Barattoota oromoo
19.7K subscribers
1.14K photos
271 videos
3.68K files
901 links
Channel kun dhimma barattoota oromoo irratt odeeffannoo garagaraa dhiyeessa

Yaada fi qeeqaa karaa @Barattootaorobot jedhun nuuf kenna

⚡️⚡️Karaa YouTube dhan nu hordofuuf https://www.youtube.com/@OroAcademy⚡️⚡️

https://telega.io/c/Barattootaoromo
Download Telegram
#GAMNA GOWWAA HIN TA'INAA
~~~~~~~~~~
(#Lafaa fi #Illeettii)


#Gamna gowwaa jechuun kan akkamiiti? Gaaffii kana oduun durii armaan gadii hamma tokko isiniif deebisa jedheen amana.

#Lafaa fi Illeettiitu 'maabara' waliin dhuguuf walii galan jedhama. Yaada kana kan maddisiise Illeettiidha. Illeettiin kun ani gamna jetteetu of yaaddi fiigichas sirriitti akka dandeessutti yaaddi. Kana jiddu galeessa godhatteetu 'maabara' waliin dhugna jettee lafa gaafatte. Erga lafa wajjiin waliif galani booda Illeettiin ati dursii nuuf baasi ani sitti aneen baasaa jetteen. Yeroo kana jettu lafti qabeenya guutuu qabdi ofiimmoo homaa hin qabdu waan ta'eef kan lafaa nyaattee yeroo dabareen ishee ga'u silaa lafti hin sochootu waan taateef fiigeen harkaa ba'a jetteetu yaadde.

#Lafti akka Illeettiin daba yaadde hin barre garuu waan qabdu hunda fayyadamtee nyaata fi dhugaatii gosa hunda bifa addaatiin qopheesitee waamtee Illeettii nyaachifte('maabara' ishee baafte).
Dabareen Illeettii gaafa ga'u garuu waa qopheessuu didde. Lafti dabareen kee ga'eeraatii 'maabara' keenya baasi ittiin jette Illeettiin garuu koottu siifan baasaa!! jettee itti qoosuu eegalte.
#Gaafa lafti cimsitee gaafattu nagaan taa'i jettee Illeettiin lafa harkaa ba'uuf fiigicha jalqabde. Fiigdee dadhabdee gaafa boqochuuf ciiftu lafti 'maabara' koo baasi ittiin jetteen ammas kaatee fiiguu eegalte ammas fiigdee fiigdee dadhabdee gaafa boqachuuf lafa ciiftu lafti baasi 'maabara' koo ittiin jettiini ammas kaatee fiigicha itti fufte otuma fiigduu yeroo boqachuuf ciiftummoo laftis 'maabara' koo baasi osuma ittiin jettuu xumirarratti fiigdee lafa harkaa ba'uu hin dandeenye garuu walitti fufiinsaan fiigicha cimaa fiiguu isheerraan kan ka'e onneen ishee dhohee duutee lafumarratti hafte jedhama.
..
"#Jooraa oltu Allaattiin reenfi lafuma" akkuma jedhamu
#Beekumsa,
#Ogummaa,
#Abshaalummaa,
#Qabeenya,
#Humna fi waanuma namni ittiin dhaadatu qabaatullee olitti #Waaqa jalaa gadittimmoo #Uummata jalaa ba'uun hin danda'amu!. KALAAS!
#Kanaaf Illeettii kanarraa barannee Abshaala gowwaa ta'uu keessaa ba'uun Waaqayyoon haa sodaannu isaafis haa abboomamnu, ummata keenyas haa kabajnu, haa dhageenyuun dhaamsa koo isa cimaadha.
#Hubadhaa miiraan gaggeeffamuun fi achi fageessanii yaaduu fi ilaaluu dadhabuun olee bulee kisaaraa guddaaf nama saaxila.

#Dhaamsa murteessaa kana share share gochuun hiryoota keessaniin ga'aa.


@barattootaoromo
@barattootaoromo
#Qeerron qaama isa utubeef galata galcha!!
"#GALATEEFFANNAA -QEERROO-DIRREE-XAYYAARAA Irraa.
Abboottin qabeenya labsii xumuura gabrummaa kan amma qeerroon oromoo dabarsite kana dhageessanii qabsoo qeerroo oromoo kanaaf guuza taataanii qabeenya keessan gutumaa gututti ugguuruun keessanif galanni keessan bilisummaa saba oromootiifi biyya oromiyaa haa ta'uu isiniin jachuu barbaanna nuti qeerroon dirree xayyaraa!
#DHAAMSA -OBBOLUMMAA-QAAMOOTA-NAGEENYA-
EGNNA-JA'ANII-MURNNA-NAFXANYAATIIF-ERGAMUTTI-JIRUUF.... Isin obbolleeyyan keenya numa keessaa baatan, Boruus oromiyaa bilisa baate irrallee numaatu wajjiin jirata. Kanaf eenyuuf akka lolttan, Eenyuun akka lolttan addaan baafadha beeka kanaaf qabsoo teenyatti gufuu hin ta'inaa kottaa isiniis guuza qabsoo oromoo ta'aa isiniin jachuu barbaanna. Qabssoon itti fufa..."
QORMAATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#Hoggansi_manneen_barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO