Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
33.4K subscribers
111 photos
39 files
99 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Dhaabbanni Namoota Namootaaf (Menschen fùr Menschen) jedhamu mana barumsaa Ifa Boruu sad.2ffaa Ijaaruuf Dhakaan Bu'uuraa Kaa'un hojii jalqabsiiseera.
###############
BBO, Gurraandhala, 14/2016 Dhaabannbi namoota namootaaf (Mention for Mention) jedhamu mana barumsaa Ifa Boruu Sad.2ffaa godina Arsii aanaa Digaluuf Xiijjootti Ijaaruuf Dhakaan Bu'uuraa kaa'un hojii jalqabsiiseera.
Ijaarsa mana barumsaa kana kan jalqabsiisan Ministira Ministeera Barnootaa Itiyoophiyaa Prof. Birhaanuu Naggaafi Hoogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa #Dr. Tolaa Bariisoo, Bulchaa godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir kan kaa'an yammuu ta'u, hooggantoonni biroos irratti argamanii jiru.

Prof. Birhaanuu Naggaa dhakaa bu'uuraa kaa'anii booda dhaamsa hawaasa naannoof dabarsaniiru. Dhaloota nu biyyaaf qopheessuu qabnu jijjiirama akka addunyaatti guyya guyyaan tahu waliin tarkaanfachuu danda'u horachuuf manneen barnootaa haalli mijataa ta'eefi istaandaardii isaa eeggate ijaaruu, faasiliitii hunda kan guuttateefi tekinoloojii addunyaa ittiin walqunnamnu mijeessuu qabna jechuun dubbatan.
Kanaaf dhaloonni horatamuu qabu beekumsaafi dandeettiin kan gahoome, biyya kan jaalatu, guddina biyyaa ariifachiisuu danda'u horachuuf manneen barnootaa keenya kallattii haaraan dizzaayinii haaraa ummata Itoophiyaa madaaluu danada'u manneen barnootaa modeela qopheessiinee hojjetaa jirra jedhan #Prof Birhaanuun. Itti dabaluunis kanaan booda manni barumsaa tokko lafa qonnaa hektaara tokkoofi isaa ol kan qabaatu ta'a. Inni biraa barattoonni keenya osoo beela'anii barachuu waan hin qabneef sagantaa nyaata manneen barnootaa keessatti ni mijeessina . ammallee hojjetamaa jira. Manni barumsaa bakka ispoortiin itti hojjetamu qabaachuu qaba, barattoonni qaamaanis sammuunis jabaatanii akka guddataniif bakki ispoortii qophaa'uu qaba.
Maatiin barattootaas hariiroo isaanii mana barumsaa waliin jiru cimsuun ijoollee isaaniif hordoffii taasisuu akka qabanis dubbataniiru. Gama biraan ammoo milkaa'inni dhufuu danda'u karaa barsiisotaan waan ta'eef barsiisota Keenyaaf kabajaa kennuu qabna. barsiisonni keenya akka miidhamtan ni beekna. garuu jabaachuu qabdu. kabajaa keessan duraaniis deebisuu qabdu jechuin dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

#Hoogganaan BBO Dr. #Tolaa Bariisoo sagantaa jalqabsiisa pirojektii kanaa irratti haasawa taasisaniin Biiroon Barnootaa dhaloota beekumsaafi dandeettiin gahoome horachuuf inisheetivoota gara garaa qopheessuun hawaasaafi qaamolee gara garaa waliin ta'uun hojiin qabatamaan jijjiirama fiduu danda'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
#Biiroon barnootaa hojii barnootaa milkeessuuf hojii bal'aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Haata'u malee hojiin kun qaama tokko ykn seektara tokko qofaan hojjetamee kan galma gahu waan hintaaneef dhaabbileen misoomaa gara garaa, abbootiin qabeenyaa, hawaasni bal'aan tumsa kanaan dura gochaa ture ammallee cimsee akka itti fufu dhaamsa dabarsaniiru.
Akkasumas godinni Arsii atileetota akka addunyaatti mohachuun biyyaaf waan guddaa gumaachaniifi namoota baratanii biyya isaanii safarkaa gara garaatti tajaajilaa jiran bay'inaan godina beekamtuu ta'uu haasawa isaanii keessatti erga kaasanii booda ijaarsa mana barumsaa kanaaf yeroo jedhame keessatti xumuramee tajaajilaaf akka oolutti hawaasni naannoo deeggarsaafi hordoffii walirraa hincinne akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru.

#Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiirs gama isaaniin ergaa dabarsaniin barnoonni bu'uura diinagdee biyya tokkooti, barnoonni mahaandisoota, hakiimota bal'inaan horachuuf bu'uura. kanaaf lammiin barnoota qulqullina qabu lammiif dhiyeessuun murteessaa waan ta'eef dhaabbanni Namoota Namootaaf (Mention for Mention) galateeffataniiru.
godinni arsii inisheetivoota gara garaa deeggarsa abbootii qabeenyaafi hawaasa bal'aan hojjetamaa jira. As keessaa inni guddaan tokko hojii barnootaati. Rakkoo qulqullina barnootaa hiikuuf koree gumii gara garaa manneen barnootaa keessatti hundeessuun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

FINFINNEE
#Share
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
Abbaan Qabeenyaa Mana Barumsaa Bultii Sad.1ffaafi 2ffaa (kutaa 1-12) Ijaaruuf Dhakaan Bu’uuraa Taa’ee Jalqabsiifame

BBO, Gurraandhala,14/2016 #Abbaan qabeenyaa Kompileeksii Nyaata Cilaaloo Obbo Tadlaa H/Giyoorgis mana barumsaa Bultii Sad.1ffaafi 2ffaa ijaaruuf bakka ministeerri ministira barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa, Hoogganaa BBO Dr.Tolaa Bariisoofi hooggantoonni biroo argamanitti dhakaan bu’uuraa kaawwamee hojiin ijaarsaa jalqabiifamee jira.

Sagantaa jalqabsiisa pirojektii kanaarratti ministirri barnootaa #Prof.Birhaanuu Naggaa akka jedhanitti sadarkaa nama dhuunfaatti manni barumsaa bultii ijaaramuu jechuun bor biyyi keenya sadarkaa guddaatti akka ceetuuf abdii guddaadha jedhan. Kanaaf warreen akkasii jajjabeessuun fakkeenyummaan isaanii babal’achuu akka qabus dhaaman.

#Hoogganaan BBO Dr.Tolaa Bariisoo mana barumsaa kana wanti adda isa godhu ijoolleen maatiin isaanii harka qalleeyyii ta’aniifi maatii hin qabne mana barumsaa kana keessatti guddatanii asumatti baratanii kan ofdanda’an ta’a. Hojiin dhaloota kunuunsanii, qaranii guddisuu hojii fakkeenyummaa guddaa qabu kun hojii nama boonsu jechuun dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.
Akkasumas jedha #Dr.Tolaan hojiin tajaajila lammummaa hojii dhaloonni itti boonuu qabu waan ta’eef, abbootiin qabeenyaa biroofi dhaabbileen gara garaa tumsa gochuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1