Zak Dube
10.7K subscribers
712 photos
124 videos
5 files
83 links
Download Telegram
“Tokichoon guyyaa 28 /02/ 2014 irraa hanag guyyaa 23/06/2014 himmata tokkoo male w/p/m shaashamannee keessaatti dararama jira 1ffaa kana duraa shanneef qarshiin mil.14/14000.000 / akka bayuuf haala mijesiitee jirtaa jedhan ittiin qoratama turee 2ffaa miseensa garee shororkeessa TPLF fi mil.15.000.000 degartee jirtaa jedhan galmee isaas shororkeessan wali qabsiisan mirga wabiin bahuuf iyyataa dhiyyefate kufaa godha jiruu himata tookkoo male w/p/ keeessatti dararama jira , account isaas jeela ugurame jiraa mindaas irraa dhabbate maatiin Mana kiraa keessaatti rakkoof saaxilama jirra.”
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
@AmnestyEARO @SpecialReport @SecBlinken @SFRCdems @UN_HRC @UN_HRC It is really shocking to see the barbaric actions of Fano Amhara militants who are burning human alive (a man from Tigray)!They have done this multiple times in Oromia as well!Very graphic to share!
Ammee/Breaking
Seerri Ameerikaan akka hin baasneef Bilxginnaan Duulaa turte S.3199 har’a koree Haaja Alaatiin ragga’ee sagaleen itt kennamuuf jira. #HR6600 immoo itti aana!… Kuni Aangawoota Bilxginnaaf waan baay’ee hamaadha. Nagaan waaraa biyya sanatti dhufee worroonni Seera cabsan seeraaf dhiyaatan malee dubbiin Jajjabaachaa deemti.
Inbox

“Sa'a ammaa kana Aana Abuna Ginda barat ganda doggomaa jedhamu sa'a 12 irraa Eegalee hanga amma gubbaan helekopteiirif dirooniin jalaan waraanan Ummata dararaa jirti ppn maalo qilleensa irra nuuf oolcha”
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Faannoon Abiyoot hidhachiisaa bahe Masjiida gubdee erga raawwattee booda bifa kanaan ummata musliimaa heelalaa jirti.
Waa tokko Hubadhaa ….
==================
Wonti Faannoo Gondar kuni Osoo Oromiyaa keessaatti raawwatee jiraatee maqaan Qeerroo media idil Addunyaa guutuun geessanii Akka xureessan shakkiin takka hin jiru. Worra muslima Amaaraa keessaa gochaa faannoon guutuu biyyattii keessatti gochaa jiru Kan deeggaru jiruu? eeyyee!
Akkuma tokko maqaa Oromoo himataa Miniliki Gooftaa kooti jedhu sana Worra Muslimaa Amaaraa qofa osoo hin taanee naannoo kibbaa keessaallee jara Kana faana kan dhaabbatan ni jiru.

Karaa kamiinuu Hammeenya faannoo Kana Hawaasa Hunda hubaachiisuun Hawaasaa isaan cinaa dhaabbbatu kamuu ( Muslimoota Amaaraa Dabalatee) irraa kutuun baay’ee barbaachiisaadha!

Kunis faayidaa gurguddoo 2 qaba!
1- Hammeenya jaarri Kuni naannoo fi achiin alatti hojjachaa jiran saaxiluun deeggarsa irraa kutuu
2- Diina nurraa hir’isa

Kan Oromummaa irraa darbee Immoo akka namummaatti Hawaasaa kamuu irraa karaa haqaan ala akka miidhaan irraa gahu akka sabatti hin feenu. Aadaa fi duudhaan keenyaas kana hin eeyyamu.
Akka islaamattiis Kan jiru kanuma. Haqa Malee qaamni kamuu akka miidhamu/ Zollomamu/ amantaan keenyaas nu hin barsiifne. Worra jara keessaa faannoo faana ragaduus sanaas barsiifnee yoo irraa deebifne eenyu caalaa faayidaan keenya!
Odeeffannoo - Woraana Bilisummaa Oromoof
==================================
Dhimma xiyyaaraan WBO rukutuu kanaraatti:
==================================

1) Dura helicoptern bakka WBOn waa qabu adda baafatu. Kun guyyaa malee hin ta'u(It is called mapping).Achii booda 'drone'n rukutu.
Falli jiru:

2) Bakka waa olkaayyatan ykn jiraatan dafani jijjiiruu;
* Ofiifis ta'ee waan qaban facaasanii olkaa'uu(dhoksuu);

3) Erga helicopter dhufee boodaa ammoo, waan arman olii kana saffisaan raawwachuu.

4) kana Gochuun ofiis,ummata Naannoo sanaas baraaruun ni danda’ama! - Bilxiginnaas kasaaraa biroof saaxila!

Hubachiisa - Meeshaalee electronics akka bilbilaa fi tajaajila internet qaamni mootummaa dhiyeessu kamuu of-eeggannoo cimaan fayyadamaa!
Oduu Gaddisiisaa Salaalee, Warra Jaarsoo!

Namoonni 15 Rashanamanii Hallayyaatti Gataman

Godina Salaalee Aanaa Warra Jaarsoo magaalaa Qarree Gohaa keessatti qonnaan bultoonni 15 ajjeefamuun dhaga’amaa jira. Baayyee nama gaddisiisa. Ilmi namaa akka bineensaatti garaa walitti jabaachuun fafa faloo barbaadu.

Koominikeeshiniin Aanaa Warra Jaarsoo guyyaa tokko dura 'miseensota ABO shanee nama 18 too’annoo jala oolchine' jechuudhaan beeksisee ture. Har’ammoo isaan keessaa namoonni 15 hallayyaa Magaalaa Qarree Gohaa duubatti argamu keessatti ajjeefamanii gatamuun dhagahame. Reenfaa isaaniillee maatiin akka hin fudhanne godhamaa jiraachuu odeessi achi bahu ni agarsiisa. Lakkii jarana dhaabbadhaa of ilaalaa. Maaloo nama nagaas tahee yakkaan shakkame murtii seeraa tokko malee hin rashaninaa. Isiniifis biyyaafis hin tolu.

Kanneen ajjeefaman abbaafi ilma, maatii mana tokkoo, fi firoota tahuu namni maatiin jala ajjeefame tokko himeera. Maanguddoota qawwee hidhatee bosona seenuu mitii, fincaanuu geeffachuu hin dandeenyeen Shanee jechuun hin ulfaatu jarana? Miseensa ABO shanee miti, qaama fedhe haa ta’uu, seerri ilmoo nama rasaasaan walitti qabi rashani jedhu eessa jira? Biyyi seeraafi heera ittiin bultu kan mataashii qabdi. Sana bira darbe ammoo safuu, aadaafi duudhaa sabaatu jira. Maal yoo balleesse qonnaan bulaan miskiinnii 'shanee, jinniifi maarree' isin jettan kana addaan baasee hinbeekne murtii seeraa tokko malee rashanama?

Mee amma qonnaan bulaa kana qawwee caccabaa baachisanii siyaasa shaqaxachuuf qofa maatiisaarraa ajjeesuun bu'aa akkamii isiiniif buusa? Boqonnaa sammuu hoo argattuu? Dhiigni qulqulloota waaqarrattis lafarrattis isiiniif hin tolu, isin gaafata. Namoonni kun 'shaneedhuma jettan san ta'uu mitiitii yakkuma fedhan yoo raawwataniyyuu biyya seerri, safuufi duudhaan jiru keessatti, akkamiin akka godhama? Maalii wanni fokkuun akkanaa?

Kan ummatatti dhukaasu kufaatiisaa saffisiisa, beekaa. Kun haquma dhiyoo qeerroofi qarreen seenaa ittiin galmeessistee dirree jirudha. Quba qabaadhaa!
_
Ibsaa Gammaddaa tiin!
Haadha manaa ( Ulfa ji’a 7) fi Abbaa manaa bakka tokkotti Woraana Abiyootiin Gindabaratitti Ajjeefaman. Lamaanuu barsiisoota dha!

Abiyoot Oromoo lafarraa duguugee xumuruu Malee Rafee bulaa hin jiru.
Mee jarri kuni Osoo miseensa maatii keetii ta’anii maaltu sitti dhagahama?

Maaloo kaadiree Bilxiginnaa garaaf bultuuf Osoo maatii isaanii akkanatti ajjeessanii akkanuma sirna kanaaf dhaabbatuu!

Oromoo mana hunda keetii Osoo hin seenne jara Qabsoo waloon ofirraa buqqisi!
#Iyyaafannoo

Maqaan isaa Hamzaa Abdulqadir Ganamoo jedhama. Bakki jireenya Adaamaa ganda 02 jiraata. Erga gaafa guyyaa kiibxataa 25/8/2014 ykn gaafa Ayyaana Iidaa barii isaatti manaa bahee manatti hin deebine. Maatiin hedduu waan cinqamee barbaadaa jiruuf, namni argitan yoo jiraate lakkofsa bilbilaa armaan gadii irratti nuuf bilbiltanii akka nu beeksiftan kabajadhaan isin gafaanna.🙏

Lakk. Bilbilaa:- 0910279454
0912250387
0938113923
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Amma Woraana kaayyo maleessaa Abiyooti fi Shimallisitu Ijoollee kana Kaayyoo Loltuuf beektu kana balleessaa?

Woraanni kaayyoo hin qabne,waan loluuf hin beekne hamilee mo’annaa akka hin qabne dhiyeenyuma agarre!
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Dubbiin tibba kana deemaa jirtus Haasaa Baqqee fi Jawaar kana irraa fagoo Moti!
Eessa badde?
Jirra!
========
Woggaa 6 oli biyya kana jiraadhe keessatti yeroo baay’ee Hojiidhuma hawaasummaa keessatti dabarse. Hojiin akka saba ofii tajaajiluu gammachuu sammuu namaaf kennu hin jiru. Garuu immoo hojii kana bareechuuf gama hundaan ofi danda’uu fi yeroo maatiin kee, sabni kee dhimma adda addaaf si barbaadu humna cimaa isaan bira Itti dhaabbattu horaachuun barbaachiisaa dha. Jiruu kee gama hundaan madaalaa ( balance ) gochaa deemuu feesiisa. Nama ofiin dhaabbachuu danda’utu saba ofii bira dhaabbata. Rakkoo guddaan siyaasa Oromoo keessatti arge keessa jireenya dhuunfaa fi siyaasa addaan baasuu dhabuudha. Gama hundaan keessattu karaa dinagdeen ofi cimsuun baay’ee barbaachiisadha. Kana yoo goote (at least financially) maxxantummaa gartuu siyaasaa kamuu jalaa baata. Sammuu qulqulluun dhugaa dubbachaa saba kee tajaajilta.kuni immoo baay’ee barbaachiisaadha.

Hojii Oromia Media Network woggoota 2f dhaabbatan tajaajilaa turee irraas fedhiidhuma kiyyaan dhaabe. Wanta media Oromoo dabalatee dhaabbilee Oromoo kamuu keessatti baratamu qabu keessa inni guddan nagayaan tajaajila kennanii nagayaan wol-gaggeessuudha. Anaaf OMN yoomuu addaan hin baanu. Gama kamiinuu hojii media kana utubuu keessatti nan hirmaadha. Maatii OMN waliin maatummaan koo itti fuufa. Kan Hojjataa dhaabbataa ture Sanatu hafa malee.

Hojii sabaa hin ganneess hin dagabnees. Yeroodhaaf ji’oota muraasaaf barumsa gabaabaa irra ture. Isa xumuree hojii eegalee. Jijjiiramoonni Asi keessatti uumamaniin baay’ee busy ta’ee media Hawaasaa kana akka durii sana irra hin turre. Akka durii sana Amma boodas irra turas natti hin fakkaatu. Wonti hundi karaa tokko qofaan hin deemu. Akkuma guubatti eere waan saba kanaaf ta’u karaa hedduun gochuun danda’ama. Maaltu ture jedhee hiriyyoota koo yoon gaafadhu hundii baguma asi irraa badde naan jedhu. Atakaaroo fi wol-arrabsoo bu’aa hin qabne irratti yeroo qaalii keenya gubuun barbaachiisaa miti. Akka uumamaatti kennaa saammuu qabnutti fayyadamnee waan bu’aa ofiifis maatiifiis, sabaabafiis buusu irratti xiyyeeffachuun baay’ee barbaachiisaadha. Ammaaf kanumaaf guyyaa takkaaf dhufe. Akka gara fulduraa wolitti deebinutti Nagayaatti-

Hubaachiisa- Worri karaa messenger na qunnamuuf yaaltan, cufaa waan ta’eef isiinii hin deebisne. Ammas messenger hin qabu!

Galatoomaa!
Beeksisa!- Worra Facebook irraa maaf block nu goote jettaniif deebiin isaa kunoo!
Tibba kana Facebook namoota dhuunfaa fi media heddu cufame!

Ammaaf account kana fayyadamaa jira.

https://www.facebook.com/abdurazak.dube.3
Fuulli Facebook koo 2ffaas cufamee jira. Worri Facebook dubbachuu mitii cal’isuus nu dhoorkee jira. Ammaaf fuula instagram armaan olii kanaan ala fuulli social media maqaan kootiin jiru kamuu kankoo akka hin taane isiin beeksiisu barbaada.
Channel photo removed
It has been almost 3 years since I stopped using facebook. Someone impersonating me and trying to scam people.if you are on Facebook please be advised to be cautious and report any suspicious activity under this facebook account.
=======
Facebook account armaan gaditti argitan kuni kankoo miti. Facebook account koo erga delete ta’ee almost woggaa 3. Account armaan gadditti argitan kanaan Ana fakkatee akka nama dogongorsaa ( scam gochaa) jiru. Odeeffannoo na dhaqqabee jira. Please account report gochuun itti cufisiisaa, ykn irraa of-eeggadhaa!