Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
508 photos
129 videos
110 files
413 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
https://youtu.be/rAxCDHSczeA?si=xCY6B9cUyXNO6Jkd


#Oduu_gammachiisaa.
#Page_YouTube_kiyya_kana, sagantaa gurguddaa (#Islaamummaa #Addunyaaf mata duree jedhuun) isinii dhiheessuu barbaadaa, yoo hordofuu fi subscribe godhuun isin hin miine taate, qooda irraa fudhaa, guyyaa wohiitiif isinii tolaa.
#Magaalaa_Kuyyaraa.

Sagantaa Leenjii mata duree #Islaamummaa #Addunyaaf jedhu, guyyaa 07/12/2023, Godina Arsii Lixaa, #Magaalaa_Kuyyaraatti gegeeffamaa ture.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Roophiitti

Sagantaa Leenjii mata duree #Islaamummaa #Addunyaaf jedhu, guyyaa 9 fi 10/12/2023, Godina ArsiiLixaa, Aanaa Siraaroo, #magaalaa_Roophiitti gegeeffamaa ture.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Adaamii_Tulluu

Sagantaa Leenjii mata duree #Islaamummaa #Addunyaaf jedhu, guyyaa 16/12/2023 (guyyaa tokko guutuuf), #Adaami_Tulluu, #Jiddoo_Kombolchaatti geggefamaa ture, nagahaan goolabamee gallee jirraa. Alhamdulillaah. Tuun tanaa tuun ganaa. Inshaa Allah. Hawaasa keenna, ka ammallee ima rafaa jiru, Rabbiin tola isaatiin nuuf haa dammaqsuu. Amiiiin.

https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Gudannee (kan dur ittiin beekkamtu #Qancarree)

#Godina_Arsii_Bahaa, Aanaa Muneessaa #Magaalaa_Guddanneetti, Sagantaan guddaan (#Guyyaa 19/04/2024 or 11/08/2016) #Islaamummaan #Addunyaaf jedhuun gegeeffamaa ture, gammachuu guddaan , guyya deemnetti nama tokko, akkasumas sababa Kitaabaa "#Eenyummaa_Yesuus #isa_dhugaa_kan_dhokate" jedhuu fi  sochii barattoonni Diin leenjii barnoota #Islaamummaan #Addunyaaf jedhuu leenji'aniitiin namoonni digdamii lama (22) amantii dhalootaa, #Islaamummaa qabatuu gammannee, akka cimamee itti fufamuuf leejiin dabalataa kennamuun sagantaan keenna milkaahinnaan goolabnee, magaalaa itti aanutti ceennee jirraa. Namoota Islaamummaa fudhatan keessaa muraasni, kitaaba Eenyummaa_Yesuus jedhu wojjiin argituu. Hawaasni keenna simannaa fi keessummeessa keessaniif Rabbiin toltuun ganda lameeniitiin isin haa qananiisuu jedha. Harakaan jiraannaan barakaan hin dhabamuu. Alhamdulillaah.


https://t.me/Xaaliburidallah
#Magaalaa_Alii

#Godina_Baalee, #Magaalaa_Aliitti, Markaza Daaral Hijrateeyni, #Guyyaa 24/04/2024 or 16/08/2016tti, Urjii Rabbiin Oromiyaa keenna badhaase, kan dhaloota xurree hundaan qaruun (Diinii fi Baruumsa Idilee), barsiisuun seenaa biyya keenna keessatti asiin dura hin argaminiif hin beekkamne hojjachuun dhaloota xurree hundaan qaroome qaree baasuun beekkamu Shek Qamar ziyaaruun, Sagantaan leenjii  #Islaamummaan #Addunyaaf jedhu turtii sa'aa sadii (3) kennuun, gammachuu guddaan du'aa'ii Hayyuu keennaa Shek Qamar fudhachuun milkiidhaan goolabnee, gara magaalaa birootti imallee jirraa. Imalli keenna kan Baalee akka milkii guddaa ta'u du'aa'ii keessaniin nu faanaa jiraadhaa. Hawaasa keenna kan rafe hunda Rabbiin nuuf haa dammaqsuu. Amiiiin


https://t.me/Xaaliburidallah