Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
31.3K subscribers
505 photos
3 videos
425 files
401 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Abbaan Qabeenyaa Mana Barumsaa Bultii Sad.1ffaafi 2ffaa (kutaa 1-12) Ijaaruuf Dhakaan Bu’uuraa Taa’ee Jalqabsiifame

BBO, Gurraandhala,14/2016 #Abbaan qabeenyaa Kompileeksii Nyaata Cilaaloo Obbo Tadlaa H/Giyoorgis mana barumsaa Bultii Sad.1ffaafi 2ffaa ijaaruuf bakka ministeerri ministira barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, Hoogganaa BBO Dr.Tolaa Bariisoofi hooggantoonni biroo argamanitti dhakaan bu’uuraa kaawwamee hojiin ijaarsaa jalqabiifamee jira.

Sagantaa jalqabsiisa pirojektii kanaarratti ministirri barnootaa #Prof.Birhaanuu Naggaa akka jedhanitti sadarkaa nama dhuunfaatti manni barumsaa bultii ijaaramuu jechuun bor biyyi keenya sadarkaa guddaatti akka ceetuuf abdii guddaadha jedhan. Kanaaf warreen akkasii jajjabeessuun fakkeenyummaan isaanii babal’achuu akka qabus dhaaman.

#Hoogganaan BBO Dr.Tolaa Bariisoo mana barumsaa kana wanti adda isa godhu ijoolleen maatiin isaanii harka qalleeyyii ta’aniifi maatii hin qabne mana barumsaa kana keessatti guddatanii asumatti baratanii kan ofdanda’an ta’a. Hojiin dhaloota kunuunsanii, qaranii guddisuu hojii fakkeenyummaa guddaa qabu kun hojii nama boonsu jechuun dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.
Akkasumas jedha #Dr.Tolaan hojiin tajaajila lammummaa hojii dhaloonni itti boonuu qabu waan ta’eef, abbootiin qabeenyaa biroofi dhaabbileen gara garaa tumsa gochuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Forwarded from HOPE PROMO
𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐂𝐨𝐥𝐥𝐞𝐜𝐭𝐢𝐨𝐧
𝙲𝙻𝙸𝙲𝙺 & 𝙹𝙾𝙸𝙽 𝚄𝚂 𝙽𝙾𝚆 👇
    . ⇣ ⇣ ⇣ 

👇👇👇👇
👉JOIN👈
👉JOIN👈
👆👆👆👆
                  🔳🔳
                  🔳🔳
         🔳🔳🔳🔳🔳🔳
         🔳🔳🔳🔳🔳🔳
                  🔳🔳
                  🔳🔳

👇👇👇👇
👉JOIN👈
👉JOIN👈
👆👆👆👆



👆 ︎‿︎ 𝖳𝖺𝗃𝖺𝖺𝗃𝗂𝗅𝖺 𝗄𝖾𝗇𝗇𝗂𝗇𝗎𝗍𝗍𝗂 𝖻𝖺𝖺𝗒'𝖾𝖾 𝗀𝖺𝗆𝗆𝖺𝖽𝖽𝗎! 𝖨𝗍𝗍𝗂 𝗀𝗈𝗋𝖺𝖺 𝖻𝗂𝗋𝖺 𝗁𝗂𝗇 𝖽𝖺𝗋𝖻𝗂𝗇𝖺𝖺𝗍𝗂𝗂!(◕‿◕)👆
𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢𝗧𝗜𝗢𝗡
𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
   𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩s
@Oromoon_Oromoof_PostBot

Ads
   • @hope_promo
Dorgommiin Ispoortii Manneen Barnootaa Oromiyaa Waggoota Jaha Dura Addaan Citee Ture Har'a Magaalaa Baatuutti Eegaleera.
------------
BBO- Guraandhala 17/2016 Qindoomina Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin Dorgommiin Ispoortii Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa bara 2016 Magaalaa Baatuutti guyyaa har'aa haala ho'aa ta'een eegalameera.
Istaadiyemii Baatuutti argamuun saganiticha kan jalqabsiisan, Sadarkaa I/A Pirezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa obbo Abdulhaakim Muluu, Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoofi Hogganaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa obbo Maatiwos Sabbooqaa ta'uun walduraa duubaan haasaa taasisaniiru.
Obbo Abdulhaakim Muluu haasaa taasisaniin kaayyoo Dorgommii Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa akka armaan gadiitti ibsaniiru.
"Barattootni keenya barnootaa qalamaan daree keessatti kennamu cinaatti qaamaafi sammuu akka dagaagan gargaara, hariiroo hawaasummaa barattoota jdduu ijru jabeessuu, barattoota keessatti dadamaqina sammuu uumuun Kalaqaaf kan kakaasu, hundaa'ol Mootummaan keenya
Manneen Barnootaa keessatti akka cimu hojjataa jira". jechuun ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, haasaa baniinsa sagantichaa kan ta'an Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo waa'ee waliigalaa dorgomichaa ibsaniiru. Dorgommiin Ispoortii Manneen Barnootaa madda ispoortessitootaa ta'uu kan ibsan Dr. Tolaan, keessattuu Atileetotni sadarkaa addunyaatti biyya keenya waamsisan hundi bu'uurri/maddi/ isaanii dorgommii manneen barnootaa keessatti taasifamu irraa kan argaman jedhaniiru. Gargaartuu Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu, Atileet Qananiisaa Baqqalaa, Atileet Xirunash Dibaabaafi kanneen biroo maqaa kaasuun maddi isaanii dorgommii Manneen Barnootaa waan ta'eef barattootni keenya dorgommii kanarratti dandeettiifi kennaa keessan akka agarsiisan dhaamsa dabarsaniiru. Akkasumas, Ispoortiin guddina dinagdee keessatti gahee olaanaa akka qabu, naamusa gaarii horachuu, nageenya, fayyaa dhala namaa keessatti gahee gudda waan taphatuuf dorgommiin kun waggaa waggaan kan itti fufu ta'uu ibsaniiru.
Dorgommiin Ispoortii Manneen Barnootaa waggoota 6 dura sababa adda addaatiin kan addaan citee ture yoo ta'u, ammaa achi akka naannoofi biyyaatti gaggeessuuf kan hojjannu ta'a jedhaniiru.
Naannoon keenya waggaa jahaan dura Magaalaa Maqaleetti dorgommii qopheessuuf Asxaa kan fudhanne ta'ullee, akka biyyaatti dorgommiin itti fufuu hin dandeenye.
Dabalataanis, bara barnootaa 2015 naannoo keenya keessaa maneen barnootaa 2 saala lamaaniinuu Itiyoophiyaa bakka bu'uun dorgommii manneen barnootaa Afrikaa Bahaa irratti himaachuun sadarkaa lammaffaa bahuun medaaliyaafi badhaasa maallaqaan argatanii deebi'uu isaanii ibsaniiru.

Itti aanuun haasaa kan taasisan hogganaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa obbo Maatiwos Sabbooqaa Dorgommichi barattootni keenya jalqabuma irraa ofitti amanamummaa, cimina qaamaafi sammuu, shallaggii isaanii akka dagaagu, fayyaa isaanii akka eeggatan, miirri dorgommii isaanii akka dagaagu gochuuf Biiroo Barnootaa waliin ta'uun ciminaan akka hojjatan ibsaniiru.
Walumaagalatti, hoggantootni sadanuu, dhaabbilee/qaamota/ dorgommii kanarratti deeggarsa olaanaa taasisaa jiran keessaa #Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa(Oromia State University), #Bulchiinsa Magaalaa Baatuufi #Hawaasa_Magaalaa_Baatuu galateeffataniiru.
Dhumarratti, dorgommii kubbaa miilaa dhiiraa Godina Arsiifi Magaalaa Baatuu giddutti taasifamuu dorgommiin manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa bara 2016 Istaadiyemii Magaalaa Baatuutti eegalameera.

     Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
#Beeksisa_Hatattamaa!
------ ---------
Galmeen Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa Fudhatanii Xumuramuuf Guyyaa 8 Qofa Kan Hafe Ta'uu Beeksisuu Ilaala.
---------------------
BBO- Guraandhala 19/2016 Barattootni kutaa 12ffaa bara 2016 qormaata biyyoolessaa fudhatan 'Sarvarii' irratti 'online'n galmeen eegalamuun ni beekama.
Haata'u malee, hanga ammaatti barattootni galmaa'an lakkoofsi isaanii baay'ee xiqqaa ta'uun isaa sodaachisaa ta'aa dhufeera.
Sababni isaas guyyaan galmee xumuramuuf guyyaa 8 qofa kan hafe yoo ta'u, 'Sarvarii'n galmeen irratti gaggeeffamu guyyaa xumura galmee san ni cufama.
Sarvariin galmeen irratti gaggeeffamu kun guyyaa sanatti akka cufamu duraan dursamee waan sirreeffameef(adjust) waan ta'eef guyyaa xumuraa booda galmee hin fudhatu.

Kanaafuu, #Guyyoota_Sanbataafi_Dilbataa dabalatee galmeen barattoota kutaa 12ffaa barattoota irratti rakkoo otuu hin uumin akka xumuramu dhaamsa dabarsaa, barattootni keenya waggaa 12f barnoota isaanii irratti ifaajaa har'a gahan #carraan_isaanii_akka_jala_hin_gufanne #hatattamaan_galmaa'anii_akka_xumuran haa ta'u.

#Carraa_Barattoota_Keenyaa_Irratti_Murteessuu_Qaamni_Danda'u;
1- Hogganaa Mana Barnootaa,
2- Gumii Tiraansiformeeshiinii Barnootaa Aanaafi Gandaa
3- Hogganaa Waajjira Barnootaa Aanaa,
4- Bulchaa Bulchiinsa Aanaafi Ganda Manni Barnootaa keessatti argamu,
5- Gamtaa Maatiifi Barsiisaa hundaa'ol #murteessaafi_itti_gaafatamummaa_kan_qabdan ta'uu #isin_beeksifna.

#Hubachiisa:- #Maatiin_Barattootaafi #Barattootnis dhimma kana hordofuun dhiibbaa akka uumtan gamanumaa isin beeksifna.
--- BBO ---
#Share godhaa! #Qaama_dhimmi_ilaallatu_hunda_bira_haa_gahu!
Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Hooggansi BBO Hojii Bobbaa Suupparviizyiniin Hojjetame Gamaggme

Ogeessonni barnootaa BBO bobbaa suupparviizyinii hojii barnootaaf guutummaa Oromiyaa irratti miseensota Waldaa Barsiisotaa Oromiyaa waliin torban lamaaf ; Guraadhala 2 hanga 17, 2016tti ba'anii deebi'an.

Kilaastara 4 jalatti hoogganamuun gareen bobba'e kun tibbana hojii suupparviizyinii qaaccessaa ture har'a bakka hooggansi BBOfi daayirektaroonni hundi jiranitti gabaasa isaa dhiyeessee jira.
Hojiilee gurguddoon 'checklist' dhaan leenjiin irratti kennamee fudhatamee gadi bu'amee:

1. Hojiin Gumii Tiraamsifoormeeshenii Barnootaa Oromiyaa(GTBO) ammam lafa akka qabate madaaluu ( koreen GTBfi koree teekinikaa GTB hundeeffamuu, GMBBn irra deebiin ijaaramuu, hawaasa mariisisuu, ramaddii hooggansaa MBtti ilaaluu)
2. Rifoormiin hooggansa barnootaa lafa qabachuu
3. Tajaajila Midhaan Nyaataa (kan barataafi barsiisaa)
4. Ijaarsaalee (Bu'uura Boruu, Pirojektii OneWaSH, MB mijataa taasisuu, M/Jireenya barsiisotaa baadiyyaa ijaaruufi lafa M/Jireenyaa Barsiisotaa magalaalee)
5. Qisaasama yeroo barnootaafi hojii bakka buusuu
6.Qabxii Barataa Fooyyessuufi Qophii qormaataa fi 'tutorial' kutaa 6ffaa,8ffaa, 12ffaa
7. Raabsaa kitaabaafi ragaa
8. Qajeelfama maqsa Kuufama barsiisotaafi ragaa tarkaanfilee fudhatamanii
9. Ragaa barsiisaafi hooggansa barnootaa 'data-base' galchuu
10. Hojii galii MBfi aadaa qusannaa hawaasa MB baankiitti fayyadamuu
11. Leenjii Barsiisotaafi Hooggansa Barnootaan walqabatee ragaa hirmaannaafi milkaa'inaa
12. Hojii barnoota ga'eessotaafi adeemsa isaa madaaluu, qaamaan bakkatti argamanii ragaa fudhachuu
13. Rifoormiifi hojii Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa

Gabaasni kun hooggantoota kilaastara afuraniin qindaawee duraa duubaan dhiyaatee jira.
Gabaasa tokkoo-tokkoo kilaastara irratti hundaa'uun gaaffiin mana keessaa irratti dhiyaatee deebiin/ibsi warra bobba'ee deebi'een itti kennamee jira.

Haala kanaan Ciminaalee, Hanqinaaleefi Qabxiin Xiyyeeffannoo akka armaan gadiitti tarreeffamanii jiru.

Cimina
- Qormaata istaandardawaa kutaa 6ffaa, 8ffaa, 12ffaa BBO irraatti ba'uufi aanaalee irratti qophaa'an kennuun barataa qopheessuu
- Kenniinsa tutooriyaalii ga'umsa barsiisaaf hijjetamaa jiru
- Hirmaannaa Leenjii Barsiisotaafi hooggansa MB
- Ijaarsa M/Jireenyaa barsiisotaa baadiyyaa
- Fooyya'iinsa istaandardii MBf hojii ijaarsaa jalqabame
- Hojii tuutooriyaaliifi bakka buusii yeroo barnootaa qisasa'ee
- Qajeelfama hojii barnootaa sirreessuuf gadi bu'e hojirra oolaa jiraachuu
-Kuufama barsisotaafi lafa fagoo irraa
deddeebii hambisuuf hojii hojjetame
- GTBOn hojiin barnoota hoogganuu jalqabuu

Hanqinaalee
- MB Bu'uura Boruu bakka hedduutti mooraa of-danda'e qabaachuu dhabuu
- Barnootni Ga'eessotaa harcaatii qabaachuu
- Kemiikaala yeroon maqsuu dhabuu
- Tajaajilli midhaan nyaatna bakka hundatti qixawaa ta'uu dhabuu ykn ciccituu
- Hanqina ramaddii baajataa MBf
- Rifoormii Diiniifi I/A Diinii Kolleejjii Barnootaa Barsiisitaa irratti harcaatiin jiraachuu
- Qindoominni Caasaa Barnootaafi Buusaa Gonofaa kenna tajaajila Midhan Nyaataa irratti laafaa ta'uu
- Hanqina barsiisotaa akaakuu barnoota Ingiliffaa, Herregaa, Amaariffaa, Qonnaafi Ikonoomiksii

Xiyyeeffannoo
-Gaaasa sobaa
-Nyaanni MB harcaatii qabaachuu
- MMB mijataa taasisuu/ Istaandardii MB fooyyessuu
- Faasiilitii ICT MB guutuu
- Rifoormii hooggansaafi ogeeyyiif xiyyeeffannoo kennuu dhabuu
-suuppariizyiniin daree hanqina qabachuu
- Galii MB fooyyessuufi lafa MB seeraan itti fayyadamuu
- Magaalaa irratti Lafa Ijaarsa Mana Jireenyaa Barsiisotaaf kennuuf Qajeelfamni Kenna Lafaa Magaalaa Dhorku jiraachuu

Dr. Tolaa Bariisoo, Hoogganaan BBO, waltajjicha goolabuun dura gareen gadi bobba'e qabatamaan lafa irratti kan argan irraa muuxannoowwan gaggaarii arganiifi milkaa'ina GTBOf galtee ta'uu danda'an akka ibsaniif carraa kennan. Haala kanaan qophii tajaajila midhaan nyaataa keessatti hirmaannaan Waldaalee Maayikiroo bakka hedduutti milkawaa ta'uu ibsan.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Hooggansi BBO Hojii Bobbaa Suupparviizyiniin Hojjetame Gamaggme Ogeessonni barnootaa BBO bobbaa suupparviizyinii hojii barnootaaf guutummaa Oromiyaa irratti miseensota Waldaa Barsiisotaa Oromiyaa waliin torban lamaaf ; Guraadhala 2 hanga 17, 2016tti ba'anii…
MB Bu'uura Boruu keessatti hawaasni TV bitanii dhiyeessuun barataa hawwachuu, lafa MB seeraafi bu'a qabeessa taasisuu keessatti fakkeenyi hedduunis dhiyaate jira. Xiyyeeffannoon qaamni bulchiinsa godinaalee, Bul. Magaalaaleefi aanaalee hojii misooma barnootaa keessatti jijjiirama fiduu isaa kaasan. Hojiin suupparviizyinii BBO irraa yeroo gara yerootti MB tuquu jijjiirama gaarii fidaa jiraachuu isaa dhugaa ba'anii jiru. Kanaafuu jedhan gareen suupparviizyinii kun , sagantichi idilaawuu akka qabu ibsan.
Bul. Magaalaafi godinaaleen tiraaktera qonnaa MBf dhiyeessuun galii MB fooyyessee keessatti galtee guddaa ta'uu ibsan.
Kilaastaroota hojii bobbaa suupparviizyinii isaanii moosaajiin ( software) fayyadamuun battalumatti madaaluun sadarkeessuun danda'amee jira.
Itti-fufuun Dr. Tolaan kallattii dhimmoota armaan gadii irratti ka'anii jiru.
- Dhimma lafa mana jireenyaa barsiisaa xalayaan/qajeelfamni kara Kilaastara Magaala akka gadi bu'uuf hojjechuu
- kitaabni hundi barataa harka ga'uu mirkaneeffachuu
- Leenjiin caasaa Buusaa Gonofaafi barnootaaf dhimma tajaajila midhaan nyaataa MB irratti kennuu
- GTB karoorsuu irratti leenjii kennuu, viidiyoon fayyadamuun ni danda'ama
- Barataa qormaataaf qopheessuu irratti kilaastaraan karoorfamee akka hojjetamu (competency based test)
- Qisaasama Daree Barnootaa haala addaan hordofuun fala ittiin maqsuu danda'amu qorachuu
- Barnoota Ga'eessotaa fooyyessuuf hooggansibkilaastaraa qoratee fala kaa'uu
- Ramaddiifi leenjii hooggansaafi ogeessaa yeroon xumuruun hojii misooma barnootaatti galuu, kanaaf hooggansi kilaastaraa xiyyeeffannoo kennuu
- Kuufama barsiisaa sirreessufi tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf xiyyeeffannoon akka kennamu
- Muuxannoo gaggaariin walitti gurmaa'ee akka qophaa'uufi muuxannoo dabarsuuf ragaan akka qophaa'u.

# Hojii BBO 'systematize' akka godhamuuf 'document'(qajeelfamoota hanga MBtti hijii irra oolu) akka qopheessu ( kanaaf koreen/'taskforce' namoota 7 qabu hundaa'e). Qabiyyee qajeelfamaa kana irratti Dr. Tolaan qabiyyee 'chapter' meeqaafi yaadota achi keessatti galan tarreessuun kallattii ka'an.
Kanaan waltajjii guyyaa guutuu xumurame.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Galmeen Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Torban_Kana_Keessa_Xumurama Jedhame.
----------------
BBO- 25/06/2016 Barattootni kutaa 12ffaa bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa fudhachuu danda'an galmeen isaanii Guyyaa 30/06/2016 kan xumuramu ta'uu I/A hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa W/mikaa'el ibsaniiru.

#Galmeen_kun_Guraandhala #30/2016 #booda_karaa_kamiinuu waan_hindanda'amneef, hoggontootni manneen barnootaa, barattootni, barsiisotni manneen barnootaafi maatiin barattootaa xiyyeeffannoo itti kennuun guyyaa kaa'ame dura akka xumruu qaban kan dhaaman Dr. Galaanan, #Sarvarii barattootni 'online' irratti galmaa'an guyyaa 30/06/2016 booda siistamni waan cufuuf galmee fudhachuu hin danda'u.
Kanaafuu, barataan #Sarvarii_kanarratti_hin_galmaa'in #Qormaata_Biyyoolessaa bara 2016 #fudhachuu_hin_danda'u, carraan barataa kan bara 2016 jala gubata. Galmeen Sarvarii irratti gaggeeffamu akka biyyoolessaatti(Itoophiyaatti) waan ta'eef duubatti deebisuun hin danda'amu.
Kanaafuu, Qaamni dhimmi barattoota keenyaa ilaallatu hundi, #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa( #GTBO) sadarkaa sadarkaan jirtan, #dura_bu'aan_MB, #Barattootni, #Maatiin_Barattootaa, #Barsiisotni, #Supparvaayizarootni Barnootaafi kan biroo barataa tokkollee ta'u/taatu, dogoggora galmeetiin carraan qormaata fudhachuu akka isaan hin dabarre miira itti gaafatamummaatin hojjachuu akka qaban Dr. Galaanaan dhaamsa dabarsaniiru.

#Sababa_Dogoggor_Galmeetii_Carraan_Barataa_tokkollee_waggaa_tokkoof_gubachuu_hinqabu!
#Dogoggora_Uumuun_Ittigaafatamummaa_fida!

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
Dorgommii Shaampiyoonaa Manneen Barnootaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Shaampiyoonaa ta'e


Dorgommiin Shaampiyoona Ispoortii Manneen Barnootaa Oromiyaa 5ffaan Bulchiinsa Magaalaa Baatuutti guyyoota 12'f gaggeeffamaa ture guyyaa kaleessaa xumurame.

Shaampiyoona kana irratti godinaaleen 10fi Bulchiinsa Magaalotaa 16, gosoota ispoortii adda addaa hirmaachaa turan.

Haaluma kanaan Bulchiinsi Magaalaa Shaggar, meedaaliyaawwan 11fi Waancaa 3 argachuun shaampiyoona ispoortii manneen barnootaa Oromiyaa 5ffaa bara 2016 ta'uun ibsame.

Sirni cufiinsa idorgommichaarratti Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon haasawaa taasisaniin, manneen barnootaa bakka ispoortessitoonni ciccimoon itti horataman ta'uu ibsuun, ispoortiinis sammuufi qaama namaa waan ga'oomsuuf yeroo dorgommii qofa shaakaluu osoo hin taanee bifa idilaa'een hojjetamuu qaba jedhan.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Dhaabbanni "Boeing Community Investment Fund (BCIF) jedhamu Namoota Balaa Xiyaara Booyingi 737 Maaksi 8 Lubbuun Isaanii Darbeef Yaadannoo, Hawaasa Naannoo Balaan Itti Uumameef Immoo MB 2fi Dhaabbilee Tajaajila Hawwaasummaa biroo Ijaaruun Eebbsiisaniiru.
----------
BBO - Guraandhala 28/2016 Xiyaarri qabeenya Itiyoophiyaa ta'e, 'Boeing 737 Max 8' lakkoofisa balal'uu 'ET 302' jedhamu Bitootessa 1/ 2011 Magaalaa Finfinnee. Buufata Xiyaaraa Idil Addunyaa Boolee irraa imaltoota biyyoota 35 baay'inni isaanii 157 ta'e qabachuun gara Keeniyaa balal'aa ture Godina Shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuu Ganda TulluuFarra keessatti kufuun lubbuun imaltoota hundaa darbuun ni yaadatama.

Kanuma bu'uur gochuun Dhaabbatni 'Boeing Community Investment Fund' jedhamu, maatii imaltootaa 18n hundeeffame, maallaqa deeggarsa dhaabbata Booyingi irraa argatan dhuunfaan fudhachuu dhiisuun, Yaadannoo Maatii Isaaniitiif akka ijaaramu. . Yaadannoon kunis haawasa naannoo balaan xiyaaraa gahe san keessa jiraataniif tajaajila kennuu danda'u Manneen Barnootaa 2, Bishaan dhugaatii jiddu galeessa kuusaa tokkorraa kan madduufi hujummoon kan tamsa'u bakka 9, kilinika 1, riqicha 4 akka ijaaramuuf gochuun maatii isaaniitiif Yaadannoo, hawaasa naannawa san jiraataniif immoo tajaajila kennuufi rakkoo hawaasaa kan furuu danda'u ijaarsisuun guyyaa har'aa eebbisiisaniiru.

Eebba Piroojektoota Misoomaa kanarratti argamuun kan eebbaan banan, hogganaa Mana Amantaa Katoolikii, Qulqulluu Kaardinaala Abuna Birahaaneyessuusfi Biiroo Barnootaa Oromiyaa irraa I/A hogganaa Biirichaa Dr. Galaanaa W/Mikaa'el, akkasumas biiroo Fayyaafi Bishaaniifi Inarjii irraa bakka bu'ootni bakka argamanitti piroojektootni eebbifamuun tajaajilaaf hawaasaaf eebban banamaniiru.
Gargaarsifi yaadannoon kun maallaqa maatii namoota 18 balaa xiyaaraatiin boqotan irraa argameen yoo ta'u, imaltootni lubbuun isaanii darbe 18 suuraan isaanii manneen barnootaa keessatti maxxafamee argama.
Mana Barnootaa Sad. 1ffaa Tulluu Farraafi Mana Barnootaa Sad. 1ffaa Godeettii istaandardii Biiroon Barnootaa Oromiyaa kaa'een kan ijaarman yoo ta'u, bishaan dhugaatiifi ibsaa Soolaariin hojjatu galeefii kan jiru ta'uun beekameera.

Hawaasni Naannoo Balaan xiyaaraa gahe kanatti argaman yaada kennaniin, dhaabbatni gargaarsaa kun rakkoo hawaasa keenyaa adda duree ta'e adda baasuun gargaaruu isaatiif maatilee namoota 18 lubbuun isaanii balaa xiyaaraatiin darbe  jajjabina akka argatan hawwuun kan galateeffatan yoo ta'u,  namoota balaa kanaan lubbuun isaanii darbeef immoo, Lubbuun Isaanii Jennatatti Akka Qananiitu hawwina jedhaniiru.

Piroojektoota kanneen akka hojjatan itti gaafatamummaan kan kenname Dhaabbata Mana Amantaa Kaatolikii Itiyoophiyaatiif yoo ta'u, dhaabbatichis imaanaa itti kenname qulqullinaan bahachuu isaa gabaasa keessatti ibsaniiru.
Dabalataanis, Piroojektichi walumaa galatti baasii qarshii miliyoona 125 ol kan fixe ta'uu ibsaniiru.


#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
BEEKSISA QAXARRII BARSIISOTAA

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barsiisota Afaan Chaayinaafi Afaan Faransaay barsiisan Manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad.2ffaa Yaaballoofi Najjoof kontiraataan qaxaruu waan barbaaduuf, namoonni Afaanota kunneen  barsiisuu feetan ulaagaa armaan gadii dubbisuun galmaa'uu akka dandeessan beeksisa.

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1    
Ramadaanni ji'a jaalalaa, tokkummaa, nagaa, gara-laafinna fi tokkummaa akka ta'u hawwina.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1