Majlisa Godina Buunnoo Beddellee.
1.19K subscribers
1.15K photos
19 videos
13 files
93 links
Telegram Majlisa Godina Bunnoo Beddelle waan ta'eef Ce'umsa Hundeeffama ibsa Majlisa Federaalaa,Naannoolee fi Godinaalee fi Godinaa jalqabee hanga Aanaatti Ummata Muslima Godinicha keessatti argamu midiyaa kana join godha share Hawaasa Muslimaan ga'aa.
Download Telegram
Forwarded from Amar Temam
Innaa lillaahi wa'innaa ilayhii raaji'uun

Imaamni masjiida osoo salaachisanii masjiidaa ba'aa jiranii ajje*efaman

Spider Media : Zulqaida 10/1445
Jiddugaleessaa Gondar Aanaa Daambiyaa ganda Ayenbaatti imaama masjiida kan ta'an Sheyik Siraaj salaata maghriibaa salaachisanii osoo ba'aa jiranii hidhattootaan bifa suukaneessaan aj*jee-famuu manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Amaaraa beeksiseera.

Sheyik Siraaj hanga har'a wareegamanitti darasoota waggoottan dheeraaf masjiidichatti barsiisaa kan turan yoo ta'u manguddoo biyyaa jaarsa araaraati jedhan barreessan majlisa naannichaa.

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia
Forwarded from Amar Temam
Majlisni Oromiyaafi Finfinnee hawaasni muslimaa qixaan marii biyyaalessaa irratti akka hin hirmaachifamne ibsan

Spider Media: Zulqaida 27/1445
Manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaafi manni maree dhimmoota Islaamummaa magaalaa Finfinnee xalayaa majlisa Federaalaatiif katabaniin calalliin hirmaattota Komishiiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Oromiyaafi magaalaa Finfinneetti gaggeesse Muslimoota sirnaan kan hin hirmaachisneedha jedhan.

Komishiinichi walakkaa hawaasa biyyattii kan ta'e hawaasni muslimaa marii biyyaalessaa kana irratti bifa isa madaaluun akka hirmaachisu majlisni federaalaa gaafachuu qabas jedhan.

Rakkinoota biyyattii roga garaa garaa fura jedhamee kan abdatame mariin biyyaalessaa gamanumaa adeemsa eegaleen hawaasa biyyattii bifa madaalawaa ta'een hirmaachisuu dhabuun komiin irra deddeebiin dhihaataa jira.

Kana dura manneen marii dhimmoota Islaamummaa naannoo Amaaraa, Sidaamaa, Kibba Itiyoophiyaafi isaan biroo adeemsi calallii hirmaattotaafi ajandaa marii walitti qabuu komishiinichi gaggeessu muslimoota kam cinaatti dhiibuudha, kana sirreessuu qaba ta'uu baannaan garuu komishiinichaaf beekamtii hin kenninu jechuu isaanii Spider Media n gabaasee turuun kan yaadatamuudha.

Β© Amar Temam

Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
Tik Tok https://www.tiktok.com/@spidermultimedia?_t=8bvc1u3btiv&_r=1
WhatsApp
https://whatsapp.com/channel/0029VaAgkUd8fewqlY5Jlb3I
Umma Life https://ummalife.com/Spidermedia
>#SpiderMedia