Aliyad Abdo Official
21.5K subscribers
202 photos
1 video
1 file
40 links
Asirraa kanneen armaan gadii argattu

☑️Walaloo
☑️ Oduuf odeeffannoo tokko tokko
☑️ Seenessa garaa garaa


Created November 16/ 2021
Nu qunnamuuf
👇👇👇👇
@Sabaa_Ifaa
Download Telegram
#Naaf_hin_bo'ini

Jiraatti na jibbitee
Osoon qabuu lubbuu
Duunaan naaf hin iyyin
Sitti ta'a cubbuu

Jiraatti yeroon jiru
Argaa koo dadhabdaa
Reefka kootti garuu
Kijiba gaggabdaa

Kan har'a naaf hin taane
Naaf hin tolle jiraatti
Bor naaf hin gaddin
Naaf hin bo'in ciraatti

Garaan kee rifatee
Boora'ee yoo naaf na'e
Firummaan kee har'aa
Dhuguma yoo ta'e

Har'a naaf owwaadhu
Sagalee waamichaa
Duunaan ormuu fira
Imimmaan saamicha

Imimmaan lakkuu roobdee
Naaf bo'uu keerra duunaan
Reef hin yaadatin reefka koo
Boolla awwaalchaa gad buunaan

Osoon shantama raata'ee
Yaanni gad na dhoru
Har'a na dagattee
Naaf hin gaddin boru


✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
Nama waliin jiraachuuf
Ergan yaalii koo fixee
Bineensa firoomfadhuu
Bosona keessa lixee?

Xaxadhee manaa ba'ee
Gaara Cillimoo galuu?
Hoomaa bineensaa waliin
Baala nyaachuu shaakaluu?

Tarii karkarroonilleee
Dhugaa koo naaf hubataa?
Ollaasaatti galuuree
Deemee gaara Mul'ataa?!

Weenniin tulluu Walaliifi
Arbi Baabbillee keessaa
Tarii imimmaan koo kana
Barruusaatti naaf qeensaa?

Tarii natti dhiyaatee
Madaa koo naaf ilaalaa
Bosona Baalee seenee
Firoomfadhuu Niyaalaa?

Namnoo dubbatee haalee
Kakatees kakuu cabsaa
Mee Gafarsatti siqee
Mirkanneeffadhuu kansaa?

Maaltu beekaree tarii
Dafqa koo yoon qoorfadhe
Mee ka'een takka ilaala
Bineensa firoomfadhee...

Bineensuu foolii beeka
Qomoosaa gaafa duraa
Fuunfatee - faana dha'ee
Rakkinarraa wal fura...

Sardiidni ni nyaattiiree
Foon murtee sardiidarraa
Yeeyyiinuu gamtaa uumtee
Wal tikfatti diinarraa!

Akkan wabii argadhee
Gidiraan narraa doomu
Qe'ee namaa baqadhee
Bineensatti firoomuu?!




✍️... #Leta_Kenai

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
#Anis_Walloodha

Walloo cinaacha koo
Yaa ishee diinni hidduu
Hiddan si keessaa qabaa
Fira koo diina gidduu

Yayyiidhaan marfamtee
Warra hin qabne naasuu
Qofaa kee waadamtee
Garaa kee si raasu

Lafa kee irratti si dhaanu
Walloo koo diinaaf kiyyoo
Argaa kee dadhabanii
Si madeessan xiyyoo

Madaan kee madaa keenya
Cabni kee nu dhukkubaa
Bo'icha kee hirqinfanna
Nu hin ciifsu nu gugguba

Diinnni keenya jaarraa oolii
Jarri sammuun cokkaa
Duubaan si waraanee
Ciisicha si dhorkaa

Raafamaa jiraatte anaa kee
Ilmaan kee awwaalte baraan
Waa siif gochuu dadhabne
Nu bobaatekaa garaan

Siif birmachuu dadhabne
Jiruun nutti ta'e bitaacha
Anis Walloodhuma
Si keessan qaba cinaacha


✍️...
@Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎
@Aliyyee360 💎💎
💎💎
@Aliyyee360 💎💎
💎💎
@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
Gaafa Hammeenyiif gadadoon
Miila lamaan gabaa dhaqee
Gaafa Aadaaf Duudhaan
Dabaan karaa maqee

Gaafa hammeenyi daldalamu
Gabaatti baafame
Gaafa loon hammeenyaa
Dallaarraa yaafame

Gaafa Qeensi shiraa
Hongeerraa Biqilee
Gaafa Qoree Gogaan
Waraane Ciqilee

Gaafa Arrabni namaa
Kajeelu Wal hidduu
Gaafa namni shakkee
Sodaatu Gaaddidduu

Gaafa firiin dhiifamee
Habaqiin calleeffamu
Gaafa tolinni namaa
Hammeenyaan balleeffamu

Gaafa Ollaan Bunaa
Nagaa Walii Jibbee
Rakkoo wal Affeeree
Wal kuffisee Sirbee

Gaafa teessumarraa
Xinnaan guddaa kaasu
Gaafa keessummaan
Abbaa manaa baasu

Gaafa uumamni wal cabsu
Wal dhabsiisee gatii
Uumaan uumamtootaa
Nagaa na baas ati



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
#Rabbii_Koo

Mootii mootummaansaa
Namaan hin shaaramne
Sirni bulchiinsa isaa
Eenyun hin jaaramne

Marii tokkoon alatti
Kan raawwatu raawwii
Sirna bulchiinsa isaatti
Hin argamu qaawwi

Kallattii hundumaanuu
Seera sirnaan guutuu
Mootummaan kee qofa
Shaaramtees hin buutu

Dandeettiin kees adda
Ati hin qabdu fakkii
Lubbuun koos sirratti
Hin qabaattu shakkii

Lafa nuti hin jirree
Nu uumtee jalqaba
Mootummaan kee jabaadha
Maaltu itti qaqqaba..?

Uumamtoota marayyuu
Uumtee qixa laalta
Rabbii koo uumaa koo
Eenyeenuu naaf caalta

Lubbuu kiyya caalaa
Baay'iftee naaf yaadda
Haadhaaf abbaa koo daran
Anaanis of dhaadda

Tuffiidhaan na laaltee
Lubbuu koon haphiftu
Badii an raawwadhuun
Dhaabdee nan salphiftu

Badii koo marayyuu
Obsitee naaf tarta
Rakkoo kiyya hundumaa
Dursitee naaf barta

Lubbuun koo dadhabduun
Haqa kan kee yoo tursitu
Narratti hin laaltu naaf dhiifta
Yoo isheen dhimmashii dursitu

Na eegda na tiksita
Keessaaf ala koo kabda
Mucucan mucucaadhus
Hin kufu na qabda

Dallansuu kankeerras
Rahamata keetu danuudha
Sirraa gara galuun
Rakkoo ofitti banuudha

Namni sin qabaanne Yaa Rabbi
Ifaan dukkanatti dabe
Namni Rabbiin qabu
Kan biraa maal dhabe..?


✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
#Ahamddiin_Jabal🙏

Duris ta'ee har'a
Gootummaan beekkamta
Waan ummataaf ta'u dhiiftee
Faallaatti dheekkamta

Kan si beeku beeka
Kan sin beeknetu boora'a
Haqa ati gaafattee
Booressuuf roora'a

Korma haqaaf falmu
Leenca ija hin rirriittanne
Wacaaf iyya gabaatiif
Kan hin dhidhiittanne

Rabbi siyaa eegu
Inni hundaaf gooftaa
Kana caalaa siif ha dabalu
Beekumsaaf hunda tooftaa

✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
Beellamni kee geenyaan
Murteen sitti dhufee
Boolla keessa kaa'ee
Deema sitti cufee

Maatiin si jaallatullee
Hin jiraatu si bira
Gaafas suma qofaaf
Hojii keetu jira

Hadhooftuudha baay'iftee
Na dhageessaa tiru
Jiruu qofaa gaggeessita
Hiriyaan si faana hin jiru

lyyitus sin dhaga'u
Ol fuutee sagalee
Nama tokko hin argattu
Kan si dega'ee, siif ta'u dagalee

Ollaan si faana hin jiru
Sin qabu biyyi quba
Rakkoon jiraatus gadadoon
Suma qofa huba

Boraatin biyyeedha
Ulaan kee leediidha
Ifaan hin jiru tasumaa
Dukkana dheedhidha

Hamaas qabaattu toltuu
Hojii keetu sitti aana
Waanuma har'a carraaqtetu
Bor ta'a si faana


✍️...
@Sabaa_Ifaa

  
#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎
@Aliyyee360 💎💎
💎💎
@Aliyyee360 💎💎
💎💎
@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
Duune boolla hin guunnu
Dhumaa jiraanna baraan
Onneen keenya madoo
Nu horfani qaraan

Maal waa jenne silaa
Dubbiitu nama lagaa
Biyyaaf biyyee keenya irratti
Dhabnee jiraanna nagaa

Kan lammii isaaf ta'u
Umriitoo hin turuu
Mootiin hundaa olii
Kana nurraa ha furuu



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
#Jirra_jiruu_afaanii

Obbaafannee rakkoo mara
Jalaa bannee hin dhokanne
Rakkinaaf roorroo mara
Hurgufannee hin boqanne

Hafuuras hin baafanne
Marmaramnees boollan buune
Qalbii guutuun hin jiraanne
Garuu jirra hin duune

Hin jirruuf hin duune
Hin jiraanne jiruutti
Balbalfataa jiraannaa
Du'aaf jiruu hiruutti



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
#Hin_hawwin_kufaatii

Ani kun dadhabaadha
Tabba gaaraa hin ba'uu
Siichi huumna qabaadhee
Bakka sana hin ga'uu
Bakkan yaade hafeeraa
Anoo asii hin ka'uu
Nan shakka namummaa koo
Akka namaa hin ta'uu

Hin tarkaanfadhu danda'ee
Asumattan du'aa
Namaa gadi ta'een
Boolla awwaalchaa bu'aa

Male karooraaf kaayyoorraa
Anoo duran hafee
Gaafa ebelu tattaafatu
An guyyaa saafaan rafee

Homaa hin qabu siichi
Hunduu na tareeraa
Ani gatii hin qabuu
Hanga koo bareeraa

Jettee of hin waadin
Yaadaan guyaa raftee
Qaama dadhabsiiftee
Abdiin boodatti haftee

Abdiidhuma murtee
Marmarattee ciifnaan
Kufaatii qofa yaaddee
Ka'uu yaaduu dhiifnaan

Amma ka'uu dhiiftee
Yoo hafte gaabbiitti
Dhugaadhaan duuteettaa
Jiraadhaan dhaabbiitti

Isa darbee dhiiftee
Fuulduraaf yoo kaatte
Arsaa hunda baaftee
Kaayyoodhaaf yoo laatte

Miila illee yoo dhabde
Miila kan kee naafaan
Galma yaadde geessaa
Guyyaa aduu saafaan



✍️... @Sabaa_Ifaa

#JOIN_AND_SHARE

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
💎💎💎💎💎💎💎💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎@Aliyyee360 💎💎
💎💎💎💎💎💎💎💎💎