Daandii Jireenyaa
4.5K subscribers
407 photos
147 files
590 links
Chayinaalii kana irratti barumsawwaan Afuurawo Dogmaa fi Sirna Ortodoksii Tewaahidoo bu'uura taasifate kan barannudha.

Yaada yoo qabaattan gammachuunin fudhadha. Liinkiin gadiin naaf barressa.

@m21harmekoo
Download Telegram
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee   . . .  Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee   . . .    Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda      . . .    Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Gooftaa Keenya Kan Du'aa Kaase Eenyudha?

Gooftaan keenya fi fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos awwaala naaf banaa osoo hin jedhiin cufamee akkuma jiruun humnaa fi aangoo isaatiin du’oota keessa ka’e. du’aa ka’uu isaa kanas dursee yeroo barsiisaa turetti duuka bu’ooota isaatiin akkas jedhee ture. “Lubbuu koo kaasuf dabarsee waanin kennuuf, kanaaf  Abbaan na jaal’ata. Ani fedha kootinin kenna malee eenyuyyu narra hin fudhatu. Lubbuu koo kennuuf aangoo nan qaba; akkasumas kaasuuf aangoo qaba.” (Yoh 10:17-18).

Lubbuu koo kaasuuf (lubbuu koo gara foon kootti deebisuuf); dabarsee nan kenna (fedha kootiin nan du’a). Ani fedha kootinin kenna malee eenyuyyu narra hin fudhatu (fedha kootin lubbuu koo foon koo irraa adda baasee lubbuu koo gannata keessa, foon koo awwaalcha keessa jiraachisa malee fedha koon alatti eenyuyyu waa hin raawwatu). Lubbuu koo kennuuf aangoo qaba; akkasumas kaasuuf aangoo qaba. (aangoo mataa kootinin du’aa, akkasumas ofuma koon deebi’ee du’aa ka’a) jechuudha.

Gooftaan keenya du’aa ka’uusaa qofa osoo hin taane qabamuun isaallee fedha isaan akka ta’e kitaabni qulqulluun nutti hima. (Loltoonni halkanin isa qabuuf deeman sagalee isaa dhagahanii dudduba isaanitti kan kufan kana nu hubachiisa. Yoh 18:6). Du’aa ka’uun isaas akkuma kanaa aangoo fi humna isaatiin akka ta’e kitaabileen kakuu moofaa fi kakuu haaraa dhugaa bahu. “Waaqayyo akka nama hirriba ka’uu ka’e” (Far 77:65), “Isin Iyyesuus isa fannifame akka barbaaddan nan beeka; akkuma dubbate ka’eera as hin jiru (Mat 28:5), . . . ”.

Egaa akkas yoo ta’e caqasonni tokko tokko (fkn. Waaqayyo garuu du’aa isa kaase. HoE 13:30) kan jedhan maal jechuudha? Kutaa itti aanu keessatti kan ilaallu ta’a.

Galanni Waaqayyoof
Daandii Jireenyaa
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee  . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee   . . .  Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda      . . .   Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Hidda Iseey irraa latiin ni baati. Abaaboonis ishee irraa ni ba’a." Isa 11:1

Baga Ayyaana Dhaloota Haadha Keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin Isin Gahe.

Yaa Dubroo Dhaloonni Kee Dhaloota Keenyadha.

Dubbii fayyina keenyaa gara dudduubaatti yeroo ilaallu dhaloota Dubroo Maariyaam irraa eegalla. Hewan haati keenya abboommii Waaqayyo cabsitee firee mukittii erga kutteen booda dhalli namaa abaaramee dukkana keessa jiraacha ture. dukkana kana kan ibsu Kiristoos gara biyya lafaatti dhufuu isaan waggoota 15 dursee Dubroon abaarsi Addaamii fi Hewaan ishee hin qaqqabiin tulluu Libaanos irratti dhalatte.

Hundeen ishee tulluwwaan qulqullaa'oodha jedhamee akkuma isheef dubbatame Dubroon haati keenya qulqulloota hidda qajeeltotaan dhufan haadha ishee Haannaa fi abbaa ishee Iyyaqem irraa gadamees keessatti raajiiwwan adda addaa hojjechaa erga turteen bood caamsa bultii 1 tulluu Libaanos irratti dhalatte.

Seenaa dhaloota Dubroo Maariyaam bal'inaan pdf armaan gadii irraa dubbisa.


Eebbifi Kadhannaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nuuf haa baay’atu Amen
Irra deebi'uun baga geessan gaaffiin badhaasa argamsiisu qophaa'era, (Koorsii Dubbii Dubroo keessa)

Gaaffiin kan ergamu channel whatsapp irrattidha liinkii qofaanidha.

Gaaffii 15 keessa 15 kan deebisan ni badhaafamu.

Hirmaachuuf liinkii armaan gadii fayyadamuun whatsapp keenya seena.
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Bara Du’aa Ka’umsaa
Kutaa 2b

Waaqayyo Garuu Du’aa Isa Kaase. HoE 13:30

Barreeffama keenya kutaa darbee, mata duree “Gooftaa Keenya Du’aa Kan Kaase Eenyudha?” jedhuun Gooftaan keenya aangoo fi humna mataa isaatiin du’aa akka ka’e ilaallee turre. Kitaaba qulqulluu yeroo dubbisnu immoo caqasonni tokko tokko isa kanarra adda fakkaatanii nutti mul’achuu danda’u.
Kanumaan walqabsiisnee dubbii Qulqullichi Pheexiroosin dubbatame fi kitaaba qulqulluu irratti caqasame jiru ilaalla. Caqasni kun “Waaqayyo Garuu Du’aa Isa Kaase.” (HoE 13:30) kan jedhudha.

Caqasa kanaa fi kan isa fakkaatan qabatanii baay’oliin Gooftaan keenya humna fi aangoo isaatiin du’aa ka’uu isaa ganuuf yaalu.  Garuu dhuguma akkas jechuun Gooftaan keenya aangoo isaatiin hin kaane jechuudha? miti. Haadha kitaabilee kan taate manni kiristaanaa keenya kitaabota hundaaf hiikkaa kan qabdu yommuu ta’u caqasni tokkollee kan wal faallessu hin jiru.

Caqasa kana hubachuuf icciitii Sillaasee hamma tokko beekuun barbaachiisaadha. Waaqni nuti Waaqessinu Waaqa tokko qaama sadiin kan ibsamudha. Sadummaa maqaa, qaamaa, fi tokkummaa Waaqummaa, aangoo, uumuu, . . . qaba jechuudha. Sadummaan qaamaa Abbaa, Ilma, Hafuura Qulqulluudha. Waaqayyo yeroo jennu Abbaadhas, Ilmas, Hafuura Qulqulluudhas.

Waaqayyo du’aa isa kaase jechuun

Tokko, kan kaases kan ka’es Waaqayyodha jechuudha. Muuseen akkuma barreesse uumama namaa irratti  “Waaqayyo jedhe; kotta haa buunu . . . nama haa uumnu”(Uma 1:26). Kana kan dubbates, nama kan uumes Waaqayyodha. Waaqayyo du’aa isa kaase yeroo jennus inumti ofuma isaa ka’uu isaa nu hubachiisa.

Tokkos, Waaqayyo fedhafi aangon tokko waan ta’eef fedha fi aangoo Waaqa Abbaa mataasaa fi Hafuura Qulqulluun ka’e jechuudha. (Maqaan Waaqayyo jedhu maqaa tokkummaa Waaqa Abbaa Ilmaa Hafuura Qulqulluuti.)

Tokkos, foon gara boollatti bu’e Waaqummaan kan waloome waan ta’eef Iyyesuus Kiristoos Waaqayyo waan ta’eef ka’e jechuudha.

Kanaafuu akkuma sirna nagaa wal gaafachuu keenya irratti dubbatnu Gooftaan keenya du’aa kan ka’e humna fi aangoo isaatiini.

Galanni Waaqayyoof
Barreffamoni keenya bara du’aa ka’umsaa itti fufu.
Daandii Jireenyaa
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee   . . .  Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee   . . .    Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda      . . .    Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Gosoota Du’aa Ka’umsaa

Duuti kakuu moofaa keessatti aaboo fi aangoo kan qabu, sodaatamaa ture. Dhufaatii fi du’aa ka’uu Gooftaa keenyaatin aangoon isaa cabee abbootonni keenya du’a irratti lallaaniiru, faarfatanirus. Namni ni du’a, yeroo murtaa’een booda garuu deebi’ee ni ka’a. Garuu du’a kam?

“Namni ni du’a” yeroo jennu sammuu keenyaatti kan dhufu, hunduma keenyaaf kan hin oolle, du’a fooniidha. Garuu xinxallee yoo ilaalle du’a namni du’uu fi du’aa ka’umsi gosootni baay’een akka jiran argina. Bu’uuruma Kanaan duuti fi du’aa ka’umsi karaa adda addaa hiikamee gosoota baay’ee qabaatus barreffama keenya har’aa fi kutaa itti aanun du’a gosoota 2 waliin ilaalla. 

1. Dhaabbatanii du’uufi ka’umsa Lubbuu

Waaqayyootti amananii cubbuu irraa fagaachuun seera isaa eegaa Waaqayyo  waliin jiraachuu baachun du’adha. Gochi akkasii namni osoo foonii fi lubbuun isaa waliin jiranii du’aa nama taasisu. Kanaaf namni amantaa sirriin hin deddeebinee fi abboommii Waaqayyo hin eegne du’aa jedhama. (baay’ee nama dinqisiisa). namni jira jedhee osoo deemuu garuu du’eera jechuudha.

Jireenya cubbuu irra deebi’anii qalbii jijjirrachuun cubbuurraa fagaatanii qajeeelummaan  jiraachuu eegaluun immoo du’a ka’umsa jedhama. Qulqullichi Phaawuloos kana yoo ibsu “Ati inni raftu dammaqi; du’oota keessas ka’i; Kiristoos siif ibsa.” Efe 5;14  jedheera. Hojii hamminaa kee irraa deebi’i, warreen yeroo hundumaa hammina raawwatan keessa ba’i Kiristoos siif ibsa jechuudha.

Du’aa ka’umsi akkasii gaabbiin kan raawwatamudha. Du’aa isa jalqabaa kanarra kan hin ka’iin du’a isa lammaffaatti carraa biraa hin argatu. duuti lammeeffaa ibiddaa gahannamaatti gatamuu ykn du’a bara baraadha. Du’a isa jalqabaa irraa kan ka’u garuu duuti inni lammeffaa isarratti aangoo hin qabaatu, kabajaa fi jireenya bara baraaf ka’a.

Isa kana qulqulluun Yohaannisis Mul’atasaa irratti “Ka’umsa isa jalqabaatiif kan carraa argate inni eebbifamaa fi qulqulluu dha. Duuni inni lammaffaa isarratti aangoo hin qabu.” (Mul 20:6) jechuun ibseera. du’aa ka’uu isa jalqabaa kana kan hin argatiin garuu du’a isa lammaffaa jalaa ba’uu hin danda’u. bal’isnee kitaaba qulqulluu yoo ilaalle namoonni baay’een cubbuu isaanirra yeroo deebi’an du’a irra ka’an jedhamaniiru.

Seenaan mucaa badee wangeela Luqaas 15:11-32 tti barreeffamee arginus du’aa ka’uu kana kan nu barsiisuu dha. “Mucaan koo kun du’ee ture, amma garuu jireenya argateera, badee kan ture argameera.” jechuun du’uu isaa kan dubbate du’a foonii otoo hin taane abbaa isaa irraa addaa bahuu isaatiin ture. Nutis yeroo Waaqayyo Abbaa keenyaa fi qulqulloota Isaa irraa addaan baanu, arraba keenya galatoof uumameen nama hamannee ajjesnu, hin raawwatiin kan jedhamne yeroo raawwannu, raawwadhu kan jedhamne rawwachuu yeroo dhiisnu duunerra jedhamna.

Battala qalbii jijjirrannee gara Waaqayyo Abbaa keenyaatti deebinu du’aa kaanee jireenya ni arganna. Nama ta’ee Deessuu Gooftaa keenyaatin ala du’a kana kan hin du’iin hin jiru, garuu dandeettiin ka’umsa keenya walcaala. Mootichi Daawit, Qulqulluun Pheexiros, Qulqulluun Phaawulos, … du’a kana du’aniiru, garuu dafanii du’a isaanii kana irra ka’aniiru. Abbootonni keenya Qulqulloota, wareegamtoota,… jedhamuuf kan ga’an du’a kanarra bilisa ta’anii osoo hin taane, du’a kanaaf harka kennuu dhiisuu isaaniif, du’anii achitti hafuu dhiisu isaanifidha. Kanafidha Qulqulluun Efreem “ni duuna, ni kaana” kan jedhe.

Walumaa galatti Kiristaanoonni jijjirannaa qalbii godhatanii foonii fi dhiiga Gooftaa fudhachuun akka fedha waaqayyootti jiraachuun du’aa ka’umsa jedhama. Ka’umsi inni jalqabaa jijjirannaa qalbiitiin argatan kun ka’umsa isa lammaffaaf (kutaa itti aanuutti kan ilaallu) bu’uuradha.

itti fufa…
Galatni Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee   . . .  Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee   . . .    Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda      . . .    Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Gosoota Du’aa Ka’umsaa
Kutaa 2ffaa

2.  Du’a Foonii Fi  Ka’umsa Foonii Yeroo Dhufaatii Gooftaa

Waaqayyo dhala namaa kan hin duune  taasisee uume, du’a kana kan fide dhala namaadha. Gooftaan keenyas du’a kana du’ee ka’uusatin nutis akka kaanu taasisera. Raajiichi Daani’el “garaa lafaa keessa kan rafan ni ka’u, walakkaan jireenya bara baraaf, walakkaan yeelloo jibbisiisaa bara baraaf ni ka’u ”, (Dan 12:2) jechuun dhugaa baheera.

Kun kan raawwatamu yeroo Gooftaan keenya lammata deebi’ee dhufu yoo ta’u yeroo kanas Qulqulloota warreen ka’umsa isa jalqabaa argataniif yoo murteessu warreen cubbamoota ta’an (du’aa ka’umsa isa kutaa 1ffaa jalatti ilaalle kanneen hin ka’in) irratti immoo ni murteessa. Du’aa ka’umsa isa lammaffaa kanaan cubbamoonni du’a isa lammaffaa kan du’an yoo ta’u kunis du’a bara baraati. Warreen Du’aa ka’uu isa jalqabaa argatan garuu Qulqulloota waliin gara jireenya bara baraatti seenu.

Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiriistoos Du’aa ka’uu isaatiin namni du’ee awwaalamee kan hin hafne, du’aa ka’ee jireenya bara baraa jiraachuuf abdii kan qabu ta’uu isaa nuuf mirkaneesseera. Kanaaf, du’a booddee jireenyi awwaala booddee abdiin ka’uu jiraachuu isaa hubachuun qaroomina guddaa dha. Yoh.5:28-29 “Yeroon warreen du’anii awwaalaman  hundi sagalee Isaa itti dhaga’an ni dhufa, warreen waan gaarii hojjetan jireenya argachuuf  ni ka’u, warren hammeenya hojjatanis adabiif ni ka’u.” akka jedhame amantii keenya sirrii fi qajeeltuu taate qabannee, hojii gaarii kiristaanummaan cimnee yoo dhaabbanne, bakka boqonnaa bara baraa kan taate dhaaltuu mootummaa Waaqayyoo taana.

Obbolaawwan koo isin keessa namni mataa isaa jibbu jiraa ? egaa ergaa kana dhagahee kan ittiin hin jiraanne nama mataa isaa jibbu qofadha. Namni mataa isaa jibbu immoo hin jiru. Har’a biyya lafaa kana irratti mataa keenya waan jaal’annuuf, boor foon keenyaan jireenya tolaa jiraachuf jenne hojiin, barumsaan, … bakka adda addaatti faffacaanee jirra. Foon keenya waggaa 70 hin jiraanneef akka kanaa yoo dhamaane, lubbuu keenya bara baraan jiraattuuf immoo ammam hojjechuu qabna ? deebii isa ofumaaf haa deebisnu.

Waaqayyo laphee gaabbii nuuf kennee, sodaa isaan jiraanne, yeroo dhufaatii isaatti carraan keenya qulqulloota waliin akka nuuf taasisu fedha isaa qulqulluu nuuf haa tahu.

Galatni Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Caamsa 11
Guyyaa yaadanno Qulqulluu Yaared Isa Itiyoophiyaa (Abbaa Yeedallo)

Abbaa yeedallo mana kiristaanaa keenya kan ta’e, hojiiwwaan gurguddoo karaa yeedalloo kan dalage, beekamaa, beekaa, yeedallessa, ergamoota samii waliin kan faarfatedha. Qulqulluun Yaared kan dhalate eebla 5, 505 magaalaa Aksumitti abbaa isaa Yisihaaqi fi haadha isaa Taawliyaa irraadha.  Dhalatee umrii isaa waggaa 7tti abbaan isaa waan boqoteef harmeen isaa barsiisaa Geediwonitti kennite.

Barsiisaan isaa Geediwoonis fudhatee barsiisuu eegale. Qulqulluun Yaaredis gara mana kirsitaanaa Aksum Tsiyon deemun icciitii akka isaaf ibsituuf haadha keenya Dubroo yeroo hundumaa kadhachaa ture. kana boodas tsuwwaan beekumsaa isaaf ibsamee guyyaa tokkotti faarsaa Daawit 150, kitaabilee raajotaa, kan Solomoonis, akkasumas warreen biroo beeke.

Waaqayyo yeedallo isa samiin namoota warreen lafaa galateeffamuuf yeroo barbaadetti sinbirroonni sadii yeedallowwaan gi’iizii, izlii fi araaray jedhamana sadan geggeessa Hafuura Qulqulluun barsiisaniiru. Kana boodas gara samiitti fudhatamee ergamoonni yeedallo adda ta’een Waaqayyoon osoo galateeffatanii dhagahee deebi’eera. isa boodas deebi’ee Aksum Tsiyoonitti zeemaawwan kanaan galateeffachuu eegale.

Qulqulluun Yaared seenaa mana kiristaanaa keenya keessatti hojiiwwan baay’een kan beekamu. Guyyaa har’aa kan itti fayyadamnu kitaabileen yeedalloo kan akka Diggu’aa, Tsoome Diggu’aa, Mi’iraaf, Zimmaaree, Mewaasit Qulqulluu kanaan kan qopheeffanidha.  Dirsaanota baay’ee baay’atanis kan geessise abbootii gurguddoo mana kiristaanaa keenyaa keessa tokkodha.

Yeroowwan dheeraaf tajaajilaa erga turee booda jireenya baahitawummaan jiraachuuf eyyema mooticha Atse Gebre Mesqel irraa fudhatee deeme. Tulluu Debre Mewwi irra baahitawwummaan jiraachaa erga ture booda holqa Tselemit keessa osoo jiruu caamsa 11, bara 571 tti fudhatame.

Eebbi abbaa keenya Qulqulluu Yaared hunduma keenya waliin haa ta’u, amen
Galatni Waaqayyoof

Bu’uura yeedallo eegale (x2) Yaared lubicha . . .
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Bara Du’aa Ka’umsaa
Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo du’aa ka’etti gargaartota 72n keessatti kan lakkaa’aman keessaa Luqaasifi Qeleyoophan Iyyerusaalem irraa gara Emaahus deemaa turan. Gooftaan keenya fannifamee du’uu isaatiin abdii kutanii waan turaniif.  Jarris waan yeroo sana ta’e waa’ee Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos kan ta’e hunda haasawaa deemu turan. Yeroo kana Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos nama biraa fakkaatee isaanitti dhiyaachuun waa’ee maalii akka taphachaa jiran isaan gaafachaa isaan waliin deemuu eegale.

Isaan garuu  iji laphee isaanii cufamee waan tureef eenyu akka inni ta’e hin beekne turan. Innis “Otoo dadhabbiin deemaa jirtanii kan haasoftan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaaniis “Kan Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati biyya kanaaf keessumaa dha?” jedhanin. Innis “Maali inni?” jedheen.

Isaanis deebisanii “Waaqayyoo fi namoota biratti raajii jabaa kan ture Waa’ee Iyyesuus isa Naazireet, warri Lubootaafi angafootaa dabarsanii du’aaf Isa kennuu isaaniifi isa fannisuu isaanii,  nuti garuu Isiraa’eeliin kan bilisoomsu Isa jennee abdachaa turre; ammas kun erga ta’ee har’a guyyaa sadaffaadha. Kana malees nu keessaa dubartoonni ganama iddoo awwaalichaa dhaqanii raajii akka argan, foon Isaas achi akka hin jirre akka du’aa ka’es nutti himan. Warra nu waliin jiran keessaas dhaqanii akkuma dubartootni jedhan ka’uu Isaa akka baran dubbatu, isa garuu hin argine” jedhaniin.

Gooftaan keenyaas  deebisee “Isin kan hin hubanne! Waan raajonni dubbatan amanuurraa lapheen keessan kan fagaate! Kiristoos gidiraawwaan kana hundumaa simatee gara ulfina Isaatti gala mitii?” jechuun waa’eesaa kitaabota Muusee fi Raajotaa keessatti kan barreefaman hiikee isaan barsiisuu itti fufe. Bakka deeman jiran Emaahus yeroo gahanis waan Inni fagoo deemu waan isaanitti fakkaateef aduun dhiheera nu waliin buli jedhan. Innis isaan waliin gara mana isaanii seenee nyaata eebbisee yeroo kennuuf iji laphee isaanii banamee Isa ta’uusaas baran. Innis isaan jalaa of dhokse. Yeroo kanas ka’anii gara Iyyerusaalemitti deebi’uun waan raawwatame hundumaa duuka bu’oota warreen birootti himan.

Qulqulloonni kun jalqabaaf amantii isaanii dadhabaa yoo ta’es booda garuu wangeelaaf jecha kan wareegamanidha. Kanafidha maqaa isaatiin hafuurota seexanaa baasaa turanii asitti garuu “raajii” jedhanii uumaa samii fi lafaa Iyyesuus Kiristoosin kan waaman. Akkasumas Gooftaa keenyan mootummaa Israa’el kan biyya lafaa deebisuuf akka dhufe taasisanis ilaalaa turan.

Dhuga bahumsi isaaniifi  keessummaa simachuun isaanii immoo fakkeenya guddaa kan nuuf ta’udha.  Keessummaa jal’achuu isaaniitiin osoo hin beekin akkuma Abrahaam Waaqayyoon keesummesse, Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoosin simatan. Abbootiin baay’ees keessummaa jaal’achuu isaanin Uumaa isaanii, ergamoota Waaqayyo, … mana isaaniitti keessummessaniiru.

Gooftaan keenya du’aa ka’uu isaa booda namoota adda addaatti mul’achuun isaa waluma galatti kitaaba qulqulluu irratti namoota adda addaatti bakka adda addaatti si’a baay’eef akka mul’ate barreeffameera.

Galanni Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan  Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Caamsa Guyyaa 12
Guyyaa Boqonnaa Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee

Abbaan keenya Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqii abbootii gurguddoo mana kiristaanaa keessa isa tokkodha. Kan dhalate bara 347 B.  A magaalaa guddoo Sooriyaa kan turte Antsookiyaattidha. Abbaan isaa ijoollummaatti waan irraa boqoteef harmeen isaa falasamaa fi barumsawwaan yeroo sanaa barsiisaa isa guddiste.  Ogummaa kanaanis hojii biyyaa lafaa irratti bobba’ee dalaga erga ture booda gara kiristaanummaatti dhufe.

Kitaabilee mana kiristaanaa baratee cuuphamee, duqqinaa muudamee mana kiristaanaa tajaajiluu eegale. Yeroo kanadha hiikkaa kitaaba qulqulluu kan qopheesse. Erga sanaas monokkosuun gara gadaamii deemee jiraachaa ture.

Boodarras guraandhala 26, 397tti Paatiriyaarikii Qusxinxiniyaa 23ffaa ta’uun muudame. Jaarraan afuraffaan bara itti shakkitoonni baay’atan waan tureef isaan waliin qabsuura baay’ee taasisaa ture. mana kiristaanaa fi amantoota sirritti barsiisaa tajaajilaa ture. kennaa lubummaa, barsiisummaa, qulqullummaa kan qabu ture.

Hanga guyyaa har’atti fi gara fuuldurattis manni kirstaanaa keenya kan itti fayyadamtu kitaabilee hafuuraa kan akka hiikkaa kitaaba qulqulluu, kiddaasee, icciitiiwwaan mana kiristaanaa, sirnoota mana kiristaanaa, . . .  fi dirsaanota hedduu hedduu barresseera.

Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee bara tajaajila isaa keessa teessoo isaa irraa si’a ariyatamaa ture. abbaan kun moototas haa ta’an abbaa barbaadan hin sodaatu ture. yeroo tokko haati manaa mooticha Arqaadiyoos (mootii kiristaanaati) maqaan ishee Awudookisiyaa harmee hiyyeetti tokko jalaa lafa ishee fudhattee turte. Yeroo kana Qulqulluun Yohaannis kana taasisuu akka hin qabne deebisuufi akka qabdu isheef barresse. Isheenis yeroo diddu mootittiin kun qurbaana fudhachuu akka hin qabne mana kiristaanaa irraa ishee dhorke. Kana booda mootittin shakkitoota waliin ta’uun abbaa kana ariyachuu eegalte. Yeroo adda addaatti teessoo isa irraa isa ariyachaa turanii baqannaa isaa kan xumuraan guyyaa kanatti boqote.

Haala Kanaan bara tajaajila isaa raawwatee yoo darbelle guyyaa har’aas hanga dhufaatii Gooftaa keenyatti manni kiristaanaa keenya isa yaadatti.  Baqannaan mana kiristaanaaf haaraa miti. Seenaa abbootii keenya yeroo dubbisnu jireenyi isaanii kanuma wal fakkaatudha. Guyyaa har’as qorumsi mana kiristaanaa keenya kan nama dinqisiisu miti. Isayyu qorumsi yoo dhibedha kan nutti hin tolle. Qorumsi daandii abbootii keenyarra jiraachuu kan nutti agarsiisudha.

Eebbi fi kadhannaan abbaa keenya  Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee nurra, mana kiristiyaanaa fi biyya keenya waliin haa ta’u amen
Galanni Waaqayyof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos Du’aa Ka’ee . . . Humnaa Fi Aangoo Isaatiin
Seexanni Hidhamee . . . Addaam Bilisa Bahee
Egaa Kana Booda . . . Nagaa Fi Gammachuun Nuuf Ta’e

Caamsa 13
#Guyyaa_Boqonnaa_Qulqulluu_Aarsaniyoos

Abbaan Arsaaniyoos bara 360tti (Dh.K.B) Roomaatti dhalate. Barumsa mana kiristaanaa baratee achumatti duqqinnaan taajajilaa ture. booda immoo gara Ateenaa deemun baratee beekumsa hafuurummaan guddatee gara Roomaatti deebi’uun tajaajilaa ture.

Mootichi Roomaa Tewoodosiyoos mootitti Arqaadiyoosii fi mootitti Anoorewoosif barsiisaa taasisee ramadeefi ture. Bara 394tti (Dh.K.B) mana mootummaa Roomaa tuuffatee dhiisee dhokatee gara Iskindiriyaatti dhufe. Itti fufees gadaamii Asqeexis keessatti barataa Abbaa Yohaannis Haatsir ta’e. Achis gadaamii Asqeexis cinaatti kan argamu pheexiraa keessa monokkosummaan jiraachuu eegale.

Abbaa jireenya foon namaatti hin tolle jiraachuu fi callisummaan beekamu ture. Bara 434tti gadaamiin Asqeexis yeroo lammaaffaaf erga balleffamee booda gara tulluu tiroo’e tti ba’e. achittis bara 449tti boqote.
Eebbi isaa nurra haaa bulu

Barumsa fi jireenya isaa keessa gabaabinaan yeroo darbe barreffama gorsa abbootii jedhuun barreessinee turre. Har’a immoo yaadachuuf jecha muraasa kaasna.

#Abbaan_Arsaaniyoos akkas jedhee ture, “Waaqayyoon yoo barbaadne mataasaa nuuf ibsa; sirritti yoo qabanne nu waliin jiraata.”
#Abbaan_Arsaaniyoos “monoksee qabsuura keessa jiruuf hirribni sa’aatii tokkoo gahaadha” jechaa ture.

#Abbaan_Maarqos Abbaa Arsaaniyoosin, “maaliif nurraa fagaatta?” jechuun gaafate. Abbaan Arsaaniyoos deebisee, “akkan isin jaal’adhu Waaqayyo ni beeka; haa ta’u garuu altokkotti namoota fi Waaqayyo waliin jiraachuu hin danda’u. ergamootni kumaatamni bakka tokko yoo jiraatan yaadni isaanii tokkodha. Namoonni garuu akkuma lakkoofsa isaanii yaadni isaaniis baay’eedha. Kanaaf namoota waliin jiraachuuf jedhee Waaqayyoon dhiisuu hin barbaadu” jedhe.

“Yeroo baay’ee waan baay’een dubbadha; dubbachuu koottis nan gadda. Callisuu kootti garuu guyyaan gadde hin qabu”

#Abbaan_Arsaaniyoos Du’uuf yeroo jedhu baay’isee osoo boo’uu duuka buutonni isaa arganii “ya abbaa keenyaa atis dhuguma ni sodaatta?” jedhanii gaafatan. Innis “eyyeen sodadheera. Sodaan sa’aatii kanatti jiru haaraa miti. Jireenya monokosummaa yeroon jalqabu kaasee ana waliin ture malee” isaanin jedhe.

#Abbaan_Pheemen Qulqulluun Arsaaniyoos akka boqote yeroo dhagahu boo’aa akkas jedhe. “ati kan eebbifamtedha. Ati lafa kanarra teessee mataa keef boosse. Haa ta’u garuu namni addunyaa kanarratti mataa isaaf boo’uu hin dandeenye addunyaa isa itti aanutti boo’aa jiraata.”

#Galanni_Waaqayyoof
​​Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen

Kiristoos du’aa ka’ee  - humnaa fi aangoo isaatiin
Seexanni hidhamee  -  Addaam bilisa ba’ee
Egaa kana booda  -  nagaa fi gammachuun nuuf ta’e

Caamsa 15
Guyyaa Wareegamummaa Qulqulluu Naatinaa’el

Barreffamni armaan gadii pdf gadii keessa ciccituun kan ba’edha. Guutuummaa isaa pdf irraa dubbisu, audio irraa dhaggeffachuu fi vidiyoonis ilaaluu dandeessu. sadanuu waan walfakkaata qabatanii jiru.

Qulqulluun Naatinaa’el tarreeffama maqaa duuka bu’ootaan wangeela Maatewoosifi Maarqos irratti tarree kudha tokkeeffaafi Qulqullichi Luqaas kan barreesse wangeelaasaafi hojii duuka bu’ootaa irratti tarree kudhaneeffaa irratti argama. Maqaansaa duraa Simi’oon kan ture yommuu ta’u Naatinaa’el jedhee kan moggaase Gooftaa keenyadha. Naatinaa’el jechuun kennaa Waaqayyoo jechuudha.

Duuka bu'oota keessa Gooftaa keenyaf  yeroo duraaf “yaa barsiisa ati dhuguma Ilma Waaqayyo, mootii Israa’elootaadha” jechuun dhugaa isaaf ba’eera.

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos erga olba’ee guyyaa 10tti Hafuurri Qulqulluu isaaniif bu’ee Qulqulluun Naatinaa’el Sooriyaa, Baabiloon, Gibtsiifi Nuubiyaa keessa deddebi’ee barsiiseera.

Wangeelli lallabamuufi namoonni baay’een gara kiristaanummaatti deebi’uu isaaniitti kan hinaafan ayzaabonni bakka adda addaarraa walitti qabaman diinuummaan isarratti ka’anii isa qabuun gara mootii isaaniitti geessan. . . Kana booda fannifamee akka du’u itti murtaa’ee caamsa 15 fannifamee gonfoo wareegamumma argate.

Waaqni qulqullootaa eebba QulqulluuNaatinaa’el nurra haa bulchu

Galatni Waaqayyoof
Audio