaanummaan maqaan kan ibsamu miti, jireenyaani malee. Kiristaanumman qulqulloota Waaqayyo lallabuun qofa kan ibsamu miti, jireenyaan isaan fakkachuun malee. Jireenya keenyaan uumaa keenya haa fakkannu  (Ani Qulqulluu akkan tahe isinis qulqulloota taha jedheera waan ta’eef).

Laphee  keenya gaabbiif cabsinee, jireenya sodaa Waaqayyoon guutame jiraanne, guyyaa dhufaatii isaatti Qulqulloota isaa waliin carraan keenya gara mirgaa akka tahuuf eyyema Uumaa keenyaa nuuf haa ta’u.

Galanni Waaqayyof
Kutaan itti aanu itti fufa.
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Waxabajjii 12
Ayyaana Yaadannoo Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'elii Kan Waggaa
Baga Geessan

Barreffama Gabaabdu Waa'ee Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Mikaa'elii

Mikaa’el jechuun jecha ibraa’isxii yommuu ta’u hiikkaan isaa (Mi = eenyu ,  ka = akka, EL = Waaqayyo) jechuudha. Akka tokkotti yeroo dubbisnu Mikaa’el jechuun eenyu akka Waaqayyo jechuudha. Waaqayyo hangafa ergamoota taasisee kan ture diinni keenya har’aa oftullummaa isaatiin yeroo kufu Qulqulluun Mikaa’elii immoo gad of qabummaa fi amanamummaa isaatiin hangafa ergamoota kumaatamaa ta’e.

Waa’ee ergamaa kanaa kitaabni qulqulluun keenya jalqaba kakuu moofaa irraa kaasee hanga xumura mul’ata Yohaannisitti waantota baay’ee nu dubbisiisa. Abbootni keenya kitaaba Qulqulluu yeroo hiikan bakka baay’eetti ergamaan Waaqayyoo abaluutti, abaluutti,… mul’ate jedhamee kan jiru Ergamaa Qulqulluu Mikaa’elii akka ta’e ibsaniiru. Bara seera laphee irraa kaasee amma bara keenyaatti mul’atee raajiiwwaan baay’ee raawwateera, har’as raawwachaa jira, gara fuuldurattis akkasuma.

Ergamaan Qulqulluu Mikaa’elii

✍️✍️✍️   Ergamaa Dhiifamaati.
Qulqulluun Mikaa'el ergamaa dhiifamati. kitaabni waa'ee isaa akkas akkuma jedhu: "dhiifama kan taasisu, dheekkamsa irraa kan fagaate Qulqulluu Mikaa’elidha." Heenok 10: 12. Ergamootni Waaqayyo namoota adabuuf aangoo qabu. (Bau 23:20, Luq 1:19-20). Qulqulluun Mikaa'el garuu ergamaa dhiifamaati. kanaafidha  Sirni Qulqulleessa keenyalle  (ተውህቦ ምህረት ለሚካኤል...  dhiifama Mikaa’eliif kenne….) kan jedhu.

✍️✍️✍️  Ergamaa Diyaabiloosin mo’atedha.
Samiirratti lolli ni ta’e. Mikaa’elii fi ergamtoonnisaa jawwicha waraanan,… Mul 12:7

✍️✍️✍️  Ergamaa aangoo fayyisummaa qabudha.
Karoora fi qorumsa diina keenya jalaa nu fayyisa jechuudha. (Ergamaan Waaqayyo naannoo namoota Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, isaanis ni fayyisa Far 33:7). Afoomiyaa akka fakkenyaatti yaadachuun ni danda’ama.

✍️✍️✍️  Ergamaa Obsa qabeessadha.
Hangafni ergamoota Mikaa’eliin waa’ee foon Muuseef diyaabiloos waliin yeroo dubbate, Gooftaan si haa hifatu jedhee malee jecha arrabsoo dubbachuuf illee ija hin jabaanne). Gooftaan keenya fannoo irratti yeroo fannifamus fannoo jala dhaabbatee obsa isaatiin waan tokkoyyu raawwachuuf hin dubbanne.

✍️✍️✍️  Yeroo dhufaatii 2ffaa ergamaa malakata afuufudha. (… sagaleen hangafa ergamootaa ni dhagahama…  1Tas 4:16)
✍️✍️✍️  Ergamaa Cubbuu dhala namaaf kadhatudha. (Bara sanatti waa’ee dhala namaaf kan dhaabbatu Mikaa’eliin ni ka’a… Dan 12:1).
✍️✍️✍️   Ergamaa jajjaabeessaadha. (… Mikaa’eliiti alatti kan na jajjabeessu hin jiru. Dan 10:21)…..

Walumaagalatti Qulqulluun Mikaa’elii saboota Israa’el dursee Gibtsiiti hanga Kana’aanitti kan isaan geggeesse, Billaa qabatee Iyyaasuu mul’achuun Iyyaasuun kan sagadeef (Iya 5:13), akkasumallee yeroo nuti gaabbii gallee gara namummaa keenyaatti deebinu fayyuu lubbuu keenyaaf kan gammaadudha.

Egaa guyyaa har’a waxabajji 12 manni kiristaanaa keenya ayyaanaa ergamaa kanaa jettee kabajji. Guyyaan kun dhuma lafaati hanga dhuma lafaatti kan balali’u, galatni isaa akka dammaa kan miyaawu kabajamaa ulfaata Hangafa ergamootaa kan ta’e Qulqulluun Mikaa’elii guyyaa itti xalayaan Baahiraan du’aarraa gara kabajaa fi jireenyaatti jijjiredha. Tokkoos guyyaan kun guyyaa itti hangafa Phaaphasota Iskindiriyaa yeroo Sanaa kan turan Eleksenderiyoos mana xaa’otii balleessuun bakka sanatti mana kiristaanaa hundeessuunTaabota Qulqulluu Mikaa’elii itti galchuun ayyaana kana gammachuun kabajanidha. Tokkos guyyaa itti ergamaan kun Afoomiyaa fayyisedha.

Eegalamuu kabaja guyyaa ilaalchisee barreffama biraan deebina
Eebbi Qulqulluu Mikaa'elii hunda keenyaaf haa baay'atu.
Galatni Waaqayyoof