Zak Dube
11K subscribers
712 photos
124 videos
5 files
83 links
Download Telegram
Itoophiyaa maaltu adda godhe?

Sababa #WaraanaAddunyaa2ffaan walqabatee addunyaan ummata miliyoona 70 ol dhabde. #WaraanaAddunyaa1ffaan ummata milyoona 40 ol tau du’aa fi madoo godhe. Kun hundi erga ta’ee booda, hardha biyyoonni waraana kana keessaa qooda guddaa qaban kanniin akka Germany, Russia, UK, France, Japan, USA, Italy, kkf nagaan waliin jiraatu.

#Ameerikaan #Japan irratti atomic bomb darbattee si’a tokkotti lubbuu nama 355,000 galaafatte. Amma Japaanii fi Ameerikaa jidduu hariiroo gaaritu jira.
Ummanni #Rwanda fi Burundi, kan duguuggiin sanyii keessatti geggeeffame, isa hafes fixuu odoo hin taane, lubbuu hafte kunuunfachuu, nagaan jiraachuu filatan.
#Liberia, #Angola, Colombia, Nigeria, Algeria, Ivory Coast, Indonesia, Mozambique, Sera Leon kasaaraa meeqa booda, waraana dhaabanii naga buusanii nagaan jiraataaru.

Ganna 27 darbe qofaa miti jaarraa tokkoo oliif kasaaraan hoogganoonni Itoophiyaa ummata irraan gayan salphaa miti. Lubbuun karaa malee galaafatame hisaaba hin qabu. Oromoon #Miniliikii fi #Tewodiroos jalatti dhumate isa Woyyaaneen tasuma waan walbira qabamuu miti. Yoo waan hundaaf guma abaasuu irra kan jirruu gumaan warra Miniliik fi Tewodiroos, Haylasillaaseen fixee jalqaba bayuu qaba. Isa Dargii, Woyyaanee fi PP itTI dhufna. Garuuu…
Dogoggora darbe irraa barachuun waan tokko. Waanuma hundaaf haloo walitti bayuuf albee walitti qarachuun kaayyoo biyya diiguu fi dhumaatii ummata irratti labsuun alatti waan bira ta’uu hin danda’u. Abiyyii fi naf@#$nyoonni isa marsan daandii nagaa filachuu odoo danda’an, humnaan sirna atseewwanii deebisuuf Itoophiyaa hallayyaa kana buusanii akkasitti haa hubatamu. Ummanni lubbuu miliyoonota wolirraa fixes rakkoo isaa mariidhaan furachuu filateera. Itoophiyaa qofa kan lubbuu lukuu baraaruuf sangaa kitima agodhutti jiru. Amma seexana dhiigaan jiraatu, isa maqaa Itoophiyaan kakatu, Waaqni Itoophiyatti erge. Rakkoon kanuma.