Aliyad Abdo Official
21.4K subscribers
196 photos
1 file
39 links
Asirraa kanneen armaan gadii argattu

☑️Walaloo
☑️ Oduuf odeeffannoo tokko tokko
☑️ Seenessa garaa garaa


Created November 16/ 2021
Nu qunnamuuf
👇👇👇👇
@Sabaa_Ifaa
Download Telegram
"Teessumni dhagaarraaf duuti haadhaa takka turtee nama quuqxi" jedhani birrii qumaaraati jecha haadha ofii ajjeesuun of wallaaluurraayyi.

Namni agartan kun Haadha baatii sagal garaatti isa baattee utuu mararfattuu guddifatte "qarshii qumaaraa naaf kennuu didde" jedhee ajjeese.

As geenyeerra jechuudhaa?
Yaa rabbi obsakee…!
Shimala koo gaafa xiiqii
Harka gadheen sakaalamte
Xiqooftuu koo ilma Hundee
Warqee yartuun takaalamte

Bosonuu koo yaa bookkistu
Hin beekiin tasa raftee
Urgooftuu koo yaa Boonsitu
Mana baatee achiin haftee

Qocaan gaara hin baatu
Deemsi ishee dalga malee
Atiyyuu nan obsituum
Dirqii taanan malee

Hacee koo guyyaa, Waggaa, ji'a lakka'een si yaadadha miti yeroo hundayyuu onnee koo keessa jirta
Daa'imni Ol adeemaan kun Umrii itti duulamurra hin geenye. Waan itti tole hojjate. Umrii kanaan nama duratti ba'anii weellisuu mitii ija guutuun nama ilaaluunuu dandeettii gaafata. Mucaan guyyaa tokko "Ani Haceedha" ofiin jedhee hin beeku. Maqaa girrisni itti moggaaseen isa arrabsuu maaltu fide? Dogoggora namni biraa hojjateen mucaa hamilee hin cabsinaa. Namni miidiyaa kanarraa eenyurraayyuu hin goru akka harree ba'aa baattee deemtuu! Waan itti duultanu adda baafadhaa!
Eeyyeen. Murteen kenname sirrii miti. kana jechuun garuu gurbaatti duulamuu qaba jechuu miti.

Aniifi ati kiisii duwwaa teenyee osoo "Inyinyinyiny" jennuu gurbaan xiqqaan kun dorgomtee 300,000 luqqifte 🙈🙈
Baga Ayyaana Iid Al Adahaa bara 1445 geessan obboloonni koo adduunyaa guutuu isin gabroottan Allaah biliyoonni lamaa ol.

#Eidmubarak
1452 guyyaa dukkanaa simalee. Biyyi du'a kee booda dhiiga kee dhugde, warri haqa kee awwaale, guyyaa nagaa fi boqonnaa argattee hin beektu. Warri du'a siif hawwe guyyaa guyyaan reeffa lakkaa'amee hin dhumne awwaalaa oolu. Warri du'a kee kolfan dabareedhaan, guyyaa guyyaan dhiiga boo'aa jiru. Yoomiyyuu onnee keenya keessa ni moota. Yoomuu si yaadanna. Goota koo!
Ana qofadha kan hanga ammaatti du’uu kee amanuu hin dandeenye? Mootii koo Hacee koo yeroo hundaa sin yaada 😭😭
#Jireenyi si barsiisa. Barnoota mana barumsaa irraa hinarganne jireenya keessaa argatta. Barumsa idilee barattee qoramta. Garuu jireenya qoramtee baratta. Mana barnootaaf qarshii kee kaffaltee baratta. Jireenyi garuu gaafa qarshii dhabdu si barsiisa. Daree seentee kan barattu yoo ciree kee nyaatteedha. Jireenyi immoo kan si barsiisu yemmuu ciree nyaattu dhabduudha. Si barsiisee digirii siif kennuu baatus jireenyi barnoota dhugaa siif kenna!

Yeroo gaarii qabaadhaa❤️
Du'a kee hin dhaga'u
Kabajamoo maatii koo! Waxabajjii 22 guyyaa itti hacee keessa dhabne sababeeffachuudhaan waggaa 4ffaa isaa yaadannoodhaaf jecha sagaleedhaan walaloo qabadhee dhiyaadheen jira.
Turtii gaarii! Galatoomaa!
Justice For Haacaaluu!)
Akka sabatti guyyaa kaleessaa Yaadaannoo waggaa 4ffaa fi Award haacaaluu marsaa 3ffaa kan wal ga’ame sana hunda keessaa tokkicha dhugaa hacee kan gaafate! #Etika_ Teferi mataa dhiraa!🦁 waa malee miti kan jaalatamtu ati;👏
Daandii dheeraa deemtanii
Injifattanii dadhabbii
Eebbifamtoonni baranaa
Baga isin gammachiise Rabbi!
#Yeroo_Tokko_Tokko!

Tokko tokko si dhukkuba garuu fayyaa fakkaatta! Namoota hedduu keessa jirta garuu kophummaan sitti dhagahama. Namoota ofiikee jaalattu hedduu qabda, namoota si jaalatan immoo bicuu ishee dhabda. Garaakee guutuu waay'ee namoota hedduuf rakkatta, haa tahu malee atimmoo rakkina kee keessatti warra quba sitti qabaniifi warra mataa sitti raasan malee hin argitu.

Hirriba sobaa rafta, abjuu sobaa abjootta! Waariiwwan rakkisoo hedduu kophaakee gangalachaa dabarsita; ganama garuu warruma rafaa bule waliin manaa baata. "Akkam bultanii?" Yeroo isaan siin jedhanis, akka mootummoota Afrikaatti nagaa sobaa labsita.

Al Tokko tokkommoo ni beelofta waan nyaattu wallaalta; ni dheebottas, haa tahu malee coccophni tuullu Hermoon irraa cophu iyyuu laagaa kee hin jiisu. Sobdee kolfita, sobdee siiqsita; keessikee garuu akka magaalota Jaappaan lamaan Heeroshimaafi Nagaasaakii gubataadha.

Al Tokko tokkos yaadnikee akka laga Galiilaa isa qilleensaan oliif gadi darbatamuu taha. Yaannikee kun waggaa kudhan fuulduratti, waggaa digdama immoo duubatti si deebisee siin taphata. Tokko tokko immoo yeroo manni cidhaas manni hidhaas tokko sitti tahu, yeroo manni gaddaas lafti gabaas siif garaagarummaa dhabantu jira.

Yeroo akkas taatu, jabeessii Gooftaatti maxxani!
Turtii gaarii!!
Baga Bara Haaraa Hijraa Nagaan Geessan!!!
Happy new year
Barri itti aanu kan milkii kan jaalalaa nuuf haa ta'u!
#Lij_Iyyaasuu

Hanga xumuraatti obsaan dubbisaa isin fayyaadaati

Oromoo Walloo gaafan yaadu Lij Iyyaasuutu na dura dhufa. laal! Walloon goota akkasii fa'a biqilchite. Seenaatu jallate; seenaatu hatame malee Oromoon duruu biyya bulchuu itti beeka. akkuma beekamu Oromoo Walloo kan ta'e, Raas Mohammad Aliin(Nigus Mikaa'el) A.L.H tti bara 1888 ture Dassee, Wallootti Lij Iyyaasuu, Aadde Shawaraggad irraa kan argatan. isinitti hin dheeressu, har'a haareffamoota Lij Iyyaasuun bara bulchiinsa isaa keessa fide muraasa hamman qo'adheefi qoradherraa isiniif himuufan as ba'e. hoggansi Lij Iyyaasuu kan ajab nama jechisiisu ture. seenaa nama jabaa kanaa lafarraa balleessuuf yaalii baay'een godhameera. Barnoota seenaa kan Itoophiyaa irrattis Seenaan Lij Iyyaasuu gabaabbatee fi jallatee barsiifama.


Haareffamoota Lij Iyyaasuun fide muraasni gabaabinaan kan armaan gadiiti:

1⃣Sirna #Leeba_Shaayii balleesse. mootonni isa duraa hattuu saaxiluuf sirna #Leeba_Shaayii jedhamu kanatti dantaa bahu ture. akka sirna kanaatti dargaggeessi jabaan tokko ni filama. wanti tokko gaafa nama jalaa badu ykn hatamu dargaggeessicha dhugaatii cimaa nama macheessu kan Leeba-Shaayii jedhamu obaasanii ija isaa hidhanii gadi dhiisu. dargaggeessichis osuma deemuu iddoo wayiitti ni kufa. lafa eenyuu irratti akka kufe ilaalu. baqqaa amma hattichi qabameeragaa! abbaa laficha isa dargaggeessichi irratti kufetu hattuudha.

egaa Lij Iyyaasuun murtoo bifa akkasiitiin namarratti kennamu sana balleessee mala firdii qajeelaan ittiin kennamu labse.

2⃣Sirna #Quraanyaa balleesse.
akka sirna Quraanyaatti namoonni yemmuu wal dhabanii fuula abbaa murtii duratti dhiyaatan hamma firdiin kennamuufitti dugdi isaanii walitti gara galfameetu walitti hidhamanii turu. harka namicha isa kanaatitu kan namicha kaanitiin walitti hidhama. firdiin erga kennameefii booda addaan hiikamu ture.
Lij Iyyaasuun sirna akkasii sanas balleessee mala ammayyaawaa bakka buuse.

3⃣Sirna #Asiraat_Safaarii ni balleesse.
sirni Asiraat_Safaarii mala ittiin midhaan yemmuu sassaabamu mootummaadhaaf gibirri walitti qabamu ture. Akka sirnichaatti warri maasii qonnaan bulaa irra deemanii midhaan shallagan ni filamu. midhaan hin haamamin lafarratti shallagu ture. akka kanattis hamma isaan lafa qonnaan bulaa baldhaa waliin gahanitti wayitiin tokko darbee wayitiin roobaa dhufee midhaan baay'eetu maasii irratti bada ture.
Lij Iyyaasuun sirna galii mootummaaf malee faayidaa qonnaan bulaaf dantaa hin qabne sana ni balleesse.qooda sanaa sirna sassaabbii gibiraa ammayyaawaa ta'e hundeesse.

4⃣Abbootii taayitaa duraanii warra bara mootummaa Minilik biyya saamaa turan isa nyaatan tufsiise, qabeenya saamanii turan deebisiise, kaan isaaniis aangoo irraa buqqise. keessumaa jara kanagaa kan Lij iyyaasuu irratti uummata kakaasee kufaatii goota kanaa ariifachiise.

5⃣Lij Iyyaasuun biyyoota Awurooppaa baay'ee isaanii waliin michuu ture. yerichi ammoo yeroo biyyoonni Awurooppaa waraana Addunyaa kaasuuf qophiirra turan waan ta'eef biyya Awuurooppaa tokkoo waliin firoomuu jechuun masaanuu biyya sanaa waliin diina ta'uudha. kanaafigaa booda warri adiin kaan sababii Lij Iyaasuun masaanuu isaanii waliin michuu ta'eef Lij Iyyaasuu kan jibbaniif. boodas mormitoota Lij Iyyaasuu warra keessaa kanneen akka garee #Mahaal_Safaarii jedhaman waliin ta'uun kufaatii isaa ariifachiisan. fakkii Footooshooppii kan yemmuu Lij Iyyaasuun dubartootaa waliin ejjuu fi gocha ulfina mootummaa isaa salphisu raawwatu mul'isu kaasaniifaa saba miskiina kana goyyoomsaa turan. sabichis dhugaa se'ee Lij Iyyaasuu jibbaa dhufe.

6⃣Lij Iyyaasuun biyyoonni Afrikaa tokko tokko hacuuccaa fi bittaa sirna Kolonii jalaa akka ba'aniif gargaarsa gochaafii tureerea. kanaafis fakkeenya gaarii kan ta'u gargaarsa inni Mootummaa Somaaliyaatiif taasiseedha.

7⃣Lij Iyyaasuun Wal-qixxummaa amantiitti ni amana ture. keessumaa Mootota isa dura turan keessaa mootichi #Axee_Yohaannis sababiidhuma amantaa isaanitiif Musliimota Walloo baay'ee dararaa ture. kaan rashanee kaanis gara Sudaanii fi kibba biyyattiitti baqachiise.
Faallaa isaa garuu Lij Iyyaasuun fira Musliimotaa ture. sababii kanaafis hamma "Lij Iyyaasuun Ortodoksii gadhiisee Musliima ta'eera" jedhamuutti gahee ture. barreessaan biyya alaa tokkos "Lij Iyyaasuun, ' yoon Itoophiyaa Musliima gochuu dhaabaadhe ani Iyyaasuu miti' jedhee ture " jedhee barreesseera. dhugaansaa garuu Lij Iyyaasuun wal-qixxummaa amantaatti amana. Lij Iyyaasuun dura yaaliin Amantaa Pirootestaantii dachee Itoophiyaarratti babaldhisuus osoo hin milkaa'in hafee ture. Bara bulchiinsa Lij Iyyaasuu garuu Pirootestaantizimiin biyyattii keessa faca'ee babal'ate. Faallaa mootota isa duraa fi Hayila Sillaasee fi Dargii kan ta'e, Lij Iyyaasuun barumsaa fi walabummaa amantaa eeyyamee ture.

wanta nama ajaa'ibu keessaa: Lij Iyyaasuun yeroo aangoo qabatu mucaa Waggaa 13 qofa ture. Lij Iyyaasuun jijjiiramootaa fi Haareffamoota kanneenii fi kanneen biroo kan inni fiduu danda'e.
Har'a humna qabaachuu dandeessa garuu yaadadhu, yeroon si caalaa humna qaba!
Jireenyi kun yeroodhaaf qofa
Waan hundumaa dhoksuun ni mijata, imimmaan ijaa male, yeroo isiin boossee, gadditee, du'aan nama dhabdee yaadaan waxalamtudha kan hin dhokfamne.
#Jireenya_Biyya_Lafaaf

Dhibba laallus jiruu
Tokko yoo ta'es mil'uu
Kan fakkaattu jiruu
Jiruu jireenyi hir'uu

Kan tokko siif laattee
Sagaltama fuutu
Ganama siif kaattee
Waaree immoo si huutu

Gammachuu liqimsitee
Kan suga dhabsiiftu jiruu
Guyyaa adii dhidhimsitee
Kan dhabamsiiftu tiruu

Si dagachuun dadhabe
Hiriyaa kiyya qaalii
Anoo qalbiin caccabee
Mee malli koo maalii..!?

Kan amma barreessitee
Xiqqoof yoo qooranu
Jireenya lafaaf yaada tarreessitee
Miti waan jooranu
Jibbaa keetiif dafqa cobsee
Utuun dheessuu dhiiga tufee
Harki kankee jiidhaa gogsee
Na qabate diinqa dhufee

Baqa keetiif laga galee
Qalbii kankee utuun cabsuu
Najaallatta hamma malee
Hammeenya kee utuun labsuu

Arguun fedhu nagaa kankee
Utuun jedhuu bara kankoo
Utuun horfuu madaa kankee
Diddee teessa mana kankoo

Siilaa yaadaan waa siin galuu
Hin hubattu jibba namaa
Harki kankee maaliif garuu
Maaf takaala jilba namaa

An sijibbeef achii kaatee
Bakkan jijjiirranne takkaa
Daqiiqaafuu nattii baatee
Ooltee bulteekee nan shakkaa

Gabaa namaa na hanqistee
Hanqachuun koos waa hanqinaa
Najaallattee narakkistee
Sin jaalladhu yaa rakkinaa!😕
Aliyad Abdo Official
Photo
Ismaa’el Haaniyeh hoogganaa garee Hamaas olaanadha. Mirga ummata filisxeem kabachiisuf akka biyyaatti jiraachu qabsoo Ummanni Filisxeem taasisu gareewwan hidhannoodhaan falman keessaa tokko kan ta’e gareen Hamaas nama cimaa tokko dhabeera. Ismaa’el Dippiloomaasiidhaaf akkasuma maree dhukaasa dhaabutiif Haamaas bakka bu’ee Qaatarii (Kuwaataarii) hanga Kaayirootti Dubaayii hanga Tehraanitti naannawee waa jab dalagaa ture. Yoo waltajjiitti bahee dubbatu miira namaa qabatee sagalee xiiqiitiin ergaa dabarfata. Kaayyoo fi akeeka itti amaneef aggaammii ajjeechaa hedduu jalaa miliqee har’a gahus galaafatameera.

Akka inni hamilee cabee qabsoo dhiisuf ykn miira keessa galee shororkeessummaatti ce’uuf firoottan isaa, ijoollee isaa yeroo garagaraatti haala suukkanneessaadhaan jalaa ajjeesanii yaalaniiru. Inni garuu ajjeechaa maatii isaa fi ijoollee isaatirratti raawwatame hunda “Waan itti amananiif wareegamaniiru galata waaqaa (Alhamdulillaah)” jedheet saba isaatif jajjabina kennee ofis qabsoof jajjabeeffata. Nama gidiraa kana hunda baatee dhugaa saba isaatif falmatu kana har’a guyyaan dhuma isa geenyan innis akkuma Ummata filisxeem kamiittuu, akkuma ijoollee fi maatii isaatti akka lammii biyya sanaa tokkootti waan itti amane osoo hin sharafin wareegama kafaleera.

Isaan akkana!
Forwarded from ORO CRYPTO
👛ODUU GAMMACHIISAA👛


Namoonni W-coin hojjetaa turtan 👛wallet keessan irratti akka connect gootan himanii jiru

Akkasumas yeroo dhihootti akka list godhamus dubbatanii jiru


Namoonni hojjetaa turtan wallet keessan connect godhaa hojii keessanis itti fufaa

Namoonni hojjetaa hin jirre immoo yeroo qabdu waan ta'eef ammuma linkii armaan gadiitiin jalqabaa👇

Jalqabuuf👇👇👇👇

https://t.me/wcoin_tapbot?start=NTI4NTg4NjMwMg==