Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #41ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

#Yesuus (Nabi #Iisaan nageenni Rabbii isa irratti haa jiraatu), akka inni #hin #ajjeefamin fi #cubbuu #ilma #nama #tokkootiifille #hin #fannifamin  #beekuu #yoo #feetan dubbiiwwaan asii gadii xiinxallaa dubbisaa;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Nama sammuun nagahaa, ragaan tokkoo ni gahaa, #Yohannis 8:21-24 dubbisaa.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

#Yohannis 8:21-24/#የዮሐንስ ወንጌል 8:21-24

A. ↪ 21 Ammas Yesus, "Ani nan adeema, isin #ana #barbaaduuf jirtu; iddoo ani dhaqus #dhufuu #hin #dandeessan, kanaaf cubbuu keessaniin in duutu" jedhee isaanitti dubbate.
↪ኢየሱስም ደግሞ። እኔ እሄዳለሁ #ትፈልጉኛላችሁም በኃጢአታችሁም ትሞታላችሁ #እኔ #ወደምሄድበት #እናንተ #ልትመጡ #አትችሉም አላቸው።

B. ↪ 22 Kana irratti Yihudoonni warri Yesusiin morman, "Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan erga jedhee, #of #ajjeesinna #laataa?" jedhan.
↪አይሁድም። እኔ ወደ ምሄድበት እናንተ ልትመጡ አትችሉም ማለቱ ራሱን ይገድላልን? እንጃ አሉ።

C. ↪ 23 Inni immoo, "Isin kan goodaa kana ati, ani immoo kan gubbaa sanaa ti; #isin #kan #biyya #lafa #kanaa ti, #ani #garuu kan biyya lafa kanaa #miti.
↪ 23 እናንተ ከታች ናችሁ፥ እኔ ከላይ ነኝ፤ እናንተ ከዚህ ዓለም ናችሁ፥ እኔ ከዚህ ዓለም አይደለሁም።

D. ↪24 #Cubbuu #keessaniin #akka #duutan isinitti himeera; ani eenyu akkan ta'e beektanii yoo amanuu dhaabaattan, cubbuu keessaniin in duutu" isaaniin jedhe.
↪ 24 እንግዲህ። በኃጢአታችሁ ትሞታላችሁ አልኋችሁ፤ እኔ እንደሆንሁ ባታምኑ በኃጢአታችሁ ትሞታላችሁና አላቸው።

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇

Mee yaa nama Rabbiin sammuu waa yaadduun siif kenne, ka ammoo Yesuus du'e jettu yookaa cubbuu ilmi nama hojjateef fannifamee jettee yaaddu, #gaafiiwwan asii gadii, ragaa wangeela #Yohannis 8:21-24 irratti hundaahee siif dhihaatuu, #deebisaan kee maal⁉️

1ffaa- #Yohannis 8:21 irratti, Yesuus isin na barbaadduu garuu #iddoo #ani #dhaqu #dhufuu #hin #dandeessan jedhee, #akkamitti  #Yihuudonni #arganii #ajjeesuu danda'an jetta?

2ffaa- Yoo Yihudoonni arganii ajjeesuu ni danda'an jettee ka yaadduu, dubbiin Yesuus dubbate soba jechuun dirqamaa. Kanaafuu yaada kee dhugoomsitee dubbii Yesuus kijibsiifta moo yaada kee kijibsiifte dubbii Yesuus dhugoomsita⁉️

3ffaa- Ammas #Yohannis 8:22 irratti, worroonni Yihudotaa Yesuus na barbaadduu garuu  #iddoo #ani #dhaqu #dhufuu #hin #dandeettan eega jedhee, of ajjeessinna laata jedhanii shakkii qofa ibsanii, garuu dubbii inni dubbate dhugoomsanii jiru (akka isatti gahuu hin dandeenne). Wonti asitti gaafii fi raajii namatti ta'u, worroonni Yesuusitti amanna jettan (worroonni Chiristaanaa), akkamitti Yihudota hanqattanii, dubbii Yesuus kijibsiiftanii, #iddoo #ani #dhaqu #Yihudoonni #dhufuu #hin #danda'an ka Yesuus jedhe dhugoomsuu diddanii, Yesuus #Yihudoonni #isa #qabanii #ajjeesan #jettanii yaaddu mee⁉️

4ffaa- Yesuus itti dabalee #Yohannis 8:23 irratti, worroonni isa barbaadan #biyya #lafaa akka ta'an, inni immoo akka #biyya #lafaa #hin #taane ifatti himee ture. Sila Yihudoonni samii bahanii ajjeesan jettu moo, Yesuusitu dubbii sobaa dubbatee (ani biyya lafaatii miti jedhe) jechuu barbaadan moo, Yesuus samii bahee deebi'ee, ajjefamee jechuu yaaddu laata⁉️

5ffaa- Xumuraa irratti, #Yohannis 8:24 irratti, Yesuus #hundi #namaatuu #cubbuu #isaatiin #akka du'u himee ture. Jechi Yesuus kun hoo dubbii sobaa ta'ee (#namuu #cubbuu #isaatiin #du'aan), Yesuus cubbuu ilma namaatiif ajjeefamee jettuu⁉️

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Yesuus ani nan adeema, Yihudoonni na barbaaduu garuu iddoo kiyya #dhufuu #hin #danda'an jedhee, kanaafuu dubbiin Yesuus kijiba waan hin taaneef, Yihudoonni Yesuus argatanii ajjeesuu gonkumaa hin danda'an jechuudha.

2ffaa- Yihudoonni warri Yesusiin morman, "Iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan erga jedhee, #of #ajjeesinna #laataa?" jedhan shakkan malee, akka Yesuus qabanii ajjeesuu hin dandeenne ifatti beekanii jiruu jechuudha (waan yaada san hin mormineef).

3ffaa- Yesuus namootaan, cubbuu #keessaniin #ni #duutan jedheeni malee, ani cubbuu keessaniif isiniif du'aa hin jennee. Kanaafuu, Yesuus cubbuu ilma namaa tokkoofuu hin duunee jechuu ibsa.

♻️♻️♻️ By:XR ♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah