Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.36K subscribers
1.2K photos
19 videos
14 files
96 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Ganda Guubitoo Mariin ijaaraman.

▫️▫️Waxabajjii 16/10/2016

Liigiin dargaggoo mana maree dhimmoota islaamummaa aanaa Boorrachaa Guyyaa Kaleessaa ganda Guubitootti Marii bal'aa Masjida nuuritti Dargaggoonni marii tokkummaa,Nageenyaa,barnootaa fi Ijaarumsa ulamaa'ii fi Majlisa Aanaa Boorrachaa jelatti ijaaramnee Waan Ulamoota Keenya bira dhaabannee Amantii Keenya Karaa Nagaan gaggeeffachuu fi Nageenyaa Aanaa Boorrachaa Ulamoota fi Majlisa Waliin taanee Akka eegnuu Jechuun Tokkummaan ijaaramanii jiru.

Dabalataan Nuti Dargaggoonni Namoota Hawaasa Muslimaa Dawoo godhachuun dhimma Amantaa fakkeessun Kaayyoo dhuunfaa isaaniitiif Socho'aa jiranii fi nama Amantiif quuqamu of fakkeessun Aanaa Keenya diiguuf yeroo yerootti Hawaasni Nageenyaan Akka Amantii isaa gaggeessinee fi Wal ga'ii Ulamootaa balaaleffataa jiranu kana nutis Akka Ganda Gubbitootti Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa bira dhaabannee tumsa ni goonee Jechuun waadaa isaa dura ta'aa liigii Dargaggoo Aanaa Boorrachaa birattii ijaaramuun waadaa galanii Sagantaa Xumura irratti du'aa'iin xumurameera.

Dura ta'aan liigii Dargaggoo Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa #Ustaaz_Juned Akka jedhanitti Dargaggoonni Liigii Dargaggoo jelatti ijaaramuun Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa Waliin Ce'uu qaba Jechuun ergaa isaanii Xumuraa dabarsaniiru.

Jabaadhaa
#Kaayyoon Ulamoota fi Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa Boorrachaa ni Milkaaha. Kaayyoon Nama Dhuunfaa ni kufa.