Aliyad Abdo Official
21.4K subscribers
197 photos
1 file
39 links
Asirraa kanneen armaan gadii argattu

☑️Walaloo
☑️ Oduuf odeeffannoo tokko tokko
☑️ Seenessa garaa garaa


Created November 16/ 2021
Nu qunnamuuf
👇👇👇👇
@Sabaa_Ifaa
Download Telegram
#Lij_Iyyaasuu

Hanga xumuraatti obsaan dubbisaa isin fayyaadaati

Oromoo Walloo gaafan yaadu Lij Iyyaasuutu na dura dhufa. laal! Walloon goota akkasii fa'a biqilchite. Seenaatu jallate; seenaatu hatame malee Oromoon duruu biyya bulchuu itti beeka. akkuma beekamu Oromoo Walloo kan ta'e, Raas Mohammad Aliin(Nigus Mikaa'el) A.L.H tti bara 1888 ture Dassee, Wallootti Lij Iyyaasuu, Aadde Shawaraggad irraa kan argatan. isinitti hin dheeressu, har'a haareffamoota Lij Iyyaasuun bara bulchiinsa isaa keessa fide muraasa hamman qo'adheefi qoradherraa isiniif himuufan as ba'e. hoggansi Lij Iyyaasuu kan ajab nama jechisiisu ture. seenaa nama jabaa kanaa lafarraa balleessuuf yaalii baay'een godhameera. Barnoota seenaa kan Itoophiyaa irrattis Seenaan Lij Iyyaasuu gabaabbatee fi jallatee barsiifama.


Haareffamoota Lij Iyyaasuun fide muraasni gabaabinaan kan armaan gadiiti:

1⃣Sirna #Leeba_Shaayii balleesse. mootonni isa duraa hattuu saaxiluuf sirna #Leeba_Shaayii jedhamu kanatti dantaa bahu ture. akka sirna kanaatti dargaggeessi jabaan tokko ni filama. wanti tokko gaafa nama jalaa badu ykn hatamu dargaggeessicha dhugaatii cimaa nama macheessu kan Leeba-Shaayii jedhamu obaasanii ija isaa hidhanii gadi dhiisu. dargaggeessichis osuma deemuu iddoo wayiitti ni kufa. lafa eenyuu irratti akka kufe ilaalu. baqqaa amma hattichi qabameeragaa! abbaa laficha isa dargaggeessichi irratti kufetu hattuudha.

egaa Lij Iyyaasuun murtoo bifa akkasiitiin namarratti kennamu sana balleessee mala firdii qajeelaan ittiin kennamu labse.

2⃣Sirna #Quraanyaa balleesse.
akka sirna Quraanyaatti namoonni yemmuu wal dhabanii fuula abbaa murtii duratti dhiyaatan hamma firdiin kennamuufitti dugdi isaanii walitti gara galfameetu walitti hidhamanii turu. harka namicha isa kanaatitu kan namicha kaanitiin walitti hidhama. firdiin erga kennameefii booda addaan hiikamu ture.
Lij Iyyaasuun sirna akkasii sanas balleessee mala ammayyaawaa bakka buuse.

3⃣Sirna #Asiraat_Safaarii ni balleesse.
sirni Asiraat_Safaarii mala ittiin midhaan yemmuu sassaabamu mootummaadhaaf gibirri walitti qabamu ture. Akka sirnichaatti warri maasii qonnaan bulaa irra deemanii midhaan shallagan ni filamu. midhaan hin haamamin lafarratti shallagu ture. akka kanattis hamma isaan lafa qonnaan bulaa baldhaa waliin gahanitti wayitiin tokko darbee wayitiin roobaa dhufee midhaan baay'eetu maasii irratti bada ture.
Lij Iyyaasuun sirna galii mootummaaf malee faayidaa qonnaan bulaaf dantaa hin qabne sana ni balleesse.qooda sanaa sirna sassaabbii gibiraa ammayyaawaa ta'e hundeesse.

4⃣Abbootii taayitaa duraanii warra bara mootummaa Minilik biyya saamaa turan isa nyaatan tufsiise, qabeenya saamanii turan deebisiise, kaan isaaniis aangoo irraa buqqise. keessumaa jara kanagaa kan Lij iyyaasuu irratti uummata kakaasee kufaatii goota kanaa ariifachiise.

5⃣Lij Iyyaasuun biyyoota Awurooppaa baay'ee isaanii waliin michuu ture. yerichi ammoo yeroo biyyoonni Awurooppaa waraana Addunyaa kaasuuf qophiirra turan waan ta'eef biyya Awuurooppaa tokkoo waliin firoomuu jechuun masaanuu biyya sanaa waliin diina ta'uudha. kanaafigaa booda warri adiin kaan sababii Lij Iyaasuun masaanuu isaanii waliin michuu ta'eef Lij Iyyaasuu kan jibbaniif. boodas mormitoota Lij Iyyaasuu warra keessaa kanneen akka garee #Mahaal_Safaarii jedhaman waliin ta'uun kufaatii isaa ariifachiisan. fakkii Footooshooppii kan yemmuu Lij Iyyaasuun dubartootaa waliin ejjuu fi gocha ulfina mootummaa isaa salphisu raawwatu mul'isu kaasaniifaa saba miskiina kana goyyoomsaa turan. sabichis dhugaa se'ee Lij Iyyaasuu jibbaa dhufe.

6⃣Lij Iyyaasuun biyyoonni Afrikaa tokko tokko hacuuccaa fi bittaa sirna Kolonii jalaa akka ba'aniif gargaarsa gochaafii tureerea. kanaafis fakkeenya gaarii kan ta'u gargaarsa inni Mootummaa Somaaliyaatiif taasiseedha.

7⃣Lij Iyyaasuun Wal-qixxummaa amantiitti ni amana ture. keessumaa Mootota isa dura turan keessaa mootichi #Axee_Yohaannis sababiidhuma amantaa isaanitiif Musliimota Walloo baay'ee dararaa ture. kaan rashanee kaanis gara Sudaanii fi kibba biyyattiitti baqachiise.