Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
31.3K subscribers
505 photos
3 videos
425 files
401 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Guyyaa Boruu Fulbaana 14/2016
Manneen Barnootaa Guutuu.
Oromiyaatti Ni Banamu.
Guyyaa Boruu Fulbaana 14/2016 Manneen Barnootaa Guutuu Oromiyaatti Ni Banamu.
-----------------
BBO-13/01/2016,     
Fulbaana 14/2016  ganama sa'aatii  2:00 irraa jalqabee manneen barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi hojii baruu barsiisuu ni eegalu.
Kanaafuu, maatiin barattootaa ijoollee keessan gara mana barnootaa akka ergitan dhaamsa dabarsina.
Baniinsa Manneen Barnootaatiin wal qabatee #daa'imman_kutaa 1-4 jiran #barreessuu_dubbisuu_lakkoofsota qoyyabachuufi herreguu dandeessisu #duula_torban_6f turu barsiisotaafi manneen barnootaa hunda keessatti ni gaggeeffama.
Rakkina barreessuu, dubbisuufi shallaguu barattootaa hambisuuf barsiisotni gosa barnoota barsiisaniin otuu wal hinqoodiin(#barsiisotni_hundi)  duula kanarratti hirmaachuu akka qaban qajeelchi Biiroon Barnootaa Oromiyaa baase agarsiiseera.
#Baga_Bara_Barnootaa_2016_Nagaan_Geessan!

🔎#Telegram
👇👇
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Galmeen Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2016 #Torban_Kana_Keessa_Xumurama Jedhame.
----------------
BBO- 25/06/2016 Barattootni kutaa 12ffaa bara 2016 Qormaata Biyyoolessaa fudhachuu danda'an galmeen isaanii Guyyaa 30/06/2016 kan xumuramu ta'uu I/A hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa W/mikaa'el ibsaniiru.

#Galmeen_kun_Guraandhala #30/2016 #booda_karaa_kamiinuu waan_hindanda'amneef, hoggontootni manneen barnootaa, barattootni, barsiisotni manneen barnootaafi maatiin barattootaa xiyyeeffannoo itti kennuun guyyaa kaa'ame dura akka xumruu qaban kan dhaaman Dr. Galaanan, #Sarvarii barattootni 'online' irratti galmaa'an guyyaa 30/06/2016 booda siistamni waan cufuuf galmee fudhachuu hin danda'u.
Kanaafuu, barataan #Sarvarii_kanarratti_hin_galmaa'in #Qormaata_Biyyoolessaa bara 2016 #fudhachuu_hin_danda'u, carraan barataa kan bara 2016 jala gubata. Galmeen Sarvarii irratti gaggeeffamu akka biyyoolessaatti(Itoophiyaatti) waan ta'eef duubatti deebisuun hin danda'amu.
Kanaafuu, Qaamni dhimmi barattoota keenyaa ilaallatu hundi, #Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa( #GTBO) sadarkaa sadarkaan jirtan, #dura_bu'aan_MB, #Barattootni, #Maatiin_Barattootaa, #Barsiisotni, #Supparvaayizarootni Barnootaafi kan biroo barataa tokkollee ta'u/taatu, dogoggora galmeetiin carraan qormaata fudhachuu akka isaan hin dabarre miira itti gaafatamummaatin hojjachuu akka qaban Dr. Galaanaan dhaamsa dabarsaniiru.

#Sababa_Dogoggor_Galmeetii_Carraan_Barataa_tokkollee_waggaa_tokkoof_gubachuu_hinqabu!
#Dogoggora_Uumuun_Ittigaafatamummaa_fida!

#Share godhaa!
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1